Telegram Web Link
'RAKKOO HIN QABUU' RAKKOO QABU!

Maddi rakkoo baay'ee isa nuyi yeroo baay'ee, 'Rakkoo hin qabu," jennee dhiifnudha! Garuu waan rakkoo qabu inuma rakkoo qabaata. Inturas inbulas malee! Kanaaf furmaanni jiru, waan akkanaaf maqaa biraa kennuu yookaan akka rakkoo hinqabnetti irra darbuu osoo hintaane, hundee irraa furuudha. Kana hundaaf jalqabni, waan rakkoo qabuufi hin qabne adda baafnee beekuudha. Yoos hundeedhaan furree bira tarra. Yoo akkana hin taane, boru bifa jijjiirratee nutti dhufa. Waanuma haala salphaan har'a furuu dandeenyutu waan humna keenyaan olii ta'ee nu eeggata.

Gufuun ganama yommuu manaa banu miila nu dhahee nu gatantarse tokko yoo ganamuma sana bakkaa hinkaane, galgala yommuu dukkaneeffannee dhufnummoo mataadhaan nu dhaaba. Kanaaf rakkoon, isuma ganama 'rakkoo hinnqabu' jennee bira tarre yookaan osooma akka rakkoo qabu beeknuu xiyyeeffannoo kennuufii dhabne sanadha. Garuu rakkoo qaba! Eeyyeen, waan rakkoo qabuu rakkoo inuma qaba! 'Rakkoo hinqabu' jechaa, haasahaa waa'ee hin baafneefi qoosaan nurraa hin eegamne nuyi har'a fayyadamnu amala badaa kan boruuf sababa guddaa ta'a. Kana hundaa itti yaadnee miti ta'a kan har'a raawwachaa jirru. Garuu adeemsa keessa nu dhuunfatee argina. Sirreessuufis yaallee dadhabna. "Lakki, dhiisi namanaa! Kan amma teessee keesse, dhaabattee fuudhuu dadhabda"  jedhee kan hubataan nama gorsuufis kana hubateetu natti fakkaata. Wanti nuyi irra deddeebinee raawwannu eenyummaa keenya himuurra darbee, nu mataa keenya ta'uu kan danda'udha. Akkuma akkaafi hammaa ol nyaachuun furdina akka maleetti harka qabee nama kennu, akka feete jiraachuunis akkan taane nama godha. Waan rakkoo qabuufi hinqabne adda baafachuufis, bakka akka hinkennine nu godha. Kanaaf xiyyeeffannootu fala. Gochaan keenya dhiibbaa akkamii egeree keenya irratti akka qabu ilaaluu qabna. Yoo kana hintaane, rakkoo rakkoo caaludha.

Hariiroo nuyi 'rakkoo hinqabu' jennee keessa seennutu guutummaa jireenya keenyaa rakkoo jala galchuu danda'a. Araada nuyi har'a 'rakkoo hinqabu' jechaa akka salphaatti eegalletu rakkoo jabaa humna keenyaan olii ta'ee fuuldura keenya dhaabbata. Yeroo nuyi har'a 'rakkoo hinnqabu' jechaa qisaasessinu, bor aarsaa guddaa nuyi kanfaluu hindandeenye nutti qabatee dhufa ta'a. Kunneen jalqabarra salphaatti furamuu danda'u. Dhuguma! Garuu, haguma nuyi 'rakkoo hinqabu' jechaa ofirra tuttursinu nutti jabaachaa deemu. Kanaafuu yeroodhaan irratti dammaquu qabna. Waan yeroodhaan kunuunfamuu qabu kunuunsuu, waan yeroo isaatti buqqifamuun irra jirus buqqisuutu nurra jiraata. Yoo kana hintaane, warreen aarsaa jireenyaa bu'aa hinqabne kanfalaa darban taana. Kana akka hintaanefis, rakkoowwan rakkoo qaban adda baafannee irratti hojjechuu haabarru. Yoos, 'rakkoo hin qabuu' rakkoo qabu injifanna. 'Rakkoo hin qabuu' rakkoo qabu haa moonu!



        Galatoomaa!🙏🏻

Rakkoo hin qabuu rakkoo qabu haa moonu!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
        Orofrikaa

@Orobook
Namoonni Naqamteefi naannawwaa isheetii kitaaba 'Sansakkaa Sakaalame' irra deddeebitanii na gaafattan, #Mana_Kitaabaa_Ermiyaasiitii ni argattu. Akkanuma, gara Gimbiifi Dambi Doolloo irraa warri iyyafattanis karaa mana kitaabaa kanaa argachuu dandeessu.

Teessoon: Naqamtee Naannoo Waajjira Barnootaa (+251913300373)

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

      Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Akka yaadu malee, akkamitti akka namni yaadu hin gorsiin!
#DHIIGAKOO!

Kitaabni asoosamaa DHIIGAKOO! gabaarra oolee jira. Namoonni dubbisuu barbaaddan bakkoota armaan gadiidhaa bitadhaa dubbisaa.

Finfinnee   👉Mana Kitaabaa Elellee (0911641066)
                    👉Mana Kitaabaa Shawaa (0911713203)
Buraayyuu 👉Mana Kitaabaa   Dachaasaa    (0912677529)
                   👉+251930484834
Sabbataa  👉 +251940111495

Naqamtee 👉+251922213901
                    👉+251996597308
                    👉
                   
Bakkoota biraa yeroo dhiyootti sin beeksisna. Kanneen raabsuu feetan immoo lakkoofsa bilbilaa kanaan nuuf bilbilaa...👉0922213901/0996597308

#Dubbisuuf_barreessuun_itti_fufa...

Horaa bulaa!🙏🙏

Join
°📚
°• °•. @abdiidhiigakoo.•°
°📚
°• °•. @abdiidhiigakoo.•°
°📚
°• °•. @abdiidhiigakoo.•°
Forwarded from Guduunfaa📚
Namaaf namummaatti kan amantu, nama si miidhe qofa osoon taane, nama jireenya keessatti bakka namummaa siif laate yaaduudhaani.

Kaleessa jijiiruu yoo hindandeenye, sababni kaleessa keessatti of hiituuf hinjiru. Isa kaleessaa simatanii, kan boru jijjiiruuf har'a, amma, yeroo of harkaa qabanitti dhimma bahu.

Haalonni haaluma simannaa keenyaan toluus baduus danda'u. Fknf: Jaalatanii dhabuu fi jaalalli walii adda. Jaalalli uumama namummaa keenya keessa jiraachuu yoo yaadne, deddebinee jaalannee dhabnu, deddeebinee jaalala kennuuf fudhachuu ni dandeenya.

Baay'ee dubbachuu dhiisanii namoota baay'ee dubbatan gaafa ilaalan, waan ijji ofii ilaalee sammuun ofii yaada itti kennutti bilchina kan qabutu cimee warra baay'ee dudubbatan keessa tarkaanfata.

Baay'een osoo carananii, wacni sagalee isaanii akka qara biiftuu ija saaqanii ilaaluun cimuutti namatti dhaga'amus, humni dubbii isaanii mogolee buusuuf nama kirkirsus, waraansi ija jibbinsa isaanii maashaa qaama keenyaa laaffisee mudhuksee humna dhoowwuu yaadus, laffarra foqoqaniis ta'u keessa darbuun cimina nama waan itti deemu beekuuti.

Beeki. Waan itti deemtu, waan fuuldura keetti bira gahuuf sammuutti guduunfattee jireenyatti baatte; wanti ija fageessitee, sammuu joorsitee itti aggaamuuf jirtu sikeessatti hinguduunfamne taanaan, humna, abdii, cimina wanti jedhamu sikeessatti hin uumamu.

Sababni isaa waan ilaaltee deemtu hinqabdu. Waan ilaaltee jabaattu, cimtu, tarkaanfattu hinqabdu.

Gaafa guduunfaa homaatuu of keessaa dhabdu, waan gatiin qabne, rakasaaf, burkutaa'aa, tortoraaf, ajaa'aa nannoo kee kuufametti hirkatta. Sunimmoo sifudhatee kufee si kuffisa.

Intala umuriidhaan reefu, barnootaan sadarkaa Yuunivarsiitii geessetu turte. Intalli maatiin ishee adda faca'anii haadhaaf abbaa gidduu jooraa baratti. Yeroon, haalliif jireenyi, jaalalli isheen maatii isheerraa argattu gaarii ta'us sanattis gammadduu miti. Ni jeeqamti, dhiphina, aarii fi dantaa dhabdummaatu itti dhaga'ama.

Gaaf kaan, intalli barnootas maatiis, jireenya kamuu dagachuuf gara araada dhugaatii, tamboo aarsuu fi waan araadatti ishee galchu hunda of barsiisuu jalqabde; bakka namoonni akka ishee dantaa homaatuu hinqabne itti wal gahanii callisanii kolfaan yeroo dabarsanitti makamte. Achitti of dagachuu ishee haajaalattu malee waan haala kanatti ishee fide har'allee hinbeektu.

Namoonniif, wantoonni isheen keessa of dhoksuuf jecha dawoo godhatte kunis miidhaa kufaatii, dhibee fi rakkoowwan caaluuf ishee saaxiluu malee bu'aan inni buuseef hinjiru.

Dhugumas maal bu'aa buusaree? Yeroo ishee gubuu, fayyaa ishee waaduu, hannaaf badii adda addaatti seenuu, sagaagalummaaf, dubartummaa ishee kabaja sana abbaa fedheef bilisa gochuu, rakasaaf gadi buutee xiqqaachuu, bifaan, waanuma hundaan haguma kaleessa turtee gaditti cabdee argamuu!

Abdii homaatuu dhabuu, gaafa argatte kolfitee gaafa dhabde boquu cabsitee amuummachaaf imimmaan araadaan ishee keessa cophu haqachaa ooluu, kan akka ishee abdii kute aarii isheetti bahee aboottifatee rukutuu, dhiitee itti cirriqfatee darbuun jireenya guyyuu isheen simattu ta'e. Wanti isheen itti hirkatteef keessa dhokachuuf itti baqatte hundi ishees fudhatee akka hinjirre ishee godhe.

Kun hunduu jalqabuma keessi ishee waan qabdu arguu dhabee waan hinqabne barbaaduurraa madde. Waan jiraattuuf yaaduuf keessi ishee ona ta'uurraa madde. Jireenya kanaa gadiitti bututanii jiraachuun akka jiru tasuma yaaduun isheef hintaane.

Hundumti keenya, waan jiraannuuf, waan keessa keenyatti guduunfannee bira gahuuf tattaafannu yoo qabaanne, jireenya gadiitti osoo hin taane jireenya ol nama butuuf bakka fooyyee itti ifnee mul'annu geenya.

Keessi keenya ona homaa karoorsuuf yaaduu, waan fuulduratti yaaduuf itti deemu hinqabu taanaan, bakkuma gadii sanatti argamna. Sunimmoo mul'achuu, ifuu, ol bahuu osoon taane, osoo jiranii akka hinjirre ta'uudha.

Torban itti jireenya keessaniif sababa jiraachuu keessanii of keessatti guduunfattan siniif hawwe!

@Guduunfaakoo
Jireenyi oobdii yookaan dirree waan lamaati. Dirree namni fedhe waantota waliif faallaa ta’an mo’achuuf dorgommii itti gaggeessudha. Bakka itti gaddaafi gammachuun, dhabuufi argachuun, kufuufi ka'uun, arii'uufi arii’atamuun, akkasumas moo’uufi moo’amuun itti wal morkanidha. Kan fedhaniif eeyyamanii kan hin feene eeyyama dhorkuun mirga dorgomaa hundaa osoo hin taane, kan isa injifateeti. Dorgeen jireenyaa kennaa dhaloota duraas miti, hiree dhaloota boodaa, hiree hir’uu hin qabne isa ifaaja keessaan mul'atudha. Rakkinnis gonfoo namoota rakkatanii osoo hin taane, hiixannaa jireenyaa namni kamuu ofirraa mulquu danda'udha. Harka hin kenniifiin!
Jecha qofaan osoo hin taane, gochaan ofirraa mulqi! Yoo mulqame ni bada, ni gatama, bakka isaatii dhabama. Yoo akkas ta'e immoo, innuu ni rakkata. Rakkina rakkisi; rakkinni haa rakkatu! RAKKINNI  HAA RAKKATU! Atis maaloo, onnee kee irraa kaasiitii jedhikaa ‘rakkinni haa rakkatuu’!

             
#Rakkinni_Haa_Rakkatu

Guutuun kitaabichaa asii gaditti dhoobamee jira. Argadhaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#MUUDAA_MORMOR
(Kitaaba Haaraa)

Barreessaan: Cabsii Taliilaa Galaan

Kitaabichi yeroo dhiyootti nu dhaqqabuuf jira. Anaa dhufuun simannee abdiin eegna.

Anaa dhufu!👏


@Orobook
Kitaaba 'Sansakkaa Sakaalame' fi durbee Oromoo, biyya hambaa, Beerutitti.

Kitaabichi dubbifamaa jira. Bakka kamiyyuu jiraattanii yoo argachuu feetan, akkanuma siniif erguuf qophiidha. Iyyaafadhaa.

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa.

©Abdiisaa Ejjetaa U.  Bantii, 2022

@Orobook
Kitaabni "#Guca_Milkaa'inaa" kitaaban jaallachaa dubbisee xumuredha. Gulaaleeras! Kitaaba Xiin-sammuu dubbifamuu qabudha. Barreessicha, Ibsaa Asheetuu Dagaatiin 'baga milkoofte' jechaa, gumaachi akkanaa akka itti fufuu qabun yaadachiisa. Nutimmoo, "Anaa dhufu!" jennaan. Anaa dhufu!
Yeroon eebba kitaabichammoo fuulduratti kan ifoomu ta'a. Abdiin eegna!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!


@Orobook
[Barreeffamni gadii kun dheeraadha. Ergaan isaa garuu sanaa gad hin dheeratu. Namni dubbise akka baay'ee fayyadamus hin shakku! Mata duree dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabuufi furtuu rakkinoota sadarkaa garagaraatti nu mudatanii qabatee dhiyaateera. Dubbisa gaarii!]

~~~~
"Manni barumsaa dhugaadhumatti addunyaa qabatamaaf ijoollee ni qopheessaa?" jechuun gaaffiidhaan eegalti. Gaaffiin kun anaafuu gaaffiidhaatii, yaadicha ittuma fufeen hordofe. Isheenis ittuma fuftee, "Jabaadhuu dubbisi; qabxii gaariis galmeessi. Yoo kana goote, dalagaa kanfaltii jabaa qabu argatta" jechaanii maatiin ishee gorsaa akka turan himti. Galmi guddaan maatii ishees, isheefi obboleettiin ishee barnoota sadarkaa olaanaa akka argatan ture. Kana keessaanis, carraa guddaa gara milkaa'insaatti isaan geessuu danda'u akka gonfatan amanu. Haaluma kanaan, yuunivarsiitii biyya ishee keessaa sadarkaa qabu tokko irraa digirii ishee gosa barnoota akkaawuntiingiitiin xumurti. Edda xumurtee boodas, kanfaltii olaanaadhaan qacaramuuf yeroo itti hin fudhanne. "Jabaadhuu dubbisi! Qabxii olaanaa galmeessii yuunivarsiitii filatamaa gali. Qabxii gaariin bahiis bakka kanfaltii olaanaa argattutti qacaramii hojjedhu!" jechaa maatiin ishee kan gorsaa turan tokko hin dhiifne. Gorsa maatii ishee hojiirra oolchuun nama milkaa'e fakkaachuu dandeessi. Garuu waan hir'ateefi sirrachuun irra jiru baay'ee akka ishee hafee ture lafa keessi. Kana gara boodaatti itti deebina.

"Abbaan warraa kiyya Mikaa'elis deemsi isaa akkuma kankoo kanaa ture" jetti itti fuftee. Dhugaan jirus kanuma! Faanuma tokko jiru. Innis akkuma ishee kana nama jabaatee hojjetudha. Nama badhaasaan digirii isaa yuunivarsiitii irraa xumuredha. Jalqaba irratti injiineriingiidhaan kan hojjete yoo ta'u; itti aanseemmoo, barnoota seeraan xumure. Digirii si'a lama jechuudha! Kanaan booda, "Washington D.C"-tti abbaa seeraa ta'ee hojjechuu eegale. Dafee hojii kan eegaleefi nama bakka olaanaatiis hojii argate ta'e. Kana keessaanis fuuldurri isaa ifaa kan fakkaatedha. Innis gorsa maatii isaa fiixaan baasuu hin hafne. "Jabaadhu! Baradhuus xumuri. Sanaan booda, bakka jabaafi waan jabaan qacaramii dalagi!" Akkana namaan jedhu mitiiree maatiin baay'een? Kanarraa waan fagaate miti. Anis keessatti of ilaaluu hin dhiifne. Atis carraa kanatti fayyadamtee of gaafachuu mee yaali. Kana garuu ittuma fufnee haa ilaallu!

"Aniifi abbaan warraankoo dalagaa keenyaan waan  milkoofnee taanullee, akka eegne ta'uu hin dandeenye. Haala mijataa barbaachaaf bakka dalagaa si'a hedduu jijjiirre. Jireenyi keenyas kan ammaarra darbee kan gara fuulduraaf wabii waan qabu fakkaachuu dide. Wabiin yeroo sooroma baanuu nutti argamaa hin jiru." Jetti, haati warraa Mikaa'el. Hojiin isaanii kun, harkaa gara afaanii ta'uurra darbee wabii gara fuulduraa akka hin qabne kaafti. Kan hundumarra bitaa itti galaa jirummoo, ijoollee ishees akkuma dura gorfamaa guddatte kanatti gorsaa jiraachuu isheeti. Osooma kanaan jirtuu, gaaf-tokko ilmi ishee gara ishee dhufa. Miira dubbisaan dadhabeefi mukaa'een akkana jedhaanii; "Maaliif barnoota jireenyakoo qabatamaaf naan qopheessineefi naan taanetti yerookoo gubaa? Maaliifan callisee itti dadhabaa?" Yeroo kana, deebiima deebisuufiif waan qabduuf qofa, osoo itti hin yaadiin akkana jettiin; "Yoo qabxii gaarii argachuu baatte, carraa yuunivarsiitii dhabda." Dubbattee osoo afaan ishee irraa hinfixiin, "Yuunivarsiitii deemes deemuu baadhes, ani sooressa nan ta'a" jedhee deebisaaf. Naasuun ishee ittuma fufe! Waan ilmishee jedhe qofaaf osoo hintaane, waan dura of gaafachaa turtes itti dabalamee akka irra caalaa naatu godhe. Ammallee callisuu waan hinqabneef, "Koollejjii yookaan yuunivarsiitii deemuu yoo baatte, hojii gaarii hin argattu. Hojii hin argattu taanaan immoo akkamitti qabeenya horachuu dandeessa?" jettee gaaffii isaa gaaffiin mataa marti. Gurbaan deebii kanatti hinquufne. Ittuma fufee, " Harmee! Mee addunyaa qabatamaa kana ilaali. Abbootiin qabeenyaa beekamoon addunyaa kanaa waan barataniif miti kan qabeenya horatan. Mee Mikaa'el Jordaaniifi Maadoonnaa ilaali. Biil Geetillee fudhachuu dandeessa.
Harvaard irraa adda kutee deebi'e. Garuu "Microsoft" argate. Inni abbaa qabeeyaa akkamii akka ta'e ni beekta. Taphatoota garagaraa ilaali. Barnootaan akkam akka isaan rakkatan sitti himuu hin barbaachisu. Garuu galiin isaanii waggaa doolaara miiliyoona hedduudha." Yeroo akkana jedhuun, harmeen isaa callisuu irraan kan hafe carraa biraa hin arganne. Lamaan isaanii jidduuttis callisatu haboo godhate, yeroof. Addunyaan duraa yookaan moofaa jijjiiramtus, garuu gorsi ishee akka hin jijjiiramiin jiru yaaduutti kaate. Barnoota gaarii argachuufi qabxii gaarii galmeessuu qofaan galmaan akka nama hin geenye ilmi ishee hubatee akka jirus yaaduu itti fufte.

"Ani, akkakeefi akka abbaakoo kanatti jabaadhees hojjechuu hin barbaadu. Qarshii hedduu argattani. Mana guddaa keessa jiraattani. Mana keessanis wantota garagaraan kuullattani. Yoo gorsa keessan qofaa duukaa bu'e kankoos hireen kanumadha. Hireen keessan taaksii kanfaluufi liqeeffachuu irraa hin siqne. Wabii hojiis hin qabdani. Eebbifamtoonni bara keenyaammoo akkuma keessanillee miti. Kanfaltiin kan keessaniin gadi. Doktaarota hedduu mee ilaali. Hamma dadhabaniifi itti fayyadaman hin argatan. Warri kaanis hubannaan ilaali. Wal hin argu! Kanaafuu waan wabii naaf taanetti of gatuu hinqabu. Wabii jireenyaa yookaan yeroon sooroma bahuu naaf hinqabu, waan kun. Deebii moofaa osoo hintaane, haaraan sirraa barbaada harmee!" jedhaanii ammallee, gurbaan. Harmeen isaas deebii quubsaa dhabduufiillee, gaaffii sirrii ta'uu isaa ni beekti. Deebii sirrii akka deebisaafii hin jirres hubattee jirti. Akka akkas ta'es ni dubbatti. Gorsi amma isheen gorsaa jirtus kan waggoota hedduun dura fayyaduu danda'u malee, amma akka hin fayyadne haalaan galeefii jira. Amma akka duraa sana ija jabaattee; "Mana barumsaa deemi. Qabxii gaarii galmeessii bahii hojii gaarii argadhu!" jechuu qofaaf haamilee godhachaa hin jirtu. Irruma dabarteeyyuu "Deebii haaraa deebisuufin qaba ture" jettee hamma of ceepha'uutti geesse. Ceephoon ishee ittuma fufe; "Akka harmee tokkooti....akka akkawuntaantii tokkoottis, ijoollonni keenya barboota galiin wal qabatu dhabuun isaanii na yaachisaa jira. Dargaggooni bara kanaa biroon hedduun isaanii, osoo barnoota sadarkaa 2ffaa hin xumuriin, waan kana quba qabu. Kana hunda mana barnootaatti akka hin baranne nan beeka. Osoo beekumsa waa'ee qarshiifi akkamitti akka qarshiin akka hojjetu hin qabaatiin, ijoolleenkoo, akkamitti addunyaa qabatamaaf qophaa'uree?" Gaaffii irratti gaaffii! Sirriis ta'us ta'uu baatus gaaffii ilmi ishee, ishee gaafachaa tureef deebii  kennuu dhiisuu baattullee, ofiif garuu deebii xiqqooyyuu dhabde. Of gowwoosuun baay'ee ulfaata!

Guyyaa tokko bilbilatu bilbilamaafi. Abbaa warraa ishee, Mikaa'elidha. Sagalee gammachuu wayii dhagahuuf jirti. "Nama tokko ati wal arguu qabdu tokkon arge" jedhaanii. "Maqaan isaa Roobert Koyaasaakiidha. Nama dhimma galiifi diinagdee irratti hubanna addaa qabudha. Ana bira jira. Namni kun nama ati barbaaddu ta'uu hin shakku," jedha itti fufee. Isheenis ni deemte. Dhuguma namuma barbaaddus ture. Yaadota haaraa barbaadaa turte argatte. Deebii gaaffii ilma ishee argachuu isheettis baay'ee gammadde. Mucayyoo ishee tokkos gara leenjii kanaatti affeerte. Isaanirra darbee, namoonni biroonis itti hirmaachuu eegalani. Gareedhaan wal hiranii leenjiicha fudhachaa turani. Roobert Koyaasaakiinis bifa tapha (game)-tiin isaan barsiisuu itti fufe. Yaada addaa argatani. Deebii haaraa argatan kanattis gammachuun isaanii guddaa ta'e.

Dhuma irratti, haati mana Mikaa'el, Roobert Koyaasaakiitiin akkana jetti; "Waan nu hubachiifte kana akkamiin namni biraan waan kana hin hubanne haa hubatu? Karaa salphaan ittiin maatiin kana hubatanii ijoollee isaanii hubachiisaan ni jiraa?" "Kana irrati kitaaba barreesseen jira!" jedha Roobert. "Eessa jiraree?" jetti. "Koompiiterakoo keessa" jedhaan. Akka osoo hin maxxaniin waggaa hedduu tures itti hima. Kitaabni akkanaa hammam akka barbaachisu hubachuuf yeroo waan itti fudhanneef, isa gargaatee akka fiixaan baaftu walii galani. Maxxanee hawaasa bal'aa gahes! Kitaabichis egaa "RICH DAD, POOR DAD" kan jedhudha.
Barreessaan Roobert Koyaasaakiidha. Dhugaa dhumatti, gaaffii armaan dura ka'aa tureefi kanneen biroof deebii quubsaa qaba. Garaagarummaa hojjetaafi hojjechiisaa jidduu jiru isa sirrii lafa kaa'a. Sooressi maaliif akka soorome, hiyyeessi maaliif akka hiyyoome suura kaasee namaa ibsa. Maaliif akka galgalli barataa cimaa, yeroo baay'ee, harka barataa isa cimaa hintaaneetti akka kufuuf deebii quubsaa qaba. Itti dhiyaadhaa ilaalaa.

"Abbaa laman qaba!" jechuun eegala, barreessichi karaa kitaaba isaa kanaa (RICH DAD, POOR DAD). 'Ajaa'iba! Abbaa lama irraa dhalatuu?' jechaan dubbisuu itti fufe. Innis hin dhaabne, ittuma fufa. Abbaan isaa inni tokko sooressa, inni biraan immoo hiyyeessa akka ta'etti hima. Abbaan isaa inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaan isaa inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha. Lamaanuu hojii isaaniitti cimoofi milkaa'oo ta'uun immoo wal isaan fakkeessa. Garuu inni tokko rakkoo maallaqaan mudatama, inni biraan immoo nama sooressa beekamaa ganda isaaniiti. Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan maatii, mana waaqeffannaa isaafi gargaarsa biraaf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu dhiiseefii du'e. Inni kun, isa hiyyummaa dhala isaa dhaalchisee du'edha.

Akkuma sila jenne, lamaanuu jaboofi dhiibbaa uumtotadha. Lamaan isaanii ni gorsuunii; garuu waan wal fakkaataan isa hin gorsani. Namoonni kun lamaanuu haalaan barnootatti amanu. Garuu, kenninsa barnoota wal fakkaataa hin gorsaniin. Inni tokko, "Jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami!" yoo jedhu, inni biraan immoo, "Jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu!" jedhaani.

"Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" Akkanaan abbaa lama qabaachuu isaaf waan itti dhagaahamu ibsata. Yaada faallaa qabaachuun abboota isaan lamaan kanaa akkuma itti fufetti. Fakkeenyaaf: Inni tokko, "Jaalalli qarshii hundee jal'inaati!" jedha; inni biraan immoo, "Dhabinsi qarshii madda jal'inaati!" jedha.

●Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera. Akkuma jara olii kana, gaaffii hedduuf akka deebii argattan hin shakku. Yaadichi mata duree guddaafi dhaloonni irratti xiyyeeffachuu qabu ta'uu eddan hubadhee booda, siniif qooduun filadhe. Dubbisaa!


Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa.

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
                  
@Orobook
#Yaadannoo_dubbisaati!

Affeerraan affeerraa caalu affeerraa kitaabaati! Achi keessaan affeerraa affeeramuu barbaadan hedduutus jira. Dhiyoo kana barreeffama dheeraa tokko kitaaba "RICH DAD, POOR DAD" jedhuun wal qabatu tokko dubbiftoota affeereen ture. Namoonni hedduun akka affeerraa kana fudhatan naaf himu. Kan gadii kun yaadannoo dubbisaa tokkoo yeroo kitaabicha dubbisuuti. Karaa keessaanan arge malees, namni kun eenyu akka ta'e hin beeku. Maqaan telegiraama nama kanaa garuu "Kakuu" kan jedhudha. Kan gadii kun yaadannoo inni qabatedha.

"Thanks! Dhugumatti guddaa galatoomi!
Kitaaba kana torbeema kana namatu na afferran dubbisaan jira.
The following are my notes from page 1-30:
_"The love of money is root of all evil." Poor dad
_"The lack of money is the root of all evil." Rich dad
-One if the reasons the rich get richer, the poor get poorer and the middle struggle in debt is that the subject of money is thought at home not in school.
- One dad recommended, "Study hard, so you can find a good company to work for." the other said "Study hard so you can find a good company to buy"
- One dad said, "The reason I must be rich is becouse I have you kids." The other said, "The reason I must be rich is becouse I have you kids."
- If you think I'm the problem then you have to change me..if you realize that you are the problem, then you can change your self, learn something and grow wiser. It is easier to change your self than everyone else.

_Being able to know when to make quick decision is an important skill.
- Life pushes all of us around. Some people give up and others fight. A few learn the lesson and move on!
- The poor and middle class work for money; the rich have  money work for them.
- Mist people given more money, only get into more debt.
_ People's lives are forever controlled by two emotions: fear and greed.
_ Rat race-–more money, more."

       Yaadannoo dubbisaati!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Kitaaban baay'ee jaalladhu, kanan jaallachaa dubbiseefi dubbisee jaalladhe tokko isin (dubbiftoota) haa affeeru. "Atomic Habits"dha, mata dureen isaa. Barreessaan kitaabichaas James Clear nama jedhamudha. Kitaabicha irraa waa xiqqoo jedhee, kan hafe siniif haa dhiisu! "Waanuma irra deddeebitu taatee argamta. Wanti guddaan ati har'a jireenyakee irratti argitu walitti ida'ama taateefi jiruukee kaleessaati." jedha. Ittuma fufees,
"Fixaan ba'insi jijjiirama ta'ii tokkeen mul'atu osoo hintaane, walitti idaa'ama amaleeffannaa guyyaa guyyaati. Galmi bu'aa waan argachuu barbaaddeeti; tooftaan garuu adeemsa gara bu'aa sanatti geessudha. Bu'aa har'aa irra daandii imalaa gara bu'aa sanatti geessutti xiyyeeffachuu wayya.

Akkuma ulfaatinnikee amaleeffaannoo nyaataa ati qabdu mul'isu, beekumsikee idaa'ama hammam barachuukee agarsiisu, haala mataafi miilla hinqabne keessa jiraachuunkee waa'ee amaleeffannaa qulqullinakee waa himu, bu'aankee yeroo tokkoo walitti qabaa amalootakee guyyaa guyyaa madaallii yeroo sanaan duraati. Waanuma irra deddeebitu taatee argamta! Amalli gaariin yeroo gargaaraakee godha. Amalli badaan garuu yeroo diina sitti taasisa. Amallikee har'aa eenyummaakee boruuti waan ta'eef, bu'aan waan taatee argamtuu tolee akka argamuuf deemsakee guyyaa guyyaa sirreessi!"

Guutummaa isaa yoo dubbiftan waan baay'ee irraa guurrattu. Ani sin affeereera. Dubbisuun kan keessani. Dubbisa gaarii!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

@Orobook
Marthin Luther: Jechoota filatamoo muraasa!
1.''Abjuun qaba!''
2.''Yoo balali'uu hin dandeenye, fiigi. Yoo fiiguu hin dandeenye, deemi. Yoo deemuu hin dandeenye, suuta jedhii tarkaanfadhu.
Yeroo waan kamiyyuu gootu, fuulduratti deemuu adda hin kutiin.''
3.''Waan sirrii gochuuf, yeroon hundumtuu yeroo sirriidha.''
4.''Yeroo dhumaatti, dubbii diinota keenyaa caalaa, callisuu firoota keenyaati kan nuti yaadannu.''
5.''Addunyaa kanarratti, waanti hamaan, wallaalummaafi gowwummaa caale hin jiru.''
6.''Diina, hiriyyaa godhachuu kan danda'u, Jaalala qofa.''
7.''Dhiifama waliif gochuun, kan yeroo tokkoo qofa osoo hin taane, ilaalcha dhaabbataa yeroo hundumaaf qabaachuu qabnudha.''
8.''Addunyaa kanarra kan akka Jaalalaa, dhaabbataafi humna qabeessi hin jiru.''
9.''Jibbi kanuma jibbu sana balleessa.''
10.''Urjiiwwaan arguun kan danda'amu, halkan qofa.''
11.''Bilisummaan fedhii warra hacuucaniin osoo hin taane, dhiibbaa warra hacuucamaniin kan dhuftudha.''
🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓
******
© Dr. Bulti Likisa (MD),2022.

#JOIN& #SHARE
#Facebook page👇👇
https://www.facebook.com/bultooliko/

#Telegram Channel👇👇
@Fayyaa_egeree
https://www.tg-me.com/Fayyaa_egeree
...Namni kamuu du'a hin oolu;  du’a balfus, duuni isa hin balfu. Garuu namni akka du'u osooma beekuu, akka isa hin duunetti deddeebi'a. “Akka nama barabaraan jiraatuutti dhama'i, akka nama amma du'uutti hojii gaarii of harkaa qabaadhu!” kan jedhamu namoota hedduu biraa bakka hamma xurii qeensaa iyyuu hin qabu. Kana qofaa miti, firaafi hiriyyaan har'a akka lubbuu keenyaatti jaalannu hunduu guyyaa ijji isaa walitti deebi'u, hafuurri isaa foon irraa adda adda bahu namni beeku hin jiru.

Akka tasaa osoo namoota kanneen keessaa tokko miidhama lubbuu miidhamee, baay'een keenya hamma eegamuun ol miidhamna. Kunis jiraatti yeroo waliif qabaachuu dhabuu keenya irraa waan maddudha. Waliif gadduun, oo'aa waliif agarsisuun, namatti dhagahamuun akkuma jirutti ta'ee, miidhama jireenyaafi sammuu harka caalmaan kan dhaqqabsiisu, jiraatti quba wal dhabuu, waan godhaniifi walii godhan osoo hin raawwatiin deddeebi’uu, akka wal jaalatan walitti himuu dhiisuu, bakka waliif qaban qoma rurrukutachaa waliif ibsuu hafuun warreen ijoodha.

Kana gochuuf dirqama qabeenya addaa qabaachuun, kennaa gatii jabeessa waliif hidhuun, daara wal baasuun, dhangaalee adda addaa waliif hiixachuun dirqama miti. “Kan qabaniin qaba dhaqu,…kan qabu kan kennes doqna hin jedhamu.” Akkuma jedhamu, fuula ifaa walitti agarsiisuu, waan qaban waliin cabsachuu, akka waliifi waliin jiraatan walitti himuu, afaanii baafatanii hammam akka wal jaalatan ifaafi ifatti walii ibsuun warreen hangafa namni kamuu of harkaa qabudha.

Namni hedduun eessa akka ooluufi maalummaa isaa osoo hin beekiin, addunyaa ormaa keessa naanna'aa oola. Waa'ee maatiifi ollaa isaa osoo hin beekiin waa'ee biyyoota biroo, ardiilee badhaadhoofi waan biraa haasahuun eenyuun caalaa beekama. Barataan hojii mana isaa osoo hin hojjetiin, diraamaafi fiilmii saayintistii gahee isaa xumuree addunyaa kana irraa godaanee do'achaa bula. Akkanaan barruuleen isaa qullaa ishee gara mana barumsaa deemtee galti. Maqaa hiriyyoota warreen isa fayyadan, yoo dhukkubsatee mana yaalaa isa geessan, yoo rakkate rakkoosaaf fala barbaadan osoo hin beekiin maqaa taphattoota biyya ormaa tarreessuun yeroofi bara isaatti ibidda qabsiisa. Araada balfamaa!

Namni kamuu haala jiru keessatti waan isarraa eegamu osoo godhee, ceephoon umurii gara boodaafi miidhamni du'aan boodaa ni hir'ata. Abbaan yeroo lubbuun jiru osoo ilmi waan isarraa barbaachisu raawwateefii, gaafanni lafa dhugaa deemu miidhama bayyanachuun waggoota hedduu lakkoofsisu miidhamuu irraa qusatama. Hariiroon kamuu akkanuma. Eeggannaa akka jechuuti!

Maddi barruu kanaa kitaaba "RAKKINNI HAA RAKKATU" jedhudha!


©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022


@Orobook
2024/09/25 21:21:46
Back to Top
HTML Embed Code: