Telegram Web Link
✍️ Post kankee; suuraadhan kankee; text fi xalayaadhan kankee; haasaa fi barreeffama kankee…akkasuma sagalee yaamicha bilbila kee irra deddeebi’ii toohdhu mee….!?
Wanti hunduu si ilaallata…wanti hunduu jireenya kankee kan boruun wal qabata….!!

Ergasii jecha hayyuu keenyaa Imam Ashaxibii xiinxlli…;
« Nama erga inni du’ee badiin isaa isuma wajjiin duuteef jannatatu jira…Azaabni dheeraan nama erga inni du’ee, badiin isaaa isa booda waggaa 100 ykn 200 turuudha…isimaan qabrii keessattis qixaatama…hanga isiin asirraa baddutti irraa gaafatama….»
"طوبى لمن مات وماتت معه ذنوبه، والويل الطويل لمن يموت وتبقى ذنوبه مائة سنة ومائتي سنة، يعذب بها في قبره ويُسأل عنها إلى انقراضها.

Keessattuu warri Facebook; TikTok fi YouTube qabdan…warroonni Chanala adda addaa qabdan dhaamsi kun keessatti isin ilaallata……galatoomaa

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Qabeenya, haala jiruuf jireenyaaa fi fayyaa keessatti nama sii gadi jiru ilaali…!
Diinii, beekkumsa, haalaa fi amala keessatti nama sii ol jiru ilaali….
✍️ Nama sirraa uf dhiibutti dhihaachuuf hin kajeelin…salphinnaa fi xiqqeenyaan biraa deebita waan taheef…!!
Nama si barbaadurraahis uf hin dhiibin…gosoota dhala namaa miidhan keessa ooltaa…Nama sitti kalaahurraa fagaachuun gaarummaa dhabuu kee muldhisa…!!
✍️ Iccitii silaa sirritti dhoksuun sitti dirqamaa…obboleewwan kankeetis taatu kan biroottis baastee hin facaasin…maaf nama iccitii koo naaf eega jettee yaaddu..nama nama hundaa ol sitti dhihaatus hin tahin….!!
✍️ Seera “dirqama yaanni koo fudhatamuu qaba " jedhuunis nama hin gorsin..!
Seera yaamichi koo awwaatamuu qabaanis manguddummaa hin deemin…Seera galata namarraa argadhaatiinis baastee namaaf hin kennin….

Garuu isa caalu fayyadamuudhaan deemi…hanguma dandeesseen xiyyeeffannoon kee guddaan ergaa dabarsuu, nama walitti araarsuu fi gaarii hawaasa keessa faffacaasuu haa tahuu…
✍️ Yoo nama tokko gorsuuf yaadde, ol baastee osoo hin taane iccitiidhaan gorsi…hawaasa keessatti dirree baaftee osoo hin taane, mana keetitti affeerii gorsi…kallattii kanaan deemtee yoo galuufii dide garuu quba itti qabuunis, badheetti wal baasuunis bareeduma….!!

Galatoomaa….!!
Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Gaazaa keessatti hanga hardhaa…..👇🏻

October7 irraa kaasee hanga hardhaatti…:
Namoonni 40786 shahiidaniiru…kan miidhaan itti qaqqabe immoo 94224….
Kan biyyaa baqatee fi kan bineensaan nyaatame…kan beelaan dhume hoo meeqa laata?!

Allaah….Birmannaa kee🤲🏿
Aljeziraa irraa
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Way_Fayyaa
Qaadii Huseen Lafeen Dugdaa Isaa Miidhamtee Bakka Ciisetti Aadaara.

#Way_Duniyaa
Kalee Akkuma Kiyyaa fi Kee Fiigee Utaalee Taphatee Jiraata ture. Jireenyi kana Qabdi.

Yaalamuuf Qarshii Miiliyoona Afurii ol gaafatame #Nabiraa dhaabadha_Nadhaqqabaa Jedhaara Ilmi Biyyaa Qaadii Huseen.

Waan Qabdaniin Bira Dhaabadhaa, Waliin Taanee Haa yaalannuu.

#Gumaacha_Keessan Itti haa fufuu

Kadi Husen Girii
CBE:- 1000265788762
COOP:- 1000083311766
Awash:- 014251309456800

Odeeffannoo Dabalataaf
+251988770707

https://chat.whatsapp.com/KYtKyLmxTRj6fEQBcynA3E

https://www.tg-me.com/gargaarsa_abbaa_jabal

#AMALOOTA.....#NAMA BOONUU.....
Namni boonu haqa hin fudhatu.....
Kan isaa malee wanti gaariin namootaa itti hin mi'aawu.....
Namarraa barachuufii
#haqa fudhachuun itti ulfaata.....
Baay'isee galata jaalata....
Yoo dongongorri isaa itti himamu ni dallana/aara...
Tola namootaaf godheen of dhaadata.....
yoo amala kanneen qabaatte....of laali
🔸
#ABSHIR immoo qorsa/dawaa boona balleessullee siif hima insha allh....

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Abjuu kankee kan ajjeesus, kan jiraachisus sima…osoo jireenya hamaa keessallee jiraattee abjuu kankee gad hin lakkisin…!!

#tafak_or
✍️ Salaanni fajrii yoo si jala dabre…Erga subhii salaattee salaata duhaa boodaan salaati.
👉🏼 Salaata shanan keessaa takka yoo si jala tarte…salaatii boodaan sunnaadhan salaati…!
👉🏼 Ganama badii wahii yoo dalagde,…hamma dandeesseen halkan kaatee salaatuu yaali..
👉🏼 Yoo azkaarri ganamaaf galgalaa si jala kute….fuula lamaas taatu qur’aanarraa qara’i…
👉🏼 Badii takka yoo dalagde…duubaan dafii keeyrii wahii dalagadhu…!

Rabbiin (Subhanahu wata’ala) akkana jedha…:
" إن الحسنات يذهبن السيئات" ❤️
” Toltuun hamtuu namarraa haqxi/deemsisti…."

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️Waan siif Kenname Yoo Beeyte Waan Dhabdee ni Irranfatta.

-> Kan Dhibame............ Osoon Fayyaa qabaadhee.

-> Kan Miskinaaye ...... Osoon mallaqa argadhe.

-> Sooressi......... Osoo Aangoo Qabadhee

-> Dadhabaan..... Osoo humna argadhee.

👉Osoo jedhuu Dalagaa Kheeyrii meeqa dabarsaa. Waan Nuuf hin kennamin osoo lakkooynu, Waan guddaa Allahaan nuuf kennen isaa galaatonfachuu dhiisnee gabrootaan isa gaarii tahu nu dhorgee jira.

Yaa Allah Warra Tola ati nutti Oolte beeke si Galatonfaturraa nu godhi.🤲🤲
🌹الحمد لله يا الله على كل الخير الذي فعلته لنا🌹
✍️ Yeroo hundaa filannoo lama qabda:
Takkaa rakkoo sanaaf furmaata kennuu…ykn daftee bira kutuudha…
Bira dhaabbattee ilaaluun garuu waa takkaafuu sin qarqaaru….!
✍️ Jaalala sirbaa onnee kee keessaa baasuu ni barbaaddaa…!?
Tartiiba armaan gadii hordofuu qabda. Isaanis:

1) Salaata shanan yeroo isaa eegdee kushuu’aan salaatuu qabda..
2) Sirboota bilbila kee keessatti fe’atte ykn waraabde hundaa dursitee haquu qabda…
3) Qur’aanaa fi Nashiidaalee islaamaa tan seera shari’aa islaamaa guuttatte ganamaa fi galgala dhageeffachuun..
4) Bakka sirbaa sana qur’aana ykn Nashiidaa bakka buusuudhaan..
Araada tokko yoo dhiiste..bakka sana araada biraa bakka buusuun wantoota sanitti akka hin deebineef si qarqaara….
👉🏼 Suusii sirbaa irraa gara suusii Nashiidaa fi qur’aanaa ol siiquu qabda…!

👉🏼 Yeroo hundaa yaadadhu: Qur’aanaa fi sirbi qalbii takka keessa yoomuu wajjiin jiraachuu hin danda’an…takka keessaa filadhu…
5) Nama biraatiifis ergaa tana dabarsi maaltu beeka…atis fayyadamtee nama biraas fayyaduu dandeessaa…
Gaafa ergaa tana namaaf dabarsitu…namni sun maal naan jedha jechaafuu irraa uf qusatta…

Share

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Imaamu Ahmadiin (Rahimahullaah) beektuu….!!?


👉🏼 Guyyaa tokkotti Raka’aa 300 salaata…erga tumaan laaffistee booda immoo wayta dhibee isaa keessa guyyatti raka’aa 150 salaata….

Ilma isaaniittu seenaa tana nuuf hime….
Imaama Ahlussunnaa fi waljamaa’aa(Rahimahullaah)…
Anaaf ati garuu guyyaatti raka’aa 17n waajibaatuu salaatuun gaara caala nutti ulfaata…!!

Garuu Jannatuma isaan hawwan sana hawwinaa laata….Yaa Allaah Rahmata kee….!!

https://www.tg-me.com/tafak_or
🌹🌹Qabatama ta,i🌹🌹

🌸daa,imni yoo gara samii ol darbiite yeroo gadii deebi,u ni kolfaa...🥰
Sababni isaa darbitee akkaa hin dhiifne wan beekuf...yeroo gadii deebi,u akkaa ati Eegdu qabataman beeka...🥰
🌸 atis qormaata rabbii keessa jiraattee yoo darbamte ... yeroo gadii deebitu rahmani rabbii akkaa si simatu akkaa gadii sin dhiifne qabataman beeki...👌
🌹🌹rabbii kee irrati yomuu qabatama qabaadhu🌹🌹

ilahiye uf irraa nan fageessin...😢
🌸 Osoo sin argiin ...sittii Amanee
🌸Osoo sin argiin...sif sujuude
🌸Osoo sin argiin...si kadhadhee
🌸 Osoo sin argiin...si Amanee
🌸 Osoo sin argiin...si sodaadhe...😢

🌹 Ya rabbii guyyaa fuula kee dhufee ijaa rahmatatin na mil,adhu....
Sin wal arguu koo naf bareechii...🤲

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
☆☆☆﷽☆☆☆

🔑
#FURTUUWWAN #JIREENYA #GAARII....?!
🗝
#Furtuun salaataa..
~~Qulqullina
🔑
#Furtuun hajjii....
~~Ihraamaa
🗝
#Furtuun hojii gaarii..
~~Iklaasa.
🔑
#Furtuun beekumsaa..
~~gaafii sirriidha.
🗝
#Furtuun jannataa...
~~Tawhiida.
🔑
#Furtuun gargaarsa rabbii ittiin argatan...
~~Obsa
🗝
#Furtuun milkiidhaa....
~~Taqwaadha.
🔑
#Furtuun injifannoo...
~~ Rabbiifi ergamaaﷺ isaa hordafuudha.
🗝
#Furtuun hiree...
~~shukrii galchuudha.
🔑
#Furtuun jireenya Aakiraa....
~~Duniyaaf haafayuu dhabuudha.
🗝
#Furtuun akkan haa" ta'uu ittiin" argatan
~~Allaahaa kadhachuudha..
🔑
#Furtuun iimaanaa...
~~uumama Allh xinxaluu.
🗝
#Furtuun Rizqii....
~~istigfaara, taqwaa fi, firummaa sufuudha.
🔑
#Furtuun onnee...
~~Qur'aana dubbisuudha.
🪄🪄🪄🪄🪄🪄🪄🪄🪄🪄
https://www.tg-me.com/tafak_or
Kitaaba
أصول السنة للإمام أحمد رحمه الله
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Voice message
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

Kitaaba kana namni barachuu feetan…guyyaa muraasa keessatti isiniif xumuraa na hordofaa inshallaah
☆☆☆﷽☆☆☆

#Gorsa gabaabduu..... !!!
●hin dallanin dallansuun xummurri isaa gaarii kan hin ta'in farda sheeyxaanni ittiin gulufu waan ta'eef.....
●hin waanyin waanyummaan dhibee keessa namaa nyaatee fixu.... dhibee suukkanneessaa waan ta'eef...
●Abdii hin kutatin... abdii kutachuun#RAHMATA Allh dagachuu waan ta'eef....
●hin gaddin .... gaddi ruuhii fi foon dabalatee kan barbadeesu.... farra gammachuu waan ta'eef...
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
https://www.tg-me.com/tafak_or
۞بسم الله الرحمان الرحیم.....♡♡

اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎
Yoom?! Eessaatti?! fi ...sa'atii kamitti akka ruuhii tee fuudhutti ajajamu malakal mawt...hin beeytu....
😢Maaltu beeka yoo raftee ruuhiin tee fuudhamte....maarree ...
#zikriiwwan qara'i tawbadhu niyyaa gaariin buli....
🌘🌘🌘🌘🌘🌘🌘🌘🌘
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/24 21:29:36
Back to Top
HTML Embed Code: