Telegram Web Link
Dhaamsa Shabaabaaf...!

Yaa joollee teenya famous, Celebrities, Artists, Actors, Musician fkkf jala oriyuu, hordofuu, jaalachuu kana dhiisaa.

Islaamummaa teessan qabaachuu fi Hundaa ol Rabbii keessan jaalachuudhaan gammachuun argamtu laaftuu miti.

Jaran olitti isiniif hime kana jalaa yoo fiiydan stress, depression fkkf qofa goonfattu.
والله المسعان!
@JemalSheikhBakri1
Isaan farshoo fi Dubartiirratti Wal ajjeesan kana jala hin ori'inaa. Akka fedhan yoo beekkamanis, fiixa milkaa'inaa gubbaa yoo jiraatanis hanga Rabbii isaan Uumetti hin amaninitti gammachuu hin argatan.

#Alhamdulillaa على نعمة الإسلام
Nuti Hora harsadee bishooftuu fi Hora finfinnee osoo hin taane, Lafa tasgabbii fi rahaa Makkaa fi Madiinaa Yaana In Shaa Allah!

Iddoo Shirkii osoo hin taane iddoo milkiitti wal geenya In Shaa Allah! Makkaa fi Madiinaa dhaynee faana Nabii Kheenyaa Irraa yaanee, Umraa fi Hajjii raawwannee deebina In Shaa Allah! Rabbiin nu cufaafuu haa fadhu🤲

Salawaatu Rabbii Wa Salaamuhuu aleyhi

@JemalSheikhBakri1
Mi'aa fi jaalalti Ibaadaa yoo haalan si kheessa gad buute Salaata #Fajrii Ka'uun sitti hin ulfaattu.

Mu'umintoonni Osoo Fajriin gahee jiruu qalbiin isaanii hin raftu. Amala Mu'umintootaa kheessaa qalbiin Isaanii Fajriirratti hidhamtee jirti. Ka jarri kaan rafu isaan dhaabbatan.

Yaa Rabbi Mu'umintoota dhugaa nu godhi, Sabaata nuuf kenni.
Oromoon nama kanaan hayyuu jechuun ishii baay'ee na gaddisiisa. Namoota baay'ee Islamphobia qaban keessaa nama tokko nama kana.

Hayyummaan nama waan dubbatuu fi akka itti dubbatuu fi bakka itti dubbatu beeku yoo ta'u namtichi kun ulaagaa san hin guutu.

Inni nama Soosholoojii barati, Antropologistiidha, garuu wanni inni himu hanga sheekoo sheekootuu dhugaa hin fakkaattu.

Namni Kun takkarra lama irra deddeebiin Qur'aanaa fi Nabi Muhammad(Saw) tuttuqa.

Osoo waan haasawuuf akka nama baratetti ragaa fidatee bareedaa ture garuu namni sheekkoo sheekkoo himu eessaa ragaa fida.

Gammachuun hayyuu miti manguddoo raatoytee. Namni keenya yeroo namticha dhungataa suuraa ka'u, yeroo qophii isaanirratti isa afeeru, yeroo bakka namtichi kun jiru biratti hirmaatu kabajaa Nabiyyii keenyaa (Saw) akka xiqqeessetti if hubachuu qaba.

@JemalSheikhBakri1
Allaahu Akbar ☝️

Namni isin ilaalaa jirtan kun lammii Ingilizii yoo ta'u maqaan isaa Alfie Kenner ja'ama biyya Ingiliziitti biliyoonarota jiran keessa tokkoodha.

Namni kun Karaan dhugaa, kan gammachuu, qajeelfamni Jireenyaa inni sirrii Islaamummaadha jechuu Amantaa Islaamummaa fudhate.

Allaahu Akbar !
@JemalSheikhBakri1
Harargeerraa gabrummaan bahee Biyya Hindii Mootummaa tahee kan bulche..!

Har'a Malik Ambar wajjiinin wal isin barsiisa. Namni kun Harargeetti kan dhalate. Gosa warra Maayaa ja'amtu keessaa kan dhufe 1548 tti dhalate.

Biyyarraa gabrummaadhaan gurguramee bahe. Maqaan isaa kan dhalootaa Waaqoo chapu jedhama.

Qaasim al baghdaadii nama je'amuutu maqaa isaa Ambar jedhamu kana baaseef.

Malik Ambar Adeemsa jireenyaa baay'ee keessa darbee Biyya Hindii Mummee Ministeera zabana sanii tahee nama bulcheedha 1548-1626 'tti.

Hindoonni gugurraattiin suni warra harargee tahuu hin oolan😅

@JemalSheikhBakri1
Wantoonni tahuu hin qabne yeroo ta'an gaafa argitu 😪

Zabana khana namni baay'ee walitti cakkannee jirabboo 🥲
2024/09/21 23:13:08
Back to Top
HTML Embed Code: