Telegram Web Link
Jecha 'ofin ajjeesa' jedhu salphisatanii hin ilaaliinaa!

Namoota sababa tokko tokkoof, miidhaa ofirraan gahuuf yookan of ajjeesuuf akeekan itti qoosuurra, osoo itti dhiyaannee haala isaanii hubachuun danda'amee gaariidha. Yeroo halaala dhaabbannee ilaallu, jaallatanii yookan qoosaaf waan jedhan nutti fakkaachuu danda'a. Garuu miti! Yeroo baay'ee, mallattoon akkanaa of miidhuun dura kan mul'atudha. Kanaafuu, akka mallattoo miidhama yookan dhukkubaatti fudhannee itti dhiyaachuu qabna. Yoo akkana hin taane, waan itti aanee dhufu nama sana dhabuu ta'a. Kanarrammoo, dursinee hubachuu wayya. Wayya malee!

Gorsa fayyaati!

Galatoomaa!🙏🏻

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Ijoolleen kun Abdii Tasfaa fi Boonsaa Tasfaa jedhamu (umurii Waggaa 8 fi 3 ti). Aanaa Abee Dongooroo ganda Tuulluu Gaanaa jedhamutti abbaa isaanii obbo Tasfaa Guutee Nagaraa fi haadha isaanii aadde Boontuu jedhamanirraa akka dhalatan dubbatu. Garuu abbaa, haadha fi obboleettii isaanii kan hangafaa guyyaa tokkootti akka dhaban (jalaa ajjeesan) himatu. Akka tasaa ta'ee isaan lamaan gaafas du'a oolaniiru. Abbaan isaanii dhalataa aanaa Horroo Bulluq ture jedhama. Kanaafuu fira abbaa isaanii baruu barbaadu. Amma aanaa Hoorroo bulluq magaala Saqalaa nama biraa jiru. Kanaafuu namni fira abbaa isaanii beektaan karaa keessaa nuuf dhaama jenna. Galatoomaa. Waan qabnuu fi beeknuun lammii keenya haa deeggarru.
#Share!

@Orobook
Furmaanni Dammaquudha!

"Namichatu abjuudhaan bosona guddaa keessa deemaa ture. Osoo bosona addaan kutee deemaa jiruu, hoomaan waraabessaa gaana kaase, itti dhufe.Rifatee gara fuulduraatti osoo fiiguu, of duratti haroo bal‟aa naachi keessaa mul‟atutti dhufe. Waan godhu dhabnaan, muka tokko koruuf yaadee, gara mukaatti fiige. Koruu eegale. Muka yaabbachaa osoo jiruu gara irraan jawwee muka irraa isa nyaachuuf itti deemu arge. Namichi kun jalaan waraabessa, fuulduraan haroofi naacha, gara irraan immoo jawweedhaan marfamee jira. Rakkoo hamaa isa muudhate kana keessaa bahuuf maal gochuu qabaa? Namni kun yoo fiiges, utaales, gara samii barrisees, nyaatamuu jalaa of oolchuu hin danda'u.

Rakkoo walxaxaa kana keessaa bahuuf fala tokko qofa qaba. Innis dammaquudha. Namichi kun hirriiba keessa jira. Kana jechuun gaafa dammaqe wanti inni akka rakkootti ilaalu kun rakkoo hin jirredha. Kana jechuun wanti namicha kana rakkise marti akka inni itti ilaalaa jiru irraa madda. Ilaalchi yoo jijjiirame rakkoon ni furama." Galaa Sammuu, fuula 97
Har'a irraa eegaluun godinaaleefi magaalota Oromiyaa garaa garaatti raabsamuu eegalee jira. Barbaadaa dubbisaa!

Guyyaa gaarii!
Forwarded from Guduunfaa📚
Seedaa !🥰
(Humna keessoo si ittisu injifadhu!)

Kitaaba "The Success principles, " kan Jack Canfield-tiin barraa'e irraa, waa'ee daangessituu humna keessoo dubbise kana waliin haa qooddannu:-

Haal-dureewwan daangessituu (limiting factors) irra aannaan/injifannaan/, haal-dureen kamiyyuu hagas mara nu dhaabuu hin danda'ani. Deemuuf deemsa irraa, gochuuf gochaa irraa, mo'uuf mo'icha irraa waanti nu dhaabu qaama alaa ykn dhiibbaa naannoo osoo hin taane, numa mataa keenya! Ofumaan of! Waa'ee waan nu dhaabuu danda'uu yaaduun of injifachiisuu keessatti hirmaachifna. Amaleeffannaa nu balleessaniif sababa hin malle sababsuun harka kenninaafii. Dhugaatiitti of gatanii jiraachuun, tamboo aarsuufi kanneen biroo miidhaa isaanii osooma beeknuu miira aarii keenyaa keessa dhokfachuuf ofitti firoomfanna. Kun affeerraa qaamaa alaan nutti dhufu miti; affeerraa dhuunfaa keenyaati. Numatus ofirraa mulquu danda'a.

Sirreeffama jireenyaa tuffachuu, itti fufinsaan of barsiisuu dhiisuu, jiruu waa'ee hin baafne irratti yeroo balleessuu, yaada waa'ee hin baafne walitti qabachuu, nyaata fayyaaleessa hin taane nyaachuu, sochii qaamaa gochuu dhiisuu, qarshii humnaan ol balleessuu, jireenya fuulduraa dagaagsuu dhiisuu, diddaa barbaachisaa dheessuu, dhugaa jiru himuu dhiisuu, waan barbaannuuf gaafachuu dhiisuu- kunneen waan ofiin ofirratti raawwannudha. Kana gochaa qaama biraatti quba qabuun quucara jireenyaa nutti affeera.
~~~
    #Dhaamsa koo!
Humni na keessaa, beekumsi ani qabu qar-lama! Yoon ittiin of ijaare na ijaara, nan ijaarama; yoon ittin of balleesse na balleessa, nan badas. Ittiin fiiguu fuulduratti na humnoomsa; ittiin dhiigus isumatu na dhiigsa. Humni keessa koo jiru humna ittisa alaa ni caala. Caalee kan argamu immoo akka caalu yoon beekedha. Humni  keessa koo qar- lameedha. Qar-lamee!
Kun dhaamsa ani ofii dhaamedha. Mee atis waa ofiin jedhi. Humni keessa kee jiru qar-lameedha. Eeyyeen humni keessa keenya jiru...!

    Ulfaadhaa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
"#Jaalladheen_Miti_Yaa_Barsiisaakoo!"

Daree qorumsaa keessattidha! Barsiisaan duubarra dhaabatee, barattoota qorumsa qoraman eegaa jira. Osooma akkanaan jiruu, barataa waraqaa maramaa tokko barataa biraatti darbatu tokko arga. Ariitiin deemee waraqaa sana fuudhe, barsiisichi. Yeroo banee ilaalu deebii qorumsaati. Yeroo kana, barattoota lama: isa darbatuufi darbatamaafii sana harkaa gaaffii qorumsa isaanii fuudhee deebi'e. Akkanaan qorumsa irraa dhorke. Dhorkuu qofaas miti, booda akkuma qorumsi dhumateen akka biirootti isa dubbisan itti hime.

Akkuma jedhaman, barattoonni lachuu deemani. Barsiisaan sun gaaffiidhaan isaan eegale. Inni qorumsi darbatameef sun, homaa hin dubbanne. Dabareesaa inni qorumsa osoo darbatuu qabame akkana jechuun deebise; "Akkuma sinuu beektan, ani barataa adda duree daree kanaati. Sababa kanaaf, akkan isaan gargaaruuf barattoonni na gaafatu. Animmoo nan didaanii. Yeroo kana gadoo garaa kaawwatanii kaan na oodu; kaan immoo irruma keessa na dubbisu. Kun kanan kanaan dura dabarsedha. Kan fuulduraas immoo na yaachisuu eegale. Kunis maal seetani! Yoon nama kana gargaaruudhaa baadhe ni kufa. Yoo kufe immoo akkuma ta'u ta'ee, waanuma godhu godhee hoggansaan bakka ta'e gala. Yookan edda gadoo yookaan jibba kiyya garaa keessa godhateen akkuma ta'etti darbee bakka wayii galee yoo na eege, badii biraatu narra gaha.

Kana hunda yaada keessa galcheen akkana godhe malee, jaalladheen miti yaa barsiisaakoo" ittiin jedhe, barataan hachisiisaa ture sun.

Deebii barsiisaan sun kenneefii hin dhageenye. Kanuma qofaa akkuman dhagaheen, waan Pirezedaantiin biyya Zimbaabuwwee duraanii, Mugaabeen jedhe tokko yaadadheen, 'mucaan kun dhugaa qabaayii' jechuuf jedheen dhiise!
Siniif dhiise!

Dhugaa seetanii akka hin siyaasessinemmoo, qoosaadha!😂

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Obomboleettiifi Itti fayyama "Eemitii ykn Mitihee" Kutaa tokkoffaa (Reposted)

Mitiheen (Paradox) gosoota malleen dubbii keessaa isa tokko ta’ee, yaada waliif faallaa ta'an lama of keessatti hammatee kan uumamuu dha. Innis yaada ‘eyyee’ jedhuu fi ‘miti’ jedhamu of keessatti qabata.
Kanis yaada dubbii sanaa ‘… miti’ ykn ‘ eyyee’ jennee xumurru osoo hin taane, lamaan keessaa deebii tokko filachuuf akka rakkannu nu taasiisa.
Kana jechuun jechoota ykn waantoota walii faalla ta’an garuu yaada walii ciimsan kan ilaaludha. Yaanni himichi qabatees 'eeyyeen' ykn 'miti' kan nama jechiisiisu dha.
Fakkeenyaf:
1. Ummanni keenya kun falaasama 'Yoo nageenya barbaadde waraani' jedhu qofa hordofa.
2. Leencoon osoo nyaatuu beela’a.

Himoota armaan olii keessatti jechoota waliif hiika faallaa ta’an qabantu argama.
Hima tokkoffaa keessatti namni nagaa barbaadu waraana kaasuu hin qabu jenne yaanna, gama biraan ammo waraanaanii mo’icha gonfachuun nagaa buusuun ni danda’ama. Kanaaf yaanni kun deebii 'eeyye' ykn 'miti' jedhuu akka kenninu nu taasiisa.
Walumaagalatti, hima tokko keessatti jechoota hiika waliif faallaa qaban hima tokko keessatti wal-faana hiriirsinee dhimma itti bahuun akaakuu malleen dubbii keessaa Mitihee (Eemitii) ta’a jechuudha.

Kanumarraa ka’uun kitaaba walaloo ‘Obomboleettii’ keessatti itti fayyadama mala dubbii gosa kanaa ilaalchisee fakkeenya waliin akka armaan gadiitti haa ilaallu.
Osuma jennuu, "Obomboleettiin" kan barreesse Obbo Zalaalam Abarraa ta'uu hindagatinaa.

Fkn.1
".....
Kan si jibbu ati jaalladhu, kan si jaallatu ati jibbi
Bifa addaadhu akka eelee, gurraacha’i akka jirbii
Diilallaayi akka ibiddaa, qaamaa ho’i akka cabbii
Ofiikeetiin haasayi, dudubbadhu, lallabi
..... (fuula 163)

Walaloon armaan olii walaloo ‘Obboo ‘bbaa caalii’ jedhurraa fudhatame.
Walalicha keessatti jechoonni yaada faallaa waliif qaban galaniiru.
Isaanis jibbuuf jaallachuu, addaachuu fi
gurraacha’uu, dilallaa’uu fi ho’uu, akkasumas haasa’ii fi lallabi kanneen jedhanidha.
Fakkeenya kana keessatti, bo’oo jalqabaa irratti nama nama jibbuuf deebiin isaa jibba ta’ee osoo jiruu, ‘jaalladhu’ jedha; kan jaallatuuf immoo deebiin jaallachuu ta’uu osoo qabuu ‘jibbi’ jedha.
Kanarraa ka’uun yaadni kun ‘miti’ nama nama jaalatuuf jaalalatu mala kan jechisiisu yoo ta’u, gama biraan immoo haala tokko keessatti kan jibbu jaallachuun, kan jaallatus jibbuun ni jira. Yaadni kun immoo ‘eeyyee’ kan jechisiisudha. Kanarraa ka’uun Waloon malleen dubbii keessaa ‘mitiheetti’ akka gargaarame hubachuun ni danda’ama.

Fkn 2.
Achii..
Warratu ijoollee guddisa
Asii…
Ijoolleetu warra guddisa
Achii…
Namichatu abbaa mucaati
Asii
Mucaatu abbaa namichaati
..... (fuula 178)

Fakkenyi kun immoo walaloo ‘Achiii fi Asii’ isa jedhu jalaa fudhatame. Afeen kunis yaadota waliif faallaa lama qabatee argama.
Innis ‘ijoolleetu warra guddisa’ fi ‘mucaatu abbaa namichaati’ Kanneen jedhanidha.
Xiyyeefannoon walaloo kanaa garagarummaa aadaa Awuroopaafi Oromoo gidduu jiru bu'uura godhachuun kan bareefameedha.

Kanumarraa ka’uun haala baratamaa keessatti warratu ijoollee horatee guddisa. Gama biraan immoo maatiin erga ijoollee horatee booda yoo hiyyoome ijoolleen maatii guddisti. Akka biyyoota Awuroppaattimmoo, maangudoonni bakka tokkotti walitti qabamanii ijoolleen ykn dhaabbataan kunuunfamu.
Kanaaf himni kun yaada ‘eeyyee’ fi ‘miti’ jedhu of keessaa qabaachuusaa hubanna.
Bo’oon itti aanu ‘mucaatu abbaa namichaati.’ Kan jedhu yoo ta’u abbaan mucaa horatee ‘abbaa’ ta’uun ‘eeyyee’ kan jechisiisudha.
Haa ta’u malee mucaan abbaan isaa hiyyoome gargaaree yoo fooyyeesse waan abbaansaa ofiif gochuu qabu mucaan abbaaf yoo godhe, mucaan akka abbaa namichaatti waan hojjeteef ‘mucaan abbaa namichaa ta’a’ jechuun ni danda’ama. Haala baratamaa keessatti garuu ‘mucaan abbaa namichaati’ yoo jedhamu ‘miti’ kan nama jechisiisudha. Kanaaf malleen dubbii ‘mitihee’ walaloo keessatti akka dhimmi itti bahame hubachuun ni danda’ama.
Fkn.3
Namni isaan qabame jiraatti tortora,
Utuu hindu’iin sama
Yemmuu lubbuun baatu bifatu jijjiirama
Gurraacha limixiitti bifti geeddarama
Du’a gurraachattis kanaaf moggaafama
……………(fuula 184)

Afeen asiin olii kun mataduree ‘Du’a Gurraacha’ isa jedhu keessaa kan fudhatamedha.

Walaloo armaan olii kana keessatti ‘du’aa fi jiraan, tortoraa fi utuu hin samiin’ isaan jedhan yaadota faallaa waliiti.
Kana jechuun namni tokko osoo lubbuun jiruu (jiraatti) hin tortoru; tortore taanaan immoo dursee du’eera jechuudha.
Gama biraan immoo namni tokko garmalee dhukkubsannaan qaamnisaa tortoruu danda’a.
Kana jechuun yaadni kun ‘eeyyees’ ; ‘mitis’ yaada nu jechiisiisu qaba jechuudha. Kanumarraa ka’uun waloon mala dubbii mitiheetti akka gargaarame hubachuun ni danda’ama.

Fkn. 4
………………
Eenyu ‘asham’ haa jedhu, eenyu haa waldhaanu?
Isa du’ee ciisu eenyu haa awwaalu, eenyu haa kafanu?
Daboon dhukkubsanneef, daboon hin fayyinu.
Jedhee falaasomnee, jedhee maragoomnee
Jiraa akka walganne
……..(fuula 188)

Mata dureen Afeen kun keessaa fudhatame, ‘Du’a Gurraacha’ isa jedhurraati.
Bo’oon sadaffaa afeee kanaa ‘Daboon dhukkubsanneef daboon hin fayyinu.’ jedha.
Yaadni himni kun qabu waliif faallaadha. yaadni inni jalqabaa gareen namootaa waliin dhukkubsataniif waliin hin fayyan kan jedhudha. Kana jechuun Garee kana keessa kan dhukkubichaaf qoricha argate fayyuu, kan dhabemmoo lubbuun darbuus jiraachuus ni danda’a jechuudha.
Gama biraan immoo, dhukkubni tokko garee namoota hedduu yoo qabate, isaan kaan illee yoo hafan garee hedduu keessaa garee muraasa lubbuu baasuu, ykn irraa baraaramuus ni danda’u.
Kanaaf gareen xiqqaan kun daboon (waliin) waan kanaan hubame waan ta’eef daboon dhukkubsatee daboon kan fayyes argachuun ni danda’ama jechuudha. Kanaaf akka yaada kanaatti gareen dhukkubsatanii fayyuunis; du’uunis jiraachuu nu hubachiisa.
Kanarraa ka’uun waloon maladubbii mitiheetti gargaaramuun yaadasaa ibsuusaa gamanumaan hubachun ni danda’ama.

Fkn 4
"Ana, Anaa fi An"

Ani waa ta’eera
Waa naa malaa firaa
Tokkeen koo inni tokko, qalbii na qirqira
Irranfachuu irraanfata,
Yaadachuu yaadata,
Hirriba dagata.
Tokkeen koo inni tokko, akkas yeroo rafu
Waaman hin dhagawu, yaa anaa inaafuu!
Gar tokkeen koo kaan…
“Kaleessi maali…?” naan jedha
Gurjaa na bushuu fedha.
“Har'i maali… kaleessa borii yoo hin taane?
Boris maali…eega kaleessa hin dhaalle?"
Jedhee…, irribaa na kaasa
Raasee na dammaqsa.
Tokkeen lama ta'een, takkas sadii ta'een akka Sillaasotaa
Irribaa of kaaseen, ofii koottin falma, ofittan mugguta.
(Fuula 184)

Walaloo kana keessaa
"Hardhi maali… kaleesssi boor yoo hin taane?
Booris maali,eega, kaleessi hin dhalannee?"

Afeen gubbaatti eerame kun walaloo ‘Himee muldhistuu’ isa jedhu keessaa waraabame.
Kana keessaa yaada walii faallaa ta’an lama argachuu dandeenya. Isaanis ‘kaleessaa’ fi ‘boor’.
yaadni kun har’arra dhaabbannee yoo ilaalle dheengadda, kaleessi mmoo boru ture; 'boru' kan jechaa turres gaafa darbinee ilaallu kaleessa ta’a.
Gama biraatin immoo kaleessi boru hin ta’u. kaleessi of fakkaata; boru immoo boca haaraa qabatee dhufa.
Kanarraa ka’uun yaada ‘eeyyee’ fi ‘miti’ jedhu qabaachuusaa nu hubachiisa. Kanaaf mala dubbii mitiheetti dhimma bahamusaa akka salphaatti hubachuun ni danda’ama....!

Via Leencoo Badhaadhaa

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Rakkina si mudatu furi yookan itti dhiisi malee, faana hin jiraatiin. Rakkinni Haa Rakkatu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Forwarded from Guduunfaa📚
Eebba Kitaabaa

Torban har'aa jechuunis Adoolessa 16/2015 Giddu Gala Aadaa Oromootti, sirni Eebba Kitaabaa guddaan qophaa'ee jira.

Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin kan qophaa'e, kitaabni SEEDAA Asoogawwan Biroo Waliin jedhu ni eebbifama.

Saganticharratti:

1. Marii Paanaalii Dhimma Egeree Ogbarruu Oromoofi Ammaa
2. Hojiilee Ogbarruu adda addaa (Walaloo, Barxapheefi Koomdii)
3. Qeeqa Kitaabichaa

Sagantaa seena qabeessa kanarraa hin hafinaa.

😍
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Qormaata ba'umsa yuunivarsiitii baranaa irratti akka biyyaatti qabxii olaanaa Obsineet 99/100 galmeessite

የሪፍት ቫሊ ዩኒቨርሲቲ ስም የክብር ጣራ ላይ የሰቀለች ተማሪ #Obsineet_Gaaromaa! Exit Exam 99/100 ⚫️🔴⚪️

Qormaata ba'umsa Yuunivarsiitii barana akka biyyooleessaatti kennameen qabxiin olaanaa akka biyyaatti tokkoffaa ta'e yuunivarsiiticha keessatti galmaa'u Yuunivarsiitiin Riiftivaalii beeksise.
Namoonni Amboofi Naannawwaa isheetii kitaaba kiyya #Sansakkaa_Sakaalame na gaafattan, #Mana_Kitaabaa_Waliin_Waliif_Gammee, kan Mana Barumsaa Qophaa'ina Amboo fuuldura jiruutii ni argattu. Teessoon dabalataa 👉 +251917455544

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
       Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Dr. Abdisa Ejeta Official Channel pinned «Namoonni Amboofi Naannawwaa isheetii kitaaba kiyya #Sansakkaa_Sakaalame na gaafattan, #Mana_Kitaabaa_Waliin_Waliif_Gammee, kan Mana Barumsaa Qophaa'ina Amboo fuuldura jiruutii ni argattu. Teessoon dabalataa 👉 +251917455544 Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!…»
☆𝐇𝐚𝐫'𝐢 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐖𝐚𝐫𝐞𝐞𝐠𝐚𝐦𝐚 𝐖𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚 46𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐀𝐧𝐠𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐬𝐨𝐨 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚; 𝐆𝐚𝐚𝐳𝐞𝐱𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐨𝐨 𝐀𝐛𝐮𝐛𝐚𝐤𝐚𝐫 𝐌𝐮𝐮𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢.

-
Dhiigni qaalii inni kaleessa Oromummaa fi Oromoof lolaase sun har'as siidaa sabboonummaa seenaa Oromoo ta'uun onnee dhaloota qubee miliyoonotaa keessaa belbela. Gumbii walaloo, gaazexeessaa, qindeessaafi falmaa mirga namoomaa Oromoo ta'uun beekama.  Artistoota qaqqaalii Oromoo walitti qabuun mataa ta'ee Hawwisoo Afran Qalloo namoota  ijaaran keessaa Abubakar nama duraati. Mataa ta'uun cinatti walaloo mimiidhagoo qopheessuun, miseensota hawwisoo cimsuun, akkasumas, hawwisoo Afran qalloo qindeessuun nama seenaa gaarii qabudha.

Walaloo lubbuu qaban kan yeroon irra darbuu hindandeenye wallistoota Oromoo hedduuf kennuun sirbitoota muraasa har'a fiixee milkaa'ina aartii Oromoo irratti argamaniif riqicha ta'ee jira. Keessattuu sirboota Doktara kabajaa artist Alii Birraan ittiin beekaman kanneen akka Kophaakoo na dhiiftee..Si barbaadaa.....fi kkf. Kana malees, walaloo ajaayibaa yaadannoo Ahimad Taqiif ( Hundee) akka addaatti barreessuun Alii Birraaf kenneera. Aliinis sagaleesaa kiilolee sanaan:-

Yaa Hundee bareedaa...
Yaa Hundee miidhagaa.... jechuun qalbii Oromoo hundaa keessaa akka qillisaa hafutti weellise.

Yoggus Mootummaan Dargii Afran Qalloo dhorkus mul'ataafi abjuu Abubakariin ugguruu hindandeenye. Abubakar dhaabbata Raadiyoo Hararitti miindeffamuun hojii gaazexummaasaa akkaan jaallatu itti fufe.

Ta'us, barri 1969 ALH nama jabaa kanaaf bara dukkanni hamaan hiriba dhuma hinqabne qabatee itti dhufe ture. Miliishonni mootummaa Dargii utuu inni oduu dubbisee ba'aa jiruu karaatti rasaasaan waadanii addunyaa kanarraa dhabamsiisan. Kan nama gaddisiisu reeffi isaa waraabessaan nyaatamee lafeen qofti awwaalamuu isaati. Gatiin kaleessa Oromummaaf Oromoof kaffalame salphaa miti.
Abubakar Muusaatiif bara tokko milkoofnee Siidaa Warqee ijaarraaf!

Via Wabii Kabbadaa Barkeessaa

@Orobook
Namni Gaggabdoo qabu tokko si biratti kufee beekaa? Akkamitti gargaaruu dandeessaa ?

#Gaggabdoo/ Epilepsy!

Wantoota namoota sababa gaggabdootiif kufaniif godhamuu qaban keessa murasni:
✓ Akka balaan irra hin geenye ittisuu. Wantoota qara qabanii fi miidhaa irraan gahuu danda'an irraa fageessu.
✓ Mataa isaanii boraasisuu, waan laafaa mataa isaanii jala kaa'anii irkisuu
✓ Akka qillensa haalan baafachuuf isaaniif mijatuuf Cinaacha bitaan akka ciisan gochuu.
✓ Hanga isaan of baraniif itti dhiyaatanii callisaan hordofuu.
✓ Nannoo morma isaanitti uffata hedduu isaan qabu kan uffatanii jiran yoo ta'e irraa furuudhan akka qillensa bilisan baafatan gochuu.

Wantoota godhamuu hin qabne!
√ Wixxifanna fi sochii isaan godhan sana ittisuuf yaalun hin barbaachisu. Innuu ofuma isaatii daqiiqa muraasa booda ni dhiisa.
√ Waan kamuu afaan keessa ka'uun hin barbaachisu. Wanti dhugamuu fi wanti nyaatamu tokkos hanga isaan guutuutti of baraniitti kennamufii hin qabu.
√ Iddoo balaaf isaan saaxiluu danda'u irratti kan kufanii jiran yoo ta'e malee sossochoosuuf yaaluun hin barbaachisu.
√ Kirbiitii fi wantoota gargaraa itti aarsuun hin barbaachisu.
√ Rifachuu fi shororkaa'uun hin barbaachisu!

#Gorsa!
Dhukkubni gaggabdoo yaala waan qabuuf gara mana yaalaa deemuudhaan dawaa kennamu itti fufiinsaan fudhatanii balaa sababa isaatiif dhufuu danda'u of irraa qolachuun hedduu barbaachisadha!

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firomsa Urgessa( Ogeessa yaala sammuu)

@Orobook
The Secret Formula (Icciitii Milkaa'inaa)

Success demands these 6 things..

1. Hard Work (Jabaadhuu hojjedhu)

Don't believe in luck, believe in hard work.

Stop trying to rush the process or searching for a shortcut.

There is none.

2. Patience (Obsa qabaadhu)

If you are losing the patience, you are losing the battle.

First nothing happens, then it happens slowly and suddenly all at once.

Most people give up at stage one.

3. Sacrifice (Cichoomina)

If you don't sacrifice for what you want, then what you want becomes the sacrifice.

Everything has its price. The question is: Are you ready to pay it for the life you desire?

4. Consistency (Walitti fufiinsaan yaali)

Consistency is what transforms average into excellence.

Without consistency, you will never achieve greater success.

5. Discipline (Naamusa qabaadhu)

Motivation gets you going, but discipline keeps you growing.

There will be days when you don't “feel” like doing it.

You have to push through those days regardless of how you feel.

6. Self Confidence (Ofitti amanummaa)

Confidence is, I'll be fine if they don't like me.

Torban gaarii qabaadhaa.

Jen Fajardo Cwp Cepp
(C) Grind Success

@Orobook
Hedduun keessan, Barreessaa fi barsiisaa, gargaaraa pirofeesaraa Fedhasaa Taaddasee ni beektu. Yeroo darbe haati ijoollee isaanii hedduu dhukkubsataa akka turan, karaa FB maxxansaa turan, Qaroon ija isaanii guutummaatti arguu akka dhaabee fi isaan yaalchisuuf qarshii qaban mara fixanii, rakkina keessa akka jiran ‘TV Mo'aa dubbataniiru.  Kana malees barnoota digirii 3ffaa isaa hordofaa ture addaan dhaabee jira.  Haguma humna keessanii cina dhaabadhaa adaraa.

Nama dhukkuba! Haala ati keessa jirtu kana keessatti waaqni si waliin haata'u!
Fedhasaa Taaddase Guutaa
CBE: 1000282203298
OB: 1124962800001
Awash Bank: 01320173994800
CBO: 1000038382849
Lakk. Bilbilaa 0946677313

@Orobook
2024/09/24 23:21:15
Back to Top
HTML Embed Code: