Telegram Web Link
Yesuusin Beektaa?
🎙️Jamaal Kadiir

@Jemal89
Yesuusin Beektaa?

@Jemal89
Qabxii 1ffaa
Qabxii 2ffaa
Qabxii 3ffaa
Qabxii 4ffaa
Yesuus Nama ta'uu Ragaalee mirkaneessan keessaa muraasa


“Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.”
  Yohaannis  8:40

“"Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe.”
( Hojii Ergamtootaa. 2:22)
“Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.”
(1Xim. 2:5)
“አንድ እግዚአብሔር አለና፥ በእግዚአብሔርና በሰውም መካከል ያለው መካከለኛው ደግሞ አንድ አለ፥ እርሱም ሰው የሆነ ክርስቶስ ኢየሱስ ነው፤”
( 1ኛ ጢሞቴዎስ 2፥5)
“For there is one God, and one mediator between God and men, the man Christ Jesus;”
(1 Timothy 2:5 (KJV))

Yesuus mataan isaa ani nama ofiin jedheera.barattoonnis isaan Yesuus nama ta'uu mirkanerssanii jiru. Baaybilii guutuu keessatti iddoma tokkottis Yesuus
"Ani waaqa ykn na waaqeffadha( na gabbaraa) jedhee hin beeku.
Baaybilii guutuu keessatti iddoma tokkottis Yesuus " namallee waaqallee( Amala lama qaba) jedhamee hin beeku.
Baaybilii guutuu keessatti iddoma tokkottis Yesuus Ani tokkoo waaqa sadaniiti( ani miseensa sillaaseti) ofiin jedhee hin beeku.
https://www.tg-me.com/Jemal89
ISLAAMUMMAAN AMANTAA NABIYYOOTA HUNDAATI

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata godhaa ta'eetin

Islaamummaan Amantaa Rabbiiti, isa malee Amataan Rabbii hin jiru. Rabbiin Amantaa kanaaf tumsuuf, haala isaaf mijeessuuf Amantaalee biroo hunda irra caalchisuuf waadaa seenefi jira.

Garuu Amantaan Islaamaa kuni kan akkamiiti. Amantaan biraa kan Rabbiin waliin hariiroo qabu kan Amantaa Islaamaatiin dorgomtu ni jiraa? deebiin isaa akkana

Rabbiin Amantaa wal faallessu hin buufne amantaan Rabbiin Nabiyyoota isaa irratti buuse tokko qofa Innis Islaamummaadha Rabbiin ol Aane akkana jedha

Aal-e-Imran 3:19

إِنَّ ٱلدِّينَ عِندَ ٱللَّهِ ٱلْإِسْلَٰمُۗ

Aali-Imraan 3:29

Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti [fudhatama qabu] Islaama qofa

Nabiyyootafi Ergamtoonni hundi Amantama tokkicha kana qabatanii dhufan

Barnoota keenna itti Aanu keessatti Fedha Rabbiitiin Ragaalee Qur'aanaatiin Nabiyyoota Rabbiin muslima ta'uu Isaanii nutti hime kan waliin ilaallu ta'a

Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir

@Jemal89
Irreecha Aadaadha moo waaqeffannaadha?
-------------------------------------------------
Irreechi aadaadha moo waaqeffannaadha jettee yoo gaafattu waaqeffattootaaf waaqeffannaadha ;oromoota Amantaa biraa hordofaniif ammoo aadaadha warra jedhantu jira!.

Wanti tokko akkamitti si'uma tokkotti waan wal faallessu lama ta'uu danda'a?

Mee irreecha jechuun maal jechuu akka ta'e gabaasinee waliin haa ilaalluu:-

•Hiika irreechaa
Irreecha/ irreessa jechuun akka hiika afaanitti marga jiidhaa jechuu yoo ta'u namni irreeffatu tokko Uumaa isaatiif galata galchuuf jecha marga jiidha kana harkatti qabatee mareehoo, mareehoo,... jechaa hora dhaqee bishaan keessa cuuphee ofitti facaasuun ittiin irreeffata.

•Irreechi maalif irreeffatama?
Irreechi kan irreeffatamuuf uumaa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti isaan ceesise galateeffachuudhafi:-

Waaqeffannaa/Ibaadaa jechuun hoo maal jechuudha?

Waaqeffannaa/Ibaadaa jechuuf jaalala Rabbii/Waaqaa barbaaduuf jecha dhimma tokko Raawwatuu/dallansuu Rabbii jalaa bahuuf waan tokko irraa fagaachuudha.

•Hiika aadaa
Jechi aadaa jedhu hundeen isaa jecha afaan arabaa yoo ta'uu waan namoonni irra deddeebiin raawwachuun amaleeffatan/bartee taasifatan jechuudha.fkn namani tokko osoo yeroo hunda ganama ganama buna kan dhugu ta'ee ebalu aadaa isaatitti yeroo hunda ganama ganama buna dhuguun aadaa isaati jedhamuuni ni danda'a.

• Kaayyoo Aadaan Raawwatamtuuf:-
Bu'aa gamtaa ykn dhuunfaa irra argachuuf jecha namoonni wantoota adda addaa irra deddeebiin hojjachuu aadeffatu, haa ta'u malee aadaa niyyaadhan ykn yaad-qalbiin gara ibaadatti/Waaqeffannaatti ol guddisuun ni danda'ama.
Fakkeenyaaf:- gosa nyaataa aadaa oromoo keessaa tokko haa fudhannuu.

• Shakaka/ buraatoo

Nyaanni kun akkuma beekamu bachoo garbuutifi dhadhaa loonii irraa hojjatama. Ummata oromoo arsii biratti nyaata kabajaatifi beekamaa yoo ta'u yeroo dheeraa irra deddeebiin hojjatamee keessummaa dhiheeffamaa turuu isaa irraa kan ka'e gosa nyaata idilee irraa gara nyaata aadaatti guddatee jira. Nyaata kana niyaadhan/ Yaad-qalbin gara Ibaadaatti/waaqeffannaatti ol guddisuun ni danda'ama. fakkeenyaaf nyaata kana namoonni tokko tokko hojjatanii Jinnii-golfaa jedhamtuuf (Ayyaanaaf) mana keessaa kaa'u; yoo waan kana hin goone rakkotu nurra ga'a jedhanii sodaatu bifa kanaan nyaanni duraan aadaa ta'e gara waaqeffannaatti ol guddatee haraama ta'a jechuudha. kun bu'uurri isaa aadaatu gara waaffannaatti ol guddate waan ta'eef gara aadatti gadi deebisuun ni danda'ama.

Irreechi ayyaana galataati galanni ammoo waaqeffannaadha(ibaadaadha )malee aadaa miti .akka amantaa Islaamummaatti Karaa Qur'aanafi hadiisni barsiisaneen alatti Rabbiin gabbaruun( waaqeffachuun) dhoorkaadha. Sababni isaas ibaadan(waaqeffannaan) ajaja Rabbiitifi ergamaa Rabbii qofaan Raawwatamti.

Walumaa galatti irreechi bu'uurrummaan isaatuu waaqa galateeffachuu waan ta'eef gara aadaatti gadi buusuun hin danda'amu. akkaataa Rabbiin itti na galteeffadhaa jedhee barsiiseen alatti Rabbiin galateeffachuun ammoo seera Islaamummaa cabsuudha.
Gooftaa jechuun maal jechuudha?

Yeroo hedduu kiristiyaanonni irra deddeebiin Yesuus "Gootaa dha" jecha jedhu yeroo fayyadaman argina darbee darbee yoo ta'e malee Yesuus "waaqa" ykn uumaa dha yeroon jedhan hin mul'atu innuu falmii keessati. Garuu gooftaa jechuun maal jechuudha?


•Hiika Gooftaa
Akkaataa baaybiliitti jechi gooftaa jedhu hogganaa,dursaa,ykn gaggeessaa maqaalee jedhan bakka bu'ee dhufa. Gooftaa jechuun maqaa kabajaa namoota aangoo qaban ittiin waamani. uumama( nama) gooftaa jedhanii waaamuun aadaa Israa'elootaati. sababa kanaaf baaybilii keessatti namoonni hedduun gooftaa jedhamanii waamamani jiru

• Fakkeenya muraasa namoota Gooftaa jedhamanii waamamanii:-
Abrahaam, Musee, Saa'olfi kkf

Abrahaam

“Saaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta'e, ijoollee ishee ta'uu keessan.”
( 1Pheexiroos. 3:6)

Musee

“Kana irratti Iyaasuun ilmi Nun inni ijoollummaa isaatii jalqabee gargaartuu Musee ture, "Yaa Musee gooftaa ko! Jara kana dhowwi!" jedheen.”
(Seera Lakkoofsaa 11:28)

• Saa'ol

“Ergasii Daawit ka'ee isa booddeedhaan holqicha keessaa ba'ee Saa'olin waamee, "Yaa mootii, yaa gooftaa ko!" jedhe; yommuu Saa'ol of booddee ilaalutti immoo, Daawit hamma lafa ga'utti gugguufee isaaf in qoomma'e.”
(1Samu'eel. 24:8)

Egaa isaan kunniin fakkeenya namoota muraasa baaybilii keessatti Gooftaa jedhamanii waamamaniiti. jarri kunniin Gooftaa jedhamanii waamamuun erga waaqa isaan hin taasifne Yesuusis Gooftaa jedhamee waamamuun isaa waaqa isa hin taasisu

@Jemal89
አምሳ ሺ ሰባ ( 50,070) ሰዎች ተገደሉ😭!!

“ነገር ግን እግዚአብሔር ከቤትሳሚስ ሰዎች ጥቂቱን መታ፤ ወደ እግዚአብሔር ታቦት ውስጥ ተመልክተዋልና ከመካከላቸው ሰባ(¹) ሰዎችን ገደለ፤ እግዚአብሔር እጅግ ስለ መታቸውም ሕዝቡ አለቀሰ።”1ኛ ሳሙኤል 6፥19 (አዲሱ መ.ት)

“And he smote the men of Bethshemesh, because they had looked into the ark of the LORD, even he smote of the people fifty thousand and threescore and ten men: and the people lamented, because the LORD had smitten many of the people with a great slaughter.”
1 Samuel 6:19 (KJV)

አምሳ ሺ ሰባ ( 50,070) ሰዎች ወደ እግዚአብሔር ታቦት ውስጥ ተመልክተዋልና በማለት መግደል ምን አይነት ጭካኔ ነው?! የሚገርመው ደግሞ አምሳ ሺ ሰባ ሰው እንዴት አድርገው በአንዴ ታቦት ውስጥ መመልከት ይችላል😳? የክርስትያን ተርጓሚዎች የሞቱትን ሰዎች ቁጥር ዝቅ ለማድረግ ብዙ ማጭበርበሪያ ብሱሩም እውነታውን መደበቅ አልቻሉም። ሰፕትአጀንትም ጨምሮ አብዛኞቹ የመፅሐፍ" ቅዱስ" ቅጂዎች አምሳ ሺ ሰባ ( 50,070) ሰዎች እንደ ተገደሉ ፅፎ ሳለ ጥቂት የዕብራይስጥ ቂጂዎችን መምረጥ ማጭበርበር ካልሆነ ምን ይባላል? ሁሉም የዕብራይስጥ ቂጂዎች ከሰፕትአጀንት ቡሃላ እንደመጡ እየታወቀ እውነታውን ለመደበቅ ያን ያክል ርቀት መጓዝ ያሳዝናል ፣ለመሆኑ ወደ እግዚአብሔር ታቦት ውስጥ ተመልክተዋልና በማለት አምሳ ሺ ሰባ ( 50,070) ሰዎች የገደለ አምላክ እንዴት በአድስ ክዳን አዛኝ ሆኖ፣ በጥፊ ስመቱት፣ ስተፉበት፣ ስሰቅሎት ዝም አለ? በብሉይ ክዳን ብዙ የሰው ዘር ያስፈጀ፣ ህፃናትን ያስገደለ፣ እርጉዝ ሴቶችን ሆዳቸው እንዲቀደድ ያዘዘ፣ ጦረኛ እግዚአብሔር እንዴት አዛኝ ሆኖ ለሰው ኃጢአት ራሱን መስዋእት አደረገ??🙊 ለሰው ልጅ ኃጢአት ነው ወይስ በብሉይ ክዳን ለፈፅመው ጭካኔ ተፀፅቶ ራሱን አሳልፎ ለግድያ ሰጥ? ከሆነ እንደዛ መሆን አለበት እንጂ ያ ጨካኙ የብሉይ ክዳን እግዚአብሄር ለሰው ልጅ ይሞታል ብባል ሞኝ ካልሆነ በቀር ማን ያምናል?።

Jemal kedir


---------------------------------------------
¹) ጥቂት የዕብራይስጥ ቅጆች ከዚህ ጋር ይስማማሉ፣አብዛኞቹ የዕብራይስጥ ቅጆችና የሰብዓ ሊቃናት ትርጉም ግን አምሳ ሺ ሰባይላል።(አዲሱ መ.ት የግርጌ ማስታወሻ)

@Jemal89
Islaamummaa Amantaa Nabiyyoota hundaati

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata godhaa ta'eetin

Islaamummaan Amantaa Nuuh (As) ittiin dhufe

Yunus 10:71

وَٱتْلُ عَلَيْهِمْ نَبَأَ نُوحٍ إِذْ قَالَ لِقَوْمِهِۦ يَٰقَوْمِ إِن كَانَ كَبُرَ عَلَيْكُم مَّقَامِى وَتَذْكِيرِى بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ فَعَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلْتُ فَأَجْمِعُوٓا۟ أَمْرَكُمْ وَشُرَكَآءَكُمْ ثُمَّ لَا يَكُنْ أَمْرُكُمْ عَلَيْكُمْ غُمَّةً ثُمَّ ٱقْضُوٓا۟ إِلَىَّ وَلَا تُنظِرُونِ

Oduu Nuuh isaan irratti dubbisi Yeroo inni ummata isaatiin “yaa ummata kiyya! Yoo (isin waliin) turuun kiyyaafi keeyyattoota Rabbiitiin (isin) yaadachiisuun kiyya isinitti guddate, ani Rabbi irratti hirkadhee, tooftaa keessaniifi isaan Rabbii waliin gabbartani walitti qabadhaa; ergasii dharti keessan isin irraa dhokataa hin ta’in; ergasii yeroo naaf hin kenninaatii narratti raawwadhaa”jedhe.

Yuunus 10:72

فَإِن تَوَلَّيْتُمْ فَمَا سَأَلْتُكُم مِّنْ أَجْرٍۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَأُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ

Yoo gara galtan, mindaa homaatuu isin hin gaafadhu Mindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taane Ani Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”

Islaamummaan Amantaa Ibraahiim (As) ittiin dhufe

Al-Baqaraa 2:127

وَإِذْ يَرْفَعُ إِبْرَٰهِۦمُ ٱلْقَوَاعِدَ مِنَ ٱلْبَيْتِ وَإِسْمَٰعِيلُ رَبَّنَا تَقَبَّلْ مِنَّآۖ إِنَّكَ أَنتَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ

Yeroo Ibraahiimiifi Ismaa’iil "Yaa Rabbi Ati dhagahaa beekaa dhaa! nurraa qeebali" jedhaa; bu’uura manaa (Ka’abaa) ol fuudhan (ummataaf himi).

Al-Baqaraa 2:128

رَبَّنَا وَٱجْعَلْنَا مُسْلِمَيْنِ لَكَ وَمِن ذُرِّيَّتِنَآ أُمَّةً مُّسْلِمَةً لَّكَ وَأَرِنَا مَنَاسِكَنَا وَتُبْ عَلَيْنَآۖ إِنَّكَ أَنتَ ٱلتَّوَّابُ ٱلرَّحِيمُ

"Gooftaa keenya! Nu lamaanuu Siif ajajamtoota nu taasisi; sanyii keenya irraas ummata Siif ajajamtoota (taasisi)‘Manaasika’ keenyas (sirnoota hajjiifi umraah irratti raawwachuu qabnus) nutti agarsiisiTawbaa keenyas nurraa qeebali Dhugumatti, Ati Situ akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.

Al-Baqaraa 2:129

رَبَّنَا وَٱبْعَثْ فِيهِمْ رَسُولًا مِّنْهُمْ يَتْلُوا۟ عَلَيْهِمْ ءَايَٰتِكَ وَيُعَلِّمُهُمُ ٱلْكِتَٰبَ وَٱلْحِكْمَةَ وَيُزَكِّيهِمْۚ إِنَّكَ أَنتَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e kan keeyyattoota kee isaan irratti qara’u, kan kitaabaafi ogummaa isaan barsiisee isaanis qulqulleessu isaan keessatti ergi Dhugumatti, Ati Situ akkaan injifataa, ogeessa."


Al-Baqaraa 2:130

وَمَن يَرْغَبُ عَن مِّلَّةِ إِبْرَٰهِۦمَ إِلَّا مَن سَفِهَ نَفْسَهُۥۚ وَلَقَدِ ٱصْطَفَيْنَٰهُ فِى ٱلدُّنْيَاۖ وَإِنَّهُۥ فِى ٱلْءَاخِرَةِ لَمِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ

Sila nama lubbuu isaa gowwoomse malee namni amantii Ibraahiim irraa gara galu ni jiraa? addunyaa keessattis isa filannee jirra; dhugumatti, inni Aakhiraa keessattis warra gaggaarii irraayyi.

Al-Baqaraa 2:131

إِذْ قَالَ لَهُۥ رَبُّهُۥٓ أَسْلِمْۖ قَالَ أَسْلَمْتُ لِرَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Yeroo Gooftaan isaa "(Rabbiin jala) butami" isaan jennaan, [Inni] "Gooftaa aalamaa jala butameera" jedhe [yaadadhu].


Al-Baqaraa 2:132

وَوَصَّىٰ بِهَآ إِبْرَٰهِۦمُ بَنِيهِ وَيَعْقُوبُ يَٰبَنِىَّ إِنَّ ٱللَّهَ ٱصْطَفَىٰ لَكُمُ ٱلدِّينَ فَلَا تَمُوتُنَّ إِلَّا وَأَنتُم مُّسْلِمُونَ

Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe).

Islaamummaan Amantaa Yaa'aquubi (As)


Al-Baqaraa 2:133

أَمْ كُنتُمْ شُهَدَآءَ إِذْ حَضَرَ يَعْقُوبَ ٱلْمَوْتُ إِذْ قَالَ لِبَنِيهِ مَا تَعْبُدُونَ مِنۢ بَعْدِى قَالُوا۟ نَعْبُدُ إِلَٰهَكَ وَإِلَٰهَ ءَابَآئِكَ إِبْرَٰهِۦمَ وَإِسْمَٰعِيلَ وَإِسْحَٰقَ إِلَٰهًا وَٰحِدًا وَنَحْنُ لَهُۥ مُسْلِمُونَ

Sila yeroo Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin "ana booda maal gabbartu?" jedhu isin bira jirtumoo? Isaanis ni jedhan: "Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahiim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa tokkicha kan ta’e gabbarra Nuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota)."

Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir

Itti fufa......
@Jemal89
ኢየሱስ እግዚአብሔር ነው ወይስ የእግዚአብሔር በግ ነዉ?

«ኢየሱስም ሲሄድ ተመልክቶ፦ እነሆ የእግዚአብሔር በግ አለ።»ዮሐንስ 1፡36

“መጽሐፉንም በወሰደ ጊዜ አራቱ እንስሶችና ሀያ አራቱ ሽማግሌዎች በበጉ ፊት ወደቁ፥ እያንዳንዳቸውም በገናንና የቅዱሳን ጸሎት የሆነ ዕጣን የሞላበትን የወርቅ ዕቃ ያዙ።”(ራእይ 5፥8)

የእግዚአብሔር በግ የተባለው ኢየሱስ እንዴት ተመልሶ ራሱ እግዚአብሔር ልባል ይችላል?
ኢየሱስ ምድር ላይ በነበረበት ጊዜ ብቻ ሳይሆን ወደ ሰማይ ካረገ ቡኃላም በግ ተብሎ ተጠርቷል፣(ራእይ 5፥8) በግ ተብሎ የሚጠራውን ኢየሱስን የበግ ፈጣሪ ከሆነው አምላክ ጋር እኩል አድርጋችሁ የሚታመልኩት ሰዎች ምን ያክል እንደተሳሳታችሁ ብታቁ ኖሮ ተፀፅታችሁ ወደ እውነተኛ ሀይማኖት በተመለሳችሁ ነበር።


https://www.tg-me.com/Jemal89
Forwarded from BURHAAN BINUURIL QUR'AAN
Suksukni gulufatti geessa jedha oromoon yoo mammaaku jarri gaafuma nuti ilmaan waaqaati jedhan waaqa jalatti of dhiheessan amma Yesuus qofa osoo hin taane nutis waaqa jechuu eegalanii jiru.dhugaa dubbachuuf baaybilii kessatti Nabiyyoonni hunduu waaqayyoota/waaqayyolii jedhamanii jiru. waaqayyoota/waaqayyolii jechuun danuu jecha waaqa jedhuuti. nama jennee akkuma namoota jennu waaqa jennee waaqayyoota/ Waaqayyooli/ waaqolii..jenna
“Yesus immoo, "'Anoo isin waaqayyoota isiniin jedheera' kan jedhu seera keessan keessatti caafamee' jira mitii?”
( Yohannis. 10:34) akkuma Yesuus baanu macaafa faarfannaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera.
“Ani illee, "'Isin waaqayyolii dha, isin hundumti keessan ilmaan isa hundumaa gararraa jiruu ti' jedhee dubbadheera.”
(Fararfannaa 82:6)
Kanaafuu bara kana Nabiyyummaan kirisiyaanotaaf ganduma gandaan qoodamaa waan jiruuf macaafni isaanii ammoo Nabiyyootan waaqayyoota jedhee moggaasa waaqummaa waan isaan mudeef jarris ija mukee ta'anii qaanii tokko malee waaqummaa ofi moggaasuun hedduu nama hin Raaju.
Waaqni qormaataaf jedhee seexanatti nama geessu waaqa maali?

Akka Baaybiliin nuuf seenessutti Yesuusin waaqa kiristiyaanonni waaqeffatan keessaa isa sadaffaa hafuura Qulqulluu jedhamee waamamutu Yesusiin akka Seexanaan qoramuuf fuudhee lafa onaatti geesse waaqni qormaata seexanaa irraa nama tiksuu qaba moo fuudhee seexanatti nama geessuu qaba? mee waan macaafni odeessu waliin haa ilaalluu
Ergasii Yesus Seexanaan qoramuudhaaf, hafuura qulqulluudhaan gara lafa onaatti geeffame.”
( Maatewoos. 4:1)

¹² Hafuurri qulqulluun achumaan Yesusin gara lafa onaatti in baase.
¹³ Yesus lafa onaa keessa guyyaa afurtama bubbule, Seexanaanis qoramaa ture.
Achittis bineensota gidduu ture, ergamoonni Waaqayyoos isaaf in ergamu turan.(Marqoos 1:12-13)
Hafuulli qulqulluun maalif Yesuusin fuudhee seexanatti geessa?! waaqni keessan seexaana irraa nama tiksuu osoo qabu akka qoramuuf jedhee seexanatti nama geessaa? kanaafuu waaqni keessaniifi seexanni walii galtee qabu jechuudha kaa! waaqni Yesuusin fuudhee seexanatti geesse jechuun ammoo maal jechuudha?Yesuus ammoo yoo amala waaqummaa qabaate akkamitti seexanaan qoratamuu danda'a? Waaqa seexanaan qoratamu waaqeffachuu irraa Rabbi nu haa oolchu.
@Jemal89
https://www.tg-me.com/Hoffoltii135?videochat=139db6ca9405d680bc

Sagantaa marii live kan waa'ee sillaasee irratti mari'annu kana irraa qooda fudhadhaa
2025/02/23 15:53:55
Back to Top
HTML Embed Code: