Telegram Web Link
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ (Dr.Bulti๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ)
Dr. Dureessaa Tarfaa Hospitaala Burqaa Dhintuutti ogummaa barateen hawaasa isaa utuu tajaajiluu, akka tasaa dhukkubsate. Dhukkubni isaas Kaanserii lafee ta'uu qorannootiin erga baramee booda, gara biyya alaa deemee akka yaalamuuf hospitaalli Xiqur Ambassaa riiferii barreesseef. Gara biyya alaa deemee yaalamuuf garuu, qarshii Itiyoophiyaa miliiyona afur gaafatame. Dooktorri kun humna ittiin of waldhaansisu waan dhabeef, erga gara sireetti deebi'ee ji'oonni hedduun darbaniiru. Hiriyoonni Dr. Dureessaa Tarfaas isa waldhaansisuuf, duula gargaarsa walitti qabuurra jiru.

Dr. Dureessaa Tarfaatiif ammatti gargaarsa addaatu barbaachisa. Adaraa keessa herrega baankii gadii kana irratti waan dandeessaniin Dooktera kana deggaraa.

Akkaawuntii Baankii daldala Itoopiyaa
1000136089327
Duresa Terfa Ejeta

Awash International Bank
013201159260401
Duresa Terfa Ejeta

Cooperative Bank of Oromia
1058800004097
Duresa Terfa Ejeta

@Fayyaa_egeree
Aaga dhaga'aa!

Tiyaatirri keenya Ganamee jedhu, kan kanaan dura Magaalaa Bishooftuutti agarsiifamuudhaan jaalatamummaa guddaa gonfate, magaalota gurguddoo Oromiyaarra naanna'ee agarsiifamuuf qophiin hundi xumurameera.

Kunoo Hagayya 14, (ALH) Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti isin dhaqqabuuf guyyaan muramee,qophiinis xumurameera.
Kottaa Ganamee daawwadhaa!
Dhuftanii Tiyaatira kana yoo daawwattan,sadarkaa Tiyaatirri Oromoo irra ga'e ajaa'ibsiifattanii akka galtan hin shakkinu!

#GANAMEE
Barreessaan: Wabii Kabbadaa Barkeessaa
Daayireektarri: Fekadu Dadi
Pirodiyuusarri: Abu Demissie
Piroomooshinii Aartii Dungoo waliin ta'uudhaan.

Via Wabii Kabbadaa Barkeessaa

@Orobook
Forwarded from WALDHAANSOO (Lachissa Mideksa)
Maqaan maatiin manatti moggaasaniif #Ayyaantuudha. Mucayyoon erga mana barumsaa dhuftee #Ofiin-boontuutti jijjiirteetti. Gaafa tokko harmeen Ayyaantuu gara mana barumsaa dhufnaan-

Barsiisaan- Maal isin gargaarru harmee? Jedhee gaafate.
Harmee Ayyaantuu- Anoollee mucaa koo 'timirtiirraa' hambisee hin beekuu, har'a waa rakkannaanin eeyyama sin gaafachuu dhufe!

Barsiisaa - Maal rakkattan?
Harmee Ayyaantuu- Daboo wayiin qabaan midhaan wayii 'hofcootti' ergachuu barbaade. Naaf haageessitu jedheeni.
Barsiisaa - Yoomitti?
Harmee Ayyaantuu- Boru
Barsiisaa- Eenyu maqaan mucaa keessanii?
Harmee Ayyaantuu- Ayyaantuudha

Barsiisaa- Ayyaantuu? Kutaa meeqaffaa baratti?
Harmee Ayyaantuu- 'Kifilii' 8 keessa tamaarti.
Barsiisaa - Kutaa 8ffaa keessa shamarreen Ayyaantuu jedhamtu hin jirtu.
Harmee Ayyaantuu- Lakki ishiin kootii jirti.
Barsiisaa- Ayyaantuun maqaa manatti ittiin waamtan ta'innaa? Maqaa biraa qabdii tarii?
Harmee- Hin qabdu. Alattuu manattuu Ayyaantuma. Maqaan hammachiisaa ishee kanuma.
Barsiisaa- Har'a dhufteettii?
Harmee Ayyaantuu- Eeyyeen 'gizeedhaan' dhufteyyuu
Barsiisaa- Barataa tokko gara dareetti erguun "Ayyaantuu kan jedhamtu naaf waami! "

Ofiin-boontuufi Shiibirreen dareedhaa bahanii osoo as deemaa jiranii, Harmeen Ayyaantuu alaalatti arganii "Kunootikaa Ayyaantuun koo" jedhan.
Barsiisaa - Ishee kami keessaa?
Harmee Ayyaantuu - Ishuma na fakkaattu kanakaa ahhhh!
Barsiisaa- Ahhh! Nuti Ayyaantuudhaan hin beeknu, maqaanshee Ofiin-boontuu dha mana barumsaatti.
Harmee Ayyaantuu- Boontii moo maaliin boontuu jettan? Maal akkanni ๐Ÿ˜  ...

Barsiisaa- Nagaan galaa, bor qofatu eeyyamameef!
Harmee Ayyaantuu- Naaf jiraadhaa, Waaqni biddeen keessaan haa guddisu! 'Ginii' maqaa 'qayyaruun'shee... Ijoollee bara kanaamoo! ๐Ÿค”

NB: Maqaa maatiin milkii ilaallatee ykn sababa quubsaan moggaaseef callisanii jijjiiruun bu'aa hin qabu. Yoo jijjiiruun barbaachisaa ta'ee argamemmoo, maqaa maatiin hundi (haadhaafi abbaa) beekan ta'uunsaa shaggaadha. Beekuu qofallee miti, waamuuf illee kan isaan hin rakkifne ta'uu qaba. ๐Ÿ™

ยฉ Lachiisaa
Dachee Oromiyaa Ambo hambaa lafaarratti eebbi kitaaba Hambaa Abbaa gaafa 07/12/2015 waaree dura sa'a 3:00 irraa eegalee Galma Yuun. Ambootti bakka Oromootni hedduun aragamanitti uummataaf ifoomsuuf qophiin xumuramee jira.
Eebbi kitaaba Hambaa Abbaa Amborratti adeemsifamu Kun Oromootni biyya keessaafi biyya ambaa kallattii maraan jiran, haala qindoomina qabuun kan irratti hirmaatan ta'uun isaa beekamee Dilbata guddaa dhufu Amboofi uummata ishee faana sagantaa seena qabeessa ta'e kanarratti akka hirmaatan afeeramtanii jirtu.
Waraqaa seensaa qabaachuun dirqama miti.Namni dhufee kamuu sagantaa eebba kitaaba Hambaa Abbaa kana irratti hirmaachuu danda'ama. Oromootni biyya hambaa jiraattanis, kallattiidhaan akka hirmaatan haala mijeessuu ni yaalla. Torban gaarii!

Via Obbo Tasfaayee Dhaabaa, barreessicha

@Orobook
#Affeeramaa
Kitaaba Xiin-sammuu mata dureen isaa "HIREEF KENNAA" jedhu, kan Hawwii Malkaamuu-tiin barraa'e, ammaaf Magaalaa #Naqamtee Naannoo marfata 2ffaa, #Mana_Kitaabaa_Eermiyaasiitii ni argattu. Manneen kitaabaa magaalaawwan biroos akkuma gaheen isin beeksifna.      Dubbisa gaarii!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Boru ganama sa'aa 3:00 irratti, Galma Yuunibarsiitii Ambootti wal arginee kitaaba #Hambaa_Abbaa jedhu eebbisiifanna. Barreessaa kitaabichaa kan ta'an, abbaa guddaa obbo Tasfayee Dhaabaatiin milkaa'aa jenna!

Irraa hin hafamu!
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#RAKKINNI_HAA_RAKKATU!
Kitaabni kiyya jalqabaa kun, waggaa #sadan yoonaa dubbiftoota isaatti bahe. Turtii kana keessatti, namoota hedduu akka dhaqqabettan beeka. Kanaaf ragaan, yaadota dubbiftoota irraa na gahaa tureefi jirudha. Ammallee itti haa fufu!

#Rakkinni_Haa_Rakkatu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
HOROMDHOOQII'n kitaaba hawwataadha. Yeroon gulaalen arge. Osoo nama hunda dhaqqabeen jedha. Keenboon Abrahaam, barreessaan kitaabichaas, nama baay'een gahuuf haala mijeessaa jira. Kunis, Dilbata dhufu (14/12/2015) Galma Bulchiinsa Magaalaa Gimbiitti eebba kitaabichaa nu waameera. Namoonni hirmaachuun nuuf mijatu haa hirmaannu; haa eebbifannu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Hakim
แˆฐแ‹Žแ‰ฝ แŠฅแ‰ฃแŠซแ‰ฝแˆแŠ• แŠ แˆตแ‰ฐแŠซแŠญแˆ‰! | Sirreessaa Malee Jarana!

แ‰ฃแˆˆแˆแ‹ แˆณแˆแŠ•แ‰ต แŠแ‰ แˆญแฃ แ‰ แŠ แŠ•แ‹ต แ‰ แˆ˜แ‹‹แˆˆ แˆ…แƒแŠ“แ‰ต แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แ‰คแ‰ต แŠแ‰ต แˆˆแŠแ‰ต แ‰ แŠฉแˆ แŠฅแ‹ซแˆˆแแŠฉ แˆณแˆˆ แ‰ แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แ‰คแ‰ฑ แˆ˜แŠ•แŒˆแ‹ต แˆ‹แ‹ญ แŠจแ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แ‰คแ‰ฑ แ‹จแ‰ฐแˆ˜แˆจแ‰ แˆ…แƒแŠ“แ‰ต แŽแ‰ถแ‹Žแ‰ฝ แ‰ฐแ–แˆตแ‰ถ แŠ แ‹จแˆแข

แŒ แŒ‹ แ‰ฅแ‹ฌ แˆณแ‹ญ! แ‰ แŽแ‰ถแ‹Žแ‰น แˆตแˆญ แˆแˆˆแ‰ต แŠแŒˆแˆฎแ‰ฝ แŠ แˆ‰แข แŠ แŠ•แ‹ฐแŠ›แ‹ แˆตแˆ›แ‰ธแ‹ แŠแ‰ แˆญแข แˆŒแˆˆแŠ›แ‹ แ‹ฐแŒแˆแฃ แˆฒแ‹ซแ‹ตแŒ‰ แˆแŠ• แˆ˜แˆ†แŠ• แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแˆแˆแŒ‰ แ‰ แˆตแˆฉ แ‰ฐแ…แแˆแข

แ‰ แŒฃแˆ แˆตแˆ‹แˆตแ‹ฐแŠแ‰€แŠ แŠแ‰ แˆญ แ‹จแ‰†แŒ แˆญแŠฉแ‰ตแข แŠจ46 แ‰ฐแˆ›แˆชแ‹Žแ‰ฝ แˆ˜แŠซแŠจแˆแฃ แŠ แŠ•แ‹ฐ แˆ…แƒแŠ• แ‰ฅแ‰ป แŠแ‰ แˆญ แˆˆแ‹ˆแ‹ฐแŠแ‰ฑ แ‹ถแŠญแ‰ฐแˆญ แˆ˜แˆ†แŠ• แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแˆแˆแŒ แ‰ฐแŠ“แŒแˆฎ แ‹ซแˆˆแข แ‹จแ‰€แˆฉแ‰ต 45 แˆ…แƒแŠ“แ‰ต แ‰ แ‰ฐแ‹ฐแŒ‹แŒ‹แˆš แฃ "แŠขแŠ•แŒ‚แŠแˆญแฃ แ“แ‹ญแˆŒแ‰ต แฃaaa แˆ˜แˆแˆ…แˆญแฃ แ‹ณแŠ›แฃ แ–แˆŠแˆตโ€ฆโ€ฆ" แˆ˜แˆ†แŠ• แ‰ฅแˆˆแ‹‹แˆแข

แ‰ แ‹šแˆ…แŠ• แŒŠแ‹œ แ‹ˆแ‹ฐ แŠƒแˆ‹ แ‰ฐแˆ˜แˆแˆผ แ‰ แ‰…แ‹ตแˆž แŒŠแ‹œ แ‰ฐแˆ›แˆชแ‹Žแ‰ฝ แ‰ฃแˆ‰แ‰ แ‰ต แŠญแแˆ แ‹แˆตแŒฅ แŠจแŒแˆ›แˆฝ แ‰ แˆ‹แ‹ญ แ‹จแˆšแˆ†แŠ‘ แˆ…แƒแŠ“แ‰ต แ‹ถแŠญแ‰ฐแˆญ แˆ˜แˆ†แŠ• แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแˆแˆแŒ‰ แ‹จแˆšแŠ“แŒˆแˆฉแ‰ตแŠ• แŠ แˆตแ‰ณแ‹ˆแˆตแŠฉแข
แŠจแ‹‹แˆฝแ‹แฃ แˆแ‰ตแ‰ณแ‹˜แ‰กแŠ แ‰ตแ‰ฝแˆ‰ แ‹ญแˆ†แŠ“แˆแข แŠ แ‰ฅแ‹›แŠ›แ‹ แˆ…แƒแŠ“แ‰ต แŠแ‹แฃ "แˆณแ‹ตแŒ แ‹ถแŠญแ‰ฐแˆญ แˆ˜แˆ†แŠ• แŠฅแˆแˆแŒ‹แˆˆแˆ!" แ‰ฅแˆˆแ‹ แ‹ญแŠ“แŒˆแˆซแˆ‰แข แŠ แˆแŠ•แˆต แˆˆแˆแŠ• แ‹ญแˆแŠ•?

แŠฅแ‹แŠแ‰ฑแŠ• แŠซแ‹จแŠ•แฃ แ‰ แŠฅแŠแ‹šแˆ… แˆ…แƒแŠ“แ‰ต แŠฅแ‹ตแˆœ แˆแˆ‰แŠ•แˆ แŠแŒˆแˆญ แˆˆแ‹ญแ‰ฐแŠ• แแˆ‹แŒŽแ‰ณแ‰ฝแŠ•แŠ• แŠฅแŠ•แŠ“แŒˆแˆซแˆˆแŠ• แˆณแŠ•แˆ†แŠ•แฃ แŠฅแ‹ซแ‹จแŠ• แŠฅแŠ“ แŠฅแ‹จแ‰ฐแŠแŒˆแˆญแŠ• แ‹ซแ‹ฐแŒแŠแ‹แŠ• แŠ แ‹แŒฅแ‰ฐแŠ• แŠฅแŠ•แŠ“แŒˆแˆซแˆˆแŠ•แข

แ‰ แ‰ฐแˆˆแ‹ญ แ‹ฐแŒแˆžแฃ แ‰คแ‰ฐแˆฐแ‰ฆแ‰ปแ‰ฝแŠ• แŠฅแŠ“ แ‰ณแˆ‹แˆ‹แ‰†แ‰ปแ‰ฝแŠ• แ‹จแŠแŒˆแˆฉแŠ•แŠ• แ‹ญแ‹˜แŠ• แŠฅแŠ“แ‹ตแŒ‹แˆˆแŠ•แข แ‰คแ‰ฐแˆฐแ‰ฅ แˆแŒ†แ‰ปแ‰ธแ‹แŠ•แฃ" แ‹ถแŠญแ‰ฐแˆญ แˆˆแˆ˜แˆ†แŠ• แ‹จแˆšแŠจแแˆ‰แ‰ต แˆ˜แˆตแ‹‹แ‹•แ‰ตแŠแ‰ต แŠจแˆแˆ‰แˆ แ‰ แˆ‹แ‹ญ แˆ˜แˆ†แŠ‘แŠ•แข แŠแŒˆแˆญ แŒแŠ• แ‹จแ‹ตแŠซแˆแˆ… แŠญแแ‹ซ แ‹ซแŠ• แ‹ซแˆ…แˆ แŠ แ‹ญแ‹ฐแˆˆแˆแข "แ‰ฅแ‹™ แ‹ฐแŠญแˆ˜แˆ… แŠ แŠแˆตแ‰ฐแŠ› แˆ…แ‹ญแ‹Žแ‰ต แ‰ตแŠ–แˆซแˆˆแˆ…แข" แ‰ฅแˆŽ แ‹ญแŠแŒแˆฏแ‰ธแ‹‹แˆแข

แ‹ญแˆ…แŠ• แŠฅแ‹จแˆฐแˆ› แˆ…แƒแŠ• แแˆ‹แŒŽแ‰ต แŠ แ‹ญแŠ–แˆจแ‹แˆแข แ‰ขแ‹ซแŠ•แˆต แ‰ แŠฅแ‹ตแˆœแ‹“แ‰ฝแ‹ แŠฅแˆณแ‰ต แˆฐแ‹ แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแ‹ซแ‰ƒแŒฅแˆ แ‹ซแ‹แ‰ƒแˆ‰แข  แ‹จแˆฐแ‹ แˆแŒ… แŠฅแ‹ซแ‹ˆแ‰€ แ‹ฐแŒแˆž แˆ˜แ‰ƒแŒ แˆ แŠ แ‹ญแˆแˆแŒแˆแข แˆˆแ‹šแˆ…แˆ แŠจแˆ™แ‹ซแ‹ แˆ˜แˆซแ‰…แŠ• แ‹ญแˆ˜แˆญแŒฃแˆแข

แˆˆแ‹šแˆ… แˆแˆ‰ แ‰ฐแŒ แ‹ซแ‰‚ แ‹จแˆšแˆ†แŠแ‹แฃ แˆˆแ‹šแˆ… แˆ™แ‹ซ แ‹จแˆšแŒˆแ‰ฃแ‹แŠ• แ‰ฆแ‰ณ แ‹จแŠแˆแŒˆแ‹ แŠ แŠซแˆ  แŠแ‹ แŠฅแŠ•แŒ‚ แ‹›แˆฌแˆ  แŠ แŠ•แ‹ต แˆฐแ‹ แ‹ถแŠญแ‰ฐแˆญ แˆˆแˆ˜แˆ†แŠ• แ‹จแˆšแŠจแแˆˆแ‹ แˆ˜แˆตแ‹‹แ‹•แ‰ตแŠแ‰ต แŠฅแŠ“ แ‰ฅแ‰ƒแ‰ฑ แŠจแ‰ แŠแ‰ฑ แ‰ แ‰ณแ‰ฝ แˆ†แŠ– แŠ แ‹ญแ‹ฐแˆˆแˆแข แ‹ญแˆ… แ‹ฐแŒแˆž แˆ›แŠ•แˆ แ‹จแˆ›แ‹ญแŠญแ‹ฐแ‹ แˆ€แ‰… แŠแ‹แข แˆตแˆˆแ‹šแˆ…แฃ แ‹จแˆšแˆ˜แˆˆแŠจแ‰ณแ‰ฝแˆ แŠ แŠซแˆ‹แ‰ต แ‹แˆ แŠ แ‰ตแ‰ แˆ‰แข แ‹ญแ‰ณแˆจแˆแฃ แŒ‰แ‹ณแ‹ฉ แ‹จแ‰ตแ‹แˆแ‹ต แŒ‰แ‹ณแ‹ญ แŠแ‹แข

#แˆฐแ‹Žแ‰ฝ#แŠ แˆญแˆ™แ‰ต#แŠฅแŠ•แŒ‚!

แŠ แ‰ฅแ‹ฒแˆฃ แŠคแŒ€แ‰ณ (Author, and Medical Student, C-2 @Haramaya University)

Torbee darbedha! Mana barumsaa oolmaa daa'immanii tokko fuuldura osoon darbaa jiruu, karra mana barumsichaa irratti suuraa daa'imman mana barumsicha irraa eebbifamaniin poosteriidhaan arge. Itti siqeen ilaale! Suura isaanii jala waan lamatu jira. Tokko maqaa isaaniti. Kan biraan immoo, yeroo guddatan maal ta'uu akka fedhantu jalatti katabameera. Waan na ajaa'ibeefan lakkaa'e!

Barattoota 46 jiran keessaa, nama tokko qofaadha doktora ta'uu akka fedhu kan himatee jiru. 45'n hafan irra deddeebiin; "Injiinera, Paayileetii, Barsiisaa, Abbaa Seeraa, Poolisii..." jedhanii jiru. Yeroo kana duubatti deebi'een, isa dur barattoota daree jiran keessaa walakkaa ol doktora ta'uu akka fedhan himatan sanan yaadadhe. Na taajjabuu dandeessu, yoon sobe. Baay'eetu; "Yoon guddadhe doktora ta'uun barbaada" jedhee himata. Ammahoo maaliif laata?

Dhugaa isaa yoo ilaalle, umurii ijoollee kanaatti waan hunda adda baafannee fedha keenya himanna osoo hin taane, waanuma argaafi nutti himamaa guddanne baafnee dubbanna. Addumaan immoo, waan maatiifi hangafoonni keenya nuuf dhaaman qabannee baana. Maatiin ijoolleesaatiin; "Aarsaan doktara ta'uuf kanfaltu kan hundaa oli. Garuu, bu'aan dadhabbiikee hanga sana miti. Baay'ee dadhabda, xiqqoo jiraatta." jedhee itti hima. Osoo kana dhagahuu daa'imni fedha hin qabaatu. Yoo xiqqate, umurii sanatti ibiddi akka nama gubu ni beeka. Osoo beekummoo, namni gubachuu hin barbaadu. Kanaaf irraa maquu filata.

Kana hundaaf itti gaafatamaan, qaama ogummaa sanaaf bakka maluufii dhorkatedha. Malee har'as, aarsaan namni tokko doktara ta'uuf kanfaluufi gahumsa isaatu kan durii gadi ta'ee miti. Kun dhugaa eenyuu hin haalledha!

Kanaafuu, qaamni isin ilaallatu hin callisiinaa. Haa sirratu, dhimmichi dhimma dhalootaati!

#Sirreessaa_malee_jarana!
 
Abdiisaa Ejjetaa (Author, and Medical student, C-2 @Haramaya University)

@HakimEthio
Waan namni asaasu miti, karaa isa si baasutti cichi!

Yeroo baay'ee, barataa qaxalee dareefi mana barumsaa dursee argameen; "Abaluun ni mora/morti! Kudhaama bobaa jalaa qaba. Kanaaf barsumsi galaaf. Kanaafis qorumsa hunda dursee argama!" yeroo jedhan ni dhagahama. Dhugaan jiru garuu, kanarraa fagoo jira. Barataan kun halkan hirriba dhabee, guyyaa bakka oolmaa hiriyoota isaarraa of lagee, akkanuma ijoollummaafi dargaggummaa isaa aarsaa godhetu nama sanaa ta'e. Isaaf morri kana! Kaaniif garuu kun mora!๐Ÿ‘๐Ÿ˜

Kan nama ajaa'ibummoo, warruma akkana jedhanii hamatantu gaafa qorumsaa ijaafi gurra qeensee isa eeggata. Akkamittin nama hafuura hamaan hojjechaa jiru harka ilaalu? Wal faallessaam! Confused! ๐Ÿ˜•๐Ÿ˜‚

โ€ขDhaamsa: Waan barbaade haa jedhamu, haa godhamus, waan galmakee irraa si deebisu hin jiraatiin. Agartuun ijakee, dhageettiin gurrakeefi miireffannaankee hundi gara galmakee haa ta'u! Yoos, waan namni siin jedhu quba hin qabaattu. Iyyaafi waca waa'ee hin baafneefis bakka hin kennitu. Kanaafuu, waan namni asaasu dhiisii, karaa isa si baasutti cichi! Kanatu si baasa!๐Ÿ‘Œ

Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ (Dr.Bulti๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ)
#DHUKKUBA_NERVII
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of keessa qaba. Kana keessaa garuu kan yeroo baay'ee nama dhibuu fi kanan har'a kaasuu barbaade dhukkuba narvii kan gara alaa (peripheral neuropathy) kan jedhamudha.
Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa?
โœQaama keenya keessumaa miilaa fi harka keenya gubuu
โœMiira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooduu.
โœDhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu
โœQaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu.
โœDhukkuboota kana yeroo hedduu maaltu nutti fidaa?
โœDhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa
โœHir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B1 B6 B12
โœSanyiidhaan ykn genetics
โœAlkoolii hedduu dhuguu
โœMiidhama qaamaa kanneen akka kufaatii, caba fi kkf kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an.
โœCafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu
โœQorichoota dhukkuba biraaf fudhataman kan akka kaanserii; HIV fi kanneen biroo

#Akkamiin ofirraa ittisuu ykn gargaaruu dandeenyaa?

๐Ÿ™Boqonnaa ga'aa fi sochii qaamaa ga'aa walitti fufaa ta'e gochuudhaan
๐Ÿ™Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu qabna.
๐Ÿ™Alkoolii kan dhugnu yoo ta'e xiqqeessuu ykn dhaabuu
-๐Ÿ™Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu
๐Ÿ™Dhangala'aa ga'aa dhuguudhaan hirriba ga'aa rafuu
๐Ÿ™Yoo kana hundaan nutti fooyya'uu baate gara mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu qabna.
โœ๏ธ Dr. Mohammed Kedir
~~~~
@Fayyaa_egeree
Kabajamoo Uummata Oromootiif

Kitaabni kun kuusaa asoosamoota gaggabaaboo bara kanaa keessaa tokkodha; namoonni muraasni dubbisan dhama-qabeessummaa isaaf ragaadha!  Ammas, namoonni dubbistanii dhama isaa dhamdhamuu feetan, teessoo armaan gadiitiin argachuu dandeessu.

#FINFINNEE
M/K/Ilillii (kan Hinseenee Makuriyaa)
M/K/Ardii (naannoo GGAO 0920922565)

#BURAAYYUU
M/K/Foollee (Yoomiyyuu Mul'ataa 0912841550)

#NAQAMTEE
Gammee Darajjee (0909760606)

#JIMMAA
Esayas (0972523630)

#GIMBII fi #MATTUU
Keenboon Abrahaam (0905157664)

#DAMBII_DOLLOO fi #GIDAAMII
Barreessicha (0917705333)

Ammuma qaamaan deemuun, akkasumas, bilbiluun argachuu dandeessu.

Kitaabichi asoosamoota bohaarsaa barsiisaniin kan guuteedha; yoo dubbistan itti gammaduun keessan waan hinoolle!  Ammuma bitadhaa dubbisaa, kennaa godhaas waliif kennaa!

Yaadaafi qeeqaaf, balballi barreessichaa (๐Ÿ‘‰0917705333) banaadha!

(www.fb.com/dechas.gaera)

ยฉ Dachaasaa Ga'eeraa Sabbooqaa

@Orobook
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ (Dr.Bulti๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ)
Gorsoota fayyaa๐Ÿ’Š๐Ÿ’‰,Barreeffamoota bashannansiisoo, Haasaawwan onnachiisoo๐Ÿ’ช, Walaloowwan๐Ÿ—’ Qoosaawwan๐Ÿ˜‚ garaagaraafi kkf yoo feetan๐Ÿ‘‡
Fuula facebook asiin gadii kana #follow godhaan affeerraa kooti

Facebook page๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.facebook.com/bultooliko/
Aadaa keenya keessa ijoollee lakoobsa barsiisuuf inni barames laayyotti akka hin irranfatamne gargaaruuf malli abbootiin keenya itti gargaaraman tokko xaba, โ€œTokkeen maalii?โ€ jedhamu taโ€™uusaa akka yaadattan nan abdadha. Mucaan gaaffii kana deebisu โ€œTokkeen qubeelaโ€ jedhee deebisa. Gaaffiin itti aanu โ€œLameen maalii? โ€ yennaa taโ€™u inni deebisu: โ€œLameen mucha reettii, tokkeen qubeela.โ€ jedhee deebisa. Gaaffiin itti aanu โ€œSadeen maaliโ€ yennaa taโ€™u, inni deebisu: โ€œSadeen gemmii abiddaa (sunsummanii), lameen mucha reettii, tokkeen qubeela.โ€ jedhee deebisa; xabi kunis akka kanaatti tarii hanga dhibbaatti itti fufa. Mala kanaa Qubee ittiin lakkaawuuf yoo gargaaramnehoo? Mee ilaalaa:
Gaaffii: Aaan maalii?
Deebii: Aaan aannan ukee ti.
Gaaffii: Baan maalii?
Deebii: Baan baallee billaachaa, Aaan aannan ukee ti.
Gaaffii: Caan maalii?
Deebii: Caan cabaa callee, Baan baallee billaachaa, Aaan aannan ukee ti.
Gaaffii: Daan maalii?
Deebii: Daan daanawoo daaโ€™imu, Caan cabaa caallee, Baan baallee billaachaa, Aaan aannan ukee ti.
Akka kanaan hanga Zaatti itti fufuun xaba aadaa kana deebisne itti gargaaramu waan dandeenyu natti fakkaata. Buโ€™aansa waa lama: Aadaa irraanfatame deebisani lubbuu itti horuu; qubeen akkanni barattoota biratti bifa xabaatiin baratamu gochu. Mee ijjoollee keessanirratti yaalaati yoo gargaara taโ€™e qoradha. Maaltu beeka ni gargaara taโ€™a.
Nagaan
Zelealem Aberra Tesfa.
Qubeen maalii?

A a, Aaa, Akkoo fi akaakaa
*
B b, Baa, Baallee billaachaa
*
C c, Caa, Cabaa callee
*
D d, Daa, Daanawoo daaโ€™imu
*
E e, Eee, Elellaani
*
F f, Faa, Faana fattee
*
G g, Gaa, Gooba gaalaa
*
H h, Haa, Halluu halkanii
*
I i, Iii, Ijaa fi Ilkaani
*
J j, Jaa, Jaldeessa jarjare
*
K k, Kaa, Kalaadaa karkarroo
*
L l, Laa, Laagaa leencaa
*
M m, Maa, Mana guutu lamaa
*
N n, Naa, Nafa naachaa
*
O o, Ooo, Afaan okkotee
*
P p, Paa, Paastaa fi piizzaa
*
Q q, Qaa, Qaataa qawwee
*
R r, Raa, Raachaa fi Raammoo
*
S s, Saa, Sabbata Waaqayyoo
*
T t, Taa, Taakkuu fi dhundhumaa
*
U u, Uuu, Ukee aannanii
*
V v, Vii, Viillaa fi volvoo
*
W w, Waa, Waakkoo Waaqkenne
*
X x, Xaa, Xaxaa xaafii
*
Y y, Yaa, Yaada yaayyoo
*
Z z, Zaa, Piizzaa fi lazaanyaa
*
CHA, cha, Obboleessa callee cabaa
*
DHA, dha, Dhulaandhula lagaa
*
NYA, nya, Nyaata lazaanyaa
*
PHA, pha, Jaalala lapphee jalaa
*
SHA, sha, Shawwisa Shawaa

ยฉ Zalaalem Abarraa Tasfaa

@Orobook
     #Nama_Maafan_Amanaa!

"Sin amanu, nan amaniin namana
Nama miti, ani ofiikooyyuu nan gana"
Namaan jedha amalli nama si'anaa
Edda akkanaa, nama maafan amanaa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Guyyaa Yaadannoo Wareegamuu Gooticha #Eebbisaa_Addunyaa, Kan Waggaa 27ffaa (Hagayya 30, 1988/1996)

Biyyeen foddaa hin qabu
Saaqnee sin mil'annu;
Wal dhabnus gootakoo
Yoomuu sin dagannu!




Yoomuu sin dagannu Marartee Sabaa!๐Ÿ˜


@Orobook
2024/09/24 23:16:29
Back to Top
HTML Embed Code: