Telegram Web Link
Harโ€™a seenaatu dalagame! Jaarsoliin biyyaa ulfaadhaa!

Dhiibbaa hayyootaa fi jaarsolii biyyaatiinJawar faa lagannaa nyaataa harโ€™a guyyaa 39ffaa irra jiran boru guyyaa 40ffaa irratti akka dhaaban murteessan. Keessattuu Daraartuu Tulluu miila irratti kuftee ummata hunda boochisuun seenaa dalagde. Haadha milkii jedhamtee jirti.
innaa lillaahi wa innaa aleeyhi

yaa RABBI nurraa guutii gahe nun ja'i
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa laatamaa jira

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2012 guutuu biyyaatti laatamuu eegaleera. Qormaanni biyyaalessa kutaa 12ffaa bara 2012 harโ€™aa eegalee hanga Bitootessa 2, 2013tti ni laatama jedhameera.
Qormaata kana akka biyyatti barattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 11kan fudhatan taโ€™uu ibsameera.

Barattoota kutaa 12ffaaf qormaata gaarii akka isiniif ta'u hawwina.
Michuu bayyeen qaba
Lixa biftuu irraa
Dhamsa koo gahinii
WBO keenya Mara
Yoo Qabsoon jabanne
Turrullee walgarra
Jedhi nati himi
Marroo koo hadaraa
Bara dhugaan dide
Namaaf liqimfamuu
Liqimsuudha dirqiin
Kan fedhe haa dhumuu

Sobniis haa lallabuu
Sagalee ol kaasee
Dhugaa dhabamsiisuuf
Jumlaadhaan ukkaamsee

Dhugaan nama dhabee
Yoo tahees hadiyyoo
Bira numa gaha
Irraan hafu kaayyoo

โœโœโœโœ
#Jawar
โค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธ
Qormaanni biyyooleessa kutaa 12ffaa xumurame!

Bara 2012tti sababa weerara dhibee COVID-19 osoo hin kennamiin kan ture qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa Guraandhala 29 hanga Bitooteessa 02 bara 2013 ALI guyyaa afuriif kennamaa ture har'a xumurameera.
Aadde Keeriyaa Ibraahim wabiin gadhiifaman!

Poolisiin harโ€™a Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa dhaddacha Lidataaf akka himetti hanga qorannoon duraa dhagahamutti buโ€™uura seera yakkaa keewwata 28โ€™n Aadde Keeriyaan hidhaati wabiin bahani.

Dabalataan, pirezidantiin Mana Murtii Waligalaa Tigraay kan turan Aadde Hiriyitii Mihiratiifi gorsaa duraanii pirezidantichaa kan turan Obbo W/Goorgis Asaffaa wabiin akka gadhiifaman murtaaโ€™ullee ibsameera.

Af-Yaaโ€™iin duraanii Mana Maree Federeeshinii Aadde Keeriyaan waraanni federaalaa akkuma Maqalee toโ€™ateen ture harka kennuun isaanii kan dhagahame.
#hubadhu
=_=ใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐ=_=
โœ… Nama cimaa ta'i jechuun hin kufiin jechuu; miti kuftee ka'uu danda'uu qabda jechuudha malee

โœ… Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; waan qabdutti gammadi jechuudha malee

โœ… Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaariidha jechuu miti; jibba caala jaalalatu hunda caala jechuudha malee

โœ… Hojii jaaladhu jechuun hojiin amma ati hojjechaa jirtu gaariidha jechuu miti; boru akka hojiin gaariin si eeggatu beeki hojii har'aa hojjechaa jirtu jaaladhu jechuudha malee

โœ… Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti; garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee

โœ… Callisi jechuun hin dubbatiin jechuu miti; kan biraa dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuudha malee

โœ… Abbaa garaa hin ta'iin jechuun hin nyaatiin jechuu miti; haqa nama biraa hin nyaatiin jechuudha malee

โœ… Hin dallaniin jechuun miira hin qabdu jechuu miti; dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee.


https://www.tg-me.com/joinchat-SZ5moJt4I9CRQqgY
๐Ÿ”ŠHARARGEE MEDIA
Photo
#Filannoo2013 #NEBE

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa galmee kaadhimamtoota filannoo xumuramu ilaalchisee guyyaa har'a ibsa laateera.

Ibsa kana irratti paartilee mallattoo filannoo fudhatan 49 keessaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) qofa kaadhimamtoota isaani osoo hin galmeessisiin hafuu isaani ibsameera.
Waan Dabaa

Obboleessi Baqqalaa Garbaa waan Qaallittii deemee obboleessa isaa dubbiseef hidhame. Achii ammas ilmi obboleessa Baqqalaa waan abbaa isaa dubbiseef hidhame. Maatii 3 akkasitti hidhaatti uggurte. Gabrummaa hamtuu Oromoon keessa jiru kun yeroo gabaabaa keessatti ni goolabama jedheen abdii qaba.
Watch "NEW QAMAR YUSUF 2021" on YouTube
https://youtu.be/Lbn8Yg1dBeY
Forwarded from JAARRAA ABBAA GADAA (I ยชM Qรซรซล™ล™ลล)
Maalo Oromoo tiyya subscribe nuuf godhuudhan nuu jajabessaa isinin jenna.
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

Watch "NEW WALALOO JAWAR MOHAMMED DAWADHAA ISININ JENNA !" on YouTube
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Furtuun gammachuu ilmaan Oromoo sii fi jaallan qabsoo wajjin hidhaa jirti! Seeqa ilkaan keetii qofaan kan akka waan boombin itti darbameetti haamileen daaraa ta'u diinni lakkoofsa hinqabu! Ati diinaf hableedha, Oromoodhaf haamileedha!โค
Gootittiin Meseret Dhaba kenyaa harra mana murtii dhihaatti!
Guyyaa 37 otuu mana murtii hin dhihaatin turte, biyya dubartiin kabajaa itti dhabde
Haadha kaayyoo haqaa rabbiin harka diinatii sihaabaasu.Waqayyoo
โ€œHojii eegumsaa hojjechuun nama adabsiisa taanaan eegdota Dr Abiyyi dabalatee namoonni eegumsarratti ramadaman hundi adabamuu qabu, himatamuu qabu. Nuti bar warra biyya kanaaf jecha sharaarra rafaa dararaa meeqa argaa biyya eegaa tureedha. Badii tokkoo hin qabnu.โ€ ~ Kurnaalaa Taammiraat Huseen Muudaa
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
GORSA 4
"Hawaasni galma koo tilmaamuu danda'a; kan murteessu garuu ana qofa!" Clair Oliver
Galmi kee galma kee qofa. Bakka geessu si qofatu beeka. Namoonni har'a kee ilaalanii galma kee boruu tilmaamu ta'a. Sun tilmaama qofa. Kanaafuu, tilmaama namoonni galma keef qaban ilaaltee booda hin deebi'iin! Jaarsi maal jedhe kitaaba ' 'Abjuu Koo Hin Gurguru' keessatti? "Warri fagoo ga'u jennee asumatti hafanii, warri nuti nama hin ta'an jenne fagoo ga'an!" jedhe. Eyyee! Hawaasni haala ilaalee galma kee tilmaama, galma kee kan murteessu garuu si qofa!
#DeemsiIttiFufa
#AnaNamaBiyyaOromoo


https://www.tg-me.com/joinchat-SzrzXBiDiku9bKzH
Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Maagufuliin du'aan boqatan.
Du'a pirezidaantichaaf sababni dhibee Onneeti jechuun itti aantuun pirezidaantichaa Saamiyaa Suluhu ibsanii jiru.
Joon Maagufuliin nama waggaa 61 yoo ta'an erga Ji'a Gurraandhalaa keessa miidiyaa irratti mul'atanii as miidiyaa irratti deebi'anii hin mullane jedhamee jira.
Namoonni hedduun pirezidaantichi dhukkuba Covid -19 qabamee du'uu hin oolu jechuun shakku. Keessattuu pirezidaantichi dhibee Covid-19 kadhannaan biyya keessaa balleessinee jirra jechuun ibsa miidiyaaleef kennaa turuun ni yaadatama.
2024/09/23 22:27:05
Back to Top
HTML Embed Code: