Telegram Web Link
Islaamummaa Amantaa Nabiyyoota hundaati

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata godhaa ta'eetin

Islaamummaan Amantaa Luux (As) ittiin  dhufe


Az-Zaariyaat  51:31

قَالَ فَمَا خَطْبُكُمْ أَيُّهَا ٱلْمُرْسَلُونَ

(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?”

Az-Zaariyaat 51:32

قَالُوٓا۟ إِنَّآ أُرْسِلْنَآ إِلَىٰ قَوْمٍ مُّجْرِمِينَ

[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne.

Az-Zaariyaat 51:33

لِنُرْسِلَ عَلَيْهِمْ حِجَارَةً مِّن طِينٍ

Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”

Az-Zaariyaat 51:34

مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ لِلْمُسْرِفِينَ

Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan mallateeffamte haala taateen.

Az-Zaariyaat 51:35

فَأَخْرَجْنَا مَن كَانَ فِيهَا مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ

Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne.


Az-Zaariyaat 51:36

فَمَا وَجَدْنَا فِيهَا غَيْرَ بَيْتٍ مِّنَ ٱلْمُسْلِمِينَ

Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine.

Islaamummaan Amantaa Yuusuf ittiin dhufe

Yuusuf 12:101

رَبِّ قَدْ ءَاتَيْتَنِى مِنَ ٱلْمُلْكِ وَعَلَّمْتَنِى مِن تَأْوِيلِ ٱلْأَحَادِيثِۚ فَاطِرَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ أَنتَ وَلِىِّۦ فِى ٱلدُّنْيَا وَٱلْءَاخِرَةِۖ تَوَفَّنِى مُسْلِمًا وَأَلْحِقْنِى بِٱلصَّٰلِحِينَ

Gooftaa kiyya! dhugumatti mootummaa irraa naaf kennitee jirta Hiika manaamotaa irraas na barsiiftee jirta(Yaa) Uumaa samiifi dachii! Ati Duuniyaafi Aakhiraattis gargaaraa kiyya Muslima taasisii na ajjeesii Warra gaggaarittis na dhaqqabsiisi.”


Islaamummaan Amantaa Muusaan (As) itti dhufe

Yuunus 10:84

وَقَالَ مُوسَىٰ يَٰقَوْمِ إِن كُنتُمْ ءَامَنتُم بِٱللَّهِ فَعَلَيْهِ تَوَكَّلُوٓا۟ إِن كُنتُم مُّسْلِمِينَ


Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.”

Yuunus 10:90

وَجَٰوَزْنَا بِبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ٱلْبَحْرَ فَأَتْبَعَهُمْ فِرْعَوْنُ وَجُنُودُهُۥ بَغْيًا وَعَدْوًاۖ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَدْرَكَهُ ٱلْغَرَقُ قَالَ ءَامَنتُ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱلَّذِىٓ ءَامَنَتْ بِهِۦ بَنُوٓا۟ إِسْرَٰٓءِيلَ وَأَنَا۠ مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ

Ilmaan Israa’iil galaana ceesifneeti, Fir’awniifi waraanni isaas jibbaafi diinummaaf isaan hordofan; yeroo bishaaniin nyaatamuun isa dhaqqabu “dhugumatti, Isa Ilmaan Israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiruu amaneera Anis Muslimtoota irraayi” jedhe.

Islaamummaan Amantaa Saahiroota muusatti Amananiiti

Al-A'raaf 7:120

وَأُلْقِىَ ٱلسَّحَرَةُ سَٰجِدِينَ

Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan ta'anii kufan.

Al-A'raaf 7:121
قَالُوٓا۟ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ

Ni jedhan: "Gooftaa aalamaatti amanneerra.
Al-A'raaf 7:122

رَبِّ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti."

Al-A'raaf 7:123

قَالَ فِرْعَوْنُ ءَامَنتُم بِهِۦ قَبْلَ أَنْ ءَاذَنَ لَكُمْۖ إِنَّ هَٰذَا لَمَكْرٌ مَّكَرْتُمُوهُ فِى ٱلْمَدِينَةِ لِتُخْرِجُوا۟ مِنْهَآ أَهْلَهَاۖ فَسَوْفَ تَعْلَمُونَ

Fir’awnis ni jedhe: "odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, kun tooftaa isin magaalattii keessatti jiraattota ishee isii irraa baasuuf jecha mari’attaniidha Fuulduratti ni beektu

Al-A'raaf 7:124

لَأُقَطِّعَنَّ أَيْدِيَكُمْ وَأَرْجُلَكُم مِّنْ خِلَٰفٍ ثُمَّ لَأُصَلِّبَنَّكُمْ أَجْمَعِينَ

Dhugumatti, harka keessaniifi miila keessan wal faallessuunan kukkuta Ergasii hunda keessaniiyyuu nan fannisa."

Al-A'raaf 7:125

قَالُوٓا۟ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ

Isaanis "Nuti Dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa deebi’oo dha" jedhan.

Al-A'raaf 7:126

وَمَا تَنقِمُ مِنَّآ إِلَّآ أَنْ ءَامَنَّا بِـَٔايَٰتِ رَبِّنَا لَمَّا جَآءَتْنَاۚ رَبَّنَآ أَفْرِغْ عَلَيْنَا صَبْرًا وَتَوَفَّنَا مُسْلِمِينَ

"Mallattooleen Gooftaa keenyaa yeroma nutti dhuftu itti amanuu (keenya) malee wanti nurraa haaloo bahattu hin jiru Gooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasi Muslimoota godhii nu ajjeesi" (jedhan)


Obboleessa Keessan
Jamaal Kadiir
            Itti fufa......
    
@Jemal89
"Waaqa gara-Jabeessa"

"Waaqni Gara jabeessi" Namoonni lama firee mukaa waan nyaataniif jecha "waggoota kuma shanii (5000) oliif ilma namaatitti gadoo qabatee dhiifama gochuu didee ilmaan namaa hunda (Nabiyyootafi Namoota gaarii dabalatee ) sii'olitti ( ibiddatti) guuraa ture; xumura irratti hanga" ilmi koo " Dararamee, tumamee,salphifamee fannifamee wareegama kafalutti dhiifama hin godhu jedhee; gara jabeennan osoo ilmi isaa na oolchi jedhee itti warwaatu ilma isaa dabarsee harka diinatti fannisiisee ajjeesisiise; cubbuu warra ilma isaa fannisanii hoo akkamiin dhiifama gochuuf deema?!

Firee mukaa nyaachuu moo ilma waaqaa fannisutu irraa cubbuudha? Yoo firee mukaa nyaachutu irra cubbuudha jettan "ilmi waaqaa "firee mukaa hanqate innuu haa badu! ilmi waaqaa gatiin isaa firee mukaa hanqate akkamitti dhala namaa huda fayyisuu danda'a? Yoo ilma waaqatu firee mukaa caala jettan Cubbuu warra ilma waaqaa fanniseetiif hoo eenyutu fannifamuuf deema? cubbuu warra ilma isaa fannisaniitiif matama isaatiiif waaqayyo dhufee yoo fannifame malee! sana booda cubbuu warra waaqayyoo lammataa fannisaniitif waaqayyo biraa kan waaqa lammaaffaatiif fannifamutu barbaachisa..... Waaqayyo gara jabeessi cubbuu firee mukaatiif Waggoota kuma shanii ol dhala naa Sii'olitti naqaa ture; dallansuu warra ilma isaa fanniseetiif jedhee hunda keessanuu gahannamitti akka isin hin guurre wabii maalii qabdan?

Filannoo Gaarii

Keenna Rabbiin, Rahmata qabeessa ,mararfataadha.dhiifama godhaadha.

Aadamiifi Hawwaan dhiifama gaafannaan Dhiifama isaaniif godhuuf waggoota kuma shan itti hin fudhanne. yeroma san dhiifama isaaniif godhe. Atis osoo cubbuu hanga duumessa samii guddatu kan hanga biyyee laafaa heddummaatu, kan hanga hoomocha bahraa baay'atu dalgdee;- gaabbitee cubbuu irraa deebitee, lamuu baditti hin deebi'u jettee dhiifama gaafatte, dhiiga namaa kabajamaa dhiisii osoo osoo ati dhiiga lukkuus hin dhangalaasiin dhiifama siif godha. Dhiifama jechuu isa kana, mararfanaan jaalalli dhugaa kana. Hanga namni fannifamuu,hanga dhiigni dhangala'uu dhiifama hin godhu kan jedhu dhugumatti amala Rabbii dhugaa ta'uu hin danda'u.

Waaqa Yoo ilmi koo fannifame malee dhiifa siif hin godhu jedhu wayya moo isa dhiifama na gaafachuuf ati gara koo deebinaan Wareegama tokko malee dhiifama siif godha siin jedhu siif wayya.

@Jemal89
Sdarkaa Soomanni qabu,waan ji'a Ramadaanaa adda taasisu.

أولاً: فضائِلُ صيامِ شَهْرِ رَمَضانَ
1- تُكفَّرُ به الخَطايا.
2- مِن أسبابِ مَغفِرَةِ الذُّنوبِ.
3- مِن أسبابِ دُخولِ الجَنَّةِ.

1ffaa:-Sadarkaa Ramadaanni Qabu.
1. Cubbuu (dilii) xixiqqoo namarraa haqa
2. Araarama Cubbuu gurguddaatif sababa ta'a
3. Jannata seenuuf sababa ta'a
.

ثانيًا: خصائِصُ شَهْرِ رَمَضانَ
1- فيه أُنزِلَ القُرآنُ. 
2- فيه أُنزِلَتِ الكُتُبُ الإلهيَّةُ الأخرى.
3- فيه تُفَتَّحُ أبوابُ الجنَّةِ، وتُغَلَّقُ أبوابُ النَّارِ، وتُصَفَّدُ الشَّياطينُ. 
4- العُمرةُ فيه تعدِلُ حَجَّةً.
5- فيه ليلةٌ خيرٌ من ألفِ شهر.
²ffaa:- Waan ji'a Ramadaanaa adda taasisu.
1. Qur'aanni isa keessa buufame
2. Kitaabileen Rabbiin biraa buufaman biroos isa keessa buufaman
3. Isa keessa balballi jannataa ni banamti,balballi jahannam ni cufatti, sheyxaanonni ni hidhamti.
4. Umraan isa keessaa hajjiin wal-qixxaawa
5. Isa keessaa Halkan leylatul qadrii kan ji'oota kuma tokko irraa caalutu jira.


Rabbiin Ramadaanaan nu gahee warraa soomana isaa irraa milkaa'u nu haa taasisu.

@Jemal89
Soomana Qaamaa
Kaayyoo ilmi namaa uumameef

Rabbiin(sw) dhala namaa cufa akka isa qofa gabbaraniif uume. Qur'aanni kabajamaan akkana jedha:-

وَمَا خَلَقْتُ ٱلْجِنَّ وَٱلْإِنسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ

Jinniifi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.(Az-Zaariyaat 51:56)

Kaayyoo ilmi namaa uumameef kana akka barsiisaniif ammoo ummata hundaaf Rabbiin ol ta'e ergamtoota ergee jira.dhimma kana irratti Qur'aanni kabajamaan akkana jedha:-

وَلَقَدْ بَعَثْنَا فِى كُلِّ أُمَّةٍ رَّسُولًا أَنِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ وَٱجْتَنِبُوا۟ ٱلطَّٰغُوتَۖ فَمِنْهُم مَّنْ هَدَى ٱللَّهُ وَمِنْهُم مَّنْ حَقَّتْ عَلَيْهِ ٱلضَّلَٰلَةُۚ فَسِيرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ فَٱنظُرُوا۟ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلْمُكَذِّبِينَ

Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra.Isaan irraa nama Rabbiin isa qajeelchetu jira.Ammas isaan irraa nama jallinni isa irratti mirkanaa’etu jira.Dachii keessa deemaatii booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa (An-Nahli 16:36)

Ergamtoonni cufti ergaan isaanii ijoon waa'ee tokkichummaa Rabbii barsiisudha kanaaf jecha kan "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru." jechaa ummata isaanii tawhiida barsiisaa turaniif.Ergamtoonni hunduu waa'ee tokkichummaa Rabbii akka barsiisaa turaniifi ummanni isaaniis Rabbiin qofa kophaa gabbaruu akka qaban gorsaa turuu isaanii kewwata olitti dabarsine irraa hunachuun ni danda'ama amma ammoo mee ergamtoota tokkichummaa Rabbii barsiisaa turan keessaa muraasa fakkeenyumaaf haa ilaalluu:-

Nuuh (As)

لَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوْمِهِۦ فَقَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥٓ إِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ

Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti erginee "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.Dhugumatti, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha" jedheen.(Al-A'araaf 7:59)

Huud

وَإِلَىٰ عَادٍ أَخَاهُمْ هُودًاۗ قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ

Gara Aadis obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.Sila hin sodaattanuu?" jedheen.(Al-A'araaf 7:65)

Saahih (As)

وَإِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمْ صَٰلِحًاۗ قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥۖ قَدْ جَآءَتْكُم بَيِّنَةٌ مِّن رَّبِّكُمْۖ هَٰذِهِۦ نَاقَةُ ٱللَّهِ لَكُمْ ءَايَةًۖ فَذَرُوهَا تَأْكُلْ فِىٓ أَرْضِ ٱللَّهِۖ وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginaan) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa mallattoon ifaa taate isinitti dhuftee jirti.Kun haala mallattoo isiniif taateen gaala Rabbiitii, ishee dhiisaa dachii Rabbii keessa haa nyaattu.Hamtuunis ishee hin tuqinaa adabbii laalessaatu isin qabata
(Al-A'araaf 7:73)

Shu'eybi (As)

وَإِلَىٰ مَدْيَنَ أَخَاهُمْ شُعَيْبًاۗ قَالَ يَٰقَوْمِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنْ إِلَٰهٍ غَيْرُهُۥۖ قَدْ جَآءَتْكُم بَيِّنَةٌ مِّن رَّبِّكُمْۖ فَأَوْفُوا۟ ٱلْكَيْلَ وَٱلْمِيزَانَ وَلَا تَبْخَسُوا۟ ٱلنَّاسَ أَشْيَآءَهُمْ وَلَا تُفْسِدُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ بَعْدَ إِصْلَٰحِهَاۚ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ

Gara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.Dhugumatti, ragaan ifa taate isiniif dhuftee jirti.Safaraafi madaalas guutaa.Namootas waan isaanii jalaa hin hir’isinaa.Dachii keessattis erga toluu isheetii hin balleessinaa Yoo mu’uminoota taatan sanatu isiniif caala.(Al-A'araaf 7:85)

Iisaa (As)

إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۗ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa.Kun karaa qajeelaadha.(Aali-Imraan 3:51)
لَقَدْ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَۖ وَقَالَ ٱلْمَسِيحُ يَٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبَّكُمْۖ إِنَّهُۥ مَن يُشْرِكْ بِٱللَّهِ فَقَدْ حَرَّمَ ٱللَّهُ عَلَيْهِ ٱلْجَنَّةَ وَمَأْوَىٰهُ ٱلنَّارُۖ وَمَا لِلظَّٰلِمِينَ مِنْ أَنصَارٍ

Isaan "Rabbiin Masiih Ilma Maryami" jedhan dhugumatti kafaranii jiru Masiihis ni jedhe: "Yaa Ilmaan Israa'iil! Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa Dhugumatti, dubbiin namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera Teessoon isaas ibidda.Miidhaa raawwattootaafis tumsitoonni hin jiranu."(Al-Maa'idaa 5:72)

وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani.Kanaaf Isa qofa gabbaraa.Santu karaa qajeelaadha” jedhe.(Maryam 19:36) ergaan Nabiyyoonni (As) hundi irratti waliif galan ergaan guddaan Waa'ee tokkichummaa Rabbiiti, Rabbiin dhugumatti akka kophatti gabbaramummaa isaa barsiisanii xaa'ota irraa fagaadhaa jechu labsaniif jecha ummata hunda keesaatti ergamtoota ergee jira. Qur'aanni kabajamaan akkana jedha:-


وَلَقَدْ بَعَثْنَا فِى كُلِّ أُمَّةٍ رَّسُولًا أَنِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ وَٱجْتَنِبُوا۟ ٱلطَّٰغُوتَۖ فَمِنْهُم مَّنْ هَدَى ٱللَّهُ وَمِنْهُم مَّنْ حَقَّتْ عَلَيْهِ ٱلضَّلَٰلَةُۚ فَسِيرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ فَٱنظُرُوا۟ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلْمُكَذِّبِينَ

Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra Isaan irraa nama Rabbiin isa qajeelchetu jira Ammas isaan irraa nama jallinni isa irratti mirkanaa’etu jira Dachii keessa deemaatii booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa(An-Nahl 16:36)

Rabbiin Tawhiida irratti jiraannee tawhiida irratti du'uu nu haa badhaasu.

@Jemal89
GUYYAA HUNDA TOLTUU KUMA TOKKO (1000)HOJJACHUU NI BARBAADDAA?

Ergamaa Allaah {صَلَّى اللَّهُ عليه وسلَّمَ} Waliin turre:- ergamaan Allaahصَلَّى اللَّهُ عليه وسلَّمَ "tokkoon keessan guyyaa hunda toltuu kuma tokko(1000) hojjachuu ni dadhabaa jedhan" Namoota isaan waliin taa'aa turan keessaa gaafatan tokko "akkamitti tokkoon keenna toltuu kuma hojjata?" jedhee gaafate. Yeroo dhibba tokko tasbiisa( Subhaanallaah) jedha Toltuu kuma tokkotu isaaf barreeffama ykn badii kuma tokkotu isaaf dhiifama" jedhaniin

🔰 Muslim Lakkoofsa hadiisaa 2698

كنَّا عِنْدَ رَسولِ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عليه وسلَّمَ، فَقالَ: أَيَعْجِزُ أَحَدُكُمْ أَنْ يَكْسِبَ كُلَّ يَومٍ أَلْفَ حَسَنَةٍ؟ فَسَأَلَهُ سَائِلٌ مِن جُلَسَائِهِ: كيفَ يَكْسِبُ أَحَدُنَا أَلْفَ حَسَنَةٍ؟ قالَ: يُسَبِّحُ مِائَةَ تَسْبِيحَةٍ، فيُكْتَبُ له أَلْفُ حَسَنَةٍ، أَوْ يُحَطُّ عنْه أَلْفُ خَطِيئَةٍ.
الراوي : سعد بن أبي وقاص | المحدث : مسلم | المصدر :صحيح مسلم
الصفحة أو الرقم: 2698 | خلاصة حكم المحدث : [صحيح]


Boru ganama carraa hojii daqiiqaa kudhan qofa keessatti Doolara kuma kudhan (10,000$) namaaaf kafalantu argame osoo siin jedhanii irratti ni hirmaataa? Osoo atuu hin hirmaadhu jettee namni si amanu hin jiru. Carraa guddaa kana argattee osoo daqiiqaa kudhan qofa keessatti doolara kuma kudhan (10,000$) hammaarachuu dandeessuu yoo irraa hafte firoonni kee fayyaa hin qabu jedhanii qorannoo sammuu siif taasisuuf dhabbata fayyaa si geessuun isaanii ni mala.garuu maalif? nuti hunduu bu'aa mallaqni qabu sirritti beekna waan ta'eef. garuu guyyaa qiyaamaa doolara dachii guutu caalaa toltuun takkattiin akka caaltu Namni Mu'uminaa cufti ni beeka. kanaafuu daqiiqaa kudhan qofa keessatti doolara kuma kudhan waan caalu carraa oomishachuu si dandeessisu siif himuuu.... tole

Fagoo deemuu si hin barbaachisu, bakkuma jirtu teettee Daqiiqaa kudhan qofa keessatti Yeroo kuma tokko SUBHAANALLAAH jechuu ni dandeessa Tasbiihni tokko toltuu kudhaniin siif baay'ata daqiiqaa kudhan qofa keessatti yeroo kuma tokko SUBHAANALLAAH jechuu ni dandeessa. Tasibiiha 1000×10= Toltuu 10,000 guyyaa qiyaamaa Abbaan qabeenyaa addunyaa kanaa qabeenya qabu hunda siif kennaa toltuu takka qofa naaf kenni osoo siin jedhee gonkumaa hin kennituuf.hayyee ammuma eegali daqiiqa kudhan booda Yeroon jireenya keetii goolabamee Warra si dura gara Aakiraatti godananitti makamuun keetis ni mala. eeyyen namna hanga jiraate beeku yoo taate malee namni hanga jiraachuuf deemu beekuu hin jiru waan ta'eef.

SUBHAANALLAAH.........

@Jemal89
IID MUBAARAK

عيد مبارك تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال
የጳውሎስ መልእክቶች የአምላክ ቃል ወይም በመንፈስ ቅዱስም መሪነት የተጻፉ አይደሉም፣ ይልቁንስ ሰውየው ከራሱ ልብ ወልድ ያዘጋጃቸው የግል መልእክቶቹ ናቸው ።

ሌሎችንም እኔ እላለሁ፥ ጌታም አይደለም፤ ከወንድሞች ወገን ያላመነች ሚስት ያለችው ቢኖር እርስዋም ከእርሱ ጋር ልትቀመጥ ብትስማማ፥ አይተዋት፤”
— 1ኛ ቆሮንቶስ 7፥12
እንደ ምክሬ ግን እንዳለች ብትኖር ደስተኛ ናት፤ እኔም ደግሞ የእግዚአብሔር መንፈስ በእኔ ያለ ይመስለኛል።”
— 1ኛ ቆሮንቶስ 7፥40

በጥቂቱ ሞኝነቴ ብትታገሡኝ መልካም ይሆን ነበር፤ ቢሆንም በእርግጥ ታገሡኝ።”
— 2ኛ ቆሮ 11፥1

2ኛ ቆሮ 8
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
ትእዛዝ እንደምሰጥ አልልም፥ ነገር ግን በሌሎች ትጋት በኩል የፍቅራችሁን እውነተኛነት ደግሞ ልመረምር እላለሁ፤
⁹ የጌታችንን የኢየሱስ ክርስቶስን ቸር ስጦታ አውቃችኋልና፤ ሀብታም ሲሆን፥ እናንተ በእርሱ ድህነት ባለ ጠጎች ትሆኑ ዘንድ ስለ እናንተ ድሀ ሆነ።
¹⁰ በዚህም ነገር ምክር እሰጣለሁ ከአምና ጀምራችሁ ለማድረግ ብቻ ያይደለ ነገር ግን ለማሰብ ደግሞ አስቀድማችሁ የጀመራችሁት ይህ ይጠቅማችኋልና፤

“ነገር ግን አሕዛብ በመንፈስ ቅዱስ ተቀድሰው የተወደደ መሥዋዕት ሊሆኑ፥ ለእግዚአብሔር ወንጌል እንደ ካህን እያገለገልሁ፥ ለአሕዛብ የክርስቶስ ኢየሱስ አገልጋይ እሆን ዘንድ ከእግዚአብሔር በተሰጠኝ ጸጋ ምክንያት ተመልሼ ላሳስባችሁ ብዬ በአንዳንድ ቦታ በድፍረት ጻፍሁላችሁ።”
— ሮሜ 15፥15-16
በቀጥታም በተዘዋዋሪም እነዚህ መልእክቶች ከመለኮታዊነት ጋር ምንም ትስስር እንደሌላቸው እና የግል ፍላጎቱን ለሟማላት አንድ የአእምሮ በሽተኛ የጻፋው ጽሑፍ መሆናቸውን ይመሰክራሉ ።
ከዚህ የባሰነ የከፋው ነገር ደግሞ ጳውሎስ ዓላማውን ለማሳካት ውሸትን እንድሚጠቀም በግልፅ መስክሯል።

በእኔ ውሸት ግን የእግዚአብሔር እውነት ለክብሩ ከላቀ ስለምን በእኔ ደግሞ እንደ ኃጢአተኛ ገና ይፈርድብኛል?”
— ሮሜ 3፥7

እንግዲህ እውነተኛ አምላክ በውሸት ይከበራል ብሎ የሚያስብ ጤነኛ አእምሮ ያለው ሰው ያለ አይመስለኝም። ጳውሎስ የአእምሮ በሽተኛ ነው ያልኩኝ ለዚህ ነው ።
እንግዲህ ነሷራዎች እንደ አምላክ ቃል የሚቀበሉት የአድስ ክዳን መጽሐፍ ከግማሽ በላይ በዚህ የአእምሮ ችግር ባለበት ሰው ነው የተጻፈው ተብሎ በቤተክርስቲያን አፈ-ታርክ መሰረት ይታመናል። "Namni bishaan nyaate hoomacha qabata" የሚባለው እንደዚህ አይነት ነው። አላህ እምነታችንን በእንደዚህ ደካማ ማስረጃ ላይ ከመመስረት ስለ ጠበቀን፣ አልሐምዱሊላህ
@Jemal89
Yesuus Uumaa moo uumama?

A) Namni hunduu uumama
B) Yesuus Nama (Yoh:8:40)
🔗Yesuus Nama.


@Jemal89
Gaafi kiristiyaanotaaf

Akka kiristiyaanonni amananitti:-

A) Waaqayyo Abbaa Yesuusi
B) Maariyaamiin haadha Yesuusi

Waaqayyoofi Maariyaamiin waliif maali?

Gaafi armaan olii kanaaaf deebii kiristiyaanonni tokko tokko kenna argeen hedduu na raaje?

Deebiin isaanis "Waqayyoo fi Maariyaamiin waliif Haadha fi mucaa(ilma)" kan jedhuudha.

Gaafi gaafatame dhiisanii waan hin gaafataminiif dhiibee kennuun burjajessuu jedhama nutis akkana jennee irra deebinee akka isaan miciiruu hin dandeennetti gaaafii dhiheessinaaf.
A) Waaqayyo Abbaa Yesuusifi Abbaadha.
B) Maariyaamiin Yesuufis haadha.

Gaafii karaa tokkoon 👉 Waaqayyoon Abbaati fi Maariyaamiin waliif maali?

Gaafii karaa lammaaffaan:- Waaqayyoon Yesuusif abbaa ta'ee fi Maariyaamiin Yesuusif haadha taate maali waliif ta'u.



@Jemal89
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
IID MUBAARAK
عيد مبارك
تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال
Gaabbii Yeroo malee

Guyyaa Qiyaamaa warri ibiddaa rakkoon ibidda jahannam isaan seensise   waa lama akka ta'e ni dubbatu isaanis

Gorsa dhagahuu diduu fi aqlii isaanitti fayyadamuu dhabuu isaaniti.

Rabbii  guddaan Qur'aana kabajamaa keessatti waa'ee isaanii akkana jedhee nuuf seenessa.

فَقَالُوا: ﴿لَوْ كُنَّا نَسْمَعُ أَوْ نَعْقِلُ مَا كُنَّا فِي أَصْحَابِ السَّعِيرِ﴾
"Odoo kan dhageenyu yookiin kan xiinxallu taanee, silaa warra ibidda boba'aa keessaa hin taanu turre" jedhan" (suuratul Al-Mulk 67:10)

Ibnu kasiir keewwata tana akkanatti hiikan:-
فَقَالُوا: ﴿لَوْ كُنَّا نَسْمَعُ أَوْ نَعْقِلُ مَا كُنَّا فِي أَصْحَابِ السَّعِيرِ﴾ أَيْ: لَوْ كَانَتْ لَنَا عُقُولٌ نَنْتَفِعُ بِهَا أَوْ نَسْمَعُ مَا أَنْزَلَهُ اللَّهُ مِنَ الْحَقِّ، لَمَا كُنَّا عَلَى مَا كُنَّا عَلَيْهِ مِنَ الْكُفْرِ بِاللَّهِ وَالِاغْتِرَارِ بِهِ، وَلَكِنْ لَمْ يَكُنْ لَنَا فَهْمٌ نَعِي بِهِ مَا جَاءَتْ بِهِ الرُّسُلُ، وَلَا كَانَ لَنَا عَقْلٌ يُرْشِدُنَا إِلَى اتِّبَاعِهِمْ، قَالَ اللَّهُ تَعَالَى: ﴿فَاعْتَرَفُوا بِذَنْبِهِمْ فَسُحْقًا لأصْحَابِ السَّعِيرِ﴾
Osoo qalbii ittiin fayyadamnu qabaannee; takkaayuu haqa Rabbiin buuse dhageennee, silaa Rabbitti kafaruufi of daguu keessa hin turru ture, haa ta'u malee qalbii waan ergamtoonni nuttiin dhufan ittiin xiinxallinee hubannu hin qabnu ture. Sammuun isaan hordofuuf nu dandeessisus nuuf hin turre, Dilii isaaniis ni amanan Warra ibidda boba'aatiifis (rahmata Rabbii irraa) fagaachuun haa jiraatu! Ergamaan Rabbiitis SAW akkana jedhan

  "لَا يَدْخُلُ أَحَدٌ النَّارَ، إِلَّا وَهُوَ يَعْلَمُ أَنَّ النَّارَ أَوْلَى بِهِ مِنَ الْجَنَّةِ
Namni tokkollee jannata caalaa akka ibiddi isaan malu hanga beekutti ibidda hin seenu.

Warra dhageettii fi qalbii qabutti har'a fayyadamee boru gaabbii jaalaa ba'u Rabbiin nu haa taasisu

@Jemal89
Daandii milkaa'inaa.

dogoggora kee irraa yoo tawbatte, Yoo Allaahatti amante; hojii gaarii yoo hojjatte, milkaa'uun kee shakkii hin qabu.

Allaah'n ol ta'e akkana jedha:

فَأَمَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَعَسَىٰٓ أَن يَكُونَ مِنَ ٱلْمُفْلِحِينَ

Namni tawbatee, [Rabbitti] amanee, gaarii hojjate milkaa’ota irraa ta’uun isaa mirkanaa’aadha.(Al-Qasas 28:67)
@Jemal89
Sooma Guyyaa Aashuuraa'a

Guyyaan Aashuuraa ji'a muharram guyyaa kurnaffaadha( bor malee iftaan) qureeyshonnis guyyaa kana ni soomu turan ergamaan Rabbii ﷺ yeroo madiina godaanan guyyaa kana  soomani namootas akka soomaniif ajajan. Osoo ji'a Ramadaanaa soomuun dirqama hin godhamin dura guyyaa kana soomuun dirqama ture. Sana booda sooma Ramadaanaa qofa soomuun dirqama godhamee Aashuuraan ammoo sunnaa abbaan fedhe soomee abbaan fedhe dhiisu ta'e.
Hadiisa Abdallaah Ibnu Abbaas (RA) gabaasan keessatti:-

حِينَ صَامَ رَسولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عليه وسلَّمَ يَومَ عَاشُورَاءَ وَأَمَرَ بصِيَامِهِ قالوا: يا رَسولَ اللهِ، إنَّه يَوْمٌ تُعَظِّمُهُ اليَهُودُ وَالنَّصَارَى، فَقالَ رَسولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عليه وسلَّمَ: فَإِذَا كانَ العَامُ المُقْبِلُ -إنْ شَاءَ اللَّهُ- صُمْنَا اليومَ التَّاسِعَ، قالَ: فَلَمْ يَأْتِ العَامُ المُقْبِلُ حتَّى تُوُفِّيَ رَسولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عليه وسلَّمَ.
صحيح مسلم
الصفحة أو الرقم: 1134 | 

Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo isaan soomana Guyyaa Aashuuraa soomani sahaabotallee ajajan "Yaa ergamaa Rabbii guyyaan kun guyyaa yahuudonni fi kiristiyaanonni kabjani " jedhaniin.Ergamaan Allaah ﷺ Inshaa Allaah wagga dhufu guyyaa saglaffas ni soomna jedhaniin.waggaan sun osoo hin deebi'in ergamaan Rabbii ﷺ ganada Aakhiraa deeman. Jedha. Muslim lakk.1134

Guyyaan Aashuraa guyyaa Rabbiin Nabi Muusaa (As) fi hordoftoota isaanitiif injifannoo kennee fir'oownifi waranni isaa itti dhidhimanidha.Ergamaan Rabbii yeroo isaan madiina galan Yahuudota guyya kana sooman arganii dhimma kana isaaniif himnaan  ergamaan Rabbiis «نحْنُ أَولى بمُوسى منهم، فصُومُوه»،"Nutu muusatti irra aana kanaafuu soomaa "  deebii jedhu kennaniif. guyyaan kun guyyaa injifannoo Muslimootati waan ta'eef guyya kana yaadachuun Rabbiin galteeffachuun barbaachisadha. dabalataanis ergamaan Rabbii hadiisa Sahiiha muslim keesaatti guyyaa Aashuuraa soomuun "dilii waaggoo dabartee namarraa harcaasa"jedhanii jiru.kanaafuu Namni Rabbiin isiniif laaffise guyyaa boritifi guyyaa iftaanii soomaa toltuu heddummeeffadha.
2025/02/23 20:19:29
Back to Top
HTML Embed Code: