Telegram Web Link
Bilxiginnaan hiriira waamame jeequuf duula qulqulleessuu waamtee mitii? Rakkoon hin jiru! Tarsiimoon deemna! Qeerroo fi Qarree, haraa qabadhaa bahaa. Isaan fakkaadhaa. Nutis gabrummaa qulqulleessina. Inumaayyuu haala nuu mijeessan. Magaalaa qulqulleessina jedhaa yoo isin gaafatan. Achumaan sagalee keessan dhageessifadhaa!
AMMEE:
Obbo Baqqalaa Garbaa baay’ee laafee haalli inni keessa jiru kan sodaachise tahuu irraa kan ka’e akka hospitaala geeffamu gaafatamus manni hidhaa akka hospitaala hin geeffamne dhoorkee jira.
Hubachiisa:
Qeerroo fi Qarree,
Viidiyoo waraabuu fi suuraa kaasuun baay’ee barbaachisaa tahuu hubattanii haala mijeeffachuudhaan bifa isin hin saaxilleen sochii boru gootan suuraa fi viidiyoo waraabdanii erguu hin dagatinaa.
Nama akkanatti qabsoo hogganee aangoo irratti isaan baase har’a gananii hidhan. Ummatni Oromoo hogganaa isaa wareegama kamuu kafalee baafachuu qaba.
Hubachiisa:
Hiriira yeroo baatan haguuggii afaanii (Mask) godhadhaa!
Duula Gabrummaa Qulqulleessuu
Qormaanni kutaa 12fa Guraandhala 29 eegalee kennama
***
Ibsa Ministeerri Barnootaa kenneen qormaatichi Guraandhala 29 irraa eegale hanga Bitootessa 2 bara 2013tti "online'dhaan jedhamee ture hafee waraqaadhaan kennama.

Guraandhala 22 hanga 24tti waraqaan eenyummaa dijitaalaa ni raabsama. Ibsi qormaatichaa Guraandhala 26 bara 2013 kan kennamu ta'a.
Dhaadannoo hiriira guddichaa (2-4)
Haalli obbo Baqqalaan keessa jiru baay’ee yaachisaadha. Haakimni dhuunfaa akka hin yaalle dhoorkamuun waan akka salphaatti laalamuu qabuu miti. Haakimni dhuunfaa yaalii barbaachisu akka jaraaf hin kennine danqanii jiru. Haakimoonni dhuunfaa “homaa gochuufii hin dandeenyu. ija keenya duratti akka waa tahan hin barbaannu. kanaaf itti gaafatamummaa nurra jiru ofirraa buufne” jedhanii jiru. Maarree amma mootummaatu waldhaana jennee eegna moo? Oromoo hoggantoota kee osoo laaltu hin dhabin!
Waan jedhu wallaale! “Yoo jarri (Jawar, Baqqalaa, Hamzaa) hatattamaan mana yaalaa ammatti hin geeffane, Farhaan jara dhabuu keenyaa beeki” naan jedhe namni reefu ijaan arge booyaa yeroo natti dubbatu. Gadda hamaa keessa jirra! Carraan Oromoo yeroo mara kana tahuun onnee nama madeessa!
AMMEE:

Gara Jabina Abbaa Alangaa walii Galaa

Manni Murtii Olaanaan Federaalaa har’a bulchitoota Mana hidhaa Qaallittii qaamaan waamee Obbo Baqqalaa hospitaala dhuunfaa akka geessan ajajee ture. Haaluma kanaan bulchiinsi Qaallitti Obbo Baqqalaadhaan “qophaayi” jedhee, doktoroota isaanis karaa maatiitiin yaamsisee yeroo Obbo Baqqalaa baasuuf jedhu, Abbaan Alanagaa Federaalaa konkolaataan kamiyyuu akka mana hidhaa Qaalittii keessaa hin baane waan uggureef deemuu hin dandeenye. Kanaafu har’as shira Abbaa Alangaa Waliigalaatiin xaxameen Obbo Baqqalaan yaala hatattamaan isa barbaachisu osoo hin argatin hafee jira.
Hayyu Dureen ABO, Jaal Daawud Ibsaa miidiyaa DW (Deutsche Welle) irratti dubbachuun ABO’n filannoo dhufu irratti akka hin hirmaanne beeksisee jira. Sababnis filannoo irratti hirmaatanii dorgomuuf karaan hundi kan cufame tahuudha. Ejjannoo sirriiti!
Enyu paastaan gowwoomee
Akka biyya gurguree
Enyu akka isarra ce'ee
Xaaliyaaniin hunkuree
Enyu buuphaan gowwoomee
Enyu paastaan gowwoomee
Akka biyya gurguree
Enyu akka isarra ce'ee
Akka adawaa dhaqee
Enyu akka baandaa ta'ee
Dhiiga dhiiraa gad naqee
(Har'an falmeen sirreessa
Seenaa karaarraa maqee)

*Haacaaluu hundeessaa*

A D A W A A KEENYAA
#AMMEE :
Jawar fa'a amma gara hospitaalaa geeffamaniiru!
Qabsaa'onni keenya ganama kana Ambulaansiidhan Mana sirreessaa Qaallittiitirraa gara Hospitaala dhuunfaa LaandMaarkittii geeffamanii jiru. Rabbiin waa hunda laaffisee, yaala isaanif haata'u!
Ijoolleen garasuu jirtuu ?
Garasuu dhukii jirtuu ?
Ijoolleen badhasaa jirtuu ?
Badhasaa magarsaa jirtuu ?
Abuna phexiroos jirtuu
Jirtuuuuuu....

*Haacaaluu hundeessaa*

A D A W A A
GARASUU ya ilma dhukii
Ilma walee walisoo
Enyuu abbaashiirraan seensa
Sittan bahe anisoo

*Haacaaluu Hundeessaa*

A D A W A A💪
AMMEE: Dhiibbaa hayyootaa fi jaarsolii biyyaatiin Jawar faa lagannaa nyaataa har’a guyyaa 39ffaa irra jiran boru guyyaa 40ffaa irratti akka dhaaban murteessan. Keessattuu Daraartuu Tulluu miila irratti kuftee ummata hunda boochisuun seenaa dalagde. Haadha milkii jedhamtee jirti.
Baay’een gadda!

Ilmaan Oromoo biyya ofii keessa nagayaan jiraachuu dadhabanii baqatanii biyya ormaa keessatti bifa suukaneessaa saniin namootni 300’tti tilmaamamu biyya Yamanitti ajjeefaman onnee na madeesse. Maatii fi firoottaniif jajjabina hawwa. Ummatni Oromoo baldhaan saffisaan namoota irraa hafan gargaaree mala itti dhahuun dirqama keenya mara. Waliif haa birmannu!
2024/09/24 00:27:35
Back to Top
HTML Embed Code: