Telegram Web Link
Gammachuudhaaf ulaagaaleen armaan gadii guutamuu qabu. isaanis:

1) Salaata kankee sirritti jabeeffachuu qabda...!
2) Ufiifis tahee, namoota biraatiifis seequun barbaachisaadha...!
3) Dalagaa kamuu yoo dalagdu Ikhlaasa qabaachuu qabda... Rabbiif jecha tahuudha...!
4) Yeroo hujitti bobbaatu... itti gaafatamummmaa kankee sirritti bahachuu qabda...!
5) Ufittis nama biraattis sehaa toluu qabda... ykn ilaalcha gaarii qabaachuufii qabda..
6) Namoota sitti dogoggoraniif dhiifama gochuu qabda...!
7) Yeroo namaaf dhiifama gootu, keessa keetirraa tahuu qaba. inumaa caalchistee galata ooluufii qabda...
ادفع بالتي هي أحسن...
8) Waan jaalatturraa kennadhu... uumaa fi uumamamtoot/ilma namaa birattis ni jaalatamtaa...
9) Dogoggora kee kaafadhuu.. hamma dandeetteen sirreeffachuu yaali...!
10) Ergaa yoo namaaf dabarsitu.. namatti laaffisuu qabda...!
11) Hin boonin... nama si caalu heddutu jira... kan hunda namaa caalu immoo kaaliqni si gubbaa jiraa...!
12) Haadhaa fi Abbaa keetitti tola ooluu qabda...!
13) Yoo jaalatte kan dhugaa nama jaaladhu... jaalala duniyaatii fi gaaddisa aakiraas akka argachuu dandeessu...!
14) Arraba kankee tikfadhu... cooraa fi qoosaa heddummeessuu irraa uf qusadhu...!
15) Qabeenya halaalaa horadhu.. uffata keessaa isa giddugaleessaa fi irra qulqulluu tahe filadhu...!
16) Jibbaa namaa irraa keessa kee qulqulleeffadhu...!
17) Gurra kee ykn irdii kee sadaqadhu... akka siif araaramu yoo barbaadde atis namaaf irra tari....!
18) Rabbiin irratti dhugamaan irkadhu... garuu hin fafakkeeffatin...!
19) Yoo namaan wal falamtu, beekkumsarratti hundaahi... beekkumsaan maletti gufuun namatti hin tahin...!
20) Wal dhibdeen akka jiru keessa kankee amansiis... garuu namaan Wal dhabuuf hayyamamaa hin tahin...!
✍️Ibro

Join& share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Qur'aana...

Hardha waa'ee qur'aana Rabbii isiniif barreessa....


irraa fayyadamaa, waliifis share godhaa....
Tokko akkana jedhe:

" Osoo qur'aanni jiraachuu baatee... silaa jiraachuu kootuu hin hawwu ture..."
@tafak_or
Obboleewwan koo... mi'aa qur'aanaa dhandhamtan jechuun... addunyaa tanarratti waan isa caala mi'aawu akka hin dhandhamne beekaa....!
.... 👇
@tafak_or
📖Qur'aana....

✍️ Qalbiin qur'aana hin qabne, mana ona waa takka uf keessaa hin qabneedha...!
Jireenyi duniyaa tuni qur'aanaan maletti ቅፉፊdha. gaafa Qur'aana qaraate qofa jireenya yaaddessaa san keessaa baata...!

Join&share👇
@tafak_or
Nuti ummata du'aa'ii malee waa takka harkaa hin qabneedha... Rabbii koo..! hoongoo keessaa nun galchin....
#Kasaartota...

Qur'aana keessatti garaagarumman jechoota kanneen lamaanii maali___?
#Kaasiruun/خاسرون fi #Aksaruun/الأخسرون.....Lamaanuu Kasaartota jechuudha.

Deebii👇
#Kaasiruun/خاسرون jechuun: Warra mataa isaanii qofa karaa dhugaa irra deemuu dide ykn irraa uf dhoorke...
Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedhe:
أُولئِكَ الَّذينَ طَبَعَ اللَّهُ عَلى قُلوبِهِم وَسَمعِهِم وَأَبصارِهِم وَأُولئِكَ هُمُ الغافِلونَ لا جَرَمَ أَنَّهُم فِي الآخِرَةِ هُمُ الخاسِرونَ﴾*
[النحل: ١٠٨/١٠٩
#Aksaruun/الأخسرون jechuun immoo: Warra ufiifis dhugaa irraa maqanii, namoota birootis dhugaa irraa maqsaniidha.
Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedhe:
الَّذينَ يَصُدّونَ عَن سَبيلِ اللَّهِ وَيَبغونَها عِوَجًا وَهُم بِالآخِرَةِ هُم كافِرونَ لا جَرَمَ أَنَّهُم فِي الآخِرَةِ هُمُ الأَخسَرونَ﴾* [هود: ١٩/٢٢]

Rabbitu beeka... 👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Du'aa'ii qur'aana keessaa tartiibaan..... dubbisaa....
1ffaa
- ﺭﺑﻨﺎ ﺗﻘﺒﻞ ﻣﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﺃﻧﺖ ﺍﻟﺴﻤﻴﻊ ﺍﻟﻌﻠﻴﻢ، ﻭﺗﺐ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﺃﻧﺖ ﺍﻟﺘﻮﺍﺏ ﺍﻟﺮﺣﻴﻢ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺁﺗﻨﺎ ﻓﻲ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﺣﺴﻨﺔ ﻭﻓﻲ ﺍﻵﺧﺮﺓ ﺣﺴﻨﺔ ﻭﻗﻨﺎ ﻋﺬﺍﺏ ﺍﻟﻨﺎﺭ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺃﻓﺮﻍ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺻﺒﺮﺍ ﻭﺛﺒﺖ ﺃﻗﺪﺍﻣﻨﺎ ﻭﺍﻧﺼﺮﻧﺎ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻻ ﺗﺆﺍﺧﺬﻧﺎ ﺇﻥ ﻧﺴﻴﻨﺎ ﺃﻭ ﺃﺧﻄﺎﻧﺎ، ﺭﺑﻨﺎ ﻭﻻ ﺗﺤﻤﻞ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺇﺻﺮﺍ ﻛﻤﺎ ﺣﻤﻠﺘﻪ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﺬﻳﻦ ﻣﻦ ﻗﺒﻠﻨﺎ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻭﻻ ﺗﺤﻤﻠﻨﺎ ﻣﺎ ﻻ ﻃﺎﻗﺔ ﻟﻨﺎ ﺑﻪ ﻭﺍﻋﻒ ﻋﻨﺎ ﻭﺍﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺍﺭﺣﻤﻨﺎ ﺃﻧﺖ ﻣﻮﻻﻧﺎ ﻓﺎﻧﺼﺮﻧﺎ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻻ ﺗﺰﻍ ﻗﻠﻮﺑﻨﺎ ﺑﻌﺪ ﺇﺫ ﻫﺪﻳﺘﻨﺎ ﻭﻫﺐ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﺭﺣﻤﺔ ﺇﻧﻚ ﺃﻧﺖ ﺍﻟﻮﻫﺎﺏ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﺟﺎﻣﻊ ﺍﻟﻨﺎﺱ ﻟﻴﻮﻡ ﻻ ﺭﻳﺐ ﻓﻴﻪ ﺇﻥ ﺍﻟﻠﻪ ﻻ ﻳﺨﻠﻒ ﺍﻟﻤﻴﻌﺎﺩ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻨﺎ ﺁﻣﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﺫﻧﻮﺑﻨﺎ ﻭﻗﻨﺎ ﻋﺬﺍﺏ ﺍﻟﻨﺎﺭ.
- ﺭﺏ ﻫﺐ ﻟﻲ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﺫﺭﻳﺔ ﻃﻴﺒﺔ ﺇﻧﻚ ﺳﻤﻴﻊ ﺍﻟﺪﻋﺎﺀ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺁﻣﻨﺎ ﺑﻤﺎ ﺃﻧﺰﻟﺖ ﻭﺍﺗﺒﻌﻨﺎ ﺍﻟﺮﺳﻮﻝ ﻓﺎﻛﺘﺒﻨﺎ ﻣﻊ ﺍﻟﺸﺎﻫﺪﻳﻦ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﺫﻧﻮﺑﻨﺎ ﻭﺇﺳﺮﺍﻓﻨﺎ ﻓﻲ ﺃﻣﺮﻧﺎ ﻭﺛﺒﺖ ﺃﻗﺪﺍﻣﻨﺎ ﻭﺍﻧﺼﺮﻧﺎ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ

2ffaa👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Du'aa'ii qur'aana keessaa tartiibaan.
#2ffaa
- ﺭﺑﻨﺎ ﻣﺎ ﺧﻠﻘﺖ ﻫﺬﺍ ﺑﺎﻃﻼ ﺳﺒﺤﺎﻧﻚ ﻓﻘﻨﺎ ﻋﺬﺍﺏ ﺍﻟﻨﺎﺭ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻚ ﻣﻦ ﺗﺪﺧﻞ ﺍﻟﻨﺎﺭ ﻓﻘﺪ ﺃﺧﺰﻳﺘﻪ ﻭﻣﺎ ﻟﻠﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻣﻦ ﺃﻧﺼﺎﺭ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺇﻧﻨﺎ ﺳﻤﻌﻨﺎ ﻣﻨﺎﺩﻳﺎ ﻳﻨﺎﺩﻱ ﻟﻺﻳﻤﺎﻥ ﺃﻥ ﺍﻣﻨﻮﺍ ﺑﺮﺑﻜﻢ ﻓﺂﻣﻨﺎ، ﺭﺑﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﺫﻧﻮﺑﻨﺎ ﻭﻛﻔﺮ ﻋﻨﺎ ﺳﻴﺌﺎﺗﻨﺎ ﻭﺗﻮﻓﻨﺎ ﻣﻊ ﺍﻷﺑﺮﺍﺭ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻭﺍﺗﻨﺎ ﻣﺎ ﻭﻋﺪﺗﻨﺎ ﻋﻠﻰ ﺭﺳﻠﻚ ﻭﻻ ﺗﺨﺰﻧﺎ ﻳﻮﻡ ﺍﻟﻘﻴﺎﻣﺔ ﺇﻧﻚ ﻻ ﺗﺨﻠﻒ ﺍﻟﻤﻴﻌﺎﺩ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﺃﺧﺮﺟﻨﺎ ﻣﻦ ﻫﺬﻩ ﺍﻟﻘﺮﻳﺔ ﺍﻟﻈﺎﻟﻢ ﺃﻫﻠﻬﺎ ﻭﺍﺟﻌﻞ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﻭﻟﻴﺎ ﻭﺍﺟﻌﻞ ﻟﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﺪﻧﻚ ﻧﺼﻴﺮﺍ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻇﻠﻤﻨﺎ ﺃﻧﻔﺴﻨﺎ ﻭﺍﻥ ﻟﻢ ﺗﻐﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺗﺮﺣﻤﻨﺎ ﻟﻨﻜﻮﻧﻦ ﻣﻦ ﺍﻟﺨﺎﺳﺮﻳﻦ

- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻓﺘﺢ ﺑﻴﻨﻨﺎ ﻭﺑﻴﻦ ﻗﻮﻣﻨﺎ ﺑﺎﻟﺤﻖ ﻭﺃﻧﺖ ﺧﻴﺮ ﺍﻟﻔﺎﺗﺤﻴﻦ.
- ﺭﺑﻨﺎ ﺍﻓﺮﻍ ﻋﻠﻴﻨﺎ ﺻﺒﺮﺍ ﻭﺗﻮﻓﻨﺎ ﻣﺴﻠﻤﻴﻦ، ﺃﻧﺖ ﻭﻟﻴﻨﺎ ﻓﺎﻏﻔﺮ ﻟﻨﺎ ﻭﺍﺭﺣﻤﻨﺎ ﻭﺃﻧﺖ ﺧﻴﺮ ﺍﻟﻐﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺑﻨﺎ ﻻ ﺗﺠﻌﻠﻨﺎ ﻓﺘﻨﺔ ﻟﻠﻘﻮﻡ ﺍﻟﻈﺎﻟﻤﻴﻦ ﻭﻧﺠﻨﺎ ﺑﺮﺣﻤﺘﻚ ﻣﻦ ﺍﻟﻘﻮﻡ ﺍﻟﻜﺎﻓﺮﻳﻦ.

- ﺭﺏ ﺇﻧﻲ ﺃﻋﻮﺫ ﺑﻚ ﺃﻥ ﺃﺳﺎﻟﻚ ﻣﺎ ﻟﻴﺲ ﻟﻲ ﺑﻪ ﻋﻠﻢ ﻭﺇﻻ ﺗﻐﻔﺮ ﻟﻲ ﻭﺗﺮﺣﻤﻨﻲ ﺃﻛﻦ ﻣﻦ ﺍﻟﺨﺎﺳﺮﻳﻦ.
Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Seequun_sadaqaadha...!

Osoo harka nama fuudhuuf harka kee hin diriirsineen duratti🤝 séequu tantee qopheeffadhu.... 😁
Naga gaafiin séequu uf keessaa hin qabne, ufittis nama hin kaleessu; qalbiin nama hin harkisu; gammachuus namaaf hin kennu...!
👌Tuni nyaata sooqidda/ashaboo hin qabne fakkaatti
..
Join&share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Cuunfaa waa'ee Salaata Taraawihaa fi Tahajjudaa...!

1) Dhaabbanni halkanii hirriba dura ykn hirriba booda salaata salaatamuudha...!,
Tahajjudni immoo salaata halkan hirriba booda salaatamuudha...!
2) Dhaabbanni halkanii/Salaanni leylii Sunnaa jajjabduudha... Ragaan isaa qur'aana fi hadiisaanis kan sabateedha...!
والذين يبيتون لربهم سجدا وقياما...
3) Salaanni halkanii salaata waajibatti aanee, irra caaltuu salaataati jedhama...!
4) Wantoota Jannata nama seensisanii fi sadarkaa ilma namaa Jannata keessatti ol. kaasan keessaa inni tokko dhaabbata halkaniiti...!
5) Dhaabbanni halkanii wantoota adabbii azaabaa jalaa nama baasan keessaa isa tokkoodha...!
6) Salaanni halkanii karaa warroota nu dura dabraniidha..!, mallattoo warra Rabbiin sodaataniidha..!, mana barnootaa warra karaa isaa seeneeti...!
7) Dhaabbanni halkanii... firaasha bareedaa dhiistee halkan dhaabbachuun... mallattoo Rabbiin si jaalatuu fi Rabbiin biratti sadarkaa qabaachuu kee muldhisa....!
8) Dhaabbanni halkanii ulfinna mu'imintooti...guddinna sadarkaa namni suni qabuus muldhisa...!
9) Salaata halkanii keessatti qur'aana qara'uun, boojuu guddaa nama uf dagate malee, namni biraa hin daganneedha...!
10) Qur'aanaan halkan dhaabbachuun, qananii guddaa namoonni hedduun irratti wal dorgumuu qabaniidha...!

#11ffaa👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Guyyaa_kophaa_haftu_san....!
🚶‍♂Hunduu kophaa isaa fuula Rabbii dhaabbata...!😢
﴿وَكُلُّهُمْ آتِيهِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ فَرْدًا﴾
👇
Akkasitti kophaa kee...:
Qabeenyi ati dhakaa mukatti buutee walitti qabaa turtes guyyaa sana hin jiru..
Aangoon Bareedni ati ittiin boonaa turte sunis si faana hin dhufu...!
Maatiin guddaan ati ittiin uf dhaadaa turte ykn warra akkanaa irraa dhaladhe jettee himataa turte sunis si duuka hin dhufu...!
Mootichi Suleiman Alqaanuuni jedhamu tokko guyyaa du'aaf deemu, namoota moggaa isaatiin akkana jedhe:
" Gaafa ani du'e harkaa koo lamaan saaxinii keessaa duubatti baasaa... mootummaan biyyattiituu harka qullaa gubbaa kanarraa godaanee hawaasni hundi haa baruu..."!
Duniyaa dalagachuun rakkoo qabaa osoo hin taane... dubbiin galaa Aakiraa teessaniif taatu hin dagatinaa jechuudha..!
Mana ufii akka barbaadaniitti bareechifachuun rakkoo hin qabu... garuu mana isaanii kan boru keessa galan akka hin daganneedha...!

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Guyyoota hunda keessaa guyyaan Rabbiin jalqaba uume guyyaa kam___?
Anonymous Quiz
66%
A) Wixata
15%
B) Sanbata
20%
D) Dilbata
#Ramadaan__Suutuma...!

Suutuma deemi yaa Ramadaan... yoom qalbiin teenna jiitee...! yoom Ruuhiin teenna dheebuu si baatee! nurraa fiigaa jirta...
Kaleessa anaa dhufu Ramadaana jechaa turre... hardha immoo suuta Yaa Ramadaan jechaa jirra... 😢
Maaltu akkana si ariifachiise garuu...!... hawwiidhaan si eegaa turre... fiigiichaan nurraa deemaa jirta...!
Rabbiin guyyoota lakkaawamoodha jedhee waa'ee kee nu barsiise qulqullaawee ol tahe...!
أياما معدودات......!

Ramadaanatti tola oolaa....!
Ramadaanni bar keessummaa, gaaddisni isaa namatti hin ulfaanneedh...arjummaa isaa irraa namuun duroomne... keessummaa baay'ee nama wajjiin hin turre...

Yaa Rabbi ka dabre nurraa qeebali, kan hafe irratti nu qarqaari... ibiddarraahis nu baraari yaa Allaah....
👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Salaata_Duhaa_beektuu__?

1) Rasuula keenyatu (Sallallaahu aleyhi wasallam) nuu dhaame..!
2) Salaata warra towbaa guddisuuti....
3) Ajriin isaa Sadaqaa 360tti namaaf qixxoofti...
4) Baay'inni salaataa...
Raka'aa lamarraa eegala... lamaa qofa salaatuus dandeessa... lamaa olis hanga barbaadde salaatuu dandeessa...!
5) Yeroon isaa..Erga aduun baatee booda, yoo xiqqaate daqiiqaa 15 booda eegaltee.. Hanga Salaata zuhrii dura daqiiqaa 10tti, yeroo barbaadde salaatuu dandeessa....!!

Amma dhageessee dhiistaa ree____?
فهل تتركها__؟

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Namtichatu haadha warraa isaa dhaane. Si himadha jettee boohaa biraa baate...
👳‍♂ Abbaa manaa: Yoo karaa mana kanaa ittiin gadi baatu argatte kaa.. kan na himattu..
🧕 Haadha warraa: Waan na dhoorkitee dandeettu sitti fakkaataa...!!
🧕 Abbaa manaa dinqisiifate akkana jedheen: Mee waan feete godhi homa ati fiddu laallaa...!
🧕 Haati manaa booda itti dhiistee gara mana fincaanii deemte.. isheen mana fincaanii seennaan, way fooddaadhaan na jalaa baatii laata jedhee...fiigee duubarraan dhaabbattee eege.
Fooddaanis ka baatu dhabnaan... keessatti ol deebi'ee balbalarra dhaabbattee eege...

Xiqqoo yoo jedhu kan bishaan Wuduu'aa qaama ishee jiise achii gadi baatu arge...
🧕 Haadha manaa:
Isa harka kee keessatti na galchetti si himadha... balballi keetis, fooddaa fi bilbilli ati na weerartes isarraa na dhoorkuu hin danda'u...
Balballi isaa yeroo hundaa banaadha.... jetteen....😢

👇
#itti_fufa.... (Taraawiha booda)
https://www.tg-me.com/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Namtichatu haadha warraa isaa dhaane. Si himadha jettee boohaa biraa baate... 👳‍♂ Abbaa manaa: Yoo karaa mana kanaa ittiin gadi baatu argatte kaa.. kan na himattu.. 🧕 Haadha warraa: Waan na dhoorkitee dandeettu sitti fakkaataa...!! 🧕 Abbaa manaa dinqisiifate…
@Seenaadha...

#2ffaa....
👳 Abbaan manaas ishee dhiisee, gara teessuma isaatti deebi'uun, afaaniin caldhisee, taa'ee yaaduu eegale...
🧕 isheenis salaatatti seente... sujuuda ishee garmalee dheeressite... yoo isiin salaata geessitee.. harka ishee lamaan gara Rabbiitti ol kaastu... 🤲,
👳 Abbaan manaa ishee lafaa utaalee, harka ishee erga qabee booda akkana jedheen:
" Ka sujuuda keessatti natti kadhatte siif xiqqaatee... ammas natti kadhachuuf moo.. mee sanumatti geeffadhu....
Yeroodhaaf aarii tasaati... yaadee osoon taane tasa na mudate.... jedheen.
🧕 Haati manaas akkana jetteen:
" Kanaafii bar anuu hanga ammaa hunda du'aa'ii siif godhaa jiru kan xumuruu dadhabeef.... "
Ani bar kan kadhataa ture sheeyxaana walitti nu buusetti malee...
Ani gowwaadhaa kan Abbaa manaa koo; gammachuu jireenya kootii irratti du'aa'ii kadhadhuuf....!!
👳‍♂ Abbaan manaas imimmaan dhangalaasaa... harka ishee lamaan dhungatee akkana jedheen:
" Hardha booda si dhaanuu mitii, akka sin aarsine waadaa siif gala...! "
Seenaa kanarraa akka barnoota argattan Abdii qaba... obboleetti too, abbaan manaa kankee ati gabrittii taanaaniif innis gabra dhugaa siif taha...!
Dubartiin amaanaadha ...

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/30 15:23:10
Back to Top
HTML Embed Code: