Telegram Web Link
Jechoota kitaaba dubbisuun walqabatan kan ergaa guddoo nuuf dabarsan kana dubbisaa.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬

【1】 Namni osoo kitaaba dubbisuu dandayuu kitaaba hin dubbifne, nama dubbisuu hin dandeenyerra hin caalu.

【2】“Aadaa ummata tokkoo balleessuuf  kitaaboota gubuu hin qabdu.  Akkuma  ummanni isaan dubbisuu dhaabu godhi.”  ~Ray Bradbury

【 3】“Ani sababa Televisiyoonaatiin baay'een baradhe. Yeroo namni tokko isa qabsiise, ani immoo kutaa biroo seentiin kitaaba dubbisa. ~ Giruuchoo Maariks.

【4 】"Namni dubbisu osoo hin du'a dura hoggu kuma jiraata....namni hin dubbifne garuu hogguma tokko qofa jiraata!" ~ Ji'oorji R.Maartiin

【5 】"Yeroo hoggu takka  gama kitaabaa mil'attu, sagalee nama waggaa 1,000 dura du'e dhagayuu malta. Kitaaba dubbisuun yeroo keessa imaluudha." ~ Kaarl Saagaan

【6 】"Ani kitaaba malee jiraachuu hin danda'u." ~Tomaas Jefersoon

【 7】"Akkuma namni kitaaba dubbisuu qabdu si agarsiisu kitaabnis nama dubbisuu qabdu si agarsiisa." Ilyas Abdella

【8 】“Yeroo hundumaa Jannanni jaarmaya mana kitaabaatiin walfakkaataa akka tahettiin yaada.”
―Joorji Luwiis Boorgees

【9 】“Kitaabiilee gaggaarii dubbisuun akka namoota sammuu cimtuu qaban kan jaarraawwan darban keessa jiraatanii boqotanii waliin haasawuuti.”  - Deeskaartis

【10 】"Dubbii kitaabotaa irraa kan nama dinqisiisu kanuma.  Miila kee iddoo teessu irraa osoo hin sochoosin akka addunyaa naanooftu si taasisa.”  - Jhumpa Laahiri

Subscribe our channel and share our post.
@caayaafugug
@caayaafugug
@caayaafugug

©️ Ilyas Abdella Mohammed
Oct 21, 2022
Galatoomaa
Lessons Of Book "Think & Grow Rich" -Napoleon Hill

1. Desire
Napoleon Hill describes in his book "Think & Grow Rich", everything starts with a desire. How badly you want something in your life.

You would not have the desire that you have unless you were capable of achieving it.

But it is your burning desire that is simply an accurate picture of what you will become.

But your desire has to be a burning desire. And when you decide to achieve your desire.

Therefore, in a way, desire is the one stage that links thoughts and actions together:

Thoughts → Commitment (or Desire) → Action

“Whatever the mind can conceive and believe, the mind can achieve.”

And this is regardless of how many times you have failed in the past.

2. Faith
Faith is the solid expectation of things hoped for, the visible demonstration of the power of your thoughts and feelings.

You can create the impossible through faith.

But negative thoughts of anger, hatred, or jealousy will kill any benefit of having faith.

Therefore you have to have a positive attitude about whatever it is you want to achieve.

When you believe in yourself and in your dreams, you can achieve anything.

3. Auto Suggestion
This is the ability to focus your mind on your burning desire so much that your subconscious mind accepts it as fact.

Autosuggestion is a suggestion/affirmation by yourself, to yourself.

Write down your goal and desire and repeat it with positive attitude that becomes a reality of life.

4. Specialized Knowledge
Now we know Thoughts = Desire = Action

Never stop acquiring specialized skill related to your major purpose, business, or profession.

Those who are not successful usually believe that once you finish school then acquiring knowledge has ended.

The truth is that all schooling does is to help you in the way of learning how to acquire practical knowledge.

You need to keep on learning and improving your knowledge and action plan to achieve your desire.

5. Imagination
“Whatever the mind can conceive and believe, the mind can achieve.”

And this is regardless of how many times you have failed in the past.

You have to develop the power of self-motivation and the best way to do that is through imagination.

Imagination gives clarity and self-motivation of the action towards your plan.

6. Organized Planning
I always talk about how much-organized planning is required when it comes to being efficient.

The book "Think & Grow Rich" also mentioned that to achieve your goal you have to be organized and plan your activities in a way that leads you to success.

7. Decision
Procrastination is the opposite of a decision and is the enemy of everyone desiring success.

All successful people make decisions very fast, but they change them very slowly.

And all unsuccessful people make decisions very slowly and change them fast and often.

Draw your life plan and put across things you need to focus on to achieve things in your life.

It may be a habit, learning, or decision-making skills.

The faster you can decide to not put up with people whose aim is just that of bringing you and your dreams down the better.

8. Persistence
Persistence is the one quality that you must have in order to become successful.

It is the main part of a person’s character that separates those who do not achieve from the achievers.

So many of us give up right before success.

But when you learn persistence and the concepts of decision, you can push forward to the award of victory.

9. Power of the Mastermind
A mastermind group is a group of two people who support one another in attaining their goals, plans, and dreams.

It is a group of people who are sympathetic to your desire.

They can help you to excite your mind for new thoughts and keep pushing.

10. The Subconscious Mind
"Think & Grow Rich" mentions that the subconscious part of your brain is like an archive/storage: it receives and contains your thoughts and impressions, regardless of their nature. It can solve our problems if we go about it the right way.
Your brain is the most marvelous, miraculous, and powerful force the world has ever known.

The mind is designed to help you to bring to you everything that you want. Use it for what it was intended for.

Cheers to your success!

For further, read the entire book. Have wonderful reading time!


@Orobook
        #Adaamaa!
Kitaabni "#Barbaadii_of_Argadhu" jedhu kitaaba muraasa qofaatu hafe. Utuu sin jalaa hin dhumiin argadhaa. Innis, Mana Kitaabaa #BILISUMMAA:- Adaamaa, Firaankoo, hoteela Maarkoon fuuldura, hoteela Ayyuu irraa kallattii mana poostaatti xiqqoo ol siqee argamu kitaabni muraasni qofti dhaqqabee waan jiruuf, achii argachuu dandeessu. Odeeffannoo dabalataaf:👇

Lakk. Bilb. 092 363 4151

Dubbisuufi barreessun ittuma fufa!

           @Orobook
Dubbisuun karaa ittiin waan haaraa baraniifi hubannaa ofii ittiin qoran yookaan mirkaneeffatanidha!👌

@Orobook
Forwarded from Soriy 🤨
GADAA BOOKSTORE

Link kana gadiitti fayyadamuun kitaabawwan tolaan jiran download gochuufi kitaaba tolaan jiran kan nama biraa ykn kan mataa keenyaa maxxansuu ni dandeenya

oromobooks.atwebpages.com

GADAA BOOKSTORE
Hubannaa fayyaa qabaachuun osoo hin dhukkubsatiin dura akka dhukkuba irraa of eegnuuf haal-duree dorgee hin qabnedha. Maarree,  karaa hidhata kanaa barreeffamoota fayyaa garagaraa argachuun wabii fayyaa keessanii mirkaneeffadhaa. Fayyaan faaya; fayyaa hin dhabiinaa!
👇👇👇👇👇👇
https://www.facebook.com/bultooliko/
Darbatamuun hundi gatamuuf, kufuun hundis achiin hafuuf miti.
Sanyiin midhaanii lafatti darbatamee; kufee ka'a, ka'ee lata, latees baha.
Ija tokko ta'ee faca'ee, bu'aa ija hedduu waliin dhufa.
Akkuma biyyoon darbatamu hundi awwaaluuf, dhagaan namatti darbatamu hundis balleessuuf hin taane, wanti hamaa fakkaatee namatti dhufu hundis jireenyatti nagaa nama dhaamsisuuf miti.
Eeyyeen, darbatamuun hundi darbee nama hin hambisu.
Harka hin kenniin!
👉#Kitaaba 'SANSAKKAA SAKAALAME' jedhamu, kan Abdiisaa Ejjetaa 'n barreeffame keessaa fudhatame.
👉Kitaaba kana barbaadaa dubbisaan affeerraa kooti!🙏😍
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

© Dr. Bultii Likkiisaa, 2022 (https://www.facebook.com/bultooliko)

@Orobook
Durbee Oromoo ( Zamzam Huseen)fi kitaabicha, biyya hambaa, Qaataar Magaalaa Dohaattidha!😍

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
suura koo barreessaan taakkuu diroo.pdf
609.6 KB
#Suura_koo
(Kuusaa Walaloo)

Barreessaan: Taakkuu Diroo

Bifa PDF-tiin siniif gumaachamee jira. Itti dhiyaadhaa!

@Orobook
SEENAA GABAABDUU - ALII BIRRAA
(1948 – 2022)

Sadaasa. 06, 2022

Abbaa Urjii tiin:

Uumama isiirraa kaasee Xoophiyaa kan jaare, diinarra ittisee fii adunyatti beeysise Oromoota. Warra jaarinsa isii tiif utubaa tahaniif Goobana Daacee fii Qusee Diinagdee; kanneen diinarraa ittisaniif kanneen akka Balaay Zallaqaa Qilxuu; warra adunyatti beeysisaniif Abdiisaa Aagaa, Ababaa Biqilaa, Faaxumaa Roobaa biratti kumaatama maqaa dhawuun ni dandayama.

Haala olii biratti afaanii fii aadaa Amaaraa, kan maqaa Xoophiyaa golgate, lubbuu itti godhuu fii guddisuu keeysatti qoonni Oromootaa Amaarotaa oli. Fakkeenya kanaa tiif Xaggaayee Gabre-medhin, Xilaahun Gassese, Buzinesh Baqqalaa fii Oromoota baayyee tu lakkaawama.

Warri armaa olii kuni, beekaa ykn wallaalaan, ifii dabanii ykn dogoggoranii, lammii Oromoo waanjoo diinaa jalatti galchuu bira dabranii maalummaa fii eenyummaa isaa mulqee tan Amaaraa akka fudhatuu fii, of ganee isaan akka tahu, godhamuu keessatti gumaachi isaanii guddaa dha.

Ee! Namoonni aangoo fii dantaa waa-xiqqoon fedhii lammii isaanii gananii fii gurguran hawaasa hunda keeysatti rakisha. Qaaliin, warra aangoon, horiin, sadoo fii qananiin, dantaa lammii isaaniitti duuyda gara hin-galchine. Haala kanaan, bu'ura Oromummaa kan tahe, afaanii fii aadaa Oromoo dhabamsiisuuf ijibbaata diinni godhaa ture hoongeeysuu keeysatti namni wal'aansoo seena-qabeeysa godheen, afaan Oromoo du'a diinni hawweef jalaa bahee sadarkaa arra irra gaye heluu keessatti gumaacha hundaa olii qabu Alii Birraa ti.

Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fii haadha isaa Faaxumaa Alii-rraa, Xaaliyaanii biyya teenya keeysaa bahee bara torbaa, Caamsa 26, bara 1948, magaalaa Dirree Dhawaa, Ganda Kaabaa kan gaara Ganda Qoree duubaan jiru jalatti arkamu-tti nama dhalate.

Mahammadii fii Faaxuma wal fuudhanii bara shanitti, Alii dhalatee amata sadihii, wajji jiraachuu dadhabanii adda deeman. Yaroo tana abbaan Alitti waan cicheef Faaxuma odoo hin jaalanne ilma isii abbatti dhiiftee, Ejersa Gooroo, biyya itti dhalattee guddattetti, deebite. Haalli kuni, Ali, abbaa malee haadha dhablee godhe. Haa tahu malee Rabbi adaadaa isaa, Maryam Muussaa (Aboonyi), obboleeytii abbaa, bakka haadhaa buuseef.

Abbaan Alii, Mahammad, nama ogummaa hujii harkaa tiin beekkame. Hujii tanaan nama Sharikaa Baaburaa-tti mindaawe. San biratti, koontiraata hujii tan boombaa bishaanii manneeniif naquu fii, bakka caphe tolchuu tiin bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa waliin qabuun nama jiraatu. Haala kanaan, ilma isaa, tokkicha, Ali, aayyadaa malee guddisuu murteeyfate.

Ali, akka umrii barnootaa gayeen, mana barnoota amantii Islaamaa kan maqaa Madrasa Jadiidaa-tti beekkamu, kan Ganda Laga-Harree-tti karaa oliin arkamutti galmeeffame. Achitti hamma hulaa shanii eega barate booda, mana barnootaa kan gaafasitti maqaa Lu'ul Makoonnin qabaachaa ture, kan Gaziiraa keessatti arkamu geeyfamee, achitti hulaa jahaffaa xumure. San booda, Ali fedhii gama kanaan barnoota itti fufu dhabuu waan hubateef, abbaan, madrasaa Arabii, kan Ustaad Gubee, kan gaara Ganda Qabri-Joollee gubba arkamu naqe.

Ali barnoota Madrasaa Ustaad Gubeetti kennamu yaroo gabaabduu keessatti fixee, achumatti, barsiisummaa mindaawee, Ustaad Ali moggaafame. Isaa haala kana keeysa jiru, sossoohinsi Afran Qalloo kan guddina afaanii fii aadaa Oromoo tiif bu'ura tahuuf jiraatu Dirree Dhawaa keessatti jalqabe.

Kan sossooha kanaaf sababa tahe, aruuza ilma Ugaazaa, kan jalqaba bara 1961 keeysa godhame. Gaafana wallisoota wallee afaan adda-addaa tiin afeeramtootaa booharsaa turaniin, Rabbi rahmata haa godhuu fii, Abdullahii Girichoo, “mee wallee afaan keenyaa tiis, takkallee taatu, nu dhageeysisaa khaa!” je’e. Wallisoota keessaa kan gaaffii Abdullaahii tiif deebisaa kennu dhabnaan, Rabbi Jannataan haa qanani’uu, Hassan Umar Tarree, sagalee ol kaateen, gaaffii Abdullaahii warra dooyaa-rra jiraniif irra deebi’e. Gaaffiin lamada itti darbatamnaan, kan miya muuziqaa dhawaa ture tokko, “meeshaan muuziqaa afaan Qottuu hin beeytuu. Yo ittiin dhawan ni cabxi,” deebisaa jattu kenne.
Deebisaan kennamte, qaanqee dallansuu fuula Abdullaahii Girichoo, Hassan Umarii fii dargaggoota dura facaaftee, sharaa bashannana aruuzaa tiif dhaabbatte shororkaan weerarte.

Dubbiin gurbaan mana aruuzaatti afaan Oromoo laalchisee darbate, sharaa aruuzaa keeysa qofatti hin dhaabbanne. Hawaasa Oromoo naannoo sanii, keessaa huu, manguddoota, haalaan onnachiifte. Odoo hin turin, horii walitti baasanii, miya muuziqaa ammayyaa bitanii, dargaggoota fedhii wallisuu qaban harka kaayan. Gochi isaanii kun, Hagayya 05, bara 1961, Hawwisoo Afran Qalloo tan maqaa Urjii Bakkalchaa tiin beekkamuuf jiraattu dhal’che.

Miseensoonni Urjii Bakkalchaa kanneen harmoonikaa afuufuun rakkisaa ture, yaroo gabaabduu keessatti, miyoota muuziqaa bitamee fiin wal fudhatanii, Bitooteessa 08, bara 1962, ayyaana Iida Ramadaanaa kan Hijraa 1381, dooyaa galma bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa-tti ol bahanii hawaasa seenaa daawwatamtee hin quufamne badhaasan. Achumaan, dargaggoota magaalatti maraan,
“Ilmaan Afran Qalloo maalif tatteeysanii
Dardara alagaa if cinatti hin-gartanii
Afaan isaanii-tiin kunoo wal faarsanii
Dubarran teenya tan karaa yaatu-lleen
Wanni wallisan bar tan jaraa ti walleen,” jechuun wal'aansoo aadaa fii afaan isaanii guddisuu-tti yaaman.

Akki kuni, magaalaa Dirree Dhawaa, Urjii Bakkalchaa biratti hawwisoo Biiftuu Ganamaa, Hiriyaa Jaalalaa, Maskoob, Arsalee fii Suuqal Ilaaq badhaase. Dargaggoota malees, shamarran maqaa Azeeba Timiraa, Biqilee fii Eeynabeen gurmeeysee, akkuma dhiiraatti dooyaa agarsiisaa gubbatti baase.

Dargaggoota yaamicha Urjii Bakkalchaa jalaa oowwatanii guddina aadaa fii afaan isaaniitti bobbahan keeysaa tokko Alii Birraa ti. Aliin nama joollummaan wallee fii wallisuu akkaan jaalatu. Kanarraa kan ka'e, mana barnootaa keessatti faaruulee yaroo adda-addaatti barattootaan dhihaatan irraa qooda fudhachaa ture. Sanii tu umrii bara kudha afuritti, hawwisoo Hiriyaa Jaalalaa tiif isa qaadhimsiise.

Ali, hawwisoo Hiriyaa Jaalalaa tan kaa'imman umriin warra Urjii Bakkalchaa tii gadiitti makamee odoo xiqqollee hin turin, dandeeytii yadalee wallee baafachuu fii wallisuuf qabuun Urjii Bakkalchaa tiin fudhatamee, Iida Ramadaanaa kan Gurraandhala 25, bara 1963-i dooyaa gubbatti bahee, sagalee isaa bareedduu fii alalaasa miidhagaan walle,
"Birraa dhaa barihee,
Ililliin urgooytee
Dilee maaliin qabaa
Rabbii kiyya gooytee? jettu wallisuun, daawwattoota if wallaalchise. Warri galma keeysa turan, wallicha biis.. biis.. jechuun akka irra daddeebi'ee wallisuuf godhanillee dhagayanii quufuu dadhaban. Guyyaa san booda maqaan abbaa, Mahammad Muussaa, irraa hafee, Ali kan Birraa tahe.

Akkuma dooyaarratti beheen, Ali sagalee fii sossoohaan onnee hawaasaa keessa seene. Xiqqaa fii guddaan magaalatti isa bare. Dardarri yaroo waan barcaa dhaban, "Alii tu rakkateen," maallaqaa fii waan biraa tiis warra dubrarraa funaannatu tahan. Baala-gaariin magaalattii Ali miilaan deemuu dhoorkite.

Alii Birraa, sossooha Afran Qalloo tii fii Hawwisoo Urjii Bakkalchaa tiif beenziila tahe.
“Hiriyaa wal-taate yaa Urjii Bakkalchaa
Si malee eeynummaa wallee akkaan tolchaa
Tapha afaan keenyaa sumaa tu xalilchaa
Kan dhufee caqase gammachuu galaalcha
Garaa ni hidhanii onneen hidhaa hin taatuu
Yaa Urjii Bakkalchaa tan bariisaa baatuu,” jechuun, hawaasni Oromoo Dirree Dhawaa malees, naannoo Baha Oromiyaa keessa, iddoo dhaqanii wallisan maratti jaalalaa fii kabajaa hawwisoo isaanii tiif qaban ibsan. Faaruu olii tanaaf burqaan Alii birraa ti.

Hawwisoon Afran Qalloo afaan Oromoo biratti, kan Soomaalee, Arabaa fii Adaree wallisuun warra gaafa aruuza ilma Ugaazaa afaan Oromootti qoosan, saba Oromoo dabree kan isaanii keeysatti bilaash godhan. Walleelee isaanii tiin fedhii hawaasa naannoo sanii guutaa fii calaqqisaa waan dhufaniif, aruuzni isaaniin alatti gatii dhabe.
Haala kana keeysa, ministeroonni Jabuutii kanneen boqonnaaf Dirree Dhawaa dhufan, isaanii wallisu arkanii, Jabuutii dhufanii hawaasa isaanii akka booharsanii fii, achumaanuu jabaabira isaanii sossooha afanii fii aadaatti kakaasaniif kara manguddoo tiin Hawwisoo Urjii Bakkalchaa afeeran.

Wallisoonni afaan Oromoo biyya alaatti afeeramuun, mootummaa Hayle sillaasee tan jijjiirama hawaasa Oromoo keessatti dhufaa jiru-rraa baaragaa fii dallansuu qabduuf fudhatamuu dide. Saniif, wallisootaaf baasaboora daangaa itti qaxxaamuran kennuu didan.

Alii fii wallisoonni Urjii Bakkalchaa, garii, murtii bulchiinsa Amaaraa fudhachuu diduun, odoo abbootii fii manguddootaan hin marihatin, tokkoo-lamaan Jabuutii dhaquuf baabura garas deemurra if kaayan. Bakka sakattaa malaan dabraa, wal duraa-duuba Jabuutii seenanii, Birraa 24, bara 1965, afaan Oromoo dooyaa biyya alaa-rratti baasan. Duratoota Oromoo kanneen magaalattii keeysa jiran if waliin dooyaarratti baasuun, wallee afaan Oromoo malees kan Arabaa, Soomaalee fii Affaar muuziqaa ammayyaa fii sossoohinsa ajaa’ibaa tiin miidhaysanii wallisuun, ummata magaalaa Jabuutii seenaa daawwachiisan. Achumaan saba Oromoo boonsan.

Oduun wallisoonni Afran Qalloo magaalaa Jabuutiitti agarsiisa godhuu gurra mootummaa Amaaraa seenuuf yaroo irraa hin fuune. Jarri duraanuu sossoohicha ugguruu barbaadan, miseensota hawwisootaa kanneen Dirree Dhawaa keessa jiran adamanii hidhatti guuruu fii miya isaanii caccabsutti seenan.

Ali yakka mootummaan Amaaraa wallisoota Oromoo-rratti godhaa jirtu dhagayee biyyatti deebi'uu dhabuu murteeffate. Abbaan isaa garuu, akka biyyatti deebi'u kadhate. Ali fedhii abbaa, kan isa malee ilmoo biraa hin qabne, kan isaa jecha fuudha hanqate, dura dhaabbachuu garaan dadhabe. Akkasiin, lasbaasee (hayyama yaroo) warri abbaan itti erge Imbaasii Xoophiyaarraa baasaniif qabatee, dhuma bara 1965, karaa biyyaa qaceele. Hoggaa achi gayu, akkuma eegetti, ililliin odoo hin taane, hasbiin simatamee, harka hudduu duubatti hidhamee, Aawziin, mana hidhaa guddaa magaalaa Adaree, geeyfame.

Ali, umrii bara 15-16-tti, mana hidhaa Biyyoo Adaree, kan mootumaman Amaaraa Oromoota keessatti araraaftu keessa ji'a jahaa ol eega hidhame booda, gunaa fii kadhaa cimtuun, hidhaa-rraa gadhiifamee, Dirree Dhawaatti deebi'e.

Gaafana, hawwisooleen Afran Qalloo takkalleen hin jiran. Meeshaaleen muuziqaa gariin duraa caccaphee, gariiniis saamamee jira. Waaheloonni waliin Jabuutii dhaqan, kanneen biyyatti deebi'uu didanii alatti hafan malees, gariin biyya dhiisanii Soomaaletti baqatanii jiran. Kanneen hafan ija-diimtuu ammaa-ammaa tiin waan lubbuun itti guraaramteef wallisuu dhiisanii jiru. Ali, kan haala kana keeysatti hidhaa bahe, dachiin itti garagaltee, magaalaa keessa daddeemuu malee waan godhu dhabe.

Abbaan Alii, ilmi isaa, mana barnootaatti deebi'ee jiruu akka sirreeyfatu godhuuf tattaafatullee, milkaawuu dadhabe. Haala ilmi keessa jiru akka jijjiiruuf, iddoo amalli itti sirraawu (ጠባይ ማራሚያ) naa geeysi jechuun, Jamaal Haaji Aadma Iloo, kan gaafasitti miseensa Paarlamaa Xoophiyaa turetti, kenne.

Jamaal Haaji Aadam fedhii Mahammad Muussaa guutuuf ji'a Waxabajjii tan bara 1966, Alii Birraa if waliin fuudhee Finfinnee geeyse. Ali halkan mana Jamaal bulee borumtaa akka magaalaa laaluuf manaa gadi baheen, joollee Dirree Dhawaatti wal beekan arkee, achumaan achi tahee, manatti deebi'uu hanqate.

Alii waahellan malees gitaara arkatee, hiriyootaa waliin gondoota Finfinnee keeysa daddeemee taphatu, namni Koloneel Xaahir ja'amu kan Haati Warraa Oromoo, dhalataan Dirree Dhawaa fii miseensi garee Raayyaa Waardiyaa Mootichaa (ክቡር ዘበኛ) arkee, haalaan dinqifate. Xaahir akka fedhii Alii hubateen, isaa Finfinnee seenee ji'a sadihii, Hawwisoo Booharsituu Mootichaa, tan maqaa Kibuur Zabanyaa (ክቡር ዘበኛ) qabdutti, ji'a Birraa tan bara 1966, akka mindaawu godhe.
Hawwisoo Kibuur Zabanyaa keeysatti wallisoota akka Mahmuud Ahmad, Xilaahun Gassasaa fii Buzunesh Baqqalaa faa-tti hanga'ee arkamuuf Alirraa yaroo hin fuune. Wallee afaan Oromootti ykn akka gaafas ibsamutti "afaan Qottuu"-tti waliisaa tokkicha qoonqabii hin qabne tahe. Qophiin ayyaanotaa fii dhimmoota addaa-addaa tiif ammaa-amma qophooytu isa malee miidhagina tan hin qabne taate.

Walleeleen Alii miidhagina qabaatanillee, Ali haalaa fii amala Hawwisoo tiin wal fudhachuu dadhabe. Inni dura rakkoo itti fide yaroo shaakhalaa, Ali, jimaa qabatee ykn mallaa guuttatee kan arkamu tahuu isaa ti. Haala kanaaf Ali irra daddeebi'amee doorsifame. Odoo saniif rakkaatuu gaafa kaan dhibdee sanii olii tiin yakkame.

Badiin tan arkamte qophii hiraataa tan Hayle Sillaaseen keeysummaaf godherratti. Gaafana, akka Alii fii wallisoonni galgalicha booharsaan miidhaysuuf dooyaa qabataniin Mootichi keeysummaa isaa waliin galma seene. Yaroo tana, warri Alii waliin galma gubbaa jiran hundi bakka takka mudhii gaccabsanii lafa laalutti seenan. Ali garuu akkuma dhaabbatetti hafee, mootichaa waliin ija keeysa wal daawwate. Hoggaa kan ashkaroonni Mootichaa, kanneen hojjaan birbirsa gayan, Alii qallaa fii dhaabbata xiqqaa, rarraasanii achii-rraa deemaniin.

Dubbiin Alii rarraafamee galma keeysaa bahuu qofatti hin dhaabbanne. Hidhaa guyyaa muraasaa tan mana qorraa booda, Dhaddacha Raayyaa-tti dhihaatte.

Ajajaan baannanni (himanni) Alirratti dhihaate bira gaye, maalif Mootichaaf sujuuduu akka hanqate, Ali gaafate.

Ali akka amantii isaatti (Islaamaatti) kan sujuudamuuf Rabbi qofa tahuu fii nama akka isaa tiif gadi godhachuun yakka tahuu Ajajaatti hime.

Ajajaan sujuuduu fiin hanqatee ammas "Mootichaan isa jattaa?" je'e Aliin.

"Mootichi nama meeqa?" Je'ee Ali Ajajichaan.

Ajajichi waan deebisu dhabee Ali, Koloneel Xaahir, kan hujiicha akka seenu gargaareetti erge. Xaahir, malli Ali haala akkanaa jalaa itti bahu, akka miseensa raayyaatti odoo hin taane siviiliitti if mindeeysuu yo tahe qofa tahuu gorse. Aliis gorsa Xaahir fudhatee haala mindoominaa kan Kibur Zabanyaa waliin qabu jijjiire.

Xiqqo booda, ammaas, qophii boohartii hawwisoon ajajoota raayyaa biyyaa tiif gootu takkarratti Ali rakkoo biraa seene. Ali faa wallisuuf qophaawaa jiru Jeneraaltichi tokkoo haasawa dheereeyse. Yaroo tana Ali, kan barcaan manatti eeydu, obsa fixatee, sagalee ol kaasee, "Boo ni taphannaa, haasawa kee nurraa dhaabi!" je'e. Ali akkas jechuumaa fii ammaas rarraafamee deemamuun wal-faana tahe.

Akka olii kanaan, uumamni Ali kan bashaashummaa, walbaa fii burraaqaa, jiruu Hawwisoo tan naamusa malees, ukkaamamaa fii ajajaootaaf mataa gadi cabsachuu wal fudhachuu dide. Kanaaf, mindoomina waggaa sadihii booda, Ali, jaraan nagayatti je'ee biraa deeme.

Akka hujii Hawwisoo Kibur Zanenyaa gadhiiseen Ali, dardarri, umrii diiydamii lamaa, tin'isa waahela abbaa, Ibraahim Abdullee, tiin Warshaa Baaburaa tiif Hojjataa Miya Bishaanii kan Buufata Awaashitti mindaawe.

Hujiin kuni, Ali Birraa, Dirree dhawaa fii Finfinnee madiinota wallee fii sirbaa keessaa baasee, gammoojjii sagaleen muuziqaa fii wallee hanqatee, cuqiin shimbirraa irraa hin dhagayamne geeyse. Gaafana qunnamtiin Ali adunyaa muuziqaa waliin qabu raadiyoona xiqqaa, abbaan achitti fideef qofa tahe. Akki kuni, Alitti adabbii hidhaa dhaabbataa tan abbaa itti murteeysi hin beeyne itti taate. Kanaaf, umnaawa bara lamaa booda, jalqaba bara 1972, hujicha dhiisee, Finfinnetti deebi'e.

Akka Finfinnetti deebi'een, xiqqo turee, Hoteela Harraambeetti wallisummaan mindaawee, galgala-galgala daawwattoota booharsuun, fedhii isaa itti fufutti seene. Haala kana keeysa, bara 1973 keeysa walleelee isaa, Abbaa Lafaa, Awaash, Imimmaan Jaalalaa, Kan Ati Feetu Isaan Hin Fedhan, Waa Sillee Hin Dararuu, Ushuruururuu, Eessattiin Si Arka, Si Jaallee, Nagayattiin Siin Ja'a Imimmaan Haqachaa fii Hin Yaadin bakka takkatti haqaaree baase.
Walleeleen armaa olii, walaloon, yadalee fii muuziqaan Oromoo bira dabranii lammii biyya guutuu dhunfatan. Makiinota gurguddaa daldalaa, manneen dhugaatii, manneen sinimaa, dukkaananii fii kkf, walleeleen taphachiisan kanneen Alii Birraa tahan. Raadiyoonni biyyaa kan duratti ji'atti wallee afaan Oromoo tokko faa dhageeysisu, walleelee namni karaa isaanii tiin akka taphatamuuf waliif gaafatan biratti, guyyatti, san hanqannaan torbaanitti, wallee Alii irra kaayuu addeeyfachaa dhufe. Qohiin aruuzaa walleelee Alii malee kan biraa maganfatte.

Walleeleen Alii, fuudhaa fii heeruma booharsuu bira dabranii, cunqurfamaaf sagalee tahan. Miidhamaa hadhaadhiyyan. Walleen barwaanni "Yaa Abbaa Lafaa" jattu, dhaamsa isii kan;
"Hamma arraa tooftaa sobaa uumtee
Ummata saamuu dhaan lafa walitti qabattee
Qotee bulaa roorroo dhaan dhamaaftee

Tooftaan tee dulloomtee humniti tee kuftee
Taa'anii nyaachuun raawwattee, hobbaatee

Odoo hin taraarree callaa saffarachuun
Cooma jijihachuun dammaa dhadhaa nyaachuun
Qooda kaleeysa dabre dafqa malee jiraachuun

Hamma arraantanaa hiyyeeysa saamtanii
Dafqa malee sadoo burraayxaanii
Asirratti raawwatti faraqaan teeysanii

Yaa abbaa lafaa hubadhuu dhugaa yaroo tii
Gamtummaan qabeenyi cire hidda kee tii
Filmaata biraa hin qabdu ka'i hujii dhattii" ja'uun, fincila mooticha inni (Aliin) sujuuduuf dide aangoo-rraa baasuuf godhamaa tureef beenziila taate. San malees, walleen,
"Maal ja'anii maal himanii?
Hoggaa yaadaan dhibamanii
Jiruu afaan wallaalanii

Kan lafa dhabee horii saamame
Kan roorroo jibbee gaaratti game
Maal odeeysa maal dubbata mee?

Kan facaafatee kadhaa mudate
Kan irraa hoongawe waani abdate
Maal irraa odeeysa waan isa mudate?

Dur qarayyoon boonee kan arra jaame
Odoo ifni jiruu guyaan itti dhaame
Maal anaannata gufuun yo dhawame?

Kan roorroon alagaa mukhatti galchite
Kan bilisummaan dhiiga qaadhimte"
Maali abdiin isaa yo duuti aggaatte?" jattu, tan cunqurfamaa qabsootti yaamtuu fii kakaaftu taate.

Dimshaashatti, walleelee olii saba Oromoo malees warra afaan Oromoo beekanii fii hin beeyne, kanneen jaalatanii fii jibban mara, afaan Oromoo alalaasifte.

Walleen Alii tan;
"Yaa bartuu kutattu, warraaqsi sitti dhaama
Yaadadhu siin ja'a, saba cunqurfamaa

Tulluu gubbaan bahe hallayyarra gorii
Raaree keessa ceehii gaara qaxxaamurii
Atuu ni arkitaa, qarreerra dhaabbataa
Bututtuu uffataa midhaan kotakottaa" jattu, dhaaba Ihaappaa kan yaroo sanitti, akka hidda baarzaafiitti barattootaa fii hawaasa keeysa loohaa tureef heera malee faaruu dhaaba taate.

Alii haala hawaasa keeysa jiru, gadda, gammachuu, roorroo, seenaa, duudhaa fii kkf hundarratti walleelee yaroon hin moofoysine kanneenn dhagayamanii hin quufamne wallise.

Gurraandhala 28, bara 1976, gaafa Oromoon naannoo adda-addaa-rraa agarsiisa aadaa tiif Finfinnetti wal gayan, Alii Birraa, wallee isaa;
"Waa malli nu dhibee jenne bitaa-mirgaa
Karaa sirrii dhiifnee maalif deemna moggaa

Rabbi moo namumaa kan seera jallisee
Haati teenya takka maaltu addaan nu baase,

Obbolii as je'i takka dudubbannaa
Wal jibbaa dhiisii tii koottu wal gorfannaa

Ilmaan hadhaa-abbaa waliif obboleessaa
Maalif wal jibbina akka ilmoo bineensaa

Harki harkaan hin lolu diina ifii malee
Nuu tu if xiqqeessee eenyuu tu nu caale," jattuun warra galma san keeysa turan imimmaan gaddaa fii gammachuu dhangalaasise.

Ali, xiqqo turee, sodaa takka malee wallee seenaa hawasni Oromoo sirna gabrummaa Habashaa dura qabaachaa tureen as bahe.

"Aassabale hoo
Gurraamale hoo
2024/09/25 19:31:11
Back to Top
HTML Embed Code: