Telegram Web Link
#Sirna_Eebba_Albeema_Walaloo
(AMMADUR)
Barreessaafi waloo Falmataa Taarriqanyiitiin

Eebla 1, 2015 (Dilbata dhufu) waaree booda, GGAOtti eebbifamuuf jira. Affeerraan hundumaaf ta'ee jira.

Irraa hin hafamu!


@Orobook
Jireenya jiraattu akka yaaliitti hinjiraatin!

Har'i guyyaa kee dhumaa ta'uu danda'a. Kaleessi kan hindeebine darbeera. Bor kan itti of abdattu miti. Jireenyi jiraattu kun hawwii nama hedduu ta'uu danda'a. Jireenyi kee gatii qaba. Gati-qabeessummaan jireenya kee hiika kan qabaatu, yeroo ofii keef, maatii keef, hiriyaa keef gatii laattudha. Waan qabdutti gammadi! Wantoonni ati qabdu waan ati hinqabne ni caalu! Sanaafis uumaa kee galateeffadhu!🙏


Via Leensee Wandimmuu


@Orobook
#Never_Give_Up!#Harka_Hin_Kenniin!

Deemsa keenya adda kutuudhaaf sababa quubsaan tokkoyyuu hinjiru. Wanti nuyi goonee hin argamne hedduun, waan irratti hinyaadne yookaan hinyaalle, yaallee immoo irra deebinee yaaluu dhiifnedha malee, waan hindandeenye miti.

#Harka_hin_kenniin!
#Never_Give_Up!

@Orobook
#Gatiin_Bilisummaa_Meeqaa?
Saree tokkotu jeedala huuqqattee jirtu argee akkana jedhaanii; "Yaa firakoo! Maaliif akkana of dadhabsiifta? Kanarraan cinatti, beelaafi balaa gammoojjiifi bosonaatti of laattee jirta! Kanarra, namatti dammaqi! Yoos, nyaataafi bakka jireenyaa bilisa ta'e argatta."

Jeedallis gara saree sanaa ilaalaa, "Maalinni mormakee irra jiru kun?" jechuun gaafattiin. Sareenis "Cancala" jechuun deebisaafii. Dhumarratti, jeedalli dubbiin kun ajaa'ibsiise akkana jetteen; "Gabrummaatti furdachuurra, bilisaan huuqqachuu yookaan beela'uu wayya!"

Wayyamoo wayya!

•Animmoo, gatiin bilisummaa hin madaalamun jedha.


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Dilbata fuuldura keenyaa kana (Eebila 01, 2015) dhangaaleen gadii kun, bakkeewwan garagaraatti eebbifamuuf jiru. Haa eebbifannu!

~#AMMADUR (Albeema Walaloo):
Falmataa Taarriqanyiitiin, GGAOTTI

~#MIL'UU_MIILA_FAGOO
  Milkeessaa Irgixaatiin, Alamganaa-Sabbataa, Hoteela Alamitti

~#WAADAA_JAALALAA (Asoosama)
Lammii Sobboqaatiin, Buraayyuu Kellaa, Hoteela Guuteetti.

   Irraa hin hafamu jenne!

           Galatoomaa!🙏🏻


                @Orobook
Kitaabni takkaa dubbisee natti tole, yeroon irra deebi'u immoo caalaatti akka natti tolu tilmaamuun nan rakkisu. Bifa haaraanis waan addaa irraa argadha, baradhas! Kitaaba "Numaaniyaa" kan Pirof. Fedhasaa Taaddasee-tiin barraa'e kana, waggaa lamaan duran dubbise. Eddasii na keessa deddeebi'a. Yeroon amma irra deebi'ee dubbisu immoo, kan duraarra 'ajab' na jechiisiise. Dhugumaam! Falaasama argannoo ardii haarawaa irratti xiyyeeffatus waan ta'eef, na fuudhee ardii dhaqee hin beekneen naan bahe. Akkanaanin daawwadhe! Ardii haaraan daawwadhe kana egaa, karaa kitaaba kanaa mee isin haa daawwachiisu. Hiriyoonnikoo affeeramaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Lubbuu Haa Baraarru!😭
Yooseef Bultii jedhama. Dhalatee kan guddate Godina Wallagga lixaa aanaa Laaloo Assaabii Magaalaa Dongoroo keessatti yeroo ta'u, yeroo ammaa umuriinsaa dargaggeessa ganna 23dha. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa achuma magaalaa Dongorootti baratee, barnoota olaanaaf carraa University Walaayittaa Sooddootti muummee barnootaa 'Natural Resource Management' bara 2013 irraa eegaluun Digrii jalqabaa hordofaa jira. Yeroo ammaa kana dhibee tasa isa mudateen (Dhiphachuu hidda dhiigaa dhiiga gara sammuutti geessu) yaala biyya keessaa carraa ittiin argatu waan dhabeef gara biyya alaatti riifeeriin barreeffameefii jira.

Dargaggoon kuni maatii harka qal'eessa keessatti dhalatee kan guddatedha. Kanaafuu maatiin wal'aansa isaaf kan ta'uu qarshii waan hin qabneef, 'haga dandeessaniin nu cina dhaabbachuun lubbuu nuuf baraaraa' nuun jedhu.

Nutoo maal jennuun?


Baankiin: Baankii Daldala Itiyoophiyaa(CBE)
Lakkoofsa Baankii: 1000349868435

Maqaa Guutuu: Yooseef Bultii
Bilbilaan namoota quunnamuu barbaaddaniif: +251931213599

      Lubbuu haa baraarru!

            Galatoomaa!
Yeroo tokko jedhama, haati warraafi abbaan warraa mana haaraatti akkuma galaniin ganama ciree osoo nyaatanii uffata dubartiin ollaa isaanii miiccitee hafte karaa foddaa argu. "Uffata ollaan keenya miiccite qulqulluu miti. Sirriitti akkamitti akka miiccamu barachuu qabdi." jettee abbaa warraa isheetti irra deddeebii uffanni miiccamuun dubbatti. Guyyaa keessaa gaaftokko garuu uffata qulqulluu miiccamee ala jiru argitee ollaan keenya, "Dhumarratti akkamitti akka qulqulleessanii miiccan baratte." jettee abbaa warraa isheetti himte. Abbaan warraa ishees, "Har'a ganamaan ka'een foddaa mana keenyaa qulqulleesse." jedheen haadha warraa isaatiin. Kana duras uffatichi qulqulluu ta'uu dhabee osoo hintaane foddaa mana isaaniitu xurii ture.

Yeroo baay'ee hanqina keenya osoo hintaane kan namaatu ifatti nutti mul'ata. Namatti murteessuun dura ani maalin fakkaadha jennee utuu of ilaallee gaariidha. Hanqina namaa sirreessuuf akkuma ariifannu keenya sirreessuuf utuu ariifanneen jedha.

Nagaa irraa hafaa qabaadhaa!😍

Leensee Wandimmuuti


@Orobook
Eebla 15 (Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo)
#GGO
Eebla 15,1980 (Waggaa 43 yoonaa), gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamutti ture. Hangafoonni qabsaa'ota Oromoo, imaltoonni haqaafi irbuu, wareegamtoonni guyyichaa hidhattoota Somaalee waliin walitti dhufani. Yeroon kun wareegamtoota keenya kanaaf yeroo qorumsaa hamaa ture. Kunis akka amantaan adda qoodamaniif gaafatamu. Kiristaanni bakka tokko, musliimni immoo bakka biraatti akka goran itti himama. Yoo kana hin goone hunda isaaniitu ajjeefamuuf jira. Yoo 'tole' jedhanii waan isaan jedhan kana raawwatan immoo, kan du'a oolu ni jiraata. Dhugumattuu qorumsa hamaadha. Keessattuu osoo dhaloota akka keenya ammaa kanaaf ta'ee, akkam ulfaata!

Gootota keenya sanaaf garuu, hagas mara waan burjaajessu hin taane. Gaaffii dhiyaateefii sana deebisuufis akka isaan hin rakkifne deebii isaaniitu ragaadha. Akkana jedhaniin; "Nuti amantiidhaan gargar baanee hin beeknu, hin baanus. Nuti Oromoodha. Oromummaa keenyaafis qabsootti jirra. Akkuma tokko taane kana, duunus jiraannus hireen keenya takka. Kanaafuu du’a ooluuf jecha amantiidhaan gargar hin baanuutii, akka feetan nu godhaa!"
Isaan akkanaan wal faana wareegamani.

Nuyimmoo jechaafi gocha isaanii kana lapheetti qabachaa, #Irbuu_Shinniggaa yaadanna.

#Guyyaa_Gootota_Oromoo
#Guyyaa_Irbuu_Tokkummaa

Baga geessani!
Eebla 15, 2023

@Orobook
#Waraabessillee....👇👇👇
#Waraabessillee!

Ya Waruu, akkam jirta amala qabeessichi mooraa keenyaa? Nama hin tuqxu, dubbii nama hin barbaaddu! Kan dubbii si barbaadeefis deebiinkee dubbii dhiisuudha; itti dhiifta, jalaas dheessita. Jiraa nu jalaa hin nyaanne, du'aa nutti hin hambifne. Waggaa 6 guutuu sin argeefan jedhe! Kan waggaa 6 keessatti badiikee guyyaa tokkoof hin argines, waggaa 60 keessattiyyuu waanan argu hin se'u. Nama kabajjee kabaja namatti mul'ifta. Yoo sirraa barreef!

Gaafuma dogoggoraan doormii osoo hin cufiin baanullee, ol seenuurra aluma dhaabbattee asii ol ilaalta. Waan eegdu fakkaatta malee, dhaabbiinkee hin shakkisiisu ! Yoo sitti dhufan immoo akka isa waa balleessee, 'yaa kottee na baasi' jetta.  Kun hundi kabajuma manaafi ilma namaafi. Xiqqaa guddaa hin jettu, karaarraa gortaafii. Namuma nama hin kabajnellee ol jettee hin ilaaltu. Kabaja qe'eef immoo sareefuu dursa kennita. Saree namni dhiitu baqatta, nama namni arraba isaan daakaa ooluufi nama lafee arraba isaarra namni baay'een jirullee jalaa fiigdee kabaja itti horta. Si moo ana wayyaree amma? Mee 'jira jechuumaaf' ana wayya jedheen darba malee, suma....!

Gaaf-gaafii yeroo dhagaa sitti darbuurraa of hin qusanne sana, nu jalaa figuun dubbii qabbaneessita malee dubbii nun barbaanne. Yeroo nama jalaa dheessitu kana, akka nama tajjabaa fiigdu tilmaamuun hin rakkisu. "Muu! Osoon sitti garagalee eessa abbaakee seenuufi? Waaqamoo lafatu si liqimsa. Akka waan humnikoo kankee gadi ta'ee, akka waan osoon si jala dhaaphee duubatti hin deebinee, akka waan yoon si cinuunu na ciniintuu na waliin kaatta! Isuma walii walii keessan jibbuufi arii'achuu bartan kunoo narrattis calaqqisiisaa jirtu! Dhugumammoo! Warra waliifuu gaarii hin oolle irraa maal gaarii eeggatuu! Kanaafuu jalaa fiiguuma wayya!" Jechaa waan nu jalaa baqattu fakkaatta.

Akka hiriyootakee iddoo kaanii, sagaleekee guddicha sana baastee nama jeequufi doorsisuu hin wallaalle, wal danda'uu dursitee waan hubatteef callisa filatte ta'a. Garuu nuyi kanuma keessaanuu yoom sii hillee! Karaarratti dhagaafi arrabaan, bakkuma ati dhokattuttillee saree sitti erguun si qoccolla. Ta'us sagaleenkee hin dhagahamu. Garuu akkamiin dandeessee calliftee? Kan nu jalaa calliftehoo dubbii nuuf dhiisuufii haa jennuu, wal walii keessan jalaahoo akkamiin dandeessani? Moo waan sin dubbachiisutu hin jiruu? Waan hundumaa wal faana dhabdanii, waluma faana argattanii, hunduma keessantu wal bulchaa moo hundatu wal jalatti bula? Wal qooddanii wal dheessuu kanafaa hin beektanii, hin shaakallees? Warri laga gamaa gamanaa, asiifi achi jettanii wal baqachuufi jifachuu kanafaa hin qabdanii? Moo hunda keessantu lagichaa asidhaa? Hundinuu waa argachuufi dhabuu irratti ilaalcha wal fakkaataa qabduu? Akki isin itti waa amantanii fudhattan tokkodhaa? Moo wal dandeessanii calliftanii?
•Wal dandeessan ta'a malee, eessaa waan hundaan tokko ta'anii jiraatu! 'Akkanumatti jiraadhaa' jedhee sin gorsuuf jedheen, edaa kan gorsa barbaadu nuyidhaan dhiise. Mee sinirraa yoo baranneef, ni yaalla!
~~~
Ya Waruu, isan sila balbala irratti si argee si arii'ee dhufeef immoo, dhiifama jedheera. Ani sirraa baradheera, ati garuu narraa hin baratiin.🤣 Wal arii'uu irraa silaa maaltu baratamaayyuu? Homaa!
~~~
Hub: Barreeffamni kun waraabessa ajaa'ibsiifachuuf hin katabamne!

            
              #Waraabessillee

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

             Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Disappear for 90 days and set yourself 10 years ahead

1. Develop a routine. Sleep at 9:00 PM and be awake at 4.00 AM every day.

2. Spend 60-minutes of your day reading ,writing, and internalizing what you understand.

3. Be willing to let go of friendships that don't serve you. If you hangout with losers, you become a loser.

4. Master the art of self-discipline. Get up early, work long hours, and face your problems head on.

5. Learn a high-income skill that'll earn you $10k+ per month.

6. Stop chasing cheap dopamine. Prioritize what's important over pleasure.

7. Hit at least 100 pushups and 80 squats per day to stay strong. You'll also be healthier than 97% of people.

8. Build self-discipline by taking one cold shower in the morning.

9. Make the internet a source of your income. There're endless possibilities for making money.

10. Take 100% responsibility for your life and never blame circumstances or anyone.

11. Include proteins, fresh fruits, and 3L of water in your daily diet to optimize your health.

12. Hang out with people who obsess over making moves and living a good life. Your circle should not gossip, complain, or get jealous of each other.

13. Invest in a good wardrobe, a good niche fragrance, and learn how to talk. You'll boost your success rate by 94%.

14. Befriend nature, walk 5000 steps per day to clear your mind, boost your mood and get creative.

15. Keep distance from people who only prioritize their needs over yours. They're your greatest setback.

16. Be smart enough to quit weed, p*orn, and alcohol. They're the worst distraction that'll raise your dopamine, make you dumb, and depressed.

Author Unknown


@Orobook
2024/09/25 05:18:12
Back to Top
HTML Embed Code: