Telegram Web Link
👉1-Nabiyyoota Rabbiin dachitti erge
-Nabiyyii kuma dhibba tokko ifii digdamii afur
👉2-Haadha Mu'uminaa akkaan soomantu ifii halkan dhabbatu
-Hafsaa bintu Umar
👉3-Gaarri A'araaf bakkatti argamu
-Jannata ifii Azaaba jiddu
👉4-Maqaa jaartii nabi Luux(AS)
-Waalihah
👉5-Maqaa jaartii nabi Nuuh
-Waalighah
👉6-Maqaa haadha Maryam
-Hannah
👉7-Hijraa meeqa kessa Rasuulli(SAW)hajje
-Hijraa 10ffa
👉8-Hajjii meeqa godhe Rasuulli(SAW)
-hajjii tokko
👉9-Umraa meeqa godhe
-Umraa afur
👉10-Sagalee nabii Daawud sahaabaa kenname
-Abii Muusaa Al-Ash'ariyyi

barnoota itti jirru kana irraa mal barataan mee hamaam samuu keysaa foyesitaan

@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
T.me/hafiz_jihad
Kana beektuu!!!
Beektus obboleessa keetiif qoodi Jzk keyran

1 Namni yeroo duraatiif barri islaamaa akka hijiraa irraa lakkaawamu yaada fide Umar bin Khaxxaab (R A) akka ta’e

2 Namni yeroo duraatiif mana Rabbi (ka’abaan) xawaafe malaayikota akka ta’e

3 Qaama ilma namaa irraa wanti jalqaba uumame Aqlii akka ta’e

4 Namni yeroo duraatiif Quraana haffaze Rasuula (ﷺ) akka ta’e

5 Salaatul khoowfiin (salaatni sodaa) yeroo jalqabaatiif lola Zaati riqaa’I jedhamturratti akka jalqabame

6 Ergamaan (ﷺ) yeroo tokko qofa akka hajjii godhee

7 Maqaan gaala Ergamaa (ﷺ) Al-Qaswaa’I akka jedhamu

8 Akka amantii islaamaatti namni jalqaba seeyfiin lole Nabi Ibraahim (A S) akka ta’e

9 Akka amantii islaamaatti namni jalqaba mana hidhaa ijaare Aliyyi bin Abii Xaalib (R A) akka ta’e

10 Namni jalqaba dhuma khuxbaa irratti “innallaah ya’amuru biladli………” itti fayyadama Umar bin AbdulAziiz akka ta’e

11 Dubartiin jalqaba dhiira ajjeeftee Safiyyaaa bint Abdulmuxxalib RA akka taate

12 Ji'a Raamadaana soomanuun hijiraarraa waggaa 2ffaa irratti dirqama akka godhame

13 Namni jalqaba soomane Aadam (A s) akka ta’e

14 Namni jalqaba jecha “Amma ba’ad” jedhu fayyadame Nabi daawud (AS) akka ta’e

15 Salaatni jalqaba Ergamaa (ﷺ) irratti dirqama godhamte salaata Zuhrii akka taate

Like.... share.....
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
T.me/hafiz_jihad
©️Ibnu surur✍️✍️
@Keyralumma irraa

♻️Muslima dhugaa
👉 KUTAA DURAA

Dachee irratti gabrichaa fi bakka bu'aa (khaliifa) Allaahaa (S.W) akka ta'e itti dhage'ama.

Dhugaa jiraattu godhuuf. tola ooluu fi wantoota gaariiwwan babaldhisuuf. yunivarsii tana bareechiisuuf ambaasaaddara Allaahaa (S.W) isa angoon kennameef ta'ee isaa itti dhageessisa.

Wantootnni yunivarsicha keessa jiran hunduu isaaf tajaajiltoota kaayyoo isaa kan hangafaatiif gar gaartoota ta'uu isaanii ni hubata.

Allaahaan (S. W) isa bira kan jiru ta'uu isaatii fi madda gar gaarsaa fi madda humnaa kan kophaa akka ta'e amantaa gad dhaabbate qaba.

kaayyoon isaa gabricha Allaahaan (S. W) ittiin gammaduu fi gabricha Allaahaan (S. W) jaalatu kan sirrii ta'uu dha.

Wanta Allaahaan (S. W) ajaje onnee qulqulluun dalaga.

Kan inni dhoorke irraa fagaata. ni eeggatas.

Kaayyoon isaa kan nama dinqisiisu. Kunis namoota Allaahaa (S. W) wajjin wal qunnamsiisuu. dachee samii wajjin walitti sufuu dha.


♻️Muslima dhugaa
👉 KUTAA XUMURAA

Allaahaan (S. W) isa kabajee. isa bareechisee. dhaabbannaa gaarii irratti kan isa uume ta'uu isaa. bifa bareeduun isa tolchee ruuhii isaa irraa itti afuufuu isaa ni amana. ni hubatas.

Guyyaa kaayyoo isaa kan hin duune milkessuuf qabsaayaa oolee. halkan ammoo Uumaa (khaaliqaa) isaatii salaataa bula.

Uumaa isaatitti yeroo hundaa ni warwaata. akka adabbii addunyaa irraa. cinqiiwwan guyyaa du'aa ka'umsaa (guyyaa murtii)ti fi ibidda jahnnam sodaachiisaa irraa isa eegu.

Wantootni calanqisiisaawwan addunyaa dhihoo tanaa isa hin dharraasiisan. isa hin yarsan. Fedhii isaa argatee kan gammadu yoo Gooftaa isaatiin wal qunnamee fi yoo jannata dhaale qofa akka ta'e ni amana.

Addunyaan tun milkaayina addunyaa dhufuutiif wal atjjii xaarii (ifaajee) akka taate ni beeka.

Du'aan hin rifatu. Duuti addunyaa dhiphoo tana irraa gara addunyaa baldhoo aakhiraa kan ittiin ce'anii fi Mana dhiqaansaa (dhaawarii) xurii yakka addunyaa tanaa irraa dhiqamee kan ittiin darbu ta'uu ishii ni hubata.

Sammuun isaa beekumsaan kan cime. yeroo isaa haalaan kan itti fayyadamu. waqtii isaa irraa illee dondha ta'a.

Qaamni isaa ispoortiin kan cime. hanga jagnummaa fi kutattummaa isaa garaa laafaa fi naamusaan illee kan ol aanaa ta'ee dha.

Nafseen isaa hanga barbaadde isatti hasaastu illee ishii fi miira isaa irratti ol aantummaa kan gonfatee dha.

Ibaadaah aadaa fi barmoota isaa kan godhee dha.

Yeroo hunda Du'aa'i godha.
Qur'aana ni dubbisa. hojii irrallee ni oolcha.
Soba gonkumaa hin dubbatu.
Murtee sirrii akkuma kabbachiisu hundaa mirga namaa illee ni eega.

Wanta Allaahaan (S.W) isaa kenneen illee ofiin of gahee mataa ofii danda'ee (kajeellaa namootaa irraa bilisa ta'ee) jiraata.

Walumaa galatti inni amala Sahaaboota (R.A) guyyaa leencota. halkan ammoo Aabidoota waa'ee addunyaa irraa bilisa of godhanii kan gonfatee dha.

Muslima dhugaa ramaddiin isaa isaannan nabiyyoota. namoota qulqulluuwwan. namoota Diiniif jecha nafsee of wareeganii fi namoota gaariiwwan wajjiin.
Allaahaan (S.W) Muslima dhugaa nuhaa godhu.
aamiin.! 👇 👇
أسلام عليكم ورحمة الله وبركاته
بسم الله الرحمن الرحيم @Ibnu_hajar

☑️ Wontoota sammuu namaa qaran fii
Haaromsan xumuradhu dubbisii fayyadami

1.Istighfaara baay’isuu
2.Halkan salaatuu 
3.Sammuu hojjachiisuu–
4.Dallansuu fi dhiphina to’achuu–
5.Seeqachuu..fiii
Kanneen Asii gadii ilaali👇
6 ffaan kunoo
Jabeenya qaamaa hojjachuu– guyyaa guyyaan jabeenyaa qaama hojjachuun dandeetti hubannaa fi qalbeefannaa akka jabeessu ogeeyyiin fayyaa nuuf dhaamu.
7 ffaa
Hirribaa madaallamaa rafuu fi dhangaalee nyaataa madaalamoo nyaachuu- hirribaa fi nyaata baay’isuun qaama butucha, sammuu hurrii itti buusa. Akkasumas, nyaata fi hirriba xiqqeessuun sammuu jeeqa, qaama laamshessa. Hirriba madaalamaa rafuuf salaata ishaa’itiin booda hojii yoo hin qabaatin dafanii rafuun halkan salaata leyliitiif (halkaniitiif) ka’uudha. Salaata halkaniitiif ka’uu yoo dadhaban salaata Fajriitiif yeroon ka’uudha. Namni salaata fajrii (subii) osoo hin salaatin oolu guyyaan isaa guyyaa akkamii akka ta’u ani hin beeku. Salaata halkanii fi fajrii sirnaan salaatuuf halkan fiilmii fi interneeti goroggoruu irraa fagaachuudha. Sababni isaas, cubbuun ba’aa waan namatti ta’uuf halkan ykn ganama barraaqaan akka hin kaane nama taasisa.

Nyaata maaddalamaa nyaachuun immoo dhangaalee sukaara qaban garmalee nyaachuu irraa fagaachudha. Baay’inni sukaaraa sammuu akka laamshessu qorannoon ni agarsiisa. Nyaata sukaara baay’ee hin qabne kanneen akka salaaxaa, kaarotii, qoosxaa fi kkf nyaachuun sammuu jabeessa. Akkasumas, damma nyaachuun sammuu qara.

Gudunfaa
Wanta kanneen armaan olii hundaa of keessatti hammachuun sammuu jabeessuu isinitti himuu ? Maal seetu? kanneen armaan olii hundaa of keessatti qabachuun sammuu kan qaru ‘Qalbii of qulqulleessuudha.’ Dhugumatti qalbii ofii qulqulleessuuf tattaafachuun sammuu qaruudha. Yommuu ati qalbii tee qulqulleessuuf tattaafattu, Rabbiin sammuu fi qalbii tee siif bana. Seenaa keessatti namoota sammuun isaanii garmalee qara taate mee ilaali. Cubbuu irraa fi dhukkuboota qalbii kanneen akka oftuuluu, jibba, shirkii fi kkf irraa of qulqulleessuuf waan tattaafataniif sammuun isaanii akkasitti qara taate.
Continue....👇 join godhaa
@hafiz_jihad
@keyralumma
@Ibnutemiya6
🏷 ❂͟͞f͟͞a͟͞z͟͞z͟͞a͟͞k͟͞k͟͞i͟͞r͟͟͞͞/͟͞y͟͞a͟͞a͟͞d͟͞a͟͞c͟͞h͟͞i͟͞i͟͞s͟͞i͟͞❂
፣፣፣፣፣፣፣፣፣፝፝፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፝፝፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፝፝፣፣፣፣

Toowbaa/gama rabbii deebi'uun kan irraa eegamu nama badii dalage qofarraayi miti, ilmi namaa hunduu towbaadhaan gama rabbii deebi'uun dirqama. Toowbaa dhugaa gama rabbii haa deebinu nabiin keenya s.a.w guyyatti yeroo 100 ol rabbitti maganfatu turan.

【وَتُوبُوا إِلَى اللَّهِ جَمِيعًا أَيُّهَا الْمُؤْمِنُونَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ】
………………

Amantii islaamaa utubaanii isii beekkumsa, baradhu beekkumsa itti dalaguuf, baradhu beekkumsa ittiin nama barsiisuuf, beekkumsi dubbachuuf dalaguus dursa. Hojiin bu'aa beekkumsaati beekkumsi ammoo dalagaa namaaf tolchu.

【فَاعْلَمْ أَنَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ 】
…………………......

Baatii ramadaan keessa akkuma nyaataa fi dhugaatii irraa lubbuu tee of dhooggitu, wantoota haraam ta'an kan akka hamii fi biroo irraayyis lubbuu tee of dhoorki.
⁩✿┈┈┈┈┈•✶✾✶•┈┈┈┈┈✿

🌴Yaa rabbi ramadaan keeyrii fi milkii nuu taasisi.
Amanuu qofaa mitiim
Dirqamni islaamummaa
Waajibaa fii sunnaasaa
qabachuun dirqamumaa

diinii rabbii oll kaasuuf
Yoo tattaafanne Amma
Silaa Nuuf ta a rabbiin
hirkoo yeroo hundumaa

Namni sitti hirkannaan
Mee maaluma Rakkannee ?
Ibaadaa Nuuf laaffisi
Akka fuulakeen dhabnee

Nutu of miidha malee
Rabbiin takkaa Nummiine
Harka jala qabannaan
Takkaa dideen deebisnee

Yoo garasaa dhihaanne
Safara taakkuu namaa
Kansaa gara keenyatti
dhunnumaan safaramaa

Yaa Allah Nu daawwadhu
Ija Rahmataatiinii
Tumsakee Nuuf taasisi
Balaaf Nun saaxilinii

Ramadaanaan Nu ga i
Allaahu yaa Rahmaanii
Umrii keenya dheeressi
Xobbeetti Nun kutinii

Yaa rabbi nu milkeessi
Milkii biyya lamaanii
Gabroottan kee nugodhi
Worra faarfaman sanii

Ati nuuf lalaaffisi hunda
Waan jabaatanii
Kaatimaa keenya tolchi
Gala nun balleessinii
Continue.... 👇join godhaa👏
@hafiz_jihad
عشرالمبشرين فيل جنح
Sahaaboota khurnan Rasuulli {SAW} Jannataan gamachiisan osoo Addunyaa tanarra jirani

1⃣ 👉Abu Bakr As-Siddiiq
2⃣ 👉Umar bin Al-Khattab (Al-Faaruq )
3⃣ 👉Usman bin Affaan (Zun-Nurayn )
4⃣ 👉Aliy bin Abii Xaalib
5⃣ 👉 Xalhaa bin Ubaidillah
6⃣ 👉 Zubair bin Awwaam
7⃣ 👉 Abdur-Rahmaan bin Awuf
8⃣ 👉Sa’ad bin Abi Waqqaas
9⃣ 👉 Sa’id ibn Zayid
🔟 👉 Abu Ubaidah Aamir bin Abdullah bin Al-Jarrah

☑️ Yaarabbi jara kanatti nudabali rahmata keetiin 😭
Join 👇godhaa
@hafiz_jihad
بسم الله
Dhuftee if qopheeysi
Dhiisi yaada hamaa
Ulaan jannataadhaa
Boru siif banama
Kan jahannamaatis
Sirraa danqaramaa

Qophaayi hin rafin
Ibaadaa jabeessi
Milkii ramadaanaaf
Mee uf qulqulleeysi

Jabaadhu waan hundaan
Qur'aanas banataa
Zikriis heddummeessi
Hojiis hojjatataa

Beeki nabiin keetis
Ergamaan rahmataa
Baatii ramadaanaa
Marxoo marxifataa
Ibaadaa jabeessee
Rabbiisaa kadhata

Harka kee ol qabi
Kadhaa heddummeeysi
Niyyaa fii qaamallee
Xahaarii qopheeysi
Eeyyee haala kanaan
Isaan keessummeessi
Continue ........
Join godhaa 👉 @hafiz_jihad
Amaloota Milkaa’inna Saddeet

@Ibnu_hajar بسم الله

Daldala keessattis ta’ii jireenya keessatti namni tokko milkaa’uuf amaloota filatamoo fi gaggaarii ta’an qabaachuun isarra jira. amaloonni kunniin takkaa uumaman takkaa immoo adeemsa keessa argamu. Namni amala badaa yoo qabaate jireenya keessatti milkaa’u akka hin dandeenye beekun amala badaa kana ofirraa kaasuuf haa carraaqnu. Namni tokko milkaa’uuf xiqqaatee xiqqaatu amaloota armaan gadii saddeet horachu qaba.
1.Galata (Gratitude)– tarii amalli kuni bu’uura fi garmalee barbaachisaa kan ta’e amaloonni biroo irratti ijaarramaniidha. Galata galchuun faayidaa baay’ee qaba. Inni guddaan garuu karaa jaalala Rabbii itti argatanii fi ibidda irraa baraaramuun Jannata itti seenaniidha. Galata galchuu dhiisuun kufritti nama geessa. Namoonni fiixee milkaa’inna irra ijjatan amalli guddaan isaanii galata galchuudha. Galata rabbiif galchuun jireenyaaf gabra akka hin taane nama taasisa qananii qaban akka beekan waan nama godhuuf.

Ammas galata galchuun akka of hin tuulle nama gargaara. Namoonni galata hin galchine baay’een isaanii of tuulu fi dhaadachuun ofii fi namoota biroo miidhuu. Wanta xiqqoo hojjatanii ittiin waan oftuulaniif ugguruu osoo hin gahiin bakka hin taanetti kufu. Garuu namni galata galchuu madaala ofii eeggachuun sadarka sadarkaan fiixee milkaa’inaa irra gaha. Akka shaakalaatti galata galchuuf- hojiin gaariin ati hojjatte ykn daldalli daldaalte bu’aa irraa buufatte, bu’aan kuni kan argame humna fi beekumsa kee qofaan akka hin taane beeki. Akkana jedhi, “osoo Rabbiin kana naaf laaffisuu baatee silaa wanti naaf dhufu tokkollee hin jiru. Kanaafu, Rabbii kana naaf laaffiseef galanni haa galu.” Ammas galata galchuu jechuun arrabaan qofa Alhamdulillah jechuu qofa osoo hin ta’in wanta Rabbiin itti nu ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa nu dhoowwe dhiisudha. Fakkeenyaf, nama waan gaarii siif hojjate tokko arrabaan ‘Galatoomi’ jetteenii ergasii gocha keetin isatti yommuu finciltu (faallessitu) kuni galata ni jedhamaa?

Dhugumatti, galata galchuun bu’uuralee milkaa’innaa keessaa tokko akka ta’e Qur’aana keessatti ni arganna:

وَإِذْ تَأَذَّنَ رَبُّكُمْ لَئِن شَكَرْتُمْ لَأَزِيدَنَّكُمْ ۖ وَلَئِن كَفَرْتُمْ إِنَّ عَذَابِى لَشَدِيدٌۭ

Yeroo Gooftaan keessan [akkana jechuun] labse [yaadadhu], “Yoo Na galateefattan [qananii Kiyya irraa] isiniifin dabala. Yoo Natti kafartan dhugumatti adabbiin Kiyya akkaan hamaadha.” Suuratu Ibraahim 14:7

Kanaafu, galata galchuun bu’uura milkaa’innaati, galata galchuu dhiisun immoo bu’uura kufaati fi adabbiiti.

2.Hojiif naamusa cimaa qabaachu– naamusa hojii yommuu jennu hojii tokko hojjachuuf fedhii cimaa qabaachu fi qulqullinnaan hojii san hojjachuudha. Akkasumas, yeroo hojiin itti jalqabu fi xumuramu kabajuudha. Wanta hojjatan san yeroo kenname keessatti xumurun naamusa hojiiti. Biyya keenyatti naamusni hojii haala nama jibbisisuu irra jira. ofuma irraa kaane naamusni nuti hojiif qabnu kan badeedha. Kanaafu, rakkoo kana sirreessun harqoota hiyyummaa jalaa yoo bahuu barbaanne naamusa hojii cimaa qabaachuf tattaafachu qabna. Hojii keenya qulqullinnaa fi yeroo jedhame keessatti xumuruuf tattaafachun nurra jira.
3.Xiyyeefannoo-xiyyeefannoo jechuun qalbiin bakka hojii jiraachu jechuudha. xiyyeefannoo bakka lamatti qoodu dandeenya. Tokko xiyyeefanno kaayyoo- jireenya keessatti milkaa’uf kaayyoo kee murtaa’a ta’uu qaba. Kaayyoo erga murteessite booda kaayyoo kana irratti xiyyeefachuf ni tattaafatta. Daldalas ta’i wanta biraas, tokko keessaa filadhu irratti xiyyeefadhu. Wantoota kudhan bakka tokkotti nan hojjadha yoo jette, suni ni ulfaata. Xiyyeefannaan lamaffaa immoo hojii yeroo gabaaba hojjattu irratti xiyyeefachuu fi wantoota nama jeeqan ofirraa fageessudha.  Xiyyeefannoon hojii keenya qulqullinnaan akka hojjannuu fi yeroo gabaaba keessatti akka xumurru nu taasisa.
🔰Continue..............
Join godhaa👉 @hafiz_jihad
@keyralumma
@Ibnutemiya6
Forwarded from Hudaa Tube🎬
#Hudaa_Tube🎬

┄┄┉┉✽̶»̶̥🌹🌹»̶̥✽̶┉┉┄┄

JOIN ↓ ↓ ↓
https://www.tg-me.com/hudaa_tube
♻️TOOHIDA KUTAA 1️⃣2️⃣FFAA
    ✍️ ©️ @Ibnu_surur ✍️
بسم الله الرحمن الرحيم
     
SAGANTAA BARNOOTA  TOOHIDAA
          👉KUTAA 1️⃣2️⃣FFAA
♻️DURA KUTAA 1️⃣1️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU

FAKKEENYOTA SHIRKII GURGUDDAA FI XIXIQQAA
       ✔️Shirkii Guddaa (Mul’atu)
Rabbiif malee qaluu,
Rabbiif malee kodhaa/nazrii godhuu,
Rabbiin malee gargaarsifachuu fi Kan kana fakkaatan fa’a.
      ✔️Shirkii Guddaa (dhokatu)
Bifni Shirkiin kun shirkii munaafiqootaa na argii fi
fakkeessaa, sodaa iccitii,
Waan Rabbi malee wanti biroo dandeettii irratti hin qabne keessatti.
Waan Rabbiin malee jiru sodaachuu.
     ✔️Shirkii Xixiqqaa (Mul’atu)
Fakkeenyaaf Rabbiin malee waan birootiin kakachuu,
Osoo sihii fi Rabbi na gargaaruu (fedhuu) dhabdanii jechuu,
Waan sii fi Rabbi fedhe jechuu fi kkf.dha.
     ✔️Shirkii Xixiqqaa (dhokatu)
Na argiiwwan fi Allaattin milkii laallatuu faa.

🤲KADHAA (DU’AA’II)SHIRKIRRAA OF EEGANIIN:
✔️Hadiisa abii Muusan (radiyallaahu anhu) nuu odeesse keessatti Rasuulli صلى الله عليه وسلم’ Yaa Ilmaan namaa;  Shirkii sodaadhaa, inni sochii mixii caalaa dhokataa dha’ jedhan.
Ergasii Sahaabonni akkamitti irraa of eeguu dandeenya jedhanii gaafatan?
#Akkana jedhaa;  #Yaa Allaah waan beeknuun sitti yagutoomsuu/qindeessuu irraa sitti maganfanna, waan hin beeynen ammoo sirraa araarama barbaanna.
Ahmadtu gabaase, Albaanin gaarii jedheen.

           ☑️SEENAA SHIRKII
Tawhiidni hundee ilmaan namaati,
shirkiin ammoo kan guyyaa keessa (yeroo booda) itti dhufanii dha.
Akkuma ibnu Abbaas  akka jedhetti:
Aadamii fi Nuuh jidduu jaarraa kudhantu ture hundi isaanituu tawhiidarra turan.”
Yeroo duraatif seenaa ilma namaa keessatti
shirkiin kan argame yeroo ummata Nabiyyii
(ergamaa) Nuuhiiti. Yeroo ummanni
saalihootaa keessatti daangaa bahanii dha.
Suuraa isaanii kaayanii ittiin yaadachuu turan.
Suuta suuta isaanuma Rabbii achitti gabbaruu
jalqaban.
Ergasii Rabbiin Nabiyullaah Nuuhin itti erge.
Akkasumas shirkiin ummata muusaa keessatti yeroo isaan Mirgoo gabbaramaa godhatan
argame.
Nasaaraa (kiristaanota) keessatti ammoo erga
Nabi iisan samiitti ol-fuudhamee booda namni ‘boolis’jedhamu kan iisatti amana
jedhee kijibaan/sobaan himatu tokko kiristaana
keessatti sadeessoo (sillaasee), akkasuma
masqalaa fi taabota akka gabbaran godhe.
Arabaa keessattis namicha maqaan isaa Amru
bin luhayyi al-khuzaa’iyyi jedhamutu diinii Ibraahiim jijjiirun biyyoota Arabaa keessatti taabota seensisaa ture.
Ummata Muhammad صلى الله عليه وسلم keessatti ammoo yeroo ummata Shii’aa ‘Faaaximiyyootaa’ mul’ate. Yeroon kun yemmuu isaan Mawlida (Dhaloota Nabi Muhammad صلى الله عليه وسلم kabajanii dha.
Akkasumas yeroo Saalihoota fi Sheekkota
keessatti daangaa dabruun qabrii faa irratti
ijaarun suufiyyumaa fi jallina mul’isanii dha.itti fufa..............✍️

Komii fi Yaada Qabdan
👉 @Ibnuabbaas Kanaan Nuun Gahaa
Barumsa waa'ee Toohidaa amma xumuraatti argachuuf channel keenya kana
  ⤵️ ⤵️ JO IN ⤵️⤵️ godhaa
@Ibnutemiya6 @hafiz_jihad
@Keyralumma
@bareedinaislaamummaa
@Ibnu_hajar بسم الله

.Bismillah. Alhamdulillaahi Rabbil aalamiin. Yommuu Ramadaanni gahu, namoonni of tottolchuu fi of fooyyessuuf ni qophaa’u. Barreefama waa’ee Ramadaana dubbisuuf Google irratti ramadaana ykn sooma jechuun barreessuun keessan hin oolu. Sababni kanaa waa’ee Ramadaanaa fi sirrittti irraa fayyadamuuf fedhii waan qabdaniifi mitii ree? Alhamdulillah
Kunoo Ramadaanaan Nu ga.e Rabbiin Ammas waa’ee Ramadaanaa ilaalchisee barruulee garagaraa ilaalle jirra. Kana boodas gorsi Ramadaanaa garaagaraa wontoonni baay.een itti fufuu....
Hiika Soomaa fi Ramadaanaa 
Akka lugaatti sooma jechuun nyaata, dhugaati, dubbii fi qunnamtii saalaa irraa of qabuudha. Akka shari’aatti immoo Rabbiif jedhanii wantoota sooma cabsan kanneen akka nyaataa, dhugaatii, qunnamti saalaa fi kan biroo irraa of qabuudha.
Ramadaanni akka lakkoofsa baatiitti ji’oota kudha lamaan keessaa ji’a saglaffaadha. Jechi Ramadaana jedhu jecha Ramida ykn ar-ramadaa’a jedhu irraa kan dhufeedha. Jechoonni kunniin “jabeenya hoo’aa” agarsiisu. Kanaafu, jechi Ramadaana jedhu akkas kan jedhameef dheebuu irraa kan ka’e hoo’a garaa keessatti namatti dhagahamu agarsiisuufi[1].
Barreefama kana keessatti Qur’aana irraa Aayah takka waa’ee Ramaadana tan dubbattu fudhachuun irratti haa xinxallinu.
“Yaa warra amantaan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” Suura Al-Baqaraa 2:183
Aayah tana keessatti “Yaa warra amantan” yommuu jedhu, waamicha warra amanan qofaaf dabarfameedha. Sababni isaas, waamicha kana booda wanti dhufe dirqamoota damee shari’aa keessaa tokko itti himuufi. Shari’aan bakka lamatti qoodama[2]: 1ffaa- amantii (I’itiqaadiyyah) 2ffaa- hojii (amaliyyah)
Amantiin wanta qalbiin wal qabatuudha. Amantiin kuni Rabbitti amanuu, Guyyaa Qiyaamatti amanuu fi arkaana iimaanaa hafaniidha. 
Hojiin immoo wantoota gochoota qaamaatiin wal qabataniidha. Kanneen akka salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf. 
Asitti amantiin hundee shari’aa yommuu jedhamu, hojiin immoo damee shari’aa jedhamu. Hundeen dameef barbaachisaadha. Bakka hundeen hin jirreetti dameen jiraachuu danda’aa? Hojiin amantii (iimaana) qalbii keessa jiru irratti ijaarrama.

Kanaafi, namni tokko Islaama keessa yoo hin seenin jalqaba gara hundeetti waamama. Kana jechuun arkaana iimaanatti akka amanu waamama. Osoo hin amaniin damee shari’aa akka hojjatu hin affeeramu. Sababni isaas, amantiin (iimaanni) hundee waan ta’eef hojiin hojjatamu kamuu iimaanan ala fudhatama hin argatu. Kanaafi, yeroo baay’ee Qur’aana keessatti dameen shari’aa kanneen akka salaata, zakaa fi kan biroo warroota amananiitti qajeela. Yaa ayyuhallazina aamanu (yaa warra amantan) jechuun wanta tokko akka hojjatan ykn irraa fagaatan isaan waama.
Namni jalqaba miseensa akka ta’u ni waamama. Miseensa erga ta’ee booda dirqamoota fi itti gaafatamummaa hojjatamu isaaf ibsan. Namni miseensa Muslimoota ta’uu kan danda’u arkaana iimaana jahanitti yoo amaneedha. Ergasii hojii isarraa eeggamu akka hojjatu isaaf ibsama.
Garuu Guyyaa Qiyaamaa adabbiin hundee shari’aa fuudhachu diduu irra ta’a. Kana jechuun namni sababa kafareen ykn amanuu dideen Guyyaa Qiyaamaa ni adabama. Akkasumas, damee shari’aa waan dhiisefis ni adabama. Jechi Rabbii Olta’aan armaan gadi kana ni agarsiisa:
“Lubbuun hundi waan hojjatteen tan qabamtuudha. Warra mirgaa malee. Isaan Jannata keessatti wal-gaggaafatu. Yakkamtoota irraa [wal gaafatu]. ‘Maaltu Saqariin keessa isin galche.’ [isaaniin jedhu]. [Yakkamtoonnis] ni jedhu ‘Nuti warra salaatan irraa hin turre. Hiyyeeyyi kan
nyaachifnus hin turre. Warra [hamtuu fi soba] keessa seenan waliin seenaa turre. Guyyaa Murtis sobsiisaa turre. Hanga [duuti] mirkanooftuun nutti dhuftuu [haala kana irra turre].’” Suuratu Al-Muddassir 74:38-47
Warra mirgaa malee namni hunduu hojii badaa fi hamtuu hojjateen ni qabama. Erga qabamee gara azaabaatti(adabbiitti) oofama. Warri mirgaa warra amananii fi hojii gaggaarii hojjataa turan waan ta’aniif gadi lakkifamuun Jannata seensifamu. Jannata keessatti waa’ee warroota badii hojjatanii wal gaafatu. “Mee isaan sana ilaal
Mee isaan san ilaalaa
Woliin jedhu. Yommuu isaan ilaalan, “Maaltu Saqariin keessa isin galche.”jedhuun. Saqar maqaa Ibiddaatti. Wanta ishii keessa seene garmalee gubdi. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Warroonni badii hojjatan (yakkamtoonni) sababoota adabbii Saqar keessa isaan seensisee afur tarreessu: 1ffaa-Salaata dhiisu, 2ffaa- hiyyeeyyi nyaachisuu dhiisu. Rabbiinis hin gabbarre, uumamtootaafis tola hin oolle. 3ffaa- hamtuu fi soba keessatti lixu. Haqa irraa garagaluun wanta badaa fi sobaa keessatti lixaa turan. 4ffaa-Guyyaa Murtii (Qiyaamaa) sobsiisu. Kana jechuun Qiyaamaan soba akka ta’etti yaadaa turan jechuudha....... 
Continue....... itti fufa
🌷Join godhaa 👇
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
👉Amaloota milkaa inaa saddeetttan xumuradhu

@Ibnu_hajar بسم الله

4.Itti fufiinsa– wanta qabatan tokko hanga galmaan gahanii obsaan itti fufuun furtuwwan milkaa’inaa keessaa tokko. Xiqqoollee haa taatu wanti ati guyyaa guyyaan hojjatu walirra tuulamuun milkaa’ina dilbii (guddaa) taati. Dhugumatti hojiin gaariin Rabbiin biratti jaallatamaa ta’e hojii yeroo hundaa hojjatamu akka ta’ee Ergamaan Rabbii (SAW) nu beeksisu:

وَاعْلَمُوا أَنَّ أَحَبَّ الْعَمَلِ إِلَى اللَّهِ أَدْوَمُهُ وَإِنْ قَلَّ

“Beekaa! Hojiin Rabbiin birratti garmalee jaallatamaa ta’e,osoo xiqqaateyyu hojii itti fufaa ta’eedha (yeroo hundaa hojjatamuudha).” Sahih Muslim 2818
Akkuma Turkoonni jedhan, “Damlaya damlaya göl olur. (Bishaan cophe cophe haroo ta’aa)” Wantoonni xixiqqoon yoo walirra kaa’aman wanta guddaa ta’u.
Kanaafu, milkaa’ina yoo barbaadde wantuma xiqqoo dandeessu irraa ka’ii itti fufi. Kufaatii yeroo gabaabaa fii gufuuwwaniif harka kennuu osoo hin ta’in obsaan itti fufi.

5.Nashaaxaa (Passion) qabaachuu– wanta gaarii tokko fedhii cimaan hojjachuun dandeettii ofii akka abuuran, balballi carraa akka banamu fi argannoo haarawa akka argatan nama taasisa. Tarii wanta tokko hojjachuu fedhii hin qabnu ta’a. Hin dhiphatin fedhii kana argachuu dandeessa. Akkamitti? Jalqaba bu’aa wanta hojjattuu kana ilaali. Ergasi itti siqii hojjachuu eegali. Guyya guyyaan sa’aati ykn daqiiqa muraasa hojjachuuf itti of dirqisiisi. Yeroo muraasa yommu itti of dirqisiistu hadhaa ni dhandhamta. Garuu san booda mi’aa argachuu eegalta, hulaan wayii siif banama. Fakkeenyaf, kitaaba dubbisuu fedhii yoo hin qabaanne, guyyaa guyyaan daqiqaa 30f fuula muraasa dubbisuuf murteessi. San booda nashaaxaan (fedhii cimaan) ni dhufa.
6.Amanamummaa– amanamummaa qabaachuu jechuun namni tokko gumaacha, dirqamootaa fi waadaa isaatiif sirriitti itti gaafatamummaa fudhata jechuudha. Karaa biraatin amanamummaa jechuun jecha ofitiif dhugaa ta’uu jechuudha. Kana jechuun wanti dubbatanii fi hojjatan dhugaa fi haqa irraa kan fagaate ta’u hin qabu. Namni tokko milkaa’inaa fi gammachuu dhugaa yoo barbaade amanamummaa qabaachuu qaba jechuudha. Faallaan amanamummaa kijibaa fi ganuudha. Namni kijibu waadaa diigu fi nama ganu gonkumaa hin milkaa’u. Ati, “Ani nama akkanaati.”jechuun abdi kutuu dandeessa. Lakki! Abdi hin kutin. Amaloota fafee armaan olii jijjiruun amala amanamummaa qabaachuf carraaqqi. Yoo akkas goote nama milkaa’u taata.
Daldalla keessatti milkaa’u yoo feete amanamummaa qabaadhu.
7.Amala gaarii qabaachuu- amala badaa (Negative personality) qabaachuun milkaa’inna irraa duubatti nama harkisa. Namni amala gaarii qabu nama kamiyyuu waliin salphaatti walii gala. Amala gaarii yommuu jennu wanta gaarii hunda kan of keessatti qabatuu fi wanta fafee irraa fagaachuudha. Namootatti amala gaarii yommuu agarsiisnu isaan kabajuu, itti oftuuluu dhiisuu fi haqa malee isaan miidhuu dhiisudha. Daldala keessatti ykn bakka hojiitti amala gaariin isaan waliin hojjachuun akka maagneetti ofitti harkisuudha.
8.Namoota biroo tajaajiluu– yommuu milkaa’ina dhandhamtu akkamitti akka argatte hin dagatin. Osoo kortoo milkaa’inaa koraa jirtuu, namoota biroo tajaajiluuf fedhii qabaadhu. Namoonni dursa ati tajaajiluu qabdu haadhaa fi abbaa keeti. Milkaa’ina kana akka geessuuf sababa kan ta’an isaan waan ta’aniif. Wanta ykn humna qabduun akkuma nama tajaajiltuun milkaa’inni kee dabalaa adeema.
Gudunfaa
•Galata galchuun bu’uura milkaa’inna fi gammachuuti. Galata galchuu dhiisu fi ganuun immoo bu’uura kufaati fi adabbiiti.
•Namoonni hojiif naamusa gaarii fi cimaa qaban namoota yeroo baay’ee milkaa’aniidha.
•Sa’aati tokkoof xiyyeefannoon hojii tokko hojjachuun sa’aati kudhaniif xiyyeefannoo malee hojjachuu caalaa.
•Yeroo takkaan wanta guddaa fi baay’ee hojjatanii dhiisu irra xiqqaattullee yeroo hundaa itti fufanii hojjachuutu caala.
•Fedhii cimaan wanta tokko hojjachuun nuffii (hifannaa) fi dukkana jireenyaa namarraa oofa, balbala carraa bana, hojiin qulqullinna akka qabaatu taasisa.
•Namni amanamummaa qabu nama balballi milkaa’innaa, gammachuu fi badhaadhinnaa banamtuufi.
•Daldala keessatti milkaa’u yoo barbaad
de
amala gaarii qabaadhu. Waadaa hin diigin, hin kijibin, nama hin gowwoomsin, nama hin ganiin, beellama kabaji, hin hatin. Maamiltoota kee kabaji, itti of hin tuulin, itti seeqadhu, amaanaa eegi, hin arrabsin, osoo isaanis ofis hin miidhin gatii madaallamaan itti gurguri. Amaloota Turkoota keessaa tokko yommuu namni wanta tokko bituuf itti dhufu, Hoşgeldiniz (Baga dhuftan). Maal barbaaddu? Maal isin gargaaru? Buyurun (wanta jechuu barbaaddan jedhaa!)” fi kkf Amala gaariin nama simatu. Fuula guuraa yoo nama simatte namoonni sirraa dheessu.
🙏🙏 Chaanaalii keenya
join godhaa 👇
@hafiz_jihad

@Ibnutemiya6

@keyralumma
🌷Gaaffii kanarratti hirmaadhaa mee

Lolli ykn waraanni u'hdii kan muslimootaafi Qure'yishii gidduutti hijiraa woggaa 3ffaa geggeefame ji'a ykn baati kam keessa?
1. Ji'a Rajab
2. Ji'a Ramadan
3. Ji'a Shawwaal
4. Ji'a Zul hijjaa

Carraa gaarii 💡
Nashiidaa haaraa ittiin bohaaraa
2024/09/30 15:34:54
Back to Top
HTML Embed Code: