Telegram Web Link
โœ Qalbiin keenya wantoonni hunduu harka Rabbii jiraachuu isaa gaafa baru... baay'ee tokko tasgabbaaya...!
โœ๏ธ Nabiyyoota armaan gadii keessaa kan haati manaa isaa ๐Ÿ‘‰Waalihaa hedhamtu eennu__?
Anonymous Quiz
33%
A) Nabiyyallaahi Nuuh (Aleyhissalaam)
40%
B) Nabiyyallaahi Luux (Aleyhissalaam)
27%
C) Idriis (Aleyhissalaam)
#Hiriyyootaaf....

โœWaldhibdeen namoota Wal jaalatan gidduttis yeroma hunda argamti.... garuu hariiroon yeroo kamuu garaagarumma guddaa qaba.
Nama carraa gadda keetiitti fayyadamee si gatuu barbaaduu fi nama yeroo wal dhabdanis, gadda kankee qoodatu gidduu garaagarumma guddatu jira...!
๐Ÿ‘‰ Jaalallee barbadaa wal dhibdee keessatti si gatee halkan hirriba nagahaa rafaa buluu fi Isa guyyaa walitti mufattanii.... halkan dhufee kan guyyaa si dagachiisu gidduu garaagarumma guddatu jira...

โœ Habiibii koo ... wal dhibdeen yeroo hunda hammeenya hin qabu...Inumaa takka takka sadarkaa nuti namoota nu jaalatan biratti qabnu, nutti muldhisuuf argamti.
Kuni irra bareeda waan Wal dhaba keessatti argamuudha..!
โœ Osoo hanga feetes dogongortee, nama sana biratti xiqqachuu dhabuu kee caala wanti namatti tolaa inuma hin jirre....
Osoo ati dogongortee keessa hiriyyaa keetiis cabsitee... nama keessa kee sin cabsine qabaachuun kee si gammachiisuu qaba...!
โœ Habiibii koo... Hiriyyoota hunda gidduu jibrii takkatu jira... jaalalleewwan dhugaa hogguu wal dhaban hundaa, jibriin suni wal keessa seenuun kan duraa caala jajjabaachaa deemti...!
Garuu faallaa kanaa... Hiriyyoota hogguu walitti bu'an hundaa jibrii kana ciraa deemantu jira..., ergasii deebisanii walitti hidhu.. akka Wal dhabbii sana booda wal dhabbiin biraa hin argamneef.... jibrii sana guduunfuun gara haadaatti geeddaru.

Join๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Madaala_siif_kaasti

โœ Rasuulli Rabbii (Sallallaahu aleyhi wasallam) akkana jedhan:
Irra jalaatamaan jechaa Rabbiin biratti waa afur, afran keessaa kan barbaaddeenis yoo eegalte rakkoo hin qabu. isaanis:
Subhaanallaah
๐ŸŒป ุณูุจู’ุญูŽุงู†ูŽ ุงู„ู„ู‡
Walhamdulillaah
๐ŸŒป ูˆุงู„ุญู…ุฏ ู„ู„ู‡
WA laa ilaaha Illallaahu
๐ŸŒป ูˆู„ุง ุฅู„ู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู„ู‡
Wallaahu Akbaru...
๐ŸŒป ูˆุงู„ู„ู‡ ุฃูƒู€ู€ุจุฑ

Muslimtu gabaase....
๐Ÿ“’ ุฑูˆุงู‡ ู…ุณู„ู…

Join ๐Ÿ‘‡Share
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Badhaasa_guddaadha...!

ู‚ุงู„ ุงู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰ :
‏[ุฅู†ุง ุฃู†ุฒู„ู†ุงู‡ ู‚ุฑุขู†ู‹ุง ุนุฑุจูŠู‹ุง]
โœ Irra filatamaan Kitaabaa kan Rabbiin biraa buufame:

๐Ÿ‘‰ Afaan keessaa Irra filatamaa afaaniitiin,
๐Ÿ‘‰ Ilma namaa keessaa, ergamtoota filatamtoota Rabbii irratti...
๐Ÿ‘‰ karaa Malaa'ikootaa keessaa Irra ulfaataa fi irra kabajamaa malaa'ikaatiin marfamuudhaan...
๐Ÿ‘‰ Dachee keessaahis irra filatamtuu dachee keessatti kan buufame.....
๐Ÿ‘‰ Yeroo inni buufames... baatiiwwan hunda keessaa mataa baatii kan taate... baatii Ramadaanaa keessa.....
๐Ÿ“– Qur'aanaa bar... kallattii hundaan Rabbiin akkanatti isa faayee nutti geesse....

โœ๏ธ@Ibnu_kasiir๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
Sahaabaan Furtuu ka'abaadhaa๐Ÿ•‹ Rasuulli itti kennan/harka isaa galtu eennu____?
Anonymous Quiz
46%
A) Bilaal binu Rabaah
25%
B) Usmaan binu Affaan
30%
C) Usmaan binu Xalhaa
#Ruqayyaa Albakrii jedhamti (hijraa irraa Waggaa 1415 duute).

โœ Ruqayyaan haadha qur'aanaati... torbaan torbaaniin hifziidhaan/qomaan kattamti.
Ollaan ishee tokko akka jedheti:
"Ramadaana keessa nyaata xiqqeessuun; zikrii fi qur'aana heddummeessuudhaan beekkamti..."
โœ Ruqayyaan Ramadaana keessa qur'aana guyyaa lama lamaan kattamti..
Yeroo Umriin ishee gara xumuraa achi kalaahetti akkana jedha:
โœ Gaafa Ramadaanni 29 gahetti, guyyaa tokko mana ishee seenee ture. yeroo sanatti isheen ganna 87 seentee jirti. boohaa akkana naan jette:
โ€œ Rabbiin katmii koo yoo na tolche malee... Ramadaana baranaa yeroo 4 ol kattamuu hin dandeenye.. ๐Ÿ˜ข Asiin dura guyyaa lama lamaan kattama ture... "

Ammas akkana jette:
" Ani qur'aana qomatti kan haffaze obboleettii too #Mazinaa ishee jedhamtu irratti ture. Mazinaan akkuma heerumteen balbala ishee dubartoota barsiisuudhaaf bantee turte. Akka isheen dubartoota hunda caala lowhii lamaa fi Sanaa ol na haffaziiftuuf jecha Ani meeshaa manaa dhiqaafii; mana ishee sirreessaaf ture.. Rabbiin Rahmata isheef haa godhuu... xumurarratti ishemarratti kattame... "

Share ๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
Fe'achutti_jira....โ˜บ๏ธ

โœ Yaa gabroottan Rabbii... Baatiin Ramadaanaa walakkaa bira dabree amma gara dhumaatti deemaa jira.
๐Ÿ‘‰ Meeqa keenyatu baatii kana keessa uf madaalee jira laata__!?
๐Ÿ‘‰ Meeqa keenyatu osoo balballi Jannataa jalaa hin cufamne achi keessatti mana inaarachuudhaaf muratee jira!?
deebiin numa bira jira...!

๐Ÿ‘‰ Baatiin Ramadaanaa galuuf deemaa jira waan ta'eef... ibaadaa irratti haa jajjabaannuu...
โœ Baatii hundaa osoo itti hin fayyadamin yoo si jala dabre, baatii biraatiin bakka buufachuu ni dandeessa... garuu baatii Ramadaana bakka siif bu'u yoomillee argachuu hin dandeessu...!

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Dalagaaleen Rasuulli Sallallaahu aleyhi wasallam kurnyan boodaa Keessa irratti bobba'an maal fa'a___?

# Ibnu_Rajab kitaaba isaa kan laxaa'if/ู„ุทุงุฆู ุงู„ู…ุนุงุฑู jedhamu keessatti cuunfee lafa kaahee jira. isaanis:
1) Halkan jiraachisuu
Salaata; qur'aana qara'uu; zikrii heddummeessuu fi dalagaale biroo kkf...
2) Maatii isaa salaataaf dammaqsuu.
Yeroo biraas usuma kaasanuu... garuu kurnyan boodaa tana keessa akka malee itti xiyyeeffatu.
3) Marxoo ufii jabeeffata... kana jechuun dubartoota irraa fagaata.
4) Qaama dhiqachuudhaan qulqullinna isaa eeggata.
Halkan leeylatulqadriin keessa kajeelamtu sana dhiqatanii; urgeeffatanii babbareeduun jaalatamaadha..
5) Kurnyan boodaa Keessa masjidatti I'itikaafa galan...
6) Halkan leeylatulqadrii barbaadu... halkan sana Rabbiin akka isaan milkeessuuf carraaqu...

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Aduu hardha galgala gadi seentu tanaan, kurnyan boodaa Keessaa halkan qaraadha/witrii tan leeylatulqadriin keessa kajeelamtu eegalti.
โœ Maaltu beeka halkan edaa tunis, halkan nuti eegnu sana tahuus dandeessi... Yeroo isiitti fayyadamaa; yeroo keessan salaata; qur'aanaa fi du'aa'ii dagachuudhaan uf jalaa hin balleessinaa...
โœ Gaazaa fi walloodhaan eegaluun obboleewwan keenna kan muslimaa; kan dirree hundatti dhiigni isaanii akka lolaatti dhangala'aa jirus hin dagatinaa...!
Warra islaamummaadhaaf wardiyyaa dhaabbatanii, dhiigaan islaamummaa isaanii tikfataa juraniifis kadhadhaa..!

Anas Obboleessa keessan miskiina kana... akka Rabbiin haajaa isaa laaffisuuf jidduudhaan na yaaddhaa...
Isiniifs Rabbiin waan jaalatu isiniif haa kennu...
โœ๏ธIbro...

๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Yaa_Rahmaan....

โœ Rabbiin halkan edanaa tana keessa... warra qooda gaarii qoodeef sana keessa isin haa oolchu...!๐Ÿคฒ
Balbala keeyrii qabdu hundaa tan gabroottan isaa keessaa, nama tokkoof bane wahii isiniifis haa banu..๐Ÿคฒ
warra gammachuu fi milkiin baranaa murtoofteef keessa isin haa oolchu... ๐Ÿคฒ
Halkan tuni halkan leeylatulqadrii yoo taate.. Rabbiin maqaa keessan galmee warra ibiddarraa bitamanii keessa isin haa oolchu... ๐Ÿคฒ
Abjuu keessan kan yeroo dheeraadhaaf isin wajjiin guddate sana... daddafatti isiniif haa milkeessu....๐Ÿคฒ

Allaahumma Salli... ๐Ÿ‘‡
@tafak_or
ุจู‘ูุณู’ู…ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูŽู†ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…ู

Hiikkaa #Suuratul_Qadrii...

ุฅูู†ู‘ูŽุง ุฃูŽู†ุฒูŽู„ู’ู†ูŽุงู‡ู ูููŠ ู„ูŽูŠู’ู„ูŽุฉู ุงู„ู’ู‚ูŽุฏู’ุฑู
1) Nuti buufnee jirra qur'aana kana, halkan leeylatulqadrii keessa
.

โœ Halkan tuni maaliif leeylatulqadri/ู„ูŠู„ุฉ ุงู„ู‚ุฏุฑ jedhamte___?
Mooggasa kana keessa ulmaa'iin sababni adda addaa akka jiru nuuf himanii jiru. innis:
#1ffaa: leeylatulqadri jechuun halkan guddinnaa jechuudha...
qadriin sadarkaa ykn guddinna.
kanaafuu Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedha:
ูˆู…ุง ู‚ุฏุฑูˆุง ุงู„ู„ู‡ ุญู‚ ู‚ุฏุฑู‡...
"Rabbiin guddinna isaan malu guddisuu hin dandeenye..."
#2ffaa: Dhiphinna jechuudha...
Heddumminna Malaa'ikoota halkan sana keessa gara dachee gadi duudan irraa kan ka'e dacheen ni dhiphatti jechuudha.
๐Ÿ‘‰ Halkan isa keessa dacheen gabroottan isaatiin dhiphattu.
Ragaan kanaa qur'aana irraa๐Ÿ‘‡
ูˆู…ู† ู‚ุฏุฑ ุนู„ูŠู‡ ุฑุฒู‚ู‡...
"Nama Rizqiin isaa itti dhiphatte...."
#3ffaa: Qadrii jechuun murtii jechuudha..
halkan isa keessa murteen dabartuudha...
#4ffaa: Namni hiree hin qabne guyyaa sana keessa abbaa hiree ykn carraa taha.
#5ffaa: Halkan isa keessa qur'aanni kabajaa qabu buufame; Rahmanni kabajaa qabduu fi Malaa'ikoonni kabajaa qaban bu'an jechuudha...
#6ffaa: Halkan barakaa jechuus ni taha...
ุฅู†ุง ุฃู†ุฒู„ู†ุงู‡ ููŠ ู„ูŠู„ุฉ ู…ุจุงุฑูƒุฉ .....

#itti_fufa....
Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ๏ธ Uumamamtoota armaan gadii keessaa kan dursee Ka'abaa๐Ÿ•‹ xawaafe eennu___?
Anonymous Poll
17%
A) Ilma namaa
7%
B) Jinnii
85%
C) Malaa'ikoota
โœ Waan kadhattan argattan Rabbiin isiniin haa jedhu.
Gaafiin keessan kan yeroo dheeraa deebii haa argatu..๐Ÿคฒ
โœ Rabbiin halkan leeylatulqadri tana maaf ifa godhuu didee nu jalaa dhokse____?

โœ Beekkumsa leeylatulqadri tana nama hundarraa wanti Rabbiin dhokseef... Rahmata isaaniif yaadeeti.
๐Ÿ‘‰ Sababa halkan hunda keessa ishee barbaaduutiin... dalagaan keeyriidhaa-Salaata, zikrii fi du'aa'iin-nuuf heddummaattuuf.
gaafa akkanatti ibaada irratti jabaanne... ajrii fi dhiheenya Rabbii keenyaatis dabalataa deemna.
โœ Ammas Rabbiin ilma namaatiin qormaatuuf dhokse jedhan.
nama meeqatu halkan tanaaf bakka kennee... dhugamaan irratti xiyyeeffatee barbaadaa fi nama meeqatu irraa ceem'a ykn goggogaa Rabbiin adda baasuuf.
๐Ÿ‘‰ Namni waan tokkoof xiyyeeffannoo gaafa kenne... barbaaduufis tattaaffii godhร .. waan barbaaduu fi bakka barbaadu sana gahee milkaa'inna gonfachuufis, karaan deemu sunis itti salphataa dhufa.

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Yeroo dhihootti sagantaa addaa wahii qabannee dhufuuf....

Sagantaa kana irraa hanga anaan baatutti... eennullee irraa duroomuu hin danda'u...
2024/09/30 17:20:08
Back to Top
HTML Embed Code: