Telegram Web Link
Forwarded from Berhanu Feyyisa
Gita hojii banaa kana Shawaa lixaafi aanaa Amboo warreen jirtan dorgomaa!
Gita hojii banaa mana barumsa Bultii Addaa WMO damee Adaamaafi Bishooftuu!

Tokkummaan Misoomaaf!
Forwarded from Kanenus Kasa
BEEKSISA - Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Irraa

Kabajamtoota barreessitoota kitaabota Ogbarruu Oromoo maraaf; Waldaan Barreessitoota Oromiyaa kitaabota bara 2014 fi 2015 Afaan Oromootiin barraa'an kamiyyuu galmeessuu waan barbaaduuf, namoonni kitaabota, Asoosama Dheeraa, Asoosama Gabaabaa/Asoogawwan, Walaloo, Seenaa fi Xinsammuu kamiyyuu Adoolessa 24-28/2015'tti kitaabicha irraa baay'ina 5 (shan) qabattanii, biiroo Waldaa Barreessitoota Oromiyaatti qaamaan argamuun akka galmeessiftan waamicha isiniif taasifna.


Odeeffannoo Dabalataaf
+251 91 755 6800
WBO - Finfinnee Oromiyaa
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️ (Dr.Bulti👨‍⚕️)
#Dhaqna_qabaa_ijoollee_dhiiraa
***
¥¥Ijoollee Dhiiraa dhaqna qabsiisuu kan qabnu umurii meeqarratti?

Umuriin dhaqna qabaaf filatamaa ta'e mucaan dhalatee guyyaa 8ffaa irraa kaasee hanga dhuma ji'a sadaffaattidha.

Sababiin isaas፡
1. Umurii kanatti daa'imman dhukkubbii xiqqaatu itti dhaga'ama

2. Yeroo dhaqna qabaa sochii xiqqaa waan taasisaniif hin rakkisani

3. Gara fuulduraatti waa'ee dhaqna qabamuusaanii kana (kan opereshinichaa) yaadannoo hin qabaatan

Amartii/qubeelaadhaan dhaqna qabuun akka gaariitti kan hojjetu daa'imni umuriin isaa ji'a afurii gadii yeroo dhaqna qabamudha. Umriin kun haadha mucaa kunuunsituufis ta'e daa’imaaf baay’ee mijataadha.
***
👉Kliniikaa keenyaattii dhaqna qabaa ijoollee dhiiraa Amartii/qubeelaadhaan ni kennina.

#Teessoon keenya: Magaalaa Buraayyuu, daandii guddaa Maarami irraa gara Dirree geessu, Waajjira Humna Ibsaa fuuldura.
~~~~
Dr.Lemi B Tolu
***
#DrLemiClinic For Quality Care
#0937355555

@Fayyaa_egeree
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️ (Dr.Bulti👨‍⚕️)
Deeppoo pirooveeraa/lilmoo ji’a sadii sadiin waraanamu
***
👉Kan mala ittisa da’umsaa ji’a sadiif gargaaru dha.
👉Lilmoodhan harka Irratti kan keennamu yommuu ta’u, qabiyyeedhan hormonii proojeestiroonii jedhamu of-keessatti qabata.
👉Malli ittisa da’umsaa kun hojii isaa kan hojjetu:
Ovuleeshiniin akka hin gaggeeffamne/hanqaaquun akka hin geejibamnee/ godha.
Mukasii yookin dhangala’aa afaan gadameessaa irratti argamu furdisuun mi’oon/semen/ akka haala salphaan hin dabarre taasisa.
Dhaabni gadameessaa micireedhaaf haala mijataa akka hin uumne taasisa.

👉Faayidaa isaa
Torbaan 12f da’uumsa ittisa
Yeroo dubartiin harma hoosiftu yoo fudhatame dhiibbaa geessisu hin qabu.

👉Dhiibbaa inni uumu

Marsaan laguu yeroo isaa eeggatee dhuufuu dhiisuu danda’a.
Dubara tokko tokko irratti ulfina qaamaa dabaluu danda’a.
Erga dubartiin mala ittisa da’umsaa kana fudhachuu dhabde booda ulfi yeroo muraasaaf turuu danda’a.
Dr.Lemi B Tolu
***
#DrLemiClinic For Quality Care!
0937355555

@Fayyaa_egeree
#Aaga
Wiixata dhufu irraa eegalee kitaaba haaraa GUDDINNI AKKANA jedhun isin qaqqabsiisa. Abbaan hojii ofii hin tuffatu malee kitaaba bareedaadha. Ani nan barreesse, hayyoonni Oromoo gurguddoon immoo ni gulaalan. Dadhabbii namoota hedduun kan dhugoome kitaabni kun guutummaa Oromiyaa irratti ni rabsama. Miliyoona 5nan tokko ni gurgurra jennee yaadna🤔. Qophiin nu eegaa!
#deemsiittifufa

Via Eebbisaa Baayisaa

@Orobook
#Nama_Siyaasaa
Barattoonni lama waliin dubbachaa mana barumsaa deemaa jiru. "Bara darbe eessumni koo paarlaamaaf dorgomaa ture" jedhe inni tokko. "Amma maal hojjetaree?" jedhee gaafate inni kaan.
"Amma hojii hin qabu" jedhee deebiseef.
"Maaliif hojii dhabe?" gaaffii biroo dabaleef.
Deebiin hiriyyaa isaa gabaabaa ture. "Ni filatamekaa!" kan jedhu.
Ilaa maal seetan?
Kitaaba koo GUDDINNI AKKANA jedhu dubbistanii irraa barattu. Gidduutti yeroo dadhabdan immoo kuusaa baacoowwan gaggabaaboo kan ta'e NAMA SIYAASAA kan jedhu dubbistanii itti bohaartu. Namoonni kanaan dura KOTTAA KOLFAA dubbistanii jaallattan kitaabni kunis bareedaadha. Torban dhufu lamaanuu ni rabsina.
#guddinniakkana
#namasiyaasaa
#deemsiittifufa
KANUMA EGAA!

Via Eebbisaa Baayisaa

@Orobook
HIRRIBA GA'AA RAFUU DHABUUN miidhaalee akkamii geessisaa?

1. Sammuu keenya adoocha. Daandeetti yaaduu, yaadachuu, xiinxaluu fi madaaluu hir'isa.

2. Dhukkuboota hedduuf akka salphaatti akka saaxilamnu taasisa. Kanneen keessaa: Dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa fi sammuu keessatti dhiigni itituu ykn dhiiguu.

3. Balaa tasaaf nama saaxila. Fkn. Balaa konkolaataa namarraan ga'uu yokaan namarra ga'uu.

4. Fedhii walqunnaamtii saalaa gadi buusa. Keessumaa dubartootaaf hirriba ga'aa hin rafne taanaan fedhiin walqunnaamtii saalaa dhabu.

5. Dhiphina sammuu fida. Namni yeroo ga'aa hin rafne turtii keessa sammuun isaa ofjibbuu, gadda fi dhiphina keessa seenaa deema.

6. Gogaan keenya dafee dulloomaa akka deemu taasisa. Kunis akkuma namni tokko yoo hirriba dhabu bulee ganama daalachaa'u turtii yeroo keessa immoo gogaan isaa miidhamaa deema.

7. Sammuun keenya waan hojjetaa oolle akka dafee irraanfatu godha. Sammuun keenya yoo rafnu waan guyyaa hojjetaa oolle process/xiinxalaa bula. Hirribni dhabamnaan kun hafeeti waan hinda hirraanfata.

8. Ulfaatinni qaamaa akka dabalu godha. Kunimmoo miidhaa kan biroo hedduuf nama saaxila.

9. Carraa dhukkuboota gara garaan du'uu dhala namaa olkaasa. Research biyya Englanditti hojjetame tokko akka ibsutti namoonni hirriba ga'aa argatan umuriin isaanii isaan hin arganne caalaa dheeraadha.

10. Murtoo kennuu irratti sammuu keenya dogoggorsa.

Fayyaan Faaya!

Via Dr. Gurmeessaa

@Orobook
#GUDDINNI_AKKANA
#NAMA_SIYAASAA

Dhangaaleen kun, si'a takkatti barreessaa keenya jaallatamaafi abbaa dhaloota danuu Eebbisaa Baayisaa irraa nu dhaqqabuuf jiru. Dhugaadha, kitaabota Eebboo dubbisee hin quufu. Argachuuf jarjareera. Anaa dhufu!😍

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!👏
Abdiisaa Ejjetaati


@Orobook
2024/09/24 21:26:25
Back to Top
HTML Embed Code: