Telegram Web Link
Darasaa Sheekha keenya sheekh Zabuuri. Akka gama biyya irraa hafiinsi hin jirre aakhiratti godaane yeroon dhagayu nin gadde.

Anilleen naman beeku natti fakkaata. Darasaan sheekha keenyaa obboleeyyanuma keenya. Garuu nama beeytuun duuti hin toltu ja'an sanumaafin je'e.

Innaa Lillaah wa innaa ileyhi raaji'uun.

@Hakaan1
Abbaa fi duree Og-barruu, Aartii Islaamaa, Goota fi wareegamaa Shahiida Keenya Sayyid Quxb, Rabbiin Rahmata haa godhuuf.

Ifni fuula isaa laffaatii fi ta'aba inni Islaamummaaf ta'abe, yaalii inni Islaamummaa addunyaaf ibsuuf yaale natti agarsiisa.

Qubsuma Kee Rabbiin Jannata haa godhu. Kana caalaa dubbachuun barbaadu. @Hakaan1
Qur'aana Qara'uu fi Salaata Shanan Jam'aan Salaatuu Rabbiin nuuf haa laaffisu ๐Ÿคฒ @Hakaan1
Hard times will always
reveal true friends!
Kan sii wajjiin deemu hundi saahiba keetii miti. Kan sirraa fagaate hundi xilaata keetii miti. Yeroo garii แŠแŒˆแˆฎแ‰ฝ แ‹ญแŒˆแˆˆแ‰ฃแ‰ แŒฃแˆ‰ @Hakaan1
แ‹จแˆžแˆ‹ แ‰ฃแ‹ญแŠ–แˆจแŠ•แˆ
แ‹จแŒŽแ‹ฐแˆˆแŠ• แ‹จแˆˆแŠ•แˆ
Rabbiin keenya baatii Ramadaanaa ngyaa fi fayyaan nuun haa gayu. Warra kheeyrii ishii keessatti hojjatatu nu haa godhu. Mijjaa gaarii nuuf haa mijjeessu #Ramadan @Hakaan1
Mowlaan keenya nama haasawa qofa odeessaa oolu osoo hin taane nama hojiin nama agarsiisuu beeku nu haa taasisu!

Jabinni dhugaa oduun nama amansiisuu osoo hin taane hojiin nama amansiisuudha. @Hakaan1
ุซู‚ ููŠ ุงุฎุชูŠุงุฑ ุงู„ู„ู‡ ู„ูƒ...!
Bara wanni niyyanne keessatti nuuf guutamu Rabbiin nuuf haa godhu. Hamtuu bara kana keessa dhuftu cufa jalaa najaa nu haa baasu.
Kheeyriirratti Umrii nu haa dheeressu.

Bara 2023 gahuuf sa'aatii 2:30 hafe. Du'aa'iin jalqabuun gaariidha jechumaafi ๐Ÿ˜š @Hakaan1
Xiqqoo qabnurratti yoo galateeffanne guddoo Rabbi biraa taateetu nuuf dhufa. Tan qabnurratti yoo alaan'allee if nyaanne, Gammachuun nu jalaa lufa. #Alhamdulillaah haa jennuu๐Ÿ™
@Hakaan1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Fuula da'waa ๐Ÿ™‚

Sheikh Amin Ibro

Ustaaz Hakim Hassen
Maa Shaa Allah aleykum ๐Ÿฅฐ

Photo Credit: Gaaddisa Islaamaa
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Adada bubbultuun waan bubbule argita. Mokkoraa fi hokkora si mudatu hunda wahuma irraa barta.
Nama gaarii malee hamtuu irraa dhabde, waan namni siif himu hin dhaggeeffatin
Waan dubbattee sheenoytuutu jira malee wanni usteef (cal'isteef) sheenoytu hin jirtuu beeki
Ee Miskiina Wallahi ๐Ÿ™„๐Ÿ˜„
Guyyaan Jum'aa Keessan Salawaataan bareeffadhaa๐Ÿฅฐ

Sallallaahu aleyhi wasallam
Jireenyi kun wama akhii tokko!

Nama garii karaarratti argita, ka namni Qarshii, qarshii itti darbatu. San booda sanuma walitti qabee maatii isaatiin bulfatu.

Nama gariis ni garta waan maatii isaatiin taliguu ol kiishaa fi accountii irraa qaba. Garuu miira gammachuu fi tasgabbii irraa hin gartu.

Yeroo garii bakka nama biraa if kaayanii ilaaluun gaariidha. Kophee nama biraa keessatti if madaaluun dansaadha.

Inni waan ifii fi maatii isaatiin taligu qabu sun osoo bakka warra harka nama jala qabatuu san dhufee hoo? Jedhee if gaafachuu qaba.

Goolabbiin dubbii tiyyaa waanuma harkaa qabanii gammaduutu barbaachisaadha. Rabbiin warra waan harkaa qabuun gammadu nu haa taasisu๐Ÿคฒ

@Hakaan1
Gara biyya Kibbaa kanatti waan adda addaatu jira. Namni as jiraatu waan hedduurraa waan hedduu bara.

Biyya tanatti warri biyyaa status gadi bu'aa qaban. Saniif maatiin baay'ee rakkoo jireenyaatiif saaxilamanii argita.

Warri muslima hin taane kan sadaqaa khadhatu yeroo garii masjiida cinaa dhufanii yeroo แˆตแˆˆ แŠ แˆ‹แˆ…! jedhan argita.

Isaan gaafa bakka biraatti kadhatan แˆตแˆˆ แˆ›แˆชแ‹จแˆ, แˆตแˆˆ แŠฅแŒแ‹แ‹ซแ‰กแˆ”แˆญ fi kkf jedhanii waan khadhataniif muslimnis bifa kanaan garaa nuuf laafa ja'anii khadhatan natti fakkaata.

Ergaan kiyya Ummata akkasii kanallee bira kutuurra niyyaa gaariin irra buufachuun gara bal'ina Islaamummaan nu barsiiste isaanitti agarsiisuu qabna.
2024/09/24 21:25:10
Back to Top
HTML Embed Code: