Telegram Web Link
Forwarded from Deleted Account
By @Ibnu_hajar
بسم الله

Fageenya keessanis
Sirriitti Eeggadhaa
Sosochii qannasuun
Manuma jiraadhaa

Guyyaatti yeroo shan
Wuduu a godhadhaa
Erra deddeebiidhaan
Harkallee dhiqadhaa

Namni yoo of dagatee
Aarsaa lubbuu kaffalaa
Yoo maaqooyyaa baqate
Daataa du aa dabalaa

Wol dudubbisaa Ooluun
Kooroonaaf si saaxilaa
Nagaa sitti fakkaatee
Vaayireesiin siwoxalaa

harka utuundhiqatin
Qaama miiraan tuqinaa
Yoo qorraaciin dhabame
Alkooliin dagatinaa

Yoo haqaan woljaalattan
Wolis hin dubbisinaa
Salaamtaa yoo ta e male
Harka wolinfuudhinaa
Join 👉 @hafiz_jihad

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Plan Your Work:
By @Ibnu_hajar 👍 dubbisii fayyadami
Jaalala Qur'aanaa rabbi nuuf haa kennu🙏
__
Yeroo Qur’aana Rabbi qaraataani fi haffazdan
kan Asiin gadii niyyadhaa:-
1. Jaalala Rabbiitii fi Rasuulaa
(SAW) argachuu niyyadhaa
2. Aayata takka baratuun Gaalaa
fii qabeenya biraa kan isatti
qixxaayu argachuu caala
3. Mataa mataa Harfii (qubee)
Qur’aanaatiin sawaaba (keyrii)
10 argachuu niyyadhaa
4. Qur’aanni guyyaa Qiyaamaa
akka ragaa nuuf bahu niyyadhaa

5. Rabbiin sababa isaatiin
sadarkaa keenya akka olfuudhu
niyyadhaa
6. Qur’aanni haada Rabbii
qajeelluma namaatiif samii
irraa gara dacheetitti gad
dheereffame waan taheef
jallinnaa fi badiinsa irraa
sababa isaatiin Rabbiin najaa
(nagaha) nubaasuu niyyadhaa
7. Qur’aanni ifaa dacheeti, zukrii
(faaya olkaayamaa) samii
tahuu niyyadhaa
8. Namni qur’aana baratee
barsiise caalaa namaa waan
taheef, isaan irraa tahuu
niyyadhaa
9. Malaa’ikaa qulqulluu tahan
woliin tahuu niyyadhaa
10. Namni qur’aana qara’u umrii
jaletti (manguddoomee
xiqqeennatti ) deebi’uu dhabuu
niyyadhaa
11. Taaja (faaya) tasgabbiitii fi
kabajaa Rabbiin na
uffisuu.Rabbiin narraa jaalatuu
niyyadhaa
12. Haadhaa fi Abbaa kiyya Rabbiin
taaja (faaya) Jannataa nuura
irraa tahe uffisuu niyyyadhaa
13. Worri Qur’aanaa; namoota
Rabbii kan kophaa (keessoo)
isaa waan tahaniif isaan irraa
tahuu niyyadhaa
14. Sababa Qur’aana qara’uu
kiyyaatiin ibidda irraa akka
najaa nubaasu niyyadhaa

Waan barreeffama keeyrii kana dubbiftaniif
galanni keessan Jannata haa tahu.
Rabbiin ija keeyrii hojjattu hunda isii ibidda
jahaannam jalaa haa baasu.
Aamiin yaa rabbi
Join godhaa 👇
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
Forwarded from Izu Yezid
ZIKR RAMADAAN

Muaz yakub
📿 📿 📿 FFAA 📿 📿📿__HALKAN__ 6⃣

Taa'ee nama hin eegu
Lakkoofsi itti fufa
Guyyaan fagoo seetu
Dafee sitti dhufa...

Kaleessa shan jettee
Kan lakkaawaa turte
Jahas halkan isii
Kunoo qixxeeffate...**

Egaa ramadaanni
Deemsasaa itti fufe
Hiraatuma deema
Waan fudhatee dhufe...

Ji'a araaramaa
Gammachuun beekame
Kennaa gurguddoodhaan
Dhufe bar faayamee...**

Ji'a barumsaati
Waa nama leenjisa
Rakkinaaf qananii
Adda namaaf baasa...

Yeroo isii keessaa
Qabachuun dabarsi
Zikriifi du'aaii
Qaraatii baay'isi...**

Rakkataa deeggaraa
Dhibamaas gaafadhu
Du'aaii itqiitis
Deddeebiidhaan kadhu...

Yaadachiisuuf male
Silaa ni beektanii
Sin woliin haa ta'u
Gargaarsi rahmaanii...**


📿 📿 📿 FFAA 📿 📿📿__HALKAN__ 6⃣
Mata duree ZIKR RAMADAAN Jedhurratti walaloo gaggabaabdu guyyaa guyyaan channel Muaz Yakub irratti kan affeeramtan ta'a.
👌Channel @abu_abdalah1 👉 ⓙ ⓞ ⓘ ⓝ 👈 gochuun nu hordofaa, hiryoottan keessan jaallattan hunda affeeruun wolumaan maatii channel kanaa ta'uu keessaniif kabajaafi jaalalli nuti isiniif qabnu dachaadha ulfaadhaa galatoomaa!
💚🤝🤝🤝🤝💚
👉 @abu_abdalah1 🤝 @abu_abdalah1 👈
Forwarded from Deleted Account
Kamil Sherif:
-Ji'a Ramadaanaa keessa dalagaa baay'ee barbaachiftuu taate kan muslimni hundi dalaguu qabu:
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
"Nyaata Furiinsaa (nyaata soomanaan furan) qopheessuu; keessattuu warra waa hin qabneef"

(من فطر صائم كان له مثل أجره غير أنه لا ينقص من أجر الصائم شيئا.)

Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan:" Namni nama soomane fursiise fakkaataa ajrii nama fursiisee argata; osoo waa takka ajriin nama inni fursiisee irraa hin hir'atin." {At-Tirmizii: 807}
Fala yommuu-sidaafii-rakkoon-cimuu

By @Ibnu_hajar kutaa 3ffaa

Ghaxafaan kuma jaha kanaafuu wolii galatti loltuu kuma kudhan ta.an Hogganttummaan loltuu Abaa sufiyaanitti kennamee....

Yommuu Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) loltuun kuni hundi gara Madiinaa dhiyaachaa akka jiru dhagayan, kuni Muslimoota ni yaachise. Lolaaf of qopheessan, Madiinaa keessatti eeggumsa gochuu fii balaa dhufu ittisuuf ni mirkaneessan. Loltuun Muslimootaa kuma sadii hin caalu ture.

Salmaan Al-Faarisii naannawa Madiinaatti booyiin akka qotamu yaada dhiyeesse. Malli kuni Faarisoota (Pershiyoota) biratti mala lolaa hordofaniidha. Salmaan ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! Nuti lafa Faaris keessatti duula waraanaa yoo sodaanne, naannawa keenyatti booyii qotna.” Ergamaan Rabbiis yaada isaa fudhachuun booyi qotuutti ajaje. Booyiin kuni naannawa kaaba dhiyaa Madiinas kallatti diinni ni seena jedhamee sodaatameen qotamuu eegalame. Madiinaa keessa gaarreen ni jiru. Gaara Sala’aa jedhamu of duubatti dhiisuun gara diinni seenuuf qophaa’een booyii qotan.

Ergamaan Rabbiis (SAW) qotiinsa booyii sahaabota isaa jidduutti qoqqoode. Namoota kudhaniif hanga ciqilee afurtamaa akka qotan qoode. Dheerinni booyii gara ciqilee kuma shanii, gadii fageenyi ciqilee torbaa hanga kudhanii, bal’inni ciqilee sagalii ol ni gaha.

Ergamaan Rabbii sallallaahu aleyhi wassallam Muslimoota mindaan abdachiisuun booyii qotuu irratti ni hojjatan. Muslimoonni isa waliin ni hojjatan. Qorri garmalee cimaa ture. Wanta lubbuun akka hin baane dhoowwu malee nyaata isaan jabeessu hin argatan. Inumaa yeroo garii sanuu hin argatan.

Abu Xalha ni jedh: Ergamaa Rabbiitti (SAW) beela himanne. Dhagaa garaa keenyatti hidhame irraa uffata keenya saaqnee, Ergamaan Rabbii immoo dhagaa lama irraa uffata saaqan.” (Jaami’u At-Tirmizii 2371)

Kana jechuun Nabiyyiin (SAW) beela irraa kan ka’e dhagaa lama garaa irratti hidhatan. Sahaabonni beela irraa kan ka’e dhagaa tokko tokko garaa irratti hidhachuun booyii qotan. Isaan kana waliinuu warra gammadan, Rabbiif galata galchanii fii faarsan turan. Waadaa isaaniif galame hin shakkan, eenyullee hin ajeeffatan.

Anas radiyallahu anhu ni jedha: Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam gara booyii ni bahan. Yommuu bahu, muhaajiroonni fii Ansaaronni ganama qorraan booyii qotu. Gabroota kana isaaniif hojjatan hin qabanu turan. Nabiyyiin (SAW) beelaa fi dadhabbii isaanii yommuu argu akkana jedhe:
Yaa Rabbii!Jiruun jiruu Aakhiraati 
Ansaaraa fi Muhaajiraaf araarami 
Sahaabonnis deebii deebisuun ni jedhan:
Nuti warra Muhammadiif waadaa seenee Qabsoo irrattii hanga lubbuun jirruu abadii

(Kana jechuun nuti hanga lubbuun jirruu qabsaa’uuf warra Nabii Muhammadif (SAW) waadaa seenedha.) (Sahiih Al-Bukhaari 4099)

Seenaa kana irraa wanta baay’ee baranna: Isaan keessaa tokko, diinni isaan marsuu fi booyii qotu waliin beela cimaa irratti obsuu. Nabiyyii fi sahaabonni beela irraa kan ka’e dhagaa garaa irratti hidhatan. Kuni kan nama barsiisu, namni yommuu maallaqa dhabu ykn beelaan rukutamu, beelli qormaata akka ta’e beekuun obsuu fi rahmata Rabbii abdachuudha. Nabiyyii fi sahaabota hojii ulfaataa kana hojjachuu waliin beelli isaan rukute. Isaan kana waliinuu ni obsan, warra gammadanii fi Rabbiif galata galchan turan. Rabbiin subhaanahuu wa ta’aalaa ni jedha:
“Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157
Duula Khandaq ilaaluu itti fufna, In sha Allah Continue........
Join 👇
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
Hadiisa Aa'ishaa fi Ummu-Salamaan odeysiteen "ergamaan Rabbiiﷺ warra isaatii waliin ciisee osoo Janaabdawee jiruu Fajrii(barii) dhaqqaba. Eeganaa dhiqatee Soommana" ja'an.

•Kanarraa maal hubanna?
1. Osoo hin manaamin(abjootin) warra isaatii waliin ciisee namni Janaabdawe, kan ammoo eega Janaabdawe akka tasaa Subhiin itti geyse dhiqatee Salaatuu dandaha. Soommana isaatis itti fufa. Eega barihe(Fajriin gahe) booda warraa waliin ciisuun Soommana balleysa. Fajrii dura garuu humaa hin qabu.

2. Haalli kun ergamaa Rabbii qofaaf osoo hin taane nama hundaaf taha. Hadiisa biroo kan Aa'ishaan odeysitee Muslim gabaaseen "namni wahii tokko ergamaa Rabbiitti dhufee 'yaa ergamaa Rabbii osoon Janaabdawee jiruu yeroon Salaataa natti geyse. Nin Soommanaa?' ja'ee gaafate. Ergamaan Rabbii 'anuu osoon Janaabdawee jiruu Salaanni natti gaha. Numaan Soommana' ja'ee deebiseef" jatte.

3. Sii Janaabdawee jiru yeroo Salaanni gahe Soommana kee itti fufta. Ammoo daftee dhiqattee Subhii Salaatuu qabda. Subhii dabarsuun, Janaabdaan Salaatuun hin tahu.

4. Ergamaan Rabbii warra isaatii waliin ciisee Janaabdawa malee hin manaamu. Manaamni akkasii Sheyxaanarraahi.

5. Namni manaamee bishaan irraa bahe, kan ammoo akkasitti Janaabdawee bariisifate, Soommanni isaa bade jechuu miti. Innilleen qooduma kana qaba. Fedhii isaatin malee Janaabdawee waan jiruuf hin komatamu.

6. Namni kamilleen eega Janaabdaan bariisifate dhiqatee Salaatuu qaba. Yoo bishaan ittiin dhiqatu arkatuu oole hoo? Biyyee bareedduu laalee Tayammuma godha. Soommana isaa ammoo nagayaan itti fufa.

7. Soommana dirqamaa fi kan Sunnaattis haala kana godhuun ni dandahama. Namni Janaabdawee Subhii dhaqqabe, guyyaa san furee nyaatee booda ammoo Qadaa hin kafalu. Cal'isee itti fufa, Soommanni isaa fayyaa qaba.

8. Dubbiin tun dhimma Heydii(marsaa laguutin) wal fakkaatti. Intaloon marsaa laguurra turtee Subhii dura qulqulloyte, tan ammoo osoo hin dhiqatin Subhiin itti geyse ni Soommanti. Dhiqattee Salaatti, Soommanni isii fayyaa qaba. Ammoo osoo hin qulqullaawin, osoo dhiyni irraa hin dhaabbatin yoo bariisifatte guyya san ni furti. Xahaaraan malee Soommana hidhachuun hin tahu.

9. Hadiisa kanaan Diin laafaa, waan namatti hin ulfaanne tahuu garra. Rabbiin waan gabroottan isaa godhuu hin dandeenye irra hin kaayu. Waan Rabbiin laaffisee karaa godhe ammoo jabeessanii namatti himuun hin barbaachisu. Bareechaa walitti himaa malee wal hin baqachiisinaa.

Maddi keenya 👇👇
@ahmedin99 Ahmedin Jebel
@Keyralumma @Ibnutemiya6
Forwarded from 🔈Muaz Yakub💡 (Ibn Yakub)
ZIKR RAMADAAN
          By
Muaz yakub

Guyyaan jaha dhumnaan
Torbaffaadha jalqabne
Kurnan duraa xumuruuf
Sadii qofa hanqanne....

Rahmatni rabbii keenyaa
Kan addunyaaf taatu
Mukkeeniif hayawaannis
Qooda irraa argatu....**

Bal'inni rahmatasaa
Tilmaamuuf kan ulfaatu
Dhibbarraa tokkoonsiiti
Kan hundayyuu quufsitu....

Qabeenyi dunyaa kanaa
Cufti gammachuu isaa
Rahmata rabbii keessaa
Tokkichasatu nu quufsa....**

Tokko akkas guddannaan
Dhibbihoo maal haa taatu?
Jannata seentu male
Hangasaa waa hin bartu....**

Kana maaliif dubbateen
Gaaffii sitti hin ta'ini
Dhuma kurnan rahmataa
Si yaadachiisuufani....

Xiqqoo hafte keessatti
Barakaa yoo arganne
Harra qofayyuu miti
Duniyaattuu milkoofne....

Guddinasaa arganaan
Ruuhiin aara galfata
Milkooftan nuun haa jedhu
Rabbiin abbaan rahmata... **

📿 📿 📿 📿 FFAA  📿 📿📿
GUYYAA 7⃣
Mata duree ZIKR RAMADAAN Jedhurratti walaloo gaggabaabdu guyyaa guyyaan channel Muaz Yakub irratti kan affeeramtan ta'a.
  👌Channel
@abu_abdalah1
   👉 ⓙ ⓞ ⓘ ⓝ 👈
gochuun nu hordofaa, hiryoottan keessan jaallattan hunda affeeruun wolumaan maatii channel kanaa ta'uu keessaniif kabajaafi jaalalli nuti isiniif qabnu dachaadha ulfaadhaa galatoomaa!
             💚🤝🤝🤝🤝💚
👉 @abu_abdalah1 🤝 @abu_abdalah1 👈
ﻗَﺎﻝَ ﺍﻟﻨَّﺒِﻲُّ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ” ﺃَﻳُّﻜُﻢْ ﻣَﺎﻝُ ﻭَﺍﺭِﺛِﻪِ ﺃَﺣَﺐُّ ﺇِﻟَﻴْﻪِ ﻣِﻦْ ﻣَﺎﻟِﻪِ .” ﻗَﺎﻟُﻮﺍ ﻳَﺎ ﺭَﺳُﻮﻝَ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﻣَﺎ ﻣِﻨَّﺎ ﺃَﺣَﺪٌ ﺇِﻻَّ ﻣَﺎﻟُﻪُ ﺃَﺣَﺐُّ ﺇِﻟَﻴْﻪِ . ﻗَﺎﻝَ ” ﻓَﺈِﻥَّ ﻣَﺎﻟَﻪُ ﻣَﺎ ﻗَﺪَّﻡَ، ﻭَﻣَﺎﻝُ ﻭَﺍﺭِﺛِﻪِ ﻣَﺎ ﺃَﺧَّﺮَ
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Isin keessaa qabeenya isaa caalaa qabeenyi warroota isa dhaalanii isa biratti jaallatamaa kan ta’e eenyu? (Jecha biraatin, eenyutu qabeenya ofii caalaa qabeenya warra isa dhaalanii jaallataa?) Sahaabonnis ni jedhan, “Yaa Ergamaa Rabbii nu keessaa nama qabeenyi isaa isa biratti jaallatamaa ta’e malee hin jiru.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Dhugumatti qabeenyi isaa wanta duraan kennate dabarseedha. Qabeenyi warroota isa dhaalanii immoo wanta inni tursiisedha. ” Sahiih Al-Bukhaari 6442
Kana jechuun wanti namtichi Rabbiif jedhe sadaqaa kennate, Guyyaa Qiyaamaa fuundura isaatti ni arga. Wanti inni tursiise immoo erga inni du’ee qabeenya warra isa dhaalaniti. Kanaafu, wanta Rabbiin jaallatu irratti baasi, qabeenyi turaan kee sanii.

@risalaTube sammubani.com
@Keyralumma @Ibnutemiya6
@hafiz_jihad
YAROO KETTI
FAYYADAMU
HIN DAGATIN

Baatin Ramadaanaa yaroo Ofiitti Akka Namni Fayyadamu Barbaada

Maalif Jennaan kayriin Baatii Ramadaanaa Kessa Hojjatamuu Isa Baatii Kaan Kessa Hojjatamuun Tokko Hin Ta,uWaan Taheefi

Kanaafu Sirriitti Yaroo Kenyyatti Fayyadamnee Kayrii Ji,a Kanaa Erraa Booji,achun Kenyya Bayyee Barbaachisaadhaa

Kessumaayyu Jiini kun ji,a Qur,aanni Rabbii Keessa buufame Waan Taheef Sirritti Qur,aana kana Erra Deddebinee Qara,un Yoo Xiqqa,ate Marraa Shanii ol Buusuun Ykn Kattamuun Nurraa Barbaachisaadhaa.

©️lbn nuuraa ✍️
@Ibnutemiya6
@hafiz_jihad
@kayralumma
Nabiyyiin sallallaahu alayhi wasallam akkana jedhaniiran:-

«Dubbii dharaa, dharaan dalaguu akkasumas dalagaa wallaaltotaa namni hindhiisne nyaataafi dhugaati dhiisu isaarraa Rabbiin dhimma irraa hinqabu.»

(Bukhaariitu gabaase)
Forwarded from 🔈Muaz Yakub💡 (Ibn Yakub)
ZIKR RAMADAAN
         By
 __Muaz yakub__

GUYYAA 8 FFAA

Guutuun Ramadaanaa
Sinboo gaarii qaba
Namni soomaan oole
Gammachuun goolaba....

Guyyaan saddeetaffaadha
Torbaansaatu naanna'e
Tola isaarraa rabbiin
Kunoo har'aan nu ga'e

Kan soomnee dabarsine
Inni nuuf haa qeebalu
Rabbi murteessu male
Maaluu namaaf hin qajeelu

GUYYAA 8 FFAA
○Mata duree ZIKR RAMADAAN Jedhurratti walaloo gaggabaabdu baatii ramadaanaatiin wol qabatu guyyaa guyyaan toora telegram Muaz Yakub irratti kan affeeramtan ta'a.

https://www.tg-me.com/abu_abdalah1

       👉 ⓙ ⓞ ⓘ ⓝ 👈gochuun nu hordofaa, hiryoottan keessan jaallattan hunda affeeruun wolumaan maatii channel kanaa ta'uu keessaniif kabajaafi jaalalli nuti isiniif qabnu dachaadha ulfaadhaa galatoomaa!
By @Ibnu_hajar

Seenaa Ajaayibaa

Intalli dubaraa tokko Abbaa manaa ishii Woliin ilma
dhiiraa tokko qabu obboleessa Isii wojjin Nama sadii
ta anii jiraataa turan Osoo jiraatanuu jarri sadan miidhaa Arrabaa Mucayyoo kana irraan Ga.an ilmasii Abbaa manaa Isii fi obboleessa isii ta anii sadan jaraa Intala miskiina kana irraan miidhaa Arrabaa cimaa Erraan ga.an Intalti kunis gara seeraatti deemtee himannaa Dhiheessite seerris murtee mucaa kanaa Akkana jechuun Murtee kenne Isaan sadanuu Akka Ajjeefamanuuf Ajaja dabarse garuu yoo sadanuu du.an isiin kophaatti waan Haftuuf kanaafuu Nama tokko Akka Ambifattu Eeyyamameef Namni lama kan Ajjeefamu nama isiin filattee du aaf Kennite ta a kan hafus Nama isiin Ambifatte qofatu Hafa EeNyuun filattee hambiftti laata ????
Mee shamarraan utuu isin ta ee Eenyuun filattu ?.....


Isiin garuu Akkana jette yoo Abbaa manaa ta.e bor Ykn Iftaan nan Eeruma ilmoos yoo ta.e Eerumee woggaa tokkoo Argachuu nan danda.a garuu Obboleessi tokkoon kun najalaa du.ee dhabamnaan lamuu fira Waan hin qabneef obboleessa isii tokkicha filatte jedhamaa
Join👇👇

@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
Fala Yommuu Sodaa fii Rakkoon Cimu-Kutaa 4ffaa

By @Ibnu_hajar

Kutaa darbe keessatti, bo’oo seenaa keessatti qormaata ciccimoo Muslimoota muudatan keessaa duula Khandaq ykn Ahzaab ilaallee turre. Duulli kuni Qureeshota, Ghaxafan fi kanneen biroo walitti qabuun gara loltu kuma kudhaniitiin Madiinaa marsan. Kaayyoon isaanii Muslimoota balleessuu ykn duguuguudha. Dhugumatti kuni qormaata guddaa sodaan, dhiphinnaa fii rakkoodhaan nama hurgufuudha. Mee itti yaadi, lakkoofsi namoota si deeggaranii xiqqaa ta’anii osoo jiranuu, diinni lakkoofsaan garmalee baay’ee ta’e irraa jalaan yoo si marse maaltu sitti dhagahama? Garuu akkuma Ibn Useymiin (rahimahullahu) jedhe, “Nama haala akkanaa keessatti kufe malee kana dubbiin ibsuun hin danda’amu.”

Sababa koronaatin sodaa fi rakkoon addunyaa ammaa haguugaa jirus xiqqaa miti. Tarii seenaa kana barachuu fi yaadachuun obsaa fii jajjabeenya namaaf kenna.

Muslimootatti Qormaanni cimuu
Muslimoonni mataa ofii, magaalaa, qabeenyaa fi maatii isaanii loltuu waraanaa kuma kudhanitti lakkaawamu irraa eeguuf of eeggannoo barbaachisu haa godhannu malee, rakkoo fi qormaata cimaa keessa seenan. Kuni garuu dinqisiisaa miti, seera Rabbii olta’aa keessaa tokko injifannoon rakkoon booda dhufa, mindaa erga qoramanii booda argatan, akkuma injifannoon dhiyaatuun rakkoon dabala ykn cima.

Haalonni armaan gadi qormaanni fi rakkoon Muslimootatti akka cimu taasisanii jiru:

1ffaa-Gosti Yahuudaa Bani Qureyza jedhamtu wali galtee Muslimoota waliin qaban diiguun gara duubaatiin isaan haleeluuf yaalte:

Muslimoonni Banii Qureyzaa kibba Madiinaa jiraatan waliin wali galtee uuman. Wali galtee waan uumaniif gara duubaatiin Banii Qureyzaan Muslimootatti hin duultu jechuudha. Kanaafuu, Muslimoonni garee guddaa loltuu kuma kudhan of keessaa qabutti duuluuf gara fuunduraatti deeman. Kanaaf, booyii qotan. Garuu kana waliinuu Muslimoonni amala yahuudaa waan beekaniif, Baniin Qureeyzaa nu ganti jechuun sodaatan. Kanaafu, yoo bani Qureeyzaan isaan gante, duubaa fi duraan Muslimoonni ibidda lama jidduutti kufuu jechuudha. Yahuudonni duuba isaaniitiin yommuu jiran, loltuun lakkoofsi isaanii baay’ee immoo fuundura isaanitiin jiru.

Hogganaan Bani An-Nadiir dubbii isaa mi’aawaa fi waadaa sobaatin hogganaa Bani Qureyzaa kan ta’e Ka’ab ibn Asad loltuu gamtoomanitti (Ahzaabatti) akka dabalamu gorse. Oduun Baniin Qureyza wali galtee isaanii akka diigan Muslimoota jidduutti ni faca’e. Rasuulli (SAW) Banii Qureeyzan wali galtee isaa fi isaan jidduu jiru akka diigan sodaataa ture. Kanaafi, Nabiyyiin (SAW) Zubayr ibn Awwaam akka oduu isaanii fiduuf isaanitti erge. Zubeeyris ni deeme. Ergasii ilaale deebi’uun akkana jedhe: “Yaa Ergamaa Rabbii! Mooraa isaanii tottolchaa, [haala salphaan Muslimootatti duuluuf] karaa isaanii qulqulleessaa fi horii isaanii walitti qabaa akka jiran arge.”
Banii Qureyzaan wali galte diigu isaanii mallattooleen agarsiisan erga baay’atanii, Nabiyyiin (SAW) Sa’ad ibn Mu’aaz, Sa’ad ibn Ubbaadah, Abdullah ibn Rawaah fi Khawwaat ibn Jubeyr erge. Akkanas isaaniin jedhe: namoota kana ilaalchisee wanti nu gahe dhugaa ta’u ykn ta’uu dhiisu deemati ilaalaa. Yoo dhugaa ta’e, haala ani qofti hubadhuun natti himaa. Namoota hin dadhabsiisinaa (kana jechuun, Bani Qureyzaan wali galtee isaanii diigan jechuun hamilee Muslimootaa hin cabsinaa). Yoo isaan wanta nuu fi isaan jidduutti irratti wali galle guutuuf murteessan, namootatti labsaa.”

Dhiironni afran kunniinis bahuun gara isaanitti deeman. Isaanis Bani Qureyzaan wali galtee akka diigan ni mirkaneessan. Ergasii gara Nabiyyii deebi’uun nagaha gaafatanii jecha inni qofti hubatuun Bani Qureyzaan wali galtee akka diigde itti himan.
Itti fufa..........
Join 👇
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
Forwarded from 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE (𝔅𝔞𝔯𝔟𝔞𝔞𝔡𝔞𝔞 ℌ𝔞𝔮𝔞𝔞)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🎬 Dhandhamadhu mi'aa qura'aanaa 🌴
•┈┈┈•• ✾••┈┈┈••✾•◆❀◆•✾••
🌔 Rabbii, sammiiwwan, dachii fi waan isii jidduu jiruu, Mootii jara kana hundaa gabbari,

Sodaa rabbii keessatti obsa qabaadhu, mee fakkaataan akka rabbii ni jiraa?. fakkaataan akka isaa hin jiru s.w.

Kaafirri kan kaafamu faallessu ni jedha, sila erga du'ee qabrii galee ni kaafamaa?.

Rabbiin deebii yoo kennuuf, ilmi namaa kun akkamitti dagata, hin yaadatu akka itti jalaqaba isa uumne, wayta argamaa hin turin san?.

Rabbiin kakatee waan nabiyyi isaatiin jedhu, orma sana sheeyxaana waliin guyyaa kaafaamaa/guyyaa qiyaamaa/ walitti qabnee, haala jilbiifattoo ta'aniin daangaa jahaannam irratti isaan dhiheessina. Jallina isaan keessa turan kanaaf, haala ol jedhanii dhaabbattuu hin dandeenneen jedha qur'anaa isaa keessatti.

🕘 1:00 💾 2.4 MB
♻️Dhaggeefadhu jecha rabbii, #share godhi qur'anni sadaqaa jaariyaadha lubbuma ofiitiif.
ZIKR RAMADAAN
        By
 __Muaz yakub__

GUYYAA10__FFAA__

Kan guyyaa soomanee
Halkansaa dhaabbate
Mindaa dadhabbiisaa
Rabbitti hisaabbate....

Diliisaa dabarteef
Araarama argataa
Kun shakkii hin qabu
Hadiisatu dubbata....**



Zikrii baayyifachuun
Qur'aanaa jalqabee
Sunnaa anbiyaati
Kan nullee dhaqqabe....

Mindaan dachaa taanaan
Maal nama teessisa?
Lubbuu isii kamiin
Hirriba feesisa?....**



Salaftoonni duriis
Qaraatii baay'isuu
Sababaa zikriitiif
Barumsallee dhiisu....

Zikriin hundaa olii
Kalaama rabbiitii
Deddeebiin dubbisaa
Kan dhiiraaf dubartii
Sijala dabarraan
Boru sheenaa taati....**

GUYYAA10__FFAA__
○Mata duree ZIKR RAMADAAN Jedhurratti walaloo gaggabaabdu baatii ramadaanaatiin wol qabatu guyyaa guyyaan toora telegram Muaz Yakub irratti argachuuf.
   --------> @abu_abdalah1 <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
إنّ في الدنيا جنّة من لم يدخلها لم يدخل جنّة الآخرة، قالوا: وما هي يا إمام؟ قال: محبة الله تعالى وذكره.

♡Duniyaa kana irra jannatatu jira kan isii hin seenne janata aakhiraa hin seenu, Imaamtichaan jedhaniin isiin hoo maali ?
•Jaalala rabbiitifi zirkii isaati jedheen.
Join for more 👇👇
@amirtemam1 @amirtemam1
Forwarded from YEMUHABAW_ZULAL (@ㅐаცiცi👔9963 Šüďï)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
2024/09/30 15:25:16
Back to Top
HTML Embed Code: