Telegram Web Link
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Kabajamtoota
Hordoftoota ummata keenya
,,,,,,,,Mata dureen keenya Kan hardhaa nama soomni irratti waajiba ykn dirqama tahu.

Akkana jedhan
Rasuulli SAW
الصوم واجب على كل مسلم بالغ عاقل قادر على الصيام
Sommanni dirqama nama muslimaa cufarratti ka ballagerrei ykn ka addaan waa baafaterratti.
Akkasuma nama waa beekurratti ka soomuu danda,u irratti waajiba soomni.

Jechi kuni. Waa 3 ufkeessaa qaba

1. Soomni irratti dirqama tahuuf. Muslima tahuu qaba namichi
Eega akkana jenne. ,,,Fakkenyaf namicha yoo amane hoo Eega baatii Ramadaanaa walakkaan takka dabartee 15 qofa dhaqqabatee
Sanis wamaa isarra hin jiran

2 nama addaan waa baafate tahuudha kana yoo jennu namicha ballaguf alaamaa qaba waan ittin bekan
Alaamaa sadi 3qaba. 1umriin isaa 15gahuudha 2halkan manaame manaama isaa San kessatti kadubartitti dabalamu argudha yoo dhiira tahe yoo dubarti taates akkasuma 3 qaama saalaa isaa irraa rifeensa baasuudha dhiira tahee dubartii ta,ee
Waan dubbanne kanarratti dubartiin takka dabalatti. Suni dhiigi Aadaa itti dhufuudha. Namichi waa 3kana arge dhiira tahee yoo dubartii taate immo 4dubbanne kana argite. Somni irratti dirqama.
Beeka immoo sharxiin/ulaagaan 3ykn4 dubbanne kuni. Wal biraa argamuu osoo hin taane tokko qoftii yoo argame soomni irratti dirqama

3 maraatummaa/aqlii dhabuu tahuu dhabuudha maraatummaa yoo tahe isarratti dirqama miti
Hanga fayyutti.
Akkasuma nama soomuu danadahu tahu fakkenyaf nama dhukkubu ka akka dhibee sukkaaraa wkf namicha akkasii soomuun irratti dirqama miti miskiina nyaachisa guyyatti miskiina tokko yoo guyyuma tokko miskiina 30nyaachises wama hin qabu.


Kanarraa akka waan guddaa barattan abdii qabna marsaa kanatti Aanun hanga waliiti debinutti ngh turaa ☺️
Irraa fayyadamaa waliifis dabarasaa yaadaafi ergaa yoo qabaattan 👇asiin nuun gahaa
✍️ @ibnu_surur ✍️
@Ibnutemiya6 @hafiz_jihad
@keyralumma

,,,,,,,,,,،،،🎤🎤🎤wswrwb
Forwarded from 🔈Muaz Yakub💡 (Ibn Yakub)
------> JABEEFFADHU <------
                             BY
              Muaz yakub
🔘Namni rabbitti amane tokko gaaffiin jabaan inni sodaa isaatiif jecha halkaniif guyyaa yaaddoon guutamu keessaa inni guddaan dildila siraaxaa dabreen jannata seenamoo kufeen jahannama seena kan jedhudha. Deebiin gaaffii kanaatis jecha salafootaatiin yeroo deebiin itti kennamu kan asii gadiiti.

KOOMEEN ILMA NAMAA HANGUMA OSOO DUNIYAARRA JIRTUU DAANDII TAWHIIDAARRATTI JABAATTU, BORIS AAKHIRAA DILDILA SIRAAXAARRATTI JABINA GODHATTI.

🙏🙏Koomee keenya rabbiin addunyaarratti daandii ofii jaallaturratti gadi nuuf haa dhaabu.🙏🙏
👌Barumsa dabalataatiif channel kana JOIN godhaa nu hordofaa.👇

      --------> @abu_abdalah1 <--------

    --------> @hafiz_jihad <--------

    --------> @ibnutemiya6 <--------

    --------> @keyralumma <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
@ibnu_surur✍️

📖AMALOOTA GAGGAARII (Aklaaqa) Ergamaa rabbii (S.A.W) keessaa muraasa;

☑️Ergamaan rabbii (S.A.W)irra arjaa namaati.
☑️Ammas Amala qabeessa.
☑️Amalaa fi uumaanis irra bareedaa namaati.
☑️Irra laafaa harkaati,Irra urgaa’aa hafuuraati.
~maatii isaa wajjiinis irra bareedaa namaati.
~Irra goota namaati.
~Irra beekaa namaati gara rabbiitis.
~Irra sodaataa namaati rabbii isaas.
☑️Ergamaan rabbii takkaa lubbuu isaatiif dallanee hin beeku,gadoos/gumaa bahatee hin beeku!.
Yoo daangaan rabbii diigamte qofa dallana.
☑️Irra uf gadi qabaa namaati,maatii isaatiifis haajaa fixa,namoota lallafoofis akkaan uf gadi qaba.
~Irra obsa qabeessa namaati.
~Irra saalfataa namaati(Idaayyaa gola jirtu irra).
☑️Hadiyyaa malee Sadaqaa namaa hin nyaatu.
~Dhibamaa ni gaafata.
~Gara laafutti nama ajaja.
~Akkasuma irra waliif dabrutttis nama ajaja.
~Haasawa fokkataa fi jecha badaallee namaan hin jedhu.
~Yoo badii irratti dalagan badiidhaan namaa hin deebisu,irra namaaf dabra.
~Ammas garaa baldhata.
☑️Uffataa fi nyaata keessattis uf hin dhaadu.
~Waan argate nyaata,waan argate dhuga.
~Beelarraa dhakaa garaa isaa irratti hidhataa ture.
~Rabbiin furtuu/qulfii kaaznaa dachee tanaa guutuu kenneefii,fudhachuu didee aakiraa filate.
Itti fufa.. ✍️ Nuhordofaa
Forwarded from Deleted Account
👉Amantaa kee waan hunda caala jaallattaa
👉Afaan ati dubbisuu dandeessu afaan oromootii
👉Sochii taasisaa karaa gabaabaadhaan ergaan islaamummaa akka si dhaqqabu barbaaddaa

Kanneen armaan olii kana karaa kamiin argachuu barbaadda?
Link armaan gadii keessaa kan jaallattu filachuun join godhi!👇
📍 ❂͟͞f͟͞a͟͞z͟͞z͟͞a͟͞k͟͞k͟͞i͟͞r͟͟͞͞/͟͞y͟͞a͟͞a͟͞d͟͞a͟͞c͟͞h͟͞i͟͞i͟͞s͟͞i͟͞❂ 📍 ፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣
Rahmata guddaa godhii rabbi (s.w) gabroottan isaati godherraa, waan gama rabbii isaan dhiheessu, sababaa jannata ittiin seenan, kan ibiddarraa ittiin fagaatan isaaniif karaa godhee ittis ajaje. isaan keessaa " Toltuu hojjetuu, hamturraa fagaachuu."
•┈┈┈•• ✾••┈┈┈••

Malaa'ikaan guyyaa hunda ganmaan baatee waan jettu "Yaa rabbi kan keeyrii kennate bakka kaayif, kan dhoorgate/don'oome kasaaraa bakka kaayiif " kanaaf wanti jabduun waan guyyaa jabduuf ol kaawatanii. Rabbiin bira waa ol kaawatuu haa heddumeessinu.
•┈┈┈•• ✾••┈┈┈••

Ihsaanni maali? Nabiyyiin (s.a.w) ihsaana (tolina) irraa gaafatamanii akkana jedhan:- “Rabbiin akka waan argituutti gabbaruudha; yoo ati Isa arguu baattes Inni si arga.” Sadarkaawwan amantaa sadan keessaa kun isa ol'aanaadha.
════════════════
@Ibnu_hajar

Nabiyyiin (S A W) Akkana jedhaniiran
👨‍💻 👨‍💻
Guyyoota kurnan duraa ji'a Ramadaanaa fixnee gara guyyoota kurnan lammaffaatti dabarree jirra. Ji'a kabajamaa kanaan badii(balleessaan) keenya akka nuu dhiifamu, ibidda jahannam irraa akka bilisa baanu du'aa'ii fi ibaadaa dhaan jabaachaa jirraa?

Ji'a jijjiiramaa akkuma ta'u isaatin of jijjiiruuf tattaafataa jirraa?

Ji'a kana argatee utuu badiin isaaf hin dhiifamin jala darbeef "harki isaa biyyee hammaartuu haa taatu" jedhan Rasuulli(s a w).

Warra kanarraa akka hintaane gara Rabbii haa deebinu guyyoota hafan sirriitti itti haa fayyadmnu.

Join👍 @hafiz_jihad
RAMADAANAAF GOSOOTA IBAADAA

                 BY
        Muaz yakub

Muslimoota hundaafuu ji'a kana keessa gosoota ibaadaa kan akka salaata sunnaa, Qur'aana xinxalaafi hubannoo waliin qara'uu, tasbiiha, tahliila, tahmiida, takbiiraa, istighfaara, du'aa'ii sharii'aa, gaariitti ajajuu, hamtuu irraa dhorguu, gara Rabbiitti waamuu, dhabeeyyiifi hiyyeeyyii irratti ballisuu, haadhaa abbaatti tola ooluu keessatti qabsaa'uu, firooma fufuu, ollaa kabajuu, dhukkubsataa gaafachuufi wantoota biroo gosa khayrii irraa ta'e keessatti qabsaa'uun karaa godhameera.


Ergamaa Rabbii (saw) irraa gabaafamee ni jedhan: "namni isa (Ramadaana) keessa hojii gosa hojiiwwan khayrii irraa ta'e hojjate akka nama yeroo biraa waajiba hojjatee ta'a. Namni isa keessa waajiba raawwate akka nama yeroo biraa waajiba torbaatama hojjatee ta'a."


Ammas hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan: "Umraan Ramadaana keessaa hajjii –hajjii ana waliin godhamuun- wal madaala."


Nuufi Muslimoota biroo Rabbiin waan jaalalli isaa keessa jirutti nu haa qajeelchu, soomaafi salaata keenya nurraa haa qeebalu, haala keenyas nuuf tolchee fitnaa nama jalliftu irraa nu haa fageessu.

👌Barumsa dabalataatiif channel kana JOIN godhaa nu hordofaa.👇

      --------> @abu_abdalah1 <--------

     -------->   @hafiz_jihad   <--------

     -------->  @ibnutemiya6   <--------

     -------->  @keyralumma   <--------
   
     -------->  @amirtemam1   <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
By @Ibnu_hajar

🍎Salaata Warra Akkaan Gara Rabbii Toowbaa Deebiuu🤲🤲.

🔷 صلاة الأوابين
Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan.(**
Warra Gara Rabbii Hedduminaan Deebian malee Salaata Waaree irratti tikfachuu hin danda'u namni biraa **).
....
........
🖋Hubadhu Namni Salaata Waaree Salaatuu irratti tikfatu(eeggatu) warra Akkaan Gara rabbii deebian irraa ta'uu.

📧Kanaafuu Ikhwaanii Namni kanaan Dura Salaata Waarww hin Salaatne Har'uma irraa eegalii irratti eeggadhu.

🔔Namni kanaan dura Salaata waaree Rabbi laaffiseef Rabbumaatu isin jaalatee isiniif laaffisee, rabbii kee deddebisii Faarsi. Hadaraa ittuu cimii akkaan eeggadhu.


▫️عن أبي هريرة - رضي الله عنه، قال:

📝 قال_النبي_ﷺ :

" لا يُحَافِظُ على صلاةِ الضُّحَى إلا أَوَّابٌ ، وهي صلاةُ الأَوَّابِينَ "

📙 [حسنه الألباني/صحيح الجامع

🔻الأوَّابُ: كثير الرجوع إلى الله.

Join👉 @hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
🌷Gaaffiif deebiinkeenya arraa
Kana fakkaata👇
        
           @ibnu_surur ✍️

Balbala/ulaa jannataa keessaa kan worra soomanaa male inseenu jedheme balbala/ulaa kami
1. Ka'usar
2. Baabul kuldi
3. Baaburrayyaan
4. Fordoos

🙋‍♂️Yaada Qabdanuuf 👇asiin
nuun gahaa👉@ibnu_surur ✍️
Forwarded from HOJII KEE
👆Deebiin gaaffii keenyaa 3ffaa taha
3. Baaburrayyaan
Worri 3ffaa jettan JZKLH rabbiin beekumsa isaa isiniif hadabalu 👍👍👍👍👍

Worri yaaltanis galatoomaa👍
ulfaadhaa 👏❤️ hirmaannaan keessan Akkuma kana nurraa hin citin
itti fufa .....👏👏👏
Forwarded from 🔈Muaz Yakub💡 (Ibn Yakub)
UUMAMA NAFSEE, QALBIIFI MIIRA KEESSA KAAYAME
                
BY
        Muaz yakub

     Kutaa 1ffaa

Yeroo rakkoo, sodaa fi dhiphinnaa nafseen, qalbii fi miirri nama hundaa gara Humna cimaa ijaan hin mul’anneetti dheessu irratti uumaman. Namni hanga fedhe kan Rabbitti hin amanne haa ta’uu, yeroo rakkoo fi sodaa cimaa keessa seenu gara Rabbiitti dheessa. Mee ilaali, yeroo waraana, bokkaa cimaa fi balaan gurguddaan bu’an akkamitti namoonni hunduu gara Rabbii akka fiigan.           _
             
Gaaffiidha.....

1. Namni yommuu rakkoo keessatti kufu, maaliif gara Rabbii deebi’aa?


2. Kuni maaliif jettee gaafattee jirtaa?


👌Sababni kanaa, Rabbitti amanuu fi Isaaf of gadi qabuun wanta uumamaan nama hundaa keessa jiruudha. Garuu yeroo mijaa’inna fi toltuu uumamni qulqulluun kuni fedhii, dharraa, badii fi wantoota adda addaatin ni haguugama. Rakkoo fi sodaan haguuggii kana kaasun ykn saaqun gara uumama qulqulluutti akka deebi’an nama taasisa.

Garuu fixraan kuni fedhii lubbuu, miidhaginna addunyaa fi kkf ni haguuggama. Yommuu rakkoon, sodaa fi dhiphinni nama sochoosu fi hurgufu, haguuggin kuni ni saaqama (ka’a). Kanaafi, namni mu’mina hin taane kaafira jedhame. Akka lugaa Arabaatti “kaafira” jechuun “haguugaa (saatir)” jechuudha. Namni Rabbitti hin amanne dhugaa ifa jiru waan haguuguuf kaafira jedhame.


🧕Dubartii Musliimaa ibaadaan beekkamte “Raabi’ah Al-Adawiyyah” akkana jechuun gaafatamte:

⁉️Gaafataa_ “Ebalu Rabbiin jiraachuu ragaalee kuma dhiyeessa.”

Raabi’aa_ xiqqoo seeqattee akkana jette, “Ragaan tokko isa gaha.”

⁉️Gaafataa_ “Ragaan suni maalidhaa?”

Raabi'aa_ “Osoo gammoojjii keessa adda deemtuu mucucaattee boolloo gadi fagootti osoo kuftee, ergasii yoo keessaa bahuu dadhabde maal gootaa?“

⁉️Gaafataa_ “Yaa Allaah jechuun lallaba.”

Raabi'aa_ “Suni ragaadha'.

☝️Rabbiin jalla wa’alaa ni jedha: “Jedhi, “Osoo adabbiin Rabbii isinitti dhufee yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, dhugaa kan dubbattan yoo taatan Rabbiin ala waan biraa ni kadhattuu? Mee naaf himaa!” Dhugumatti Isa qofa kadhattu. Yoo fedhe waan isin itti kadhattan san isin irraa kaasa. Wanta [Isatti] qindeessitan ni dagattu.” Suuratu Al-An’aam 6:40-41

Fira’awn nama akkaan Rabbitti kafareedha. "Ana rabbukumul a’aalaa (Ani gooftaa keessan ol'aanadha.)” jechaa ture. Ergaa Nabii Muusaan (aleyh salaam) itti fide fudhachu dide. Daangaa darbuu fi ol’aantummaa guddaan dachii balleesse. Garuu....

ITTI FUFA....
Yaada qabdaniif 👉🏾https://www.tg-me.com/Mzfirst

👌Dhaamsi nuti eegalle itti fufa channel keenya asii gadii  JOIN gochuun kutaatee itti aanan argachuu dandeessu👇

      --------> @abu_abdalah1 <--------

     -------->   @hafiz_jihad   <--------

     -------->  @ibnutemiya6   <--------

     -------->  @keyralumma   <--------
   
     -------->  @amirtemam1   <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
Yommuu Sodaa fii Rakkoon cimu-kutaa 5ffaa

By @Ibnu_hajar

Nabiyyiinis (sallallahu aleyh wassallam) ganiinsa Bani Qureeyzaa gadi dhaabbannaa fi ijjannoon ni fudhatan. Sababootaa fi tarkaanfilee ruuhii mu’mintoota (warra amananii) jabbeessan ni fudhatan. Kanaafu, Nabiyyiin (SAW) Salamat ibn Aslam garee namoota dhibba lama of keessaa qabuu fi Zayd ibn Haarisah garee namoota dhibba sadii of keessaa qabu waliin Madiinaa akka eegan erge. Gareen lamaan kunniin banii Qureeyzaatti sodaa afuufuuf sagalee olkaasuun, “Allahu akbar” jedhu. Yeroo kana keessatti Banii Qureyzaan garee gamtooman (ahzaab) waliin hirmaachuuf qophaa’an. Garee gamtooman kanatti gargaarsaaf jecha gaala diigdama fe’aa temira, garbuu fi tiin ofirra qaban ergan. Garuu osoo gaalonni digdamni fe’isa ofirraa qaban loltu bira hin gahin Muslimoonni booji’anii gara Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam fidan.

Bani Qureyzaan yommuu loltu gamtoomanitti dabalamtu, hoggantoonni warra gamtoomanii ni onnatan, ofitti amanamummaan isaanii ni dabale. Muslimoota irratti rakkoon garmalee ni cime. Qur’aanni sodaa fi dhiphina irraa kan ka’e haala cimaa fi hamaa Muslimoota muudate haala kanaan ibsa.

“Yaa warra amantan! Yeroo hoomaan (loltuun) waraanaa isinitti dhufee ergasii bubbee fi hoomaa [malaykotaa] isin hin argine isaanitti ergine, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Rabbiin wanta isin hojjattan Argaa ta’eera. Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufan, yeroo ijjis [sodaa irraa kan ka’e] dabde, qalbiinis kokkee geessee fi waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan, [yaadadhaa].” Suuratu Al-Ahzaab 33:9-10

Yaa tuuta warra amanee! Guyyoota Ahzaaba Madiinaa keessatti qananii Rabbiin isin irratti oole yaadadhaa: Yeroo Madiinaan alatti Mushrikoonni, Madiinaa keessaa fi naannawa ishii irraa immoo yahuudootaa fi munaafiqoonni isin irratti walitti qabaman [qananii Rabbiin isin irratti oole yaadadhaa]. Gara hundaan isin marsan. Ergasii, garee gamtooman irratti bubbee jabduu dukkaana isaanii buqqistee fi okotee isaanii darbite ni ergine. Samii irraa Malaykoota isin hin argine isaanitti ergine. Sodaan qalbii isaanii keessatti uumame. Rabbiin wanta isin hojjattan hundaa Kan arguudha. Homtu Isarraa hin dhokatu.[1]

“Achitti mu’mintoonni ni qoraman, sochii cimaas ni sochoofaman”Suuratu Al-Ahzaab 33:11

In sha Allah kutaa itti aanu keessatti aayaata armaan olii bal’innaan ibsa waliin ni ilaalla.

[1] Tafsiiru Muyassar-419
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 598-60
Join 👇
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Rabbiin nama isa kadhachuu dhiisu Ni lola jedhan 👉 Ergamaan Rabbii
S A W
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Deleted Account
By @Ibnu_hajar

Baga Nagaan dhuftani
Obboleewwan muslimaa
Kanneen wolitti Nuhidhe
Finyoon Obbolummaa

Hordoftoota Rasuulaa
Taatani kayiral Ummaa
kaadimee diinal Islaam
Hanga guyyaa qiyaamaa

Kan biyya hedduu jirtuuf
Hundi ilmaan muslimaa
Deeggaraa hojii kayirii
Balleessituu hiyyummaa

Gooftaan sihaa jaallatu
Male maaluman himaa
Baga Taatee Argamte
Atis kan kayiral ummaa

Yaarabbi Nuuf baayyisi
Hirmaataa Hojii kayirii
Hordoftoota sahaabaa
Fakkaataa Abaabakrii

Kan Miskiina Nyaachisu
Dhaaltuu hojii gaggaariii
Ati Nuuf heddummeessi
Shabaaba Akka umarii ......
....Continue

Join @hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@keyralumma
Forwarded from 🔈Muaz Yakub💡 (Ibn Yakub)
UUMAMA NAFSEE, QALBIIFI MIIRA KEESSA KAAYAME
                    BY
        Muaz yakub

     Kutaa 2ffaa

Fira’awn nama akkaan Rabbitti kafareedha. "Ana rabbukumul a’aalaa (Ani gooftaa keessan ol'aanadha.)” jechaa ture. Ergaa Nabii Muusaan (aleyh salaam) itti fide fudhachu dide. Daangaa darbuu fi ol’aantummaa guddaan dachii balleesse. Garuu namni kuni yommuu cinqii ykn rakkoo cimaa keessatti kufu uumama qulqullu namni hunduu irratti uumameetti deebi’e. Uumamni qulqulluun kunis Rabbii tokkichatti amanuu fi Isaaf harka kennuudha.

Fira'awni yommuu galaanan liqimfamu: “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani Musliimota irraayi” jechuun Rabbitti iyyate. Suuraa Yuunus

⁉️Iyyannaa fi lallabbiin isaa maal isa fayyade ree?

👉 Deebiin isaaf kenname “Sila odoo duraan diddee balleessitoota irraa taate jirtuu amma amantaa? Har’a qaama keetiin (reeffa kee) akka namoota si boodaatiif mallattoo taatuf si baafna. Dhugumatti irra hedduun namootaa mallattoo Keenya irraa dagatoodha.“ Suuraa Yunus 10: 91-92


Sheykul Islaam ibn Taymiyah ni jedha: “ Rabbitti amanuun fixrah gonkumaa nama keessaa hin dhabamneedha. Bu’uura beekumsa herreegaa caalaa nafsee keessatti hidda kan qabateedha. Akkuma tokko walakkaa lamaati jennu." [7] (Jecha biraatin tokko ida’uu tokko lama ta’a) Kuni haqa namni hunduu beeku fi eenyullee hin kaannedha. Rabbitti amanuun kana caalaa haqa nafsee namaa keessatti hidda qabateedha.


📖Qur'aana keessatti: “Ergamtoonni isaaniis ni jedhan: “Sila Rabbii Uumaa samii fi dachii ta’e, Kan badiiwwan keessan irraa isiniif araaramuu fi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu ilaalchisee shakkiin jiraa?” Suuratu Ibraahim


ITTI FUFA
Yaada qabdaniif 👉🏾https://www.tg-me.com/Mzfirst

👌Dhaamsi nuti eegalle itti fufa channel keenya asii gadii  JOIN gochuun kutaatee itti aanan argachuu dandeessu👇

      --------> @abu_abdalah1 <--------

     -------->   @hafiz_jihad   <--------

     -------->  @ibnutemiya6   <--------

     -------->  @keyralumma   <--------
   
     -------->  @amirtemam1   <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
By @Ibnu_hajar

Baga Nagaan dhuftani
Obboleewwan muslimaa
Kanneen wolitti Nuhidhe
Finyoon Obbolummaa

Hordoftoota Rasuulaa
Taatani kayiral Ummaa
kaadimee diinal Islaam
Hanga guyyaa qiyaamaa

Kan biyya hedduu jirtuuf
Hundi ilmaan muslimaa
Deeggaraa hojii kayirii
Balleessituu hiyyummaa

Gooftaan sihaa jaallatu
Male maaluman himaa
Baga Taatee Argamte
Atis kan kayiral ummaa

Yaarabbi Nuuf baayyisi
Hirmaataa Hojii kayirii
Hordoftoota sahaabaa
Fakkaataa Abaabakrii

Kan Miskiina Nyaachisu
Dhaaltuu hojii gaggaariii
Ati Nuuf heddummeessi
Shabaaba Akka umarii ......
....Continue

Yaada Qabdanuuf @ibnu_surur
Join @hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@amirtemam1
@Obbolatube @abu_abdalah1
@Keyralumma
2024/09/30 13:20:10
Back to Top
HTML Embed Code: