Telegram Web Link
#Never_give_up...
โœ Guyyaa tokko harka kennachuu dhabuu keetitti lubbuu tantee gakateeffatta....!
@tafak_or
Ramadaana keessa qur'aana yeroo meeqa buusuu yaaddu____?

tooftaa isaa isiniif hima...!
#Yeroo_meeqa_buusuuf/kattamuuf__?
๐Ÿ‘‡
โœ Baatii tokkotti....;

๐Ÿ‘‰ yeroo tokko qofa buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula afur afur qara'uu qabda....
๐Ÿ‘‰ Yeroo lama buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula saddeet(8) saddeet qara'uu qabda....
๐Ÿ‘‰ yeroo sadi buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula 12 kudha lama lama qara'uu qabda...
๐Ÿ‘‰ yeroo afur buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula 16 kudha jaha jaha qara'uu qabda..
๐Ÿ‘‰ Yeroo Shan buusuu yoo barbaadde.... salaata shanan booda Fuula 20 digdama digdama qara'uu qabda.
๐Ÿ‘‰ Yeroo jaha buusuuf hoo meeqa qara'uu qabda____?

Join๐Ÿ‘‡ share
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Dhugaa...

โœ Osoo akka mobile/telephone keenya laallu Sanatti qur'aana lallee... silaa baatii keessatti yeroo hedduu irra deddeebinee buufna ture...!

@tafak_or
โœSadarkaa beelli qabuu fi faayidaa beelli fayyaa keenyaaf qabu beektuu laata....!

ยซ..ูˆูŽุฃูŽู† ุชูŽุตููˆู…ููˆุง ุฎูŽูŠู’ุฑูŒ ู„ูŽู‘ูƒูู…ู’ ุฅูู† ูƒูู†ุชูู…ู’ ุชูŽุนู’ู„ูŽู…ููˆู†ูŽ
Bakkatti hafaan Rabbuma....


Anaa dhufu Ustaaz Raayyaa Nashiidaa Manzuumaa 37ffaa
#Sirreeffadhaa...

โœQur'aana eessa geettan jechuu osoo hin taane, qur'aanni eessa isin gahe ? ta'uu qaba gaafiin....!

@tafak_or
Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wasallam) Umraa yeroo meeqa godhan_____?
Anonymous Quiz
32%
A) 6
19%
B) 5
49%
C) 4
#Maaliif_soomta__?

โœ Ganamaa hanga galgalaa nyaataa fi dhugaatii Kee wanti dhiisteef; wantoota hedduu siif haalala tahan irraa wanti fagaattuuf maali__?
uf gaafattee beektaa...!!
โœ Beelaa fi dheebuu cimaa dabarsita, maaliif ?gurzaa fi dadhabbii sitti dhagahama maaliif ?
โœ Gosoota nyaataa hedduu fuuldura kee jira; bishaan qabbanaawaa ija teetiin ilaaltee argaa jirta... garuu beelaa fi dheebuun osoo sitti hammaattee jirtuu maaf hiixxattee hin fudhanne sila__?
โœ kana hunda maal barbaadeeti? kaayyoon kankee maali ? eessa gahuudhaaf sadarkaa kana hunda obsite?

Garuu deebiin kankee beelumaaf dheebuu akka hin taane.. ๐Ÿ˜ข
Join๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Qaamni namaa yoo beelahu ufii uf nyaata... ykn ufiin uf qulqulleessa....!
โœ Irra milkaawaan namaa Ramadaana keessa nama waa 7n armaan gadii walitti qabateedha. Isaanis:

#1ffaa: Ramadaanni kaayyoo guddaadhaaf dhufe... kaayyoon Ramadaanni dhufeef tuni Rabbiin biratti waa hunda caalaa gatii qabdi... namni Ramadaana keessa kaayyoo tanatti gahe dhugaa milkaahee jira... kaayyoon tunis #Iklaasa jedhamti..
Ati Rabbiif jecha guyyoota 29/30 ni soomanta... Ramadaanni gochaa fi jecha kee keessattis akka uf madaaltu si godhร ...!
โœ Yoo dubbattu Rabbiif jecha dubbatta; yoo dalagdu Rabbiif jecha dalagda..
Ati gabricha Rabbiiti.. hanga yoomii lubbuu kankee sossobda...!, maaliif waan dalagdu isaaf qofa hin qulqulleessine...?
Ramadaanni akkamitti akka lubbuu kankee sirreesaituu fi uf leenjistu si barsiisa... hanga yoomii kijibaan; munaafiqummaan; gantummaa fi jireenya sobaa keessa jiraatta...?
Ramadaanni akkamitti akka Rabbiif qofa hojjattu.. akka fedhii nama tokkoo guutuuf jecha ati hin deemne si barsiisa...!
โœ
Namoonni Ramadaana iccitii guddaa kanaan banattan baga gammaddan... innis Rabbiin eeggachuudha.
ู„ุนู„ูƒู… ุชุชู‚ูˆู†......
#2ffaa....
Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Nyaataa fi dhugaatii dhiisuun akkamitti sodaa Rabbiitti nama geessa__?

Nyaataa fi dhugaatiin garmaleedhaa.... qalbii namaa miidhuu fi balleessuu keessatti gahee guddaa qaba...!
Garaan guutame, sammuu beelessa... quufni qalbii namaa jaamsa..!
Qalqalli sharrii tan garaa caaltu inuma hin jirre... garaan guutamnaan sharriin isa boodaan dhufu hedduu waan taheef...
" ู…ุง ู…ู„ุฃ ุขุฏู…ูŠู‘ูŒ ูˆุนุงุกู‹ ุดุฑู‘ุงู‹ ู…ู† ุจุทู†....."
๐Ÿ‘‰ Wantoota qalbii namaa balleessan keessaa inni tokko nyaata. innis gosa lama:
#1ffaa: Matama isaattu qalbii balleessa... (fkn: nyaata haraamaa nyaachuun)
#2ffaan: Nyaanni nuti nyaannu kuni yoo humnaa ol tahe qalbii keenyaa fi sammuu keenyas jaamsaa dhufa. Fkn: Haaluma daangaa dabrsinee nyaachuu fi quufa daangaa malee...

#Itti_fufa..๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Sheeyxaanni hidda namaa keessa yaa'a... Soomni hidda sana sheeyxaanatti dhiphisa... quufni immoo karaa hiddaa sana sheeyxaanaaf baldhisa...
Kanaafuu garmalee quuftanii balbala sharrii ufitti hin baninaa...!!

@tafak_or
#Israafa....
๐Ÿ‘‡
โœ Namni baay'ee nyaate... Baay'ee dhuga; baay'ee rafa; waa baay'ee kasaaras...
@tafak_or
โœ Rabbiin humna/power mu'umintootaa qaama keessa osoo hin taane, qoma isaanii keessa kaahe...
laalaa wayta manguddoon umriin isaa waggaa dhiibbaa olii, guyyaa aduu keessa soomaan oolaa... halkan qorraan taraawiha dhaabbataa bulu.. Garuu dargaggeessi akka kiyyaaf keetii..lafaa dhufaan; kan qaamaan cufaa/guutuu dhaabachuu hin dandeenye... kun dubbiin duuba osoo hin taane, keessa akka taate Ragaa guddaadha...

Ustaazni koo; hayyuun baale qabdu; Abbaan Madrasaa Salafiyyaa; nama hin beekneef magaalaa Roobeetti imaamaa fi kaxiiba....
#Shek/Abdurrahmaan Aadam jedhamu amma waggaa 103 caalanii jiru,... garuu Taraawiha guutuu Raka'aa 23 salaatanii galu....
Rabbiin umrii nuuf haa dheeressu jedhaa mee....
๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Rabbii keenya ba'aa nuti hin dandeenye nun baachisin...!
ุฑูŽุจูŽู†ุง ูˆูŽู„ุง ุชูุญูŽู…ูู‘ู„ู†ุง ู…ุง ู„ุง ุทุงู‚ูŽุฉูŽู„ูŽู†ุง ุจูู‡ู.๐Ÿคฒ๐Ÿค
2024/09/30 19:21:06
Back to Top
HTML Embed Code: