Telegram Web Link
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ
Ibn temam
Kutaa 6ffaa

Godaansa Hijraatiifi Jaalala abbaan bakrii rasuulaaf ﷺ qabu.

@amirtemam1 @amirtemam1

Nabi Muhammad ﷺ gara mana Abbaa Bakrii deemun akka Rabbiin godaansa (hijraa) eeyyameef itti hime. Abbaan Bakriis gammachuu guddoo gammaduu irraa kan ka’e booye. Osoo manarraa hin bahin Abbaan Bakrii
yaabbii lama siinqii /galaa/ waliin qopheessee, yaabbii isaan lamaanii namticha kaafiraa Abdallah ilma Ureyqix kan karaa beekuun beekame bira kaahee biraa deeme.

Sana booda godaansa seenaa islaamaa keessaatti hanga har’aa Hijraa jedhamtee beekkamtu eegalan.Rasuula fi Abbaan Bakrii godaansaaf hanga gaara Sowrii gahanitti miilaan deemanii, gaara san keessatti
goda(boolla) wahii argan. Abbaan Bakrii goda seenee eega qulqulleessee booda qaawwa hedduu cufe. Garuu boolla takka waan ittiin cufu dhabee jennaan, faana miila isaatiin afaan gubbaa dhaabbatee cufe.

Rasuulas ﷺ akka ol seenu affeere.
Nabi Muhammadis ﷺ erga ol seenee booda, mataa isaatiin miila Abbaa Bakriititii irkatee rafe. Osoo Nabi Muhammad ﷺ hirriba keessa jiruu Abbaa Bakrii qaawwa inni miilaan cufe keessaan miila isaa Jawween ykn Qajjibbuun ciniinte.

Abbaan Bakrii nyaatama (ciniinnaa) qaama isaa kana Rasuula ﷺ hirriba keessaa dammaqsuun waan itti ulfaateef jecha itti obse. Garuu qaama isaa irra inni hirriba
Rasuulaa filatus, ijji isaa laalaa irraa kan ka’e imimmaan roobsuurraa caamuu hin dandeenye. Imimmaan ija isaa keessaa maddee fuula isaa irra akka lolaatti gadi yaa’ee,
boqoo (gateettii )Rasuulaatti ﷺ gadi cobe. Yeroo kana Rasuulli ﷺ hirribaa dammaqe.

Maaliif akka booye imimmaan isaa buute Abbaa Bakrii sababaa gaafate. Abbaan Bakriis “Yaa Rasuula Rabbii nin ciniiname bar.” jedheen. Yeroma san Rasuulli lafaa utaalee ol ka’ee bakka inni ciniiname sanitti tufee jannatas isaa kadhate. Rabbiinis tuftoma kana dawaa godheefii fayyiseen.

Mushriktoonni ykn warri Rabbitti kafaran faana dhahanii dhufan. Hamma goda Rasuulli ﷺ fi Abbaan Bakrii keessa jiranitti. Abbaan Bakrii miila kaafirtootaa argee, gara kaafirtootaa laalaa “yaa Rasuula Rabbii ﷺ tokkoon isaanii osoo gara miila isaanii gadi laalanii silaa nu argan.” jedheen. Rasuullis ﷺ haala Rabbii isaa dhugoonfataa taheen, “yaa Abbaa Bakrii maali seeteen kee nu lamaanitti haala sadaffaan keenya Rabbiin tahee jirutti jedheni.


Rabbiin ijaa kafirtoota jalaa isaan haguuge.Osoo aakkanatti jiranuu, Kaafirtichi Abdallaah ilmi Ureyqix dhufee isaan lamaan erga boolla keessa guyyaa sadi bulanii booda fuudhee kara Madiinaa isaaniin deeme.

Jaalala abbaan bakrii rasuulaaf qabu

Yeroo karaa deeman Abbaan Bakrii dura Rasuulaa ﷺ darbaa, al tokko tokko immoo duuba isaanii, Moggaa mirgaa fi bitaa Rasuulatti naannawaa deema. Rasuulli ﷺ gocha isaa kana arganii “maal taate Abbaa Bakrii?.” jedhanii gaafatan. Abbaan Bakriitis hamtuu irraa isaan eeguuf akka irra garmaamaa jiru itti hime. Yeroo dadhabbii irratti argu immoo bakka gaaddisaa barbaadee afeefii, Rasuula ﷺ ciibsee ofii isaatii taa’ee hamtuu irraa isaan eega.

Guyyaa tokko osoo isaan ciibsee eeguun; Tiksee re’ee tokko argee akka mallaqaan aannan isaaniif elmu gaafate. Aannan mucaan elmee kenneef Rasuulaa ﷺ geesse. Hamma
hiribaa ka’uutti eegee obaaseen.Haala saniin deemanii Madiinaa gahan. Warri Madiinaas haala gaariin simannaa godhanii fi moggaa ganda Madiinaa bakka Qub’aa jedhamtu yeroof qubatan.

◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
/
أمنت باالله
RABBITTI AMANE

                BY
        Muaz yakub

“Jedhi, ‘Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu. Sila Rabbiidha moo wantoota isaan Isatti qindeessantu (shaarrakantu) caalaa?’” Suuratu an-Naml 27:59

○Eeyyeen Rabbii sifaata guutuu qabuu fi hanqinna hunda irraa qulqulluu ta’etu caala. Hundeedhumarraa Gooftaan Gooftaa jedhamuuf hanqina hundarraa bilisa kan ta’ee fi sifaata (amaloota) gaggaarii fi gugguutuun kan ibsamu ta’uu qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaanni (amaloonni) Isaa guutuu fi hanqina hundarraa kan qulqullaa’edha. Sifaanni (amaloonni) Isaa guutuu ta’uu wantoota Inni uumee irraa hubachuun ni danda’ama. Samiin utubaa malee dhaabbachuu fi baqaqiinsa homaatu kan hin qabne ta’uun Beekumsi, Dandeetti fi Ogummaan Rabbii guutuu ta’uu agarsiisa. Beekumsi, Dandeetti fi Ogummaan sifaata (amaloota) Rabbiiti.

○Hundeen amantii inni guddaan Rabbii Tokkichatti amanuudha. Amantiin namaa sirrii kan ta’u yoo Rabbii Olta’aatti shakkii tokko malee dhugaan amananiidha. Ta’uu baannan, namni jireenya isaa soba irratti ijaara. Rabbitti amanuun fixrah (uumama qulqulluu) nama hundaa keessa jiruudha. Garuu yeroo dhiyoo kana keessatti wantoonni nama rifachiisan argamaa jiru. Awroppaa irraa jalqabuun biyyoota biraatti babal’ataa kan jiruudha. Wanti nama rifachiisu kunis, “Eetisim (Ilhaad)” wanta jedhamuudha. Eetisimiin kuni "Rabbiin hin jiru, wantoonni kunniin ofiin argaman" jechuun labsa. Wanta ijaan mul’atu kana malee wanti ijaan hin mul’anne biraa hin jiru jechuun lallabu. Dhugumatti yaanni akkanaa yaada nama hollachiisu fi sodaachisuudha.

○Namoonni yeroo duri, wanta biraa Rabbiin waliin haa gabbaranii malee Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akka jiru sirritti amanu. Kanaafi, waamichi (daaw’aan) ergamtoota guddaan Rabbii Tokkicha gabbaruutti waamudha malee Rabbiin akka jiru mirkaneessu miti. Sababni isaas, ummanni isaanii Rabbiin Guddaan akka jiru ni amanu. Garuu wanta biraa Isa waliin gabbaru. Namni yeroo ammaa jiraachu Khaaliqa kaadu, hangam sadarkaa salphinna isa gadi aanutti akka tare argisiisa. Qaroominni inni odeessu mushrikoota durii gadi akka ta’u isa taasise. Na’uuzubillahi minal-khizlaan (Salphinna irraa Rabbiin tiikfamna).

👌Dhaamsi nuti eegalle itti fufa channel keenya asii gadii  JOIN gochuun kutaatee itti aanan argachuu dandeessu👇

      --------> @abu_abdalah1 <--------
     
      -------->   @hafiz_jihad   <--------

       -------->  @ibnutemiya6   <--------

       -------->  @keyralumma   <--------
   
       -------->  @amirtemam1   <--------
                  |⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣|
                      ©                         ©
               https://www.tg-me.com/abu_abdalah1
Sadaqaa hin dagatinaa jechuufi....
Yommuu Sodaa fii-Rakkoon Cimu-Kutaa 7ffaa

By @Ibnu_hajar

waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan”

Ibn Jariir ni jedha: namoonni gariin Ergamaa Rabbii (SAW) waliin jiran bu’aan badaan warra amanan irratti akka ta’u fi Rabbiin kana akka isaanitti hojjatu yaadan.”
“waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan” Hasan kana ilaalchisee ni jedha: yaada garaagaraatu ture. Munaafiqonni, Muhammadi (SAW) fi sahaabonni isaa lafarraa ni dugugamu (ni badu) jechuun yaadan. Mu’mintoonni immoo wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa galan haqa akka ta’ee fi osoo mushrikonni jibbanillee diinii Isaa (Islaama) amantii hundaarratti akka moosisu ni mirkaneeffatan.”

Ibn Abi Haatim akka gabaasetti, Abu Sa’id radiyallahu anhu ni jedha: Guyyaa Khandaq ni jenne, “Yaa Ergamaa Rabbii! Qalbiin kokkee geessee jirti, wanti jennu jiraa?” Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan: “Eeyyeen. Jedhaa:
اللَّهُمَّ اسْتُرْ عَوْرَاتِنَا وَآمِنْ رَوْعَاتِنَا
Allaahumma-stur awraatinaa wa-aamin raw’aatinaa.”
“Yaa Rabbii! Hanqinna (dadhabinna) keenyaa haguugi, sodaa keenya tasgabeessi.”

Ergasii Rabbiin fuula diinaa bubbeen dhayee isaan moo’ate.[3]

“Achitti mu’mintoonni ni qoraman, sochii cimaas ni sochoofaman” Suuratu Al-Ahzaab 33:11

Bakka cimaa saniitti warri amanan ni qoraman, mu’minni munaafiqa irraa addaan baafamee beekkame. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhiphinna guddaa nuti dubbiin ibsuu hin dandeenyeen mu’mintoota qore. Nama kana keessatti kufe malee dhiphinni guddaan kuni nutti dhagahamuu hin danda’u. Nuti amma asitti, fakkii haala sanii sammuu keessatti kaasuu fi yaaduu hin dandeenyu. Garuu namni haala cimaa sanitti kufe ni beeka.

“Achitti mu’mintoonni ni qoraman” namni niyyaan isaa qulqulluu (mukhlisa) ta’e kan biraa irraa akka adda baafamuuf ni mokkoraman. “sochii cimaas ni sochoofaman” sodaa fi rifannaa cimaa irraa kan ka’e kirkira cimaa ni kirkiran. Kan ittiin qoraman, qormaata cimaa fi kirkira (sochii) cimaadha. Sochiin cimaan isaan muudate kuni sochii lafaati mitii. Garuu sochii (kirkira) nafseeti. Nafseen ni kirkirte, wanti guddaan ishii qunname. Sababni isaas, Araboota irraa gareen gamtaa’an (Ahzaab), Banii Qureyzaan wali galtee diiguun, beela, ifaajee, dadhabbii fi qorri bakka tokkotti walitti qabaman. Wantoonni shan isaan irratti wal gahan. Wantoota shanan kanniin keessaa takkattinu kirkira nafseetiif gahaadha. Shanan bakka tokkotti yoo wal gahan hoo akkam ta’inna haalli? Dhimmoota garmalee ulfaatodha. Bakka kanatti Rasuulli (aleyh sallaatu wassalaam) beela irraa kan ka’e dhagaa garaa irratti hidhataa ture. Akkamitti haala kana yaaduu dandeessaa? Namni dhugaa jireenyaa keessatti haala san ibsuu hin danda’u. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedhe: “sochii cimaas ni sochoofaman”
Qormaanni kunniin isaan irratti waan wal gaheef sochiin guddaan nafsee isaanii sochoose. Kanaafi, nifaaqni ifatti mul’ate, munaafiqonni fi warri qalbii isaanii keessa dhukkubni shakkii jiru wanta dubbatan ni dubbatan.
Qormaanni Guddaan akkanaa osoo nu qunname maal taana laata? Of gaafanna??? .............
join 👉 @hafiz_jihad
@keyralumma
@amirtemam1
@Abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
By @Ibnu_hajar
🌿 Abbaa khee Du'e Fayyadi Istighfaaraan🤲🏻

💄💄💄
💄💄💄💄💄
🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊

💐 Jaalalleen keenya Nabi Muhammad(saw) akkana jedha.(***. Rabbiin oltahe jannata keessatti Sadarkaa Garbicha Gaarii olfuudha.

🌸 Ni jedha Garbichi rabbiin(sw). " Yaa Rabbi Maaliini naaf ta'e kun?"

🌸 Rabbiin (sw) ni jedhaan||** Istighfaara ilmaan kee siif godhaniini.**||.



🌾 عن أبي هريرة ( قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : ((إن الله -عز وجل- ليرفع الدرجة للعبد الصالح في الجنة فيقول: يا رب أنى لي هذه؟ فيقول: باستغفار ولدك لك)) . " صحيح الاحاديث القدسية للشيخ مصطفى العدوى "

🌷 ويا حبيب الدارس
💄 Abbaa fii haadha keenyaaf Araarama haa kadhannuu
💄 Yaa Rabbi abbaa fii haadha keenya Du'anii jiraniif araarami
💄 Yaa rabbi Abbaa fii haati keenya Du'an Araarama keetitti haajamoodha. Yaa rabbi araaramiif . Yaa rabbi dhiisiif.
💄 Yaa rabbi nuu fii Maatiin keenyaas Araarama keetti haajamoodha,nuti miskiina keeti,hundi keenyaawuu dilaawoodha. Nuufis araarami. Isaaniifiis araaramii darajaa isaanii olfuudhiif.


Join 👉 @hafiz_jihad
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Kutaa 7ffaa

Jalqaba irraa argachuuf @amirtemam1

Abbaa bakrii tiif duula .
Sadarkaa inni duula keessatti qabu.


Guyyaa duula badrii nama Rasuula Rabbi ﷺ eegu yeroo filatan kan Abbaa Bakrii caalaa itti amanan tokollee waan hinarginiif isa filatan. Akka Aliyyi ilma Abii Xaalib jedheetti Rabbiin isarraa haa jalatuu, “Abbaan Bakrii goota namaati! jedhe. Lola Badrii keessatti Rabbii guddaattin kakadhaa, kaafirri tokkollee Rasuulatti ﷺ hin dhihaanne. Abbaan Bakrii nama Rasuulatti dhihaatuuf deemu, morma isaa irraa muree karatti hanbisu malee.”



Ilmi Abbaa Bakrii kan Abdurahmaan jedhamu kaafira waan tureef waraana kaafiraa waliin loluuf dhufe. Lola Badrii keessatti Abbaa isaa Abbaa Bakrii yeroo argu irraa maqa. Gaafa islaama tahe akkana isaan jedhe; “Guyyaa
duula badrii lola keessatti yeroo si argu sirraan maqaa ture. Siin loluu waan hin barbaadiniif jecha.” isaan jennaan Abbaan Bakrii ammoo akkana isaan jedhe.

“Ani garuu osoo si argee si hin dhiisu sin ajjeesa!.” isaan jedhe. Qur’aana irraa waayee kanaa suuraan dubbattu suuraa Towbaa ayata digdamii afur (24) fi suuraa Mujaadalaa ayata digdamii lama (22).


Gaafa lola Uhud yeroo sahaaboni cabanii gariin isaanii baqatan Abbaan Bakrii garuu akka gaarri dhabbatutti dhabate nabii irraa lolaa ture. Hijraa irraa ganna torbaffaatti hoggantummaa dhan ganda banii Zahra /Banii Zahrataa\
jedhamu cabsee injifannoon gale. Guyyaa lola Tabuukis namni alaabaa Muslimtootaa qabatee deeme Abbaa Bakrii ture.

Lola Huneeyni keessatti yeroo waraanni Muslimtootaa cabanii gara duubaa deeb’an warra cinaa Rasuulaati osoo hin baqatin dhabbatee lole keessa tokko Abbaa Bakrii ti. Guyyaa duula Tabuuk Rasuulli Rabbii ﷺ waan waraana ittiin geggeessinu kennadhaa jennaan Abbaan Bakrii mana isaa keessatti dinaara ykn dunyaa takkallee ufii isaatifi maatii isaatifis ossoo hin hanbisin diinagdee isaa keennate.

Yeroo san Umer iilmi Kaxxaab har’a Abbaa Bakrii caaluu qaba jedhee qabeenya isaa walakkeessa kenne. Akka Abbaan Bakrii caale arginaan inni har’a qofa nan caalle jedhe.
Guyyaa tokko Rasulli ﷺ sahabtota isaa hundarratti gadi bahee akkana isaaniin jedhe; “Hara’a eenyutuu sooma oole.” jennaan Abbaan Bakrii ana jedhe. Eenyutuu har’a miskiina gaafate nyaachise jennan, Ana jedhe Abbaan
Bakrii. Eenyutuu dhibama hoo gaafate jedhanii gafaannan. Ammas Abbaan Bakrii ana jedhe.


Booda Rasuulli ﷺ .” namni guyyaa tokko keessatti waan kana cufa walitti qabate galanni isaa jannata male hin jirtu.” isaaniin jedhe.
Gaaf tokko Umar ilmi Kaxxaab manguddittii ija hin qabne takka argee, Qarqaaruu fedhe. Yeroo inni nyaataa fi dhugaatii qabatee dhufu namni wahii isa dura geessee fi biraa deeme.

Yeroo hundaa yoo inni nyaata fi dhugaati qabatee dhaqu namtichi sun isa dura geesse fi biraa deema. Namni yeroo hunda nyaataa fi dhugaati qabatee isiif isa dursee kennuuf enyuu akka ta’e beekuuf dhokaate eege,
Yeroma kana Abbaan Bakrii mana manguddittii keessaa gadi bahu argee Umar boohee akkana jedhe, Rabbitti kakadhee ani tola tokko keessattillee si hin caalu jedheen.

Sadarkaa inni rasuula biratti qabu kutaa itti aanu insha'allaah....

◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6

''
       ☝️أمنت باالله☝️

☝️__RABBITTI AMANE__ ☝️

Kutaa 2ffaa
                     BY
        Muaz yakub

1-Argama Kawnii (Yuniversi)

Kawni (yuniversi) jechuun wantoota uumamaan nu marsaniidha. Kanneen akka samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiraniidha. Jechi “kawn” jedhu jecha “kaana” jedhu irraa kan horsifameedha. “Kaana” jechuun “Ta’e” ykn “argame” jechuudha. Kanaafu, Kawn jechuun wanta argame ykn argamuudha[1].

Yuniversiin nu marsee jiru kuni wanta argame ykn uumame akka ta’e amantiin, saayinsiinii fi filoosofiin ni mirkaneessu.


Filoosofi irraa ka’uun mee dhugaa kana amantiin wal-qabsiisuun haa ilaallu. Filoosofin akkana jedha: sammuun namaa wantoota jiran ilaalchisee filannoo sadii fudhachuu danda’a. Filannoo sadan kanniini ala wanta biraa fudhachuu hin danda’u:

1ffaa-Jiraachun isaa dirqama kan ta’e
2ffaa- Jiraachus kan danda’u, dhabamuus kan danda’u
3ffaa- Gonkumaa ta’uu ykn jiraachu kan hin dandeenye


Akkuma beeknu wanti tokko argamuuf kan isa argamsiisu jiraachu qaba. Yoo wanti isa argamsiisu hin jiraatin, wanti suni jiraachu ykn argamuu hin danda’u. Samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran jiraachus dhabamuus kan danda’aniidha. Saayinsin yeroo ammaa samii fi dachiin dhoo’insa guddaa booda akka argaman ni dubbata. Ammas, gara baduutti ykn barbadaa’utti deemaa akka jiran ni haasawa. Kanaafu, samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran wanta argamaniidha. Wanti argamu kuni immoo Kan isa argamsiisutti hajama. Kanaafu, Khaaliqni samii fi dachii uumee jiraachu qaba. Jiraachun Khaaliqaa (Uumaa) dirqama kan ta’eedha (Waajibul wujuud). Yoo Inni hin jiraatin samii fi dachiin argamuu hin danda'an.


Tuqaalee sadan yommuu gabaabbinaan ibsinu kana fakkaata: Yuniversiin jiraachus dhabamuus kan danda’uudha. Jiraachun Khaaliqaa dirqama kan ta’eedha (waajibul wujuud). Rabbii Tokkicha waliin Rabbiin biraa jiraachun Mustahiil (Gonkumaa ta’uu kan hin dandeenyedha). Ammas, wanti duraan hin jirre gonkumaa ofumaan argamuu hin danda'u.


Mee tuqaalee kanniin Qur’aana irraa haa ilaallu: “[Rabbiin] Argamsiisaa samii fi dachiiti. Yeroo dhimma wayii murteesse, wanti Inni isaan jedhu, “Argami (ta’i)” qofa; yeroma san argama (ta’a).” Suuratu Al-Baqara 2:11 Kana jechuun samii fi dachii Kan argamsiise Rabbii Olta’aadha. Wanta tokko akka argamu yoo murteesse, “ta’i” jedhaan. Wanti sunis yoosu ta’ee argama.


Asitti wanti hubannu, Rabbiin argamsiisaa samii fi dachii erga ta’ee, samii fi dachiin wanta argaman ykn uumamaniidha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmoon Isaaf gonkumaa ta’uu akka hin dandeenyee fi gabbaramaan biraa Isa waliin akka hin jirre haala kanaan ibsa: “Rabbiin ilma hin godhanne. Isa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru. [Osoo jiraatanii] silaa gabbaramaan hundi waan uume fudhatee deema. Gariin isaanii garii irratti olta’uu turan. Rabbiin waan isaan itti fakkeessan irraa qulqullaa’e.” Suuratu al-Mu’minuun 23:91

Gabbaramaa (ilaah). Kanaafu, Rabbiin waliin gabbaramaan ykn gooftaan biraa jiraachuun mustahiil (wanta gonkumaa hin taanedha). Samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran kan argaman ta’uu mee jechoota hayyoota filoosofi keessaa muraasa haa ilaallu:Falaasfaa fi hayyuun herreegaa Dekaart (Descarte) jedhamu akkana jedha: Ani kan argameedha. Eenyutu na argamsiise? Eenyutu na uumee?... Ani ofiin of hin uumne. Kanaafu, Khaaliqni na uume jiraachu qaba. Khaaliqni (Uumaan) kuni jiraachun Isaa dirqama kan ta’e ta’uu qaba (waajibul wujuud). Khaaliqni kunis Rabbii waan hundaa uumedha.

👌Dhaamsi nuti eegalle itti fufa channel keenya asii gadii  JOIN gochuun kutaatee itti aanan argachuu dandeessu👇
💢🔻💢🔻💢🔻💢🔻💢 💢🔻💢🔻💢🔻💢🔻💢
      --------> @abu_abdalah1 <--------
     
      -------->   @hafiz_jihad   <--------

       -------->  @ibnutemiya6   <--------

       -------->  @keyralumma   <--------
   
       -------->  @amirtemam1   <--------
💢🔻💢🔻💢🔻💢🔻💢 💢🔻💢🔻💢🔻💢🔻💢
                  |⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣⇣|
                ©                         ©
          ➥ https://www.tg-me.com/abu_abdalah1   
keyralumma Ibnutemiya6
✍️ Ibnu_surur ✍️

√ Baatii Ramadaanaa Keessa Naamusoota Namootni Soomanan Raawwachuu Qaban

√ Sodaa Allaah (S.W) Onnee Bulchuu
√ Sodaa Allaah (S.W) onnee keessa bulchuu jechuun wantoota Allaahaan (S.W) dhorke hunda irraa guutumaan guutuutti fagaachuu fi of qusachuu. onnee fi arraba. haasawaa fi gochi osoo adda addaa hin ta'in soroummaan Allaah (S.W) gabbaruu jechuudha.
√ Namni kamiyyuu bori gaafa murate logii-malee (yawmal qiyaamaah) addunyaa tana irratti naamuusaa fi gochoota raawwaateen gaariis ta'ee fokkaataan Allaah (S.W) biratti herragamu wanta ifaan ifatti beekkamuu fi wanta shakkii hin qabne dha. Kanaafuu namni kamiyyuu wanta kana yaadatuun Naamusootaa fi sochiiwwan isaa kanneen guyyaa gara guyyaa irratti Allaah (S.W) sodaatuu fi yaadatu irraa of dagatuu hin qabu; maaliif yoo jadhame ilmaan namaatiifis ta'ee biqiltootaa fi bineensootaaf duuti hin hafne sun waytiin dhufu haalaan wanta beekkammeef.

√ Haaluma kanaan kaayyoon soomaa inni guddaan namoota sooman worreen sodaa Allaah (S.W) (www.tg-me.com/keyralumma) qaban ykn abboota taqwaa akka tahan isaan leenjisuufi madaqsuudha.
√ Ramadaanni woytii taqwaa waan taheef muslimoonni carraa kanatti fayyadamuun Allaah (S.W) yeeroo kamiyyuu caalaa sodaatuun isaanirraa eegama. Hiriyoota
keessaniif 👉🌹shear 🌷 godhaa
By @Ibnu_hajar

KEYRAL-UMMA-TUBE

Kunoo Ass geessaniittu
Jajjabeen keyiral ummaa
Namni waan sijaallatuufi
kayiriirratti siwaamaa

Hojjannaan hojii gaariidha
Mindaansaa kuma kumaa
Hundumtuu waan hojiisaa
Bor ittiin badhaafamaa

Namni waa gaarii dheessu
Yoomuu kansaa gadumaa
Oll guddachuun hin jiruu
Qoonnisaa gadaantummaa

Yoo dhugumaan haajomte
Milkii kan biyya lamaa
Qooddachuudha jabaattee
Ergaawwan keyral ummaa

Gorsa Akkaan bareedu
Maaliif dagattee teessaa
Daddafii tii saammadhu
Bor gaafatamuuf teessaa

Qabeenya horachuunis
Gaaffii sitteddummeessaa
Yoo kayiriidhaan hirmaatte
Ragaa ta.ee sibaasaa

Kayirii barree barsiisuuf
Hammachuun si leenjisaa
Filannoo keessan hundaa
Keyiral ummaa taasisaa

Yaada keessan gaggaarii
Asiin 👇 Nuqaqqabsiisaa
@ibnu_surur
Waan qajeelfamuu qabus
Text Nuuf taasisaa
Continue ........ j k k
#Duula hamiltan gargaaruu
irratti mee hagam
keenyatu hirmaata? 🙋‍♂️
Hamiltan     media
keenya hagargaarru
Hamiltan tv gargaaruuf
Hamiltan multi media
Lakkoofsa Akkaawuunti
Baanki hojii gamtaa oromiyaa
1000052842496
Baanki daldala Itoophiyaa
1000330022896
Baanki Internashionaal
1358655800001
Warra biyya alaa irraa galchuuf.
Swift code ORIRETAA

Wolaloo mi'ooftuu
Hamiltaniif isiniif qabannee
Dhihaanne kan gadii kana
#share #FORWARD gochuun
Jaalala Hamiltaniif qabdan
Mulillisaa
@Keyralumma @Ibnutemiya6
@hafiz_jihad
@keyralumma @abu_abdalah1
@ibnu_surur

Wolaloo mi'ooftuu
Media hamiltaniif


 Hamiltan
 
Barreessaan
©Muaz yakub
 
Hamiltan hamlee koo
Hawwii bara dheeraa
Baga nagaan dhufte
Fuulli nu ifeera....

Media miidhagduu
Afaan saba hedduu
Qaawwa mara seenee
Kan namuu barbaadu
Ijaafi gurra koo
Hamiltan miidhagduu....

Hayyuufi Ulamaa
Manguddoo qabattee
Hubannoof beekumsaan
Median faayamte
TV n Hunda caaltu
Iftee nuuf mullate....

Jalqabni isaatuu
Kan nama hawwatu
Duree keenya qofa
Kan erraa mullatu
Gammadee seeqata
Hirmaattonni martuu....

Hamiltan Aduudha
Ibsaa diin islaamaa
Dukkanni wollaalaa
Siin nurraa saaqama...

Hamiltan urjiidha
Bareechitu Dachii
Wolitti dhiyeessa
Kan asiifi achii....

Tv n Aqiidaafi
Fiqhii nu barsiiftu
Kan seenaa dhokate
Ifatti as baastu
Hamiltan nuuf dhuftee
Hunduu haa simatu.....

Ummanni islaamaa
Kan kaabaafi kibbaa
Bahaafi dhiharraa
Wolitti lallaabaa....

Hamilee gaariidhaan
Afaan tokko taanee
Hamiltan simanna
Hunduu woliin baanee....

Hamiltan hamlee koo
Hawwii bara dheeraa
Baga nagaan dhufte
Fuulli nu ifeera....
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 8ffaa

by @Ibnu_hajar

Wanti Qalbii keessatti dhokate yommuu ifatti bahu fi Mu’minni (namni dhugaan amanee) fi munaafiqni addaan baafaman 
Tarii namni jireenya keessatti yaadaa fi amantii badaa dhoksuu danda’a. Keessumaayyuu, munaafiqoonni kufrii dhoksuun iimaana mul’isu. Garuu Rabbiin subhaanahuu wa ta’aalaa ilmaan namaa iddoo qormaataa waan kaa’eef isaan qoruun gaarii fi badaa, nama dhugaatii fi kijibaa addaan baasu malee hin dhiisu. Ni jedha:

“Hanga gaarii irraa badaa adda baasutti Rabbiin [haala] isin irra jirtan irratti mu’mintoota kan dhiisu miti.” Suuratu Aali-Imraan 3:179

Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitanii fi shari’aa Isaatti bultan, hanga gaarii irraa badaa adda baasutti, mu’minaa fi munaafiqni walitti makamuun haala amma jirtan kanarratti Rabbiin isin hin dhiisu. (Kunis isin qoruun ta’a.)  Kanaafu, munaafiqni mu’mina dhugaa irraa adda bahee beekkama.[1]

Duulli Khandaq/Ahzaab qormaata cimaa mu’minni fi munaafiqni ittiin adda bahuun beekkamaniidha. Wanti mu’mintoota keessa jiru ifatti bahe. Haala isaanii akkana jechuun ibsee

“Yommuu mu’mintoonni Ahzaab (garee diinaa gamtoome) argan, “Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha. Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.” Jedhan. [Kuni] amanuu fi harka kennuu malee waan biraa isaaniif hin daballe.” Suuratu Al-Ahzaab 33:22

(Ibsa Aayah tana bakka ishiitti ni ilaalla.)
Yaanni badaa fi shakkii qalbii munaafiqoota keessa jirus ifatti bahe. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dubbii fi haala isaaniis akkana jechuun ibse:

“(12)-Yeroo munaafiqonnii fi kanneen qalbii isaanii keessa dhukkubni [shakkii] jiru, “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.”jedhan, [yaadadhaa]. (13)-Yeroo isaan keessaa gareen wayii, “Yaa warra Yasrib! Iddoon turtii isiniif hin jiru, kanaafu [gara manaa] deebi’aa.” jedhan.  Ammas, Osoo [manneen isaanii] qullaa hin ta’in “Manneen keenya qullaadha.” jechuun isaan keessaa gareen wayii Nabiyyii hayyama gaafatu. Isaan dheessa malee homaa hin barbaadan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:12-13

“Yeroo munaafiqonnii fi kanneen qalbii isaanii keessa dhukkubni [shakkii] jiru, “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.” jedhan

Rabbii olta’aatti maganfadha. Namni dubbii akkanaa akkamitti dubbataa? Garuu-Rabbiin kanarraa nu haa tiiksuti- qalbiin isaanii kufrii ykn shakkii irratti dachaafamtee jirti. Sababni isaas, namoonni qalbii isaanii keessa dhukkubni jiru isaan bira shakkii fi amantii dadhabaatu jira. Munaafiqota bira immoo kufriitu jira. Kanaaf, ni jedhan: “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.”

Rabbiin guddaan qulqullaa’e! Rabbii fi Ergamaan Isaa wanta nama gowwoomsu waadaa isiniif seenu, isin irratti sobuu? Kuni gonkumaa wanta hin danda’amneedha. Kana irra, Rabbii fi Ergamaan Isaa haqa malee waan biraa waadaa hin galle. Garuu ilkee kanniisaa erga dhandhamanii booda malee dammii hin argamu. Ifaajeen waan hafuu hin qabneedha. [Hojii itti ajajaman hojjachuu] itti fufuun dirqama. Osoo kuni jiraachu baate silaa namni dhugaa nama sobaa irraa adda hin baafamu ture. Mu’minni kaafira irraa adda bahee hin beekkamu ture. Kanaafu, qormaanni waan hafuu hin qabneedha.

Rasuulli sallallahu aleyh wassallam sahaabota isaatiif injifannoo waadaa galee ture. Mu’mintoonni kanatti amanani jiru. Munaafiqonni fi warroonni qalbii isaanii keessa dhukkubni [shakkii] jiruu immoo dubbii kana ni dubbatan: “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.” Rabbiin kakadhe! Kijibanii jiru. Rabbii fi Ergamaan Isaa haqaa fi dhugaa malee waadaa hin seenne.[2]
Faallaa kanaa mu’mintoonni (warri dhugaan amanan) akkana jedhan: “Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha. Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.” (Suuratu Al-Ahzaab 33:22) ...........
Join 👉 @hafiz_jihad
@keyralumma
@amirtemam1
@Abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
DAWAA COVID_19  
           By             
Muaz yakub

Inni kadhaa tokko male
Fedhasaatiin nuuf rahmate
Harra gabroottan quufnaan
Balaansaa nutti buute...

Qilleensi jundiisaati
Woraanasaa beekamaa
Bineensis akkasuma
Guutuudhumti uumamaa...

Ta'i jedhee taasisa
Humni rabbii bar jabaadhaa
Addunyaa kana guutuusii
Fedhu dhabama godha....

Waadaa nabiyyiidhaaf gale
Ummatasaanii tiksuu
Jedheen “ummatakee
Bakkati hin balleessu”....

Male silaa badiidhaan
Dhumaatiin keenya tureera
Akki keenya nun baasu
Balaa xiqqoof guddoorraa....

Xiqqaaf guddaan hundinuu
Tawhiidarraa maqeera
Hamtuudhuma dalagee
Sanumatti wol affeera....

Dawaan balaa buufamee
Tawhiida qabachuudha
Hamaarraa wol dhorganii
Kayriitti ajajuudha...

Amanne worri jennus
Iimaana haa qorannu
Isa rabbiin jedhe
Ta'uu haa hubannu....

Amanne jechuuf qofti
Bilisa nama hin baasu
Toluma isaarraa
Qalbii nuuf haa jiisu
Rabbi balaa kanas
Nurraa ol haa kaasu.....

○DHUKKUBNI KUN TAWHIIDARRAA FAGAACHUU UMMATAARRAAN KAN DHUFEDHA FURMAANNI ISAAS TAWHIIDUMATTI DEEBI'UU QOFA.

🌷🌷🌷⚘Ergaalee islaamummaa kanneen murteessoo ta'an gosa walalootiin argachuuf⚘🌷🌷🌷

  --------> @abu_abdalah1 <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Kutaa 8ffaa

Sadarkaa inni Rasuula biratti qabu.

Nabi Muhammad ﷺ akkana jedhe; Rabbii kiyya malee Osoo jalallee godhchuun kan naaf hayyamamu taatee silaa Abbaa Bakrii jaalallee godhadha. Garuu inni obbolessa kiyya nin jaaladha. Hulaan ykn balballi gara masjiidaa seensiftu takkalleen cufamtu malee akka hin hafne, Hulaa ykn balbala Abbaa Bakrii malee. Jechi Rasuulaa ﷺ kunillee sadarkaa Abbaa Bakrii muldhisuufi.

Rasuulli ﷺ waayee balbala jannaataa saddeet akka jirtu dubbatee jennaan Abbaan Bakrii akkana jedhee Rasuula gaafate sila hulaa saddeettan san namni tokkochi seenuu
ni dandaahaa? Jedheen. Yaa Abbaa Bakrii atuu balbala saddeetan irrayyuu ni waamamta jedheeni isa gammachiise.


Rasuulli ﷺ dhibamee jennaan akka Abbaan Bakrii ummata Islaamatiin salaatu ajaje. Sababa saniif Abbaan Bakrii nama Nabi Muhammad ﷺ irraa bakka bu’ee yeroo duraatif osoo Rasuulli ﷺ lubbuun jiru ummata Islaamaa salaachise tahee argamee dha.

Yero muraasaan booda Nabi Muhammad ﷺ ni du’e. Sababa du’a Rasuulaatifis ﷺ dacheen
ummata Islaamatitti dukkanoofte, Hamma waan dalagan wallaalanitti. Abbaan Bakrii Nabi Muhammad ﷺ akka du’e baree jennan boohee boqoo (gateettii) isaa dhungatee “du’a Rabbi sitti murteesse duutee jirta yaa Rasuula Rabbii.” ﷺ jedhee karaa ummataa gargalee akkana isaaniin jedhe,.

”namni Muhammadiin ﷺ gabbartan Muhammad ﷺ du’e, Kan Rabbiin gabbartan ammoo Rabbi yoomuu jiraataa dha hin du’u.” isaaniin jedhe. Ayata Qur’aanaa: Suuraa Al-Imraan 144 irratti dubbise ykn qara’e akka ummanni obsaan jajabaatuuf jecha.

Bulchiinsa Abbaa bakrii

Itti fufa..

◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
Wantoota sadarkaa laylatul-qadrii ibsan keessaa
From Ustaz Ahmedin jebel

@abu_abdalah1 @abu_abdalah1

Wantoota sadarkaa laylatul-qadrii ibsan keessaa
◇====□□□====◇ ◇====□□□====◇
1/ Qur'aanni kan bu'e(bu'u ka jalqabe) halkan tana keessa ta'u

2/ Allaahun subhaanahu wata'aalaa halkan tana "laylatul-qadr" (halkan murtii fi kabajamtuu) jedhe moggaasuu

3/ Malakoonni kabajamoo fi qulqulluu ta'an halkan tana keessaa baayyinaani fi deddeebii dhaan kan bu'an ta'u

4/ ibaadaan halkan tana keessa dalagan ibaadaa ji'a kuma tokko(waggaa 83) kan caalu ta'u

5/ wantoonni waggaa dhufu keessa ta'u guutuun halkan keessaatti murteffamu ta'u

6/ Allaahuun subhaanahuu wata'aalaa halkan tana "Nagah" jedhe moggaasuu fi Muslimtootaaf halkan nagaha ta'u

7/ Allaahuun subhaanahuu wata'aalaa halkan tana ilaalchisuun Qur'aan suuraa tokko guutuu buusuu dhaafi kkf sadarkaa halkan tanaa kan ibsanii dha.

Kanaaf ibaadaa guddisuun halkanoota kaanniinirra caalchisuu qabna👌🏻

اللهم وفقنا ليلة القدر.
واعف عنا وعافنا وأصلح شأننا وشأن أمتنا.
واغفر لنا ولوالدينا ولمشاينا وأحبابنا.
🔸Yaa Rabbi qalbii/yaada ummataa haaqarritti tokko godhi warra karaa keetitti waamaa jiranillee jabeessi, dogoongoranni dogoongorsuurraalle eegi!

Laylatul Qadrii dhaanis waan gaarii ta'e maraa nuu katabi deebii/gala keenyas jannata godhi ibaddarraalles nu eegii

"Amiin"

Ustaaz Ahmad Adam


👌Dhaamsi nuti woliif taasifnu kan yoomiyyuu itti fufudha channel keenya asii gadii  JOIN gochuun qooda irraa fudhataa hiryoottan keessan rabbiif jecha jaallattan affeeraa👇

      --------> @abu_abdalah1 <--------

     -------->   @hafiz_jihad   <--------

     -------->  @ibnutemiya6   <--------

     -------->  @keyralumma   <--------
   
     -------->  @amirtemam1   <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
👉SIN DARBIN ADARAA SIN DARBIN
👉 Sin darbin adaraa ain darbin
👉 ERAGAA GUDDAA


Namni toltuus tahee hamtuu dalaguuf yommuu ol aggaamu , hammuma fahmii (hubannoo) sammuun isaa fudhachuu dandeesseen aggaammii isaa raawwata. Wanti Rabbi nu uumeef bilisaan lafa kanarra jiraannee tokkummaadhaan isa tokkoomsinee isa qofa akka gabbarruuf ture. Rabbi ilma namaa tokkollee gabrummaa keessatti hin uumne , hundumaayyuu bilisa taasisee amantaa Islaamummaa daandii tokkicha irratti uume. Garuu ilmi namaa erga dhalatee booddee sababa adda addaatiinis haa ta’uu (dhiibbaa maatiitiin, dhimma dhuunfaatiin akkasumas dhimma hawaasa naannootiin) daandii jalqabaa irraa maqee garuma fedhe ykn immoo garuma dhiibbaan isa itti jallisetti duufee, jallatee guddata. Jallinni isaa kunis darbee daddarbee dhaloota jajallisuudhaf sababa guddaa ta’ee bakka, yeroo fi haala baay’ee keessatti mul’ata.Seenaan nama hin satartu/ hin dhoksitu; wantuma hardha dalagnee dabarsineen, boris maqaan keenya kaha malee. Seenaan nama badaa dalage gaariidhaan hin galmeessitu; kan gaarii dalages badiidhaan hin galmeessitu. Soba wanti jedhamu seenaa keessa hin jiru; sobni seenaas tahuu hin dandahu. Kan seenaa sobsiisuu barbaadus yoo jiraate, akka jibicha gaara guddaa dhiibuu taheetuma of dadhabsiisaa oolee yeroon itti darbiti malee. Achi qabee as qabee yommuun ilaalu waan lamatu natti mul’ata; inni tokko Obbolummaa walii irraanfachuu keenya; inni biraa immoo moototni biyyas tahee adduunyaa bulchaa turanii fi bulchaa jiranu fedha walitti qabanii ummata irratti moo’uu malee ummataaf moo’uu akkasumas tarsiimoo ittiin bulchanu kan hin qabne tahuu jaraati. Yeroo hedduu wanti adduunyaa kana mudatu, namoonni yeroo hunda carraa barcuma yaabuu argatanu, irra caalaan isaanii gahumsaa fi beekumsa bakka isaan jiranuuf malu akka hin qabnedha. Namni gahumsa hin qabnemmoo sodaa waan qabaatuuf hojiin isaa badiitti caala; dhara nama irratti dalaguu, carraa argate hundaan obboleewwan isaa miidhuu fi balleessuu taha. Kanaaf dhalli namaa waan isaaf malu hunda akka argatuuf; jireenya isaaf malu akka jiraatuuf jecha adeemsaa fi galma keenya tolfannee gara fuulduraatti deemuun dirqama nurraa eegamudha. Adeemsi galma keenya ittiin geenyu kun immoo yoo obbolummaan dhugaa jiraate qofa galma gahuu dandaha waan taheef obbolummaa keenya fakkenyota dhaloota duraanii irraa arganneen tikfachuun dirqama nuti bahachuu qabnudha. Obbolummaa yeroo jennuu , waliin dhalachuu, afaan tokko dubbachuu ykn biyya tokko tahuu fi mana tokko keessatti guddachuu; akkasumas fakkeenyummaa bifaa fi qabeenyaatiin osoo hin tahiin, obbolummaa akka isii seenaa Islaamaa keessatti nuuf kaayamtee sanatu nuuf barbaachisa. Waliin dhalachuun qofti obbolaa nama gochuu akka hin dandeenye ilmaan nama yeroo jalqabaatiif ardii kana irratti Aadamii fi Hawwaa irraa dhalatan lameen Qaabilii fi Haabil yeroo faayidaa dhuunfaaf jecha obbolummaa isaanii dagatanii wal ajjeesan sana nu barsiisani.
Share share like taasisaa
🌾 (**. Irra Jaalatamaan Maqaa keessanii Rabbi Biratti Abdallah fii Abdurrahmaani...*)).

Rasuulallaa(saw)

عَنِ ابْنِ عُمَرَ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ((إِنَّ أَحَبَّ أَسْمَائِكُمْ إِلَى اللَّهِ عَبْدُ اللَّهِ وَعَبْدُ الرَّحْمَنِ)). رواه مسلم برقم ٥٧٠٩


🌾 Ilmaan keetiif maqaa bareedaa fili. Abdallaah, Abdur-rahmaan faa maqaa sahaabota gaggaarii filadhu

🌾 Waan rabbiin jaalatu hojjechuu irraahi maqaa bareedaa baafachuun,namaafiis baasuun...


Join👉 T.me/hafiz_jihad
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Kutaa 9ffaa Ibn temam

Bulchiinsa Abbaa bakrii

Eega Nabi Muhammad ﷺ du’e guyyaa
lammataa Umer ibnul Kaaxxab wal tajji irratti olka’ee eega Rabbii isaa faarfatee booda akkana jedhe.” Nabi Muhammad ﷺ du’ullee Rabbiin jidduu keessan karaa sirritti fakkenya isinii ta’e, daandii dhugaa isin agarsisee galma isin geessu isiniif dhiisee jira.

Abbaan Bakrii nama Rasuula waliin guyyaa sadi boolla keessa bule. Dhimma muslimtootaatti nama haqa godhatu waan taheef, tole jedhaatii harka isaa fuudhaa. Waadaa isaaf seenaa.” jedheen. Ummannis yaada Umar fudhatanii Abba Bakrii tole jedhanii waadaa isaa galan.

Abbaan Bakrii booda wal tajji irrattti bahee akkana jedhe “aniin kun bulchaa ta’ullee irra caalaa keessani miti. Waan ta’eef; yo ani dogongore na qajeelchaa, yoo ani laaffadhe na
jabeessaa. Dhugaa dubbachuun amaanaa tiksuu jedhama. Kijiba dubbachuun nama ganuu dha.” isaaniin jedhe.

Rasuuulli ﷺ hoggantummaa nama Usaamaa binu Zeydi jedhamuun waraana guddaa duula biyya Ruumif qopheesse osoo waraanni moggaa madiinaa keessaa hin bahin Rasuulli ﷺ dhibeen qabamee dhibeen itti hammattee jennaan waraanni karaa deebi’e. Du’aa fi jiruu isaa hubatuuf jecha. Nabi Muhammad du’ee jennaan yeroma kana ummanni islaamaa diinii irraa garagalan, gariin isaani inumayyu murtaddii ykn amantii islamaa kan gadi dhiisan tahan, gariin immoo an nabiyyii dha ofiin jechuu eegalan, Kessattuu; kan akka Museylamatul Kazzaab.

Ummanni hedduun immoo zakaa kennuu didan.Abbaan Bakrii waraana Rasuulli ﷺ biraa du’an san duulaaf yeroo inni deebisee qopheessu, gara ruum erguuf ummanni muslimaa dura dhaabbate. Ummanni Arabaatuu diinii keessaa fuula garagalfatee, akkam biyya biroo loluuf deemta. Dursa ummatuma kanaan loli ykn Usaamaa binu Zeydi umriin isaa xiqqaa dha hoggantumma nama isa aqlii fi beekkumsa lolaatin caaluu kenni jedhaniin.

Yeroo kana Abbaan Bakrii dheekkamee (firinxiixee) nama Rasuulli ﷺ hoggana isaaf
kenne irra mulqi naan jettu jedhee dide.Abbaan Bakrii waraana iddoo kudha tokkotti hiree waraana Usaama binu Zeydi akkuma Rasuulli ﷺ hoggansa kennaniif innis isaaf deebisee gara biyya Ruumi duulsise, Kan hafan immoo biyya Arabaa kessatti deebisee duulchise. Rabbis isaa tumsee waraanni kudha tokkoonu injifanno fi milkii goonfate.

Sababa Abba Bakris Rabbiin diin islaamaa tikse. Duula kanneen keessatti sahabonni qur’aana qomatti qabatan ykn haffazan hedduun dhumuu kan qalbise Umar ibnul-Kaxxaab, Keessattuu duula yamaamaa namticha an nabiyyi ofiin jedhu Museylamatul Kazzab kan jedhamu duula taasifame irratti eegdota qur’aana ykn hafiztoota qur’aana dhibba shan ta’an waan dhumaniif, Gara Abbaa
Bakrii deemuun yaada qur’aanni iddoo tokkotti walitti haa qabamu jedhu kaase.

Abbaan Bakrii waan Nabin keenya hin godhiin akkamitti rawwadhu naan jetta? jedhee diduyyuu, boodaa qur’aana walitti qabuun irra caalaa ta’uu barraan sahaabticha Zeyd binu Saabit ka jdhamuun akka walitti qabu ajajan. Qur’aannis akka yaadanitti walitti qabamee harka Abba Bakrii gale.

Du'a abbaa bakrii.......

Itti fufa... insha allaah kutaa isa xumuraati

◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
Yommuu Sodaa fii Rakkoon Cimu-Kutaa 9ffaa
By @Ibnu_hajar

Duula Ahzaab kana keessatti munaafiqni nifaaqiini isaa ifatti bahe. Namni qalbii isaa keessa shakkiin jiru immoo haalli isaa ni dadhabe, iimaanni isaa dadhabaa fi haalli keessa jiru garmalee dhiphisaa waan ta’eef . Namoonni biroo ni jedhan, akkuma Rabbiin nutti himu: Yeroo isaan keessaa gareen wayii “Yaa warra Yasrib! Iddoon turtii isiniif hin jiru, kanaafu [gara manaa] deebi’aa.” jedhan, [yaadadhu].

Munaafiqoota irraa gareen biraa mu’mintoota waamun akkana jedhan: Yaa warra Yasrib dirree lolaa kasaaraa (itti moo’ataman) keessatti bakki dhaabbannaa fi turtii isiniif hin jiru. Gara mana keessan Madiinaa keessatti argamutti deebi’aa. Yasrib maqaa durii Madiinaati. 

“Iddoon turtii isiniif hin jiru” kan jedhaniif duula irraa dheessu waan barbaadaniifi. Lola keessatti Nabiyyii (SAW) waliin turuu hin barbaadan, Isaan munaafiqoota waan ta’aniif. Munaafiqni lola irratti obsa hin qabu. Inumaa loluu hin barbaadu.

Jecha isaa, “Yaa warra Yasrib!” jedhu keessaa sabboonummaa fi gosummaa wanta akeekutu jira. Sababni isaas, maqaa iddoo jireenyaatiin isaan waame. “Yaa obboleeyyan keenya!” ykn “Yaa Muslimoota” hin jenne. Kana irra, “Yaa warra Yasrib” jedhe.
Ammas, Osoo [manneen isaanii] qullaa hin ta’in “Manneen keenya qullaadha.” jechuun isaan keessaa gareen wayii Nabiyyii hayyama gaafatu. Isaan dheessa malee homaa hin barbaadan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:13

Munaafiqota irraa gareen biraa gara mana isaaniitti deebi’uuf “Manneen keenya qullaadha.” Jedhanii ragaa dhiyeeffachuun Nabiyyii hayyama gaafatu. “manneen keenya qullaa” jechuun manneen keenya diinota irraa kan eeggamanii miti, diinota irraa wanti manneen keenya eegu hin jiruu. Garuu manneen isaanii akka isaan jedhanii miti. “Isaan dheessa malee homaa hin barbaadan.” Kana jechuun namoonni kunniin lola irraa dheessu malee fedhii homaatu hin qaban. Manneen kan eeggamaniidha. Madiinaa irratti wanta sodaatamu caalaa isaan (manneen) irratti hin sodaatamu.[3]
Osoo akka Kafaran Gaafatamanii Yoosu kafaruu

“Osoo gama hundaan isaan irratti seenamee ergasii fitnaa gaafatamanii, silaa ni raawwatu turan. Ishii irraa waa xiqqoo malee homaa hin turan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:14

Kana jechuun osoo diinonni gama hundaan Madiinaa seenanii, ergasii munaafiqota kanniin fitnaa gaafatanii, silaa yoosu deebii deebisuuf. Asitti fitnaan, kufrii keessa seenudha ykn shirkiidha. Osoo gareen gamtooman Madiinaa keessa seenun akka kafaran munaafiqota kanniin gaafatanii, munaafiqoonni yoosu kafaru (Islaama irraa duubatti deebi’u). Sodaa fi rifannaan xiqqoollee osoo ta’ee iimaana irratti gadi hin dhaabbatan. Sababni isaas, munaafiqonni namoota duniyaa malee wanta biraa hin barbaannedhaa
Kuni munaafiqoonni hangam lugna (dabeessota) akka ta’an agarsiisa. Akkasumas, iimaanni qalbii isaanii keessatti hidda qabate hin jiru. Osoo iimaanni hidda qabatee, silaa kufriif yoosu deebii hin deebisan, ni didu turan. Ammas, munaafiqonni addunyaa malee wanta biraa hin barbaadan. Nama addunyaa qofa barbaadu malee namni Aakhiratti amanu ni kafaraa???
“Dhugumatti, kana dura akka dugda hin garagalchine Rabbiif waadaa galanii turan. Waadaan Rabbii gaafatamaa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:15

Munaafiqonni kunniin duula khandaq dura yoo lola irratti argaman akka hin baqannee fi yommuu gara qabsoo (jihaadaa) waamaman akka duubatti hin hafnee harka Ergamaa Isaa irratti Rabbiif waadaa galanii jiru. Garuu isaan waadaa isaanii ni ganan (ni diigan). Aakhiratti Rabbiin kana irratti isaan qorata, waadaa kana irraa isaan gaafata. Waadaan Rabbii kan irraa gaafamuu fi irratti qoratamu ta’ee jira..................

Join 👉 @hafiz_jihad
@keyralumma
@Abu_abdalah1
@amirtemam1
@Ibnutemiya6
2024/09/30 05:14:55
Back to Top
HTML Embed Code: