Telegram Web Link
Hriira mormii Magaalaa Qarsaatti adeemsifamaa jiru
.
“Jawaar Mohaammad baay'ee dadhabee nama laaluuyyuu hin danda'u. Qaamni isaa walitti butamee/suntuuree (shrink) ta'ee laaluuf'iyyuu nama naasisa. Miilli isaa fi qaamni isaa dhidhiitayee jira. Kalee isaarratti rakkoon ulfaataan uumamaa akka jiru hakiimotarraa itti himamee jira.” ~ Oromo Political Prisoners Defence Team
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
WAAMICHA HIRIIRA NAGAYAA QEERROO OROMOO IRRAA!!
Labsii Qeerroo Waamicha Hiriira Nagayaa.pdf
22.3 KB
Labsii Qeerroo Waamicha Hiriira Nagayaa
Chaanaalii kana keessatti:-

👉kitaabilee dubbisaaf tolan
👉Cuunfaa kitaabilee
👉Barreeffamoota Xiinsammuu
👉Walaloowwan dhaamsa qaban
👉Kitaabilee Afaan Oromoo, Ingilizii
👉Qaaccessawan garaa garaa
⚫️🔴⚪️ ni argattu!

Maarree 👇👇👇
👇👇👇👇👇👇👇

@DEDRORO
@DEDRORO
@DEDRORO join godhaa!

Waan filattaniif galatoomaa!🙏
Shamsaddiin kufe. Amma gara hospitaalattiin kutan. Yaa rabbi hamtuu nu hin dhageessisin.
Namoonni yaada keessan nuf kennaa jirtan galanni keessan guddadha!

yaada fi taatewwan naanno keessanitti ta'aa jiruu hatattamaan nuf ergaa
#galatoomaa!

Kanaan nuf ergaa
👇
@QEERROO_MEDIABOT

#QEERROO MEDIA


yaadni Keessan Nuu Ijaara Nu Cimsa yaada Keessan Karaa @QEERROO_MEDIABOT irrattii nuuf kennaa.

@QEERROO_MEDIABOT.
galatoomaa
Gaafii hawaasa Oromoo Ameerikaa irraa Jawaar Mohammad'iif dhihaate fi deebii Jawaar.

Hawaasa:- Biyya san teessee abdii maal qabda?
Jawaar: An Abdii Ummataa fi tan Rabbii qifaanin jiraadhaa durin isiniin jedhe, waattakka!lubbuun jalaa hin baatu gubbumaan baati., lubbuu Bishaan nama fe'eef duunuuf jecha haqa saba keenyaa gurgurannee, lubbuu sodaannee maallaqaan gurgurannee bitamnee abadan ardii tana irra numa hin jiraanne.

Kanaaf, abbaan fedhe waan fedhe kan fidu yoo taates Oromiyaa keessaahis hin bahu, Ummata kiyya irraahis taakkuu takka hin fagaadhu., dhugaa ummata keenyaa, haqa Ummata keenyaa, karaa dhugaatii fi tarsiimoodhaan qabsaa'uu itti fufna.

Mootummaa hin abdannu, nama biraa tokkos hin abdannu, isin ummata keenyaa fi Rabbii nu kalaqe qofa abdanna jechuu, kana ammoo hojiidhaan mirkaneessinee jirra.

Ummanni keenya godaanisa waan qabuuf hoggana isaa jalaa dhabamsiisuun waan beekamaa tureef ana qofaa miti., Abbaan fedhe yoo biyya san balaatti buusuu fedhe ykn barbaade malee, hoggana Oromoo tokkottin bu'a jennaan balaa guddaa ofitti buusuuf taa'a! Ummanni keenya gaachana keenya., gaachanni keenya Ummata Oromoo fi Rabbii qofa jechuu, kanaa achitti wanni abdannus wanni sodannus takka hin jiru.
1. Jaal Daawud Ibsaa
2. Ustaaz kaamiil Shamsuu
3. Jaal Battee Urgeessaa
4. Obbo Leencoo Lataa
5. Ustaaz Suufiyaan
6. Ustaaz Jamaal
7. Ustaaz Abdulaaziz Ibraahim
8. Ustaaz Osaamaa Abduljaliil

Amma hoggantoota keenya gaafachuuf qaallitti balbala irra maatii hidhamtoota waliin dhaabbachaa jiru. Yeroo hundaa sa’aa 3 yeroo ta’uu dha kan balballii qaalliittii banamee namni ool seenuu. Amma garuu sa’aatiin 5 ta’eera. Maaltu dhalatee hanga ammaa akka balballii hin banamnee hin beekamu. ~ Samuel Bekele
Ammee:
Dajanee Xaafaa amma Ambulaansiidhaan fuudhamee gara hospitaalaatti geeffame.
“Godina harargee lixaa Magaalaa asaboot guyyaa har'atiis hirirrii guyaa lammaffaadhaf akkuma itti fufeeti jira!”
“Aanaa Adaami Tullu Jiddo Kombochaa magaala xiqqoo bulbula keessa amma barattoonni hiriira geggeessa jiru”
Hiriira mormii Wallagga Beegii..
Battee Urgeessaa (itti gaafatamaa sabqunnamtii ABO) irraa:

“Har'a Ustaazota fi Jaarsolee biyyaa Waliin HD-ABO J/Daawid Ibsaa hogganoota Lagannaa nyaataa irra jiran, gaafachuufi akka nyaata jalqaban dhiibbaa gochuu gara mana hidhaa Qaallittii imallee turre.
Hunduu gama isaatin, Jawaar faa akka nyaata eegalan, kadhatee, dubbate, uummata bakka bu'uun ajaje!
Haa ta'uutii, ijjannoon hogganoota kanaa, " Jiraannee salphina saba keenyarra gahu arguu irra duunee biyootti makamuuf murteeffanne, taphaaf hineegalle!" Kan jedhu!
" Nuti du'a keenya gammachuun simanna, Oromoonis qabsoo isaatti jabaachuu malee, nutti jaarsummaa erguu hinqabu!" dhaamsa jedhu dabarsan.
Miidhamni qaama isaanii irra jiru daran yaaddessaa ta'us, murannoon fuula isaanii irraa dubbifamu of-duuba deebii waan qabu hinfakkaatu!”
2024/09/25 07:26:21
Back to Top
HTML Embed Code: