Telegram Web Link
Kabajaa fi Jalaalaa:


"Namoonni yoo si sodaatan si kabaju, yoo si kabajan si jaalatu". Kanaaf garaakee guutummaasaa bantee namoota dura hin hafiin. Gaafa keessa kee guutummaatti baran kabajakee sirraa sharafatu. Gaafas immoo jaalala siif qabanis sirraa mulqatu. ''Abbaatu of mara jedhe egaa Bofti''.

Qimmiiddaa - Kitaaba Xiinsammuu😦

@Oromotoo
@Oromotoo
#Gorsaa
Nuti dhaloonni haaraa ofiin jennuu kun maaf wan xiqqoo dhageenne arginee fana harkaa keenyaa waliitti rukkutaa wanta nu fayyaduu osoo adda hin baasin fana utaalaa olaa?
Nama gaafa jedhamuu eenyuu akka ta'ee eenyummaa isaa gaafa beeke dhaa. Ofii beekun immoo wanta naf ta'aa na fayyadaa nama biraas karaa kiyyaan ni fayyadaa jenne hojjachuu dandeenyudha. Wanta tokko maqaa, bifa, gosa, dheerina, bareedummaa, isaa qofa arginee hin jala nuu hin deeggaruus wanta tokko kan deeggaruu karaa inni nu fayyaduu danda'aa jenne yaadnun yookaan immoo wantii nutii jalaanuu sun namoota ana wajiin jiraatanii ni fayyadaa moo hin fayyaduu jenne gaafa adda baasuu dandeenyudha. Baayee keenyaa immoo wantoota kanan olitti maqaa dhahee kana qofa arginee fana dhichiifnaa kun dansaa miti. Kan biraa immoo wantii hundii yeroo qaba yeroon ala wantii ta'uu tokkollee hin jiruu wantaa yeroo isaatiin ala dubbachuun, hojjachuun gatii nama baasisaa osoo gatii hin baasinii duraa yeriicha kee adda baafadhuu!. Biyyaa keessa jiraanuu kana keessati namni hundii gahee qaba gahee isaa kennamee beeke kan itti fayyadamuu abbaaf abbaa qofaa. Gahee kees adda baafadhuu.!. Namni ofii hin beekne kan wan mana ofii hin beekne wan nama biraa beekuu hin danda'uu. Wanta kee kallattii qabsiifadhuu. Dangaa kee keessa olii. Cinaa keetti iyyanneef hin iyyiin. Sabaaba iyyiichaa beeki. Wanta sammuu kettif ni ta'aa jette yaadu eenyuuyyuu haa ta'uu irraa soorachuuf ofii hin qabiin akkamiin akka sooratuu sirnaa kamiin akka sooratuu situ beeka.
@oromotoo
@oromotoo
Galatooma.
Jireenya keenya keessatti wanta tokko hojachuuf ta'ee dubbachuuf yaadun baay'ee barbaachisaadha. Jechoonni atii har'aa jireenya ketti keessatti dubbatuuf fayyadamtu jireenya kee gara fulduraa kan ajjeessuus kan jiraachisuus "Word" /jecha atii har'aa dubbatuudha. kanaafuu jechootaa humnaa qabaniif jechoota bu'aa qaban qofa dubbachuu ofii shakkalchisii!
πŸ‘‰πŸ‘‰πŸ‘‰Join JoinπŸ‘ˆπŸ‘ˆπŸ‘ˆ
@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo
●Yeroo jalqabaaf maqaa Oromiyaa jedhu
kan moggaase fi kaartaa Oromiyaa kan
sarare namaa maqaan isaa "Luws Craft"
jedhamudha bara 1837 hanga 1850 tti
osoo baha Afriikaa naanna'ee maqaa
moggassu.
Β€ Bara sanas Oromiyaa har'aa kana
"Ormaaniyaa" jedhee moggaasee ture!
Β€ bara 1970 keessa immoo "biyya
Oromoo "jedhamee moggaafame.
Β€ bara 1976 tti ammoo "Oromiyaa"
jedhamee moggaafame.
● Afaan Oromoo Afaanota Afriikaa
keessatti dubbataman 1000 ol ta'an
keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama.
Β€ Afaanota Kuush 40 dubbataman
keessaa Afaan Oromoo 1ffaa dha.
Β€ bara 1934 hanga 1966tti Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa keessatti akka hin
dubbatamne akka badu taasifamee ture.
●Biyyoota Afriikaa 56 keessaa bal'inaan
kan Oromiyaa caalu Biyyoota 17 qofadha.
Β€ Oromiyaan bal'ina lafaatiin Faransaayiin
ni caalti, akkasumaas Itaaliiti dachaa
lama tatti.
Β€ bal'inni Dachee Oromiyaa biyyoota akka
Kuubaa, Bulgaariyaa, Biritaaniyaa wajjin
wal qixadha.
● baay'inni Uummata Oromoo baha
Afriikaa jiraatanii yeroo amma Miiliyoona
40 olidha.
● Mootiin yeroo jalqabaatiif Kuush ykn
Oromoo hoogganaa turan "Amarraanaa
Asiisii (Ateetee) fi Osiriis jedhamu.
● Oromoon jaarraa 16ffaa dura sirna
adda ta'e kan ittiin bulu sirna Gadaa kan
yuneeskoo irratti galma'e qaba!!!
● Oromiyaan Godinoota 21 fi aanolee 350
qabu.
Β€ Godinoota Oromiyaa 21 teessoo
magaalaa isaanii waliin
1.wallagga Bahaa_ Naqamtee
2. Wallagga Lixaa _ Gimbii
3. Qeellam wallagga_ Dambi Doolloo
4.Horroo Guduruu wallagga _ Shaambuu
5.Iluu Abbaa Booraa_ Mattu
6. Buunnoo Baddalle_ Baddalle_
7.Jimmaa_ Jimmaa
8. Shawaa kibba lixaa_ walisoo
9. Shawaa lixaa_ Amboo
10. Shawaa kaabaa_ Fiichee
11. Godina Addaa Oromiyaa naannawa
finfinne _ Finfinne
12. Shawaa bahaa _ Adaamaa
13. Arsii lixaa_ Shashamannee
14. Arsii Bahaa _ Assallaa
15. Baalee _ Roobe
16.Borana_ Yaa'a Balloo
17. Gujii lixaa_ Bulee Horaa
18. Gujii bahaa _ Nagellee Boorana
19. Walloo _ Kamisee
20.Harargee Lixaa _ Ciroo
21. Harargee bahaa _ Harar dha.
Godina Baalee baha dhiheenyaa kana
hundeeffamee immo magaalan guddoon
ishii Ginnir jedhamti..


HALKAN GAARII!!
#SHARE SHARE
JOIN JOIN
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Hayyuu sabaa

@oromotoo
@oromotoo
Addunyaan gabaabduudha
Ergisa biyyi lafaa
Gaariis haa ta'u yaraa
Hojii keetu sitti hafa
~
Kanaaf....

Bor kan galaa siif ta'u
Ibsee dukkana qabrii
Gidiraa biyya lafaaf
Obsa qabaadhu sabrii
~
Akka qullaa dhalanne
Qullaadhuma sokkinaa
Hiree wolii inaafnee
Maaf deemsa wol dhorkinaa?
~
Sammuun gaarii hin yaadne
Mormaafillee ba'aadha
Tola ooluu dadhabnus
Tolaa yaaduun ga'aadha
~
Nama ibiddaa taanee
Boru baquurra dhuka
Wol gargaaruu dadhabnu
Wol hin rukunnu luka!
~
Hireedhaan gidirfamnee
Hagam qabaannus aarii
Hamminni bu'aan qabu
Waliif haa yaadnu gaarii
~
Qooda koo siniif laatee
Keessan naaf hin hiruutii
Du'a hin dagatinaa
Kan oolu hin jiruutii!
~
Gaarii waliif haa yaadnu
Numa miidha hamaanii
Rabbiin nuhaa woffaqu
Milkii biyya lamaanii!

πŸ”΄HALKAN GAARII!!
#share share
#Join join
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Nutoo beellaman beeknuu
Har'a moo boru duunaa
Jireenya wol dhorkuudhaaf
Maaf gaaraa goda buunaa?
~
Har'a jiraachuuf jennee
Dagannaan guyyaa borii
Gaafa awwaalcha buunu
Qabannee deemnaa horii?
~
Qabeenyaan hunda caalee
Addunyaa qabus kokkee
Eenyutu maallaqa isaa
Galaa godhatee sokkee?
~
Eeyyee..!

Har'a shiraan dorgomtus
Biilgeetiifi Daangootee
Boru irraa gaafatamta
Haqa namaa waan-goote!
~
Har'a gammaduuf jettee
Boru hin dagatini
Qaxxaamuraan guddachuuf
Haqa hin lagatini
~


HALKAN GAARII❀❀
jOIN JOIN SHARE SHARE
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Namni tokkolleen kan sirrii qulqulluu (PERFECT) ta'ee jiraatu hin jiru, anaa fi sihis miti ykn isaanillee miti. Hundi keenya perfect miti.

Kanaafuu Ati Relax ja'iituma of ta'ii jiraadhu.

@oromotoo
@Oromotoo
Yaaadaf πŸ‘‰ @Jaarraabot
Osoo hin dhalatin du'uu feetaa?

βœ…Namoota erga du'anii waggaa 500 ol ta'an har'a garuu seenaan isaanii anaa fi si warra lubbuun jiru caalaa kan dubbatamuuf maaliif sitti fakkaata?


βœ…Barri kun bara akkamiiti? kan nama dhoksu moo kan nama mul'isu?
Barri nama hin mul'isu, namatu bara keessaan mul'ata malee.

πŸ‘‰Hojii qabdaa?
Eeyyen

βœ…Hojii jechuun isa qarshii ittiin argattu qofa miti. Gaafuma gara biyya lafaa kana dhufte hojii fi itti gaafatamummaa guddaa qabattee dhufte.

βœ…Namni itti gaafatamummaa jal-qaba wajjiin uumame hin hubanne, itti gaafatamummaa hojii kan ittiin mindaa argatu akkamitti hubachuu danda'aa?

βœ…Yeroon ati biyya lafaa kana irra turtu murtaa'aadha waan ta'eef, dafii itti gaafatamummaa yeroo sii kennamte keessatti xumuruu dandeessu raawwadhu.

βœ…Yeroo fi itti gaafatamummaan rabbiin siif kenne wal-madaalan. Yerootu na hanqate jechuu hin dandeessu.
Sagantaan rabbii dogongora hin qabu.

❀️ @OROMOTOO
@OROMOTOO
Yaadaf πŸ‘‰ @Jaarraabot
Hordaftoota channali keenya kabajamoo,, Channali Youtube kana SUBSCRIBE godhudhaan Hordoofa Isinin jennaa.Dabalataanis yeroo dhihoo kessatti Baacoo,walaloo,Oduu durii,seenaa Hayyoota,Seenaa Gootota Oromoo hundaa Qabatee Isiniif dhufuuf qophii isaa Xumuraa waan jiruuf SUBSCRIBE godhuudhan Barnoota gara garaa Irraa Argachuu Nin dandessaan jedheen Abdii guddaa irraa Qaba waan taheef Ammuma SUBSCRIBE bakka jettu tuqudhaan maatii Ta'a!!!

❀ISININ JAALADHA OROMOO TIYYA❀
βœ‹βœ‹βœ‹βœ‹βœ‹βœ‹βœ‹βœ‹βœ‹βœ‹βœ‹


Watch "Hacaaluu Consertii America irratti" on YouTube
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://youtu.be/TCT8FQ2nlmU
#Kana_Beektuu_Laata!!!

Qabsaa'ota Oromoo Achi Buuteen isaanii Dhabaman!!
1.Jaal Nadhii Gammadaa
2.Jaal Baqqalaa Dawwaanoo
3.Hayyuu Dabbasoo Guyyoo
4.Jaal Lammeessaa Booruu
5.Jaal Yooseef Bantii
6.Barsiisaa Kabbadaa Hurrisaa
7.Jaal Baroodaa fikkf.


ABDII UMMATA BAL'AA!!
πŸ“‘MIIDIYAAπŸ“‘
@OROMOTOO
@OROMOTOO

πŸ“©YaadaπŸ“©
@jaarraabot
@jaarraabot
# Gorsa - Isin Fayyada
*
🌼Nama Dhugaan Nama Jaalatu Itti Boonuun Doofummadha!
🌼Hiriyaa Nama Waliin Hin Turreef Oonnee Ofi Kennun Wallaalummadha!
🌼Jaalalli Kan Oonneeti Jibbi Garuu Kan Garaati
🌼Akkuma Jaalalli Jiru Jibbis Jira Waan Ta'eef Iccitii Yeroo Jaalala Hasa'an Yeroo Jibbaa Haasa'un Wallaalummaadha!
🌼Carraan Buddeena Si Nyaachisa Malee Beeka Sin Taasisu, Beekaa Ta'uuf Dubbisutu Barbaachisa!
🌼Dubbatteef Beeka Hin Taatu, Calliftefis Hin Wallaaltu
Qabaattef Du'a Hin Haftu Hiyyoomteefis Hin Duutu
🌼Nama Jaalachuu Kee Malee Namaan Jaalatamu Kee Shakki!
🌼Jaalalan Osoo Hin Qabamin Dura Eenyuun Akka Jaalattuf Maalif Akka Jaalattu Dursi beeki!
🌼Dhabe Jettee Hin Gaddiin Bori Argatta Yoo Abdi Qabatte, Argadhe Jettes Hin booniin Bori Dhabuunis ni Mala
🌼Kaayyoo Kee Hin Dagatiin Waada Kees Kabaji Obsi Obsan Aannan Goromsaa Dhugan!
🌼Nama Waliin Jirtu Fuudhurra Nama Wal Malee Jirachuu Hin Dandenyee Fuudhutu Caala!
🌼Namni Obsa Qabuuf Mukti Firii Qabu Gad Jedha
🌼Wanti Bareedu Hundi Gaarii Miti,Wanti Gaariin Hundi Garuu Bareedadha!



join join
Share share
β–½β–½β–½β–½β–½β–½β–½
@OROMOTOO
@OROMOTOO
MADDA BEEKKUMSAA🌳
Video
Guyyaa Gootota Oromoo #Yuunivarsitii_Wachemo

ABDII UMMATA BAL'AA!!
πŸ“‘MIIDIYAAπŸ“‘
@OROMOTOO
@OROMOTOO
2024/09/21 22:40:42
Back to Top
HTML Embed Code: