Telegram Web Link
An kan hedduu na dhibe gaafa namni rafu Warra ka'ee salaatu, halkan guutuu dhaabbiin dabarsu ka guyyaa qiyaamaa Gaafa Mowlaan maaliif qaaxiraa bultam jedhee Isaan gaafatu deebii qaban kana Osoo hin taane.

Warra halkan guutuu Walitti haasawee qaaxiraa bulaa oolu Sun guyyaa qiyaamaa Gaafa Mowlaan Isaan gaafatu maal jedhanii akka deebisantu baay'ee na dhibe.

Yaa Obboleeyyan aakhiraadhaa Bakka Jirtaniif haala hunda keessatti Rabbiin Na quba qabaa jedhaatii Guyyaa Qiyaamaa akka gaafatamnu yaadadhaatii Waan gari garii firraa dhiisaa.

Economy Itiyoophiyaa wanni haalaan lafaan dhawe yoo jiraate #Kaardii Jaalalleewwan Qabatamaan alatti Walitti haasawaniidha.
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Ganamni kee har'aa kun Arjoomina Rabbii keetii keessaa tokko. Dhugaa dubbachuuf akka addunyaatti namoota hedduutu ganama har'aa kana argachuu dhabe. Ganama kee Rabbii kee galatoomfadhu. Waan qabduun gammadaa ta'ii jalqabi. #Alhamdulillaah 🙏
@JemalSheikhBakri1
Isaan dadhabina kee argan, ati jabeenya kee argi, Isaan Negative kee argan, ati positive kee argi. Isaan Wallaala kee argan, Ati beekumsa kee argi. Isaan si hin beekan, ati of beeki 😇 #Khalaas

@JemalSheikhBakri1
Nagawoo Jimaa, Dheeraa Xoophiyaa sanuu osoo fiddanii Na cinaa dhaabdanii irra dheerachuu hin oolu gurbaan keessan kun 🤣

Warri akka kiyyatti Dheerina dura dhaqee fudhate Koottaa tancaacaa 😅 @JemalSheikhBakri1
Akka xiyyi Abdii si kutachiisu sin waraanne of eeggadhun siin jedha. Of eeggannoon osoo hin miidhamne duratti gaariidha. Erga miidhamtee madaa fayyisuun ulfaataadha.
@JemalSheikhBakri1
Kitaabni beekkamaan kan Ummata Oromoo biratti akkaan jaalatamaa ta'e, bifa Asoosamaatiin kan barraa'e, Gameessi keenya, Gazixeessaa fi Barreessaan Mahammad Siraaj Barreesse Guyyaa muraasa booda Eebbi isaa Finfinneetti akka geggeeffamu Isin yaadachiisna.

Eeggadhaa,
Haa eeggannuu,
Guyyicha koottaa,
Namayyuu hin hafnuu
Kitaabicha bareedaa kana
Waliin dhufnee, Haa eebbifannuu **

Guyyaa kana Eeggachuurraa qalbiin nu rarraatee jirti, harka afaanirra kaayyannee eegaa jirra, Wal beeysisnee Jabaa keenyaa Si cinaa jirra haa jennuuniin dhaamsa kiyya. #Share_Waliif_godhaa wal quba qabaachisaa

@JemalSheikhBakri1
Seenaa addaa!
Dargaggeeysa tokkootu osoo hin fuudhin akka malee ture. Maatiin isaa "fuudhi" jachuun kadhatanii dadhaban. Boodarra sheekha jabaa tokkotti isa himan. Sheekhtichi dargaggeeysa kana yaamee "ati maaliif hin fuune?!" Jachuun gaafate. Hoggaa kana inniniis "dhalaa ulaagaan ani barbaaddu guuttu hin arkanne" ja'ee deebiseef. Sheekhnis ajaa'ibee "ati intala akkam barbaadda?!" jachuun gaafate. Hoggaa kana dargaggeeysichi "intala harka kiyya qabdee Jannata nageeysitu, tan ilma Beeytal Maqdis (Al aqsaa) harka Islaamaatti deebisu naaf dhaltu barbaada" ja'ee deebiseef. Sheekhtichi ulaagaa isaa ajaa'ibee, "intala ati barbaaddu siif haa kennu" ja'ee isa dhiise.

Guyyaa takka osoo Masjiida keessa jiranii, intalti sheekhticha kanaan "jaarsa harka kiyya qabee Jannata nageeysu, kaniin Ilma beeytalmaqdis bilisoomsu dhaluuf naaf kadhu" sheekhaan jatte. Ajiib!

Hoggaa kana sheekhtichi dargaggeeysa kana yaamee intala tana isa fuusise. Ilmi isaan dhalaan "nama osoo Beeytalmaqdis gabrummaa jala jirtuu akkamittiin gammada?!" jachaa ture, goota Masjiida Al Aqsaa harka Islaamaatti deebise Salaahaddiin Al ayyuubii ture. Maasha Allah!

Anaa fi isa hin fuudhin hunda jaartii harka keenya qabdee Jannata nugeeysitu Rabbi nuuf haa kennu!
Hamzaa AbdulHaakim
@JemalSheikhBakri1
Guyyaa Qiyaamaa Qur'aanni takkaa ragaa siif baha, Takkaa ragaa sitti baha. Warra Qur'aanni ragaa baheef Rabbiin Nu haa godhu 🤲

@JemalSheikhBakri1
Jireenya keetiif sumaatu jira jaalo!
Nama biraa itti hin eegin ! @Na4Je2
Hin Yaaddawin, Hin gaddin, Rabbiin Ol tehe sii wajjiin jira 💪 @Na4Je2
Ummata kiyya kan ganamfatan keessatti barakaan isaaniif godhame. Ergamaa Rabbii (Saw)
#Ganamee

@JemalSheikhBakri1
ODUU_GAMMACHIISAA

Barattoota Yuniversitii Jigjiga Barattanii fi Muslimni Afaan oromoo dhaga'u kan naannoo jigjigaatti Argamtan hundaaf

Guyyaa Sabtii Ganama sa'aa sadii (3) Irra Eegalee Muhaadara Guddoon Mataduree DARGAGGUMMAA FI ISLAAMUMMAA Jedhuun Ulaama'in Teeenyaa Oromiyaa Irra kan sheeka Kenya SHEEK AMIIN IBROO tiin Durfamu Waan Dhufaa Jiraniif Namni Tokkolleen Qophi Bareeddu Fi Guddoon kun Akka Isin Hin Dabarree Jenna

Ammas Irra Deebi'e Sheeka keenya Sheek AMIIN IBROO tiin An Haa Dhufuu Jenna
Da'awa kee Mi'aawa Dhaggeeffatuuf Si Eegaa Jirra
Balbala Namummaa ilma namaa!

Nama namummaa barbaadeetu madaala isaanii malee hin madaalamne. Barakaa diinii fi duniyaatu barsiisa keessaniin malee hin argamne. Iimaana Mu'mintootaatu jaalala keessaniin malee hin guutamne.

Siituu Rabbii kee faarsee Faaruu Rabbii nu barsiise, Karaa keetiin malee Rabbi gabbaruun akka sirrii hin taane dhugaa jirtuutu nu garsiise.

Gaafa Funyoo Ergama Keetii Jalatti walitti qabamnu Humnaa fi Milkaa'inaani guutamne. Gaafa Ergaa tee laaffifnu Walitti garagallee Wal nyaatuu jalqabne.

Osoo nuti waliif jirra jennee Walitti himnuu, Osoo nuti wal qabna jennee dhaadannuu, Osoo Rabbiin «Waliif ni Rahmatan, Diina isaan irratti ammoo ni jabaatan» jedhuu Walirratti duuluun oogummaa fi beekumsa taate.

Yaa Ifaa addunyaa Funyoo Rabbiin biraa gad kaate, Tan ati fiddee walitti nu hiitee, San lakkisuu keenyaatuu nu galaafate.

Jiirkaa jaalalaa Tan qubsumti ishii Mowlaa biraa taate, Tan fedhaa fi ajaja Rahmaaniin haguugamte, Xiiba Warra amanee kan wal jaalatee tan taate, Rahmaanoon arshii gubbaa nuuf haa roobsu.

Namni karaa abbaa Jaalalaa jala deemu Waan dhabe hin qabu, waan obboleessa isaa kan rakkateen gargaaru hin dhabu, kabajaa obboleessa isaa tuquuf onnee fi yeroo itti hin qabu.

Hundi dogongora keenyaa baasee nu saaxila. Guyyaa tokko dirree adiitti nu waxiila. Sodaan Rabbii nu keessaa Dhabamuutu Kana hundaaf Nu cunfa/Xaliila.

Hadaraa Rabbii haa Sodaannuu, Jechaa fi gocha jaalallee Keenyaa, Sayyida aalamaa, Dubbataa Ergaa Rabbii kan Ta'e Nabii keenya( Sallallaahu aleyhi Wasallam) itti haa hojjannuu.

Barakallahu fiikum!
@JemalSheikhBakri1
Ani Gabricha Rabbiiti, Ergamaa Rabbiiti. Garuu Namoonni tokko tokko Ati Rabbi jedhanii na gabbaran, Anis Isaaniin hin jenne, fedhuma isaanii Rabbi naan jedhan.

Ani Eenyu?
@JemalSheikhBakri1
Hoggaan Hirriibaa ka'u 🤩
@Na4Je2
2024/09/28 17:19:04
Back to Top
HTML Embed Code: