Telegram Web Link
Har'a dubbii ajaa'ibaa ta wal fakkaattu laman dhagahe 😅

1ffaa: Paastar tokko Yesuus bataskaana isaatti afeeree Yessuus Samii dhufee Wangeela hawaasatti himee ngyn gara samiitti deebi'e ja'an.

2ffaa: Ameerikaan Appilikeeshinii tokko kan Yesuusitti Haasawuu namaaf mijjeessu hojjattee jirti jedhan.

Ammagaa Yesuusii wajjiin chat godhuun!😊
#Subhaanaka_Rabbii☝️
#WahdakaLaaShariikaLaka

Rabbiin Amantii Islaamaa nuuf kanneef akka galata galchinuufin waan kana maxxanse malee Amantaa namaa tuquufi miti.
#Alhamdulillaah

@DrZakirNaikAfaanOromoo
Wallahi yeroon nuti keessa jirru tun hadiisa ergamaa Rabbii (saw) tokko na yaadachiifti.

Hadiisa Imaamu Muslim Kitaaba Iimaanaa keessatti gabaase kan akkana jedhuutu jira "...Gurbaan haala Muslima taheen bariisifateeti, haala Kaaفira tahee galgaleeffata..."

Ganama Isumaa Muslimaa dhageessa galgala amma Kaفree dhageessa.

Kanaafin yeroo tana Qur'aana qara'uu haa jabeessinuu isiniin jedha. Sababa sanii Rabbiin Sabaata nuuf kannuutu malaa

@JemalSheikhBakri1
Ibnu Baxuuxah

Dhalataa Maghribii yookaan Morokoo kan ta'e Nama addunyaa irra imaluun beekkamuudha

Sooressi Addunyaa tanaa Elon Musk waa'ee isaa qorachuutti jiraachuu dhiheenya beeysisee ture.

Abu Abdullah Muhammad ibn Battutah Fulbaana 1304 – 1368/1369),[a] yeroo baay’ee Ibn Battuta jedhamuun kan beekamu, imaltuu fi hayyuu Maghrebi ture.[7] Bara 1325 hanga 1354tti waggoota soddoma keessatti Ibn Battutaan irra caalaan Kaaba Afrikaa, Baha Giddugaleessaa, Baha Afrikaa, Giddugaleessa Eeshiyaa, Kibba Eeshiyaa, Kibba Baha Eeshiyaa, Chaayinaa, Iberian Peninsula, fi Afrikaa Dhihaa daawwate.

Hayyichi Islaamaa kan addunyaaarra naannawaa ture kun dhuma jireenya isaatti yeroo dhihaatu "Rihlaa" keessatti seenaa isaa addunyaaf qoodee

@JemalSheikhBakri1
Hanga feete maallaqaa fii qaama qabaattu, digrii fii mastara qabaattu, aangoo fii beekkamtii qabaattu. Qalbiin iimaanaan hin guuttamin, qaamni Rabbiif ibaadaa hin godhin, foon haraamin jaarame, qalbiin baaxilaan guutame, aqliin dandeeytii Rabbii hin xinxalle booddeen isaa hongoodha. Jireenyi isaa jireenya beeyladaati!

Quraanaa fii hadiisni yoo si hin qajeelchine. Jannanni Rabbiin warra amaneef qopheeyse yoo motivate si hin goone motivational speech kuma biraatiin hin qajeeltu. Irra caalaan dubbii haasawa Rabbii kan Quraana ja’amu. Irra bareedaan karaa jireenyaa, malli jireenyaa, karaa Nabiyyii Rabbiiti sallallaahu aleeyhi wasallam!
Uataaz jaafertu barreesse
Rabbii Keetii Wajjiin Wal bari
Jemal Sheikh Bakri
Rabbii Keetii Wajjiin Wal bari
"RABBII KEETII WAJJIIN WAL BARI"

Walumaa galatti Kitaabni kun Akka nuti qajeellotti Rabbii keenyaan wal barruuf kan qophaawe Kitaaba addaati.

Namoota Akaakuwwan garaagaraa akkaataa isaan Itti Rabbi hubatan kan gadi fageenyaan Ibsuufi dogoggora isaanii kan sirreessuudha.

Warra Athiest/Mulhida warra Rabbiin hin jiru jedhu, Philosophy Metaphysics waan beekumsa ilma namaarraa fagootti hin amanneefi kkf hunda Ifaan ifatti kitaaba nama hubachiisuudha.

Kitaabichi logic, dhugaa saayinsiin ifoomse dabalatee qorannoo Ammayyaawaan waan wal qabatu namaaf akka hubatamutti kan keessatti barreeffameedha.

Ragaan Qur'aanaa fi Hadiisa cinatti Logic fi saayinsii dhugaa, Seenaa nama barsiistuu fi bohaarsitu kan if keessaa qabuudha

Kitaaba kan buufadhaatii dubbisaa. Hiriyoota keessaniif #Share godhaa. Kitaabicha qajeellotti #Share waliif godhuudhaan Nama hedduu bira akka gahu godhun haa wal fayyannuun dhaamsa kiyya.

Keessattuu namoonni hordoftoota hedduu qabdan please #Share godhaa, Copy paste godhaa Hayyaakumullaah!

Liinkiin Kitaabichaa google drive jala seentanii buufattan kan armaan gadiiti.

https://drive.google.com/file/d/13aAJyUIx0X0cFnJKMtRqMA4oGRJ2Zhiu/view?usp=drivesdk

Fuula Facebook abbaa kitaabichaa hordofuuf kan isin geessu liinkii armaan gadii kana fayyadamaa

https://www.facebook.com/jamaal.shbakrii

Yaadaa keessan achiin naan gayuu dandeessu. Jazaakumullaah Kheeyra jazaa'i annaa!
Osoo Kaaفiroonni ganamaa galgala diin Islaamaa hacuucuu yaadanii Rabbiin Subhaanahuu wata'aalaa Diin Islaam ol qaba. Daran akka dagaaguuf haala mijjeessa.

New York 'tti Masjiinni marti sagalee guddistuudhaan ol qabanii akka azaanan hayyamamee jira. #AllahuAkbar hin jettuu?

Waan si ajaa'ibu biyya nuti biyya Islaamaati jennu keessatti ammoo ol qabanii azaanuu dhoorgaa jiru. #Ajiib
@JemalSheikhBakri1
Imala Uffata xiqqeenyaa (gabrummaa) baafatanii, Uffata bilisummaa (kabajaa) uffatuuf imalan keessatti owraa nama baay'eetu mul'ata.

ما بين خلع ثوب الذل وارتداء ثوب الحرية تظهر عورات الكثيرين

Sayyid Quxb Rahimahullah

@DrZakirNaikAfaanOromoo
Madiinaa Nabiiti
Lafa tasgabbiidhaa

Namaa mitii Adurreefuu
Iddoo haara galfiidhaa**

صلوات ربى وسلامه علىك يا سيدى 🤍
Halkan Jum'aati Nabii Keenyarratti Salawaata haa buusnuu, Salawaataan Sawaaba haa khuufannuu.
@JemalSheikhBakri1
2024/09/21 20:03:19
Back to Top
HTML Embed Code: