Telegram Web Link
Namoonni 3 mana 3 ijaaruuf guyyaa 3 yoo kan itti fudhatu taate.... namni tokko mana 1 ijaaruuf guyyaa meeqa itti fudhata_?
Anonymous Quiz
19%
A) Torbaan
5%
B) Guyyaa 5
75%
C) Guyyaa 3
@Allaah....

โœ Hanga feete yaaddoftus; hammuma feete dhiphattus wanti guddaa fi inni gaariin ati dalaguu dandeessu dhimma kankee Rabbitti kennachuudha.
Namni dhimma kankee si caala furuu danda'u; Namni lubbuu teetiif lubbuu teetirra Rahmata yaadu Allaaha qofa.
๐Ÿ‘‰ Kanaafuu Rabbii dandeettii guddaa qabuu fi eennuu olitti Rahmata siif godhu irratti irkadhu mee....
"ูˆูŽุชูŽูˆูŽูƒู‘ูŽู„ู’ ุนู„ู‰ ุงู„ุนุฒูŠุฒ ุงู„ุฑู‘ุญูŠู…"

Share๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@Eeyyan....

Ani nama mucucaatee dhaabbate; nama karaa badee qajeele; nama laafee jabaate;... Ani nama jireenya koo keessatti challenge hedduu argeedha.

Ergasii daangaa koo jireenya koo fi hawaasa wajjiinis akkamitti akka jiraadhuu danda'u nama bareedha.
Yoom akka namatti dheekkamu; yoom akka nama jalaa dheessuu fi yoom akka uf duuba garagalee hin mildhanne tolcheen beeka....!
@Ibro

@tafak_or
โœ Nama heddutu dhaamsa dabarsaniif fudhata... garuu kan irraa fayyadamu hayyuu qofa
Breaking New
โœ Obbo Taayyee Danda'aaan too'annoo jala oolfaman...


๐Ÿ˜ (Ministera Nageenyaa hiinaan, nageenya maaltu jira ree....)
โœ Hollandiin keessatti haati manaa kankee akka barbaaddetti maqaa kankee jijjiiruu dandeessi... maqaa koo hin jijjiirin jettee dhoorkuuf mirga akka hin qabne beektaa....!

@tafak_or
#Qarooma_Islaamaa

๐Ÿ‘‰ Europe keessatti kaamphaasiin yeroo jalqabaa hundeeffame kan muslimaati.
Universitin Kuni biyya kam keessatti dhaabbate ? bara kam dhaabbate beektuu laata__?


Yaalaa๐Ÿ‘‡
comment
โœ Duulli muslimtoota irratti garmalee heddummachuun sin dagin... Rabbiin takkaa heddumminna faarsee hin beeku...

๐Ÿ‘‰ A. l. hijraatti bara 656 keessa @Tataar Bagdaadiin seenanii guyyoota 40 keessatti muslimtoota miliyoonaa ol albeedhaan qalan...!!
Garaagarummaa waggaa 2 keessatti, ammas bara 658tti #Eyn_jaalut bakka jedhamutti injifatamanii... @Tataar islaamummaa qabatte....

โœ Mokkortiin ummata islaamaa keessatti heddummachuun mallattoo ciminnaati... namoota islaamummaan waan jigaa jirtu itti fakkaatuuf hurriidha...

Rabbiin hin jaalatuu... Abdii hin kutatin...
@Ibro

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Dubartiin Salaata Asraa irratti xurii irraa xahaarfatte, Asraa qofa salaatti moo Asraa fi Zuhriillee walitti qabdee salaatti____?
Anonymous Poll
46%
A) Asraa fi Zuhrii
59%
B) Asraa qofa
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
โœ Dubartiin Salaata Asraa irratti xurii irraa xahaarfatte, Asraa qofa salaatti moo Asraa fi Zuhriillee walitti qabdee salaatti____?
โœ Eeyyan dubartiin takka salaata Asraa irratti yoo dhiqatte/qulqulleeffatte zuhrii fi Asraallee ni salaatti...
akkasuma halkanis gara jalqabaa ykn gara boodaas yoo dhiqatte Magribaaf Ishaa'ii salaatuu qabdi.
๐Ÿ‘‰Sababni isaas___?

Nama Uzriidhaaf jecha salaata dhiise tokkoof Asraa fi Zuhriinis hukmii tokko... Jara lamaan jam'ii gochuu waan danda'amuuf...
Magribaa fi Ishaa'iinis akkasuma... hukmii tokko qaba nama uzrii qabuuf, fkn: dhibee fi heydii, kkf....
Dubartiin heydii irraa yoo dhiqatte, Akka fakkenya nama dhibamee zuhrii fi Asraallee ni salaatti... zuhrii wayta Asraa qadaa kafalti... magribaaf ishaa'iis akkasuma yoo halkan keessa dhiqatte.
@Ibnu_baaz (Rahimahullaah)

@https://www.tg-me.com/tafak_or
๐Ÿ‘‹ Dubartii takka yeroon salaataa erge seenee booda, osoo isheen hin salaatin laguun/heydiin itti dhufe___:
Anonymous Poll
56%
A) Gaafa xahaarfatte salaata San Qadaa kafaluu qabdi.
47%
B) Maaf kafalti maa... ๐Ÿ˜
Dhala....
โœ Dhalli jaalala keessatti halaala.... nama takka si jaalate dachaa goote jaalachuun mirga keeti.
@Ibro

@tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
๐Ÿ‘‹ Dubartii takka yeroon salaataa erge seenee booda, osoo isheen hin salaatin laguun/heydiin itti dhufe___:
Deebiin....

โœ Dubartii erga yeroon salaataa seenee laguun itti dhufee fi, dubartii osoo yeroon salaataa hin bahin qulqulleeffatteedha.... salaata San maal gooti____?

1) Dubartiin takka erga yeroon salaataa seenee booda yoo heydofte, erga xahaarfattee booda salaata osoo isheen hin salaanne laguun keessa itti dhufe sana kafaluu qabdi...
Sababni isaas____?
Dubartiin takka yeroo salaata hanga likkii Raka'aa takkaas taatu dhaqqabattee, osoo hin salaanne yoo heydofte... gaafa xahaarfatte salaata sana qadaa kafaluu qabdi... yeroon seene jechuun waajibni sun isii qabate jechuudha.
ู„ู‚ูˆู„ ุงู„ุฑุณูˆู„ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…:"
ู…ู† ุฃุฏุฑูƒ ุฑูƒุนุฉ ู…ู† ุงู„ุตู„ุงุฉ ูู‚ุฏ ุฃุฏุฑูƒ ุงู„ุตู„ุงุฉ"....
(Namni salaatarraa Raka'aa takka dhaqqabate, dhugaa salaata dhaqqabatee jira).
2) Akkasuma osoo yeroon salaataa keessaa hin baanes yoo xahaarfatte... salaata sana qadaa kafaluun ishee irratti dirqama.
#fakkeenyaaf;
๐Ÿ‘‰ Aduun bahuudhaaf likkii Raka'aa tokkoo kan hafe yoo xahaarfatte, salaata Subhii sana qadaa kafalti...
๐Ÿ‘‰ Akkasuma Aduun seenuuf likkii Raka'aa tokkoo kan hafes yoo qulqulleeffatte.... Salaata Asraa sana qadaa kafaluu qabdiidha...
๐Ÿ‘‰ Halkan qixxeen osoo hin geenne yoo qulqulleeffatte Ishaa'ii kafaluu qabdi... erga qixxee dabree yoo qulqulleeffatte ammoo hin kafaltu Subhimaaf uf qopheessiti.

Sheek #Ibnu_Useymiin(Rahimahullaah)
Wallaahu Aalam...

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
๐Ÿ‘‹ Dubartii tuquun wuduu'a diiga moo hin diigu_____?
#Deebiin.....

โœ Waa'ee dubartii tuquun wuduu'a diiga moo hin diigu jedhu keessatti ulmaa'iin gurguddaan bakka @3tti wal qoodan... hunduu Ragaa qabu.

@1ffaa) Ni diiga warra jedhan... (Abdallaa Ibnu Mas'uud, Abdallaa Ibnu Umar, Zuhriyyiidha.... Akkasuma Mazhaba Shaafi'ii irrattis...)
Ragaan isaanii.... ๐Ÿ‘‡
Aayata qur'aanaa:
{ุฃูˆ ู„ุงู…ุณุชู… ุงู„ู†ุณุงุก....}
{Yoo takkaa dubartii tuqxan..}
Akka lugaa Arabaatti @Lams jechi jedhu harkaan tuquudha malee wajjiin ciisuu miti kan jedhu qabatan.
@2ffaa) Hin diigu warra jedhan...warroonni karaa kanarra jiran sahaabota gurguddaa Akka (Aliyyii, Abdallaa binu Abbaas, fi kanneen akka Axaa'i, Xaawusi... Kun Mazhaba Hanafiidha....)
Ragaan isaanii๐Ÿ‘‡

A) " Nabiyyiin keenya (SAW) garii dubartii isaanii dhungatanii osoo wuduu'a hin goone salaataaf bahan " Hadiisa jedhu...
B) " Luka koo gara qiblaa deebisee, fuuldura Rasuulaa kan rafu ture... yeroo sujuuda bu'u harkaan na tuqa, jalaa ol deebifadheen salaata... " jette haati teenya Aa'ishaan (Radiyallaahu Anhum).
C) Ammas Hadiisuma ishee keessatti... { Guyyaa tokko Rasuula Rabbii manaa dhabnaan, akka malee waan jaalattuuf barbaacha manaa baate.. osoma barbaadaa jirtuu isaanii masjidatti salaataa jiran .. bakka isaan sujuuda godhanitti, koomee isaanii harkaan tuqe...} jetti....
Osoo kan tuquun wuduu'a diigu taatee... silaa salaata San hiikkatu ture....
@3ffaa) Yoo fedhiidhaan tahe ni diiga warra jedhaniidha.... Isaan kunneen immoo warra lamaan dabre walitti araarsuudhaaf.
{Mazhaba Maalikii fi Mazhaba Ahmad....)
karaan kunis karaa sirridha... garuu Aayyanni jalqabaa Suni kan baantu harkaan tuquu osoon taane, walitti dabalamuudha.
๐Ÿ‘‰ Amma gabaabinnumatti Mazhaba afranuu adeemsa isaanii barree jirra (Rabbiin ifaajee isaanii Jannataan haa kffalu)..

garuu kamtu deebiidha ykn kamtu filatamaadha....? akkamitti? Kutaa @2ffaa..... nu eegaa...

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Onnee_kootirraa....

โœ Guyyaa tokko namticha dureessa tokkotu zanbiila nyaata expired ta'een guutame tokko fuudhee, namicha hiyyeessaaf kenne.
Hiyyeessichis seeqatee zanbiila nyaata badee San qabatee mana dureessaatii bahe. Nyaatee quufee, saanii keessaa nyaates qulqulleessee... abaaboo bareedduu takka fuudhee keessa kaahef..
Booda mana dureessa sanatti deebi'ee, abaaboo bareeda sana kenneef...

Namtichi #dureessaa kunis baay'ee dinqisiifatee...!! "Ani nyaata badaa siif kenne ati akkamitti ababaa akkanatti bareedi kana naaf kennuu dandeesse... "jedheen.
#Hiyyeessichis akkana jedhee deebiseef....
"Namni hunduu waan onnee keessaa qabu namaaf kenna..".
@Ibro

https://www.tg-me.com/tafak_or
๐Ÿ‘‹ โœ Osoo Rasuulli lubbuudhaan jiran... dubartoonni Rasuulaa meeqatu aakirame/du'e____?
Anonymous Poll
38%
A) Kadiijaan qofa.
28%
B) Dubartoota lama.
23%
C) Dubartoota sadi.
23%
D) Hin beeku....
2024/11/16 08:25:01
Back to Top
HTML Embed Code: