Telegram Web Link
🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜 via @like
🌷Gaaffii kanarratti hirmaadhaa mee Lolli ykn waraanni u'hdii kan muslimootaafi Qure'yishii gidduutti hijiraa woggaa 3ffaa geggeefame ji'a ykn baati kam keessa? 1. Ji'a Rajab 2. Ji'a Ramadan 3. Ji'a Shawwaal 4. Ji'a Zul hijjaa Carraa gaarii 💡
👆Deebiin gaaffii keenyaa 3ffaa taha
3. Ji'a Shawwaal
Worri 3ffaa jettan JZKLH rabbiin beekumsa isaa isiniif hadabalu 👍👍👍👍👍

Worri yaaltanis galatoomaa👍
ulfaadhaa 👏❤️ hirmaannaan keessan Akkuma kana nurraa hin citin
itti fufa .....👏👏👏
@Ibnu_hajar بسم الله

Jecha Rabbii “Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreeffame isin irrattis barreeffamee jiraa.” yommuu itti xiinxallu wantoota baay’ee nafsee namaa leenjisanii fi barsiisan  irraa hubanna. Namni wanta nafsee irratti garmalee ulfaatu tokko hojjachuuf wanta isa dhiibuu fi kakaasu jiraachuu qaba. Soomni wanta nafsee irratti ulfaataa ta’eedha. Aayah armaan olii keessatti wanta ulfaataa kana nafsee irratti laaffisuuf tooftaa armaan gadi fayyadame:

A-Miira keessaa nama dhiibuu fi kakaasu isaan keessatti qabsiisu. Iimaanni humna keessaa cimaa hojii ulfaataa akka hojjatan nama dhiibuu fi kakaasuudha. Kanaafuu, yaa warra amantan jechuun humna kana isaan keessatti qabsiise. 
B– Nama itti gaafatamummaa fi dirqamni irra kaa’amee isa qofa osoo hin ta’in namni biraas akkuma isaa itti gaafatamummaa fi dirqamni akka irra kaa’amee beeksisu. Namni wanti ulfaataan isatti bu’e nama biraattis akka bu’e yoo beeke, yaaddo fi dhiphinni isaa ni hir’ata. Haala kanaan, “Ana qofaa mitii namni biraas wanta ulfaata kana baadhataa jira” jechuun hojii ulfaata san hojjachuu itti fufa. Aaya armaan olii keessatti, “soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” Jechuun beeksiisa. 
C– Rabbiif ajajamuu fi wanta namarratti dirqama godhame hojjachuun faayda nafsee isaatiif akka ta’e amansiisu. Aayah keessatti, “Akka isin Rabbiin sodaattaniif” jechuun beeksisa. Namni yoo Rabbiif ajajamu fi sodaatu, ofuma fayyadaa malee Rabbiin hin fayyadu. Rabbiin Dureessa waan ta’eef hojiin namni hojjatu Isa hin fayyadu
Namoonni dorgommi booksi keessa seenun yeroo dhibbaa ol rukutaman, rukuttaa kana kan isaan irratti laaffisu injifannoo ykn mindaa abdataniidha. Osoo wanti nafsee kakaasu kuni jiraachu baate silaa rukuttaan takka dallansuu guddaa isaan keessatti ni qabsiifti. Ammas, namoonni albuuda barbaaduf lafa keessatti boolloo gadi fagoo qotan, wanta ulfaata lubbuu isaanii galaafachu danda’u kana akka danda’an kan isaan taasise mindaa ykn albuuda garmalee wuddii isaan kajeelaniidha. Mindaa ykn albuuda wuddi kana faayda ofitiif waan ilaalaniif hojii ulfaata kana obsaan hojjatu.
Haaluma kanaan, soomnis nafseef faayda guddaa waan qabuuf namni kana abdate gubaa dheebu fi beelaa danda’a. Garuu soomni karaa baay’een fakkeenya armaan olii irraa adda ta’a. Namoonni armaan olii humni guddaan isaan kakaasu iimaana osoo hin ta’in faayda argataniidha. Namni soomu immoo humni guddaan isa dhiibu iimaana. Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanuun arkaana iimaana keessaa humna cimaa hojii gaggaaritti nama dhiibudha. Namni Guyyaa Qiyaamaa dheebun nama gubu guddaa akka ta’e yoo amane, dheebuu fi beela yeroo soomaa irratti obsuun isaaf laafa. Ammas, sababa soomaatiin mindaa guddaa Guyyaa Qiyaamaa argatu yommuu yaadatu, ulfaatinni soomaa isaaf laafa. Kanaaf Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“Namni iimaanaanii fi ihtisaabaan Ramadaana soome, cubbuun isaa kan darbe ni araaramamaaf. Namni iimaana fi ihtisaaban Leylatul Qadr dhaabbate, cubbuun isaa kan darbe ni araaramamaaf.” Sahiih Musliim 760
Iimaanaan yommuu jedhu- Rabbitti amanee, mindaa Rabbiin gabroota gaggaarii Isaatif qopheessetti amane (Jannatatti amanee), dirqama soomaa jibbe osoo hin ta’in gammadee fi ihtisaaban namni soome yookiin Leylatul Qadrii dhaabbate, cubbuun isaa ni araaramamaaf. 
Ihtisaaban yommuu jedhu immoo mindaa Rabbii barbaade fi kajeele hojii gaarii kana hojjataa malee na argaaf ykn beekkamtiif ykn kabajaaf ykn faarufi ykn qabeenyafi miti. Hojii gaarii hojjatu hundaaf Rabbiin qofarraa mindaa (ajrii) abdata.
“soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” Kana jechuun akkuma ummattoota darban irratti soomni dirqama godhame isin irrattis dirqama godhamee jira. Akkuma aayah tana irraa hubannu

👏Join godhaa 👉 @hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
Gaaffii:–Niyyaan nama soomuu tokkoon tokko halkan Ramadaanaa fajriin dura ta'uun sharxii(ulaagaa) dha moo guutuu ji'aatif niyyaan tokko gahaa dhaa? tokkoon tokko halkan Ramadaanaa jechaan(dubbiin) niyyachuun hoo murtiin isaa maal inni?
★★★★★★★★

Deebii:– soomas ta'e ibaadaan biraa sirrii akka ta'uuf niyyachuun ulaagaa barbaachisan keessaa ulaagaa tokko Ergamaan Rabbii sallallaahu Alayhii Wasallam "hojiiwwan kan fudhatama argatan niyyaa dhaan qofa. Nama tokkoon tokkoofu kan niyyate qofa qaba" jadhanii waan jiranif.

Cuufti ibaadaa dha niyyaan male gatii hinqaban. Soomnis akkasuma niyyaan male gatii hinqabu. "Nabiyyiin(s a w) galgalumaan namni niyyaa isaa hin bulfanne sooma hinqabu" jedhanii jira." Kanaafuu niyyaan ulaagaa soomaati. Soomni waajibaa(dirqamaa) fajriin bahuun duratti kutaa haalkanii keessa niyyatamuu(yaadamuu) qaba. Kanaaf guyyaa maraaf niyyachuun dirqama ta'a. tokkoon tokko guyyaan soomaa akkuma guyyaan waljijjiiruun ibaadaa ofdanda'e waan ta'eef niyyaan haaraa barbaachisaa dha."dalagaawwan kan (hisaabaman) niyyaa keenya qofaani nama tokkoon tokkoof immoo waan niyyate(yaade) qofa qaba" kan jedhu dubbiin Ergamaan Rabbii(s a w) walitti qabaa waan ta'eefi.

Hirriibaa ka'ee suhuura(obboroo) yoo nyaate kun ofiisaatiifuu gahaa dha.
Ciisuu isaatiin duratti kan niyyate yoo ta'e fajriin eega bahe yoo dammaqeelle niyyaan waan argameef waan sooma fuursiisurraa(faxarsiisurraa) of eeguu qaba. Soomni isaa sirriidha waan ta'eef.

Madda:–fataawaa shahri Al–ramadaan irraa kan fudhatamee dha.
@Keyralumma
@ahmedin99
@hafiz_jihad
T.me/Ibnutemiya6
•┈┈•✿❁✿•┈┈•
@keyralumma
•┈┈•✿❁✿•┈┈•
*عن أبي هريرة رضي الله عنه قال : كان رسول الله ﷺ يُبَشِّر أصحابه بقدوم رمضان يقول : ( قد جاءكم شهر رمضان شهرٌ مبارك، كتب الله عليكم صيامه، فيه تفتح أبواب الجنة وتغلق فيه أبواب الجحيم، وتغل فيه الشياطين، فيه ليلةٌ خيرٌ من ألف شهر، من حُرِمَ خيرها فقد حُرِم )*.
صححه الألباني.
.صحيح الترغيب (١/٤٩٠).

•┈┈•✿❁✿•┈┈•
*قال الحافظ ابن رجب رحمه الله تعالى : قال بعض العلماء : هذا الحديث أصل في تهنئة الناس بعضهم بعضاً بشهر رمضان كيف لا يبشر المؤمن بفتح أبواب الجنان، كيف لا يبشر المذنب بغلق أبواب النيران، كيف لا يبشر العاقل بوقت يغل فيه الشياطين.*

لطائف المعارف (١/١٥٨).

*مبارك عليكم شهر رمضان ، أعاننا الله وإياكم على صيامه وقيامه إيماناً واحتساباً*

* አቡ Hurayrah አላህ ከእርሱ ጋር ደስ ሊሆን ይችላል አለ: የረመዳን ስለሚያበስሩ ጓደኞቹ ለቅዱሱ ይላል ﷺ የአሊህ መሌዔክተኛ (የረመዳን, ሙባረክ ወር, እግዚአብሔር ወር መጥቷል, አንተ ሌሊት የተሻለ አንድ ሺህ በላይ የገነት በሮች ይከፍታል እና የገሃነም ደጆችም እና ዓመፀኛ አጋንንት የሚዘጋበት የእርሱ ፈጣን ነው የጻፏቸው ውስጥ ወር, በውስጡ ጥሩነት የተነፈጉ የተነፈጉ ነው) *.
ፈረሶች.
 ወደ ካሮት (1/490) .Sahih.

• ┈┈ • ✿❁✿ • ┈┈ •
 * ሁሉን በሚገዛ በእግዚአብሔር Hafiz ኢብን በራጃብ ምሕረት አለ: አንዳንድ ምሁራን የረመዳን እርስ ወር ይነግሩሃል ይህን ንግግር ሕዝብ ውጭ አማኙ ጊዜ አጋንንት ጥበበኛ Weigel አይቀናትም የት አይደለም እንዴት እንጂ አይቀናትም በታየች እሳት በሮች መዝጋት ነው እንዴት መንግሥተ ሰማያት በሮች ለመክፈት እንዴት አይቀናትም አይደለም አለ *.

  የጧኢፍን እውቀት (1/158).

* የረመዳን ሙባረክ ለእናንተ አምላክ በጾም እና እምነት እና በጉጉት ላይ በእኛና በእናንተ ረድቶናል *
@Keyralumma
@hafiz_jihad @Ibnutemiya6
Forwarded from Deleted Account
Dhibeen balaafamaan
Adduniyaa dhuumfate
Lubbuu ilmaan Aadam
Hedduu galaafate

Maatiin mana tokkoo
Hunduu woreegamtee
Kan xahaaru dhibnaan
Meeqatu gatamtee

Nama xiqqaafii guddaa
Daa ima hin tuffatuu
Wollaalaa fii beektotas
Tokko hin tarkaamfatuu

Mangistiidhaaf doktora
Poolisiilleen sodaatuu
Dhibee balaa Akkanaa
Najaa nuhaa baafatuu

Adduniyaan tattaafattee
Dawaasaa tokko dhabde
Utuu namaaf cinqamtuu
Doktorri hedduun cabdee


Yaa Rabbi yaa gooftaako
Harka sittoll qabannee
Dhibeen Aduwwii diinii
Akka musliman qabnee

Yaa Allaah Nu Nassarii
Nuti sitti woyi waannee
Akka dhibeen koroonaa
Tokkollee nun Argannee

Aamiinii Tuqi👇👇
‏نصيحة

Gorsa/dhaamsa

قال ابن عثيمين رحمة الله
Ashayk ilmi usaymiin -Rabbi rahmata hagodhuufii- akkana jedhani:

لو أن الإنسان سمع ما يقول الناس وما يعترضون به ما مشى خطوة،

Otuu ilmi namaa kun waan namni isaan jedhu hunda dhagahee, akkasuma waan isa fuundura dhaabbatamu otuu dhaggeeffatee silaa tarkaanfii tokkollee tarkaanfachuu hin dan da'u,

لكن أنت أصلح ما بينك و بين الله ولا يهمك أحد،

Garuu ati yedduu keetiif yedduu Rabbii keetii tolchi kan biraa si hin yaachisin,

فالكلام على إرضاء الله عز وجل،

Haasofni namaa dubbiin dubba tamu jaalala Rabbi barbaaduu qofaa ta'uu qaba,

فإذا التمست رضا الله بسخط الناس، رضي الله عنك وأرضى عنك الناس وكفاك مؤونتهم

Yeroo jaalala Rabbi barbaade otuma namni sitti dallanee, Rabbi sirraa jaallata namallee sirraa jaallachiisa, xaaxaa jaraas siif gaha.

شرح اقتضاء الصراط المستقيم(١٧٠)
Channel keenya kana join godhaa
👇👇👇👇👇👇
👇👇👇👇
@keyralumma
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆
Join nuuf godhaa nama biraallee itti nuuf affeeraa ykn share woliif godhaa jzk
@ibnu_surur✍️
لا ينبغي لمؤمن ترك السحور لحديث:
"السحور أكله بركة فلا تدعوه ولو أن يجرع أحدكم جرعة ماء
فإن الله وملائكته يصلون على المتسحرين"
والأفضل تأخيره
♻️Namni mu'minaa tokko sahura ykn iraaba nyaachuu dhiisuun isarraa inbarbaachisu Hadiisni rasuulaa (S.A.W) waan itti ajajee jiruuf:

"Sahura ykn iraaba nyaachuun barkaa namaaf argamsiisa
Kanaaf bishaan gurucii ykn liqimsaa tokko osoo taheellee indhiisinaa rabbii fi malaa'ikaan rahmata buusu ykn kadhatuuf worreen sahura/iraaba nyaatanirratti"

@Ibnutemiya6 @hafiz_jihad
@Keyralumma
የተራዊህ ሰላትን በቤታችን እንዴት መስገድ እንችላለን?
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Salaata Taraawihaa mana kessatti haala kamiin salaatuu dandeenna?
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
ተራዊሕ መስጂድ ላይ ተሰባስበን መስገድ የማንችል በመሆኑ ሁላችንም በየቤታችን እንደ አቅማችን ልንሰግድ ይገባናል። እራሱ ወይም ልጆቹ ቁርዓን የሐፈዘ በሒፍዙ ፣ ያልሓፈዘ ደግሞ ቁርዓን ይዞ በመቅራት መስገድ ይቻላል።

እድሜያቸው ከ8 ዓመት በላይ የሆኑ ልጆችም የሰላትን ስርዓትና መስፈርት ካወቁና ቁርዓን መቅራት ከቻሉ ኢማም ሆነው ማሰገድ ይችላሉ። ተራዊሕን ዒሻ እንደተሰገደ በዛው ቀጥሎ መስገድም፣ አዘግይቶ በኋላ ለሱሑር ሲነሱ ማድረግም ይቻላል።

ነገር ግን ኋላ ላይ ተነስቶ መስገድ የሚደክመው ወይም የሚሰንፍ ሰው በጊዜ ሰግዶ መተኛቱ ይሻላል። የሰፍ አቋቋምን በተመከለተ ኢማሙ ከፊት፣ ወንዶች (በትክክል የሚሰግዱ ህጻናትም ቢሆኑ) ቁጥራቸው 2ትና ከዛ በላይ ከሆኑ ከኢማሙ ኋላ፣ መእሙሙ አንድ ብቻ ከሆነ ደግሞ ከኢማሙ በቀኝ ጎን፣ ሴቶች ደግሞ ከወንዶች ሰፍ ኋላ ይቆማሉ። ሴት የአሰጋጁና አብሮት የሚሰግዱ ወንዶች እህትና እናትም ወዘተ ብትሆን እንኳ ከወንዶች ጋር አብራ መቆም አትችልም፤ ብቻዋን እንኳ ብትሆን ከኋላ ራሱን በቻለ ሰፍ ላይ ነው መቆም ያለባት! አንድ ወንድና አንድ ሴት ብቻ ሆነው የሚሰግዱም ኢማሙ ለብቻው ከፊት ሴቷ ለብቻዋ ከኋላ በመቆም ነው የሚሰግዱት።

ሴቶች ብቻ ሆነው በሚሰግዱበት ጊዜ አሰጋጃቸው ከመሃል ትቆማለች። እንደ ወንድ አሰጋጅ ወደፊት ወጣ ብላ ግን አትቆምም። ሴት ልጅ ለብቻዋ ስትሰግድም ይሁን ሌሎች ሴቶችን አስከትላ ኢማም ሆና እየሰገደች የምሽት ሰላቶች ላይ ድምጽ አውጥታ መቅራት ይፈቀድላታል። በአቅራቢያዋ ባዕድ ወንዶች ካሉ ግን ድምጿን ጮክ ማድረግ አይፈቀድላትም። ለሚችል ሰው ቁርአኑን፣ ሱጁድና ሩኩዑን እያስረዘመ 11 ረክዓ መስገድ በላጭ ሲሆን ይህን ማድረግ ያልቻለ ሰው 2/2 ረክዓ እያደረገ የቻለውን ያክል ሰግዶ በዊትር መዝጋት ይችላል። አላህ ያበርታን መልካሙን ሁሉ ያግራልን "አሚን"


★★★★★★★★★★★★★★★★★★★

Salaata taraawihaa masjiida kessatti walitti qabamne waan salaatu hindandenneef hundi keenyaa haga Rabbiin nuu laaffise manatti sagaduu qabna. nummaan ykn ijoolleen hifzii qur'aana yoo qabaatan hifzii dhaan.kan hifzii hinqabnee immoo qur'aana qabatee salaatuun hin danda'ama.

Ijoollee umriin isaanii 8 ol taatelle ulaagaa fi seera salaataa yoo beekaniifi Qur'aana qara'uu yoo danda'aan salaachisuu hin danda'aan. Taraawiha ishaa'in akkuma salaatameen achumaan itti ansee salaatuu,achi butuun suhuuraaf wagga ka'u salaatullen hin danda'ama.

Haa ta'u malee rafee eeganaa ka'ee salaatuu yoo kadadhabu ta'e ykn dhibaa'u ta'e yeromaan salaatee ciisuutu isaaf gaarii dha. Haala dhaabbannaa saffii ilaalchisee imaamni duratti,(ijoolle sirnaan sagadan yoo ta'anille) lakkoofsi isaanii 2fi san ol yoo ta'an imaama duuba,maa'amumni tokko qofa yoo ta'e gama mirga imaamtichaa dhaabbata, shamarri imaamtichaa fi warra isaa waliin salaatanif obbolettis, haadhas...yoo ta'anillee dhiiraa wajjiin mogga dhaabbachuu hin dandeeysu, hojja isii yoo taatellee saffii of danda'en duuba dhaabbachuutu isirra jira! dhiira tokkoo fi dubra tokko yoo ta'an ka waliin salaataa jiran imaamni kopha isaa duratti isiin duuba isaa dhaabbatte waliin salaatuudha qaban.

Shamarran kophaa isaanii yeroo waliin salaatan sagachiistun(imaamtittiin) jidduu dhaabbatti. Akka dhiiraa duratti baatee garuu hin dhaabbattu. Shamarran kophaa yaroo salaattus ta'e shamarran biroof imaama taate yeroo salaachistu salaatoota halkanirratti sagalee(qonqa) olqabdee Qara'uu hin dandeessi kaluu isii dhiirri alagaa yoo jiraatan garuu qonqa ol qabuun hin eyyamamuuf. Nama danda'uuf Qaraati Qur'aanaas, Sujuudas, Ruku'as dheeressaa (#Raka'aa 11) sagaduun caalaa yoo ta'u namni kana godhuu hin dandeenne Raka'aa 2/2(lama lama) gochuun haga danda'u salaatee witriin cufuu(geessuu) hin danda'a. Rabbiin nu haa jajjabeessu waan gaarii(bareeda) ta'e hunda nu haa laaffisu "Aamiin"
Join 👇
@hafiz_jihad
Seera barbaachisaa soomanaa.

1-Soomana furiinsa jarjarsuu,yogguu aduun seenuu mirkaneyfatan.
Nabiin s.a.w. akkana jedhan  ''namni toltumarra jira waan soomana furaa jarjarseen''  bukhaarii fi muslim.

2-Ruxaba (Asheeta timiraa) irratti furuu yoo dhabame timira irratti, yoo hinjiraatin bishaanitti.
 __"Nabiin s.a.w. osoo magriiba hinsalaanne dura asheeta timiraatti fura yoo hinjiraatin timiratti yoo hinjiraatin bishaan hammaarrata”__ Tirmiziitu odesse.

3- Rabbi kadhachuu Yeroo furan.
Hadiisatti  ''Nama soomanaatiif yeroo soomana furu kadhaa hindeeffamneetu jira''  ibnumaajahtu odeesse.

4- Hiraabbachuu booda aansuudhaan wajjin.
Hadiisatti  ''hiraabbadhaa nyaanni hiraabaa barakaa qabaa”

5- Badirraa qaamaafii arraba ufii qabuu.
Nabiin s.a.w. akkana jedhan  "soomanni wantaadha yogguu guyyaan soomana tokkoo keessanii tahe akka hinbaalaganne, akka hindogoggorre, yoo namni tokko isa arrabse yookaa isaan lole ani soomanan qaba haajedhuunii”  Bukhaariif muslimtu baase.

6-Nama soomanu fursiisuu Hadiisatti
"namni nama soomanaa fursiise isaafis fakkaatuma galata isaaniittu isaaf taha. Kunis osoo galata isaaniirraa waa takkallee hin irrisnetti taha." Tirmiziitu galmeesse.

7-Arjoomuufii sadaqaa heddummeessuu
“Nabiin s.a.w. ramadaana keessa qilleensa bubbisturra toltutti arjooma " Bukhaariif muslimtu odeesse.

8-Qaraatii qur'aanaatii fii walbarsiisuu heddummeessuu.
Nabiin s.a.w. ramadaana keessa kana heddummeessaa turan waan taheef.

9-Salaata halkanii salaatuu.
Hadisatti ''Namni Ramadaana dhaabbate (salaate) dhugaoomsaa abdachaa badiin isaa tadabarte araarama godhamtiif''bukhaarii fi muslim.
@Ibnu_hajar kutaa 1ffaa

Fala yommuu-sodaafi-Rakkoon-cimuu

Bismillahi
Nageenyi fi rahmanni Rabbii Nabiyyii Xumuraa Muhammad ilma namaatiif fakkeeya gaarii ta’uu irra haa jiraatu. Nabiyyiin sallallahu aleyh wasallam yeroo qormaataa fi rakkoo fakkeenya gaarii namaaf ta’u. Namoota hunda caalaa kan qoramuu fi rakkoon itti cimu nabiyyoota. Kunis, isaan qulqulleessuu fi sadarkaa isaanii olkaasufi. Akkuma beekkamu rakkoon wantoota sadii gurguddaaf nama qunnama: 1ffaa-qormaataaf, 2ffaa-adabbiif, 3ffaa-barsiisuu fii qulqulleessuuf
Rakkoon yeroo ammaa addunyaan keessa jirtu kanniin sadan keessaa hin bahu. Koroonaan nama hundaafuu qormaata. Gama biraatiin namoota gariif adabbiidha, namoota gariif immoo barsiisuu fi qulqulleessuudha. Qormaanni wanta nama keessa jiru ifatti baasa. Kan akka dhugaa iimaanaa namni qabu, nifaaqa, obsa fi kkf. Adabbiin immoo namoota daangaa darban karaa sirritti akka deebi’an isaanitti akeeka. Barsiisuu fi qulqulleessuun immoo akkuma warqiin ibiddaan waddamee xuriin isaa qulqullaa’u rakkoonis namoota badii fi amaloota hir’uu adda addaa irraa isaan qulqulleessa.
Seenaa Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam keessatti rakkoo cimaa koronaa kanaan wal fakkaatu mee haa ilaallu. Seenaan kuni seenaa duula Khandaq ykn Ahzaab jedhamuudha. Akkuma koronaa kana keessatti rakkoon baay’een namoota qunnamaa jiru duula Khandaq kana keessatti rakkoon baay’een Muslimoota muudatee ture. Wanti koroonaa irraa adda godhu, lola san keessatti duuti baay’een hin jiru ture. Kanarraa kan hafe, kan akka sodaa, beelaa, dhiphinaa fi rakkoon biroo yeroo ammaa namoota muudataa jiru Muslimoota yeroo saniis muudatee jira. Cimina sodaa fi rakkoo duula Khandaq keessatti Muslimoota muudate Qur’aanni akkana jechuun ibsa:

“Yaa warra amantan! Yeroo hoomaan (loltuun) waraanaa isinitti dhufee ergasii bubbee fi hoomaa [malaykotaa] isin hin argine isaanitti ergine, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Rabbiin wanta isin hojjattan Argaa ta’eera. Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufan, yeroo ijjis [sodaa irraa kan ka’e] dabde, qalbiinis kokkee geessee fi waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan, [yaadadhaa].” Suuratu Al-Ahzaab 33:9-10

Seenaa kana irra deebinee qorachuun qormaata kana haala salphaan akka dabarru nu taasisa. Akkuma duulli Khandaq mu’mintoota dhugaa fi munaafiqoota adda baase, koroonaan kunis adda baasuun waan hin hafneedha. Wanti munaafiqoonni yeroo san jedhan, namoonni ammass jechuun waan hin oolledha. Kanaafuu, seenaa kana aayah Qur’aanaa waliin wal qabsiifnee yoo baranne akkam bareedaa!  Hiika jecha ijoo: Sahaabota jechuun-namoota Nabi Muhammadin (SAW) qunnaman (arganii) fi itti amananiidha. (SAW=Sallallahu Aleyh Wassallam) Ansaarota-Jiraattota Madiinaa Nabiyyi fi namoota gara isaaniitti godaanan gargaaran. Muhaajiroota-Namoota Makkaan irraa gara Madiina godaanan.

Duula Khandaq ykn Ahzaab
itti fufaa.......
Join godhaa 👉 @hafiz_jihad
Nu hordofaa👉 @Ibnutemiya6
@keyralumma
🔰 Gaaffiif Deebii .. waa.ii Qur'aanaa qofarraa laaftuu fii gabaabduu
Kantaate Erratti👇hirmaadhu

🔰 Qur'aana keessa boqonnaawwan (suuraat) meeqatu jira ?

1⃣ 60 jaatama 2⃣ 110 dhibbaaf kudan

3⃣ 114 dh f k Afur 4⃣ 115 dh f k shan

Hirmaadhaa Hundumtuu
Yaada qabdan 👇
karaa kanaan 👉 @Ibnu_hajar
Continue...........
Join 👇
@hafiz_jihad
@keyralumma
@Ibnutemiya6
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
👍Deebiin gaaffiif deebii keenya harraa 3ffaa yoo ta.u 👉Hirmaannaa keessaniif baay.ee isin galatoomfanna 🤲🏾 worri sadaffaa tuqxan 👏👏👏 Argattaniittu ulfaadhaa galatoomaa Nuuf jiraadhaa hundumti keessanuu
👉Akka Erraa barnoota Argattan Abdii qabnaa Ramadaana gaarii Rabbiin Nasriisaa Nuhaa badhaasu 🤲🏾
Forwarded from 🔈Muaz Yakub💡 (Ibn Yakub)
_ Barnoota soomanaa _
              Kutaa 5ffaa
🚫 Wontoota soomana balleessan 🚫


    1ffaa

🚫Namni Guyyaa Soomanaa Qunnamtii saalaa godhuun soomana balleesse.
guyyaa isaa kan hafe soomana itti fufuu qaba.
guyyaa kana qadaa kafaluu qaba.
adaba kaffaaraa guddotu isarraa barbaachisaa.
isiinis gabra tokko bilisoomsuudha. yoo hin argatin ji'a lama walitti dhaabee soomanuudha. yoo hindandayin miskiina jahaatama nyaachisuudha.
Towbaan Rabbi araarfachuu kadhaa heddummeessuu barbaachisa.

     2ffaa

🚫Beekaadhaa irraanfiidhaan maletti nyaachuu fii dhuguu,namni kun soomanni isaa nibada, guyyaa san hanga hafe soomanaan turuun dirqamaa, qadaa guyyaa fure sanii kafaluu qaba, gabbuu, sheenawuufii towbachuu isa barbaachisa.

    3ffaa

🚫Bishaan hormaataa dhangalaasuu, osoo dammaqaa jiruu. Kan hirriibaan hintahin.Qaama saalaa harkaan of tuttuquun,jaarsaaf jaartiin walqaqqabuun,waldhungachuufi walhammachuun tahuu Bishaan hormaataa dhangalaasuu. Kunis Adabuma akka nama beekaa nyaataa fi dhugaatiin fureetu isarra jira.

   4ffaa

🚫Limmoo nyaataa godhachuu,tan isiin nyaataafi dhugaatirraa duroomuu danda'an.

    5ffaa

🚫Limmoo dhiigaa godhachuu,dhiga nama biro karaa limmootiin ufitti naquu .

     6ffaa

🚫 Dhiiyni baatiitii fi kan ulmaa dubartitti dhufuu.

    7ffaa

🚫dhiiga ufirraa baasuu. koobaan,hidda muruun,limmoon nama dhukkubsate gargaaruuf ufirraa waraabuun fi kkf. soomana ni fura.Nabiin s.a.w. akki jedhe ''kankoobee fi
kan koobbates soomana furan'' abudawudii fi nasa'I odeesse, albaaniin sahiiha jedheen.
Hubachiisa-Ammoo dhiiyni ufumaan namarraa yaa'u kan akka funuunaa fi ilkee buqqaasanii dhiiydee soomana hin furu. koobas mitii ittis hin fakkaatu.

    8ffaa

🚫Beekaa uf haqqisiisuu hadiisatti ''Namni soomanaa yoo haqqisaan dirqiin isatti dhufte homaa isarratti hin jiran, ammo namni of haqqisiise qadaa haakafalu'' warreen sunanaatu odeesse albaaniin sahiiha jedheen.
Itti fufa...
Barumsa dabarteefi haarawa argachuuf
Channel keenya daawwadhaa!
👇J   O   I   N👇
@abu_abdalah1
@keyralumma

Barnoota waan ramadaanaa irratti yaada yoo qabaattan👇
@Mzfirst
Fala yommuu-sodaafi-Rakkoon-cimu

@Ibnu_hajar kutaa 2ffaa

Duula Khandaq ykn Ahzaab

Duraan dursee Khandaq jechuun booyii bal’aa, dheeraa fi gadi fagoo diina irraa of eeguuf qotamuudha. Ingiliffaan “Trench”. Ahzaab jechuun immoo gareewwan garaagaraa bakka tokkotti gamtoomaniidha. Duulli kuni duula Khandaq kan jedhameef sababa naannawa Madiinaatti booyiin bal’aan, dheeraa fi gadi fagoon qotameefii. Ammas, maqaa biraatiin Duula Ahzaab kan jedhameef Muslimoota Madiinaa keessa jiraatanitti duuluuf gareewwan adda addaa walitti dhufuun waan gamtoomaniif. Gareewwan kunniinis Qureeshota, Ghaxafaan fi kanneen biroo.

Duulli Khandaq akka hijraatti bara 5ffaa keessa adeemsifame. Sababa itti adeemsifameef beekuuf xiqqoo gara duubaatti deebi’uu barbaachisa.

Yommuu Nabiyyiin sallallahu aleyhi wasallam ergaman Madiinaa keessa gosa yahuudaa baay’eetu jiraataa ture. Nabiyyiin (SAW) gara Madiinaa erga godaananii booda heera ittiin bulmaataa fi waliin jireenyaa jiraattoota Madiinaatiif baasan. Jiraattoota Madiinaa kanniin keessaa gosoota yahuudota waliin walii galtee uuman. Wali galtee kanniin keessaa Muslimoota irratti diina akka hin gargaarree fi ofitti hin qabneedha. Garuu Yahuudonni wali galtee kana diiguun Muslimoota irratti humna diinaa jabeessan.

Gosoota Yahuudaa keessaa gosti Banii An-Nadiir jedhamtu, Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) ajjeesuuf yaalte. Nabiyyiin sahaaboota isaa garii waliin haajaaf gara iddoo jireenyaa Banii An-Nadiir deeme. Osoo dhaaba mana jalaa taa’anu6, gosti tuni isa ajjeesuuf mala dhoofte. Ergasii Rabbiin subhaanahuu wa ta’aalaa Nabiyyiitti dhara (shira) isaanii kana beeksise. Nabiyyinis yeroodhuma sana achii baqatanii deeman. Ergasii sababa walii galtee diiganii fi Nabiyyi ajjeessuuf yaalaniif Banii An-Nadiir Madiinaa keessaa baasuuf murteessan. Gosti tuni gariin bakka Khaybar jedhamtu deeman, gariin immoo gara Shaam deeman. (Suuratu Al-Hashr keessatti waa’ee Madinaa keessaa baafamuu gosa tanaa ni arganna.)

Banii An-Nadiir irraa warri Khaybarin qubatan, meeshaa isaanii qofa osoo hin ta’in jibbaa Muslimootaaf qabaniis qalbii keessatti guuttatanii bahan. Khaybar keessa homaa hin turre, yoosu Muslimoota irraa gadoo baafachuuf mala dhayuu jalqaban. Dhumarratti, Muslimoota irratti lola banuuf gosoota biraa waliin gamtoomuu irratti walii galan. Kaayyoo isaanii galmaan gahuuf, jiila Sallaam ibn Abi Al-Huqayq, Huyyi ibn Akhxab, Kinaanah ibn Ar-Rabii’i ibn Huqayq, Huuzah bin Qays Al-Waa’ilii fi Abi Ammaar of keessaa qabu gara Makkaa ergan. Jiilli kuni wanta kaayyeeffame galmaan ni gahe. Innis gosoota Arabaa Muslimootatti lola akka banan kakaasuu fi gamtoomsudha. Qureeshonni, Ghaxafaani fi gosti biroo gamtoominaan Madiinaa weeraruuf irratti walii galan. Qureeshonni Muslimoota waliin diinummaa hadhaawaa waan qabaniif salphumatti yahuudota waliin wali galan. Ghaxafaan immoo diinumma Muslimoota waliin hin qabanii turan. Garuu boojii lolaa fi qabeenya Madiinaa argachuuf isaaniin wali galan.

Wali galteen loltummaa ni guuttame. Qureeshonni, Yahudoonni fi Ghaxafaan wali galtee loltummaa kana keessatti kutaa barbaachisaa qabatu. Ulaagaalee irratti wali galan qabu. Ulaagaalee kanniin keessaa inni ijoon, waraana gamtooman kana keessatti Ghaxafaan loltuu kuma jahaan hirmaachuu, yahuudonni oomisha temiraa waggaa tokkoo gosa Ghaxafaaniif kennuudha. Qureeshonnis loltuu kuma afur walitti qabde. Ghaxafaan kuma jaha. Kanaafu wali galatti, loltu kuma kudhan ta’an. Hoggantummaan loltuu Abu Sufiyaanitti kennamee.
Continue ........
Join godhaa 👇
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
@Ibnu_hajar

Du'aa'ii Soommanaan furan. Beektaa laata ? ilaalladhu👇
بسم الله، ﺍﻟﻠَّﻬُﻢَّ ﻟَﻚَ ﺻُﻤْﺖُ ﻭَﻋَﻠَﻰ ﺭِﺯْﻗِﻚَ ﺃَﻓْﻄَﺮْﺕُ. ﺫَﻫَﺐَ ﺍﻟﻈَّﻤَﺄُ ﻭَﺍﺑْﺘَﻠَّﺖْ ﺍﻟْﻌُﺮُﻭﻕُ ﻭَﺛَﺒَﺖَ ﺍﻷَﺟْﺮُ ﺇِﻥْ ﺷَﺎﺀَ ﺍﻟﻠَّﻪُ .
Bismillaah! Allaahumma laka sumtu, wa'alaa rizqika Afxartu. Zahaba zama'u, wab-ttalatil uruuqu wasabatal ajru in-shaa Allaah

Share godhaa! Waliin gahaa. Sababaa keetiin namni tokko yoo Du'aa'ii tanaan fure Ajrii guddaa argatta.
Join 👇
@hafiz_jihad
Forwarded from Deleted Account
ZIKR RAMADAAN
Muaz yakub

📿 📿 📿 FFAA 📿 📿
GUYYAA5⃣

Baatichi khayrii qaba
Jaalalaan haguugame
Ji'a jechi rabbii
Keessa nuuf buufame...

Ji'a ajriin sunnaa
Waajibaan qixxaatu
Waajibnis dachaadhaan
Namaaf katabamtu...**

Baatii hundaa olii
Kan rabiin filate
Nasrii hedduusiitu
Keessatti argamte...

Kam himeen kam dhiisa?
Bu'aa ramadaanaa
Isa hafe guyyaa
Guyyaan Woliif himna...**

📿 📿 📿 FFAA 📿 📿
GUYYAA5⃣
Mata duree ZIKR RAMADAAN Jedhurratti walaloo gaggabaabdu guyyaa guyyaan channel Muaz Yakub irratti kan affeeramtan ta'a.
👌Channel kana👇 @abu_abdalah1 ⓙ ⓞ ⓘ ⓝ 👈 gochuun nu hordofaa, hiryoottan keessan jaallattan hunda affeeruun wolumaan maatii channel kanaa ta'uu keessaniif kabajaafi jaalalli nuti isiniif qabnu dachaadha ulfaadhaa galatoomaa!
💚🤝🤝🤝🤝💚
👉 @abu_abdalah1 🤝
Ramadaana argachuu keenyaan milkaahoo dha Rabbiin galatoomfachuu qabna!!
★★★★★★★★★★★★★★
Xalahaa Ibnu Ubaydallaah Rabbi isarraa haa jaalatu akka dabarsanitti:-

«namoonni lama gara Ergamaa Rabbi sallallaahu alayhi wasallam dhufuun yeroo walfakkaataan islaamummaa fudhatan(islaaman).

Tokko ibaadaarratti cimaa yoo ta'u kun immoo jihaadarratti baay'isee hirmaata ture, osoma ta'u guyyaa tokko jihaadarratti ajjeefamun shahiida ta'a. tokkommo kun du'e wagga tokkon booda innis du'e.

Xalahaan akkana jedha "guyyaa tokko abjuu dhaan warra lamaan kanniin wajji balbala jannataa dura dhaabbadha, wanni tokko kessaa gara balbalaa bahuun nama booda du'e saniin seeni jadheen, eeganaa deebi'ee dhufuun nama dura du'e saniin seeni jadheen, eegasii natti garagaluun ati deemi debi'i yeroon kee hingeenne naan jedha".

Xalahaan akkuma hirribaa ka'en namootatti hime namoonnis ajaa'iban, oduun kuni Ergamaa Rabbii sallallaahu Alayhi wasallam bira gahe isaanis namootaan" maaltu isin ajaa'ibe?. Jedhani gaafatan. Sahaabonnis yaa Ergamaa Rabbi warra lamaan kana kessaa tokko jihaadarratti baayyesse hirmaata ture shahidas ta'e jira haa ta'u male akka dura jannata seenu kan godhame kan boodaa saniini. Jedhaniin

Ergamaan Rabbis(S A W), "namni jannata dura seene sun ka dura du'e saniin booda waggaa tokko lubbuun hin turre?" Sahaabonnis eyyen jedhanii deebisan. Ergamaan Rabbiis Sallallaahu Alayhi wasallam "Ramadaan hinqunnamne? Hin soomne? Salaata hanganaaf haangana gahu hin salaanne?" Namoonnis(Sahaabonnis) "Een" jedhan.

Ergamaan Rabbi(S A W):- "kanaaf isaafi nama kaan jidduu jijjiirama samiif dachii(ardii) caalutu jidduu isaani jira" jedhaniin.»

Ibnu Maajaah(2/345,346), Sheek Albaanin silsilaa al-sahiihaan sahiiha jedhanii gabaasaniiran

@Ibnutemiya6 @hafiz_jihad
@Keyralumma @Keyralumma
🌙 ❂͟͞f͟͞a͟͞z͟͞z͟͞a͟͞k͟͞k͟͞i͟͞r͟͟͞͞/͟͞y͟͞a͟͞a͟͞d͟͞a͟͞c͟͞h͟͞i͟͞i͟͞s͟͞i͟͞❂ ፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣
Qur'aan? qur'aanni waan bifa barreefamaatiin gara ilma namaa buufamee miti. Waan dubbiidhaan ilma namaatti kenname. Rasuula irratti s.a.w yeroo tokko qur'aanni ni qara'ama isaan haffazanii nama kaanitti dabarsan, akkasitti babal'ataa deeme.

⌛️Waa lameen kana sadarkaa isiidhaa rabbi malee namni beekuu hin danda'u. #sadarkaa nama soomana qulqulluu somanuu fii #obsa dhugaa nama qabu. Obsi( waan rabbiin fedhu dalaguu fedhii lubbuu gadi qabanii, waan inni dhoowwes dhoowwamuu)
#wanta soomana adda taasisu keessaa guyyaa qiyaamaa, osoo badiin namaallee sirra jiraattee, sirraa fuudhame akka ibaadaa biroo namaa miite sanaa hin kennamu. Ajriin isa keetuma qofa.

Yaa obbolii keenya kan shamaraa, niyya tollaan ajrii guddaa dalagatutti jirtan, nama soomanaa ooleef nyaata qopheessitanii dhiheessuun keessan qoftuu waan guddaadha rabbiin isinirraa jaalannaan.
#Rabbiin keyrii xiqqoo fi guddoos nurraa haa jaalatu.
2024/09/30 13:20:57
Back to Top
HTML Embed Code: