Telegram Web Link
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Ammallee Abdiin jira.
Garuu Abdiin Waan dabre keessa hin jiru. Kan dabre irraanfachullee baattu irraa baradhu, anaa fi Isinillee Fuul dura bareedaatu nu eegaa jira. Bi'iznillah!
@JemalSheikhBakri1
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Masjiida Magaala Seena qabeetti Harar keesa Araattanyaa 4ኛ 🌹

@JemalSheikhBakri1
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
G a l a t e e f f a d h u

"Namni tokko hanga fedhe milkaawaa ta'ullee ilma namaa waan ta'eef Jechoonni Galataa isa Gammachiisa"

Kitaaba "Jireenya Keetitti Gammadi" jedhu keessaa kan fuudhameedha.

@JemalSheikhBakri1
Akka Urjiin Samii miidheysitutti
Masjiinni dachii miidheysa 🥰

Biyti masjiinni keessa hin jirre ona. Biyti azaanni keessaa hin dhagayamne goda dhakhaa qofaati osoo warri qaroome hedduun keessa jiraatellee.

Suurri: Masjiida 4ተኛ
Maa Shaa Allah🤍💯
Miciyoon Ishrat parveen jedhamtu takka Gurbaa Soni Tiwari jedhamu akka malee jaalattee, Isaaf jettee Amantii Islaamummaa fi Maatii ishiitillee lakkiftee mucaa bira galte.

Mucaan yeroo muraasa booda gara jabinaan Ishii ajjeese. Midiyaan jaraa ka duraan oduun akkanaa osoo nama muslimaatiin raawwatamtee dachii gara galchan har'a cal jechuu filatan.

Osoo gurbaan ajjeese muslima tehee Miidiyaan hojii argate. Amma namni ajjeese sababa muslima tahuu dhabee afaan qabatanii cal'isan.

Ta jaraa baasumaa bar ambayyoo🧐
Innaa Lillaahi Wa Innaa Ileyhi Raaji'uun!

Professor Imaam Sheikh Yusuf al Qardaawiin guyyaa har'aa gara fuula Rabbii deeme. Aalima Umrii isaa guutu Tokkummaa Muslimootaaf ta'abaa ture. Islaamummaan roga hunda keessatti akka mul'attuuf nama carraaqaa ture. Rabbiin Rahmata haa Godhuuf
Addunyaan Islaamaa har'a nama jabaa dhabde.
Sheekha barreessaa kitaabaa, barreessaa walaloo, Geggeessaa Itti gaafatamaa Gamtaa Ulamaa'ii Idil addunyaa, Daa'ii fkkf irratti qooda leencaa qabaachuu turee Sheekh Yuusuf al Qardaawii.

Aalima beekkamaa Tokkummaa Islaamaatii fi warraaqsa Sammuutiin Muslimoota Ilaalcha akka qaama mootummaa keessaa fagaachuu qabna jedhanii yaadan Irratti dhiibbaa guddoo uumuun akka muslimoonni geggeessaa jabaa tahuu danda'an gorsaa ture. Walumaa galattuu Muslimoonni addunyaa nama jabaa tokko dhabne. Rabbiin haa rahmatuuf.

Suurri: Imaam Yuusuf Al Qardaawii fi Raiz Erdogan
@JemalSheikhBakri1
Shahiid Mahammad Mursiitii fi Sheikh Yuusuf al Qardaawii!
Eenyummaan jara kana lamaaniituu himamtee hin dhumtu. Rabbiin Isaan lameenuu Ija Rahmataatiin haa laalu🤲
@JemalSheikhBakri1
رأيتُ خنجرها المسموم في يدهِا
وكنت أحسن ظني أي إحسانِ

وحينما قمتُ مشتاقا لأحضنَهُا
شعرت بالطعنة النجلاء تغشاني

كذّبتُ عينيّ لما سل خنجرها
وقلت أهلا بمن بالورد حيّاني

حتى إذا ما جرى فوق الأديم دمي
سقطت منكسرا ما بين أحزاني

والله لم أبك من نزفي ولا ألمي
لا شيء لا شيء غير النُّبل أبكاني

لشاعرها
Hirriiba kee injifattee kaatee osoo fajrii hin salaanne akkamitti Jireenya kee injifatta? #FajriiFurtuuMilkii
Karoora kaayyattee har'umaan bakkaan gayuu hin dandeessu jechuun goonkuma bakkaan gayuuu hin dandeessu jechuu miti.

Wantoonni marti yeroo sirraa fudhatan qaba. Karoorri keetis gaafa guyyaan gehe bakka numa gaha.
Akka namatti biyya tana keessatti namni badii malee miidhamuun kun akka dhaabbatu hawwuu malee waan goonu wallaalle. Ajjeechaa fi miidhaan obboloota keenya Wallaggaa irratti geggeeffamaa jiru akkuma isaanitti anis na laalessa. Rabbiin biyya tanatti nagaya nuuf haa buusu.
Lubbuu badii malee baatu Rabbiin gehe nuun haa jedhu. Wallaggaafis nagaya haa buusu
Yeroo garii cal'isuun dubbachuu caalaa nama fayyada.
Hanga Urjiin samii keessaa iftutti, hamma aduun samii keessaa baatutti ammallee abdiin ni jira jechuudha
Ilmi namaa akka uumama biraatti khophaa jiraachuu hin danda'u. Rabbiinilleen nama khophaa bahee jiraaturra nama Rakkoo ilmi namaa isarraan gahu danda'ee isaanii wajjin jiraatu jaalata.
Yoo xiqqaatte nama Rabbitti amanu, Nabi Muhammad Ergamaa Isaa tahuu ragaa bahu, akka nama kaفretti jibbuu fi xureessuu, maqaa balleessuu fi arrabsuun akkamitti namatti tola. ?

Garaagarummaan keenya akka wal arrabsinuufi miti. Akka haala gaariin wal Barsiifannuufi malee. Garaagarummaa keenya Waliif kabajuu qabna. Obboleyyan keenya kan Mowluuda kabajan osoo isaan nu arrabsanillee nuti arrabsuu hin qabnu.
Yoo mana dahabaa keeysa galtes yoo mana citaa keeysa galtes ni duuta. Yoo hayyuu siyaasaa taates, yoo qotee bulaa hin baratin taates ni duuta. Eega ati duute siidaa yoo siif dhaabames yoo eega ati duute adunyaan guutuun si dagates ni duuta. Yoo miidhaa jiraattes yoo miidhamaa taates ni duuta. Yoo Oromoo taates yoo amaara taates guyyaa tokko ni duuta.

Garuu yoo Rabbii kee sodaatte, yoo isa qofa gabbarte, adunyaan guutuun si wallaaltus, miskiinummaa hamtuu keeysa jiraattus, du’aa fii jireenya kee keeysatti dagatamaa fii tuffatamaa taatus Rabbi biratti ati kabajamaa fii qeebalamaadha.

Rabbii kiyyaa wajjiin ani akkamiin si haa yaachiftu. Booddee gaariin ta warra Rabbi sodaatuuti. Jannanni bareedaan qubsuma warra Rabbi sodaatuuti.

Ustaaz Jaafer beyaantu barreesse
Ilaalcha...

"Dhimmi guddaan ilaalcha tokko qabaachuu osoo hin taane, Wal dhabuu dhabuudha"

Tiyya malee hin ta'in, yaanni kiyya malee hin fudhatamin. Ilaalchi nama biraa khufaadha, Kiyyummaan haa dhagayamu namni jedhu gowwaa fi wallaalaan hanbaa hin qabne isa.

Ilaalcha walii waliif haa kabajnuu. Dogongora jiru hikmaan haa waliif ibsinuu.

Barreeffamni mallattoo waraabbii keessa jiru Kitaaba Jireenya Keetitti Gammadi jedhu keessaa fudhatame.
Mi'aa Salaata Subhii osoo hin dhandhamin, mi'aa iimaanaa dhandhamuun ni ulfaatti.
"Kara deemtu yoo hin beeyne, karaan kamuu bakka ati itti deemtu si geessa."
2024/09/25 15:24:40
Back to Top
HTML Embed Code: