Telegram Web Link
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ (Dr.Bulti๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ)
#Dhukkuba_SAAYINESII (#SINUSITIS)
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
Dhukkubni kun kutaalee qilleensaan guutamaniifi keessoo funyaan keenyaa marsuun kan argaman saayineesota kan jedhaman akka dhiita'an taasisa.
Saayineesonni kun bakkeewwan banaa ija keenya lamaan gidduu, lafee maddii keenyaa duubaan, lafee adda keenyaarratti kan argamanidha.
Saayinesoonni kunis keessoon funyaan keenyaa jiidhina akka qabaatu kan taasisuufi dhangala'oo kan maddisiisanidha.
Dhangala'oon kunis dhukkee, alerjiiwwaniifi faalama garagaraa kan dhorkanidha.
Saayineesonni fayyaan qilleensaan kan guutamanidha; garuu, gaafa cufaman dhangal'oo kuusachuun yeroo baay'ee sababa vaayirasiin infeekshiniin akka uumamu godha.
Baakteriyaan illee infeekshinii saayinesii fiduu danda'a.

#Maaltu_infeekshinii_saayinesiif_nama_saaxila?

๐Ÿ“ŒUtaalloo
๐Ÿ“ŒAlerjii saayinesii kan waqtiirratti hundaa'u
๐Ÿ“ŒSigaaraa xuuxuu ykn kan xuuxu bira ooluu
๐Ÿ“ŒRakkoo uumama saayineesotaa(structural prblms)
๐Ÿ“ŒRakkoo funyaanii ykn saayinesii (polyp,...
๐Ÿ“ŒDandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa hir'achuu ykn qorichoota immunity hir'isan fayyadamuu.

#Mallattoolee_infeekshinii_saayinesii

๐Ÿ”ท๏ธFunyaan cufamuu
๐Ÿ”ท๏ธDhukkubbii lafee fuularraa
๐Ÿ”ท๏ธMataa dhukkubbii
๐Ÿ”ท๏ธDhukkubbii qoonqoo
๐Ÿ”ท๏ธQufaa
๐Ÿ”ท๏ธFoolii afaanii balleessuu

#Yaala_infeekshinii_saayinesii

๐Ÿ“ŽDhukkuboota saayinesii muraasaaf qorichoota farra baakteeriyaa fayyadamuun ni danda'ama; garuu, hedduu isaaniif barbaachisaa miti.
๐Ÿ“ŽBaay'eensaa ofumasaa kan itti wayyaa'udha.
๐Ÿ“ŽOgeessa fayyaa mariisisuun qoricha ajajamuuf fayyadamuun gaariidha.

#Dhukkuba_saayinesii_mana_keessatti_akkamitti_yaalla?

โœ…๏ธFunyaan akka hin cufamneef nasal decongestants ykn nasal spray kan jedhaman fayyadamuu
โœ…๏ธBishaan danfisanii aarasaa ulachuu
โœ…๏ธDhangala'oo baayisanii dhuguu
โœ…๏ธQaawwaa funyaanii of eeggannoon qulqulleessuu
โœ…๏ธMataa siree irra ciisanii ol qabuu ykn boraatii fayyadamuu
โœ…๏ธQorichoota ogeessa fayyaan hin ajajamne fayyadamuu dhiisuu qabu
โœ…๏ธYeroo furrii baafatan suuta jechuun baafachuu; qaawwaa funyaanii keessaa dabaree dabareen baafachuudha.
๐Ÿ™Fayyaa nutti hin waakkatiin๐Ÿ™๐Ÿ’“
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
ยฉ Dr.Bulti Likisa (Bultoo), 2023.

#FOLLOW & #SHARE๐Ÿ‘‡โค๏ธ

@Fayyaa_egeree
https://www.tg-me.com/Fayyaa_egeree
Affeerraa Sirna Eebba kitaaba "Hiriyaa Siriboome"

Barreessaan: Fedhasaa Nagaash

Kitaabni kun Dilbata fuuldura keenya kanaa, jechuun Bitootessa 3, 2015, magaalaa Alamganaa-Sabbataatti eebbifamuuf jira. Galmi eebbaas, hoteela Alam kan magaalichatti argamuttidha. Maarree, hirmaachuun kan siniif mijatu hundinuu affeeramtanii jirtu. Waliin taanee kitaaba keenya haa eebbifannu!

Irraa hin hafamu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Jireenya keenya qixa kan galchu nu mataa keenya! Jireenyi wanta ofii isaatii hiika qabu osoo hintaane akka hiika qabaatu ofii keenyaa taasisna. Carraan jireenya keenya gara fuulduraa nuun murta'a! Seenaa isaas ofii keenyaa barreessina! Qalamni ittiin barreessinus harka keenya keessa jira! Kaleessi darbeera. Bor guyyaa ofiisaa danda'edha.
Yeroo hedduu rakkoon dhufee kan dhiphannu caalaa rakkoon natti dhufaa laata jennee waa'ee rakkoo hinuumamnee kan dhiphannutu caala. Wanti nuti jijjiiruu dandeenyu yoo jiraate har'a yoo hindandeenye akkuma jirutti fudhachuun boqonnaa itti aanuuf of qooheessuudha.
Har'a jiraachuun immoo waan filannoo hinqabne.

#Ofii_keenya_beekuufi_fudhachuun_gammachuu_sirriidha.๐Ÿ˜


Via Leensee Wandimmuu


@Orobook
@Galaakoo
Waan dagachuu hin qabne!

Boranaaf bokkaan roobe kan jedhutu dhagahamaa jira. Waan nama gammachiisudha. Waaqa haa galatu! Garuu wanti nuyi dagachuu hin qabne, bokkaan amma roobe ammaaf ammatti badii dhaqqabaa jiruuf wabii hin ta'u. Hawaasichi bakkaafi haalasaa duraatti deebi'uuf yeroo itti fudhata. Kanaafuu, gargaarsi keenya akkuma kanaan duraa isaan barbaachisa. Roobaan sababeeffamee gargaarsi godhamaafii jiru akka duubatti hin deebinen jedha.

Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

Boranaaf birmachuun ittuma haa fufu!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Boqonnaa_Qabsoo_Itti_Aanu.pdf
1.6 MB
Jawar Muhammad
'Boqonnaa_Qabsoo_Itti_Aanu.
๐Ÿ๐Ÿ ๐Š๐ž๐ฒ ๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐จ๐ง๐ฌ ๐Ÿ๐ซ๐จ๐ฆ "๐Œ๐ข๐ง๐ ๐Œ๐š๐ง๐š๐ ๐ž๐ฆ๐ž๐ง๐ญ ๐๐จ๐ญ ๐“๐ข๐ฆ๐ž ๐Œ๐š๐ง๐š๐ ๐ž๐ฆ๐ž๐ง๐ญ".

1. Being productive today isn't about time management, it's about mind management.

2. Time management optimizes the resource of time. Mind management optimizes the resource of creative energy.

3. Not all hours are created equal: If you write for an hour a day, within a year you'll have a book. But you can't instead simply write for 365 hours straight, and get the same result.

4. The First Hour Rule is simply this: Spend the first hour of your day working on your most important project.

5. If you start your day working on the most important thing, there's less of a chance for other things to get in the way.

6. Sometimes your mind is better-suited to think creatively. Sometimes your mind is better-suited to think analytically.

7. The point of time is not to fill as much life as possible into a given unit of time. The point of time is to use time as a guide to living a fulfilling life.

8. A one-hour increase in average daily sleep raises productivity by more than a one-year increase in education.

9. When you randomly switch from one activity to another, your energy leaks...If you're doing that all the time, little of your energy is going toward traction.

10. A Harvard study found that the busier knowledge workers were, the less creative they were; this study found that as workers became more busy , they did less creative thinking activities such as; brainstorming. They reported fewer insights and their work was also rated as less creative by their colleagues .

11. Noise level can also affect your ability to think creatively...studies suggest that a background noise level of about seventy decibels is optimal for idea generation.

12. Things are not difficult to make; what is difficult is putting ourselves in the state of mind to make them.


@Orobook
Isa qabnu irratti haa xiyyeeffannu!

Bara duriiti jedhama. Namicha ogeessa, akkanuma waa beekuu danda'u tokkotu muka jala taa'ee kadhata godhata ture. Yeroo kadhannaaf ol jedhu kana, mukicha irraa imimmaan fuula isaatti gad cophuu eegale. Kadhannaa isaa xumuratee yommuu ol ilaalu, quuroo tokko mukicharratti arga. Quuroon kun akka malee boo'aa jira. Imimmaan fuulasaatti cophaa ture edaa quuroo kana irraati.

Yeroo kana argu namichi, "Yaa Quuroo nanaa, maal taatee boossa? Maaltu si mudate?" Jedhee gaafatan. Quurichis; "Gammachuu dhabeen jira. Namni na argu hunduu na ajjeessuuf dhagaa natti darbata. Yeroo damee mukaa irra taa'us, namni na argemoo na hin argine jedheen dhiphadha. Maaliif akka akkas namni na jibbu hin beeku. Kanatus gammachuu na dhorkata. Jireenyis na jibbisiisee jira" jedha, mataa buusee.

Yeroo kana namichi ogeessi waa beekuufi waan inni jedhu raawwachuu danda'u sun akkana jedhaan; "Ani ogeessadha. Waan barbaadde siif gochuu nan danda'a, waan garaakee natti himadhu." Quurichis, "Gooftakoo, yoo eeyyamakee ta'e gara daakkiyyeetti na jijjiiri" jechuun itti himata. "Akkuma ati jette gara daakkiyyeetti sin jijjiira. Garuu sanaan dura, daakkiyyee bira deemtee hammam gammadduu akka isheen taate adda baafatta" jedhaanii namichi.

Quuroon kunis, barbaachaaf balali'ee qajeele. Barbaacha yeroo dheeraan boodas, daakkiyyee sana argate. Itti dhiyaatee akkana jedheenii; "Ati baay'ee miidhagduudha. Miidhaginakeen cinatti namoonni baay'ee si jaallatu. Umama baallee qaban keessaa kan akkakee gammadoon tasumaa hin jirani."

Yeroo kana dhageessu daakkiyyeen; "Mee na dhiisi! Maal kootu bareeda amma. Halluu lafa guute keessaa adiin na uume uumaan! Koochoo ittiin balali'uu hin dandeenyes naaf kennee, naachi yoom na nyaata jedhee osoon yaadda'uu gammachuu isa kami kan ati odeessitu? Simbirroota keessaa kan hunduma caalaa gammaddu yoo barbaadde gara Piikookii deemi. Isheen halluu garagaraan kan faayamteefi baay'ee kan hawwattudha. Paarkii keessatti arachuus dandeessa." Daakkiyyeetu jedhaanii.

Akkuma daakkiyyeen akkana jetteen  piikookii barbaachaaf gara paarkiitti balali'ee qajeele, quuroon sun. Achis gahee gara piikookiitti dhiyaachuun, "Piikook yaa ishee halluu gosa garagaraan faayamtee uumamte nanaa, ati uumama addaa ilmaan namaan jaallatamtedha. Carraa qabeettiidhas! Simbirroota keessaa kan akkakee gammachuu qabus waan jiru hin se'u!" Jedha.

Piikookiin kunis akkanaan deebii deebifti; "Namaan jaalatamuunkoo maal naaf godhee? Umuriikoo guutuu paarkii keessatti natti cufamee akkan hidhamaa ta'u na godhe malee! Faaya meeshaalee garagaraafis akkamitti akka barbaadan osoo beektee al takkaafuu nan hawwitu ture. Ani garuu hawwiinkoo, aluma takkaa osoon akkakee kana ta'ee balal'eema du'ee nan du'en jedhaa amma!"

Quurichis waan dhagahe kana ajaa'ibsiifachuun balal'uun qilleensarra asiif achi deddeebi'uu eegale.


โ€ข~~> Yeroo baay'ee xiyyeeffannoo keenya waan qabnurra osoo hin taane, waan hin qabneefi kan keenya hin taanerra godhanna. Haala kanaan gammachuu keenya gaaffii jala galchina. Gammachuun dhugaan garuu waan qabnu irratti xiyyeeffachuun dhufa. Akkasiin dorgommii yookaan birqabni hin barbaachifne jireenya keessaa bakka dhaba. Waan qabaniif bakka kennuu keessa waan dhaban argachuuf of qopheessuutu jira. Akkanuma, uumaa isa waan qubnu sana nuuf kennes galateeffanna.

Kanaafuu, waan qabnu irratti xiyyeeffannee waan hin qabneef ifaajuu wayyan jedha.

          Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

       Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
THE DARK SIDE OF BEING A DOCTOR
#Loneliness_Behind_Smiling_Face
Profound loneliness. You can be surrounded by friends, family and colleagues, but in reality, you are quite alone. If your family does not consist of doctors, they hardly understand the difficulties that you go through. They sympathize with you, yet are unable to grasp the reality of your training and career. Why you must spend days and weeks and even years apart from them. Why a lot of their calls are unanswered by you, while you are busy during rounds or managing patients. Why you are not at home at the festival evenings.

Your old school friends do not really understand how hard the years have been. Why you couldn't attend all the weddings you were called to. Some just attribute it to arrogance. Some understand. Only a few are driven enough to maintain a relationship where you hardly meet, talk or hang out. Nobody realizes that you hardly have time for yourself, leave alone the closest of friends. When you do meet your old buddies, from various different fields, you can feel a fence that has formed around you. You smile and nod your head. Yet, you are some distance away. The conversations seem a bit trivial compared to what goes on every day in your other life. Your college friends don't stay with you for too long. Forever branching and specializing fields of medicine mean everyone either ends up in a different college, City or country eventually. You do drop each other a message once in a while, especially if you can remember who it is that you are missing. Conversations do not progress beyond a few words, as both of you are busy beyond compare. Time and distances lighten the strongest of bonds. Your partner/spouse/girlfriend/boyfriend understands your trials and tribulations with difficulty. A similar profession leads to conflict, ego struggles and comparisons. A different profession causes irritation and indignation at your personal priorities. Your patients may love you for your clinical acumen but neither do you form friendships nor expect any support in times of trouble. You keep a distance. Always. Proximity causes lack of objectivity. And patients rarely come out in open support of their physician.

Your colleagues in the same branch view you as competition. So much so that they would be secretly relieved to see you fail. You colleagues in other branches form cordial, friendly relations. You meet once a year for joint conferences and sometimes discuss patients which have been referred. You can expect a bit of professional support but nothing emotional or personal. The hospital you work in couldn't care less about you. You are indispensable to them until you are replaced. Not all this is true for everyone in all scenarios, but, yes, you learn to live with this reality. Add to this the constant fear of litigation, violence and disciplinary action. It can get very lonely at the top for doctors sometimes. And the higher you go, the further away you are from everyone.

#BeingMedico #BeingDoctor

     Via Dr. Venkatesh Kharalkar

   @Orobook
WAADAA JAALALAA
(Kitaaba asoosamaa)
Barreessaan: Lammii Sobbooqaa

Yeroo dhiyootti....coming soon.....

Anaa dhufu!

@Orobook
#Sirna_Eebba_Kitaabaa
     #Nan_Gammada
  (Kuusaa walaloo)
Barreessaan: Ximqataa Kumarraa
Kitaabni kun, guyyaa boruu (10/07/2015) waaree booda GGAOTTI eebbifamuuf jira. Affeerraan kan hunduma keenyaati; haa eebbifannu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Atumtuu ofiif gahaadha!

Ati ofiikeef gahaadha! Namni jireenyakee irratti gooftaa ta'ee lafa kanarra kaa'ames tokko hin jiru. Akka fedhetti jireenyakee gidduu galuufis namni tokko mirga hin qabu. Namni kamuu akka gadditu si gochuuf haaboos ta'e mirga hin qabu. Akkanuma, jireenyakeef gahaa akka hin taanetti akka yaaddu namni si gochuuf mirga qabu hin jiru. Hin jiru! Atumtuu ofiif gahaadha!

Qal'aa taatu furdaa, gabaabaa taatu dheeraa, adiis taatu gurraacha, ati ofiikeef gahaadha. Namni sirriin yookaan gahaan sirra siif caalu hin jiru. Kun kana ta'ee osoo jiruu, eenyuma laata inni akka waan ati ofiikeef gahaa hin taaneetti kan yaada kaasuu danda'u? Sii mooji!

Namni kamiyyuu fedhaafi filannoo garagaraa qaba. Kanaaf akka garagaraattis dhadhama jireenyaa horachuu danda'a. Filannoon nama biraa kan nama biraati, filannoon kankee immoo kanuma keeti. Namni filannoo dhuunfaasaa jireenyakee keessa sutuuf mirga qabus tokko hin jiru. Akka namni biraan si eegutti deddeebi'uu dhiisuu malta, akkanuma beekumsaafi gahumsa sirraa barbaadan hin qabdu ta'a. Kana jechuun ati jireenyakeef, ofiikeef gahaa miti jechuu miti. Yeroo kana akka nama biraatti yookaan ija nama biraan guutuu  fakkaachuu dhiiftus, ofiif garuu guutuudha. Eeyyeen, ati ofiif gahaadha! Sekoondii tokkoofuu gonkumaa akka nama hir'uutti of hin fudhatiin, hin yaadiinis! Ati nama kabajamuu, jaallatamuu, amanamuufi harkarra qabamuun maluufiidha. Eeyyeen, atumti kun!

Nama keessaas namni dalagaakeetti amanu, jabinakee beekuufi filannookee kabaju in jira. Dhugaadha, namni nama keessaa nama ta'e kan filatamaa ta'uukee hubatu, kan naannoosaa jiraachuunkee addunyaasaa bareechu ni jira. Kanas nama hundarraa eegda osoo hin taane, nama sirrii irraati. Nama akkanaa egaa obsaan eegii filadhu!

Nama hundaaf guutuu akka hin taanes hin dagatiin. Ta'us garuu ati ofiikeef guutuudha. Akkanuma, nama siif adda ta'eef guutuudha. Namoonni tokko tokko gara jireenyakee dhufanii si ceepha'u, yaadas sirratti kennuun miirri ofiikeef gahaa ta'uu dhabuu akka sitti dhagahamu gochuu yaalu. Ati garuu isaaniin hin dhagahiin. Akka oduun isaanii oduu waa'ee hin baafneetti, dhiisiis bira darbi. Akka nama biraatti osoo hin taane akka dhuunfaakeetti jiraachuuf uumamte. Dhugaadha! Seenaa nama biraatiinis osoo hin taane, kanumakeen goota taata. Mana kankee keessa jiraatta, deemsa dhuunfaakeerra deemta, bareecha kankeen faayamta, fakkaattii dhuunfaakeen argamta, beekamtiima keetinis mul'atta. Eeyyeen kanumakeen! Yoo namni biraan si jibbes dhimmasaati. Ati nama biraa garaa gahuuf qofa miti kan jiraattu! Garuu ofiikeef gahaa ta'uun siif gahaadha. Sababni isaas ofiif kan ati kaa'amte. Ati nama biraa, namni biraanis si ta'uu hin danda'u; ati nama addaati! Nama ofiif maludhas! Sababa namni sitti gammaduu dhiiseefis hin jijjiiramiin. Kun homaa tokko rakkoo hin qabu. Rakkoo kan qabu sababa ofii jijjiiramuu qabduuf jijjiiramuu yoo baattedha. Eeyyeen, deemsakeetu siif murteessa. Gammachuu keetus siif caala. Atumtuu ofiif gahaadhaatii, ofumakee ta'i! Be yourself; that's enough!


Atumtuu ofiif gahaadha!

Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
      Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
@Galaakoo
#HOROMDHOOQII
Kitaaba kana waggaa lamaan dura ilaaleen ture. Dhugaatti kitaaba nama dubbisuu danda'u hunda osoo dhaqqabee jedhudha. Haa simannuun!
Anaa dhufu!

Baga milkoofte Keenboon, barreessichi!

Dubbisuufi barressuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
              #Aaga
#Sansakkaa_Sakaalame- Maxxansa 2ffaa qabadheen dhufaa jira. Yeroo dhiyoottis ni dhaqqaba. Sinis egaa, beeksisuufi waliif qooduun hiriyoota keessaniin akka geessanin isin gaafadha.

Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
     Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Milkaa'ina jireenyaaโœ (Abdii Abbiyyoo Eda'oo)
'SANSAKKAA SAKAALAME' Abdiisaa Ejjetaa tiin barreeffame maxxansa 2ffaa....
Warri maxxansi duraa isin jela darbe Amma itti dhiyaadhaa....
Kitaaba dubbifamuu qabu!

COMING SOON

๐Ÿ“ขJOIN & ๐Ÿ”—SHARE๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•—
๐Ÿ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN:
@milkaainajireenyaa
๐Ÿ“šJOIN:
@milkaainajireenyaa
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ (Dr.Bulti๐Ÿ‘จโ€โš•๏ธ)
SANSAKKAA SAKAALAME
Kitaaba jaalatamaa kan Abdiisaa Ejjetaan barreeffame!
Warra isin bira hin geenyeef, maxxansi 2ffaan yeroo dhiyootti isin bira gaha!
Dhugaa dubbachuuf, kitaaba nama hunda qaqqabuu qabudha.
Abdiisaa Ejjettaa atimmoo galatoomi, qalamnikee haa mirgisu!
Jabaadhu qashtii namaa๐Ÿฅฐ

@Fayyaa_egeree
#Xiyeeffannoonkee_waan_barbaachisu_qofarra_haa_ta'u!
(Kitaaba #Sansakkaa_Sakaalame irraa kan fudhatamedha)

Bara durii namicha duuti mootii biyya bulchu tokkootiin itti murtaaโ€™etu ture. Guyyaaf halkan dabaree wal jijjiiruun guyyaan duโ€™a isaa itti dhiyaate. Guyyichi gaafa gahu, bakka jiruutii barbaadamee akka dhiyaatee murtoo isaa fudhatuuf ajajni bahe. Namichis qabamee dhiyaate. Taโ€™us, mootichi filannoo biraa kennuufii jaalate. Akkana jedheenii, โ€œYoo ati bishaan biikerii guutuu sitti kennamu kana saffisa siin jedhamuun, hanga bakka murtaaโ€™e geessee deebitutti dhangalaasuudhaa baatte, duโ€™a ni oolta. Garuu, dhangalaafte taanaan dachaa dhiphifamuun ajjeefamta.โ€
Namichis gammachuu guddaadhaan, โ€œNaaf taโ€™a yaa mootii!โ€ jechuun deebiseefii. Filannoon namicha kanaa, mooticha dabalatee namoota gamaafi gamanaan isa ilaalan ajaaโ€™ibsiisee ture. Kanarraan kan kaโ€™e, tutni namoota sanaa iddoo lamatti hiramee ture. Gareen tokko ni deeggaru, nikolfuufii; gareen biraan immoo, itti kolfuu ittis qoosuun mogoleefi haamilee isa buusaa turani. Deeggartoonni isaa, โ€œYaa namicha gamna nanaa, filannoonkee akkam gaariidha!
Dhugumatti, kana gochuunis lubbuukee ni oolchattaโ€ฆjabaadhu!โ€ jechuun harka isaanii walitti reebuun isa jajjabeessuuf wacu turani. Faallaa kanaan, kanneen mogolee isa buusan immoo, โ€œWayi yaa namicha isa filannoo isaan dhiphifamanii duโ€™uu bitachuuf dhamaโ€™u nanaa! Maaliif wanta hin taaneef fiigda? Silaahoo bishaan biikerii keessaa kun yommuu baattee deemtu dhangalaโ€™uu hinhafuuti, ammuma murtookee hin fudhattuu?โ€ฆlakkii siif wayya!โ€ jechuun dabaree isaanii itti wacu. Osooma tutni kun bitaaf mirgaan itti marsanii jiranii, akka deeggartoota kubbaa miillaa, namichi kun bakka jedhame kana gahee deebiโ€™e.
Bishaanichi biikerii keessaa guutuudhaโ€ฆhindhangalaane. Mootichi baayโ€™ee ajaaโ€™ibsiifachuun itti marmee, โ€œBaga gammaddeโ€ฆ.baga duโ€™a oolte!โ€ ittiin jedhe. Dhumarratti, mootichi namicha kana gaaffii gaafate, โ€œNamoonni hedduun sitti marsuun kaan siif, kaan immoo sitti wacaa turani. Sagaleen waca isaaniifi sosochiin dhiichisa isaanii asiifi achi, garanaaf garas sin ilaalchifnee? Akkamittis fuuldurakee qofaa ilaaluun haala kanaan dorgee kee xumurte?
Namichis, โ€œYaa mootii barri mootummaakee haadheeratu! Edaa namoonni na marsanii turanii? Ani nama tokkoyyuu hin argine. Sagalee nama tokkoos hin dhageenye. Sababiin isaas, ijjikoo sochii dambalii bishaan biikerii sana irra waan jiruufi.
Dhageettiin gurra koos asuma kanarra jira. Kunis, filannookoo osoo hintaane dirqama jiraachuukooti; lubbuunkoo biikerii bishaan baatu sanarra waan jiruufi. Gurrakoo gara biraaf yoon ergise, gara sana ilaaluun koo hinhafu. Akkas taanaan, bishaan kun dhangalaโ€™uun isaa nama hins hakkisiisu. Bishaan dhangalaanaan, nan duโ€™a. Kanaaf, dhageettiin gurrakoofi agartuun ijakoo, akkasumas yaaduun sammuukoofi dhahannaan onneekoo, iddoo barbaachisaa isa taโ€™e lubbuukoo oolfachuu dandaโ€™urra waan taโ€™eefiโ€ jechuun mootii sanaaf deebise. Kanaanis duโ€™a oolee jedhama.

โ€ขAgartuun ijakee, dhageettiin gurrakeefi miireffannaan miirakee hundi gara waan barbaachisuu qofa haa ta'u! Eeyyeen xiyyeeffannookeef of eeggadhu. Isatu siif murteessa!


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
DHUKKUBBII DUGDAA - Back Pain
*******

Dhukkubbiin Dugdaa sababa ijoo namoonni gara dhaabbilee fayyaa woldhaansaaf dhufan keessaa isa tokko. Innis umrii kam irrattuu muldhachuu kan danda'uufii sababa namoonnii guyyaa hojiifi barnoota isaanii irraa hafan keessaa tokko. Dhukkubbiin dugdaa yeroo hedduu sababa sasalphaaf ta'uu malullee, darbee darbee dhukkuboota hammatoo kan biroo irraas ta'uu mala.
---

---
Sababoota Dhukkubbii Dugdaa:

* Haala dhaabbii, taa'umsaa, ka'umsaa, ciisissaa, fi ba'aa ulfaatu haala dugda irratti dhiibbaa fiduun olfuudhuu irraa miidhaa maashaafi moorgaya dugdaa irratti gahu.
* Rakkoo Diiskii dugdaa. Diiskiin waan happii jidduu lafeelee dugdaatti argamu dha. Mucucaachuun ykn jidduu lafeelee kana as sigigachuu diskii (disk prolapse) akka narviileen hucuuccaman gochuun dhukkubbii salphaa hanga hamaa dugdaa fi mudhii gara gaditti akka namatti dhagahamu godha.
* Umrii wojjiin haphachuu lafee dugdaa irraa bo'oon duguguruu dugdaa kan Ispaayinaal Koordiin keessa deemu dhiphachuun dhiibbaa narvilee Ispaayinal Koordii irraa bahanatti dhufuun dhukkubbiin dhugdaa fi hanga miila gaditti namatti dhagahama.
* Cabnanni ykn baqaqni Lafee dugdaa irratti balaa tasaa ykn miidhaa ykn rukuttaa ykn kufaatii hamaa irraa nama mudate jirachuun
* Kulkulfannaa garagaraa kan Lafee dugdaafi buusewwan lafee dugdaa jiddutti argamanii
* Haala hojii- jiruu tokkoo tokko: Yeroo dheeraaf deeski irra taa'an irratti dugdaan gad jedhanii dabarsuu, deddebiidhan waan ulfaatu olkaasu, furdinna garmalee guddaa ta'e qabaachuu, sochii qaamaa gochuu dhabuu, sigaaraa aarsuu, kophee hiilii dheeraa qabu dirachuun.
* Yeroo marsaa xurii laguu, fi akkasumas yeroo dahumsaaf dhihatanitti
* Garmalee cinqamuu, dhiphachuu fi dhukkuba muukuu ykn dhiphinnaa qabachuun.
* Sababa dhukkuba Kansaroota tokko tokkoon dhukkubbiin dugdaa hamaa ta'e namatti dhagahama.
* Dhukkuba TB lafee dugdaa (Pott's Disease). Inni kun dabalataan mallattoolee akka huqqachuu/ulfaatinni qaamaa hirdhachuu, fedha nyaataa dhabuu, ho'aa fi garmalee galgala nama dafqisiisuu qabaata.
* Infeekishinootni qamaa tokko tokko yeroo gababaf dhukkubbii dugdaa qabaachuu malu.
* Yeroo tokko tokko sababa addaan hin baaneef dhukkubbii dugdaa qabachuu malla
---

---
Maal haa goonu?

* Dhukkubbii dugdaa yeroo gara yerootti cimaa dhufe yoo ta'e yeroon hospitaala deemanii qorannoo barbaachisu godachuun sababa isaa addaan baafachu (Doktorri keessan haala barbaachisumaa isaa irratti hunda'uu qorannoo dhiigaa, Raajii, CT- Scan, MRI isinii ajajuu mala).
* Akkasumas dhukkubbii dugdaa fincaaniif bobbaa to'achuu dadhaabuu woliin dhufe, sarbaaf luka keessa gara gadii dhukkubbilee garagaraa qabu, qama gara gadii humna dhowwachuun dadhabsiisu (laamshessu ykn paralyze) godhuu fi ho'aaf mallattolee biraa muldhisuuf yeroo otoo hin kenniin dhaabbilee fayyaa deemanii ilaalamuu.
* Dhukkubbii dugdaa asii olitti ibsamaniifi yoo garmalee hamaa ta'uu baate: sochii qaamaa gochuu, iddoo dhukkubbii sanitti waan ho'aa woyaan tuqanii ykn cabbii itti qabuu, fi qorichoota dhukkubbii woyyeessan fayyadamuun nama irraa woyyachuu danda'a. Sababa dhukkubbii dugdaatiif sochii dhiisanii ciisaa ooluu irra hanga dhukkubbii san obsuu danda'anitti sosochii gochuun irra filatamaadha. Garuu sochii san wojji dhukkubbiin yoo kan hammaatu ta'e dhaabuun barbaachisaadha.
* Ulfaatinna garmalee guddaa ta'e (kan hojjaa keenyaan wol hin madaalle hirdhisuu), nyaata keenya sirreessuu (fuduraaf kuduraa nyaachuu), sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu.
* Gosni ispoortii Yoga jedhamuu dhukkubbii dugdaa tokko tokko woyyessuuf ni gargara.
* Akkuma woliigalaatti dhukkubbii dugdaa torbaanotaaf itti fuufiinsaan yoo qabaanne fi dhukkubbii dugdaa yeroo gara yerootti hammaataa dhufe yoo jiraate mana yaalaa deemuun ogeessa marisisanii qorannoof yaala barbaachisu argachuu qabna.
---

---
Horaa, bulaa, deebana!
Fayyaa ta'aa, fayyaa daha!
---
Via Dr. Nuredin Luke

@Orobook
#Sirna_Eebba_Kitaabaa
(Mil'uu Miila Fagoo)
Barreessaan: Milkeessaa Irgixaati

Kitaabni kun Eebla 1, 2015 Magaalaa Alamganaa-Sabbataa, Hoteela Alam Galma Sinimaatti eebbifamuuf jira. Irratti argamuun kan siniif mijatu, hunduu affeeramtanii jirtu.

Waliin taanee kitaaba keenya haa eebbifannu!

        Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

        @Orobook
2024/09/25 07:21:02
Back to Top
HTML Embed Code: