Telegram Web Link
#Bultii_diigamte....!!

โœ Wantoota tana eeggadhaa...ishee tanatu isin diigaa jiraa.....!!
Namoota waggaatti fuudhan irraa, rga paarsantiin walhiikuudhaa giddugakeessaan %30 ol caalee as, ajandaan Kuni baay'ee yaachisaa tureera....furmaanni yaalamus rakkoo biraa dhalaa dhufee jira...
Mataduree kana jalatti, waa hiikuu fi hidhuun kuni dubartoota harka jiraachuu baatus...garuu kan hiikkaaf Sababa tahu harki caalu dubartoota tahuu qorannoon ibsee jira...
Kanaafuu mataduree kana jalatti cimsee namni yaadachiisu yoo jiraate shamarran keenna.
Manni kankee akka mana gammachuu tahu yoo barbaadde... iddoowwan kanneen irratti xiyyeeffadhu:
https://www.tg-me.com/tafak_or

1) Dubartiin Mana, ijoollee fi abbaa manaa ishee irratti xiyyeeffachuu dhiistee gaafa uf qaqqabuu, uffattee bareeduu qofa filatte diigamiinsi eegala...!
2) Gaafa isheen Saalonii mana ishee dhiistee, saalonii/gola bareedinnaa ooluu eegalte..., gaafa suuqii irra zooraa faashina guuruu eegalte; gaafa hiriyyoottan ishee mana manaan irra deemtee ziyaaruu heddummeessitee fi mana bunaa fi restaurant deddeebi'uu eegalterraa dhiirri obsa fixachuu eegala.... mecarrashaan fichii๐Ÿ˜ taha jechuudha....!!
3) Osoo kan fuudhe mana jiru kan biraa janaajjanachuun kallattii lamaaniinuu yoo jiraate...
4) Mana keessatti ufii waa hunda qopheessuufii dhiistee hojjattuu manaa irratti irkachuudha...
Yeroo hundaa kan nyaataa fi dhugaatii qopheessuuf jaartii isaa osoo hin taane, hojjattuu manaati... yoo xiqqaate abbaan manaa erga hojjattuun waan mana keessaa hojjattee xumurtee booda, yeroo dhiheessaadhaa, harka isheetiin osoo tahee isa gammachiisa...
isheen baqqaa bareedinnuma manaatiif waan mana teesse fakkaatti....!!
5) Abbaa manaas ta'ee, haadha manaa kallattii hundaanuu, haasofni Romance uf keessaa qabu, faaruu fi jechoonni ittiin boonuudhaa-( qaalii koo... gootaa fi hayyuu....kkkf beektu kaa na caala)-, qoosaan babbareedduu fi gabaabduun takka takka kallattii hundaanuu jiraachuun dirqama...
Abbaan manaa wantoota akkasii haadha manaa irraa arguu jaalata... gaafa dhabe... sadarkaa wal buusaa dhufutu dhufa....!!
6) Dubartoonni gariin ittigaafatamummaa ishee irra jiru wallaaluu irraa kan ka'ee fi dhageettii fi gurra isheetiif bakka kennuu dhabuunis.... walitti bu'iinsa uuma...!!
7) Dhibdee fi rakkoo Jaarsaa fi jaartii gidduu jiru ilaalchisee, waan xiqqoo takkaaf jecha haadhaa fi abbaan gidduu seenuun... furmaata waaraa fiduu caala dubbiin guddataa akka dhuftu godhร ... kanaafuu waan xiqqo xiqqoo ufumaa furmaata barbaaduun diigamiinsa hanbisa...!!
8) Wal hubachuu fi waliif beekuu irratti hanqinni yoo gidduu isaanii jiraate...!
Yeroo lamaanuu walqixa dubbatan... bakka lamaan isaanii keessaa kan dhageeffattu dhabametti.... lamaanuu arraba walitti dheerachuun qilee isaan naqa...!,
9) Waa'ee bultii ilaalchisee hubannaa dhabuu irraa kan ka'es ni uumama...!
Akkaaataan isheen eegdee fi akki isheen erga heerumtee argite yoo wal gituu dhabe, wal jubbaan uumamaa dhufa... akkasumas maatiin isaan lameenuu gidduu kanatti dararamu...!!
10) Dubartoonni gaafa hujii qabaatan... jireenyi isaanii jijjiiramee jira, bakka yaannu geenyee jirra jedhanii dalagaa qofarratti uf dagachuun...
Dhiira garii kan wantoonni akkanaa kuni isa hin gammachiisnetu jira. karaa biraatiin immoo sadarkaa qarqaarsa hangasii isa gaafatu hin barbaadu ta'uus danda'a...!!
Garuu furmaanni bakka kanaa , mootii ajandaa kanaa kan tahe..Wal hubachuudha...!
11) Dadhabbii, yaada, keessi kee tasgabbii dhabuu fi laafinni adda addaa yoo si keessa jiraate... rakkoo adda addaa uumuus danda'a...
12) Wal xiqqeessuu, hamilee wal buusuu fi iddoo ijo ijoo ta'anitti ilaa fi ilaameedhaan deemuu dhabuun, wantoonni akka jajjabaataa dhufanii fi yeroo miira aarii keessa jiran uf to'achuu dadhabuutti nama geessan...!
Xumurarratti wal tunuu fi jechoota gidduu isaaniitti hin eeggamne dubbachuus qabatee, kabajaa walirraa fixuunis dhalataa deema... dhumarratti jibbaa... jibbaan immoo gara dhiitanii manaa walbaasuutti nama geessa...!!
13) #Itti_fufa.... hanga 20

Share godhaa ๐Ÿ”— keenyas๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Simaa taphni Kun dhumatee jira jettee, uf dagattee rafaa jirtuu.... Rabbiin xumurarratti kan waa hunda siif sirreesse argita
....!
ูˆุชุธูู†ู‘ู ุฃู†ู‡ุง ุงู„ู†ู‘ูŽู‡ุงูŠุฉ ุŒ ุซู… ูŠูุตู„ูุญู ุงู„ู„ู‡ู ูƒู„ู‘ูŽ ุดูŠุกู โค๏ธ
#Iftoominna....

โœ Dhugaa dubbachuu fi Iftoominna qabaachuun kee, hiriyyoota siif baay'isuu baatus, hiriyyoota laakkofsaan xiqqaatanis sadarkaan isaanii baay'ee guddaadhaa siif fiduu danda'a....!!

@tafak_or
Dargaggeessi aamiin jedhi๐Ÿ˜

โœ Ta mataan gurra hin geenye, ta gurra boruu hin beekne, ta gurraan hin dhageennee, ta gaarummaa kee hin beekne Rabbiin sirraa haa qabu....!!

@tafak_or
โœ Jum'aan har'aa kun bara 1445ffaadhaaf Jum'aa xumuraati
Badii bara kana keessa dalagne hunda rabbi nuu haa Araaaramu
Bara itti seenaa jirru homa hundaanuu bara dabre nuuf haa caalchisu

ูˆุตู„ูˆุง ุนู„ู‰ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡
ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ ุนู„ู‰ ุณูŠุฏู†ุง ู…ุญู…ุฏ ุนุฏุฏ ุฎู„ู‚ูƒ ูˆุฑุถุง ู†ูุณูƒ ูˆุฒู†ุฉ ุนุฑุดูƒ ูˆู…ุฏุงุฏ ูƒู„ู…ุงุชูƒ

https://www.tg-me.com/tafak_or
Yaada Tafakkur irraa qabduu?



waan sirraahuu qabu jettan ! ๐Ÿ‘‡
Forwarded from Nasiha mohammed
โ˜†โ˜†‎๏ทฝโ˜†โ˜†
ุงูŽู„ุณูŽู„ุงู…ู ุนูŽู„ูŽูŠู’ูƒูู… ูˆูŽุฑูŽุญู’ู…ูŽุฉู ุงูŽู„ู„ู‡ู ูˆูŽุจูŽุฑูŽูƒุงุชูู‡ู‎โ™กโ™กโ™ก
#HAGAM HUBADHE?!!!
โœ Mee darsiiwwan asiin dura ustaazni nuuf kennan irraa gaaffii hagam hubadhe jedhu marti kessanuu of gaafadhaa?
#gaaffiin akkana jedha:-
โ–  โœSEEROTA OF FAARSUU HAGAMI? ........
โ–  โœ RAGAA WALIIN NAMA NUUF IBSE:- badhaasni akka qohpaa'uuf familyrraa kabajaan gaafadha.โœ‰๏ธโ™กโ™ก
# gaafichi kan barattootaati malee kan barsiisaatii miti๐Ÿ˜
ุงู„ู…ุณุฃู„ุฉ ู„ุงู„ุทุงู„ุจ ู„ุง ู„ุงู„ู…ุนู„ู…๐Ÿ˜
โ˜†โ˜†‎๏ทฝโ˜†โ˜†
ุงูŽู„ุณูŽู„ุงู…ู ุนูŽู„ูŽูŠู’ูƒูู… ูˆูŽุฑูŽุญู’ู…ูŽุฉู ุงูŽู„ู„ู‡ู ูˆูŽุจูŽุฑูŽูƒุงุชูู‡ู‎โ™กโ™กโ™ก
#HAGAM HUBADHE?!!!
โœ Mee darsiiwwan asiin dura ustaazni nuuf kennan irraa gaaffii hagam hubadhe jedhu marti kessanuu of gaafadhaa?
#gaaffiin akkana jedha:-

โ–  โœSEEROTA OF FAARSUU HAGAMI? ........
โ–  โœ RAGAA WALIIN NAMA NUUF IBSE:- badhaasni akka qohpaa'uuf familyrraa kabajaan gaafadha.โœ‰๏ธโ™กโ™ก

# gaafichi kan barattootaati malee kan barsiisaatii miti๐Ÿ˜
ุงู„ู…ุณุฃู„ุฉ ู„ู„ุทุงู„ุจ ู„ุง ู„ู„ู…ุนู„ู…๐Ÿ˜
#Allaaaah.....๐Ÿคฒ

โœ Hunduu sagalee koo qofa dhagahan.... si qofatu qalbii tiyya dhagaha Yaa Alllaahu...
‏ูƒู„ูู‘ู‡ู… ูŠุณู…ุนูˆู† ุตูˆุชูŠ..
ูˆุญุฏูƒูŽ ุชุณู…ุนู ู‚ู„ุจูŠ ูŠุง ุงู„ู„ู‡ ุŒ ูุขุชูู‡ู ุณูุคู’ู„ูŽู‡ โค๏ธ


deebii koo San naaf deebisi..๐Ÿคฒ
2024/09/22 11:24:28
Back to Top
HTML Embed Code: