Telegram Web Link
Karaan manni Abbaa Gadaa eeysa
Dhaqeen Galma isaa jajjabeeysa,
Taa'een seenaa isaa babarreessa

Dachii yaa haadha margaa
Irri/Dirri kee midhaanii
Jalli kee bishaanii
Qonnee sirraa nyaannee
Horree sirra yaafanee

Fal'aana caphaa deegaatu gurguree
Dubbii seenaa dubbii afaan ofii
Wallaalaan nutti kolfee/nurraa goree
Beekaan beekkomsaan nu furee

Usoollee uleen caphee
Kan Abbaa Gadaa hin caphu
Beekaa irra kunne malee
Seenaan hiyyeessa hin qabu" jechuun, mambultii wal-qixxummaa, sadoo fii qananii, tan gaafa hawaasni adunyaa Abbootii Irree jala turan, Oromoon ammoo sirna dimokraasiin itti wal bulchaa turan beekaa fii wallaalaa Oromoo bira kutee firaa fii diina yaadachiise.

Walleelee kaasetaa fii shaklatti baasuun alatti, Ali, Hoteela Harraambee, Kilaba Waazeemaa, Zaambeez, Hootala De-Afriik ja'amuu fii Raas Hootelitti booharsaa daawwattoota kumaatamaa tahe.

Haala kana keeysa, gaaf tokko isaa halkan wallisaa bulee, ganama karaa manaa gala deemu, nama tokko kan harreen qoraan itti fe'ee deemuun, waan qeeyra ol bahuu dadhabeef, tuminsaan tabba baasuuf ijibbatutti dhufe.

Ali, namichaan, "boo! Harrichi dadhabee, mee xiqqo hafuura baafachiise," je'e.

Namicha kana dhagaye, Aliin, "harrichi kiyyaa akkaan fedhee godha," je'e.

Ali "harricha akka feete godhuu hin dandeeysu" namichaan kan je'u tahe.

Yaroo tana namicha foolisoota qabalee kanneen halaalaa arke itti yaamee, Ali qabsiisee, qabalee geeyse.

Warri qabalee isaanii Ali hidhuuf deemu, Hoogganaan (Liqa-manbarri) isaanii, kan Ali beeku dhufee, rakkoo Alii fii namicha jidduu gaafate.

Ali yaada isaa kan jalqabaatti cichuun, "namichi kuni harricha ajjeesaa jira. Horii ittiin gurgur ani niin kennaa fii, qoraanicha asumatti irraa haa buusu!" je'e.

Hoogganichi, kan haala Alii, walleelee isaa waliin beeku, cinatti qabee, "yaa Ali wal'aansoon mirga ummataa tiif gootu si haqattee, ammaas tan beeyladaatti seentee?" je'ee, sossobee karaa mana isaa akka deemu godhe.

Bara 1982 keeysa, odoo Raas Hoteelitti wallisuu, Ali dubartii Birgiittaa Astroom ja'amtu, tan barreessituu safaaraa Suwiidin taate waliin wal baree, fuudhe. Birgiittaan, bara 1984 keeysa ramaddii hujii biyya Xoophiyaa raawwattee hoggaa Amerikatti jijjiiramtu, Aliis, Abbaa Warrummaa tiin, lammummaa biyya Suwiidin fudhatee, niitii isaa waliin, magaalaa Kaalifoorniyaa tan biyya Amerikaa dhaqe.

Bara 1984 irraa kaasee hamma 1992 Alii fii Birgiittaan hujii fii salaloof biyyoota Amerikaa Kaabaa, Awrooppaa fii Aasiyaa keeysa daddeeman. Haalli kuni, Ali, hawaasa Oromoo malees muuziqaa-rraa fageeyse.

Jiruu sadoo fii qananii qabaatullee, wallee fii wallisuun adda bahee jiraachuun Alii-tti rakkoo tahe. Kanaaf, kaaseeta isaa "Oromiyaan Ni Bilisoomti!" kan moggaase, bara 1992-tti akka baaseen, Ali, wal-hubannaan Birgittaan wal hiikee, walleelee isaa kanneen hin moofoynee fii haarayaa waliin, hawaasa Oromoo kan yaroo sanitti adunyaa wal gayaa jirutti as bahe.

Alii Birraa, akkuma nama Dirree Dhawaa keeysatti dhalatee guddatetti afaan Oromoo biratti, kan Arabaa, Amaaraa, Soomaalee fii Adaree qaceellotti dubbata. San boodaas, kan Suwidinii fii Ingilizii itti dabalate. Afaanota alagaa keeysaa kan Arabaa, Soomaalee fii Adareetti walleelee seena qabeessa tahan, kanneen akkuma gaafa bahaniitti yoomuu jaalataman hedduu wallise.

Gama biraa tiin, gaafa Hawwisoo Kibuur Zabanyaa keessa turee fii san boodaas afaan Amaaraa tiin akka wallisuuf dhiibbaa guddoo tu irra ture. Garuu afaan kanaan wallisuu akka foon karkarrootti lagate. Akkuma Xilaahunii fii Buzuneshitti, afaan Amaaraa tiin wallisuun bu'aa guddaa akka qabuuf Ali tolchee beeka. Haa tahu malee, afaan Amaaraa kan afaan isaa cunqurse tahuu waan hubateef, bu'aa silaa gamasiin arkatu wareeguu murteeyfate.
Murtiin akkasiin fudhate, jaalala Amaaraa tii fii horii irraa arkatu dhabsiisuu malees, naaduraa siyaasaa biyya sanii keeysaan rakkoo akka itti fiddu odoo beekuu ti. Gaaffii haala kanaaf karaa warra aangoo qabuu tiin ammaa-amma itti dhihaattu, tooftaa fii qarooma joollee Dirree Dhawaa (Iyyaal Dirree) tiin jalaa miliqaa ture.

Afaan Amaaraa tiif gatii kennuu dhabuun Alii, isa bira dabree afaanii fii saba Oromootti kabajaa godhe. Oromummaa arra dagaagee, qabsoo bilisummaa yoomiyyuu caalaa finiinsaa jiruuf onnee tahe.

Alii, afaan Amaaraa ittiin wallisuu diduu bira dabree, akka armaa gadiitti walaloo mana hin rukkunnee fii dhama hin qabneen,
"ስዘፍኑ ስሰማ እያየሁ ዘፋኞች
እነም ባማሪኛ ዛረ እዘፍናለሁ።

ፍቅር እንደ አስቴር እነን አይጎዳኝም
አሊ ስለ ሆንኩኝ እሸውደዋለሁ
ከድሬ ስመጣ ግና ትንሽ ነበርኩ
ዛረ ከኢትዮ ስታር ባንድ ኢዩኝ ግድንግድ ነኝ" je'ee afaan Amaaraa caccaphaan wallisuun iddoo fii gatii afaanichaaf qabu ifa baasuun jara garaa gube.

Gama biraa tiin ammoo, wallee,
"ትዝ ትዝ እያለኝ ብዙ ተጨንቄ
ከንቱ ላላገኝሽ አንቺን መናፈቄ

ህሊናሽ አስቦ ልብሽ መቼ ረዳኝ
እኔ ግን ውስጥ ውስጡን መናፈቄ ጎዳኝ
መከራን ስችለው ማንም ስው ሳይረዳኝ
አንቺን መናፈቄ ደህና አድርጎ ጎዳኝ" jettu alalaasa miidhagaan qindeeysee Mahmuud Ahmad akka ittiin beekkamu kan godhe, Alii Birraa ti.

Alii Birraa akkuma;,
"Oromiya Oromiyaa biyya abbaa koo tii
Gammachuum too irruu hammaan si arkutti

Oromiyaa biyya jeeynota kumaatamaa
Ol ka'uus gaciisuus yaadnni kiyya sumaa
Abdiin too hawwiin too suma galmi kiyyaa
Si obsuun dadhabe biyya too Oromiyaa" je'etti, bara 2004 keeysa sadoo biyya namaarra rakkoo biyya isaa filachuun, jiruu biyya ambaa tan waggaa diiydamii booda Oromiyatti deebi'e. Akka achi gayeeniis, gorsa abbaa isaa kan barnootatti jabaadhuu, kan inni irraa hamilee cabse, hadhaadhiyyuuf karoorfate. Karoora kanaan, hiyyeeyyii naannoo Ija Aannannii tanneen naannoo Dirree Dhawaa, warra hiree barnootaa tiin wal arkuu hin dandeenyeef mana barnoota sadarkaa duraa banee carraa barachuu tiin walitti baase.

Gabaabinatti, xiqquma irraa himuuf yo tahe malee, seenaan Alii Birraa, barruu gabaabduu tanatti waan shalagamuu tahaa tii miti. Ali, afaan, aadaa, biyya, seenaa fii qabsoo Oromoo-rratti walleeleen wallise hedduu tahuu malees, tan irraa himanii fii dhiisan keeysaa filuun haalaan nama rakkisa.

Wareega godheen kan wal madaalu tahullee batu, Aliin, gumaata guddina afaan, aadaa fii wallee afaan Oromoo tiif godheef jaarmayoota fii waldayoota hawaasa Oromoo biyyoota alaa keessaa kan irraa hin badhaafamin hin jiru. Hujuma isaa tanarraa ka'uun, Universitiin Jimmaa Digrii Kabajaa Doktorummaa Muuziqaa kennee fii jira.

Haaluma kanaan bara 1995, jaarmayni Muuzik Afrik ja'amu kan biyya Kanadaa, magaala Torontoo qooda artii Afrikaa tiif gumaacheef Badhaasa Beekkamtii Hujii kennee fii jira. Gaafana, Ali, badhaasicha bakka bu'aa (Ambaasaadara) Xoophiyaa kan biyya Kanadaa harka akka fudhatu gaafatame. Ali gaafa san dhagayu, badhaasichi keeysan narraa haa fahu kan ja'uun tahe. Deebisaan Alii
warri badhaasa qopheeysan kanneen duruu Ambaasaadertichatti himan, dubbiin laagaa danqarte.

Ali kadhaan dadhabnaan, jarri akkamitti akka kennamuuf akka barbaadu gaafatan. Gaaffii isaanii tiif Ali "Yo nama naaf kennu kan biraa dhabdan, karra eeyduu hotiilichaa akka naaf kennu godhaa je'een. Maayyiirratti, badhaasicha harka Kantiibaa Torontoo tan gaafasii, Mayer Barbara Hall, harkaa fudhate. Murtii isaa saniin, Ali, hamilee hawaasa Oromoo tan gaafas kuftee turte ol kaase.

Baroota shantamii saylan dabran, Ali, afaan Oromoo, Arabaa, Soomaalee, Adaree fii Affaar-iin walleelee mimmidhagoo ammayyaa dhibba sadiihii ol wallise.
Akkuma Gurraandhala 25, bara 1963, "birraa dhaa barhiin" qoma daawwattootaa seeneen, walleelee danuu tanaan, hawaasa Oromoo bira dabree kan alagaa tiis odoo booharsaa jiruu, dhukkuma amma-amma rakkisaa tureen, Sadaasa 06, bara 2022, umrii 74-tti, bakka kan dhalate hundi irraa hafuu hin taanetti kute.

Alii, bilisummaa ummata Oromoo tan jaalala isii bifa addatti ibse odoo goolabbii isii hin arkin biraa deemullee, walleelee isaa kanneen yaroon moofoysuuf hin jiraanneen, ilaa abad dhaloota dhufaa jiruu booharsuuf jiraata. Seenaan isaa tiis isaanumaa waliin dhalootarraa dhalootatti dabarti.

Galanni isaa Jannatul Furdoos haa tahu!

@Orobook
Kaleessa akka riqicha har'aa qofaatti!

Kaleessi har'aaf, har'i immoo boruuf ka'umsa malee wadaroo safaraa miti!
Biqiltuu lattuu kaleessaa, kan irra ejjetan cabu har'a gaaddisa yeroo dadhabbii, kan firii harcaasee akkanuma madda oksijinii ta'ee harka nama qabudha. Har'i kaleessa miti! Eeyyeen, daa'imni har'a harka qabanii daaddee deemsisan, hiixatanii midhaan afaan kaa'antu bor jabaatee harka nama qaba, hiixatee afaan nama kaa'a, egereen biyyaas harka isaa jira. Kanaafuu, bakka kaleessaatti nama eegaa hafuufi bakka har'aatti bor wal waamuurra, yeroon gooftaa ta'ii hundaa akka ta'e hubachuun waan dorgee hin qabnedha. Akkasumas, kaleessa akka riqicha gara har'aatti ceesisu qofaatti malee, akka hidhaa guyyaa har'aatti ilaaluu hinqabnu. Kaleessi kaleessa, har'is immoo har'adha. Kaleessa akka riqicha har'aatti fayyadamnee irra ceenee, har'a boruu keenya faayuu haa qabaannu! Iddoo kaleessaattis ofis ta'e nama biraa eeguu haa dhiifnu!

               Galatoomaa!🙏🏻

   ©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

          @Orobook
Guca Milkaa'inaa
(Kitaaba Xiin-sammuu)

Barreessaan: Ibsaa Asheetuu Dagaati

Kitaabni kun maxxanee rabsamuutti jira. Karaa teessoo gadii kanaa iyyaafachuun kan keessan godhadhaa.

Bakka argama kitaabichaa:-

#Amboo
✓ Mana Kitaaba Burqaa Beektotaa (Newyork cinaa) (0938903341)

√ Mana Kitaaba Maatii (Main campus cinaa)

√ Mana Kitaaba Taarraqaa (Main campus fuuldura) (0965562756)

#Adaamaa

√ Mooraa ASTU (0935834077)
√ Abbaa Gadaa (39543459)

#Finfinnee Boolee

√ Gamoo Oromiyaa darbii 3ffaa

#Finfinnee Buraayyuu

✓ Baayisaa shibbiruu (0915882613)

● Iddoowwan hin geenye biroos yeroo dhiyootti ni dhaqqaba. Iyyaafadhaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!


@Orobook
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
"Abdii hin kutatin carraa fuuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanu waan taheef jabaadhu! Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittiin siif hojjechuu didan barta.

➨ Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 9,999 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifu hin dandeenye 9,999 bare malee jedhe.

➨ Atihoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa?? Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

@segnigudeta @wabisegni
Kitaabni "#Guca_Milkaa'inaa" akka eebbifamuuf hawwii guddaa barreessaa kitaabichaa (Ibsaa Asheetuu) ture. Garuu akka yaadame ta'uu hin dandeenye. Sababoota eebba kitaabichaa gufachiisan yookaan hambisan keessaa tokko, bakki kitaabichi itti eebbifamuuf gaafatame didamuu isaati. Kanaaf barreessichi waan murteesse tokko qaba. Eebbi hafullee, kitaabichi akkuma ta'u ta'ee dubbisaa akka dhaqqachu gochuuf haala rabsaa isaa mijeessee jira. Egaa kitaabicha of harkaan gahadhaa, barreessichas jajjabeessaan dhaamsa kooti; iyyaafadhaa! Kitaabichi immoo, kitaaba dubbifamuu qabuufi jaallatamaa ta'uu dubbiseen arge.

Iddoowwan argama kitaabichaa asii gaditti ni argattu.

Galatoomaa!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Forwarded from Dr. Abdisa Ejeta Official Channel (Abdisa Ejeta)
Guca Milkaa'inaa
(Kitaaba Xiin-sammuu)

Barreessaan: Ibsaa Asheetuu Dagaati

Kitaabni kun maxxanee rabsamuutti jira. Karaa teessoo gadii kanaa iyyaafachuun kan keessan godhadhaa.

Bakka argama kitaabichaa:-

#Amboo
✓ Mana Kitaaba Burqaa Beektotaa (Newyork cinaa) (0938903341)

√ Mana Kitaaba Maatii (Main campus cinaa)

√ Mana Kitaaba Taarraqaa (Main campus fuuldura) (0965562756)

#Adaamaa

√ Mooraa ASTU (0935834077)
√ Abbaa Gadaa (39543459)

#Finfinnee Boolee

√ Gamoo Oromiyaa darbii 3ffaa

#Finfinnee Buraayyuu

✓ Baayisaa shibbiruu (0915882613)

● Iddoowwan hin geenye biroos yeroo dhiyootti ni dhaqqaba. Iyyaafadhaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!


@Orobook
              #DABOO_DABAA
Filmiin Afaan Oromoo haaraadha. Fiilmiin kun, sadaasa 25/3/2015 sa'aa 6:00 irraa eegalee, Finfinnee, Hoteela  Internashinaalii Ililliitti kan eebbifamu ta'a. Irratti argamnee haa eebbifannu. Wal argaanis achumatti haa ta'u egaa!

Keenyumatu keenya!👌

  Galatoomaa!🙏🏻


     @Orobook
Yoom akka duutu hin beektu! Yoomis maal akka taatu hin beektu. Arrabni kee yoom akka dubbachuu dhaabu, Onneen kees, yoom akka dhiiga raabsuu dhaabu hin beektu. Afaan kee kun yoom akka yeroo dhumaaf cufamus hin beektu. Qubni kee kunis yoom akka waa barreessuurraa dhaabatu hin beektu.

Haga waantota olii kana gochuu dandeessuutti, dubbachuus barreessuus hin dadhabiin! Waanta dubbachuu dandeessuu fi waanta barreessuu dandeessu hamma gochuu dandeessutti dadhabbii fi nuffii tokko malee godhi. Boru gochuu dhiisuu dandeessakaa!

Waanti ati barreessitus, waanti ati dubbattus garuu, #DHUGAA fi #DHUGAA qofaaf haa ta'u!

Via Sanbatoo Gofor🙏🏻

@Orobook
#Qorumsa_Jaalalaa!
(Kitaaba haaraadha)

Barreessaan: Eebbisaa Baayisaati

Kitaaba qorumsaafi qabsoo guddaa booda dubbiftoota isaa dhaqqabuuf jirudha. Gufachiisa mudachaa ture hunda darbee, bifa kanaan fiixaan bahuusaa arguun gammachuukoo guddaadha. Anaa dhufu jedhees hin quufu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!


@Orobook
#Nama_Kamiifuu_Nama_Haa_Taanu!

Seenaa dhugaadha! Gurbaa harkaan deemu yookaan hannaan beekamu tokkotu ganda tokko keessa ture. Xiqqaa hanga guddaatti, waan inni hin hanne hinjiru, inuma sassaaba. Waan olkaa'an tokkotti deebi'uun abjuuma ta'e, hawaasa naannoo sanaa biratti. Gochaa kanaan hawaasichi baay'eema miidhamee jira. Yeroo tokko tokkommoo, osooma isaan arganii qabeenya isaanii jalaa fudhatee fiiga. Mataa dhukkubbiifi madda rakkoo jabaa isaanitti ta'e! Yoo qaamni seeraa isa hidhes, akkuma mana hidhaadhaa baheen hanna eegala. Akka nama leenjii mana hidhaa keessatti fudhachaa tureetti, hannaan kan duraarra caaleema itti deebi'a. Keessa fagaachuu isaa irraan kan ka'e, hannaan boonuu eegale, gurbaan.

Osooma kanaan jiruu guyyaa tokko,  waan ajaa'iba tokkotu isa mudata. Namicha wayiitu gara isaatti isa waama. Waamees akkana jedhaan; "Ofiikoo dalagaa tokkoon qabamee waan jiruuf, bakka ta'ettin si ergadha. Nan didiin; anuu gaaf tokko nan siif ergama." Dubbiin kun  gurbaa hannaaf araada qabu kanatti bitaa gale. Kanaan dura halaalatti isa dheessuu irraan kan hafe, itti siiqanii haasofsiisuun waan amaleeffatame hin turre. Namichi sunimmoo keessuma darbee, ergaa isa ergachuuf jira. Kanatu bitaa itti galche. Osooma dubbichi gaaffii itti ta'aa jiruu, ergaa sana akka deemuufiif eyyamamaa ta'uu itti hime. "Qarshiin kun qarshii 5500 dha. Deemtee nama akkanaatti naaf kennitee dhufta." Ittiin jedha. Akkuma tole jedhetti qarshii sana irraa fudhee qajeele. Hin fagaanne kan gurbaan imimmaan caccalamuu eegale. "Ani hattuudha. Sababa hannakoo kanaaf, hiriyootaafi naman itti dhiyaadhu qofaa miti, abbaafi harmeenkoo iyyuu edda akka namaatti na ilaaluu dhiisanii turanii jiru. Akkamitti namichi kun haala kanaan na amanee qarshii hanga kana natti kennee? Silaa na beeka! Kanaan dura qabeenyuma isaayyuu hatuukoo innis anis ni yaadanna!" jechaa ofitti guungumuu itti fufe. Meeqa deemee siqaa, ofirraa taa'ee yaadaafi of ceepha'aa bakka jedhame sana gahee deeb'e. Ergaa ergames akkuma jedhametti rawwatee jira. Yeroo kana namichi erge sun baay'ee ajaa'ibsiifate. Gurbaan sunis hannatti achumaan nagaa dhaammate. Kan nama aja'ibu, gurbaan hanna akka dhiisuun namichi yeroo sana afaanii baafatee hin gaafanne. Garuu gochaadhaan affeerraa guddaa inni ittiin amala badaa sana dhiisu dhiyeesseef. Boodarra, hojii inni hojjechuu qabu kennuufiidhaan waliin dalaguu itti fufani.


•>> Yeroo baay'ee, nama tokko irratti amala hin taane wayii gaafa arginu irratti odeessina, ni dheessinas; maqaa wayii kennineefiis ittiin waamna. Itti siiqnee haala nama sanaa hubachuus filannoo keenya hin godhannu. Gorsinee yookaan fakkeenyummaa gaariin gara daandiitti deebisuurra, jechoota itti darbinee haala nama sanaa kan duraarra hammeessina. Kanaaf fakkeenyi olii kun barnoota guddaa tokko ta'a jedheen yaada. Namaaf nama haa taanu! Yoo dandeenye sababa jijjiiramuu namaa, yoo dadhabamne immoo sababa ittiin namni tokko ittuma badu ta'uurraa of haa qusannu. Eeyyeen, namaa kamiifuu nama haa taanu!


            Galatoomaa!🙏🏻


©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022


@Orobook
"Guyyaan sirna eebba kitaaba 'Muuda Mormor' dhiyaate; narraa hin hafiinaa" jedha Cabsii Taliilaa, barreessichi. Sirni eebbichaa gaafa 02/04/2015, M/Bishooftuu, Gamoo Hiwootitti kan gaggeeffamu ta'a. Nuyis 'irraa hin hafamu' haa jennuun.
                  
Milkaa'i obboleessakoo!👏🥰

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa.

@Orobook
       #AKKIKOO
Walaloo suur-sagalee qulqullina addaa qabuun qophaa'ee dhiyaachuuf jirudha. Waloon Ballinaa Waakjiraa Olaanaati. Nutis dafii nu biraan gahi siin jechaa, abdiin si eegna waloo qaxalee nana!

           Anaa dhufu!👏

@Orobook
(Humna keessoo si ittisu injifadhu!)

Kitaaba "The Success principles, " kan Jack Canfield-tiin barraa'e irraa, waa'ee daangessituu humna keessoo dubbise kana waliin haa qooddannu:-

Haal-dureewwan daangessituu (limiting factors) irra aannaan/injifannaan/, haal-dureen kamiyyuu hagas mara nu dhaabuu hin danda'ani. Deemuuf deemsa irraa, gochuuf gochaa irraa, mo'uuf mo'icha irraa waanti nu dhaabu qaama alaa ykn dhiibbaa naannoo osoo hin taane, numa mataa keenya! Ofumaan of! Waa'ee waan nu dhaabuu danda'uu yaaduun of injifachiisuu keessatti hirmaachifna. Amaleeffannaa nu balleessaniif sababa hinmalle sababsuun harka kenninaafii. Dhugaatiitti of gatanii jiraachuun, tamboo aarsuufi kanneen biroo miidhaa isaanii osooma beeknuu miira aarii keenyaa keessa dhokfachuuf ofitti firoomfanna. Kun affeerraa qaamaa alaan nutti dhufu miti; affeerraa dhuunfaa keenyaati. Numatus ofirraa mulquu danda'a.

Sirreeffama jireenyaa tuffachuu, itti fufinsaan of barsiisuu dhiisuu, jiruu waa'ee hin baafne irratti yeroo balleessuu, yaada waa'ee hin baafne walitti qabachuu, nyaata fayyaalessa hintaane nyaachuu, sochii qaamaa gochuu dhiisuu, qarshii humnaan ol balleessuu, jireenya fuulduraa dagaagsuu dhiisuu, diddaa barbaachisaa dheessuu, dhugaa jiru himuu dhiisuu, waan barbaannuuf gaafachuu dhiisuu- kunneen waan ofiin ofirratti raawwannudha. Kana gochaa qaama biraatti quba qabuun quucara jireenyaa nutti affeera.
~~~
    #Dhaamsakoo!
Humni na keessaa, beekumsi ani qabu qar-lama! Yoon ittiin of ijaare na ijaara, nan ijaarama; yoon ittin of balleesse na balleessa, nan badas. Ittiin fiiguu fuulduratti na humnoomsa; ittiin dhiigus isumatu na dhiigsa. Humni keessakoo jiru humna ittisa alaa ni caala. Caalee kan argamu immoo akka caalu yoon beekedha. Humni  keessakoo qar-lameedha. Qar-lamee! Kun dhaamsa ani ofii dhaamedha. Mee atis waa ofiin jedhi. Humni keessakee jiru qar-lameedha. Eeyyeen, humni keessa keenya jiru qar-lameedha. Kanaafuu, humna keessa keenyaa kallattii egeree keenya tumsuufi ijaaruu danda'uun fayyadamuu qabna. Yoos, injifattoota taanee argama. Haa taanu!

Humna keessoo nu ittisu haa injifannu!

                Galatoomaa!🙏🏻

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022

                  @Orobook
Forwarded from Dirree Xiinsammuu
YEROO
,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,
___________

Jaarraa tokko dura addunyaan kun dhaloota biraaf kennamte; isaan itti hojjetanii, jiraatanis darban.
Har'a dhaloota biraaf laatamte, lafti kun!
Isaan keessaa aniifi ati tokko, fudhanneerra!
Nu harkaa fuudhamuufi sa'aatiin lakkaa'amaa jira; gaafa yeroon gahe miliquun hin yaalamuu qofa osoon taane hin yaadamuyyuu. Yerootti hojjechaa jirraa laata!

Daa'imni har'aa bor dargaggeessa; dardaraan har'aas bor manguddoo dha;
Manguddoomnaan humni hin jiru; akka yaadanis hin kaatani!
Gaafa humni jiru yoo waa olin keenye booda harka namaa ilaaluu ta'a!

Kanaafuu yerichatti haa hojjennu; boruufi dhalootakeenyaaf waa ol haa keenyu!
Forwarded from Dirree Xiinsammuu
Hanga argitu caalaa

Mucaan xiqqoon tokko abbaa ishee waliin markabaan deemaa turte. Guyyaa ifaa fi qileensaa hawwataadha.
Mucaan sun abbaa isheen, 'homaa arguu hin danda'u ' jetten; rakkoo hojjaa ta'uusaati.
Abbaanis olfuudhee gurmuusaarra ishee kaa'e. Isheenis namoota bakkicha jiran hundumaa gararraatti olkaatee wantoota naannoo jiran arguu dandeesse.
"Abbaako!" jette, "Hamma ijjikoo ilaaluu danda'u caalaa arguun danda'a!"

Dubbiin mucaa kanaa hiika mul'ataa ofkeessaa qaba.

Mee mul'ata, ilaalcha, ogummaa fi dandeettiikee olkaasi! Gaafa sana hanga ijaakeen argitu caalaa waan argitu ni qabaatta.

Bara milkaa'inaa siniif haa ta'u!
Roberto De vicenzo kan jedhamu taphataan 'Golf' dhalataa Arjeentinaa tapha tokkorratti mo'ee badhaasa guddaa argate. Qarshii bifa cheekiitiin fudhatee yoo gammmadu TV dhaanis mul'ate. Guyyoota muraasa booda bakka konkolaataasaa dhaabbate yoo dhaqu dubartiin dargaggeettiin  tokko isa haasofsiifte. “Injifannoo argatteef baga gammadden siin jedha” erga jetteenii booda mucaanshee dhukkube afaan du'arra akka jiru, Hakimootaafis tahee mana yaalaatiif waan kanfaltu akka hinqabneefi nagaa akka dhabde itti himte.
De Vicenzo nis  seenaa dargaggeettii kanaan gaddee iskiriiptoo isaa baasee maallaqa badhaasaaf isaaf kenname akka fudhattuuf mallatteesseef. “Mucaankee guyyoota gaarii akka jiraatuuf maallaqa kanaan waan dandeessu godhiif ” jedheenii gaggeesse.
Torbee itti aanu keessaa gaaftokko, mana nyaataa  taphattoonni 'Golf' itti nyaatan laaqanaaf deeme. Gara kursiitti akka dhiyaateen “Yeroo darbe bakka 'parking'tti badhaasakee dubartii wayiif akka kenniten dhagaye”jedheen, keessummeessaan. Innis “eeyyee dhuguma ”jedheen.
Keessummeessichis, “Oduu gaddisiisaa tokkon sitti hima. Intalattiin hattuudha. Mucaa dhukkubsatus hin qabdu. Hin heerumneyyuu. Si gowwoomsiteetti ” jedheen. De Vicenzo nis  deebisee “ Kanaafuu mucaan dhukkubsatuuf afaan du'aarra gahe hinjiru jettaa” jennaan, “eeyyee, hinjiru” jedhaan.
“Kana oduu gaddisiisaa jettaree? Kun anaaf torbaan kana keessaa oduu gammachiisaa hunda caaluudha. Badhaasaan olis. Mucaan dhiphina keessa jiru tokko akka hinjirre dhagawuu caala maaltu gammachiisaadha? " jedhee deebiseef, De vicenzo'n. (Kanin dubbiserraa)
- -
- Gaarummaa akka ija keetti tiksi. Garaa keerraa gaaromi. Hammina namni sirratti hojjete caalaa gaarummaa garaa guutuun namaaf goote ilaalaa jiraadhu.  Fuula namaa ibsuuf yaaluudhaan fuulakee ibsi. Deebii gaariin ati gaarummaa keessaa argattu boqonnaadha.

Via Kanaa'ol Badhaadhaa🙏🏻

@Orobook
2024/09/25 21:22:27
Back to Top
HTML Embed Code: