Telegram Web Link
Har’a ganama obbo Baqqalaan dhaabatuu dadhabee muka qabatee gad bahee waan garaa nama nyaatu dubbate.

“Kana booda namni tokko nu gaafatuu akka hin dhufne. Isinitti gadi baanee isin dubbisuu hin dandeenyu. Dhaabbatuus hin dandeenyu. Yoo dandeessan akka nuti as keessaa baanuuf waan gochuu qabdan godhaa malee nutti hin dhufinaa. Kana booda nutti hin deebi’inaa. Ummatni keenya qabsoo keessan finiinsaa harka diinaa keessaa nu baasaa” jedhee kan kufuu gahetu ol deebi’e.

via Ferhan Abduselam
Bona nuuf darba jennaan
Hongeen lafaan nu dha'e
Ganna nuuf darba jennaan
Dhoqqeen mataa nu ga'e..
Gajamoo cabe taanee
Hidda muruu dadhabnee
Xaddee dulloomte taanee
Tabba ba'uu dadhabne
~
Xaafii galaana biraa
Ciradhumoo dhiisuree?
Aarin garaa na jiraa
Himadhumoo dhiisuree?
Dhaamsa abukaattoo Jawar faa keessaa tokko kan tahe Kadiir Bulloo fuula facebook isaa irratti maxxanse
==========

Haalli obboo Jawaar fa'a keessa jiran bayee nama sodaachisa. Worri waa beettan(intellecuals) worri abbootii amantaa, worri dhugamaan nama siyaasaa ummata Oromootiif dhugaan qabsoofna jettanii fi dhugamaanuu lubbuun beektota dhiisi nama Oromoo kamiyyuu akka maleen bayuu hin qabdu jettan, yeroo ilmaan Oromoo sababa mirgi ummata kanaa haa kabajamuu jedhanii beelaan uf ajeesaa jiran kanatti cal jettanii laaluun kun itti gaafatama seenaa fida. Ani kana kan jedhu gaafa isaan midhaan nyaachuu dhiisanii kaasee guyya guyyaan bakka isaan ciisanitti argaa jira. Haalli isaan keessa jiran bayee nama sodaaschisa.

Oromoo Beekkadhu!!

Namni akka Jawaarii keesaattu woggaa 100 kessatti yeroo tokko akka dhalatu seenaan addunyaa nu'u barsiisa. Kanaafuu worri mootummaas ta'ee worri armaan olitti maqaa keessan dhaye hundi jarri tun sababa kanaan duunaan keesaattu bakka feetaan siyaasan dhaabbadhaa, boru maal jette naan jedhaa akkuma diinni ummata Orommoo du'iinsa isaaniitin gammadu isin ammoo hin gaabbitan. Dhugaa dubbachuuf haalli isaan keessa jiran baayee nama sodaachisa. Aangoo siyaasaa gaafa tokko hafuuf jecha Oromoon janna ufii dhabuu hin qabduun dhaamsa kiyya..Yeroon hin jiru !!!
Nagayaan bulaa!
Narraa fagaattee kophummaa filattee?
Jaalattee odoo hin tahin dirqamtee achi qubattee?
Odoo cabsitee cabsachuf, akhooytee waaddachuuf carraa qabduu anaaf jattee beelaan qabsoo qabuu filattee?
Atii hidhaa jiruuf aniin as jiruus tasgabbii dhabnee?
Qaamaaniin hiikkaa jira malee qalbiin si waliiniin hidhamee?
Bakkuma jirtuu "Eee" jatte sagalee tee tan beelti laaffiste saniin maaf na jalaa hin dubbattu daaddaakhoo😰

Yerootuu yeroo fida.
Baraatuu bara fuudhatee baraan dabra. Kaleeysa jireenya dhuunfaa kee jiraattee akkam akka tahu laaltee qabsotti seenuu filatte. Kaleeysi seenaa tahee tare. Arriis yoo lubbuun hafne seenaa taheeti tara. Kamtu haqa qabaa, kamtu dhara qabaa guyyaaf haa galatuu malee maraa qabateeti dhufuuf jiraata

#Daaddaakho nagaa naaf tahi Humaallee dadhabu si yaduuf siif kadhachuu hin dadhabu
Ati keeysa kooti sin dagadhu. Eenyulleen si gatu ani sirraa hin fagaadhu. Eega Rabbiitii siin if garre siin if barre. Nagaa naaf tahi. Ija naa waliin boochee, naaf booche yoomuu hin dagadhuutii❤️
Breaking news!!

Magaalaa Hararitti Hiriira Deeggarsa Abiy gara Mormiitti amma jijjiirameera!!
"Dhaadannoo
~ Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo hundi hatattamaan nu hiikamuu qaban,
~ Hireen murteeffanna Mirga Abbaa biyyummaa Oromiyaa Keeyyanni 39 Hojii irra nu ooluu qaba....
~ Abiyyi Diina keenya, Jawar Mohammed Bulchaa keenya, Omn ijafi gurra ummata Oromooti,
~ Down Down prosperity party, Down Down Abiy........"

#Itti_muddi!! #Oromoprotest
-Qabsaa'onni Keenya qaalin dukkana Qaallittiitti hidhaa jiran har'as guyyaa 11ffaadhaf lagannaa nyaataa itti fufanii jiru! Gaaffin isaan gaafachaa jiranis:-

-#1ffaa:- Hidhamaan siyaasa Oromoo hundi haa hiikamu
-#2ffaa:-Waajjiraaleen Paartilee siyaasa Oromoo cufaman haa banaman miseensii fi deeggartoonni keenya bilisaan haa socho'an, haa hojjatan!
-#3ffaa:-Maatii fi jaallattootni hidhamtootaa wayta gaafachuuf gara hidhamtootaa dhufan hiraarsun haa dhaabbatu kan jedhudha!

-Mootummaan biyya kanaa yoo callise nuti ummanni callisuu hinqabnu. Lubbuu namaatituu rakkoo keessa jira. Qabsaa'onni keenya gariin kufanii hospitaala jiru. Gariin haala yaaddessaa fi gaddisiisaa keessa jiru!😥

@OROMOTOO
@OROMOTOO
#Dhaamsa_Kooti

Hubadhaa yaa Oromoo afaaniin Social Media irra teenyee #Hayyoonni keenya Guyyaa hangana lagannaa nyaataa irra jiran, Hayyoonni keenya akkanaaf akkanatti Miidhama irra jiran jechuun, bu'a takkallee nuuf hin qabdu, tanaafuu yooniifi hayyoota Keenyaaf Kan yaannu tahe miidhamni Hayyoota keenyaa miidha keenya ( Miidhama Oromoo maraa ) kan tahu tahe, Osoo yeroo itti qabachuu hin taanee bakka jirruu Kaabaa Kibbaan Bahaa Dhihaan #Gamtaan kaanee Waan Gochuu qabnu ammumatti haa goonuu!
Xumare
#waliif_qoodaa

#FreeJawarMohammed
#FreeBekeleGerba
#FreeHamzaBorana
#FreeShamsudinTeha
#FreeAllPoliticalPrisonersinEthiopia
#Via_Huzeeyfaa_M_D

#Dhugaa_Keeti_Huzeeyfaa_M_D Kanuma Dubbiin Xumuramte! 👇
👇👇👇👇👇👇👇👇
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Hidhamtoota Oromoo lagannaa nyaatarra jiran haala akkamii keessa jiru?

Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee namoota isaan waliin galmee tokko keessa himataman mana hidhaa Qaallittiitti erga lagannaa nyaataa eegalanii har'a guyyaa kudha tokko (11) ta'uu, akkasumas qondaaltoonni ABO mana hidhaa Galaanitti argaman Obbo Mikaa'el Booran fi Obbo Kennasaa Ayyaanaa erga nyaata lagatanii guyyaa 6 lakkoofsisu isaani 'Gareen Abukaatoota Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo - GAHSO' beeksiseera.

Galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti hidhamtoota siyaasaa lagannaa nyaataarra jiran keessaa namoonni afur (gaazexeessaa OMN Mallasaa Dirribsaa, eegdoota Obbo Jawaar lama fi nama biraa tokko) gaggabanii kan kufan yoo ta'uu, namoonni lama gulukosiidhaan jiru. Haala amma jiru kanaan lubbuun hidhamtoota siyaasaa lagannaa nyaataarra jiran kamiituu gaaga'amuu akka danda'u sodaa guddaan akka jiru himameera.
Ibsa Gumii Qabsoo Oromoo!

Hogganoonni ABO fi KFO mana hidhaa jiran erga laguu nyaataa jalqabanii guyyaa 11 lakkoofsisaniiru kan jedhe ibsi 'Gumii Qabsoo Oromoo' baase kun, "Oduun yeroo ammaa manneen hidhaa Itoophiyaa irraa nu dhaqqabaa jiru heddu suukaneessaadha." jedhe.

"Oduun gaddisiisaan manneen hidhaa irraa dhufu akka mirkaneessutti hidhamtoota nyaata lagatan keessaa gaggabanii kukkufuu isaantii fi gara mana qorichaatti geeffamuu isaaniiti." kan jedhe Gumiin kun, mootummaa 'gara-jabeenyaa' akkanaan yoo itti fufu ta'ee gaaga'aan guddaan lubbuu hidhamtoota kunneeniif sodaachisu golgoleessee jira jedhe.

Itti dabaluunis, "Gaaffiilee mirga namoomaa bu'uraa kan hidhamtoonni kunneen gaafataniif mootummaan Itoophiyaa deebii kennuun gatii isa kaffalchiisu tokkollee hin qabu ture." jechuun mootummaan gaaffii hidhamtoonni kunneen gaafataniif deebii akka laatu gaafateera.

GQO'n dhimma hidhamtoota kunneen ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa dabalatee ummata Oromoo maraaf waamicha dhiyeesseera.
QUBA QABAADHU!!!
Namni kamiyyuu biliisa ta'ee dhalatee biliisa ta'ee akka hin jiraanne kan godhu maali? Egaa nuti nama akkanaa keessaa tokkodha. Kanaaf maal gochuu qabna? Biliisummaa keenyaa~ waraana kee isa Kaleessa oromoofi oromiyaa biliisa baasuuf jecha biyya ormaatti beelaaf dheebuun waxalamee har'a biyya isaa keessa dhaabbatee diina qokkee qabee jiru kana waliin haa tumsinu!!! [ABDII HIN KUTIIN, YEROON GEESSE] Dhaamsa kana hanga dandeesse dabarsii oromiyaa waliin ga'i.

VIA-Qeerroo oromiyaa irraa
Chaanaalii kana keessatti:-

👉kitaabilee dubbisaaf tolan
👉Cuunfaa kitaabilee
👉Barreeffamoota Xiinsammuu
👉Walaloowwan dhaamsa qaban
👉Kitaabilee Afaan Oromoo, Ingilizii
👉Qaaccessawan garaa garaa
⚫️🔴⚪️ ni argattu!

Maarree 👇👇👇
👇👇👇👇👇👇👇

@DEDRORO
@DEDRORO
@DEDRORO join godhaa!

Waan filattaniif galatoomaa!🙏
Ergaa hidhamtoota siyaasaa lagannaa nyaataa irra jiran biraa dhufte jechuun kan Abduljebar Hussien, Abukaatoo hidhamtootaa keessaa tokko kan tahe fuula fb isaa irratti afaan Ingiliiziin maxxanse afaan Oromootti isiniif hiike dubbisaa. Ergaa cimtuudha.

Kabajamtoota ilmaan Oromoo,

“Gaafa nuti duune awwaalcha keenyarratti hangam akka nu jaalattan, hangam akka nu yaaddan, hangam akka nuuf yaaddan dubbachuudhaaf hin dhufinaa! Sababnis amma osoo lubbuun jirru san isinirraa dhaga’uu barbaanna waan taheef!”
Hiriira mormii G/Booranaa magaalaa Yaabellootti har’a geggeeffame.
W/Lixaa Giimbi hiriira mormii geggeessaa jiru.
Shaashamannee yeroo ammaa mormii geggeessaa jiru.
Ittii muddii qeerroo💪💪💪💪
Hiriira mormii Asaboot har’a
2024/09/25 09:22:59
Back to Top
HTML Embed Code: