Telegram Web Link
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Sababa Ati yeroo takka Nabii keetirratti Salawaata buufteef, Rabbiin kee yeroo kudhan sirratti buusa.

Allahumma Salli Wasallim aleyhi
الهم الصل وسلم عليه

Namni qorqodaan nama Hoggaa Maqaa Nabiyyii Dhaga'e Salawaata osoo hin buusne dhiisu🙊

الهم الصل وسلم عليه
@JemalSheikhBakri1
'Rabbiin dhukkuba buusee dawaa jala buuse' jechi kun akka waan Rakkoon jabduun feete yoo si qabatte Rabbirra furmaata barbaannaan ni argatta jechuuti.
Wanni ijarraa fagaatte qalbiirraahis ni fagaatti jedhama
Ordin Badri Peresdaantii Naannoo Hararii gaafii deebii har'a godhan irratti waan baay'ee nama barsiisu dubbate. Natti tole. Sagantaa Etv irratti caqasaa turre

Akka afaan isaa haa godhuuf🥰
Amaanaa

Amaanaa namaa jabeessuun iimaana qabaachuurraahi, amaanaa namaa nyaachuun Munaafiqummaarraahi.

Hadaraa amaanaa namaa haa jabeessinuu
Don't stay 🚫
Mucaan tun kutattuudha. Waan namoobni hedduun hin danda'amu jedhanii yaadan ishiin akka danda'amu hojiin agarsiiste.

Kunoo Murannoo fi Kutannoo cimaa boodaan qoruumsa ishii kutaa 12 kan biyyooleessaa bara 2015 irratti harka dhabduus Miila ishiitiin qoramaa jirti.

Rabbiin ishii haa gargaaru. Mucaan murattuudha, kutattuudha. Jecha namaa kan hamilee ishii buusuuf yaalaa turan hunda dubbiin harka dhabuudhaa dadhabina akka hin taane isaanitti agarsiiste.

Barnoota qofaa miti nyaata bilcheessuu, maatii gargaaruu, waan shamarran biraa hojjatan hunda harka dhabdullee miiluma ishiitiin hojjatti.

"Wanni ulfaattuun miilaan godhuudhaaf ulfaattu biddeena qicuudha" jette. "Alhamdulillaah biddeenallee qicuu nin danda'a" jette haasawa ishii tokkorratti.
Allaahu Akbar, Maa Shaa Allah, Tabaarakarrahmaan☝️
#Share_Waliif_Godhaa nama fayyaduu hin oolu.
@JemalSheikhBakri1
@DrZakirNaikAfaanOromoo
Rabbiin yaadaa fi muraada nuuf haa guutu
obboleeyyan kiyya du'aa' naaf godhaa. du'aa'ii teessanittin akkaan haajama. hadaraa du'aa'ii teessaniin na yaadadhaa
Addunyaan gaafa namoota gurguddaa akka isaanii dhabdu Waan ontu fakkaatti. Isaan dukkana hawaasni keessa jiruuf waardiyyaa dhaabbachaa turan.

Har'a kunoo erga mana kophaa isaanii buluu jalqabanii ji'atti qixxaawaa jiru.

Rabbiin ollaa Nabiyyii (saw) isin haa godhu. Ulamaa'ota sahaabaa fi salafaa wajjiin isin haa kaasu.
Sheekh Adem Tuulaa Hangafa Ulamaa'ii biyya teenyaa😭
Dr Alii Mahammad Birraa fuulli Rabbii itti haa tolu 😭 Rabbi haa araaramuuf! Hangafticha keenya. Qoonni ati saba kanaaf keesse dhalootaan yaadatama
Namni karaa dheeraa imaluuf yaada qabu, Wantoota ba'aa isatti ta'u ifitti hin heddummeessu. Jara keenya itti fayyadama social midiyaa kana yoo karaa dheeraa deemuu niyyattan ifitti hin heddummeessinaa.

Kuufamni energy keessanii bakka deemtan osoo hin geenye karatti akka ciqilfattan isin godha.

💪💪don't waste Ur energy for useless thing
" Gaafa inni dhibeef hospitaala seene gaafachuuf dhaqee ture. Yeroo ani ol seene akkas jedhe ;" Yaa Sheikh! Akka RABBIIN guyyaa qiyaamaa waliin nu kaasu suuraa - Yaadannoo- takka isin wajjiin ka'uun fedha " jedheeti siree irraa gadi bu'e,ummatnis " Taa'i achumatti kaataa jennaan, didee siree irraa gangalatee gadi bu'ee na wajjiin ka'e "...

Perezidaantii Majlisa Federaalaa Itiyoophiyaa
Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaa

Dr Alii Birraa Nama Diin jaalatu,ulamoota kabajuufi qalbii nagayaa qabu ture.

RABBIIN badii isaa dhiiseefii Jannataan isa haa faayu.

copied from Unknown source
الصبر عبادة عظيمة جدًا، أن تصبر على ابتلاء لا تعرف سببه ولا حلّه، أن تصبر على دعوة لا تعرف متى ستتحقق، تصبر على مرض، على شخص، على رزق .. فكرة الصبر نفسها اختبار صعب جدًا للنفس، لذلك قال الله عز وجل "وبشِّر الصابرين".. فاللهم بحجم صبرنا على همومنا ارزقنا بفرحة تسعد قلوبنا... copied
Aalima faqiiha, wari'a, aabida kan ta'e Akaakaa kiyya Sheekh Mahammad Faa'iz irraa waa xiqqasho haa dubbadhuu!

Abbaa Ummaa tiyyaati, anaaf akaakaadha. Hawaasa muslimaatiif aalima, mataa isaatiif taqiyyii, aabida.

Nama tasgabbaawaa hedduu hin dubbanne. Dubbatu waan inni dubbate boodaan dubbiin hin hafne, Muru murtee isaa boodaan murteen hin hafne.

Yeroo deemu tarkaanfiidhaan suuta dhibaawaa osoo hin taane jarjaree hafarfataan osoo hin taane jiddu galeessa of eeggannoodhaan deema.

Yeroo manaa bahu shamsiyyaa (xilaa) fudhatee if gubbaa qabaa deema. Ka itti dhufu mara salaamtaan dursaa, nagaya facaasaa deema. Ija isaatiin ajnabiyyaa ilaaluu irraa kan haalaan if eeggatu yoo ta'u. Nama sodaan Rabbii fuula isarraa mul'attuudha.

Hoggaa gabroottan Rabbii kan biraadhaa hirriiba oowwifatanii gangalatan inni siree isaa irraa ka'ee wadda'atee Salaata leeylii salaata.

Hanga 11 hoggaa salaate boodaan Rabbii isaa faarfata, zakkara, salawaata buusuu heddummeessa.

Gabrichi Rabbii kun yeroo subhiin geesse warraa ilmaan isaa kaasee Salaata subhiitiif akka qophaawan hirriibarraa isaan dammassa.

Yeroo subhiin salaatame boodaan ilmaan isaa hundi Qur'aana guurratanii gara isaa dhufan. Qara'anii Qara'anii hanga cireen godhamutti qara'anii ciree nyaachuu jalqabu.

Yeroo ciree raawwatan ilmaan isaa hundi kun gara horii kuun gara ooyruu, namuu gara hojii bobba'a.

Akaakaan kiyya kun bara dheeraa dura du'aan addunyarraa deeman. Garuu Ummaan tiyya waa'ee isaanii naaf himaa na guddiste. Akka isaanii akkan ta'u naaf hawwaa du'aa'ii naaf godhaa turte.

Akaakaan kiyya Aqiidaa Suufiyyaa hordofa. Inni aalima mujtahida mucucaa fi dogoggora isaa tan ilmii keessaa Rabbiin akka irra dabruufin hogguu du'aa'ii godhaaf.

Seenaa bareedduu takka kan Ummaan tiyya naaf himte Waa'ee Sheekh Muhammad Faa'iz guyyaa biraatin isiniif barreessa. Waan dubbiftaniif galatoomaa. Anis nama akka isaanii olii ta'uu Rabbiin fadheef akkan ta'u du'aa'ii naaf godhaa.

Obboleessa keessan Jemal Sheikh Bakri
@JemalSheikhBakri1
Irkoo

Yoo dhugumaan waa hundarratti irkoo Rabbi godhatte Rabbiin lafa sin khaayu. Yaa Rabbi hirkoon keenya suma qofa ☝️
Guyya jum'aa keessa gabricha salawaata buusuu heddummaatu ta'i!
Allahumma salli wa sallim wa baarik alaa nabiyyinaa Muhammad 🥰

Rabbi salli aleyhi
Yaa Ummata yeroo takka Salawaata buusuuf Rabbiin yeroo kudhan isinirratti buusu Nabii keessan irratti salawaata buusa.

Sallallaahu aleyhi wasallam 🤍
Baga keenya taatan
Dhaloota dhaloota qaru ta'uuf yaaliin isin gootan hedduu akka isiniin boonnu akka nuuf beeytan isin beeysisna.

Ani akka carraa ta'ee iddoo sanitti argamee yaadannoo keessanii fi hamilee keessan isinii wajjiin qooddachuu dhabuu kiyyaaf baay'ee natti dhaga'ame.

Qaroowwan teenya, hayyoota keenya hedduu isin galatoomfanna. Qophiin akkanaa qaama kamiinuu yoo request isin godhame wiliifis akka irratti hirmaattan isin yaadachiisna.

Keessattuu Dr Ibsaa Ahmed Hassan hedduu si jaalanna, si galatoonfanna. Nuuf jiraadhu.

Hayyoonni keenya akkasitti yaadanii qophiin akkasii qophaawuun waan dhaloota onnachiisaati.

Haa ta'uu malee wanti sirreeffamuu qabu warreen qophicha haala mijjeessan bifa qophii akkasii kanaan gituun akka qophaawuun namoota dhimmi akkasii ilaalchisu hunda wajjiin ta'uudhaan qophochi kan biyya guutuu onnachiisu akka ta'u godhuu dhabuun akka dadhabina warra qophii haala mijjeessee ta'uu osoon hin kaafne darbuu hin barbaadu. Akka sirreeffamuus abdiin qaba.

Kanas ta'ee san wanni har'aa kun nu hunda gammachiisee jira. Ulfaadhaa, galatoomaa Rabbiin jazaa keessan isiniif haa khafalu.
2024/09/25 13:24:04
Back to Top
HTML Embed Code: