Telegram Web Link
Miciree Dubbii Kutaa 29ffaa.

1. Biyyi hayyuu fi beekaa isaa hin kabajiin ofiin kabajaa dhaba.
Pr. Mohammad Hassan Ali.

2. Jijjiira Addunyaa irratti akka dhufu feetu ofiike godhi agarsiisi.
Gaandii

3.Ciminnii fi guddinni qabsoo yaalii wal irraa hin cinneen qofa argama
Napoleon Hill

4. Dhiigni goototaa Sanyii muka bilisummaati.

5. Kufaatiin jalqabaa dhaabbachuuf carraaqqii ati gootu isa duraadha.
Homer
Tarkaanfiin Fulduratti
@oromotoo
@oromotoo
@dedroro
Sudaan, Hidha Haaromsaarratti ejjennoon kiyya itti fayyadama bishaanii haqa qabeessarratti kan hundaa'edha jette

Ministirri Ministeera Qabeenya Jallisii fi Bishaanii Sudaan Proofeesar Yaasar Abbaas fayyadamtummaan haqa qabeessa ta'e ejjennoo keenya jedhaniiru.

Sudaan ijaarsi hidhichaa ege jalqabamee eegalee akkaataa seera bishaanii sadarkaa idil addunyaa eeggateen, biyyoota kaan bifa hin miinen, fayyadamtummaa haqa qabeessa mirkaneessuun akka hojiirra oolu hojjechaa turteetti jedhan.

Marii Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts viidiyoodhan guyyoota 7f gaggeessan ilaalchisuun ibsa laataniin, garaagarteewwan furamanii, fayyadamtummaan haqa qabeessa ta'e hojiirra akka oolu Sudaan ejjennoo isheetis jedhaniiru.

Ityoophiyaan mirga bishaanii fi elektiriika madduun fayyadamuu akka qabdus ministirichi ibsaniiru.

Qabxiilee hedduurratti waliigalteerra ga'amuu, dhimmoota muraasarratti ammoo garaagarteen jiraachuu fi marichis miira obbolummaadhan guutameen gaggeeffamuu ibsaniiru.

Dhimmoota teeknikaarratti %90 - 95 waliigalamuu, dhimmoonni teeknikaa guutinsa bishaanitiin booda jiran baay'ee kan wal nama dhabsiisanii fi rakkisoo ta'anii mitis jedhan. Dhimmoota hafanin waliigaltee fi walamantaadhan furuun akka barbaachisu eeraniiru.

Guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii waggaarratti kaleessa mari'atamuun ni yaadatama.

Via FBC
@oromotoo
@oromotoo
@oromo7
@oromo7
#ITALY| Xaaliyaanitti haati warraa fi abbaa warraa harka walqabatanii osoo jiranii lubbuun darban.

Xaaliyaanitti haati warraa fi abbaa warraa waggoottan 71 gaa’elaan waliin jiraatan harka walqabatanii osoo jiranii lubbuun darban. Haati warraa fi abbaan warraa kun waggoota 71 gaa’elaan waliin turaaniiru. Lameen dhibee vaayrasii koroonaan qabamanii dhukkuubsata turaniin garaagarumma guyyoota 5 lubbuun isaanii darbeera.
👀 Jechoota Beektotaa

Qabaadhu:
~ Jaalala Onnee
~ Beekumsa Sammuu
~ Obsa garaa
~ Dhugaa arrabaa
~ Ogummaa harkaa qabaadhu
Bara Jireenya kee keessatti:
~ Kan dabarsite yaadadhu
~ kan keessa jirtutti jabaadhu
~ kan itti deemtuuf abdiin jiraadhu
~ Bakka yaadde gahuuf Obsa qabaadhu
~ Kaayyoon kee akka galma sii gahuuf RABBIIN kadhadhu!

Addunyaa tana irratti:
~ Jecha kee eeggadhu , isaatu gocha ta'aatii.
~ Gocha kee eeggadhu , isaatu amala ta'aatii.
~ Amala kee sirreessi isaatu namoota wajjiin si jiraachisaatii.
~ Jireenya kee fooyyeessi, isaatu boqonnaa bara jireenya kee guutuutii.
~ Qabeenya qabduun namatti hin boonin , qabeenyi fiixeensa ganamaatii.
~ Beekumsa qabduun uf hin tuulin , namoonni si caalaa beekan hedduutu jiraatii.
~ Hin hatin abaarsa jalaa baataatii.
~ Hin kijibin amanamaa taataatii.

@oromotoo
@oromotoo
@dedroro
@dedroro
@oromo7
@oromo7
Traamp poolisii biyyattii haaromsuuf murtoo Preezdaantummaa dabarsan

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp haaromsa poolisii biyyattii gaggeessuuf murtoo gargaaru mallatteessan. Murtoon kun baajata Poolsii guddisuu fi hojmaata ammayyeessuuf kan kaayyeffame ta’uu ibsameera. Dabalataan gochaa shakkamtootarratti fudhamu to’achuu fi hordofuuf hojmaata gargaaru kan of keessatte hammate ta’uu himaameera.

Preezdaanti Traamp yaada baajata Poolisirratti dhiyeete kuffisaniiru jedhame. Murtoon Preezdaantummaa kun sababa ajjeechaa Joorji Flooydiin rakkoo siyaasaa Waashingtan irra ga’e baraaruufii jedhame. Haala murtoo kanaan poolisoonni shakkamtootarratti tarkaanfii humnaa fudhachuu hindanda’an.

Namoonni siyaasaa tokko tokko garuu murtoon Traamp kun murtee yeroo, kan fagoo hin adeemsifne jechuun qeeqaniiru. Akkasumas yakka sanyummaa Poolisoonni Ameerikaa gurraachorratti raawwatan furuuf humna hin qabu jedhame.

Ameerikaatti poolisooni lammiilee bifaan gurraacha ta’an irratti tarkaanfii humnaa olii fudhatu. Ajjeecha Joorjii Flooyidiin walqabatee mormiin torbee sadiif itti fufeera. Sababa kanaan seera baastoonni biyyatti poolisoonni tarkaanfii madaalawaa hin taane akka hin fudhanne qajeelfama qopheessaa turaniiru.

Maddi: BBC


@oromotoo
@oromotoo
@dedroro
@oromo7
JECHOOTA SAAYIKOOLOJII
KUTAA 12ffaa
WANTOONNI FUULDURAA HANGA DHUFANITTI DHIISI

🔴Boru hin uumamnee kanaafuu isa irratti yeroo balleessuun hin barbaachisu

🔴Boru Riqicha Adunyaa hin mildhanne keessa jiruudha

🔴wanta fuulduraa irratti xiyyeeffachuu Amantiin keenya irraa nu dhoowwa, sababni isaa Adunyaa kanaan wajjiin hidhannaa yeroo dheeraa akka qabaannu nu godha

🔴Hojii hardhaa sirritti hojjachuudhan Boru hanga inni dhufutti dhiisi

🔴Adunyaa Tana irratti abdii fulduraa wajjiin hidhannoon qabdu daangaa qabaatuu qaba
👇👇👇👇
@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo
@oromo7
የጤና ሚኒስቴር ማብራሪያ ሊሰጥ ይገባል!

(በዶክተር ኃይለልዑል መኮንን)

ከትላንት በስትያ ይፋ ስለተደረገው 'ዴክሳሜታሶን' መድሃኒት ከልጅ እስከ አዋቂ መድሀኒቱን ለመሸመት በየመድሀኒት መደብሩ ፍለጋ ሲያደርጉ እንደነበር ሰማሁኝ።

እድል የቀናዉ እንደገዛና ፤ ያልቀናዉ ደግሞ አጨብጭቦ እንደተመለሰ ስሰማ ደነገጥኩኝ። 'ነገ ይሄ መድሀኒት ከገበያ ሊጠፋ ይችላል' በሚል ፍራቻ ገዝቶ ለማስቀመጥ ህብረተሰቡ እየተሯሯጠ ይገኛል።

እንደዉ ለመሆኑ ስለመድሀኒቱ የጎንዮሽ ጉዳት እንዲሁም ስለመድሀኒቱ አጠቃላይ መረጃ እና ምንነት ምን ያህል አዉቀናል ? የዚህ መረጃ ክፍት መነሾዉ ደግሞ መጀመሪያ ላይ ስለመድሀኒቱ በተሳሳተ አማርኛ በተረጎሙት የዜና አዉታሮች ችግር ነዉ ብዪ እገምታለሁ።

እባካችሁ ጋዜጠኞች እንደዚህ አይነት መረጃ ለህዝቡ ከማድረሳችሁ በፊት የጤና ባለሙያዎችን ብታሳትፉ መልካም ነዉ።

መድሀኒቱ በሀኪም ትዕዛዝ ብቻ የሚሰጥ እና በከፍተኛ ጥንቃቄ' የሚሰጥ መድኃኒት ሲሆን በርካታ 'የጎንዮሽ ጉዳት' እንዳለዉ መረዳት ይገባናል።

መድሀኒት ቤቶችም (Pharmacy) እባካችሁ ሙያዊ ስነምግባራችሁን ተጠቅማችሁ ከሀኪም ትዕዛዝ ዉጪ ይሄን መድሀኒት አትሽጡ።

ከዚህ መድሀኒት ጋር በተያያዘ ደግሞ 'የጤና ሚኒስቴር' ባፋጣኝ መግለጫ ብትሰጡን ያኔ መጀመሪያ ኮሮና ቫይረስ እንደገባ የፊት ጭምብል እና ሳኒታይዘር ላይ የተፈጠረዉን ክስተት እንዳይደገም ይረዳናል።
#Jimmaa

Magaalaa Jimmaa kessatti pirojektoonni misoomaa adda addaa 26 birri miliyoona 100 fi miliyoona 97n ijaaramanii tajaajilaaf qaqqaban eebbifamaniiru.

Jilli preezedaantii itti aantuu fi qindeessituu kilaastera magaalaa aadde Caaltuu Saaniin durfamu pirojektoota ijaaraman eebbisiisanii jiru.

Dabalataanis, Aadde Caaltuun sagantaa tajaajila dirqama lamummaan manneen harka qal'eeyyiif 98f ijaaramu jalqabsiisaniiru.

Akkasumas mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Jireen keessatti daree dabalataa tajaajila dirqama lammummaan ijaaramu jalqabsiisaniiru.

Biqiltuu ashaaraa magariisaas mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Jireen keessattis dhaabaniiru.

Via: Jimma Zone Communication
"Itoophiyaatti namoonni dabalataa 195 vaayrasii koroonaan qabamaniiru; namoonni 2 lubbuun isaanii darbeera." Dr Liyaa Taaddasaa

@oromotoo
@oromotoo
በኢትዮጵያ ተጨማሪ 195 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል!

ባለፉት 24 ሰዓት ውስጥ በተደረገው 4,853 የላብራቶሪ ምርመራ 195 ሰዎች የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል፡፡ በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ በምርመራ የተገኘባቸው ሰዎች ቁጥር 3,954 ደርሷል።

@oromotoo
በኢትዮጵያ ተጨማሪ 195 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል!

ባለፉት 24 ሰዓት ውስጥ በተደረገው 4,853 የላብራቶሪ ምርመራ 195 ሰዎች የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል፡፡ በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ በምርመራ የተገኘባቸው ሰዎች ቁጥር 3,954 ደርሷል።

ቫይረሱ የተገኘባቸው 90 ወንድ እና 105 ሴት ሲሆኑ የዕድሜ ክልላቸው ከ1 እስከ 95 ዓመት ውስጥ ይገኛል። በዜግነት ሁሉ። ኢትዮጵያውያን ናቸው።


ቫይረሱ የተገኘባቸው 144 ሰዎች ከአዲስ አበባ፣ 12 ሰዎች ከአማራ ክልል፣ 12 ሰዎች ከትግራይ ክልል፣ 7 ሰዎች ከአፋር ክልል፣ ፣ 7 ሰዎች ከድሬዳዋ ከተማ አስተዳደር ፣ 4 ሰዎች ከኦሮሚያ ክልል፣ 4 ሰዎች ከሱማሌ ክልል፣ 3 ሰዎች ከጋምቤላ ክልል እና 2 ሰዎች ከሐረሪ ክልል ናቸው።

ተጨማሪ መረጃ ፦

በትላንትናው ዕለት ሰማንያ አምስት (85) ሰዎች (73 ከአዲስ አበባ፣ 5 ከኦሮሚያ ክልል፣ 5 ከአማራ ክልል እና 2 ከትግራይ ክልል) ያገገሙ ሲሆን በአጠቃላይ በሀገራችን ከበሽታው ያገገሙ ሰዎች ቁጥር 934 ደርሷል።
#BREAKING_NEWS
COVID19 ETHIOPIA
Waxabajji 11 (June 18)

#ETHIOPIA |Ityoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo laabraatorii 4,853 gaggeeffameen nama dabalataa 195 irratti vaayirasichi irratti argamee jira.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii waliigalaan 3954 gahee jira.


Namoonni dabalata 2 du'an!
Namoonni waliigalatti du'an 65 gahee jira.

HAALA DHUKKUBSATTOOTAA

Namootni vaayirasichaan qabaman hundinuu lammiilee Itoophiyaati.

Koorniyaadhaan dhiirota 90 fi dubartoota 105 yoo ta’an umuriidhaan waggaa 1- 85 gidduu kan jiranidha.

144 Magaalaa #Finfinnee,
12 naannoo #Amaaraa,
12 naannoo #Tigraay,
7 naannoo #Affaar,
7 Dirree #Dawaa,
4 naannoo #Oromiyaa,
4 naannoo #Somaalee,
3 naannoo #Gambeellaa fi
2 #Hararii irraati.

🔸Odeeffannoo biraatiin namootni 85 kan fayyan yoo tahu, Walii galaatti hanga ammaatti namootni 849 dhibee kana irraa fayyaniiru.

@oromotoo
@oromotoo
@dedroro
@oromo7
@jiruudha
👀 Jechoota Beektotaa

Qabaadhu:
~ Jaalala Onnee
~ Beekumsa Sammuu
~ Obsa garaa
~ Dhugaa arrabaa
~ Ogummaa harkaa qabaadhu
Bara Jireenya kee keessatti:
~ Kan dabarsite yaadadhu
~ kan keessa jirtutti jabaadhu
~ kan itti deemtuuf abdiin jiraadhu
~ Bakka yaadde gahuuf Obsa qabaadhu
~ Kaayyoon kee akka galma sii gahuuf RABBIIN kadhadhu!

Addunyaa tana irratti:
~ Jecha kee eeggadhu , isaatu gocha ta'aatii.
~ Gocha kee eeggadhu , isaatu amala ta'aatii.
~ Amala kee sirreessi isaatu namoota wajjiin si jiraachisaatii.
~ Jireenya kee fooyyeessi, isaatu boqonnaa bara jireenya kee guutuutii.
~ Qabeenya qabduun namatti hin boonin , qabeenyi fiixeensa ganamaatii.
~ Beekumsa qabduun uf hin tuulin , namoonni si caalaa beekan hedduutu jiraatii.
~ Hin hatin abaarsa jalaa baataatii.
~ Hin kijibin amanamaa taataatii.

@oromotoo
@oromotoo
@dedroro
@dedroro
@oromo7
@oromo7
□Amaloota Namoota Milkaawanii 7 ( Steven Kovey)


JIREENYA KEESSANIIF HEDDUU ISIN FAYYADA.

•Akka hayyuu xiinsammuu Steevan Koovey kitaaba
isaa ' The Seven Habits of Highly Effective People'
keessatti barreessetti namoonni jiruufi hojii isaanii
keessatti milkaayan amaloota tokko isaan godhu
torba qabu.
Amaloonni kunneen qorannaaf qo'annaa bara
dheeraatin booda kan argamaniidha.
Kitaabni kuni akka addunyaatti kan garmalee
dubbifamee keessaa isa tokko.
Nutis gabaabumatti isiniif dhiyeessineera. Amaloota
Torban

1, Be Proactive ~ Nama Dursee Yaadu, osoo
rakkoon tokko hin dhalatiniin duratti nama itti
qophaayu ta'uu. Waan fagoodhaa namatti as
deemaa jiru lafuma jala tilmaamudhaan itti
qophaa'uu.

2, Begin with the end in mind ~ Waan tokko wayta
eegalan kaayyoo dhumaa sammuu keessatti
qabaachuu, waan hunda dura mul'ata isa dhumaatif
xiyyeeffannaa guddaa kennuu. Gufuulee xixinnoo
nama mudataniin sakaalamuu osoo hin ta'in
kaayyoo keenya bira gahuuf kaayyeffanne sana
yaadachuun jabaachuu.

3, Put first things first ~ Waan dursuu qabu dursuu.
Waan hunda altokkotti galmaan gahuun waan hin
danda'amneef wanta dursa kennuufii qabnu dura
hojjachuu.

4, Think Win Win ~ Hariiroo namoota waliin qabnu
keessatti gareen lameenuu haala itti injifatu irratti
xiyyeeffachuu. Ofuma qofaaf milkaayuufi gammaduu
osoo hin ta'in namoonni kan biroos akka gammadan
yookin akka sababa keenyaan miidhaan irra hin
geenye yaalii godhuu.

5, Seek First to understand and then to be
understood ~ Namoonni maalif na hin hubanne
jechuudhaan duratti namoota hubachuudhaaf yaaluu.

6, Synergize ~ Wantoota hojjannu keessatti waan
qabnu hunda, yeroo, dandeettii, maallaqa keenya
wal dandeessisuu; keessattuu akka dhaaba
tokkootti yookii waajjira tokkootti yoo sochoonu
wantoota qabnu wal simsiisnee hojjachuu.

7, Sharpen the Saw ~ Ilaalcha keenya qaruu. Waan
tokko akkaataa sirrii ta'een hubachuuf yaaluudha.

Eegaa kana fakkaata, Waan kana irraa waan guddaa
akka hubattan abdiin qaba.

@oromotoo
@oromotoo
@dedroro
@oromotoo
"በኢትዮጵያ ተጨማሪ 116 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል፤ የ7 ሰዎች ህይወት አልፏል።" - ዶክተር ሊያ ታደሰ

@oromotoo
@oromotoo
"Itoophiyaatti namoonni dabalataa 116 vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii mirkaana'eera; sababa vaayirasichan lubbuun namoota 7 darbeera." Dooktar Liyaa Taaddasaa

@oromotoo
@oromotoo
#DrLiaTadesse

Itoophiyaatti sa’aatii 24 darban keessatti qorannoo laabiraatoorii namoota 4809'f godhameen namootni 116 vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee jira.

Waliigalatti Itoophiyaatti baay'inni namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e 4,070 ga'eera.

Haala dhukkubsattootaa kanneenii:-

— Namootni vaayirasichaan qabaman hundinuu lammiilee Itoophiyaati. Koorniyaadhaan dhiirota 76 fi dubartoota 40 yoo ta’an umuriidhaan waggaa 3- 78 gidduu kan jiranidha.

— Bakki irraa argaman 101 Magaalaa Finfinnee, 6 naannoo Oromiyaa, 4 naannoo Kibbaa, 1 naannoo Affaar, 1 Dirree Dawaa, 1 naannoo Amaaraa, 1 naannoo Tigraay, 1 naannoo Gambeellaa irraati.

— Odeeffannoo biraatiin namootni 93 kan fayyan yoo tahu, Walii galaatti hanga ammaatti namootni 1,027 dhibee kana irraa fayyaniiru.

Sababa vaayirasii koroonaan Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni 7 lubbuun isaanii dhaabaniru. Waliigalan namoonni 72 lubbuun isaanii darbeera.
#BREAKING

Sababa vaayirasii koroonaan Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni 7 lubbuun darbeera.

〽️ Haala namoota lubbuun isaanii darbee:

1⃣ Koorniyaan dhiira; lammummaan Itoophiyaa; jiraataa naannoo Somaalee; umriin waggaa 70; vaayirasichan qabamuun yaala irraa kan ture.

2⃣ Koorniyaan dhiira; lammummaan Itoophiyaa; jiraataa magaalaa Finfinnee; umriin waggaa 68; vaayirasichan qabamuun yaala irraa kan turte.

3⃣ Koorniyaan dhiira; lammummaan Itoophiyaa; jiraataa magaalaa Finfinnee; umriin waggaa 45; vaayirasichan qabamuun yaala irraa kan ture.

4⃣ Koorniyaan dubartii; lammummaan Itoophiyaa; jiraattu Dirree Dawaa; umriin waggaa 70; vaayirasichan qabamuun yaala irraa kan turte.

5⃣ Koorniyaan dhiira; lammummaan Itoophiyaa; jiraataa naannoo Hararii; umriin ji'a 4; vaayirasichan qabamuun yaala irraa kan ture.

6⃣ Koorniyaan dhiira; lammummaan Itoophiyaa; jiraataa magaalaa Finfinnee; umriin ganna 85; vaayirasichan qabamuun yaala irraa kan ture.

7⃣ Koorniyaan dubartii; lammummaan Itoophiyaa; jiraattu magaalaa Finfinnee; umriin ganna 40; Samuudaa reeffaa irraa fuudhatameen vaayirasichan qabamuun ishee kan mirkaana'ee.

Waliigalan Itoophiyaatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichan lubbuun isaanii darbee 72 gaheera.

@oromotoo
@oromotoo
2024/10/02 06:23:01
Back to Top
HTML Embed Code: