Telegram Web Link
#Aaga_Og-barruu
Kitaabni kiyya '#Sansakkaa_Sakaalame', maxxansi 2ffaan isaa, torbee fuuldura keenya jiru kanaa kaasee raabsamuu ni eegala. Manneen rabsa kitaabotaa magaalota garagaraa akka dhaqqabu nin godha. Egaa isinis iyyaafattanii of harkaan akka gahattanin siniin jedha. Galatoomaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Kitaaba_Haaraa

Mat-duree: Xiyya

Gosa: Kuusaa Asoosamoota Gaggabaaboo

Barreessaan: Dachaasaa Ga'eeraa Abbaa Xiyyaa

Saxaxni Qolaa: Ifargan Design

Yeroo dhiyootti isin qaqqaba!

@Orobook
       #HOJIIKEE_NYAADHU

Rifeensi irratti ceferaa'eera. Cileefi dhukkeen fuuluma isaa irratti waan wal gahan fakkaatu. Irra keessaan uffata tokkoyyuu ofirraa hin qabu. Jilbasaa gadis qullaadha. Akkanaan bakka balfi garagaraa itti gatamu taa'ee jira. Rakkataamoo maraataadha laata? Anaafuu gaaffiidha!

Akkanaan osoo jiruu, mucaa daabboo qabatee jiru kan konkolaataa tokko fuudura dhaabbatu tokko gamasaatti arga. Arguufi itti fiiguusaa jidduu yeroon hin galle. Akkuma bira gaheenis, akka mucaan daabbicha kennuufiif gaafata. Mucaan garuu ni dide! Irra deddeebi'iin, akka baay'ee beela'ee jiru mucaa sanatti himullee, gurbaan daabboo sana inuma dhorkate. Namichis gaafachuusaa ittuma fufe. Mucaanis diduusaa ittuma cichaa jira. Dhorkatees isaa nyaachuuf afaanitti geessu, namichi maraataa fakkaatu kun, harkaa fuudhuuf itti utaale. Yeroo kana daabboon harka mucaarraa lafa bu'e.  Edaa daabboo qofaa hin turre, keessa daabboo sanaa dhangaalee birootu jira (Just like sandwich). Mucaanis kana beekaaf itti cichuunsaa hin oolu.

Daabboo sila xiqqumayyuu irraa dhorkachaa ture, amma yommuu guutummaatti lafa bu'u kana maaltu akka itti dhagahamu tilmaamuun nama hin rakkisu. Kanaaf, nyaata lafni dhuunfate kana ilaalee namicha ilaalaa, boo'icha isaa itti fufe, mucaan. Yeroo kana dhagahu abbaan mucaa fiigee dhufa. Bira gahee waan uumame  edda mucaarraa dhagahee booda, namicha hudhee qabate. Yeroo xiqqoon boodas poolisoota bilbilee itti waame. Isaanis dhufanii namicha qabani.

Poolisoonni osoo isa qabanii hin deemiin dura, namichi waan tokko akka dubbatuuf isaan gaafata. Poolisoonnis eeyyamaniif. Haati mucaa garuu yaada irraa fuudhuun akka hin barbaachifne sagalee ishee ol kaaftee dubbatti. Yakkamaa faana yeroo gubuun akka faayidaa hin qabnes kaasuun, dafanii qabanii akka deeman itti himti. Namichi akka isa dhagahaniif ammallee ittuma fufee iyya. Isaan garuu hin dhageenye. Innis dubbachuu hin dhiifne.

Wacuma kana keessa dubbiin akkana jettu tokko, afaan namichaarraa gurra abbaa mucaa buuti; "Ani hamaa tokko hin hojjenne. Waan ani godhes na boonsa malee of nan ceephaasisu. Gocha kana keessaanis lubbuu oolchuu danda'uukootti nan gammada." Yeroo kana egaa kan abbaan mucaa yaadaan badeefii. Waan jiru beekuudhaa baatus, waan qulqulleeffamu wayii akka jirus hubatee jira. Kanaafuu, akka dafanii fuudhanii hin deemne poolisoota sana gaafata.  Eeyyeen, osoo fuudhanii hin deemiin dura, 'Security Camera' naannoo sana jiru ilaaluun dirqama itti ta'e. Waliinis deemanii waan jiru ilaalani.

Akkana ture! Bakka taa'aa ture sanarraa yeroo fageenya meetira 30 hin caallee mil'atu, waan gaaffii itti ta'ee dhiisuu dide tokko arga, namichi. Kunis dubartii tokkotu, konkolaataa dhaabbatee jiru tokko duuba dabartee waa raawwatti. Akka waa balleessaa jirtus hubachuuf isa hin rakkifne. Garuu maal akka gochaa jirtu baruu hin dandeenye. Ishee dhokatee xiyyeeffannoon ilaaluusaas ittuma fufe.

Dubartittiin maal gochaa turte garuu? Akkana! Daabboo mucaan nyaachuuf jedhu sanatti osoo summii naqxuu argaanii. Haalli isheen yericha itti turtes, namichi ta'icha salphaatti hubatuuf isa hin rakkifne. Meeqa ofirra ilaalti, as achis jetti! Akka nama waa hataa jiruus biriifatti! Akkuma summii sana daabboo keessa gooteenis, akka nyaatuuf mucichatti kenniti. Akkanaan ala dhaabbatee nyaachaa akka abbaa isaa eeguu itti himti. Sanaan booda, nafanafa (ariitiin) konkolaataa seentee nama rafe fakkaattee ciiste.

Yeroo kana argu, namichi bakka ture sanarraa ariitiin dhufuun daabboo mucaa gaafata. Kanas ofii nyaachuuf osoo hin taane, mucumti sun ofii nyaatee akka hin miidhamneefi. Yeroo mucaan kennuufii didummoo, akka nama osoo hin beekiin harkaa rukuteetti jalaa lafa buusa. Kun hunduu gochaa lubbuu baraaruu ture!

Namicha lubbuu daa'imaa oolchuuf yakkamaa ta'eefi dubartittii mucaa galafachuuf ifaajaa turte irraa kan hafe, warreen kaanitti dubbiin haaraa ta'e. Addumaan abbaan mucaa waan qabee gadhiisu dhabe. Imimmaan qabachuuus dadhabe. Akki inni itti gadoodee boo'u sunis, badii raawwatame sana qofaaf hin fakkaatu. Ta'ii waggaa 10'n dura mana isaanii gale tokko isa yaadachise.
Ta'ii du'aa! Kunis, haadha warraa isaa duraanii balaa konkolaataan of cinaa dhabuusaati. Mucaan sanas, haadha manaa isaa durarraa kan argatedha. Isheen kun mucaaf, haadha ormaa ta'uusheeti. Mucaan guddatee, qabeenya abbaa isaa ijoollee ishee waliin akka hin qooddanneef jecha, kan isheen garaa jabummaa daangaa darbe akkanaa itti agarsiiftu. Dhugaadha, osoo kan ishee ta'ee lubbuu ishee kennitee lubbuusaa olfatti malee, akkana hin gootu. Abbaan mucaas kan gar-malee garaa gubeefi  humnaa ol  akka itti dhagahamu kan godhe kanadha. 'Osoo haadha qabaatee' jechaas jira. Dhuguma, osoo haatisaa jiraattee....! Yaa haadha ormaa! Garuu mucaa kichuu balleessuuf yaaltus, hin milkoofneefii. Hunduu hafee, bu'aa garaa jabummaa ishee isa daangaa darbe kanaas argachuuf jirti amma. Poolisoonni akka dafanii fuudhatanii deeman gaafata abbaan mucaa. Isaanis akkanuma godhani. Isheen boossee gadooddullee namni ishee dhagahu hin turre. Maaliifuu dhagahu malee!

Dhumarratti abbaan mucaa, namicha lubbuu mucaa isaa oolche kana galateeffachuutti deebi'a. Osoo hin hubatiin waan jechaanii ture sana hundaafis, dhiifama gaafateen. Namichis dhiifama gochuufiif yeroo itti hin fudhanne. Yeroo kana abbaan mucaa, namicha lubbuu mucaa isaa oolche kana konkolaataa isaa keessa buufatee, mucaa isaa waliin gara manaatti qajeele. Namichis baay'ee gammade. Addumaan kaampaanii isaa keessaa dalagaa akka kennuuf yeroo dhagahu, waan jedhu wallaale. Edaa namichi maraataa hin turre. Rakkinumatu karaarratti baase! hojii dhabdummaatus bakkan taane isa filachiise malee!

Akkana ture dubbichi! Akkanumaanis kan daba hojjete gatii daba isaa, kan gaarii hojjete immoo gatii gaarummaa isaa argatee gale. Dhugumas!  Hundinuu hojiima isaa nyaata. Anis hojiikoo, atis hojiikee nyaatta. HOJIIKEE NYAADHU!


β€’Barreeffama kana keessaa akka waa argamu nan amana. 'Ergaa akkanaa qaba' jedhee hamma naaf gale qofaan gabaabsuurras, sinumaaf haa dhiisu.
                      Galatoomaa!πŸ™πŸ»


         HOJIIKEE NYAADHU!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

           Abdiisaa Ejjetaati


@Orobook
Forwarded from Galaa Sammuu
"....Ani isa waliin jiraachuun barbaadu. Hangana salphadhee jiraachuurra osoo biyyeen na nyaattee. Waanan qabu fudhadheen lafa namni nan beeknetti bada. Summii ykn funyoo takkaanan of gaggeessa."jettee hirqinfattee boossi, Soorettiin. Dubartiin simboo qabeettiin sun miidhamni qorqalbii irratti duufee, fuullishee gurraacha'eera. Rifeensishee ciraaroo fakkaateera. Maddiin ishee coolagee, ekeraa fakkaatteetti.

"......Ani waan meeqa danda'ee jiraannaan mataarratti na fincooftii? Maalan ishee balleesse. Ani bar hiriyaakoo keessaa hafee, gaangee waliin..."jedhee osoo afaaniin fixatin dhiise, Abdataan. Fuullisaa ibidda uffateera. Of nyaachaa, hidhii of ciniinaa, aarii isaa liqimsuuf kokkeesaa faana wal'aansoo qaba.
"...Isayyuu ana ilma Waaqjiraatu hojjettuusaa waliin....."ammas dubbii guruc godhee liqimse.

Waldhabdee warra firaa tokkoof araara buusuu dhaqne. Abdataan Sooretti erga fuudhee waggaa 10. Garuu ilmoo hin qabani. Mana waabeekaa dhaqanis fala hin arganne. Ayyaanaafi maxaafa laalchifatanis homaa gadameessi Soorettii jiidhuu hin dandeenye.
Osuma isaan kanaan jiranii hojjettuun isaanii Angaatuun waa garaatti qabate. Ulfaa'uun Angaatuu Soorettiif hibboo waan ta'eef manashee dhiistee biyyaa bahuuf kaate.

Jaarsi dubbii isaanii beeku buleessi tokko ergawaan kana hubatee, "Yee ijoolle! Wanni rakkoo jara kanaa dhale eebba keenya gaafa cidha isaaniiti. Gaafas gaa'illi keechan kan Abrahaamiif Saaraa haa ta'u jenne. Kunoo akkuma isaanii ta'anii qe'een goolame. Osoo gaafas akkuma Orom-duriitti Jalduuf Qamuu ta'aa, sanyii sadeen horaa jenne ta'ee...!" jedheen hookkoosaa qabatee sokke.

Waan nuti eebbaaf jenne hedduun, abaarsaa laata?
Ija fayyaa sammuutiin gaafa ilaallu....πŸ‘‡

#Yaada_of_ajjeesuu_qabaachuu (Suicidal Ideation)

Akka daataan istaatiksii fayyaa addunyaa ibsutti, addunyaa irratti sekoondii afurtama (40sec) keessatti sababa ofiin of ajjeesuutiin lubbuu nama tokkotu darba. Kana jechuun waggaa tokko keessatti namoota miliyoona tokkotti siqantu lubbuu ofii galaafata jechuudha.
Yaada of ajjeesuu (Suicidal ideation) bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya:
1. Passive suicidal ideation: Namoonni yaada kana qaban du'uu ni barbaadu, garuu ofiin of ajjeesuu irra karaalee birootiin du'uu hawwu.
Fkn: Balaan hamaan na mudatee osoo na ajjeesee, konkolaataa jala bu'ee osoo du'ee, rafee osoo achumaan hafee, dhukkubni dafee nama ajjeesu osoo na qabee fi kkf du'uuf hawwu.
2. Active sucidal ideation: Namoonni kun immoo of ajjeesuuf yaaduu qofa osoo hin taane, akkamitti akka of ajjeesaniifi yoom, akkasumas maaliin of ajjeesuu akka qaban irratti karooras warroota baafataniidha.

Mallattolee namni tokko of ajjeesuuf yaadaa jiraachuu ibsan:
~ Namoota irraa kophaa of baasuu
~ Abdii kutachuu, jiraachuuf sababa dhabuu
~ Waa'ee du'aa fi waa'ee of ajjeesuu haasa'uu
~ Meeshalee nama biroo kan isa bira jiru abbichaaf deebisuu
~ Araada gara garaatiif dabarsanii of kennuu
~ Miira jijijjiramaa qabachuu, aaruu, tasgabbii dhabuu
~ Karalee ittiin of ajjeesan barbaaddachuu. Fkn: qoricha bituu, funyoo qopheeffachu, rasaasa yookiin shuguxii qopheeffachuu.
~ Namootatti nagaa dhaammachuu
~ Akka of ajjeesuuf jedhan karaalee garagaraatiin ibsuu.


Yaada of ajjeesuu akka qabaataniif maaltu sababa ta'a?

Rakkoo mukuu cimaa (Depression) qabachuun sababa namni tokko yaada of ajjeesuu akka qabaatu godhu keessaa isa ijoodha. Dhiphinaafi dhukkubonni sammuu kanneen biroos yaada ofiin of ajjeesuu akka qabatan gochuu keessatti shoora olaanaa taphatu. Kanaan cinatti immoo sababoonni biroo kanneen akka: hariiroon jaalalaa jeeqamuu, maatiin walitti bu'uu, mudannoon cimaan nama qunnamuu, araada, rakkoo diinagdeefi rakkoleen fayyaa waliin wal qabatanis sababa ta'u.

#MAALTU_FALA?
Nama Yaada of ajjeesuu (Suicidal Ideation) qabuuf xiyyeeffannoo cimatu barbaachisa. Ilaalchi "Namni waa'ee of ajjeesuu haasa'u, ni soba of hin ajjeesuu " jedhu ilaalcha dogoggorati.
Namni akka of ajjeesuuf deemu dubbatuufi kanaan dura yaalii of ajjeesuu godhee beeku carraan inni of ajjeesuu baay'ee ol ka'aa waan ta'eef maatiifi namoonni itti dhiyaatan itti dhiyeenyaan hordofuu barbaachisa. Itti dhiyaatanii yaada isaa irraa qooddachuu, miira inni keessa jiru hubachuufi waan isatti dhagahamaa jiru ifatti gaafachuu, meeshaa namni sun ittiin of ajjeesuu danda'u naannoo isaatii fageessuufi yeroo hunda wajjin ta'utu barbaachisa.

Dhuma irratti immoo, of ajjeesuun persentii olaanaan rakkoo sammuu wajjiin waan wal qabatuuf, gara ogeessa yaala sammuutti deemuudhaan gargaarsa barbaachisu argachuun dhimma hangafaati.

Miirri ni dhufa, ni darba! Jireenyi garuu itti fufa. Kanaaf miira yerootiif jennee of miidhuuf yaaduu irraa of haa to'annu.

Har'i har'a ta'ee hin hafu! Borus ni dhufa. Boru immoo guyyaa biraati.

Fayyaa hin dhabinaa!

Via Firomsa Urgessa ( Psychiatry professional)

@Orobook
β€œEat That Frog" is a popular book on time management and productivity written by Brian Tracy.

The book offers several lessons and strategies that can help you become more productive and achieve your goals.

Here are some 7 key takeaways from the book:

1. Focus on the most important tasks:

The central concept of the book is the "frog." A "frog" is a task that you have been putting off, but it is also the most important task that you need to complete to achieve your goals. The lesson is to prioritize your day and focus on the most important tasks, which are often the most challenging ones.

2. Plan your day in advance:

The book stresses the importance of planning your day in advance, either the night before or first thing in the morning. By planning your day, you can identify your most important tasks and allocate your time and resources accordingly.

3. Break down big tasks into smaller ones:

Big tasks can be overwhelming, and they often lead to procrastination. The book recommends breaking down big tasks into smaller, manageable ones that are easier to accomplish.

4. Use the 80/20 rule:

The 80/20 rule states that 80% of your results come from 20% of your efforts. The lesson is to focus on the 20% of tasks that produce the most significant results and eliminate or delegate the rest.

5. Practice time blocking:

Time blocking is a strategy that involves blocking out specific times in your day for specific tasks. By doing this, you can create a sense of structure and focus on the task at hand without distractions.

6. Avoid multitasking:

Multitasking is a myth, and it often leads to decreased productivity and increased stress. The book recommends focusing on one task at a time and completing it before moving on to the next.

7. Embrace failure:

Failure is an inevitable part of the learning process, and the book stresses the importance of embracing failure and learning from it. By doing so, you can grow and improve your skills.

In a nutshell, "Eat That Frog" is a helpful book that offers practical tips and strategies for managing your time and becoming more productive. By following the lessons in the book, you can overcome procrastination, increase your focus, and achieve your goals more efficiently.

Thanks For reading

#management #learning #strategy #help #productivity #planning


@Orobook
#Haalota_hanga_dhumaatti_hubadhu!

Guyyaa tokko Lalisaan hiriyyaa isaa Kaalidiif bilbilee,"Harmeekoo baay'ee ishee  dhukkubee, amma mana yaalaa ciistee jirtutti, qarshii kuma sadii (3000) gaafatameen jiraati, maaloo eessaayyuu barbaadii, qarshii kana hatattamaan qabadhuu naaf koottu" jedhe. Kaalidis " tole daqiiqaa soddoma (00:30)  ana eegi qarshii jette kana qabadheen siif dhufa" jedhe. Lalisaanis tole jedhee eeguu jalqabe, Kaaliid garuu daqiiqaa jedhame sanatti hin dhufne. Lalisaanis Kaalidiif deebisee bilbile, bilbilli Kaaliidis eefa bahuu dide (bilbilli isaa cufameera ture), irra deddeebi'ees yaale garuu bilbilli sun bahuu hin dandeenyee. Lalisaan baay'ee aaree, abdiis kutate message ykn ergaa akkas jedhu barreesseef "Itti dhiisii duris anoo sii irraa abdii hin qabuun ture. Anaafis hiriyyaan hin taatu" jedhee ergeef. Daqiiqaa muraasa booda garuu Kaaliid dhufe. Lalisaanis "Sagalee isaa ol kaasee, maaloo yoo dhabde illee maaliif bilbila kee cuftee?" jedheen. Kalidis "ani bilbila koo cufeen miti. Hiriyyoota koo baay'ee qarshii akka naaf liqeessan nan gaafadhe garuu hundi isaani hin qabnu naan jedhan, waantan godhu yeroon dhabu bilbila koo gurgureen kunoo qarshii 3000 ati na gaafatte siif qabee dhufe"jedheen. Lalisaanis naasuu dhaan akka fajajuu ta'ee xiqqoo yaadaan erga dhidhimee iji isaas imimmaaniin guutamte booda itti maramee. Dhiifama anaaf godhi. Yaada koon sitti balleesseera jedhees dhiifama  in gaafate

β€’~>Darbee darbee namootni nuyiif jedhanii, oliif gadi kaatanii rakkoorra of buusanii aarsaa nuuf kaffalan jiru. Nuyi garuu waan isaan mudate osoo hin hubatiin haaloonni akka nuyi barbaannutti qofa waan hin deemneef dubbiitti yoo ariifachuu baanne gaariidha. Horaa bulaa!


[Toora Fuulbarruu Baallee Kitaabaa keessaa fudhatame!]

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Forwarded from Gola Oromootaa Official Channel (Olbana Chala)
"OFIIN DORGOMI"

Bara jiraattu keessatti dorgomaa baay'ee cimaa ta'ii darbi. Dorgommii kee mo'achuuf yoom illee duuba hin deebi'iin. Kan ati ittiin dorgomtu garuu nama biraan hin ta'iin. Ofii keen of dorgomi. Yoo nama biraan wal dorgomte rakkina keessa galuu dandeessa. Kunis namni ati ittiin dorgomtu gara badisaatti deemaa jira yoo ta'e, ati isa dursuuf waan fiigduuf dursitee rakkina keessatti kufta. Inni ati ittiin dorgomtus gaafa kufaatii kee argu duubatti deebi'ee of yaadachuun ni injifata. Kana keessatti yaada keen of yoo dorgomte garuu, waan gootuufi akkamiin akka gootu addaan baastee beekta. Milkaa'insi kees karaa kana. "Akka abaluun sirbaan morma nama cabsa" jedhama. Kanaaf akka nama biraatti osoo hin taane, akka dhuunfaa keetti dorgomi. Osoo yaada ofii hin injiifatiin nama biraa yaadaan mo'uun hin danda'amu. Ati ofii keef dorgomaa cimaadha. Gaafa jecha namaa dhageessu ittiin hin booniin yookiin hin tuffatiin. Garuu hunduma isaa fudhuu ittiin of ijaari. Gaafa of ijaarte ni dorgomta. Dorgommiin kan takkaa yaalanii ittiin milkaa'an miti. Kan keessatti abdii kutanis miti. Garuu kan keessa dhaabbatanii dirree injiifannoo ilaalani. Dorgommii keessatti kuftee kaata. Obsa baratta. Gaafa dorgomte ni milkoofta. Milkaa'insikee dhalootaaf fakkeenya ta'a. Xiqqaaf guddaan si ilaalee deema. Si irraa barata. Gaafa milkaa'e yaadannoof yaada isaa keessa si kaawwata. Si'iin boona. Kanaaf Yoom illee "ofiin dorgomi!"

Kun tokko, kaan immoo gaaf tokko!
imala keenya!

Olbaanaa Caalaa Hirphasaati

@nuyiwalif
@nuyiwalif
@nuyiwalif

Share gochuu hin dagatiinaa!πŸ™πŸ™πŸ™
Forwarded from Milkaa'ina jireenyaa✍ (Abdii Abbiyyoo Eda'oo)
Think And Grow Rich ( PDFDrive ).pdf
935.6 KB
Kitaaba bareedaadha buufadhaa dubbisaa!
#English_version

πŸ“’JOIN & πŸ”—SHAREπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
╔══════════════════╗
πŸ“šJOIN:
@milkaainajireenyaa
πŸ“šJOIN:
@milkaainajireenyaa
πŸ“šJOIN:
@milkaainajireenyaa
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
Forwarded from Milkaa'ina jireenyaa✍ (Anuma Abdiidha!)
β€œEat That Frog" is a popular book on time management and productivity written by Brian Tracy.

The book offers several lessons and strategies that can help you become more productive and achieve your goals.

Here are some 7 key takeaways from the book:

1. Focus on the most important tasks:

The central concept of the book is the "frog." A "frog" is a task that you have been putting off, but it is also the most important task that you need to complete to achieve your goals. The lesson is to prioritize your day and focus on the most important tasks, which are often the most challenging ones.

2. Plan your day in advance:

The book stresses the importance of planning your day in advance, either the night before or first thing in the morning. By planning your day, you can identify your most important tasks and allocate your time and resources accordingly.

3. Break down big tasks into smaller ones:

Big tasks can be overwhelming, and they often lead to procrastination. The book recommends breaking down big tasks into smaller, manageable ones that are easier to accomplish.

4. Use the 80/20 rule:

The 80/20 rule states that 80% of your results come from 20% of your efforts. The lesson is to focus on the 20% of tasks that produce the most significant results and eliminate or delegate the rest.

5. Practice time blocking:

Time blocking is a strategy that involves blocking out specific times in your day for specific tasks. By doing this, you can create a sense of structure and focus on the task at hand without distractions.

6. Avoid multitasking:

Multitasking is a myth, and it often leads to decreased productivity and increased stress. The book recommends focusing on one task at a time and completing it before moving on to the next.

7. Embrace failure:

Failure is an inevitable part of the learning process, and the book stresses the importance of embracing failure and learning from it. By doing so, you can grow and improve your skills.

In a nutshell, "Eat That Frog" is a helpful book that offers practical tips and strategies for managing your time and becoming more productive. By following the lessons in the book, you can overcome procrastination, increase your focus, and achieve your goals more efficiently.

Thanks For reading

#management #learning #strategy #help #productivity #planning


@Orobook
Forwarded from Milkaa'ina jireenyaa✍ (Abdii Abbiyyoo Eda'oo)
Eat_That_Frog!_21_Great_Ways_to_Stop_Procrastinating_and_Get_More.pdf
508.5 KB
Kitaaba baayyee bareedaadha! Dubbisaa
#mostrecommendedbook
πŸ“’JOIN & πŸ”—SHAREπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
╔══════════════════╗
πŸ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
πŸ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
πŸ“šJOIN: @milkaainajireenyaa
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
#Gatiin_Imimmaanii_Meeqa_Turee?
Kaleessuma kanadha! "Obbo Mallas baga nuuf dhalate" naan jedhe nama keenya tokkotu fuula gammachuun ifeen. "Naan galle" jedheenii. "Har'a waggaa 68ffaa isaati, hin beektuu?" naan jedhe itti fufee. "Anaafi siitiin immoo maaltu galcheree? Jechuun maalsaatu siif dhalate?" jedheen gaafadhe. "Obboleessakoo waggaa lamaan dura hojiirraa arii'amee ture, guyyaa yaadannoo dhaloota isaa sababeeffachuun har'a hojiitti deebisani. Kanaafan guyyaa dhaloota isaa gammade, kanumaafan kabajuuf jiras" naan jedhe dabalee. Ammallee naan galle.

Yoon itti siiqee qulqulleeffadhu akkana ture dubbichi! Obboleessi isaa bulchaa gandaa ture. Waggaa 11'n dura yeroo muummichi ministeeraa duraanii obbo Mallas Zeenaawwii du'aan addunyaa kana irraa boqotu sana, jiraattonni gandicha keessaa walitti qabamanii akka gadda isaanii ibsatan labsa. Namni argamne hundis uffata gaddaa uffatanii akka haalaan boo'an isaan dirqiisiisa. Ofii dura bu'ee boo'ees isaan boosiisaa ture. Hoogganaadha mitiiree! Namoota hin argamne, akkasumas argamanii gadda isaanii haalaan hin ibsanne sadarkaa sadarkaan adabsiisaas ture. Akkanaan 'goota gootaaf quuqamu' jedhamee maqaansaa ol kaafamee ture. Sababa haalaan jiraattota gandichaa boossise kanaafis, badhaasarree ittiin fudhateera. Akkanaan gatii imimmaanii guurrate!

Kun ta'ee waggootaan booda, lolli mootummaa naannoo Tigiraayiifi mootummaa federaalaa jidduutti eegale. Eegalee hin turre kan namni kun gantuu jedhamee waamame. Gantuu keessayyuu 'gantuu nu keessaa' jedhanii ofirraa qoollifachuu eegalani, akka bulchiinsaatti. "Sirnicha siifi warreen akkakeetu nurratti dagaagsaa ture. Yerooma lafeen dugdaa sirnichaa du'erree dirqamaan uummata boossisaa turte. Ati gantuudha!" Jedhuunii. Afaanuma kaleessa "Gootatu gootaaf quuqama" jedhaniin har'ammoo "Gantuutu siidaa gantuu dhaabaaf" jedhanii hojiirraa isa arii'ani. Arii'uu qofaas miti, qabanii hidhani. Akkanaan waggaa 5 gaaffii tokko malee mana hidhaa ture!

Hidhaadhaa bahees ji'oota muraasaaf hojii malee taa'ee ture. Kunoo har'a garuu guyyaa dhalootaa namichaa sababeeffachuun hojiitti isa deebisani. Edaa kanatu gammachiisee jira gurbaa. Yeroon kana hubadhetti, "Yaa siyaasaa!" Jechuukoo hin dagadhu. Inni har'aa nuyi bu'aa siyaasaafi yeroof jecha, walirraa soqolaa oollu kunis galmee seenaa irratti galmaa'ee akka hafu yaadachaan waan kana katabe malee, silaa yeroo gurbaan "Baga nuuf dhalate" jedhee lafa dhiitu kana, 'ana maal na dhiberee' jedheen irra darba ture. Gatiin imimmaanii na dhiba malee! Dubbii keenya irratti, gatiin imimmaanii meeqa turee? Siniif dhiiseera!

-----
Kunis siyaasa akkan jennemmoo! Taanaan qoosaafin kaase.πŸ˜‚
-------
#Gatiin_Imimmaanii_Meeqa_Turee?

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Gufuu_Daandiikee_Irraa_Kaasi!

Bara durii ture! Mootii tokkotu, dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra keessise. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiima irraa goranii darbu turani. Gariinimmoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hinturre. Mootichi hamma kana ilaaleema ajaa'ibsiifata. Ajaa'ibas!
Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabbii guddaan booda nimilkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama ofkeessa qaba. Kunneenis warqee gatii jabeessaafi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha; "Warqeen kun, kan nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati!

Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hinhubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee!

πŸ‘‰ Ba'aa keessa bu'aatu jira! Wantonni gufuu nutti fakkaatanii isaan dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hintaane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira; garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira; ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuus badhaasa mataa isaa niqabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hinjirres sun hinjiru,....hindagatiin!

πŸ‘‰Gufuun har'a irra darbamu borus achuma! Rakkoon har'a hinfuramne rakkooma ta'ee tura. Dhagaa sana karaa irraa kaasuu dhabuu isaaniif waan dhaban qabaachuu qofaa miti, kan jarri sun miidhaman. Dhagaan isaan irraa goranii darban yoomuu isaaniif gufuudha. Hamma isaan hinkaafnetti achuma jira; yeroo bahanis ta'e galan achuma taa'ee isaan eega. Deemsa isaan dhorka, karaa itti dhiphisa, rukutees isaan miidhuu danda'a, dhagichi. Rakkoon har'a hinfuramne borus rakkoodha, yookaan bifa jijjiirratee dhufa. Kanaafuu, furmaanni hundeen bakkaa kaasuudha. Yoos rakkootu bakkaa ka'a,...nirakkatas! Akkas kunoo!

πŸ‘‰ Wanti nama hinmiine ittuu nama jabeessa! Nama dhagaa guddaa sana dhiibee kaasetti, ba'aan isaa duraa akka itti salphatu nama hinshakkisiisu. Gara fuulduraattis, leenjii jabaa ta'aafi. Hammam jabaa akka ta'es nihubachiisa. Meeshaalee suphee irraa hojjetaman yoo fudhanne, isaan osoo tajaajila hinkenniin dura ibiddaan siila'uu qabu. Yoo akkana hintaane, bishaan of keessatti qabachuu hindanda'ani. Kanaafuu, dursa ibiddaan siila'uu qabu. Argitee? Hamma hinballeessinetti gubuunuu furmaata. Meeshaaleen kunis, osoo hingubatiinirra yoo gubatan irra jabaatu. Jabinni dhala namaas leenjii garagaraa keessaani. Yaaduu, yaaluu, kufuu, ka'uu, baachuu, dadhabuu,.....! Kanaafuu, jabina keenya waan nu jabeessuu danda'u qofaa keessatti haa eeggannu!

πŸ‘‰Kaayyoof jecha gad jechuun ol jechuu fida! Namichi qofaa isaa dhagaa dhiibu sun, namoota biroo biratti akka maraatuutti ilaalamuu hinhafu. Baay'eenis dhaabatanii itti kolfu ta'a. Dhageettiin gurra isaafi agartuun ija isaa garuu, kaayyoo isaa qofaa irra ture. Gufuu of jalaa kaasuufi deemsa itti fufuudha, mul'anni isaa. Namootatti gowwaa fakkaatus inni kaayyoo isaaf gamna yeroo isaati. Nutis, kaayyoo keenyaaf gad jechuu haabarru. Kan kaayyoof gad-jedhetu, olkaafama!


#Gufuu_Daandiikee_Irraa_Kaasi!

Dubbisuufi Barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
@Galaakoo
@Fayyaa_egeree
Fooramiin β€˜Yaadrimee Oromummaafi Lammii Oromoo' jedhu, qopheessummaa Yuunvarsiitii Riiftivaaliitiin Jimaata uummataaf dhihaachuuf deema.

Yaadrimee Oromummaafi Lammii Oromoo jedhu irratti Dr. Gammachuu Magarsaa ibsa bal’aa hawaasaaf ni taasisu.

Qophii kana irratti namni kamuu hirmaachuu ni danda'a. Caamsaa 26, 2023 jechuunis Jimaata dhufu ganama keessaa sa'a lama irraa eegalee hanga sa'a 5:30tti, Galma Abbaa DuulaaYuunvarsiitiiRiiftivaalii Gamoo tokkummaa kan naannoo Gootaraa argamutti qopha'a.

Namni isiniif mijate kamuu irratti argamuu ni dandeessu.

Via Lalisaa Indiris Adam

@Orobook
Forwarded from Milkaa'ina jireenyaa✍ (Abdii Abbiyyoo Eda'oo)
Dunkaana hin ijaarratiin
Awwaala koo cinaatti
Yoo dhugaa na jaallatte
Na jaalladhu jiraatti!

Utuun jiruu hammina keen
Burqaa kiyya qadaaddee
Akkan haara hin galfanne
Ciinceessitee na waaddee
Ergan du’ee obbaafadhee
Firooma maalii yaaddee?

Addunyaa yartuu kanaaf
Hin tuttuqiin caba koo
Kanuman jechuu fedha
Galatoomi nama koo!
✍#leta_kenei

@milkaainajireenyaa
"Nuti amantiidhaan gargar baanee hin beeknu, hin baanus. Nuti Oromoodha. Oromummaa keenyaafis qabsootti jirra. Akkuma tokko taane kana, duunus jiraannus hireen keenya takka. Kanaafuu du’a ooluuf jecha amantiidhaan gargar hin baanuutii, akka feetan nu godhaa!" #Gootota_Shinniggaa
Forwarded from Dr. Abdisa Ejeta Official Channel (Abdisa Ejeta)
Namicha tokkotu, dhimma ta'eef gara mana dureessa ofgahaa, liqeessee du'a nama oolchuufi biyya keessattis ta'e alatti beekamtii addaa qabuu tokko  deema.  Namichi akkuma qe'ee duuressichaa gaheen, karra rurrukutee olseene. Uffata hojii uffatee mooraa qulqulleessaa kan jiru, kanumti karra jalaa bane sun, maaliif akka dhufeefi eenyuun akka barbaadu edda adda baafateen booda, "Dhimmakee natti himadhu; namni ati barbaaddu, duuresichi anuma" jedheenii. Innis haalasaa, addumaanimmoo uffannaa isaa ilaalaa, ija tuffiitiin mimil'atee itti kolfaa, "Ni qoostaa? Mee of ilaali, maal keetu duuressa fakkaata? Amma qoosaa dhiisiitii duressicha naaf waami!" jechuun itti mudde. Namichi mooraa bareechaa jiru sun, "Siin waama, dhaabadhuu na eegi!' jedhee ariitiin mana seene. Duuressi barbaadamu, uffata gatii jabeessaafi bareedaa uffatee mana gadi bahe. Namichi duressicha barbaadus, fuulaa ifaan simachuun, hamma sagaduufiitti gad jedhee nagaa gaafate.
Garaa isaattis, "Ela kunooti, sooressichi ani barbaadu" jechuu hinhafne. Duressichi, fuula gaddaan baay'ee gurraacha'e agarsiisaa, "Ani namuma sila ati tuffachaa turtedha. Sila akka namaatti na ilaaluun sitti ulfaatee ija tuffii naaf hirte, dubbii salphinaas natti darbaa turte; ammaa garuu, kabajaa irraa hafaa naaf laatte. Garaa garummaan anaa ammaafi duraa uffata qofaadha. Namni uffataafi waan alaan mul'atuun osoo hintaane, namummaa isaatiin madaalama. Kanaaf, waan akkasiitti hindeebi'iin!" jedheen. Dhugaadha! Namummaan uffata akkanuma faaya alaan mul'atuun osoo hintaane, miidhagina keessoo dhala namaati. Miidhaginni keessoo immoo uffannaafi kuula alaan miti, jechaaf gochaan mul'ata. Kunneenimmoo lubbuu qabu,  galateeffamoodhas! Eeyyeen, akkanuma buqqee mataa ilaalanii humna keessa namaa adda baafachuun gonkumaa hindandaa'amu. Duubni keessa, keessis duuba miti. Nama kabajuuf ulaagaan inni jalqabaa nama ta'uudha. Namummaan namaas uffata alaan nama haguugee argamu, qabiyyee garaa dhiibee gara duubaatti mul'atu, aangoo ammee boru kan nama biraa sana osoo hintaane waan kanaan olii yaadaafi qalbii isaati. Nama uffata miidhagfateef lafaa kaatee, isa biraafimmoo bakkuma isaa irraayyuu nidhiibda taanaan, ammayyuu namummaankee gaaffii jala jira. Waanti ati lafaa kaateefii sun uffata malee nama miti; inni ati ofirraa dhiibde sunis sanuma.
Dhugaa dubbachuuf taanaan, gogaafi waantonni gogaa golganii jiran guutummaa nama sanaa himuuf haamilee hinqabani. Maarree, waan haamilee hinqabnetti haamilee hinliqeeffatiin! Nama namummaa isaaf kabaji!


β€’Kitaaba "Sansakkaa Sakaalame" keessaa fudhatame.

~>Guutummaa isaa iyyaafattanii akka dubbiftaniif, affeeramtanii jirtu. Dubbisa gaarii!


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Β©Abdiisaaa Ejjetaa U. Bantii, 2022


@Orobook
2024/09/25 07:25:48
Back to Top
HTML Embed Code: