Telegram Web Link
👇
Eid mubarak

By @ibnu_hajar

Iid mubaarak jenneerra
Yaa gaggaarii ummataa
Baga woggaa geessanii
Ayyaana muslimootaa

Muslimni gaafa woggaa
Shukrii Rabbii galfataa
Meeqatu gahuu dhabee
Xobbeerratti gufataa

Ramadaana soomannee
Baatii itqiif Rahmataa
Ati Adeemuuf kaanaan
Garaatu Nugubataa

Muslimni guyyaa Iidaa
Rabbii Isaa faarfataa
Takbiiraa heddummeessee
Islaamummaa ibsataa

yaa Iida kanaan duraa
jennatuma qooddannaa
jiruuf jireenya keenyas
Deebifnee Haaromfannaa

dirree gubbaa bobbaanee
Wahdaa keenya ibsannaa
Kayirii daangaa hin qabne
Gaafas galmaan gahannaa

Mana woliirra deemnee
Firummaa jabeeffannaa
Miskiina Nyaachifannee
dhukkubsataa gaafannaa

Yaa Rabbi woggaan dhufee
Akka manaa nun dhabnee
Amaanaadha gooftaakoo
Nu sitti of dhiifannee

Koroonaa Nurraa kaasii
Akka Nurrattin dhiifnee
Muslimoota Nuuf tiksii
Yaa gooftaa Namangannee

Yaada keessan karaa👇
@ibnu_hajar

Chaanaalota kana join
Gochuun nu hordofaa

👉 join @hafiz_jihad
@keyiral_ummaa
@amirtemam1
@Abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
🌾 Soommana Shawwaal👌👌👌
*
***
******

Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan(***. Namni Ji'a Ramadaanaa Soommanee Guyyaa jaha Shawwaal irraa boodaa geeyse;akka nama Waggaa tokko Soommaneeti.**)


عن أبي أيوب الأنصاري رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
"من صام رمضان ثم أتبعه ستا من شوال كان كصيام الدهر"

رواه مسلم.

🌿 Soommana Shawwaalaatiis Akka fufnu jechumaafi.
T.me/hafiz_jihad
Yommuu sodaa fii Rakkoon cimu-kutaa 12ffaa

By @ibnu_hajar

"Ahzaab (gareen diinaa gamtooman) hin deemne yaadu. Ahzaab yoo dhufan, jiraattota baadiyyaa waliin baadiyyaa keessa ta’anii oduu keessan irraa gaggaafachuu jaallatu. Osoo isin keessa ta’aniillee, xiqqoo malee hin lolan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:20

Munaafiqoonni Ahzaaba Rabbiin moo’anna badaa moo’ate akka hin deemnetti yaadu. Kunis ciminna sodaa fi dabeessummaa irraa kan ka’eedha. Osoo Ahzaab gara Madiinaa deebi’anii, silaa munaafiqonnii kunniin Madiinaa irraa fagaachuun jiraattoota baadiyaa waliin baadiyaa keessatti ta’uu hawwuu. Fagoo irraa oduu keessan iyyaafatu, gaggaafatu. “Muhammadi fi sahaabonni isaa badanii jiruu?” jedhanii namoota gaggaafatu turan.
Baay’inna lugnummaa, gadi xiqqeenyaa fi dadhabbinna yaqiina isaanii irraa kan ka’e osoo isin keessa ta’aniyyu xiqqoo malee hin lolan.[8]

Keeyyattoonni armaan olii lolaan kan wal qabatanii fi haala munaafiqootaa ifatti kan baasaniidha. Namni tokko keeyyattoota kanniin bu’uura godhachuun, “Koronaa jalaa dheessuun du’a jalaa nama hin baasu” jechuun of eeggannoo barbaachisu yoo hin godhin, dogongora keessa seena. Kaayyoo shari’aa Islaamaa keessaa tokko: balaa guddaa hawaasa irra gahuu deebisuu fi too’achudha. Koronaan dhibee hawaasa miidhu waan ta’eef namni of eeggannoo gochuu fi qajeelfamota ittisa dhibee hordofuu qaba. Kana yommuu godhu immoo akka munaafiqoota armaan olii sodaa cimaan guutamuu hin qabu.
Gama biraatiin, aayaatni armaan olii jajjabeenya akka qabaannu,Akka obsinuu fii du’aaf of qopheessinu nu taasisu. koronaa jalaa dheessuun du’a jalaa nama hin baasu. Chaayina irraa dheessanii warri Ameerikaa fi Awrooppaatti galan, amma haalli isaani akkami? Yeroo kanatti hadiisa Rasuulaa (SAW) armaan gadii kana hojii irra akka oolchan nama taasisa:
“‏ إِذَا سَمِعْتُمْ بِالطَّاعُونِ بِأَرْضٍ فَلاَ تَدْخُلُوهَا، وَإِذَا وَقَعَ بِأَرْضٍ وَأَنْتُمْ بِهَا فَلاَ تَخْرُجُوا مِنْهَا ‏”
“Lafa (biyya) takka keessatti dhibee weeraraa yoo dhageessan, [biyya san] hin seeninaa. Osoo isin achi keessa jirtanu biyya takka keessatti yoo argame immoo, ishii (biyya san) keessaa hin bahinaa.“Sahiih Al-Bukhaari 5728 (Himni jalqabaa dhibee weeraraa kan akka koronaa irraa of eeggannoo akka goonu, himni lammataa immoo akka obsinuu nuuf dhaama.)
Ammas, namni bakka dhibeen weeraraa itti ka’etti, obsee fi mindaa Rabbiin irraa abdachuun biyya san keessa turee, ergasii yoo du’e, mindaa shahiidatu isaaf jira. (Ilaali sahiih Al-Bukhaari-5734)

Akka yaadachisaatti munaafiqonni yeroo sodaa fi rakkoon dhalatu, garmalee sodaadhaan guutamu. Akka nama du’uu ijji isaanii naannofti. Lola irraa ni dheessu. Garuu rakkoo fi sodaan erga deeme booda dubbiin goottota. Hojiin dabeessota, dubbiin goottota. Namoota dhugaa cimanii hojjatanii fi hawaasaa Muslimaa irraa badii deebisuuf carraaqan arraba isaanii qaraan rakkisu. Amalli isaanii badaan biroo waadaa Rabbii fi Ergamaan Isaa galan hin dhugoomsan, itti hin amanan. Kanaafu, hojiin isaanii Rabbiin biratti fudhatama hin qabu.
Mu’mintoonni immoo faallaa kanaati. Mee har’a yeroo rakkoo fi sodaa waa’ee mu’mintootaa (warra dhugaan amananii) haa ilaallu.
Yeroo Rakkoo fi Laafinna Ergamaa Rabbii (SAW) keessa fakkeenya gaariitu isiniif jira

“Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21
.............. join 👉 @hafiz_jihad
@Keyiralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
Obsa
'''''''''''''''''' By @ibnu_hajar

Bismillah. Qananii keessattis ta’i yeroo rakkoo obsi wanta garmalee barbaachisaa fi hafuu hin qabneedha. Waa’ee obsaa waggaa sadiin dura mata-duree “Obsa:Furtuu milkaa’inna fi Gammachu” jedhu jalatti ilaalle turre. Kana haa ilaallu malee, irra deddeebinee obsa waliif dhaamun warroota kasaaraa jalaa nagaha bahan keessaa nu taasisa. Qur’aana keessatti:
“(1) Yeroon kakadhe! (2) Dhugumatti ilmi namaa hoongoo (kasaaraa) keessa jira. (3). Isaan amananii, hojii gaggaarii dalagan, haqa walii dhaamanii fi obsa walii dhaaman malee.” Suuratu Al-Asr 103:1-3
Kunniin afran wanta kasaaraa (hoongoo) addunyaati fi Aakhiraa jalaa nama baasaniidha: Rabbii fi hundeewwan iimaana hafanitti amanuu, Hojii gaggaarii hojjachuu, Haqa walii dhaamu fi Obsa (sabrii) walii dhaamudha.
Akkuma yeroo baay’ee haqa walii dhaamnu, mee ammas obsa walii haa dhaamnu. Namni haqa erga beeke, haqa kana hordofu qaba. Karaa haqaa keessa deemun immoo obsa guddaa barbaachisa. Kanaafu, irra deddeebi’un obsa walii dhaamun baay’ee barbaachisaadha. Kunis kan ta’u, maalummaa obsaa, mindaa isaa, seenaa irraa namoota obsan dhiyeessun ta’a.
Maalummaa Obsaa
*Obsi ijjannoo cimaa ifaajee, rakkoo fi laalaa baadhachuuf nafsee ofii akka too’atan nama dandeesisuudha.
*Ammas obsi ijjannoo cimaa jeequmsaan, aarin, dhiphinnaan, hifannaan, jarjaruun, dallansuun, sodaan, dharra’uu fi fedhii lubbuutiin gara fuunduraatti furga’uu irraa nafsee ofii akka too’atan nama taasisuudha.
Obsuudhaan namni wantoota hunda bakka isaaniif malu tasgabbiin kaa’a, dhimmoota keessatti qarummaa fi madaalan hojjata, wanta hojjachuu barbaadu yeroo sirrii keessatti fi karaa sirriin hojii irra oolcha. Faallaa kanaa, obsa dhabuun gara muddamuu fi jarjaruutti nama dhiiba. Kanaafu, namni wantoota bakka isaaniif hin malle kaa’a, osoo sirritti itti hin yaadin hojii hojjata. Ergasii yeroo murteessu keessatti ni dogongora, karaa sirrii wanta tokko hojii irra oolchan ni balleessa. Tarii namni haqa qabatee ykn waan gaarii barbaadu obsa dhabuu isaatiif yakkamaa ykn balleessaa kan raawwatu ta’a. Osoo obsa qabaate, wanta badaa kana hundarraa nagaha ta’aa ture.
Dirree Obsaa
Dirree obsaa jechuun bakka fi yeroo obsi itti barbaachisudha. Jireenya namaa keessatti obsi dirree baay’ee qaba. Isaan keessaa muraasa haala kanaan tarreessun ni danda’ama:

(A)-Balaa-Yommuu rakkoo fi wanti jibban namatti bu’u nafsee ofii jeequmsa, dhiphinnaa fi aari irraa too’achuun obsa irraayyi. (Namni yeroo rakkoo jeequmsa, aari, dhiphinna fi abdii kutuu yoo too’ate obsa qabaa jechuudha.)

(B)–Hojii itti fufuu-Hojii yeroo sirrii keessatti itti fufiinsa barbaadu yommuu hojjatan nafsee ofii hifannaa irraa too’achuun obsa irraayyi. (Namni hifachuu dhiisee hojii ofii yoo itti fufe obsa qabaa jechuudha.)..itti fufa..
Join godhaa Nuhordofaa
Join @hafiz_jihad
@Keyralumma
Join 👉 @abu_abdalah1
@Amirtemam1
@Ibnutemiya6
Kutaa 2ffaa

Islaamawuu umar

Guyyaa tokko Ummu Abdallaah binti Abi heysamaa karaa biyya Habashaa osoo godaanssaaf deemaa jirtu, Umar ibnu Kaxxaab itti dhufee eessa akka deemaa jirtu gaafateen. “Lafa isin keessaatti nu darartan keessaa, gara
lafa Rabbiin itti gabbaruu danddeenyutti deemutti jira.” jetteeni deebifteef.

Umaris Rabbiin isin waliin haa jiraatu jedheen. Akkuma isaan addaan baateen jaarsi isii Aamir
tti dhufee jennaan akka Umariin agarte baqataaf ka’uu isaanii itti himtee jennaan dhiirsa isiitti Umaris gara laafiinsafi akka itti qalbii cabee isaaniif gadde ajaa’ibaa itti himte.

jaarsi isii akkana jedhe. ”Osoo harreen Kaxxaab islaamooyteellee Umar hin islaamayu.” jedhee yaada Umariif qabu ibse. Gaaf tokko Umar farsoo dhuguuf gara mana farsoonitti gurguramtuu yoo gahu, warri farsoo gurguru hin jiran ture. Yaada isaa jijjiiree ka’abaa xawaafuf yoo deemu nabi Muhammadii ﷺ ka’abaa jalatti salaataa jiru arge.

Carraa nabi Muhammadiin arguu kanatti gammadaa waan Muhammad jedhu dhokatee dhageeffatuuf murteeffate. Akka nabi Muhammad hin arginetti girdoo ka’aba jalatti
dhokatee dhageeffachuu eegale. Yeroma san mi’aan qur’aanaa onnee isaatti waa uume.

Booda lubbuu isaatiin haasahu eegale. Qur’aanni kun walaloo tahuu shakke. Yeroma san nabi Muhammad ﷺ Suuraa al haqqaa aayata qur'aanaa.

Qur’aanni kun jecha ergaa kabajamaati jecha walalootii miti.” jedhu qara’e.

Ammas Umariin qalbiin isaa qur’aanni kun jecha nama waa raaguu ta’uu shakkite. Yeroo kanas nabi Muhammad ﷺ aayata itti aantu suuraa Al-haaqqa 42 “jecha raagaa hintaane.”
jedhu qara’e. Yeroo kana garuu akkana ufiin jedhe.

Aanaa kiyyaafi gosa kiyyaa waliin nagahaan jiraachuu naa wayya moo, islaama tahee aanaa kiyyaafi gosa kiyyaan waliin diinoomuu naaf wayya jedhee tasgabbii dhabe.

Nabi Muhammadis ﷺ akkana jedhee du’aayii kadhate. “Yaa Rabbi Abi Jahli binu Hishaamii fi Umar binu Kaxxaab keessaa nama gara keetitti jaalatamaa taheen islaamummaa kana jabeessi.” jedhee kadhate. Guyyaa tokko Umar nabi Muhammadiifi ﷺ sahaabaan isaa Gaara safaa jalatti walitti qabaman jechaa beekee
seeyfii isaa luqifatee nabi Muhammad ﷺ ajjeesuu qaba jedhee bahe.

Itti fufa.....

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6

https://www.tg-me.com/amirtemam1
Yommuu sodaa fi Rakkoon cimu-kutaa
Kutaa 13.ffaa
👉 @ibnu_hajar

: “Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluuf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu isiniif jira.”

Maaliif fakkeenya isa hin godhannee, amala isaa hin hordofnee?[1]

Rasuulli (SAW) jireenya guutuu keessatti fakkeenya gaarii namaaf ta’u. Ergamaa Rabbiitti hidhachuu jechuun dubbiin, hojiin, amantii fi niyyaan isaan walitti galuudha. Namni hojiin, dubbiin, amantii fi niyyaan isaa akka hojii, dubbii, amantii fi niyyaa Nabiyyii (Sallallahu Aleyh Wassallam) ta’e hidhannaa gaarii itti hidhatee jira.

Garuu Ergamaa Rabbiitti (SAW) kan hidhatu ykn fakkeenya godhatu, nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluu fi Rabbiin baay’isee yaadatuudha.

Guyyaan Aakhiraa Guyyaa Qiyaamaati. Guyyaa Aakhiraa kan jedhameef isa booda guyyaan biraa waan hin jirreefi. Guyyaan kuni marsaa dhumaa uumamtootati. Sababni isaas, namni jireenya keessatti marsaa afur qaba. Marsaa garaa haadhaa isaa keessatti, marsaa addunyaa keessattii, marsaa qabrii keessattii, marsaan afraffaan Guyyaa Qiyaamati. Kuni marsaalee afur. Achitti halkanis ta’ee guyyaan hin jiru. Sababni isaas, aduun maramte ibiddatti darbamti.

Jechi Rabbii olta’aa: “nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti yeroo baay’ee Isatti fi Guyyaa Aakhiratti amanuu walitti hidha. “Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanaa.” (An-Nisaa 4:39). Sababni isaas, Guyyaa Aakhiraatti amanuun hojii akka hojjatan nama taasisa. Ati Guyyaan tokko hojii keetiif kan jazaa itti argattu akka jiruu yoo amante, Guyyaa kanaaf ni hojjatta. Faallaa kanaa, namni Guyyaa Aakhiraa mormuu (itti hin amanne), guyyaa kanaaf hin hojjatu. Sababni isaas, addunyaa tana malee wanti biraa hin jiru jedhee amana. Garuu namni Guyyaa Aakhiraatti yoo amane, kuni akka hojjatu isa taasisa. Kanaafi ni jedhe: “nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf”

Rabbiin yaadachuun (zikriin) qalbiin, arrabaa fi qaamoleen ta’a: Zikriin qalbiin kan ta’uu, namni keeyyattoota, mallattoolee, maqaalee fi sifaata Rabbiitti xinxalluu. Arrabaanis Isa faarsuun ta’a. Qaamanis kan akka salaata keessatti ruku’aa fi sujuuda bu’uu, dhaabbanaa fi taa’umsa. Kanaafu, zikriin qalbii keessatti, arraba keessatti fi qaamolee keessatti ta’a.

Namni aaqilli ijjannoo qabu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yaadachu (zakkaruu) hin dhiisu. Sababni isaas, uumamtoota Isaa hunda keessa mallatoolee tokkichummaa fi ogummaa Isaa agarsiisantu jira. Wanti kamiyyu kawni (yuniversi) kana keessatti argitu, Rabbiin si yaadachiisa.

Haaluma kanaan hojii kee keessatti ijjannoo yoo qabaatte, hojii gaarii kamiyyuu hojjattu ibaadaa gochuu dandeessa. Namni ijjannoo qabu hojii aadaa ibaadaa godha. Namni gaafilli immoo hojii ibaadaa aadaa godha. Namni ijjannoo yoo qabaate, zikrii Rabbiitiif kan itti fayyadamu yoo ta’e malee umrii isaa irraa sakandii hin gubu.[2]

Yeroo Sodaa fi Rakkoo Cimaa Wanta Mu’mintoonni (warri amanan) jedhan
Itti aansee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haala gabroota Isaa amananii dubbata:

“Yommuu mu’mintoonni Ahzaab argan, “Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha. Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.” Jedhan. [Kuni] amanuu fi harka kennuu malee waan biraa isaaniif hin daballe.” Suuratu Al-Ahzaab 33:22

Ibn Abbaas (radiyallahu anhumaa) fi Qataadan ni jedhan: [Waadaan Rabbiin isaaniif gale] kuni jecha Rabbii suuratu Al-Baqarah keessa ...........
Join 👇
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
Ummii

By @ibnu_hajar

Ajab yaa haadha Namaa
Garaansii laaftuu dhumaa
Nyaatteellee hin gabbattu
bareeddee Akka Namaa

Dhukkubsattee hin ciiftu
Ayii garaa haadhummaa
hammam dhukkubsattullee
Dawaanshii sabbatumaa

Ummii kiyya yaa ummaa
Sin jaalladha yaa maamaa
Naaf jiraadhu haadhakoo
Siif garaan koo raafamaa

Umrii kee haa dheeressuu
Yaa haadha ilmaan Namaa
Situ yaaddoon dhiphataa
Haadha guddaaf daa.imaa

Yaa bareedduu harmeekoo
Kan kee yoom dagatamaa
Nuguddisuudhaaf jettee
Taate gadi Aantuu Namaa

Waan hin taane hin qabduu
Nuuf cabdeetta yaa ummaa
Galanni kees tuullaadhaa
Yoom kaffalamee dhumaa

Ajab yaa haadha Namaa
Haadha ilmaan muslimaa
Jaarmiyaa beekumsaati
kan jiruu biyya lamaa

Yaa Rabbiikoo kaayyoosii
Hundumaa fiixaan baasii
Galma guddaadhaan ga.ii
Rakkina keessaa baasii

Yaa Allaah yaa gooftaakoo
Harmee keenya Nuuf tiksii
Sadarkaa ummaa keenyaa
Firdawusiin Nuuf taasisii

Chaanaalii keenya join
gochuun Nuhordofaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇

@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
Seenaa Umar Binu Kaxxaab

Kutaa 3ffaa Ibn Temam


Yeroma san namticha gosa banii Zuhraa
irraa taheen walitti dhufe. Namtichi “eessa demta?.” jedhee isa gaafannaan Muhammad “ajjeesuu deema.” jedheen. “yoo ati isa ajjeefte gosti isaa banii Haashimif baniin Abdimanaaf si dhiifti jettee yaaddaa?.” Jedheen.

Umaris dallanee “Atiin kunuu isa jala deemuu hin ooltu.” isaan jedhe. Namtichis “sila obboleettiin kee Faaximaafi jaarsi isiillee Sa'id binu Zeyd islaamawanii, jiranii yoo ajjeesuun
kee hin oolle ofirraa eegalii.” jedheen. Yeroma san gara mana Faaxumaatti qajeele. Yoo mana obboleetitti dhihaatu sagalee qur’aanaa namni mana keessaa qara’utti jiru dhagahe.

Sagaleen dhagahes sahaabticha Kabbaab jedhamu, obboleettii isaatiifi jaarsa isii qaraasisutti jira ture. Umar mana seennaan Kabbaab jalaa dhokate. “maali sagaleen ani dhagahe?.” jennaan obboleettiin “nuti homaa hin dhageenye. ” jetteen: “isin lamaan islaama taatan jechaa dhaghee jira. Dubbiin kun dhugaadha jedheen?.”

Battalumatti jaarsi Faxumaa akkana isaan jedhe “atuu
osoo islaamoftee, towbattee, waan ormi kee gabbaru kana dhiiftee.” jennaan Umar dhahaa jabduu dhahee lafatti kuffise. Faaxumaanis jaarsarraa dhoorguudhaaf kaatee jennaan: isis dhahee dhiiga fuularraan garagalche. Dhiiga
isii argee heedduu rifatee garaa nyaatte.

Waraqaa qur’aanaa kan harkaa qabdu askenni jedheen. “Nicicirtaa sitti hin kennu!.” jennaan Umar hamtuu takkaanillee akka hin tuqne isiif kakate. Faaxumaaniis dallansuu isii irraa tasgabooftee “Ati najisaa ka’ii dhiqadhu.” jetteenn. Ka’ee dhiqatee xalayaa qur’aana kan
suuraan Xaahaa itti barreeffame; haga Ayata 14tti qara’e.

“maalumatu qur’aana kana akkanatti tolchee isa kabaje?.” jennaan sahaabtichi duraan mana keessatti dhokate Kabbaab binu Arattii itti bahe “gammadi yaa Umar!.” isaan jedhe. “Ergamaan Rabbii kan du’aayii kadhatuu dhagahee: akkana jedhee; ‘Yaa Rabbi islaamummaa kana jabeessi. Umarii fi Abu Jahli irraa tokkoon’ jedhe. “Sunis ani sitahuun kajeela.”


yeroma san “gara Muhammad jiru na akeeki, dhaqee islaamaya.” jennaan akka gama mana
Gaara Safaa san jiru itti hime. Umar seeyfii isaa fannifatee dhaqee balabla itti dhadhahee:
jennaan; sahaabtichi tokko qaawwaan laale. Umarii seyfii fannifatee dhaabbatu argee rifatee kara Rasuulaa ﷺ deebi’ee; “Umartu seyfii qabatee balbala dhaabbata.” jedheen.

Yeroma san Hamzaan binu Abdul Muxxalib “yaa Rasuula Rabbii hayyamiif, yoo kan nagahaaf dhufu taate, isa kabajna: yoo inni hammeenyaaf dhufe immo seyfima isaatiin isa ajjeefna. Jennaan ergamaan Rabbiiﷺ hayyama isaaf godhe akka seenuuf. Umar akka seeneen ergmaan Rabbi ﷺ “maaltu sifide?.” jedheen “Rabbiif Rasuula ﷺ isaatti amanuuf dhufe.” jennaan eregamaan Rabbii ﷺ gammadee “Allahu Akbar!.” jedhe.

Itti fufa.....

@amirtemam1 @amirtemam1

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
UMAR BINU KAXXAAB

Ibn Temam
Kutaa 4ffaa

@amirtemam1 @amirtemam1


muslimtoonis akka inni amanuu dhufe beekanii jennaan gammadan umaris achumatti islaamahee hojii eegale. Umar yeroma san; “gadi baanee islaamummaa keenya haa
mul’ifnuu jedhee sahaabota sarara lamatti qoode. Sarara tokkoffaa, ofii hogganee sarara lammaffaa Hamzaan hogganaa, haala saniin islaamummaa yeroo dheeraaf dhokatte ifatti baasan. Mushriktoonni Makkaa humna jabeeffatuu islaamummaa arginaan hedduu rifatanii gaddan.

Keessaahuu islaamawuun Umariifi Hamzaa hamilee isaanii kan islaamuummaa bariin
balleesina jedhanii dhaadataa turan hamilee cabsite. Islaamummaan akkuma doqna arjoomsitu, luyna gootomsitu Umariinis Leenca islaamaaf bookkisu gootee isa jijjirte. Kan dur ergamaa Rabbii ajjeesuuf halkaniifi guyyaa hirriba dhabaa ture, amma isa tiiksuuf lubbuu, ijoolleefi dinagdee isaatiin kan akka utubaatti islaamaaf dhaabbatu ta’e.

Gara jabummaan dur ummata islaamaatif qabu mi’aan qur’aanaafi dhugaan diin islaamaa onnee isaa wasaka kaafirummaa keessaa dhiqxe. Hamma Gaala dhukkubsatu bira taa’ee imimmaan isaa jiksuti isa jijjiirte. Hamma uumamnii cufti Rabbiif akka bultu hawwu takka gahe. Onneen isaa iimaanaan daraarte.



Godaansa /Hijraa\ Umar

Rabbiin Hijraa/godaanssa/ hayyama godhee sahaabonni hundi dhokatanii kara Madiinaa godaanan: Umariin male; Umar garuu guyyaa godaansaaf ka’e seyfii isaatiif eeboo isaa qabatee ka’abaa yeroo torba irra xawaafee
(naannawee) mushriktootaan akkana jedheen:

namni Haati isaa isa haa dhabduu fedhe, takki “namni jaartiin isaa harmallaa haa taatuu fedhe kan ijoolleen isaa yatiima haataatuu fedhe, laga duubatti na haa eegu.” jedhee deeme. Hundi mushrikootaa sodaatanii dhiisan. Godaansi isaa sodaa mushriktootaatiif hin taane, ajaja Rabbii guutuuf qofa malee.


Ummanni Ansaaraa Umariif biyya qofa osoo hintaane, onnee isaaniillee bananiifii gammachuufii mirqaansaan isa simatan. Inni garuu waan jaalalleen isaa nabi Muhammad ﷺ irraa Makkatti hafeef gammachuu guddaa dhagahuu hindandeenne.

Yeroo muraasaan booda nabi Muhammadiifi ﷺ Abbaan Bakriitis kara Madiinaa godaanan. Sana booda Rasuullii ﷺ Abbaa Bakrii fi Umariin Waziira (ministeera) godhatee
haala saniin islaamumma jabeessaa turan.

Sadarkaa Inni Nabii biratti dhaggeeffatu

Itti fufa....

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
Obsa

By @ibnu_hajar

C)–Hojii Bakkaan gahu-Yommuu wanta barbaadan bakkaan gahan nafsee jarjaruu fi yaada malee hojjachuu irraa too’achuun obsa irraayyi. Namni uumama isaatiin jarjaraadha. Dhimmoota yeroo isaanii keessatti bakkaan gahuuf eegun isatti ulfaata. Yeroon gahuun dura wantoota muddamsiisu barbaada.

(D)-Dallansu-Yommuu wantoonni nafsee keessatti dallansuu kakaasan nama qunnaman, dallansuu fi yaada malee fiigu irraa nafsee too’achuun obsa irraayyi.

(E)–Sodaa-Yeroo wantoonni nafsee keessatti sodaa naqan argaman nafsee ofii too’achuu. Bakka gootummaan itti barbaachisuutti akka dabeessa hin taanef nafsee ofii sodaa irraa too’achuun obsa irraayyi.

(F)-Dharraa-Yeroo wantoonni nafsee keessatti dharraa fi kajeella kakaasan argaman, nafsee ofii dharraa irraa too’achuu. Dhimma dharra’uun fokkuu itti ta’ee keessatti namni akka dharraa duuba hin fiignef nafsee ofii dharraa irraa too’achuun obsa irraayyi.

(G)-Fedhii lubbuu-Ammas obsa irraa, fedhii lubbuu wanta gaarin keessa hin jirre duuba fiigu irraa nafsee ofii too’achuudha.

(H)-Ammas obsa irraa, ifaajee, rakkoo fi laalaa qaama fi nafsee danda’uuf of too’achuu. Ammattis ta’e boodarra danda’uu kana keessa waan gaariin akkuma jiruun ifaajee, rakkoo fi laalaa nama qunnamu danda’uuf of too’achuun obsa irraayyi.

Yeroo rakkoo Obsuu:
Yeroo rakkoon buutu Islaamni amala obsaatin faayamutti qajeelche jira. Mu’mintoonni murtii Rabbiitti akka gammadan isaan gorsa. Jireenyi addunyaa tanaa iddoo qormaataa waan taatef,namoonni rakkoo fi toltuun akka qoraman isaaniif ifa godhe. Murtii Rabbii (qadara) irraa wanti namoonni akka badaatti ilaalan dhumti isaa gaarii akka ta’e isaan barsiisa. Islaamni namoota jaalala Rabbii barbaadun obsaniif mindaan guddaan akka jiru waadaa gala:

 “Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157

Keeyyanni kuni akka agarsiisutti, nafsee ykn qaama ykn qabeenya ykn fuduraalee keessatti rakkoon laalessaan (rakkisaan) nama qunnamuun gosoota qormaata keessaa tokko ta’uu danda’a, “isin qorra (mokkorra).” waan jedhuuf.

Keeyyanni kuni rakkoolee adda addaatin yommuu tuqaman, akka obsuu qaban nama qajeelcha. Rakkoolee kanniin keessaa: rakkoo sodaa, rakkoo beelaa, rakkoo qabeenya irraa waa hir’achuu, rakkoo nafsee irraa waa hir’achu (namni jaallatan du’u) fi rakkoo fuduraalee irraa hir’achuudha.

Isaan qoruuf, iimaana isaanii ifatti baasuuf, wanta murtiin Rabbii irratti darbuuf harka kennuu fi itti gammaduu isaanii beekuuf yommuu rakkoon isaanitti dhuftu naamusa warra obsanii irraa “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” jechuu akka ta’e keeyyanni kuni ifa godha. Namoonni obsan kunniin wanti hundi kan Rabbii akka ta’ee fi gara Isaatti akka deebi’u labsu. Mataan isaaniitu kan Rabbiiti. Qaamni fi nafseen isaanii kan Rabbiiti. Sababni isaas, qaamaa fi nafsee tana Kan uume Rabbii olta’aadha.

Join 👉
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
UMAR BINU KAXXAAB

Ibn Temam
Kutaa 5ffaa

@amirtemam1 @amirtemam1

Sadarkaa Umar nabii biratti qabu

Nabi Muhammad ﷺ dhugumatti kan jaalatuu tahe Umariin, kan faarsu ta’e yeroo dheeraaf. Sunis waan argeefi dhugaa dubbachuu isaa, iimaana isaa, bololuu isaa diinii kanaaf jecha. Akkasumas nabi Muhammad ﷺ akkana jechuun isa faarsaa ture. “Osoo nabiyyiin naboodaan kan jiraatu taatee silaa Umartu taha.”

Akka Anas ilma Maalik irraa nuu odeeffametti ‘Guyyaa tokko nabi Muhammad ﷺ Abbaa Bakrii, Umarii fi Usmaan wajjiin Gaara Uhudii gubbaa bahanii jennaan Gaarri sosso’een. Yoo kana nabin Rabbii ﷺ Gaara miilaan gadi dhiitee dhaabbadhuu sigubbarra kan jiru Nabiyyii,
Siddiiqii fi shahiidee lameen qofa. Shahideen lamaan sunis Umarii fi Usmaan turan’. Duula nabi Muhammad ﷺ duulan irraa Umar duula tokkos hafee hin beeku.

Qur’aanaa fii Umar

Umar ibn Kaxxaab qur’aana suuraa Al-baqaraa waggaa 10ni /kudhani/ ol irra ture. Osoo yeroo gabaabdutti haffazuu dandahuu sababni, isaas aayata tokko bira hinkutu, hujirra oolchuu malee. Yeroo qur’aana dhageeffatu hedduu booya. Guyyaa tokko osoo yaabbiidhaan karaa deemu, gurbaa tokko kan suuraatu Xuur aayata 7 - 8 gahutti qara’u dhagahe.

hikkaan isii ‘Azaabni Rabbii keetii argamaadha yaa nabi Muhammad namni Azaaba san deebisu hin jiru’. aayata kana dhagahee jennaan osoo booyuu, yaabbii isaa irraa kufee dhibamee ji’a tokko ciise. Guyyaa tokko Umar Waa sadihiin Rabbiin kiyya yaada koo na deggare jedhee dubate sunis;

1. Osoo bakka dhaabbannaa Ibraahim bakka salaataa godhannee an jennaan Rabbiin bakka san bakka salaataa godhadhaa jedhee aayata qur’aanaa buuse.

2. Waa’ee hijaabaa ani nabi Rabbiitiin ﷺ waliin mari’annan Rabbiin aayata hijaabaa buuse.

3. Dubartiin walitti qabamnaan hinaaffaa nabi Muhammad ﷺ irratti ani dubartoota saniin jedhe. Anii Rabbii kiyya ni kajeela yoo nabi Muhammad ﷺ isin gadii dhiise, Rabbiin akka dubartoota biraa kan isinirra caaltu taate isaaf laatu jedheen.

Akkasumatti Rabbiin aayaata qur’aanaa kan waan ani jedhe deeggartu buuse. Umar akkas haa jedhu malee aayata kudhanii shan ol kan
ta’utuu argame qur’aana keessatti kan isa deeggaru.


Itti fufa....

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
TOOHIDA KUTAA 1️⃣4️⃣FFAA
                 By
    @Ibnu_surur
@Keyralumma @Ibnutemiya6
DURA KUTAA 1️⃣3️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU

♻️WANTOOTA ISLAAMUMMAA DIIGAN
Wontoonni islaamummaa diigan Balleessan Heddugaruu irra badaa fi baay’inaan kan mul’atan Kudhani, isaanis:-
1. Shirkii Iibaadaa keessaa gabbartii keessatti yagutoomsuu: Qabxiin kun Rabbiif malee qaluu, kan akka qabrii fi jinnii qaluu ilaallata. Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha.  “Dhugaatti Allaah badii isaatti qindeessuu shirkeessuu gonkumaa dhiifama hin godhu, kana irraa kan hafe badii kamiiniyyuu nama fedheef nidhiisa”

2. Jiddu gala taasisuu: namni isaa fi Rabbi Jiddutti jiddu galeessa taasise, Kan jiddu gala kanaan isa kadhatu, ka manguddummaa irraa barbaadu akka walii galaatti inni nama kafare Islaamumarraa bahe.

3. Namni Mushrikoota hin kafarsiifne ykn ammo shirkii isaanii keessatti shakke ykn isaanuu karaa sirrii irra jiran jedhee yaade inni kafare.

4. Namni karaa Rasuulaa صلى الله عليه وسلم malee karaa biraatin isa caalaa gaari dha jedhe kafare. Kan akka murtii xawaagiitaatiin murteessuu fa’a.

5. Namni waan Rasuulli صلى الله عليه وسلم ittiin ergaman keessaa waa jibbe osoo itti dalage illee kafare.

6. Namni Amantii Rasuulli صلى الله عليه وسلم ittiin ergamanitti qoose qishnaa godhe mindaa irratti tayinnaa adabbii inni kafare. Rabbiin akana jedha:  “Dhugumatti odoo isaan gaafattee ‘nuti haasawatti kan seennuf ii kan taphannu qofa turre’ jedhu.  ‘Sila Rabbitti, keeyyatoota isaatii fi ergamaa isaatti qishnaa gootuu? Jedhiin 66 Rakkoo hin himatinaa! Dhugumatti isin erga amantanii booda kafartanii jirtu.” Suuratu At-Tawbaa 65-66

7. Sihrii: falfala hojechuu, namni hojjate yookin jaalate kafare “Isaan lamaan nama tokkos odoo ‘nuti mokkoroof dhufnee hin kafarinaa’ hin jedhin sihrii hin barsiisan” Suuratu Al-Baqaraa 102

8. Namni Mushrikoota muslimootarratti gargaare yookin jara wajji Muslimarri duulu kafare.  “Isin irraa namni jaalallee isaan Yahoodotaa fi  Kiristaanota godhate, inni isaanuma irraayi.  Dhugumatti, Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu” Suuratu Al-Maa’idaa 51

9. Namni gariin namaa shari’aa Nabi Muhammad  صلى الله عليه وسلم keessaa bahuun isaaniif n taha jedhee yaadu inni kaafira.  Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti:  “Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu, Aakhirattis inni warra hoongayan irraayi”. Suuratu Aali Imraan 85

10.Namni amantii Rabbii irraa Islaamarraa
garagale ykn hin baranne ykn ittiin hin dalagne.  Ragaan jecha Rabbii ol-taheeti;
“Nama keeyyatoota gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa duubatti deebi’e caalaa namni miidhaa dalage hin jiru. Nuti yakkamtoota irraa haloo bahatoo dha” Suuratu As-Sajdah 22

🙋‍♂️Hubachiisa:  Qabxiiwwan👆 armaan olitti ilaalle kana hundaa keessaa garaagarummaan tokkos hin jiru, beekaan tahuu sodaan tahus nama dirqame malee. Qabxiiwwan Islaamummaa diigani dha.  Kunniin hunduu akka malee jaboo fi kan dallansuu Rabbi namatti dhaqqabsiisan yoo ta’u wanti Muslimarraa eegamu irraa sodaachuu fi qabxiiwwan kanneen irraa fagaatanii Islaamummaa ofii jabeefachuu dha.. Itti fufa insha'allaah nuhordofaa

Yaada keessan karaa👇
                            @Ibnu_surur
Chaanaalota kana join
Gochuun nu hordofaa
       👉 join @hafiz_jihad
                   @B_islaamummaa
                  @amirtemam1
                 @Abu_abdalah1
                @Ibnutemiya6
UMAR BINU KAXXAAB

Ibn Temam
Kutaa 6ffaa

@amirtemam1 @amirtemam1

Sheyxaanni Umariin Baqachuufi Taytaa Qabaachuu

Ilmi Namaa yoo akkaan Rabbi sodaachutti jabaate, Rabbiinis gabricha isaatif ulfinaafii kabajaa nama sanii dabalee, nama biratti namni akka isa sodaatu godha. Kanaaf jecha nabiin Rabbii ﷺakkana isaan jedhe. “mee naaf odeessi yaa ilma Kaxxaabi Rabbii lubbuun kiyya
harka isaa keessa jirtuun kakadhee waa sinqunnamne, sheyxaanni karaa tokko keessaatti siqunnamee hoo; maqu malee hin taane karaa kee san irraa.”

Taytaa Qabaachuu Umar binu Kaxxaab

Abbaan Bakrii dhibamee jennaan, Umariin bakka buusuudhaaf garii sahaabotaatiin mari’ate. Isaan keessaa sa’id binu Zeeydi, Useeydi binu Hudeeyri, Abdurahmaan binu Oowfi fii Usmaan ibnu Affaan hundi isaanii afaan tokkoon irratti walii galan. Gidduma kana sahaabtichi tokko dhufee Abbaa Bakriitiin
akkana isaan jedhe.

“Yaa Abbaa Bakrii Rabbii keetitti maal himuufi yoo sigaafate; Umariin kan nurratti filtuuf jabeenya isaa osoo gartu.” Abbaan Bakriis dhibeen waan itti jabaateef “olqabaa nateessisaa.” jedhee “kanaan na sodaachiftanii? Rabbii kiyyaan nin jedha; irraa caalaa namaati file namarratti“.

Sana booda Umar angoo irratti bahee haala gaariin walqixxummaadhaan ummata islaamaa bara dheeraa bulche.

Bulchiinsa Umar Ibnu Kaxxaab

Mootummaa isaa keessatti waraana cimaa qopheessee, biyyoota hedduu cabsee diinii islaamaa baballisaa ture. Biyyoota inni cabse keessaa; Faarsi /Persia/ Iraaq, Shaam, Masrii, Ruumii fi biyyoota biroos cabsee mootummaa isaa jala oolche.

Faaris (Persia) waraanni muslimootaa bay’inni isaanii laakkofsaan 10,000 kan gahan hogannummaa Abu Ubeeydaa binu Mas’uud kan jedhamuun hogganamee, duulaaf karaa biyya Faaris bobba’e. Faarisis waraana
hoggantoota jajjabaa lamaan Jaabaani fii Mardaan kan jedhamaniin muslimtootaan lolan.

Muslimtoonni lola kana moo’atanii hoggantoota jaraas booji’uudhaan biyya jaraa cabsanii qabatan. Yeroo booda ummanni Faaris humna haarawaan walitti qabamee ummata muslimaatitti duuluudhaaf waraana cimaa qopheessan. Ummanni muslimaas dhagahee yeroma san ariitiidhaan Umaritti ergaa dabarse. Amiirri mu’imintootaa Umar waraana bakka hunda jiran akka kara Madiinaa dhufan ajaja dabarse. Waraanni hundi bakka jiruu dhufe.

Amiirri mu’umintootaa waraana kana natu hogganuu qaba jedhe. Haa ta’u male ummanni muslimaa dura dhaabbatee akka inni hogganaa jabaa bakka buusee hafu godhan. Hogganaa
cimaa naaf akeekaa jedhee gafatee jennaan namni hundi afaan tokkoon Sa’ad binu abii Waqqaas filate. Sa’ad ibnu abii Waqqaas waraana hogganee kara Iraaq deeme.

Waraana san keessa warri duula Badrii duulan namoota 99tu keessa jira. Warroonni beey’atul Redwaan ykn warroonni ahdii jaalalaa Rasuula ﷺ godhan namoota dhibba sadihiif kudhanii way. Namoonni 300 warrootaa Makkaan Rasuula ﷺ waliin cabse. Akkasuma waraanni
700 ilmaan sahaabotaatii fii waraana biroo kan san malee jiru qabatee, Iraaq naannoo Al-qaadisiyyaa jedhamutti waraanni lamaan wal qunnaman.

Duulli kun kan argame Hijraa irraa ganna 16 keessatti. Waraanni Faaris 150,000 kan gahu hogganaa isaanii cimaa kan tahe Rustum kan jedhamuun hogganamee bakka Al-qaadisiyyaa jedhamutti waraanni lamaan lola walitti banan.

Waraanni Faaris hedduminna guddaa qabaatullee, Rabbiin tumsa ummaata muslimaatiif godhe. Waraanni muslimaa Faarisiin cabsee magaalaa Nahaawandii jedhamtu harkaa qabatan. San qofatti hin dhaabanne magaalaa akka Asbihaan, Azrabijaani fi Kurasaan kan jedhamtu cabsanii
handhurfatan.

Haala kanaan diinii islaamaa babal’isaa turan. Akkasuma biyya Shaam hogganaan isaa Abu Ubeeydaa ilma Jarraahi jedhamuun cabsanii islaamummaa bal’isan. Kana qofaa miti biyya akka Masrii waraana hogganaan isaa
Amribnul Aas jedhamuun cabsan.


Itti fufa....

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
Yommuu sodaa fi Rakkoon cimu-kutaa
14.ffaa
by @ibnu_hajar

(Yaa warra amantan! Qormaanni (rakkoon) warra amanan isiniin duraatti dhufe osoo isinittis hin dhufin Jannata seenuu ni yaadduu? Dhugumatti, hiyyummaan, dhibee fi rakkinni adda addaa isaan tuqee jira. Hanga Ergamaa fi warri amanan, “Gargaarsi Rabbii yoom dhufa?” jedhan gahanitti sodaa adda addaatin hurgufamanii jiru. Eeyyen, gargaarsi Rabbii warra amananitti dhiyoodha.)

Warri aman
an yommuu garee gamtooman isaan marsanii argan, aayah armaan olii yaadachuun “Kuni qormaata gargaarsi dhiyoon itti aane dhufu kan Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha” jedhan. Kanaafi, Rabbiin olta’aan ni jedhe, “Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.”[3]

Kuni faallaa munaafiqootatti. Mu’mintoonni “Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha. Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.” Yommuu jedhan, munaafiqonni immoo, “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin galle.” Jedhan.

Mu’mintoota bira yaqiina (shakkii tokko malee dhugaan amanuu) waan qabanii fi niyyaan isaanii gaarii waan ta’eef dubbii haqaa jedhan. Munaafiqonni immoo yaqiina waan hin qabnee fi niyyaan isaanii gaarii waan hin taanef, dubbii badaa fi sobaa jedhan. Kunoo yeroo qormaataa namoonni akkanatti adda baafamu. Namni qormaanni jabaan isatti dhufuun dura iimaana ofii beekumsaa fi hojii gaggaariin jabeesse, qormaata ni darba. Namni dhiise immoo ni kufa.

“[Kuni] amanuu fi harka kennuu malee waan biraa isaaniif hin daballe.” Kana jechuun ahzaaba arguun Rabbiitti amanuu, waadaa Isaa dhugoomsuu, murtii Isaatiif harka kennuu fi ajaja Isaatiif masakamu malee waan biraa isaaniif hin daballe. Qalbiin amanuu, qaamoleen harka kennu. Kana jechuun qalbiin ni amanan, qaamolee isaanitiin ajaja Rabbiitiif ni bulan (ni ajajaman).

Bakki amanu qalbiidha, bakki harka kennuu fii massakamu immoo qaamoleedha. Amantiin namaa wantoota lamaan kanniiniin malee hin guuttamu: amanuu fi harka kennuu (ajajamuu). Namni harka kennee (wanta itti ajajame hojjatee) garuu hin amanne, inni munaafiqa. Namni amanee garuu harka hin kenninee, inni of tuulaa (mustakbir) ta’a. Namni amanee fi harka kenne, inni mu’mina dhugaa, gabricha dhugaa ta’a.[4]...............
Join 👇
@hafiz_jihad
@Keyralumma
@amirtemam1
@abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🎬 Dhandhamadhu mi'aa qura'aanaa 🌴
※―※―※―※―※
🚦۞وَنُفِخَ فِي الصُّورِ فَإِذَا هُم مِّنَ الْأَجْدَاثِ إِلَى رَبِّهِمْ يَنسِلُونَ۞قَالُوا يَا وَيْلَنَا مَن بَعَثَنَا مِن مَّرْقَدِنَا هَذَا مَا وَعَدَ الرَّحْمَن وَصَدَقَ الْمُرْسَلُونَ ۞
🚦Ormi kuffaaraa qiyaamaan nuun jettan yoom dhaabbatti, yoom qabrii kaafamna, Yoo kan dhugaa dubbattan taatan jedhan. Duuba rabbiin akki je'e:- Waan biraa hin eegan afuuffaa/gaarrii(xurumba) takkittii malee tan diingatatti isaan fuutu, ammas erga bara afurtamaati gaarriin qabriidhaa nama kaaftu afuufmti, Duuba isaan qabrirraayi dafanii jarjaraan bayanii gara dirree qiyaamaa yaa'an: warri kafare wanni jedhu; Yaa badii teenya. eenyutu nu kaase bakka ciisa(qabrii) keenyaatii? jedhan rifatanii.
Ormi mi'uminaa yookaa maleeykaan wanni isaaniin je'an; Qabriidhaa kaafamuun, kun Waan Rabbiin nuuf odeessee, kan karaa ergamtootaatiin nu gaye, kan ergamttoonni Rabbii waan Rabbi irraa nuu odeessan hunda keessatti dhugaa dubbatan.

🕘0:57 💾1.1 MB
♻️share godhi qur'anni sadaqaa jaariyaadha.
🔉FAISAL_SURUR OFFICAL:
UMAR BINU KAXXAAB

Ibn Temam
Kutaa 6ffaa

@amirtemam1 @amirtemam1

Sheyxaanni Umariin Baqachuufi Taytaa Qabaachuu

Ilmi Namaa yoo akkaan Rabbi sodaachutti jabaate, Rabbiinis gabricha isaatif ulfinaafii kabajaa nama sanii dabalee, nama biratti namni akka isa sodaatu godha. Kanaaf jecha nabiin Rabbii ﷺakkana isaan jedhe. “mee naaf odeessi yaa ilma Kaxxaabi Rabbii lubbuun kiyya
harka isaa keessa jirtuun kakadhee waa sinqunnamne, sheyxaanni karaa tokko keessaatti siqunnamee hoo; maqu malee hin taane karaa kee san irraa.”

Taytaa Qabaachuu Umar binu Kaxxaab

Abbaan Bakrii dhibamee jennaan, Umariin bakka buusuudhaaf garii sahaabotaatiin mari’ate. Isaan keessaa sa’id binu Zeeydi, Useeydi binu Hudeeyri, Abdurahmaan binu Oowfi fii Usmaan ibnu Affaan hundi isaanii afaan tokkoon irratti walii galan. Gidduma kana sahaabtichi tokko dhufee Abbaa Bakriitiin
akkana isaan jedhe.

“Yaa Abbaa Bakrii Rabbii keetitti maal himuufi yoo sigaafate; Umariin kan nurratti filtuuf jabeenya isaa osoo gartu.” Abbaan Bakriis dhibeen waan itti jabaateef “olqabaa nateessisaa.” jedhee “kanaan na sodaachiftanii? Rabbii kiyyaan nin jedha; irraa caalaa namaati file namarratti“.

Sana booda Umar angoo irratti bahee haala gaariin walqixxummaadhaan ummata islaamaa bara dheeraa bulche.

Bulchiinsa Umar Ibnu Kaxxaab

Mootummaa isaa keessatti waraana cimaa qopheessee, biyyoota hedduu cabsee diinii islaamaa baballisaa ture. Biyyoota inni cabse keessaa; Faarsi /Persia/ Iraaq, Shaam, Masrii, Ruumii fi biyyoota biroos cabsee mootummaa isaa jala oolche.

Faaris (Persia) waraanni muslimootaa bay’inni isaanii laakkofsaan 10,000 kan gahan hogannummaa Abu Ubeeydaa binu Mas’uud kan jedhamuun hogganamee, duulaaf karaa biyya Faaris bobba’e. Faarisis waraana
hoggantoota jajjabaa lamaan Jaabaani fii Mardaan kan jedhamaniin muslimtootaan lolan.

Muslimtoonni lola kana moo’atanii hoggantoota jaraas booji’uudhaan biyya jaraa cabsanii qabatan. Yeroo booda ummanni Faaris humna haarawaan walitti qabamee ummata muslimaatitti duuluudhaaf waraana cimaa qopheessan. Ummanni muslimaas dhagahee yeroma san ariitiidhaan Umaritti ergaa dabarse. Amiirri mu’imintootaa Umar waraana bakka hunda jiran akka kara Madiinaa dhufan ajaja dabarse. Waraanni hundi bakka jiruu dhufe.

Amiirri mu’umintootaa waraana kana natu hogganuu qaba jedhe. Haa ta’u male ummanni muslimaa dura dhaabbatee akka inni hogganaa jabaa bakka buusee hafu godhan. Hogganaa
cimaa naaf akeekaa jedhee gafatee jennaan namni hundi afaan tokkoon Sa’ad binu abii Waqqaas filate. Sa’ad ibnu abii Waqqaas waraana hogganee kara Iraaq deeme.

Waraana san keessa warri duula Badrii duulan namoota 99tu keessa jira. Warroonni beey’atul Redwaan ykn warroonni ahdii jaalalaa Rasuula ﷺ godhan namoota dhibba sadihiif kudhanii way. Namoonni 300 warrootaa Makkaan Rasuula ﷺ waliin cabse. Akkasuma waraanni
700 ilmaan sahaabotaatii fii waraana biroo kan san malee jiru qabatee, Iraaq naannoo Al-qaadisiyyaa jedhamutti waraanni lamaan wal qunnaman.

Duulli kun kan argame Hijraa irraa ganna 16 keessatti. Waraanni Faaris 150,000 kan gahu hogganaa isaanii cimaa kan tahe Rustum kan jedhamuun hogganamee bakka Al-qaadisiyyaa jedhamutti waraanni lamaan lola walitti banan.

Waraanni Faaris hedduminna guddaa qabaatullee, Rabbiin tumsa ummaata muslimaatiif godhe. Waraanni muslimaa Faarisiin cabsee magaalaa Nahaawandii jedhamtu harkaa qabatan. San qofatti hin dhaabanne magaalaa akka Asbihaan, Azrabijaani fi Kurasaan kan jedhamtu cabsanii
handhurfatan.

Haala kanaan diinii islaamaa babal’isaa turan. Akkasuma biyya Shaam hogganaan isaa Abu Ubeeydaa ilma Jarraahi jedhamuun cabsanii islaamummaa bal’isan. Kana qofaa miti biyya akka Masrii waraana hogganaan isaa
Amribnul Aas jedhamuun cabsan.


Itti fufa....

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa
Kana fakkaata👇
        
           @ibnu_surur ✍️

Ijoollee shmarranii ilmaan Nabi Muhammad (S.A.W) keessaa guddittiin/hangaftittiin eenyu?

1. Ummu khulsuum
2. Ruqiyyaa
3. Zeynabaa
4. Faaxuumaa

🙋‍♂️Yaada Qabdanuuf 👇asiin
nuun gahaa👉 @ibnu_surur ✍️
🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜 via @like
🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa Kana fakkaata👇                     @ibnu_surur ✍️ Ijoollee shmarranii ilmaan Nabi Muhammad (S.A.W) keessaa guddittiin/hangaftittiin eenyu? 1. Ummu khulsuum 2. Ruqiyyaa 3. Zeynabaa 4. Faaxuumaa 🙋‍♂️Yaada Qabdanuuf…
Hordoftoota keenya deebiin gaaffii keenyaa 3ffaa taha
3. Zeynabaa worroonni deebistan Maasha'allaah Maasha'allaah Jazaakumullaahu khayiran rabbiin isinirraa hajaallatu 👍 👍👍 jabaadhaa isiniin jenna worroonni yaaltanis akkasuma jazaakallaahu keyran 👍 👍 JZKLH guddaa galatooma akkasuma hordoffiin keessan itti hafufu jenna
2024/09/30 05:32:02
Back to Top
HTML Embed Code: