Telegram Web Link
والصبح إذا تنفس.

✍️ Rabbiin barii yaanni keessan keessatti furmaata argatu; kan qomti keessan keessatti baldhatu; kan Rabbiin kadhaa teessan keessa awwaatu isiniif haa taasisu….Aamiin🤲🏿

Oolmaa gaarii
✍️ Guyyaaa jum’aa keessaa yeroo takkatu jira kan du’aa’ii namni yeroo sana kadhate hanga bakka geettutti gadin deebine…..

Sa’aatii sana yoomi mee?
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

✍️ Jechoota hedduu kan ati yeroo barreessitu ykn share gootu gatii hin kennineef…:
Qalbii hedduu gammachiisuu dandeessi,
Nama gadda keessa jiru hedduu booharsuu dandeessi,
Nama karaa maqe hedduu karaa irra kaahuu dandeessi,
✍️ Waan gaarii tahe hundaa yoo argite namaaf share gochuu irraa uf hin qusatin….!!

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Guyyaa hundaa; yeroo hundaa fi Umrii kee guutuu keessatti kaayyoon guyyaa guyyaan jireenya kee keessatti bu’uuraa isaannan armaan gadii kanneen:
1) Salaata shanan yeroo isaa eegdee salaatuu,
2) Azkaara ganamaa fi galgalaa qara’uu,
3) Hanga Rabbiin siif laaffiserraa qur’aana qara’uu.
👉🏼Salaanni ifaa jiruu siif taati, 👉🏼 Azkaarri soorata qaamaa fi qalbii siif taha…soorata kanaan humna kee ijaaratta.
👉🏼 Qur’aanni barakaa jireenya kee keessatti fida…!!
✍️ Bu’aa ibaadaa kanneenii jireenya kankee keessatti irraa cituu baannaan…osoo duniyaa gubbaa jirtu argita..!!

Share godhaa👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Kanneen armaan gadii keessaa Shuruuxa salaataa kan tahe kami__?
Anonymous Quiz
17%
A) Tashahuda/Attahiyyaata duraa
64%
B) Islaamummaa fi Aqlii qabaachuu
19%
C) Takbiiraa duraa

Risaalaa tana gara nama guyyaa qiyaamaa shafaa'aa nabiyyiin keennaa ﷺ isa haa dhaqqabduu barbaadu qofatti naa geessaa.....!!!!
Ergamaan rabbiiﷺ akkana jedha...《 nama narratti salawaata buuse yeroo bariisifatee fi yeroo dhiisifate shafa'aan tiyya isa dhaqqabdi jedha guyyaa qiyaamaa》
👌Namni shafa'aan isaanii gaafa ani ciqame san na haa dhaqqabdu jetttu na wajji jalqabi..... 1, 2, 3.....
♡اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد
♡اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد
♡اللهم صل وسلم وبارك عاى نبينا محمد
♡اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد
♡اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد
♡اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد
♡اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد
♡اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد
♡اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Fakkeenyummaa obsaa… Seenaa tana hanga dhumaa hordofaa….kutaa 1ffaa https://youtu.be/RVavEDlkQH8?si=lPWhNqeEzdlWQyVx
Rabbiin Nabiyyallaahi Ayyuubiin (Aleyhissalaam) ilaalchisee qur’aana keessatti kallattii sadi qofaan irraa dubbate…mee naaf tarreessaa ?

1)
2)
3)
#Isin_moo🤔

✍️ Haati manaa koo hijaaba ittiin salaattu lama qabdi ture. Tokko ishetu ufumaa bitate, tokko immoo anatu bitee akka kennaatti kenneef.
Dhumarratti wayta tasa afaan keessa walitti buune…isheen kiyya sana dhiiftee kan ufii saniin ka salaattu arge….akka anaaf ajriin hin yaaneef bar..😁

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Hiikkaan aayata tanaa____?
👇🏻
قال تعالى: ﴿وَٱلَّیۡلِ إِذَا عَسۡعَسَ﴾ [التَّكۡوِير: ١٧] (Walleyli izaa as as)
Anonymous Poll
49%
A) Halkan wayta fuula achi deebifate
39%
B) Halkan wayta fuula as deebifate…
23%
C) lameenuu deebiidha
Hiikkaan jecha Tanaffasa/تنفس jedhuu maali____?
قال تعالى: ﴿وَٱلصُّبۡحِ إِذَا تَنَفَّسَ﴾ [التَّكۡوِير: ١٨]
Anonymous Poll
37%
A) Wayta Hafuura baafate
19%
B) wayta bariin bahee muldhate
12%
C) Wayta lafti bariite
43%
D) Deebiin B fi C
Ilmi namaa erga salaata eegalee /salaata keessatti bakka 5tti qoodama. Isaanis:

1) Nama salaataan adabamu ykn Rabbiin salaata inni salaate saniif isa adabu jira…!
2) Nama salaata salaateef qormaatamu jira…
3) Nama Rabbiin salaata isaa sana mindeessuu baatus garuu irra darbuuftu jira…!
4) Nama salaata saniin Rabbiin isa mindeessu ykn galateeffamu jira…
5) Nama salaata saniin Rabbitti kalaahutu jira….

Ibsa isaa nu eegaa…..😢
Wlh xalayaa tana dubbisee imimmaan qabachuu dadhabe…ani lakkoofsa 1ffaa keessa waan jiru uf sehe…..

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
👳🏿Waan ebaluun tokko tahe dhageettee bada abboo🤔
👳🏻‍♀️hii…hin ani homaan dhageenye…
👳🏿 Ati biyyan jirtu moo akkamitti dhaghuu dhabdee🤔 👳🏻‍♀️ Ani jireenya koo keessa jiraa maal godha tan nama
Anonymous Poll
88%
A) Deebii sirrii
17%
B) Deebii sirrii miti
✍️ Ilmi namaa erga salaata eegalee /salaata keessatti bakka 5tti qoodama. Isaanis:

1) Nama salaataan adabamu ykn Rabbiin salaata inni salaate saniif isa adabu jira…!
2) Nama salaata salaateef qormaatamu jira…
3) Nama Rabbiin salaata isaa sana mindeessuu baatus garuu irra darbuuftu jira…!
4) Nama salaata saniin Rabbiin isa mindeessu ykn galateeffamu jira…
5) Nama salaata saniin Rabbitti kalaahutu jira….
#1ffaan: Nama wuduu’a keessatti, shuruuxa, waajibaataa fi sunana salaataa keessatti akkuma fedhe godhu…nama seerota salaataatiif bakka hin kennine.. Kun salaata kanaan Rabbiin isa adaba…
#2ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee garuu erga salaatatti seenee booda…seensa salaataa irraa hanga xumura salaataa maal akka jedhee fi akkamitti akka salaate kan hin beekne…hanga salaama baafatuuf kan onnee fi sammuun isaa Ethiophiaa kaatee hanga Amerikaa naannawaa turteedha…
Salaata kanarratti Rabbiin isa qormaata jedhan…
#3ffaa: Nama salaata keessatti arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee garuu seensarraa hanga xumura salaataa lubbuu isaatii fi sheeyxaanaan wajjiin taaggalaa/ waldhaansoo bahaa ture…nama salaata isaa tolchuuf hanga dhumaatti falmachaa ture….nama akkanaa Rabbiin irra dabraaf….
#4ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee…dabalataan salaata kushuu’a qabdu…salaata rogaa…salaata tashwiisha hin qabne salaate…kun Rabbiin biratti ni mindeeffama…!
#5ffaa: Nama arkaanallee, waajibaataa fi shuruuxa salaataallee sirritti guutee…ammas salaata kushuu’a qabdu salaatee…dabalataan akka Rabbiin wajjiin qofa jiru uf beeke…
Niyyaa isaa keessa namni ani maqoo itti bahe kuni Rabbiin tahuu kan hubateedha…Rabbiin laalee na argaa jiraa kan beeke…
Garaagarummaan 4ffaa fi 5ffaadhaa…4ffaan, maqoo Rabbiin jiraachuu isaa dagate…
Namoota wayta salaata seenan…osoo isaan biratti sagalee kee baastee waan feete haasoftee ykn dalagdee quba kee hin qabnetu jira….
Anaaf ati lakkoofsa meeqaffaa keessa Jirra laata….🥲

Ibnul-Qayyim Rahimahullaah kitaaba الوابل الصيب jedhamu keessatti akkana nuun jedhan.
Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Hiriyyaan kankee gaariin hanqinna kee siif muldhisa, dadhabinna ati qabdu sitti akeeka….
Hasan Albasriin (Rahimahullaah) akka jedhanitti:
« Mu’uminni daaw’itii/mastaawatii waliiti…waan isa hin gammachiisne yoo irraa arge ni sirreessa…ni qajeelchaan..marsee irraa dhoorgaan..keessaa fi duubaan wardiyyaa siif taha…»
✍️ Hiriyyaan jaalala kee barbaadaaf jecha hanqinna kee siif hin himne hiriyyaa dhugaa miti…sababa inni dogongora kee irratti hamilee sitti horeef jecha qilee keessaan baane seenuu dandeessa….!!

Hiriyyaa gaarii Rabbiin isiniif haa kennu…👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/26 01:43:25
Back to Top
HTML Embed Code: