Telegram Web Link
🔊KEYRAL-UMMA-TUBE:
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Kutaa 10ffaa Isa xumuraa Ibn Temam

Rabbi sodaachuu isaafii Du'a Isa


Guyyaa tokko gabrichi Abbaa Bakrii tokko nyaata isaaf dalagee fidee fi eega inni nyaate booda gabrichi nyaata nyaatte essa akkan fide beektaa? jedhee gaafateen. Hin beeku jedhee deebiseef. “Zabana jaahilummaa keessa namticha tokkoo sobaan raageefi jennaan yeroo san mallaqa naaf hin kennine ture, har’a naaf kennee jennaan mallaqa saniin bite nyaata siif dalagee fide.” jedheen.

Yeroma san Abbaan Bakrii quba kokketti of naqee waan nyaate uf haqqisiise, uf keessaa baase sodaa Rabbitif jedhee.


Du’a Abbaa Bakrii

Abbaan Bakrii guyyaa qabbanaa tokko bishaan qorraan qaama dhiqatee dhukkubsate. Hanga guyyaa kudha shanii mataa olqabachu dadhabnaan adunyaa irraa garaa murate.

Abbaan Bakrii Bara godaansaa irraa waggaa 13ffatti dhukkubsate jennaan dhibee san irraa akka hafuu hin dandeenye baree, Akka Umar ibnul Kaxxab bakka isaa bu’u fedhee warroota dhimmii isaan ilaaluun mari’ate. Hunduu yaada isaa irratti waliigalan. Erga dhimma bulchiinssa islaamaa karaa qabsiisee booda Abbaan Bakrii
Aayshaa waamee namni ani maatii kiyya irra sicaalchisee jaladhu hinjiru oorruu dhugaan sif kennee ture garu gochi sun na qubsaa hinjiru. Oorruu san diinagidee dhaala maatii keessa olchi jedhaniin.

Isiinis ajaja isaanii tole jettee fudhatte. Abbaan Bakrii erga angoo qabate waan diinagidee isaa
irratti dabalame cufa lalchisee kan argame hundaa ofirraa gara Umar erge. Akka nama bulchaa tokkootti nyaata gaariifi dhugaatii gaarii sooratee osoo hin dhugin qabeeyna tokkollee osoo bu’aa ofiitiif hin olfatin yoo Rabbi sodaaf malee maaliif ta’a ture?

Umaris gabra biyya nuubii Gaala bishaan obaasuufi uffata buburree Abbaa Bakrii irraa ergamte argee jennaan booyee imimmaaniin dachii akka tiifuu roobaatti lafa jijiisaa Abbaan Bakrii Rabbi irraa haa jaalatutii dhugumatti ba’aa gudda baachisee jira nama isa boodaan jiru jedhe.



Dhibeen itti jabaatee jennaan Abbaan Bakrii guyyaa keessa jiru guyyaa kam akka ta’e namoota isa cinaa jiru gaafachuun akka guyya Wiixataa ta’e addaan baafate yoo guyyaa Wiixataa kana du’e boriin na hin eeginaa eegina jedhe.

Duuti keennaa Rabbiin ilma namaatiif qoode kan ganamaa waan ta’eef Abbaan Bakriis du’uun dirqama itti taate. Guuyyaa wiixata bara godaanssa ykn hijraa irra ganna kudha sadihitti adunyaa kanarraa boqate.


◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Kutaa 10ffaa Isa xumuraa Ibn Temam

Rabbi sodaachuu isaafii Du'a Isa


Guyyaa tokko gabrichi Abbaa Bakrii tokko nyaata isaaf dalagee fidee fi eega inni nyaate booda gabrichi nyaata nyaatte essa akkan fide beektaa? jedhee gaafateen. Hin beeku jedhee deebiseef. “Zabana jaahilummaa keessa namticha tokkoo sobaan raageefi jennaan yeroo san mallaqa naaf hin kennine ture, har’a naaf kennee jennaan mallaqa saniin bite nyaata siif dalagee fide.” jedheen.

Yeroma san Abbaan Bakrii quba kokketti of naqee waan nyaate uf haqqisiise, uf keessaa baase sodaa Rabbitif jedhee.


Du’a Abbaa Bakrii

Abbaan Bakrii guyyaa qabbanaa tokko bishaan qorraan qaama dhiqatee dhukkubsate. Hanga guyyaa kudha shanii mataa olqabachu dadhabnaan adunyaa irraa garaa murate.

Abbaan Bakrii Bara godaansaa irraa waggaa 13ffatti dhukkubsate jennaan dhibee san irraa akka hafuu hin dandeenye baree, Akka Umar ibnul Kaxxab bakka isaa bu’u fedhee warroota dhimmii isaan ilaaluun mari’ate. Hunduu yaada isaa irratti waliigalan. Erga dhimma bulchiinssa islaamaa karaa qabsiisee booda Abbaan Bakrii
Aayshaa waamee namni ani maatii kiyya irra sicaalchisee jaladhu hinjiru oorruu dhugaan sif kennee ture garu gochi sun na qubsaa hinjiru. Oorruu san diinagidee dhaala maatii keessa olchi jedhaniin.

Isiinis ajaja isaanii tole jettee fudhatte. Abbaan Bakrii erga angoo qabate waan diinagidee isaa
irratti dabalame cufa lalchisee kan argame hundaa ofirraa gara Umar erge. Akka nama bulchaa tokkootti nyaata gaariifi dhugaatii gaarii sooratee osoo hin dhugin qabeeyna tokkollee osoo bu’aa ofiitiif hin olfatin yoo Rabbi sodaaf malee maaliif ta’a ture?

Umaris gabra biyya nuubii Gaala bishaan obaasuufi uffata buburree Abbaa Bakrii irraa ergamte argee jennaan booyee imimmaaniin dachii akka tiifuu roobaatti lafa jijiisaa Abbaan Bakrii Rabbi irraa haa jaalatutii dhugumatti ba’aa gudda baachisee jira nama isa boodaan jiru jedhe.



Dhibeen itti jabaatee jennaan Abbaan Bakrii guyyaa keessa jiru guyyaa kam akka ta’e namoota isa cinaa jiru gaafachuun akka guyya Wiixataa ta’e addaan baafate yoo guyyaa Wiixataa kana du’e boriin na hin eeginaa eegina jedhe.

Duuti keennaa Rabbiin ilma namaatiif qoode kan ganamaa waan ta’eef Abbaan Bakriis du’uun dirqama itti taate. Guuyyaa wiixata bara godaanssa ykn hijraa irra ganna kudha sadihitti adunyaa kanarraa boqate.


◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6

.
--------> BULTII ISLAAMAA <--------
🌿🌿🌿 --◇-- °  ° --◇-- ⚘⚘⚘

@abu_abdalah1               @abu_abdalah1
               Muaz Yakub

             ° Kutaa 2ffaa °

Nikaan Sunnaah (Karaa) Ergamtootati

Ergamtoonni Rabbii dur irraa kaase hanga Nabiiyyi keenyatti kan fuudhanii fi ijoollee kan horatan turan.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha
“Dhugumatti, si dura ergamtootaa erginee jirra. Niitiwwanii fi ilmaan isaaniif taasifnee jira.” Suuratu Ar-Ra’d 13:38
Imaamu Qurxubiin Tafsiira (ibsa) aaya tanaa ilaalchisee akkana jedha: “Aayan tuni nikaatti kakaasu akka qaban agarsiisti. Tabattula (nikaah dhiisu) irraa ni dhoowwiti. Akkuma aayan tuni dubbattu nikeenyi sunnaah Ergamtoota Rabbiiti.”(Tafsiira Qurxubii 9/327)


Gaa’illi (Fuudhaa fi heerumni) waadaa garmalee cimaa ta’eedha

Rabbiin biratti gaa’illi waadaa cimaa fi kabajamaa ta’eedha. Sababni isaas,wali galtee eenyummaa namaatii fi sanyii isaaniitin wal qabatuudha. Sharxiin (ulaagaan) walii galtee kanaa namoonni lamaan nikaah wal hidhatan walitti gammaduudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wali galteen fuudhaa heerumaa garmalee jabaa fi kabajamaa akka ta’e ibsuuf “Miisaaqan galiizaa” jechuun ibse. ﴿ "Gariin keessan garitti seenee osoo jiruu fi waadaa garmalee jabaa isinirraa fudhatanii osoo jiranuu akkamitti isa (mahrii ishiif kennitan) fudhattu?" Suuratu An-Nisaa 4:21


Ibsii kanaa akkana ta’a: Mahrii (kennaa dhiirsi ishiif kennuutin) dura niitin dhiirsa ishii irratti haraama turte. Mahrii erga kenneefi booda ishitti seenu fi ishii waliin wal qunnamuun isaaf halaala taate. Kanaafu, mahriin kuni wanta isarratti haraamaa ture akka isaaf halaala ta’u bakka bu’aa (kafaltii) ta’a. Kanaafu, fedhii ofii erga guutattee fixee booda akkamitti kafaltii kana irraa deebifataa? Kuni dhugumatti zulmii guddaadha. Ammas, yeroo nikaah wal hidhatan wali galtee jabaa fi cimaa waliigalan. Lamaan isaanitu haqa walii akka eegan waadaa walii galan.

Qur’aana keessatti gaa’illi irra deddeebi’ame bakka adda addaatti dubbatame jira. Kanaafu, gaa’illi tapha osoo hin ta’in wali galtee cimaa namni Guyyaa Qiyaamaa irraa gaafatamuudha. Kanaaf, murtiwwan gaa’ilaa, haqa niiti fi dhiirsaa maal akka ta’e, akkamitti jireenya kana fiixan akka baasan beekuf tattaafachu qabna.

BARUMSI BULTII ISLAAMAA KUTAALEE ITTI AANAN HEDDUU KAN QABUDHA.
Hiriyoota keessaniif Dabarsaa Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

             ⤵️J    O    I    N⤵️
@abu_abdalah1
@amirtemam1
    @Keyralumma
    @hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
@abu_abdalah1
By @Ibnu_hajar

KEYRAL-UMMA-TUBE

Ergaawwan kayiral ummaa
Mi.ooftuu Akka dammaa
Barnoonni hunda caalu
Qur.aanaaf Hadiisumaa

Da.awaan Qur'aana caalu
Hin uumamne takkumaa
Gorsa gooftaa guddaati
Worreen kaan wollaalumaa

Rabbiin gaafa nugorsuu
Gaarummaa keenya himaa
Taataniittu nuun jedhaam
Gooftaankoo keyiral ummaa

Yaa maalik Nutaasifadhu
Ahlal kayiroota Namaa......
Worra hamaa balleessee
Dagaagfatu gaarummaa ...

Gaarummaan ofumaafii
Dhiis garaan jabaatinii
Namni woliif Nahuudhaaf
Gahaadha Namummaanii

bineensi bineensummaaf
Yemmuu foon Argatanii
Bucatee xiqqaattullee
Wolii galuun Nyaatanii..

Yaa Rahmaan nuduroomsi
Rakkattuu Nun godhinii
Qalbii keenya doomsitee
Dudduuba Nun kaayinii

Yaa hordoftoota keenya
Isin jaallanna keessaa
Yaada qabdan hundumaa
Asiin 👇Nuqaqqabsiisaa
ibnu_surur

Yoo dhugaan Nujaallattan
Join Sher like Taasisaa
Mooraalii Nuuf kennaatii
Keyiral ummaajabeessaa
YouTube keenya seenaa
Hordofuudhaan 👇guddisaa

https://youtu.be/N18nEwEcoZY

J k k
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
🔘Mallattoo Halkan Leeylatul qadrii

🌐علامةُ.ليلةِ.القَدْرِ.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

🔘 عن أُبَيِّ بنِ كَعبٍ رَضِيَ اللهُ عنه أنَّه قال : ((... أخبَرَنا رسولُ الله صلَّى اللهُ عليه وسلَّم أنَّها تطلُعُ يومَئذٍ لا شُعاعَ لها)). رواه مسلم.

෴෴෴෴෴෴෴෴෴

📜Mallattoo Halkan Leeylatul qadrii Keeysaa tokko Ganama Halkan Leeylatul qadrii San Aduun Yaroo baatu Adii Miila hin qabne (Tan Balaqqiisa hin qabne taate Baatii )
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

🔘 Alaamaan halkan sanii hoo'uu fi qabbanaayuu dhabuu
෴෴෴෴෴෴෴෴
💐 sahaaboota Nabiyyi kessaa Umar, Ibnu Abbaas, Ubayy Ibn Ka'ab, Mu'aawiyaa, Huzayfaa fi kan birootis Laylatul-Qadra halkan 27ffaa dha. jedhaa turan!

🌘 Halkan tunis kibxata galgala harraa waan taatef haa jabaannu!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩halkan tanas seensa biiftuu irraa, hanga fajriittitti carraaqqii haa jabbeessinu. /share gochuunis wal haa yadachiifnu.
📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖
ﺟﺰﺍﻙ ﺍﻟﻠﻪ ﺧﻴﺮًﺍ
🆔 كنتم خير امة اخرجة لناس.
़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़़
🛑 Seeroota zakaat Al-fixrii
★★★★★★★★★★★★★★★
1/ zakaat al-fixriin nama soomees nama hin soomnes beekaa fi daa'imman irraallees baasuun dirqama

2/ kan kennamuus harka qalleyyiif/miskiinaaf qofa yoo ta'u namni tokko yatiima ykn haanqina Qaamaa qabaatef qofa zakaat al-fixrii fudhachuun hinmalaaf jechuu miti!

3/ yatiimas ta'e namni haanqina qaamaa qabu waan ittin bulu gahaa yoo qabaatan zakaan hinkennamuuf!

4/ zakaat al-fixriin midhaaniin(qunnaa 1) malee Qarshii dhaan ykn uffataa fi waan kkfakkaataniin hin kennamu. "Midhaan/nyaata beelahaan nyaatu" malee dhukubsataan waan ittiin yaalamu ykn namni gatiin namaa irra jiru qarshii ittiin kafaluu miti! Qunnaan tokoo kiilo giraamaan yeroo hirreegamu kg 2.5 haga kg 3 sadihiiti jedhameera.

5/ yeroon filatamaa zakaat al-fixriin itti kennamu dhuma guyyaa ramadaanaa eega aduun lixxee fi boor iida ta'uun yeroo mirkanaaherraa jalqabee haga guyyaa iidaa salaanni haga jalqabamuu yeroo jiru irra yoo ta'u yoo barbaachisee ta'e ammoo iidaa dura guyyaa tokko yookaa guyyaa lama dursanii kennuunis ni danda'ama. Salaata iidaatin booda ykn ramadaana guyya 28ffaatin dura kan kenname yeroo isaa hin egganne

T.me/hafiz_jihad
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 10ffaa
By @Ibnu_hajar

Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taateef lolas ta’i dhibees ta’i wanta biraas ta’i qormaanni nama dhugaatii fi nama sobaa addaan baasu argamuun waan hin hafneedha.
Yommuu fitnaan (qormaanni cimaan) dhufu, wanti keessi namaa jiru ifatti baha. Kanaafu, namni dhugaa fi sobaa addaan baafama. 
Namni dhugaa iimaana irratti gadi dhaabbata. Namni sobaa immoo iimaana irraa duubatti deebi’a. 
Namni dhugaa waadaan Rabbii dhugaa akka ta’e amanuun obsa. Namni sobaa immoo waadaa Rabbii akka sobaatti ilaaluun abdii kuta.

Amaloota Munaafiqootaa

Lola Irraa Dheessu 
Kutaa darbe keessatti munaafiqonni sababa adda addaa dhiyeefachuun dirree lolaa irraa dheessaa akka turan ilaalle jirra. Dirree lolaa irraa dheessun isaanii kuni ajala (yeroo du’aa) isaanii akka hin tursiisnee fi umrii saanii hin dheeressinee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni beeksisa:
Jedhi, “Du’a yookiin ajjeechaa irraa yoo dheessitan, dheessi isin hin fayyadu. Yoosan, xiqqoo malee hin qananiisifamtan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:16

Yaa Nabiyyichaa munaafiqoota kanniiniin akkana jedhi: du’a ykn ajjeechaa sodaachuun dirree waraanaa irraa dheessuun isin hin fayyadu. Dhugumatti, kuni ajala (yeroo du’aa) keessan hin tursiisu. Yoo dheessitan, addunyaa tana keessatti hamma umrii isaaniif murtaa’etti malee hin qananiisifamtan.[1] Hanga yeroo isiniif murtaa’etti addunyaa tanatti akka fayyadamtan isiniif hayyamama. Ergasii, wanti isin irratti murtaa’e ni dhufa. Innis du’a.

Tarii dhimma isa fayyadu ykn fayyaduu hin dandeenyeef jedhee namni lola isarratti dirqama ta’e dhiisuu keessa faayidaa maaltu jiraa? Tarii osoo dirqama kana irraa garagalee deemu yeroma san du’uu danda’a. Yookiin immoo turee umriin isaaf dheeratu danda’a. Garuu osoo turee fi umriin isaa dheerate, abadii (zalaalamii) ni turaa? Lakki. Xiqqoo malee hin tursiifamu. Hanga fedhe yeroon isaa haa dheeratu, dhugumatti baay’ee xiqqaadha.
Kanaaf, Aakhiran yommuu wal bira qabamtu addunyaan homaayyu miti. Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Garuu jireenya addunyaa filattu. Aakhiraan caaltuu fi irra turtuu taatee osoo jirtuu.” Suuratu Al-A’alaa
87:16-17................
Join 👉 @hafiz_jihad
@keyralumma
@Abu_abdalah1
@amirtemam1
@Ibnutemiya6
Haaalaaf amala gaarirratti nama kakaasuu.

6-aayyoo aaishaan r.a. nabiin s.a.w. kan akkana jedhaniin dhagaye " mu'iminni haalaaf amala gaarii isaatiin sadarkaa nama soomanuu fii dhaabbatee salaatuu argata." Abiidaawud odeesse /4798/albaaniin sahiiha godhe.


👉Barnoota hadiisa kanarra argannu

1-haalaa amalli gaariifii iimaanni walitti hidhaa qabaachuu isaanii, kana jechuun yoo iimaanni tole haalaa amalli nitola yoo imaanni hammaate haalaa amalli ni hammaata.
2-islaama keessatti haalaa amala gaarii qabachuun barbaachisaa fii dirqama akka tahe.
3-haalaa amalli gaariin iimaanaafii hojii gaariin wajji waan rabbitti nama dhiheeysu toltuu jaalatamtuudha.
SEENAA NABI MUHAMMAD S.A.W KUTAA 8⃣FFAA
By Ibnu_surur ✍️
       
          KUTAA 8⃣ FFAA
DURA KUTAA 7️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU


G81-Hamzaan akkamitti islamawe?
D>gaaf tokko Rasuulaa (S.A.W) Safaa bira dhaabbachaa jiru Abuu Jahal irra dabree arrabsee azaa godhe,Rasuulli Rabbii (S.A.W) callisee isaaf hin deebifne, Abuu Jahal Rasuulli Rabbii (S.A.W) dhaweeti fotteeyse hamma dhiiyni isarra dhangala'uu,gabrittiin qureeyshii takka waan tahe hunda argaa turte,yaroo Hamzaan dhufe intaloon waan tahe hunda himteef,Hamzaan gosummaan aanummaan isa qabdeeti gara mana Abii Jahal dhaqee “yaa dhuufuu kaniin ani diina isaarra jiru ati isa arrabsitaa “je'ee dhawee fotteeyse,dhirran isa cinaa jiran lafaa olkaanaan Abuu Jahal Abuu Amaarah dhiisaa ani ilma obboleeysa isaatiin arraba hamaa arrabse je'e,akkasitti Hamzaan islaamawe.
G82-akkamitti Umar islaamawe?
D>Umar islaamumma dura jabeenyaan beekkama sababa Rasuulaan ajjeesa je'e duumuu obboleytiin isaa isa duubaa islaamawuu dhageenyaan mana obboleytii isatti islaamawe seenaa ifdandaye qaba.Nabiyyiin Rabbii (S.A.W) akka umar takkaa Abii jahaliin Rabbiin islaamumma jabeessu kadhatee Rabbiin Umar islaamaysuudhaan islaamummaan jabaatte.
G83-Banuu Haashim ifii Banuu Abdul Muxxalib maal murteeysan?
D>banuu Haashim ifii Banuu Abdul Muxxalib kaafirri isaanii fii Muslimni isaaniitii (Abuu Lahab malee) akka Rasuula Rabbii (S.A.W) irra dhoorgan murteeysan,eegasii Qureeyshiin qa'ee Abii Xaalib kessatti wixxina irra kaayan.
G84-Qureeyshiin maal goote sun booda?
D>Qureeyshiin qa'ee Abii Xaalib kessatti wixxina irra kaayanii xalayaa (waraqaa) katabanii ka'aa kessatti rarraasan.
G85-waraqaan maal ifkessaa qabdi?
D> wixxinarratti waliif galuu isaanii,akka isaaniif hin gurgurre,akka irraa hin binne,akka isaanii wajji hin teenye,akka irraa hin fuune,akka hin kennineef irratti waltahan.
G86-warri itti marfame nyaataa fii dhugaatii ni'argatanii?
D>lakki hin argatan,beela kessaa waraqaa nyaachaa turan.
G87-hagam takka itti marsa wixxina kanaan?
D>amata sadii itti marsan
G88-yaroo kana kessa Mu'ujizaa akkamiitu argame ture?
D> Jibriil Nabi Muhammad (S.A.W) irratti bu'ee akka wanni lafarra deemaa waraqaa isaan ka'abaa kessatti rarrrasan nyaattee jirtu maqaa Rabbii malee itti hime,Abuu Xaalib Qureeyshiif himee akkasitti raawwatte.
G89-yoom wixxinni kun dhumate?
D> eega Nabi Muhammad (S.A.W) ergamee amata 10ffa kessa... itti fufa ..............✍️Insha'allaah

Hordoftoota keenya ergaalee isiniin gahaa turre keessatti dogoggoraa fi badii balleessaan yoo jiraate nuun gahaa ni fooyyeffannaa Rabbiif jecha 🙏 yaadni keessan nuuf jajjabina.
Yaada Qabdanuuf 👇
Asiin ☞ Ibnu_surur nuun gahaa
👌Seenaan nabiyyiiS.A.W keenyaa itti fufa channel keenya asii gadii  JOIN gochuun kutaalee itti aanan argachuu dandeessu👇

      --------> abu_abdalah1 <--------

     -------->   hafiz_jihad <--------

     -------->  ibnutemiya6 <--------

     -------->  keyralumma <--------
   
     -------->  amirtemam1 <--------
Halkan layilatul qadrii
yaa Rabbi Erra Nubuusi....... ⛰️Ji.a kana keesssa kayirii waan kennamu hunda worra Argate yaa Rabbi Nugodhii.......
Qalbiidhumaan Aamiin jedhaa
Forwarded from Hudaa Tube🎬
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Guyyaa Iidaa Nu eegaa Insha'allaah
Chaanali youtube keenya subscribe godha
👇👇👇👇
https://www.youtube.com/channel/UCMDBqIAL_RstN6QvPFkhjTg

Telegram 👇👇👇
@hudaa_tube @hudaa_tube
√ FAAYIDAAWWAN SOOMNI KENNU

√ Soomni baayyee fi heddu. Akkasumas osoo tokko tokkoon lafa kaayamanii faayidaawwan kanneenn fakkaataan hin jedhamne of keessatti qabatee jira.  Osoo faayidaawwan soomni kennu bakka tokkotti kitaaba tokkoon lafa hakeenyu jennee silaa kamiin tuqnee kamiin dhiisuu dandeenya? Salphumatti soomni faayidaawwan tuqamanii hin dhumneedha kan qabu. Faayidaawwan soomni kennu gosa isaatiin qabxii qabxiidhaan osoo lafa keenye hunda caalaa filatamaa taha.

(A) FAAYIDAAWWAN SOOMAA KANNEEN LUBBUU:
1. Soomni sodaan Allaah (S.W) qalbii keessa
  akka gadi seenu godhuun alatti sammuun gammachuu dorgamaa hin qabne akka gonffattu godha. Kuni iccitiiwwan soomaa keessaa isa tokkoofii isa hangafaati.

2. Soomni obsa yoo nama uffisu fedhii keessaa ni cimsa. Ni jajjabeessa. 

3. Namni kamiyyuu gochootaaffi haalleen kamiyyuu keessatti  mataa isaa akka to'atu gama godhuu irratti soomni gahee ol aanaa taphata. Haaluma kanaan namni soomu tokko hatattamaan akka hin aarree fi miiraan danfuu irraa kan ka'e wanta hin barbaachifnee fi namoota biroo wajjin osoo hin yaadin wal-dhabinsa keessa kanneen nama galchan amaloota fokkataawwan irraa akka of qusatu ta'a.

Faayidaawwan soomni kennu gabaabinaan kana fakkaata akka irraa barrattan abdii qabna hiriyoota keessanifis forward shear gochuun sheerii jannataa bitadhaa isiniin jenna.
Yommuu sodaa fii Rakkoon cimu-kutaa 11ffaa
By @ibnu_hajar

“Garuu jireenya addunyaa filattu. Aakhiraan caaltuu fi irra turtuu taatee osoo jirtuu.” Suuratu Al-A’alaa 87:16-17

Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam akkana jechuun beeksiisan:
“‏ مَوْضِعُ سَوْطٍ فِي الْجَنَّةِ خَيْرٌ مِنَ الدُّنْيَا وَمَا فِيهَا ‏”‌‏.‏
“Jannata keessatti bakki alangeen qabattu gahuu addunyaa fi wanta ishii keessa jiru hunda caala.” Sahiih Al-Bukhaari 6415
Kunoo asitti wanti biraa ni jira:osoo ajjeefamaniiyyuu karaa Rabbii keessatti waan ajjeefamaniif isaan jiraattota ta’uu. Rabbiin olta’aan ni jedha
” Suuratu Al-Baqarah 2:154
“Kanneen karaa Rabbii keessatti ajjeefaman, du’aa akka ta’anitti hin yaadinaa. Kana irra, isaan jiraattota Gooftaa isaanii biratti sooramaniidha.” Suuratu Aali-Imraan 3:169
Namni karaa Rabbii keessatti ajjeefame du’aa akka ta’etti dubbachuunis ta’e yaaduun hin hayyamamu. Kana irraa, inni qaamaan kan du’eedha. Garuu jireenya barzakha ruuhiin jiraata. (Ruuhin isaa qaaman erga addaan baate booda jireenya barzakha ni jiraatti.) Jireenyi barzakha akka jireenya addunyaati miti. Osoo akka jireenya addunyaa ta’e silaa namoota kanniin awwaaluun hin hayyamamu ture. Osoo isaan akka jireenya addunyaa kan jiraatan ta’ee ergasii nuti isaan awwaallee, silaa isaan kan ajjeesne fi balleessinee taana.[2](Barzakha jechuun du’aa fi Guyyaa Qiyaamaa jidduu wanta jiruudha. Namni du’e Barzakha keessa seenee jira. Hanga Guyyaa Qiyaamaa kaafamu Barzakha keessa tura.)
Rabbiin olta’aan ni jedhe:
“Hamtuu yoo isinitti fedhe yookiin rahmata isiniif fedhe Rabbiin irraa kan isin eegu eenyudhaa? Rabbiin ala ofiif tiiksaa fi gargaaraa hin argatan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:17

Badiinsa ykn moo’atamu isinitti yoo fedhe, eenyutu Rabbiin irraa isin eegaa? Deebiin: eenyullee hin danda’u. Yookiin yoo Rabbiin rahmata isiniif fedhee eenyutu waan badaan isin tuqaa?
Namoota Waan gaarii irraa nama gufachisanii fi duubatti harkisan Rabbiin ni beeka
“Isin keessaa kanneen gufachiisanii fi kanneen obboleeyyan isaaniitiin “Gara keenyaatti koottaa” jedhan Rabbiin beekee jira. Xiqqoo malee lola hin dhaqan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:18
Karaa Rabbii irraa warroota namoota biroo duubatti harkisanii fi warroota obboleeyyan isaanitiin, “Gara keenya koottaa nutti dabalamaa, Muhammadin dhiisaa, isa waliin lola irratti hin argaminaa, dhugumatti du’a isaatiin du’a keessan isiniif sodaanna.” jedhan, dhugumatti Rabbiin ni beeka. Isaan ijjannoo laamshessuu waliin yeroo xiqqoo malee gara lolaa hin dhufan. Xiqqoo tanaayyu na argaa fi na dhagayaaf dhufu.[4] 

“Isin irratti doy’oota ta’ani. Yommuu sodaan dhufu, du’a irraa kan ka’e akka nama gaggabeetti ijji isaanii naanna’uun gara keetitti kan ilaalan ta’anii isaan argita. Yeroo sodaan deeme immoo kheeyri irratti kan haafayan ta’anii arraba qaraan isin waraanu. Isaan suni hin amanne. Kanaafu, Rabbiin hojiiwwan isaanii jalaa balleesse. Kuni Rabbiin irratti salphaadha.” Suuratu Al-Ahzaab 33:19

Munaafiqonni nafsee isaanii keessa diinummaa fi jibbummaan, jireenya tana jaallachuu fi du’a jibbuun waan jiruuf isin irratti qabeenyaan, nafseen, humnaa fi jaalalan, doy’oota. (Isin waliin loluuf qabeenya hin baasan, humnaa fi nafsee ofii hin wareegan. Do’ya jechuun nama wanta tokko qabatuudha.) Yommuu lolli argamu, du’a sodaatu. Ajjeechaa sodaachuu fi dheessu irraa kan ka’e aqliin isaanii waan deemeef, ijji isaanii akka ija nama duuti itti dhufte naannooftutti naannooftu taate gara kee kan ilaalan argita. (Munaafiqonni waraana irraa garmalee sodaachu irraa kan ka’e ijji isaanii akka ija nama du’uu hedu naannofti. Yommuu sodaan dhufu ijji isaanii ni jijjiramti, haalli isaaniis ni jijjirama)
Yommuu lolli dhumatee fi sodaan qabbanaa’e, arraba qaraa nama rakkisuun isin waraanu. Yeroo boojin qoqqoodamu warra doyinooman, hinaafanii fi haafayan ta’anii isaan argita.[5] ...............
Join 👉 @hafiz_jihad
@Keyiral_ummaa
@Amirtemam1
@Abu_abdallah1
@Ibnutemiya6
🛑 Salaata iidaa mana keenya keessatti akkamitti haasalaannu??
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
📌 Salaata iidaa beektonni muraasni waajiba yoo jedhan Ulamoonnii biroo immoo sunnaa dha jedhaniiru.

📌 salaatni iidaa sunnaas haa ta'u waajiba yoo danda'ame jam'aan yoo hin danda'amiin kopha kophaatti sagaduun barbaachisaa dha akkasumas mallattoo amantaati.

📌 Salaatni iidaa kan salaatamu lafa diriiraa fi badhee adda baheetti yoo ta'u akkuma haalaatitti masjidattiis hin sagadama

📌 Sababa adda addaatin badhee ykn masjiida deemee namni sagaduu hin dandeenne manatti jam'aan ykn kophaa isaa salaatul-iidi akka sagaduu danda'u imaamuu Shaafi'iiy dabalatee beektoonni diinii birootis ibsaniiru.

Salaatni iidaa Raka'aa lama qofa yoo ta'u azaanas ta'e iqaamaa akkasumas sunnaan duras duubaanis salaatan hin jiru.

🔖Hojeeffamni isaas(haalli itti sagadan) akkuma armaan gadiiti:-

Wudu'aafi akkuma yeroo biraa goonu salaataaf qophofnee eeganaa salaata iidaa akka salaannu eega beekne (niyyanne) booda gara qiblaa garagaluun:- eeganaa harka lama haga gurraa qixxeessanii kaasuun "Allaahu Akbar" jedhama.
Eganaa yoo danda'aniifi yoo barbaadan du'aa'ii baniinsaa godhuun eeganaa tarreedhaan/tartiibaan harka kaasaa deebisaa yeroo 7(torba) "Allaahu Akbar" jedhama. Takbiiraawwan jidduu caldhisuunis

سبحان الله، والحمد لله، ولا إله إلا الله، والله أكبر.
اللهم صل وسلم على محمد وعلى آل محمد.

📌 "subhaanallaah wal haamdu lillaah walaa ilaaha illallaah wallaahu Akbar.

Allaahumma salli wasallim Alaa nabiyyinaa Muhaammad wa'alaa aali Muhaammad jechuunis ni danda'ama

📌 Egasii faatihaa suuratul a'alaa(sabbih isma Rabbikal a'alaa) yookaa suurama danda'aan sagalee oolkaasanii qara'aan.

Raka'aa 2ffaarratti sujuudarraa wagga olka'aan takbiiraa jedhaniin maleetti akkuma raka'aa duraa yeroo 5(shan) harka olkaasaa takbiiraa godhuun faatihaa eegasii suuratul-gaashiyaa yookaa suurama danda'an qara'an.

📌eerga salaatanii irraa bahaanin booda warra manatti salaatanis yoo ta'an yoo danda'an khuxbaa gabaabaa ta'e arabiffaan yoo hindanda'iin afaanuma beekaniin godhan.

📌kaayyoon ijoo khuxbaa, Rabbii galatoomfachuu, Nabiyyii Muhaammad(s a w) irratti salawaata buusuu, yoo xiqqaate aayaa tokko danda'aan qara'uufi gorsa gabaabaa yeroo dhaan wal-qabatu gorsuu dha.

📌kunoo zamana-koronaatin haala kanaan namni martuu maatii isaa wajjiin salaata iidaa akkanatti salaatu ni danda'a

🛑 mana keessatti salaaturraa namni danda'auufi namni itti tolu oddoo kessatti afatuun salaatun ni danda'ama. Kuni caalaa fi filatamaa ta'uu danda'a.

Waqatii(yeroon) salaata iidaa akkuma waqtii ad-duhaa ti. Aduun eega baate muldhatteerraa jalqabee zuhriin gahuuf haga daqiiqaa 20 hafuutti jidduu sanitti salaatan.

Yeroo dhaan arifatanii salaatun filatamaa dha.

📌 kuni akkuma jirutti iidaaf huccuu haaraa ykn huccuu qulqulluu ta'e uffachuu, nafa dhiqachuu, shittoo fayyadamuufi iidaan gammaduun, jaalatamaa fi dalagaa ajrii argamsiisuu dha.

📌 salaatal-iid sagaduun duratti zakaatal-fixrii keennuun dirqama yoo ta'u iida dura guyyaa lama dursanii keennuunis ni danda'ama.

▪️Rabbiin dalagaa keeny
a gaarii ta'e nurraa haa qeebalu
▪️dhukkuba nutti dhufees gahe nu haa jedhu

"Amiin"

Madda:- Ustaaz Ahmad Sh/Adam
💡Ibn Temam-Official 🔊:
Iid Mubaarak!
Eid Mubarek!
ዒድ ሙባረክ!

Addeessi muldhachuu dhabuu isaatin Ayyaannii Iida Alfaxrii Dilbata akka tahe beekkameerra. Guyyaa boruu Caamsa 15 sooman olama.

Baga Ayyaana Iida Faxrii Sooma Hiika bara 1441 nagayaan geessan.

ጨረቃ ባለመታየቷ የኢድ አል-ፊጥር በዓል የፊታችን እሁድ መሆኑ ታውቋል!

እንኳን ለ 1441ኛው የኢድ አል ፊጥር በዓል በሰላም አደረሰን!

Join for more 👇👇👇

https://www.tg-me.com/amirtemam1
https://www.tg-me.com/amirtemam1
UMAR BINU KAXXAAB

Ibn Temam

@amirtemam1 @amirtemam1

Ergamaan rabbii ﷺ akkas jedhe “osoo naboodaan nabiyyiin jiraatee silaa Umartu taha! jedhe. ” “Garuu ani nabiyyii boodaati nabiyyiin biraa na boodaan hin jiru.”

Inni nama islaamummaan isaa Banaa [Furtuu] islaamummaa tahe. Godaansi isaallee tumsa ummata islaamaa tahe. Akkasuma inni nama motummaan isaallee motummaa haqaa taate.

Inni nama ergamaan Rabbii nabi Muhammd ﷺ Jannataan isa gamachiise. Inni nama sheyxxaanni karaa isaa irraa dheessu.
Inni nama osoo booyu imimmaan fuula isaa irratti karaa baafate.

Nama hedduu Rabbi gabbaraa tahe. Namaa hedduu dinagdee irraa dantaa dhabaa tahe. Akkasuma nama hedduu duulaa tahe jihaada irratti.

Nama dhugaa dubbatu hanguma feetellee yoo hadhoofte dhugaan sun. Inni nama yeroo duraatiif yahuudaa biyyoota arabaa keessaa baase xiqqaattuu haala taateen.

Koottaa ni jiraachifnaa lubbuuwwan keenyaafi ruuhiiwwan keenya seenaa sahaabticha qeeransa kanaatiin.


Umar ilma Kaxxaab bara Arbaa ( عامل فيل)
irraa waggaa 13 turee Makkaan keessatti dhalate.Gosti isaa Adiyyi jedhamti. Nama qaama jabaatiifi goota namaati. Kan namni dhiyoo jiruufi fagoo jirullee isa sodaatu. Dandeetti dubbisuufi barreessuu nama qabu.

Zamana jaahiliyyaa /barrentumaa/ keessatti Ambasaaddara (سفير ) qureeyishii tahee dalagaa ture. Yeroma san Rabbiin nabi Muhammadiin ﷺ ergee jennaan nabi Muhammadiifi sahaabotatti diina guddaa tahee hedduu rakkisaa ture.

Islaamawuu umar

Itti fufa....


Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
2024/09/30 07:18:19
Back to Top
HTML Embed Code: