Telegram Web Link
Namni si wajjiin jiraachuu haqa godhatu...;

โœ Nama kabaja siif qabu; nama bakka guddaa siif qabu; nama jaalala dhugaa siif qoodu.
โœ Nama akka ati addunyaa kana bifa addaatiin laaltu si godhuudha....
โœ Nama yeroo ati gammaddu, sima wajjiin isas gammachuun qalbii guuttu... yoo ati gaddaan miidhamtu... gaddi akka galaanaatti Isa liqimsu.
โœ Nama inni si wajjiin jiraachuun ilma namaa hundarraa si duroomsu; nama osoo isa qofa argadhee, addunyaa tanarraa nama biraa hin barbaadu si jechisiisu...
โœ jireenyi inni si wajjiin jiraatu, Akka Roobni dachee jiisutti qalbii tee tan goggogde jiisu...
โœ Nama yeroo boqonnaa isaa sitti dhufu osoo hin taane... nama sitti dhufuudhaan boqonnaa argatu; nama si argachuun isa boqonnaa isaaf tahu.
โœ Nama yeroo barbaaddetti; bakka barbaaddetti; Akka barbaaddetti argachuu dandeessu.
โœ Nama yeroo ati fagaatte si barbaadu; nama yeroo ati miidhamte si gaafatu... nama yeroo kamuu si dagachuu hin dandeenye...
โœ Nama tokkos akka hin komanne... ____itti fufa...
Rabbiin siif haa hiru... yoo qabaatte sirra haa tursiisu
@Ibro

https://www.tg-me.com/tafak_or
๐Ÿ“–Qur'aana (3โƒฃ)

โœ Guyyaan qaamni keenya nurratti ragaa bahu suni dhufuuf deema...!
{ ุจูŽู„ู ุงู„ู’ุฅูู†ู’ุณูŽุงู†ู ุนูŽู„ูŽู‰ ู†ูŽูู’ุณูู‡ู ุจูŽุตููŠุฑูŽุฉูŒ }
{Ilmi namaa lubbuu isaa irratti ragaadha...}๐Ÿ‘‡
โœ Ilaa mee!, waan ati hin qabneen yoo kan si faarsan taate, faaruun warra si faarsuus homa takka sin fayyaduu beeki.
โœ Waan ati hin hojjanneen yoo kan si qeeqan taates, qeequun warra si qeeqaa oolanii homaa sirraa hin hirdhisuu, homaa sin miidhuu hin dhiphatin...
โœ Hanga feetes gaarii taatu, hanga feetes gaarummaan himamtu, addunyaa tana gubbatti nama si jibbu hin dhabduu beeki... Osoo kan namni hundi nama jaalatu taatee silaa Anbiyootaa fi Ergamtoota Rabbiittu jaalatama. jaraa namni hundi hin jaalannee..jaalala namaatti hin dhiphatin.
โœ Hanga feete jallataa fi mata jabeessa taatus, deeggartootaa fi namoota akka keetii kan si jaalatan hin dhabduu beektaa..! Bar fir'oonaan irra jallataan dachee tanaa, nama isa jaalatuu fi isa jala deemu qabaa!.
โœ Namni hundi ykn namni guutuun walii galee si faarsuunis si daga ykn akka uf dagaattu si godha. akkasumas namni hundi si qeequunis, akka boolla hin taane seentu si godha.
โœGaruu asiin faaruu kutataa, asiin qeeqa namaa itti unataa ykn akka ittootti ittiin tuqataa gidduu lamaan jiraachuun si jabeessa.

#Oolmaa_gaarii๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Ufitti_amanamummaa

โœ Goota tahuudhaaf.... Yeroo namni hundi sitti amanuu dadhabetti ati ufitti amanuudha.


@tafak_or
@Wal_kabajaa...!


โœ Nama kabajuun jaalala qofa hin ibsu; Wal kabajuun akkaataa guddinna keetii ibsa.
Nama tokko jaalattuu baattus kabaji.... kabajaan maalumma Kee ibsa waan ta'eef.

@tafak_or
#Dhageette....!

โœ Wanti yeroo hedduu keessa kootiif boqonnaa naaf kennu yoo jiraate.... Rabbiin yeroo hundaa niyyaa tiyya qulqulluu waan beekuuf.... warroota ilaalcha gadi aantummaa naaf qabaniif ani yoomuu bakka hin qabu.

@tafak_or
โœ Yaa Rabbi hanga ifaajee fi dadhabbii kootiitiin osoo hin taane, hamma arjummaa keetiitiin naaf kenni.
#Ufiin_dorgomi...!

โœYeroo hundumaa Wal dorgommii dhugaa jechuun, dorgommii ati waan dalagaa jirtuu fi waan dalaguu dandeettu giddutti gaggeessituudha....Kana jechuun ufuma ufiin madaalluu; nama biraatiin dorgomuu dhiistee mataa keetiin dorgomuu jechuudha.

@tafak_or
โœ Kiisha qullaa osoo hin taane, Sammuu duwwaa fi qalbii qullatu galma barbaannu gahuu nu dhoorke.
@Allaah....

๏ดฟูƒูู„ูŽู‘ ูŠูŽูˆู…ู ู‡ููˆูŽ ููŠ ุดูŽุฃู†ู๏ดพ

โœ Cinqamaa hedduu cinqaa baasa;
๐Ÿ‘‰ Nama hedduu badii isaaf Araarama;
๐Ÿ‘‰ Beelahaa hedduu nyaachisa;
๐Ÿ‘‰ Nama hujii dhabe bakka itti godhร ;
๐Ÿ‘‰ Nama malli harkaa bade hedduudhaaf mala baasa;
๐Ÿ‘‰ Dhibamaa hedduu fayyisa;
๐Ÿ‘‰ Nama hedduu mokkorame mokkortee keessaa baasa;
๐Ÿ‘‰ Nama hamileen dhahame hamilee itti hor...
‏ุณุจุญุงู†ู‡ ูˆุชุนุงู„ู‰.
guyyaa hundaa hujii irra oola...

@https://www.tg-me.com/tafak_or
#Rakkoon_qabu....

โœ Sodaan; gaddaa fi Rifannoonni; xiqqeenyi; kasaaraan; wantoonni hamilee namaa dhaamsaa hunduu addunyaa tanarratti namatti dhufti.
Animmoo as biratti waan wahii sitti himuu barbaada;

๐Ÿคฒ Rabbiin kankee eennuun caalatti sitti kaluu jira.
๐Ÿคฒ Rabbiin kankee guddaan Abbaa Rahmanni isaa baldhaati. ๐Ÿคฒ Wallaahi gaddaa fi naasuu tantee sana lafa hin balleessu; yaada kankee sana gatii hin dhabsiisu.
๐Ÿคฒ Imimmaan kankee sana ๐Ÿ˜ข biyyee hin obaasu...
๐Ÿคฒ Rabbiin kankee Abdii kankee bareedaa fi hamilee tantee jabduu sana dhaamsee, harka qullaatti sin hanbisu.
๐Ÿคฒ Rabbiin bakka miidhama keetii beeka waan taheef... dandeettii ufiitiin si qurca.
๐Ÿคฒ Osoo ati quba hin qabne dhimma kankee guutuu siif xumura.
๐Ÿคฒ Rabbiin qilleensaa fi yeroo olii gadi jijjiira... ergasii orderiin/tartiibni Rabbiin jireenya keetiiif siif kaahe kuni si dinqisiisee.... gammachuudhaan fudhatta.

https://www.tg-me.com/tafak_or
#Alhamdulillaah

โœ Osoo dhibeen takka hirribaa sin dammaqsin nagahaan rafta taanaan,
Akka fedha keetti olii gadi garagalta taanaan... ,
bakka barbaadde deemtee galta taanaan... ,
Akka barbaaddetti dubbattee, waan barbaadde filattee nyaatta taanaan.....ati qananii guddaa keessa jirtaa @Alhamdulillaah jechuu hin dagatin.

Share๐Ÿ‘‡
@tafak_or
#Abjuu...

โœ Waan qabdutti gammadii jiraadhu. Dabalii Abjuu horadhu... garuu waan hin qabne irratti sheenawuudhaan gammachuu amma harkaa qabdu uf jalaa hin balleessin.

๐Ÿ‘‰ Yaadattaa...!, wantoonni hedduun ati hardha harkaa qabdu kuni, yeroo wahii keessa abjuu kankee dheeraa turee...

@tafak_or
โœ Bakka ati dadhabdee fi bakka ati cabdetti; bakka galaanni yaadaa si liqimsett; bakka gaddaa fi gadadoo keessa ati jirtitutti Sheeyxaanni yaada badaa keessa Kee facaasuudhaaf sitti dhufa... akka ati ilaalcha Kee Rabbitti faallessituu fi haada du'aa'ii kan gidduu keetii fi Rabbii diriiree jiru sana kutuudhaaf yaalii godha.
Akka ati Rabbiin dagattee... ilma namaa dadhabaa irratti irkattuuf si waswaasa.....
โœ Jireenyi ati keessa jirtu hanga fedhe si jilbiiffachiisus, karaa irraa maquun Sheeyxaanaaf yoomuu hin jilbiiffatin... qabeenyaa fi jabeenyis kan Rabbiiti jedhi.... Rabbiin qalbii isarratti irkatte yoomuu lafatti hin gatu waan taateef....

Rabbiin qarummaa fi jabeenya qabu, fala isiniif haa dhahu.

@tafak_or
Sammuun ilma namaa kormaadha moo dhalaadha____๐Ÿ˜‚?
@Alhamdulillaah

โœ Osoo ati isaan hin miidhin; osoo ati haqa isaanii hin balleessin namni hamaa kee akka haasahu yoo dhageesse Rabbii kankee galateeffadhu.
Rabbii siin isaan shaagalee... isaaniin sin shaagalin yaadadhuu Alhamdulillaah jedhi.

@tafak_or
#Dhugaadha....!

โœ Jireenyi kee akka qaawwa lilmootti osoo sitti dhiphattellee... Rabbiin silaa Rizqii tantee akkuma jibrii qaawwa lilmoo keessaan baatuutti loosee siif kenna.

๐Ÿ‘‰ kanaafuu hin yaadinii tasgabbii horadhu.. dhimma kee Rabbitti kennadhu.... boqonnaa argattaa..!

@tafak_or
#Dhaloota_tiktoki....

โœ Warroota beekkamtii barbaadaaf fiigantu warroota Jannata barbaachaaf fiigan caala heddummaata...!
๐Ÿ‘‰ Warroota waan fokkataa/gadhee hawaasa keessa facaasuuf Wal dorgamantu... namoota keeyrii irratti wal dorgoman caala heddummaata....!
โœ Dhaloonni gadaa tanaa... jaalala mallaqaa irraa kan ka'e... shilingii fi doolchee funyoo kophee isaaniif bituu hin dandeenye guurachuudhaaf jecha.... duudhaa fi safuu ilma namaa gadi dhiisaa jira...
Ummata bubbee kallattima bubbeen/fedhiin lubbuu/ isaanii bubbiste waliin fiigu waliin jiraataa jirra....
๐Ÿ‘‰ Ummanni akkasii sun ummata hansaraa, yoomiyyuu keeyriin isaan irraa hin eeggamneedha...
๐Ÿ‘‰ Ummata Hanga fedhan haasahaa oolanis; waan fedhan dalaganis; osoo addunyaan guutuunis geeba kabajaa isaan badhaaftee.... isaan gadhummaa fi yarummaa isaanii keessaa ima hin baane...!
@Ibro

share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/11/16 10:54:00
Back to Top
HTML Embed Code: