Telegram Web Link
#Gargaarsa

Geexee Guutamaa jedhamti. Magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Lidataa, Aanaa 3, Ganda 36 keessatti jiraatti. Abbaan manaa ishee erga jalaa du’ee tureera. Ijoollee sadii qabdi. Erga abbaan manaa ishee du’ee booda jireenyi ijoollee waliinii itti cime jennaan hojii humnaa bakkuma argatte hojjetaa nama biraa waliin mana Ganda keessa jiraachu eegalte.

Waggootaaf haala kanaan jiraachaa otoo jiran gaaf tokko nama isheen waliin jiraattu duute. Ergasii manicha maqaa ofiin jijjiirrachuuf yaalii gochaa turtuus waajjira deemtutti nama ishee jalaa qabu waan dhabdeef hin milkoofne.

Yeroo ammaa kana ammoo inumaayyu manicha keessa baafamtee ijoolleeshee waliin karaatti darbatamte manichi baqattoota Eertiraaf kennameera.

"Kan akka ibiddaa na gubu immoo namoonni dhufanii mana keessaa gad na darbatan hunduu afaan koo, Afaan Oromoo, dubbatu" jetti.

📌 Kanaafuu ummata Oromoo akka ishee gargaaru waamicha dhiyeessiteetti.

👤 Gete Gutema Bayesa
- Baankii Daldalaa Itoophiyaa
Lakk. herregaa: 1000385313229
kingdom of Kush
Furtuun gammachuu ilmaan Oromoo sii fi jaallan qabsoo wajjin hidhaa jirti! Seeqa ilkaan keetii qofaan kan akka waan boombin itti darbameetti haamileen daaraa ta'u diinni lakkoofsa hinqabu! Ati diinaf hableedha, Oromoodhaf haamileedha!
Gootittiin Meseret Dhaba kenyaa harra mana murtii dhihaatti!
Guyyaa 37 otuu mana murtii hin dhihaatin turte, biyya dubartiin kabajaa itti dhabde
Haadha kaayyoo haqaa rabbiin harka diinatii sihaabaasu.Waqayyoo
“Hojii eegumsaa hojjechuun nama adabsiisa taanaan eegdota Dr Abiyyi dabalatee namoonni eegumsarratti ramadaman hundi adabamuu qabu, himatamuu qabu. Nuti bar warra biyya kanaaf jecha sharaarra rafaa dararaa meeqa argaa biyya eegaa tureedha. Badii tokkoo hin qabnu.” ~ Kurnaalaa Taammiraat Huseen Muudaa
Gaazexeessituu Meseret Dhaba Kene bilisaan akka gadilakkifamtu manni murtii ajaja dabarsuun himame. Duras yakka dalagde hin qabdu, hidhamuun hin malleef.
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Maqaan keenya tokkumma
Walumati waamamne
Madaan keenyas tokkumma
Waluman dhaanamne



"Leta Kenei Aga"
👇👇👇👇👇👇
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
@HARARGETUB
"Namni tokko dhimma dhuunfaa isaa dhiphoo keessaa ba'ee dhimma namoomaa isa bal'aa irratti hamma hojjetutti, jireenya jiraachuu hin eegalle!"
— Maartiin Luuter Kiingi

"Dalagaadhuma kaleessaa, karaadhuma kaleessaa fi akkaataadhuma kaleessaan hojjechuun mul'ata osoo hin taane maraatummaadha."
— Albert Inisteeyan

➨ Namni furmaataa rakkoo kudhan karaa tokko hiika utuu hin ta'in, rakkoo tokkoof karaa kudhaniin tooftaa barbaada.


Share◈Share◈Share
@DEDRORO
@HARARGETUB
🔺JOIN🔺
"Anaaf Jecha"
"Siif jecha"
"Nuuf jecha"
"Oromiyaaf jecha"
"Oromoof jecha"
"Saba cunqurfamaaf jecha"😭😭😭
AMMEE: Itti gaafatamaa qunnamtii ABO kan tahe obbo Battee Urgeessaa Burraayyuutti hidhame. Nama jabaa Oromoo hunda balleessitee Oromoo gabroomfachuuf karoora Bilxiginnaa keessaa tokko. Garuu galma hin gahu!
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Poolisii fi milishaan Amaaraa Oromoota Walloo madaa’anii wal’aansaaf deemaanii jiran Ambulaansii keessaa gadi yaaftee bifa suukaneessaa kanaan rashantee fixxe. Gara jabinni jara kanaa daangaa hin qabu!
#WALLO

Bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan amma BBC’tti akka himetti gandoota aanichaa shan keessatti lolli adeemaa jira.

“Hawaasni keenya uummata qotee bulaati. Akka amma miidiyaadhaan lallabamu kanaa miti. ABO Shanee, warra gurmaa’e, meeshaa waraanaa ulfaataa wanti jedhamu hin jiru. Qotebulaadhaani kan wal lolamaa jiru. Manni qoteebulaa gubataa jira. Qotebulaan du’aa jira. Inni du’aa jiru kun immoo Shaneedha jedhameeti gabaasni kan irratti hojjetamaa jiru”
Oromoota Walloo Ambulaansii keessaa gadi yaasanii ajjeesan liyyuu hayliin Amaaraa fi Milishaa.
Namni dhaddacha har'aa hordofe ayyaantuu dha! Dhugaan sagalee guddaa fi humnaan gaafa dubbattu dhaga'e!
Abbootiin seeraa,Abbaan Alangaa,Foolisootni fi qaamni nageenyaa achitti argaman hundi guyyaa seena qabeessa akkasii jiruu isaanii keessatti hin argatani.
Dhaddacha kana akka mana barumsaatti ilaaluu qabu qaamonni seeraa achitti argaman hundi.
Leenconni hunda afaan bansiisan.Bagan bara kana jiraadhe baga seenaa hin dhaga'in!
Oolmaa Dhaddachaa Jawaar Mohaammad'faa
Jecha Amantaa/Waakkii
-----
Beellama har'arratti Jawaar Mohaammad faa Namootni 20 (kan himatan 24 ta'ee 4 bakka hin jirretti) dhaddachatti dhiyaataniiru. Jawaar, Baqqalaa fi Hamzaan fayyaan isaanii fooyya'aa jiraatullee fuulli isaanii lagannaa nyaataa guyyoota 40ffaa irra turan kan nama yaadachisu, qaamni isaaniitti walitti buutame huuqqina guddaatu irraa mul'ata. Dadhabbii guddaan kan isaanitti dhagahamu waan ta'ee jecha kan kennanillee dhaabbatanii otoo hin taane taa'aniiti. Murannoo fi hamileen isaanii garuu akkuma dura jajjabaafii onnachiisaa dha. Bu'uruma beellama qabameen, Himatamtoonni jecha amantaa/waakkii beellama darberratti hin kennin shanan:

1. Himatamaa 1ffaa Jawaar Siiraaj Mohaammad
2. Himatamaa 2ffaa Baqqalaa Garbaa Daakoo
3. Himatamaa 3ffaa Hamzaa Booranaa
4. Himatamaa 9ffaa Alamaayyoo Galataa
5. Himatamaa 13ffaa Shamsaddiin Xahaa

har'a jecha kennaniin gocha ittiin himataman kan hin raawwannee fi balleessaa hin qabne ta’uu dhimmoota himanna keessatti ka'an hundarratti
fakkeenyaaf:

1. saboota walitti buusuu,
2. abbootii amantiirratti haleellaan akka gaggeeffamu gootan kan jedhu,
3. waraanan mootummaa garagalchuuf shirtan
4. Nafxanyaa jettanii
5. Aangoon mootummaa Fulbaana dhumata jettani

kanneen jedhanii fi kkf kaasuun dubbatanii jiru. Keessattu Obbo Jawaar maatii Ortodoksii, Muslimaa fi Pirootestaantii kan qaban ta'uu, eegdonni waliin himatamanii fi wahiloonni qabsoo isaanii kan amma waliin hidhaa jiran hordoftoota amantii Ortodoksii, Pirootestaantii, Waaqeffataa fi Muslima ta'uu, saboota Oromoo fi Amaaraa, Oromoo fi Hararii, Rakkoo Dirre Dhawaa, Rakkoo Lixa Oromiyaa kan Daangaa Beenishaangul Gumuz Naqamtee hanga Asoosaatti deemuun saboota walitti dhiyeessuuf hojjechuu isaanii dubbataniiru. Obbo Baqqalaa fi Hamzaaniis akkasuma ibsanii addatti ammoo maatiin (haatii fi abbaan) Sirna Nafxanyaatiin miidhaa guddaa mudachuu fi Godaannisaa isaa kan argan malee oduudhaan kan dhagahan akka hin taane, ammas taanaan Sirna Nafxanyaa amma hanqaaqama jirurratti malee saba kamirrattuu kan hin xiyyeeffanne ta'u kunis mirga isaanii ta'uu ibsaniiru.

Kana booda Manni Murtii Ragaan haala kamiin (girdoo/magaarajaa duubaan moo ifatti) dhagamuu qaba kan jedhurratti jala murtii kennuuf Bitootessa 28, achi booda ragoota abbaa alangaa dhaga'uu ammoo beellamoota danuu kenneera. Isaaniis Bitootessa 29, 30, Eebla 5, 6, 7, 12, 13 fi 14'tti ta'uu dhaddachi ibsee jira.

Jecha amantaa guutuu Obbo Jawaar, Obbo Baqqalaa fi Hamzaa har'arra eegallee guutuus kan isiniif dhiyeessinu ta'uu hubachiisna.
-----
2024/09/24 19:23:49
Back to Top
HTML Embed Code: