Telegram Web Link
#DoktarGarramawuHulluuqaa

Doktar Garramawu Hulluuqaa pirezidaantii Yunvarsiitii Naannoo Oromiyaa akkasumas hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo walittiqabaa boordii yunivarsitichaa ta'uun ramadaman.

Yunvarsitichi Akkaadamii Hoggansa Naannoo Oromiyaa waliin akkaataa labsii Caffee Oromiyaan walitti makamuunsaanii ni yaadatama.
Maddi: Fb yunivarsitichaa


ABDII UMMATA BAL'AA!!
๐Ÿ“กMIIDIYAA๐Ÿ“ก
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
sign up to get a 10 US Dollar newcomer bonus! I made more than 200 US Dollars by watching the video here, so you can try it. https://video-dy.xyz/2600101618686888/
#Oduu_Gaddaa
Artistiin jaallatamaaf kabajamaa Nuhoo Goobanaa du'aan Adunyaa kanarraa boqote.

Maatiifi Firoottan akkasuma jaallattootaafi dinqisiifattoota isaaf Jajjabina hawwina

@oromotoo
@oromotoo
Weellisaan Gameessi Oromoo ##Nuhoo_Goobanaa Addunyaa kana irraa du'aan Boqote; maatii, Firoota isaaf uummta oromoof jajjabina Hawwinaa Biyyeen itti haa salphatu!
FAAYIDAA LOWZII YKN OCHOLOONII
โœ Gubaa fincaanii ni qabbaneessa.
โœNama tiruu dhukkubsatuuf ni fayyada.
โœ Namni sodaatu akka hin sodaanneef ni gargaara ykn ni onnachiisa.
Mataa dhukkubii nutti wayyeessa
โœ Walqunnamtii saalaa keessatti sanyiin kormaa ykn miiyoon akka baayyatuuf ni fayyada.
โœ Dubartiidhaaf aannaan harmaa akka baayyinaan ba'u taasisa.
โœRaammoo garaa ni dhabamsiisa.
โœDhukkuba kaanserii fi golfaa nama irraa ittisa.
โœDawaa dhukkuba kaleeti. Keessattuu, nama kaleen isaa xiqqaate ykn suntuuref faayidaa guddaa qaba.
โœ Qaama namaaf dhiiga bareedaa ykn qulqulluu maddisiisa. Akkasumas furdina qaamaaf ni fayyada
โœ Dhukkuba utaalloo nurraa balleessuuf ni fayyada
โœ Agartuu fi qaroo ija keenyaaf ni fayyada.
โœ Sammuu namaa jabeessuuf ni fayyada.
โœ Dhukkuba qorraa nurraa ittisa.
โœ Fayyuummaa Gadaamessaaf ni fayyada.
โœ Dhiigni qaama keessaa bifa gaariin akka dalaguuf ni gargaara.
โœ Dhukkuba dugdaaf dawaadha.
โœ Dhukkuba sukkaaraaf dawaadha.
โœ Dhukkuba adda, addaa gogaa keenya irratti ba'aniif dawaadha.
โœ Madaa'uu kalee fi dhibee kaakkeef dawaadha.
โœ Bareedinna gogaaf ni fayyada.
โœ Madda anniisati.
โœ Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa.
โœ Rakkina dhala godhachuu dadhabuu ni hir'isa.
Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/oromotoo
https://www.tg-me.com/oromotoo
https://www.tg-me.com/oromotoo
Dhangalaasi! ๐Ÿฅƒ

Baayyeen isaanii keessi isaanii dhiita'aadha. Yeroo hunda sirriidha, bareedoodha, beekoodha, taphatoodha, kan kabajamanidha, kan jaallatamanidha, hundumtuu kan guuteefidha, eenyu irraayyuu homaa hin barbaadan, eenyuun hin kadhatan, waan kamiifiyyuu hin dadhaban, manni isaanii guutuudha, fayyaa kan qabanidha, nagaaf gammachuu qabu, yeroo hundaa isaantu sirriidha, wanta itti hir'ate hin qaban....

....Kun hundi garuu ija ofii isaaniitiinidha.

Ija namoota isaan ilaalaniitiin dhugaan namoota kanaa kanbiraadha. Of jajoodha, of tuuloodha, hundumtuu nan darbin warra jedhanidha, fakkeessitootadha, fayyaan kan isaanirraa fagaatedha, jibbamoodha, arrabsitootadha, waan dubbatan hin beekan, waan godhan hin hubatan, miira isaaniitiin hoogganamu, maal naan jedhuu hin beekan, ofii isaanii sobu, namoota kan biraa akkanumaan inaafsisu, of dhaggeeffachuu hin beekan, kaayyoo hin qaban, bilchinni itti hir'ata.....

....Akkaataa ittiin nuti of ilaalluuf akkaataa namoonni ittiin nu ilaalan tokko miti. Nuti guutummaa guutuutti gaarii akka taane gaafa yaannu namootni nu waliin oolan hiriyoonni keenya dhiyoo garuu waayee hammeenya keenyaa aariidhaan kan dubbatan ta'uu danda'a. Sababnisaa safartuun keenya nuti ofiif kenninu baayyee guutee xiqqooma ishee iyyuu xiqqeessuu hin yaallu. Safartuun keenya guutee kufaatii keenya hundaatiif sababa ta'e #Oftuulummaa (pride) jedhama.

Of tuulummaan keessa keenya guutee hir'isuudhaaf qophaa'aa yoo  hin taane eessayyuu gahuu hin dandeenyu. Jijjiiramni baayyeen isaanii xiqqoo irraa jalqabu. Baraadha jedhamuutu sirra jiraata. Barataa ta'uu qabda. Dogoggora hojjechuu qabda. Wantootni kun immoo of tuulummaa "of jaja" waliin hin deeman. Jijjiirama gaafa barbaaddu of tuulummaa ofirraa fageessuutu sirra jiraata.

'Burcuqqoo' kee duwwaa godhi. Kan biraa dhuguu kan barbaaddu yoo taate, isa haaraa fi adda kan ta'e dhandhamuu kan barbaadu hundi kana gochuutu irra jiraata. Kana jechuun garuu dirqama ulfina kee gatuu qabda jechuu miti. Namni of tuulaa fi namni ulfina isaa eeggatu adda addadha. Inni tokko addunyaa isaa keessatti guddatee akka fixee fi eenyu irraayyuu homaa akka hin barbaanne yaada. Inni lammaffaammoo guddinaafi jijjiirama isaa aadaa fi duudhaa seeraa fi amantii wajjiniin faallaa tokko malee akka deemuu fi sarara kanaa ol ta'e akka qabatuuf fuulleetti jabaatee adeema. Filannoo adda addaa lama.

Of tuulummaa yoo qabaatte ofii kee huutee of ajjeesaa jirta. Riqicha guddinaafi jijjiiramaa diigdeetta. Of tuulummaa jechuun dhibaa'ummaa waan ta'eefi, waan dubbatamu dhaga'uu dhiisuu waan ta'eefi, kan biroorra nan caala jechuun yaaduu fi kan biroo xiqqeessuu waan ta'eefi. namni of tuulaan eenyummaa lama qaba. Namoota isaa gadii biratti gaafa arginu amala nuti arginu jira. Bakka isa irra caalurra kan jiran amalli inni ittiin keessummeessu ni jira. Of tuultonni kanaan adda baafamu. 'Burcuqqoo' (xaasaan) kee kan baatee jiru kanadha. Lafa irrattis waaqa irrattis amala kee kan xureessuu danda'u dhukkuba of tuulummaa jedhamu kanadha. Isa kana dhangalaasiitii jireenyakee bakka dhaabdee jalqabi! Of tuulummaa keessa yoo jiraatte jireenyikee hamma har'aa jireenya hin turre.

๐Ÿฅƒ 'Burcuqqoo' ykn xaasaa kee duwwaa godhi!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/oromotoo
Oromoo na godhee
situu na biqilchee
Harka keetin dhimmee
situu na bareechee

Dachee bal'aa keessaa
Oromiyaa filatee
Oromoo taasisee
situu na ummatee

Intal-sab qulqulluu
kan keessi jaalalaa
Gootee kan na uumtef
galatni siif malaa

Ani Oromoodha
Sanyii warra guddaa
Anis akka harmee koo
nan booji'a hundaa

#Share
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Channel name was changed to ยซJECHOOTA HAYYOOTAโœ”ยป
โœง Namni dogoggora namaa barbaadaa oolu ofii isaa argee of sirreessuuf yeroo hin qabaatu! Kun baay'ee keenya irratti mul'ata quba namatti qabu malee akka quba of hin qabne taasisee jira!
Nama arguu irra of arguutu qaroomina ta'a.

โœง Namni of arge qaawwa namaa lakkaa'uu dhiisee ol deebi'ee qaawwa jireenya isaa cufata. Namni akkam? jechuu irra ani akkam? Maalin fakkaadhaa? jedhanii dursa of ilaaluu wayya.

โœง Caaffata qulqullaa'aa keessatti Fariisonni fakkeenya namoota of hin argineeti. Fariisonni barsiisota amantaa warra seera beekna, seera eegna, seeran qulqulloofna jedhanii dha. Fariisonni yeroo hunda xiyyeeffannoon isaanii ala isaanii irratti!

โœง Waa'ee keessa namummaa isaaniif dhimma tokko hin qaban. Karaa alaa baay'ee bareedu, uffata gad dhedheeraa uffatu, yeroo eeganii dhiqatu; garuu keessa isaanitti hammeenya yaadu, namaaf jaalala hin qaban, cubbamaa dhagaa dhaan ajjeessuu barbaadu.

โœง Waaqayyoo laphee oftuulummaan keessa guute baay'ee jibba; kanaaf Fariisota nuti qulqulluudha, ofumaan qulqulloofna, seera eegnee qulqulloofna jedhan irra ejjituu cubbuu ishee beektee miilla Yesus jalatti kuftee dhiifama isa gaafattetu araaraa fi dhiifama argatee deeme.

โœง Of arguu dadhabuu fi oftuulummaan dhibee isa hamaa dha.

โœง Egaa jireenyi, nama arguun dura of arganii Waaqayyotti dadhabinaa fi eenyummaa ofii agarsisu dha. Nama of argetti Waaqayyo ni araarama.

โœง Waaqayyo jalqabatti nama of argee fuula isaatti gad of deebisu barbaada!
Akka of arginu waaqayyoo nu haa gargaru, ija keenya haa banu!


sสœแด€ส€แด‡โœงsสœแด€ส€แด‡โœงsสœแด€ส€แด‡
@oromotoo
@oromotoo
๐Ÿ”บแดŠแดษชษด๐Ÿ”บ
Gabrummaan dhibaa'ummaa caalu hin jiru.
Dhibooftuu hinta'in. Anaafis ofiifif bu'aa hin qabdu. Dhibaa'ummaan gatii si dhabsiisa. Dhibaa'ummaan si tuffachiisa. Dhibaa'uu jalqabnaan hirkatummaatti deebita. Osoo humna qabduu, osoo fayyaa qabduu, osoo sammuu yaaduu danda'u qabduu, harka namaa ilaaluuf hawwuu eegalta.

Kana qofaaree? Badii dalaguu, hannaaf miidhaa biroo biroo geessisuu, wantoota sammuu qajeelummaa qabuun yaaddee hojjechuu dandeessu dhabdee, sammuu summaa'een of jiraachisuuf badii hedduu raawwachuu eegalta.

Humna qabduun hojjettee haqa dafqa kee nyaachuu osoo dandeessuu, sababa dhibaa'ummaan kee si adoocheef dafqa namaa barbaadda. Dhugaa jireenyi sitti fidde simattee jireenya irratti iimmoo olaantummaa qabaachuu kee sababa dhibaa'ummaa yaada keetiin dagattee waan xixiqqoo yaada kee injifachuu dandeessuuf garboomta.

Fayyaa qaama guutuu uumaan si badhaase ofirratti arguu dadhabdee warra qaama hir'uu ta'anii jiraatanii gaditti kuftee kadhataa taatee jiraachuu filatta. Kun bu'aa dhibaa'ummaa keeti.

Yeroo amma keessa jirtutti, sammuu kees, qaama kee fayya qabeessas, humna kee hoo'aa kanas hojiirra oolchi. Waan harโ€™a qopheeffatte boru ittiin guuyya dabarfatta.

Waanti harโ€™a , sammuun ittiin yaaddu, humni ittiin hojjettuuf, qaamni kee guutuun socho'u siif kennameef; akka itti dhibooftee dacheetti ba'aa taatuuf osoon taane, akka isa haga kee hin geenyeef furtuu ba'aa isaa taatuufi.

Dhibaa'ummaa hundeetti of keessaa buqqisi. Harโ€™a tattaafadhu, hiyyummaa moo'i. Wallaalummaa injifadhu, humna kee harโ€™a hojiirra oolchi. Hidhaa dhibaa'ummaa eenyummaa jireenya kee hidheen falmi. Ofirraa ciri.

Nama hojii, nama of jijjiiru, nama namaaf ta'u,ta'uuf tattaafadhu. Dura garuu of yaadadhu, waa'ee kee yaadi.


share share share
@oromotoo
@oromotoo
Channel photo updated
๐…๐ซ๐ข๐ž๐๐ซ๐ข๐œ๐ก ๐๐ข๐ž๐ญ๐ณ๐ฌ๐œ๐ก๐ž (Maqaama isaarraa ka'ee, namicha rakkisaadha!)

Falaasaa beekamaa biyya Jarmaniiti. Qabxiilee jajjaboo fi falmisiisoo ta'an kaasuudhaan beekama. Yaada inni kaasaa turee fi ittiinis beekamu tokko, dhimma ๐‘‚๐‘ฃ๐‘’๐‘Ÿ๐‘š๐‘Ž๐‘› ykn ๐‘†๐‘ข๐‘๐‘’๐‘Ÿ๐‘š๐‘Ž๐‘› jedhamuudha. Yaadichi, akkuma adeemsa tirannaa (evolution) keessa darbee namni nama ta'e jedhamu, namoomni kunis gulantaa isa dhumaa miti akka jechuuti. Namooma ammaarra caaluu akka qabnu dubbata. Moggaasichis gulantaa sana ibsa.

Namni gulantaa sana dhaqqabe tokko nama garbummaa akkaataa jiruu fi jireenya hawaasaa hunda kabajuu (slave morality) jalaa bilisa ba'eedha. Nama waan kamuu sababa hawaasni jedheef qofa hin fudhanne, waan tokko 'sirrii' jedhee waamuufis ta'e, 'dogoggora' jedhee ramaduuf ofiisaa qofa kan dhaggeeffatu, kan jireenyi isaa irra jireessi hariiroo hawaasummaaf dhama'uu hin fuulleffanne, nama bilisummaatti jiraatu... akka jechuuti. Gammachuufis falli inni eeru kanuma.

Jabina kitaabilee isaan baay'ee jajama. Waa'ee kitaabilee isaa ilaalchisee falaasaan tokko, Niichee fi falaasaa biroo ๐ป๐‘’๐‘”๐‘’๐‘™'n wal bira qabee yoo dubbatu, "Himootni Hegel barreessu namaaf ifoodha; akka waliigalaatti maal jechuu akkanni fedhe garuu nama rakkisa. Niicheen ammoo akka waliigalaatti maal jechuu akkanni fedhu ni hubatama; himootni barreeffa isaa garuu ifoo miti!" Jedhee ture. Akkaataan jireenya isaas, akkuma kitaabilee isaa ifaa miti. (Si'a tokko haadha manaa hiriyaa isaatii jaalatee gaafatatee ture jedhu!)

"Waaqayyo du'eera; nutu ajjeese!" Dubbii isaa jedhuun bal'inaan ni beekama. Niicheen hanga ta'e Budiizimii hin ququffaane malee, amantaalee hundayyuu cimsee sukkuumaa ture. ๐‘๐‘–โ„Ž๐‘–๐‘™๐‘–๐‘ ๐‘š yaada jedhamus-- kan amantaalee irraa walaboomuu fi hiika-dhabeessummaa (meaninglessness) jireenyaa amanuu waliin wal qabatu bal'inaan kan jabeesses isuma.

Niicheen umurii isaa 46'ffaatti qalbii gad-dhiisee, maraatummaatti kufe. Maraachuu isaaf sababa kan ta'e baayina yaada isaa fi ๐‘›๐‘–โ„Ž๐‘–๐‘™๐‘–๐‘ ๐‘š akka ta'etti kan kaasan jiaatanis, caalmaatti hubama sammuu isaa irra dhaqqabeen akka dhufe ni himama. Hanga du'a isaatti, umurii isaa gara dhumaa waggoota 11'f akkuma maraatetti ture. Yeroowwan maraatee ture sanatti illee falaasamoota isaa gurguddoo osoo hin dagatin akka ture ni himama. Kitaaba waa'ee ofiisaa fi hojiilee isaa ibsu kan ๐ธ๐‘๐‘๐‘’ ๐ป๐‘œ๐‘š๐‘œ jedhamu barreessee waan tureef, dabalataaf sana dubbisuu dandeessu.

Kitaabileen isaa bifa salphaatti namaaf hubatamuu danda'aniin hin barreeffamne. Kitaabilee isaa caalmaatti hubachuuf gudunfaa (summary) namootni garaa garaa irratti barreessan dubbisuun filatamaadha. Asumaan, kitaaba isaa beekamaa fi anis jaaladhu kan ๐“๐ก๐ฎ๐ฌ ๐’๐ฉ๐จ๐ค๐ž ๐™๐š๐ซ๐š๐ญ๐ก๐ฎ๐ฌ๐ญ๐ซ๐š jedhamu akka dubbistan isinan afeera. Haa ga'u, galatoomaa!



Share share share
@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo
#Ilma_namaa

โžพIlmi namaa guyyuma guyyaan fuula isaa jijjiiraa waan ooluuf, sadarkaa kankee fuula namaa keessa hin barbaadin.

@oromotoo
@oromotoo
#Dhugaa

โžพKan ilaalamuu qabu fuuldura jiraachuu kankee osoo hin taane karaa irra jiraachuu kankeettu ilaallama.
โžพDhara keessatti mataa ta'uu mannaa..., dhugaa keessatti eegee taatee jiraachutu siif caala.


Join๐Ÿ‘‰ @oromotoo
@oromotoo
Hiriyoota Lamatu Meeshaa baayyee ulfaatu of bira ka'anii taksii eegu turan. Daqiiqaa xiqqoo booda Taksiin dhufe. isa Booda kontoraata Qarshii 500'niin walii galanii meeshaa isaanii irratti fe'atanii keessa galanii deeman. Karaa dheeraa erga ittiin deemaniin booda Mana isaanii ga'ani Meeshaa isaanii Taksii irraa erga buufatanin booda. Amma deemuu dandeessa jedhaniin. Shufeeriin taaksii sunis herrega koo naaf kennaati nan deema jedhe. Isaanis hin kenninu deemi jedhaniin,Gurbaanis karaa hanga kana isiniif meeshaa keessan fe'ee dhufee, boba'aa hanga kana fixee Akkamitti herrega koo Na diddu naaf kennitan malee hin deemu jedhee. Isaanis Ishi Akka siif kenninu barbaadda taanaan Sirbi jedhaniin. Innis maal qoostu hojjedheen sin gaafachaa jiraam Sirba hin beeku qarshii koo naaf kenna jedheen. Isaanis Eshi Ililililili jedhiiti ililchi jedhaniin. Shufeeriin taksii sunis baayyee aaree hin ililchu jedhaa rabbi biraan argadha jedhee taksii isaa fudhatee deeme. Erga fagaateen booda bilbilli wayii barcuma dudduubaa irraa waamuu eegale. Gurbaanis naasuudhaan konkolaataa isaa dhaabee Bilbilicha yoo ilaalu iphone 11Dha isa booda kaasee hello yeroo jedhu, Hello dhiifama Obboleesso nutti hin qabamiin konkolaata kee keessatti bilbila dagannee buune jedhaniin, eenyu isin yeroo jedhuun, nuti hiriyoota Amma meeshaa nuuf feetee dhuftee Sirbi, ililchi malee herrega kee hin kaffallu jenneedha dhiifama wajjin jedhaniin. Sana booda Gurbaanis Maarree Ammaka Ililchuun jedhee hamma gurri isaan duudutti Bilbila keessaan ililililili jedhee ililchee irratti cufe jedhama.
Maal jechuun barbaadee....
Garaan kee qulqulluu haa ta'u malee, Waaqni dafqa hiyyeessaa lafatti hin balleessu. Hin bubbulti malee kara hin beekamneen dachaa godhee siif deebisa.
Akkasumas dafqa namaa hin nyaatiin rabbi dachaa godhee si Adaba.
@oromotoo
@oromotoo
Rakkoo malee rakkataa hin jibbin! rakkataa kan jibbu gadheedha wantaahef!

@oromotoo
@oromotoo
Yaada kessaan nuuf qooda!!
FAAYIDAA DUBBISUU

Kitaabni ilma namaa kallattii hundaan ijaaree guutuu taasisa. Namoonni dubbisan imala jireenya isaanii keeysatti beekkumsa guddaa kuufatanii sammuu ofiitiis jaaran. Kana malees kitaabni madda gammachuu fi hiriyyaa yeroo hunda si waliin jiru, kan si bashannansiisu tahuun nama fayyada. Waahela siif tahuun yeroo kamittuu kophummaa fi mukaa'uun akka sitti hin dhagayamne si taasisa.

Itti fufa......

@oromotoo
@oromotoo
Dallaan addunyaa kanaa kan diigamuu hin dandeenye yaada ati sammuu kee keessatti akka dallatti ijaarte qofa. Sammuun ilma namaa guyyaatti yaadoota garagaraa yaadee bu'ee baasa. Yaadoonni milkahan xiqqoo ta' anis yaadoonni akka abjuutti yaadaman hedduudha. Addunyaa keessa jirtu moo'achuuf yaada gaarii sammuun siif karoorse hojiitti hiikuun milkahina hunda caalu. Warroonni milkaahan yaada nama milkeessan akka Nuukilaratti sodaa malee dhoosaanii gochatti jijjiruun milkoomu. Kanaf yaa ilma namaa waan yaaddu milkeessuf sammuu kee waliin atakaroo keessa hin galin, sammuu kee moohuf tattafaadhu. Gaafas ni milkooftatii. Kitaaba Dr. Warqinaa Gulaalliif dhihaate keessaa.

@oromotoo
@oromotoo
Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan boru ni eegala.

Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boruu Bitootessa 24, 2014 ni eegala.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ibsa ergeen soommanni guyyaa boruu kan eegalu taโ€™uu ibseera.

Soommanni Ramadaanaa bara kanaa guyyaa boruu kan eegalu taโ€™uu mirkanaaโ€™uu hogganaan sabquunnamtii mana marichaa Usmaan Adam ibsaniiru.

Hawaasni musiliimaa wayita soomu wal deeggaruu fi walgargaaruun taโ€™uu akka qabu manni marichaa yaadachiiseera.

Keessumaa lammiilee waraanaa fi hongeen miidhaman yaadachuu akka qaban dhaamaniiru


๐Ÿ“กMIIDIYAA๐Ÿ“ก
@oromotoo
@oromotoo
2024/09/21 20:12:19
Back to Top
HTML Embed Code: