Qur'aana keessaa keewwanni dheeraan suura kam keessatti argama?Ibsa dabalataa yoo barbaadde mallattoo Ampuuli tuqi.
Anonymous Quiz
19%
Suuraa Zumar
7%
Suuraa Maa'idaa
63%
Suuraa Baqaraa
11%
Suuraa Tawbaa
Warroota Jannanni itti hawwitu.
•------------------------------------------•
• Yaa Allaah! Sila jannannumaan tunuu maal akka taate beytaa?! Rabbii bahaafi dhiha uume, gooftaa waa hundaatiin siif kakadhee! Addunyaan tuniifi wanti addunyaa tana keessa jiru cufti osoo walitti qabmee shaashii(maasarii) dubartiin jannataa Rifeensa isiitiin hidhattu hin ga'u! hin (madaalu).
•
• Yoo shaashiin isii hangas qaalii taate uffanni isii guun hoo hangami laata?!! isiin mataan isii hoo?! isiin immaa osoo yeroma tokko dukkana halkanii keessaa gara addunyaa taannaa as mul'attee akka aduun guyyaa addunyaa guutuu nuuf ibsaa oltu kanatti dukkana halkan nuuf ibsiti ture!!. Sun fuula isiiti.
• Urgaan foolii isiin jidduu dachiif samii kana guutuu urgeessa ture.aayii....... Kun irra xiqqaa waan jannata keessaa jiruuti.
•
• Jarri jannanni itti hawwitu sunniin Aliyyi. Ammaarifi Bilaali (RA) Rabbiin isaan jaalatee jannata isaanitti hawwisiise.!!
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan "
Gabaasa biroo keessattis Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan Jannanni bar namoota sadihitti ni hawwitii:-isaani "
Anaaf ati jannata hawwina jara kanniin ammoo jannatatu isaanitti hawwa maaltu sadarkaa isaanii akkanatti guddise!? Maaltu akkanatti isaan tolche kan janna ni isaan hawwitu
Yaa Allaah mararfannama keetiin jannata nuuf kenni.!
⏹ @Jemal89
_______
¹)Haakimtu gabaase 3/148 ( lakk.4666)
²) Tirmiizitu gabaase. Lakk. 3797 Albaaniin sadarkaa hadiisicha hasan jedhanii jiran.
sahiihul Jaami'i lakk. 1598 .
•------------------------------------------•
Aniifi ati jannata hawwina. gabroota Rabbii keessaa warra jannanni itti hawwitutu jira.
• Yaa Allaah! Sila jannannumaan tunuu maal akka taate beytaa?! Rabbii bahaafi dhiha uume, gooftaa waa hundaatiin siif kakadhee! Addunyaan tuniifi wanti addunyaa tana keessa jiru cufti osoo walitti qabmee shaashii(maasarii) dubartiin jannataa Rifeensa isiitiin hidhattu hin ga'u! hin (madaalu).
•
Doolaarri Ameerikaan qabdu paawondiifi Yuuroon Awroopaafi biyyoinni biroos horatan, Riyaalaafi diinaarri Araboonni kuufatan, qabeenni addunyaa guutuun albuudni meetaafi ziqaayni konkolaataan qaqqaaliin, manni jireenyaa ammayyaa,markabaafi xiyyaarri ..... Wanti dachii tana keessa jiru cufti osoo walitti dabalamee shaashii Hural- Ayniin (dubartiin jannataa) Rifeensa isiitiin hidhattu bituu hin danda'u.
• Yoo shaashiin isii hangas qaalii taate uffanni isii guun hoo hangami laata?!! isiin mataan isii hoo?! isiin immaa osoo yeroma tokko dukkana halkanii keessaa gara addunyaa taannaa as mul'attee akka aduun guyyaa addunyaa guutuu nuuf ibsaa oltu kanatti dukkana halkan nuuf ibsiti ture!!. Sun fuula isiiti.
• Urgaan foolii isiin jidduu dachiif samii kana guutuu urgeessa ture.aayii....... Kun irra xiqqaa waan jannata keessaa jiruuti.
•
Jannata tanatu namoota addunyaa keessa turan keessaa namoota sadihitti hawwa ture. Isaantu jannata hawwa osoo hin taane jannatatu isaan hawwa (dharra'a ) siin jechaa jiraa bar!!.isaan kunniin eennu?!
• Jarri jannanni itti hawwitu sunniin Aliyyi. Ammaarifi Bilaali (RA) Rabbiin isaan jaalatee jannata isaanitti hawwisiise.!!
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan "
Jannanni bar namoota sadihitti ni hawwitii:- jarri " Aliyyi, Ammaarifi bilaali."(¹)
Gabaasa biroo keessattis Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan Jannanni bar namoota sadihitti ni hawwitii:-isaani "
Aliyyi Ammaarifi Salmaani."
(²)Anaaf ati jannata hawwina jara kanniin ammoo jannatatu isaanitti hawwa maaltu sadarkaa isaanii akkanatti guddise!? Maaltu akkanatti isaan tolche kan janna ni isaan hawwitu
Yaa Allaah mararfannama keetiin jannata nuuf kenni.!
⏹ @Jemal89
_______
¹)Haakimtu gabaase 3/148 ( lakk.4666)
²) Tirmiizitu gabaase. Lakk. 3797 Albaaniin sadarkaa hadiisicha hasan jedhanii jiran.
sahiihul Jaami'i lakk. 1598 .
Jechamoota na kolfisiisan keessaa!
Namoota lama irraa of eegi:-tokkoffaan nama hedduu dubbisu lammaffaan nama gonkumaa hin dubbifne! inni jalqabaa keessa kee irraa kaasee si arga.inni lammataa gonkumaa si hin argu." @Jemal89

This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
አሏሁ አክበር!! አልሐመዱሊላህ። አሏህ የፈለገውን ሰው ወደ ቀጥተኛ መንገድ ይመራል፣ አላህ ወደ እስልምና ለመጡት እስትቃማ፣በኩፍር ጨለማ ውስጥ ለቀሩትም ሂዳያ ይስጣቸው።
@Jemal89
@Jemal89
Dubartii tamatu irra gaaridha.
Namni Shana'aanoon( tiyfatee bulaan) tokko dubartii keessaa tamtu irra gaaridha jedhamee gaafatamnaan:- irra caaltuun dubartii tan yoo dhaabattuu dheertuu, tan yoo teettu guddoo, tan yoo haasoftu dhugaa dubbattu, tan yoo dallante obsitu, tan yoo kolfite seeqattu, tan yoo dalydu tolchitu, tan jaarsaa ajajamtu, tan mana isii gadi teettu, tan hawaasa isii biratti kabajamtuu, tan of hin dhaadhessine, ta deettu tan waa hunda keessatti faarfamtudha" jedhee deebise.
◉ Maddi
📘 [ "أخبار النّساء " ، لابن القيم: صـ (١١) ].
•┈┈┈┈•◈◉✹❒❒✹◉◈•┈┈┈┈•

Jireenya dhala namaa keessatti wanti hanga haala hunda keessatti madaala haqaa eeggachuu jabaatu hin jiru. Nama qilleensi bubbisu kamuu madaala haqaa irraa hin daaddaaysu hin ta'in.
@Jemal89
@Jemal89
Dubartoota keessaa tan Rabbiin Qur'aana keessatti maqaa isii dubbate eennu?
Anonymous Quiz
11%
Haadha Nabi Muhammad( SAW)
4%
Haadha Nabi Muusaa (As)
4%
Haadha manaa Nabi Luux (As)
82%
Haadha Nabi Iisaa (As)
EENNUUN JAALATTA?!
----------------------------------
👉Taphataa kubbaa milaa?
👉Weellistoota?
👉 Namoota siyaasaa?
👉 Taatota fiilmii?
👉 Modeelistoota?
👉 Namoota bebbeekamoo?
👉Ergamaa Rabbii (SAW) ?
👉Nabiyyoota?
👉Sahaabota ?
👉 Mu'imintoota?
👉Namoota Rabbiin sodaatan ?
Kanneenifi kkf keessaa Abbama feete jaaladhu guyyaa qiyaamaa namuma jaalattu san waliin kaafamta.
Mee si haa gaafadhuu!
Guyyaa qiyaamaa Taphattoota kubbaa milaa ,Weellistoota,Namoota siyaasaa
taatota fiilmii,Modeelistoota Namoota bebbeekamoo Moo Ergamaa Rabbii (SAW)Nabiyyoota, Sahaabota Mu'imintoota,Namoota Rabbiin sodaatan Namoota gaggaarii waliin kaafamuu barbaadda? Garee lamaan keessaa tokko filadhu.filannoon kankee ammoo jechaan osoo hin taane gochaan ta'uu qaba. Akka weellistoota dubbachaa;akka taphatoota kubbaa miilaa uffachaa; Akka Artistootaa nyaachaa akka moodeelistoota godhachaa, Ani Nabiyyoota (As) Sahaabota, Mu'imintoota jaaladha yoo jette ofuma malee Rabbiin gowwoomsuu hin dandeessuu.
•
Waan warri filannoo hiriyyootaa doggoggore guyyaa qiyaamaa jedhu beektaa?! mee koottuu seenaa isaanii kan gara fuulduraa kan Rabbiin Qur'aanaa keessatti nuuf seenesse waliin haa dubbifnuu!
وَيَوْمَ يَعَضُّ ٱلظَّالِمُ عَلَىٰ يَدَيْهِ يَقُولُ يَٰلَيْتَنِى ٱتَّخَذْتُ مَعَ ٱلرَّسُولِ سَبِيلًا يَٰوَيْلَتَىٰ لَيْتَنِى لَمْ أَتَّخِذْ فُلَانًا خَلِيلًا لَّقَدْ أَضَلَّنِى عَنِ ٱلذِّكْرِ بَعْدَ إِذْ جَآءَنِىۗ وَكَانَ ٱلشَّيْطَٰنُ لِلْإِنسَٰنِ خَذُولًا
Guyyaa miidhaa hojjattoonni “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhee [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinu [yaadadhaa].”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee onnee taasifachuu baadhee maal qaba! Dhugumatti, gorsa irraa erga inni natti dhufee booda na jalliseera.” Sheyxaanni namaaf salphisaa ta’eera.)
{Al-Furqan 25:2729}
Mee hima "Dhugumatti, gorsa irraa erga inni natti dhufee booda na jalliseera.” jedhu haa xiinxallinuu!
👉Nama meeqatu Zinaan haraama jechuu erguma dhagahe hiriyyaan badaan( badduun) gorsa itti dhufe irraa isaan jallisee( jalliftee) dhoqqee sagaagalummaa isaan laaqachiise( laaqachiifte) ?
👉Nama meeqatu muuziqaan haraama gorsi jedhu erguma itti dhufe muuziqaa qabsooti,sabboonummaadha,wallisaa san ni jaaladha, jedhee jaalalli weellistoota isa jallisee akka dhakaa qarsaatti muuziqaan qalbii isaa goyse?
👉 Dargaggeessafi dargaggeettii meeqa erguma gorsi itti dhufeen boodaa fiilmii garagaraa hordofuun daangaa Rabbiin cabsanii waan uumamaniif irraanfatanii akka of dhaban jaalalli taatota fiilmii isaan jallisee?
👉 Nama meeqa jaalalli nama siyaasaa iimaana irratti fincilsiisee daangaa Rabbii isa tarkaanfachiise cubbuu gosa hundaa daaysise? Namoonni kunniin hundi yoo osoo lubbuun jiran hin toowbatin guyyaa qiyaamaa"Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee onnee taasifachuu baadhee maal qaba!" Jedhanii gaabbii quba of nyaachuuf jiru. "Gaabbiif eegeen boodarra" garuu guyyaan sun guyyaa gaabbiin nama hin fayyanne waan ta'eef har'uma hirriba keessaa dammaqnee gara Rabbiin haa deebinu.
Yaa Allaah! jallataa keenna nuuf qajeelchi kan qajeeleef ammoo gadi dhaabbannaa nuuf kenniif.

Nama jaalatan fakkaatan, nama fakkaatan waliin guyyaa qiyaamaa dhaabatan.