Telegram Web Link
Masiihiin (kiriistoosin) dhugaa qur'aana qofa keessatti argama.

مَّا ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٌۖ كَانَا يَأْكُلَانِ ٱلطَّعَامَۗ ٱنظُرْ كَيْفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلْءَايَٰتِ ثُمَّ ٱنظُرْ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ

Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa miti.Haati isaas akkaan dhugoomsituudha.Lamaanuu nyaata kan nyaatan turan.Akkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaali Ergasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.(Al-Maa'idaa) 5:75)
Madda Qur'aanaa fi kaayyoo isaa
---------------------------------------------------------

Madda isaa

Qur'aanni kitaaba Rabbiin injifataan Nabiyyi isaa Muhammad irratti buuse yoo ta'u;

kayyoon buufamiinsa isaas:-

Akka hayyama Rabbiitiin ergamaan isaa ilma namaa dukkana kufrii irraa gara ifnana Islaamummaatti, gara karaa Rabbii injifataa, faarfamaa ta’eetti baasaniif buufame.

•Dukkana kufrii keessa gara ifnana Islaamaa

•Karaa sheyxaanni baase irraa gara karaa Rabbii injiftaa faarfamaa ta'eetti ba'uu caalaa wanti nama gammachiisu maali?

Subhanallaah!madda isaatifi kaayyoo isaas maaltu akkanatti bareeche!!

Kunoo Qur'aannni akkanatti of ibsa:-

الٓرۚ كِتَٰبٌ أَنزَلْنَٰهُ إِلَيْكَ لِتُخْرِجَ ٱلنَّاسَ مِنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِ بِإِذْنِ رَبِّهِمْ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلْعَزِيزِ ٱلْحَمِيدِ


Alif Laam Raa(Inni) kitaaba akka ati nama hayyama Gooftaa isaanitiin dukkana (kufrii) irraa gara ifaa (Islaamaa), gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’ee baaftuuf gara keetti buufneedha (Ibrahim 14:1)
@Jemal89
Waadaa Rabbiin Islaamummaadhaaf seene.
===================================
Kewwatoonni Qur'aanaa Islaamummaan ifaa Rabbii akka ta'e nutti himu, ifaa Rabbii kanas warri kafaran afaanuma Isaanitiin dhaamsuu barbaadan jechuun shira gantoonni yaadan saaxilee nuuf addeessa. mee duula yeroo ammaa akka addunyaattis ta'ee akka biyyaatti miidiyaalee gurguddoo dabalatee miidiyaalee hawaasummaatiin Islaamummaa irratti kallatiinis haa ta'uu al kallattiin gaggeeffamu ilaali. :- "afaanuma isaanitiin ifaa Rabbii dhaamsuu barbaadu" barruu time Ebla 16/ 1979 ba'e irratti akka ibsametti . Islaamummaa maqaa balleessuuf jecha turtii waggoota 150 keessatti jechuunis (1800-1950)tti kiristiyaanota dhihaatiin kitaabileen kuma jahaatamaa (60,000) ol barreeffamanii jiru.kana jechuun osoo guyyaaf kan hirru taatee guyyatti kitaaba tokkotu Islaamummaa irratti barraaha jechuudha." Kitaaba Ustaaz Ahmaddiin Jabal «የሴቶች መብትና እኩልነት በኢስላምና በክርስትና » jedhu fuula 118 irraa kan fudhatameedha. Warri dhihaa Islaamummaa balleessuuf hangana ifaajanis bu'aan argame garuu faallaa kanaa ta'ee mul'ate. inumayyu Islaamummaan yeroo ammaa biyyoota kamuu caalaa biyyoota dhihaa keessatti haala malee babal'ataa jira. Kunis waadaa Rabbiin Qur'aanaa kabajamaa keesaatti seenetu fiixa bahe.gara fuulduraas ittuma fufa qur'aannni kabajamaan akkana jedha

{{يُرِيدُونَ أَن يُطْفِـُٔوا۟ نُورَ ٱللَّهِ بِأَفْوَٰهِهِمْ وَيَأْبَى ٱللَّهُ إِلَّآ أَن يُتِمَّ نُورَهُۥ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْكَٰفِرُونَ} هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْمُشْرِكُونَ}}

Isaan (kaafiroonni) ifaa Rabbii afaanuma isaaniitiin dhaamsuu fedhu Oduma kaafirtoonni jibbanuu Rabbiin ifaa Isaa guutuu malee (fedhii isaanii) ni dida.Inni (Rabbiin) Isa odoma mushrikoonni jibbanuu, amantii hundarra ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelumaafi amantii haqaatiin ergeedha (At-Tawubaa 9:32-33)

Akkasumas suuraa biroo keessattis Allaah'n ol ta'e waada kana irra deebi'ee jabeesse nutti hima.

{{يُرِيدُونَ لِيُطْفِـُٔوا۟ نُورَ ٱللَّهِ بِأَفْوَٰهِهِمْ وَٱللَّهُ مُتِمُّ نُورِهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْكَٰفِرُونَ }هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْمُشْرِكُونَ }}

"Ifa Rabbii afaan isaaniitiin balleessuu fedhu.Odoma kaafiroonni jibbaniiyyuu Rabbiin ifa Isaa ni guuta .Inni Isa odoo mushrikoonni jibbanuu, amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha(As-Saffi 61:8-9)

Eeyyeen Islaamummaan Yeroo hundaa injifataadha. Duulli kamuu ifaa Islaamummaa dhaamsuu hin danda'u.Islaamummaan Amntii dhuugaati dhugaan gonkumaa dharaan hin ijifatamtu Rabbiin guddaan akkan jedha:-

هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًا

Inni Isa ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii dhugaatiin, amantii hunda irratti ol isa taasisuuf jecha ergeedha.Ragaaf Rabbiin qofti ga’aadha.(Al-Fathi 48:28)

Eeyyeen "Ragaaf Rabbiin qofti ga’aadha".@Jemal89
Anaa fi Isa

Isa:-
Gaafiin obbollessii kenyaa Gaadan gaafatee kanan alaa kaminnii
1waaqaa meqaatu jiraa Jettee gaafattee mii Gedaa?
~ waaqaa tokkootu jiraa kunii shakkii hin qaabuu!!!
Akkii isiini yesusi fi abbaa gargar baasuuf yaalii godhartaan sirrii miti yoo dhugamaa macaafnii qulqulluuni isini qabattanii demartaan sirrii miti jechuuf taataan maalee!!!
Abbaanii fi yesus tokkoo jedhaa
Yohaannis wongel 10:30 irraattii


Ana

Ani fi abbaan tokko yaanni jedhuu Yesuusi fi Abbaan wantoota lama kan gara garaa akka ta'an agarsiisa. Yoo akkas hin taane bu'aan wal qabsiiftuu "fi" maali inni ree? moo macaafni keessan seer-lugaa afaaniitiif beekamtii hin kennu ammoo Yesuusimmaan asitti aniifi abbaan tokko jedhe kun iddoo biraatitti abbaan na caala jedhee jira. "Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa’ akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan na caala'o.
Yohannis 14:28
Yesuusi fi abbaan tokko yoo ta'an , Yesuus waana gara abbaa dhaquuf jechuun isaa maal jechuudha. Yesuusitu gara yesuus dhaqaa jechuudha? abbaan na caala'o. Jechuun hoo maal jechuudha Yesuusitu Yesuusin caala jechuudha?

Isa

Nagaan waaqayyoo keenyaa hunduma keessaniif haa baayyatuu.
Yaada baayyee bareeddaa irratti mari'ataa jirtanii jabaadhaa waaqayyo isiniif haa ibsuu.
W.yohaannis 10:30 irratti "Abbaafi ani tokko "kun tokkumaa qaamaa akka hin taane beekkamaadha. sababni isaas isumatu ykn yesuusimatu iddoo biraatti akkas jedheera:
Yohaannis 17:22 asirratti tokkumaa qaamaa akka hin taane ifaadha. kanaafuu tokkumaan Abbaafi ilmi qaban tokkumaa hafuuraati jechuudha.

Ana

Tokkummaa hafuuraa yoo jettu maal jechuu barbaaddeti?

Isa

1, Hafuurri qulqulluun eenyu?
Yohaannis 14:17
1 yohaannis 4:6
1 qorontoos 2:11
Akka yaada eertuu kanaatti, hafuurri nama keessa jiru yaada nama sanaa akkuma beeku, hafuurri waaqayyoo keessa jirus, yaada waaqaa beeka jechuudha.
Zakkaariyaas 12:1
Roomee 8:16
Yohaannis 14:20
Yohaannis 17:23
Yohaannis 14:17
Kanaaf hafuura dhugaa gaafa beekne kiristoos keessa jiraachuu keennatu hubatama jechuudha.
1 yohaannis 4:13
Yohaannis 3:34;35
Abbaan hafuura isaa safara malee ilma isaatiif kenne, ilmi isaa immoo hafuura ofii isaa irraa nuuf kenne.

Ana

Hafuurri maali inni ?
Mee hiika hafuuraa nuuf himi dura

Isa

Hafuurri Qulqulluun hafuura Waaqayyoon keessaa bayyee/maddee karaa Yesuusiitiin namaaf kennamuudha.(Yohaannis 15:26 fi Hojii ergamootaa 2:33) dubbisaa.

Ana

Ahaa!! akkasii kanaafuu hafuura waaqayyoon keessaa ba'etu yesuusiin keessa seene jechaa jirtaa? Ergasii ammoo Yesuusin keessaa ba'ee isin keesse seene?  Hafuurri Qulqulluun waaqayyoon kessaa ba'e kuni maali? Inni Uumaa moo uumama? Yoo uumaa jette Uuma tokkotu uumaa biraa keessa ba'e jechuudhaa? Yoo deebiin kee eenyeen kan jedhu ta'e uumaan  lamatu jira jechuudha. Kun ammoo keewwatoota baaybilii uumaan tokko qofa ta'uu barsiisan ganuudha.yoo uumamatu waaqayyoon keessaa bahe jette ammoo waaqayyoon keessa uumamatu jiraata ture jechuudhaa? Akkas taatu waaqayyoo togoggoo uumamni keessa qubatu nuun jedhi kaa. Waaqni waa keessa ba'us kan waa isa keessa ba'u waaqa ta'uu hin danda'u.

Isa

Obboleessa koo hin dogongorin waa'een waaqummaa sammuu cubbuun kufe kanaan ibsamuu hin danda'uu.
Mee waaqummaa sirna uumamaa keessatti haa lilaalluu.
S, uumamaa 1:1-
Ibroota 1: 2
1 qorontoos 8:6
Qolaasiyaas 1:15,16
S, uumamaa 1:26-27
Fakkeenna 30:4
Faarfannaa 2:2
Hojii ergamootaa 10:38
Hojii ergamootaa 2:36
Nama biyyee lafaarraa tolchee hafuura jireenyaa funyaan isaatiin itti baafatee innis nama jiraataa ta'e. Iddoo kanatti akka inni jiraatu kan taasise hafuura jireenyaa waaqayyoo keessa bahee gara isaatti seene sani
Jaalanus jibbinus adhallee kan hunda keennaa nu jiraachiseeru hafuuruma sani.

Ana

Lakki hin doggorin waaqni waa keessaa ba'uufi waa isa keessaa ba'an kan waa uume hin jiru.kuni waaqa falaasama Giriik-roomaa irraa sammuu namaatiin uumame malee waaqa sammuu qulqulluu dhugaafi dhara addaan baaftee beektu tana  uumuu danda'uu miti.
Nuti sammuu keenna kan waaqa dhugaatifi dhaara ittiin addaan baafannu yoo hin taane gara garummaan sammuufi miila maali ree? Erga sammuun waaqa dhugaafi dharaa addaan namaa baasufi bu'aa hin qabaanne ati maali dhagaafi muka waaqeffattee sammuu cubbuun xuraa'een waaqa madaaluun hin danda'amu gowwoomsa jedhu hin fayyadamtu?

Isa

Jamaal
Waaqayyoon kan arge tokkollee hin jiru ilma isaa isa bobaasaa biraa dhufetuu abbaasaa nuuf ibse malee. Sammuun namaa yeroo ammaa sababbii cubbuutiin madaala isaa gad dhiiseera.
kanaaf sammuu keenna keessaa kalaquun inni akkana ta'uu qaba yookiin akkas ta'uu qaba jechuu in dandeenyuu garuu wanti nuti dandeennu tokko jira hamma inni ofiisaa ittiin nuuf ibseen isa beekuu.

Ana

Ati Baaybili waan dubbiste hin fakkaattu waaqa Macaafa qulqulluu namoota heddutu arge fakkeenyaaf Yaqob argeera inumaayyu halkan guutuu fal'aansoo waliin qabaa bule. Museen dugda waaqayyoo argee jira.Israa'eloonnis arganii jiru.Isaayyas argee jira.Waaqayyoon Baaybilii nama heddutti of agarsiisee jira.
Waa tokko irratti siin waliif gala.Waaqayyoon akkana ta'uu qaba akkas ta'uu hin qabu jennee nuti waaqayyoof hin murteessinu yaani jedhu sirriidha. Garuu Baaybiliin Macaafa seenaa namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne barreesaan waan ta'eef waaqayyo baaybilii keessatti of ibsee jira jennee jechoota dogoggoraa namoonni hin beekamne barreessaniin waaqa ibsuun sirrii miti.

Isa

Gaafii tokko si gaafadhuu?

Macaafni qulqulluun yaada fooniif dhiigaatiin (yaada namaatiin) baarra'eera jettee amntaa?
Deebiisaa sirritti itti yaadii naaf deebisi.
Araara waaqaatiin boru in haasofnaa.
Halkan gaarii abjuu gaarii siif hawweraa nagaan bulii.

Ana

Eeyyeen Baabiliin Yaada namaa qofaan barraahe inumaayyu waarri macaafota baaybilii keesaatti argaman barreessan hedduun gara fuulduraatti Macaafa amantaa ta'a jedhanii yaadaniiyyuu hin beekan. Warroota afurtamaa ol baaybilii barreessan keessa tokkoon isaas kan  gaggeesa hafuura qulqulluutiin barreesse jedhee dubbate hin jiru. Baabiliin akkuma macaafota seenaa kamiituu Macaafa seenaa kan dhugaafi dhara waan sirriifi doggora of keessaa qabuudha.

Dabalataanis Macaafonni Baaybilii keessatti argama hedduun eennyufi eessatti yoom akka barreeffaman wanti qabatamaan beekamu tokkos hin jiru. Macaafa seerota shan dabalatee wangeelonni afranis eennuun akka barraahe yoomifi eessatti akka barraahe wati qabatamaan beekamu tokko hin jiru. Seenaan baaybilii hundi tilaama ta'uu hin ooluu bira hin dabartu.macaafni akkanaa madda amantaa ta'uun kufaatii guddaadha.
@Jemal89
Fannifamuun Yesuus bu'aa buusee?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Akka kiristiyaanonni amananitti yakki Addamifi hewaan dalagan akka abaaraman isaan taasisee abaarsi kun ammoo dhala isaanitittis daddarbe jedhanii amanu.Waaqni Baaybilii firee mukaa nyaatamteef jedhee Hewaaniin abaarsa armaan gadii kana hunda itti roobse:-

•Yeroo isiin ulfuuftu rakkina itti baay'isuu
• Ciniinsuudhaan akka deessu taasisuu
• san booda abbaa mana isii akka hawwitu gochuu(haati manaa abbaa manaa hawwuunis(jaalachuunis) abaarsa ta'uu isaati)
•Abbaa manaa jalatti buluu( abbaa manaatiif gabrittii ta'uu)

Kunoo "Sagaleen waaqayyoo" warra kiristiyaanaa akkana jedha:-

"Dubartittiidhaan immoo, “Yeroo ati ulfooftutti ani rakkina kee guddaa nan baay'isa; ciniinsuudhaanis mucaa in deessa; kana keessaa immoo abbaa manaa kee in hawwita, innis aboo si irratti in qabaata” jedhe. (Uumama 3:16)

Waaqayyoon kiristiyaanotaa Addamiinis abaarsa armaan gadii kana itti dhangalaase:-

• Sababa isaatiif lafti abaaramtuu ta'uu(akka waan lafti firee mukichaa nyaattee)
• dadhabee(ifaajee) akka nyaatu( ifaajanii nyaachuun abaarsa ta'uu isaati!).
•lafti qoraattiidhaa fi baalaanwaraante akka itti biqilchitu
• innis waan lafaa biliqilu akka nyaatu.
• akka inni biyyoo ta'u
• Dhama'ee akka buddeena nyaatu(abaarsatu jalaa dhume fakkaata yaaduma wal fakkaataa irra deddeebi'a)

Egaa waaqayyoon kiristiyaanonni " inni jaalala" nuun jedhan akkanatti abaarsa Rooba kunoo dubbifadhaa

"Waaqayyo amma immoo namichaan, “Ati dubbii haadha manaa keetii waan dhageesseef, ija mukichaa isa ani ‘Hin nyaatin!’ jedhee si abboomes waan nyaatteef, lafti sababii keetiif abaaramaa in ta'a; atis bara jireenya kee hundumaatti
itti dadhabdee isa irraa in nyaatta.
Inni qoraattiidhaa fi
baalaanwaraantee
siif in biqilcha, atis biqila lafaa in nyaatta. Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti hamma deebituttis,
dhamaatee dafqitee buddeena in nyaatta” jedhe. (Uumama 3:17-19)

Egaa akka kiristiyaanonni nuun jedhanitti kaayyoon Yesuus dhufee fannifameef keessaa tokko abaarsa armaan olitti waaqni Addaamiifi heewanitti roobse kana hanbisuudha. garuu abaarsi kun hafeeraa?

1) Dobartoonni Yeroo ulfaa cinqamuun hafee?
2) Yeroo ulfaa ciniinsuun da'uun hafee?
3) saba booda dubartoonni abbaa manaa isaanii hawwuu dhiisanii?
4) Dubartoonni abbaa manaa jalatti buluun hafee?
6) Dachiin qoraattiidhaa fi
baalaanwaraantee baasuu dhiiftee?
7) Namni ifaajee nyaachuun hafee?
8) namni du'ee biyyetti deebi'uun hafee?
Abaarsa isin jettan kanniin keessa kan " fannoo yesuusii isa jettan saniin hafe isa kamni? bu'aan fannifamuu yesuusin argame maali? Kun kan agarsiisu seenaan fayyinaa fannoo yesuusin wal-qabatu seenaa bu'uura hin qabne ta'uu isaati.osoo dhugaa ta'ee wantoonni kunniin mirkanaa'uu ture.

Fannifanuun Yesuus kan abaarsa biyya lafaa sirraa hin habmbisin abaarsa biyya du'aan booda jalaa gonkumaa si fayyisuu hin danda'uu osoo lafti sitti hin dhihin yeromaan fala laalladhu.

Qopheessaan Jamaal kadiir.
@Jemal89
Audio
Garaa garummaa Waaqa tokkichaa fi Yesuus
🎙Jamaal Kadiir
@Jemal89
"Waaqa" nabiyyiin isaa isa shakku"
____
Ki
ristiyaanonni Yesuus " waaqa guutuu nama guutuu" jedhanii amanu jechi akkana jedhu Baaybilii keessatti iddoma tokkottis kan hin argamne ta'uu waliinuu.

akka isaan amananitti Yesuus osoo addunyaan hin uumamin osoo barri hin lakkaawamin uumama dura Waaqa abbaa jedhamu irraa dhalate(¹), sana booda ilma namaa fayyisuuf foon uffatee(²) (fooniim walitti tokkoome)² biyya lafaa irra jiraate, xumura irratti himannaa Yihuudotaatiin Mootii Roomaatiin fannifamee akka ajjeefamu itti murteeffamee fannifame! Jedhanii amanu.
Kiristiyaanonni "Yesuus Yeroo gara lafaa dhufetti Namiyyiidhas;(3) ergamaa waaqaqatis;(4) Masiihis(5)(kiristoosis) namallee(6) waaqallee(7) jedhanii amanu.

Nuti amataa isaanii kana bu'uura godhannee mee gaafii tokko isaan haa gaafannuu:

•Yoo Yesuus dur irraa jalqabee waaqa ture,erga nama ta'een boodas waaqummaan isaan yoo isuma waliin jiraate, nabiyyoota isa dura ergaman hudaa isatu ergee?

Yoo deebiin keessan eeyyeen kan jedhu ta'e ,nabiyyiin inni ergee isa hin beekne gonkumaa jiraachuu hin qabu. yoo nabiyyiin Yesuus masiihin(kiriistoosin) ta'ee gara fuulduraa akka dhufu hin beekne jiraate Yesuus waaqa nabiyyoota ergaa ture sana hin turre jechuudha.

Yoo deebiin keessan lakki nabiyyoota Yesuus dura darban Yesuusii miti kan ergaa ture jettanis Waaqummaa Yesuus kuffiftanii jirtu. Waaqni dhugaa tokkichi waaqa Yesuusin dura Nabiyyoota ergaa ture sana qofa waan ta'eef.

Nabiyyoota Yesuusin dura ergaman keessaa tokko Yohannis cuuphaadha. inumaayyu Yesuus mataan isaa Yohannis cuuphaan Nabiyyoota hunda irra akka caalu ragaa baheefi jira. Wangeelli Maatewos 11:11 akkana jedha "Dhuguman isiniin jedha, nama ta'ee lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala"

Nabiyyiin guddaan Yesuus Ragaa baheef kuni garuu hanga xumura jireenya isaatitti Yesuus Masihiin(kiriistoosiin) ta'u isaa ni shakka ture.

Yaada kana wangeelli Maatewos 11:2-3 irratti akkanatti ibsame jira: "Yohannis cuuphaan utuu mana hidhaa jiruu, hojii Masiihichi hojjete hundumaa dhaga'ee, karaa bartoota ofii isaatii Yesusitti dhaamsa ergee, “Kan dhufuudhaaf jiru si'i moo? Yookiis kan biraa eeggannu?” jedheen."

Egaa keewwanni kun ifaan ifatti akka agarsiisutti Yohannis Yesuus masihiin ( kiristoosin)ta'uu isaa irraa shakkii qaba.

•Osoo Yesuus kan waaqa ta'u taatee Yohannisiin Yesuusin ergame akkamitti "Waaqaa ofi"( Yesuusin ) wallaala?

• Yoo yesuus waaqa ta'e Yohannis Cuuphaan gantuu(kaafira) ta'uun dirqama. Waaqa shakkuun gantummaa waan ta'eef.

dhugaan jiru ammoo Yesuusitu Waaqaa miti innuu Yohannis Nabiyyoota hundumaa irra caala jedhee ragaa isaaf baheera waan ta'eef .

__
1)
Yaanni kunis Ragaa ifa ta'e hin qabu.
2) dhimma kana irratti kiristiyaanota jidduu garaa garummaa guddatu jira.warri Ortodoksii Waaqafi foon maariyamii irraa uumametu walitti tokkoome(ተዋሐደ) jedhanii amanu pirotestaantonni gariin ammoo "Yesuusin waaqa ture Osoo fooniin walittis hin makamin osoo irraahis adda hin bahin foon qabeenya ofii godhate jedhanii amanu. Gariin isaanii ammoo akkuma Daawwitii keessatti namni mul'atu Yesuusin waaqa tures Foon namaa keessatti mul'ate jedhu.wal-dhabbiin dhimma kana keessatti kiristiyaanota jidduu jiru hedduudha.
3) Maarqoos 6:4
4) Yohannis 17:3, 5:30...
5)Matewoos 23:10
6) Yohannis 8:40
7) Yaanni kunis ilaalcha dogoggoraa Ragaa qabatamaa hin qabneedha.

@Jemal89
Baaybiliin Yoo dogoggoru:-

Baaybiliin yoo dogoggore hin gufatu,afaaniifi funyaaniin kufee miila lamaaniin samitti dhaabbata malee; Namni tokko osoo haala kanaan kufee,yoo fira kee ta'e kufaatii irraa isa baraaruun waan siif hin mijanneef harka lamaan mataa irra kaayattee "ana haa nyaatu fira koo! "jettee gadditaaf, yoo diina kee ta'e ammoo osoo ati quba hin qabne kolfi afaanii si utaalee Qishee buuta. Wanti Baaybilii mudates kanuma.
Kiristiyaanonni Waaqa meeqaaf sagadan?
1) Abbaa, ilmaaf, Hafuura Qulqulluuf. Ni sagadu(jarri kunniin tokko yemmuu ta'an sadih sadih yemmuu ta'anis tokko) yoo isiniif galuu baate icciitidha!
2) "Waaqayyoon kan deesse" Maariyaamidhaaf ni sagadu! (dhuguma waaqa yoo kan deessu ta'e kan waaqeffatamuu qabduuyyu isii ta'uu qaba) Waaqa deessee sagada dhabdii ree! Waaqa dubartiin deesse waaqeffachuu irra Rabbiin nu haa hoflchu dhiiroo!
3."Fannoo Yesuus itti fannifameef ni sagadu" mukni sunis waaqa baate maalif sagada dhaba jedhaniiti. Ani kan jedhu mukni wa'ii osoo abbaan kee irratti fannifamee argitee muka san gammachuun dhungattee sagaddaaf moo dallansuun fuutee ibidda keessa buufta! Egaa kiristiyaanonni muka waaqani isaani itti Rarraafamee du'e sana caalaa waan jaalatan hin qaban.kanaaf isumaafuu akka waaqatti sagadamaaf Rabbiin salphina akkanaa nu hin mudin.

Kadhata Yeroo hundaa ilaali.
@Jemal89
Forwarded from Vedio
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
«ነብዩ ሙሀመድ ክርስቲያን ነበር» ለሚለው የተሰጠ ጋራሚ መልስ።
@Jemal89
Forwarded from የሙቃረናህ ድኅረ ምሩቃን ግሩፕ
ኢየሱስ
"ነገረ ክርስቶስ"Christology"
https://youtu.be/7oao4CB_JSk
ከሴትስ የተወለደ አምላክ ይሆን ዘንድ እንዴት ይችላል?

በመጽሐፍ «ቅዱስ» እይታ፦
ሰው በእግዚአብሔር ፊት ጻድቅም ንጹሕም መሆን አይችልም። እግዚአብሔር ዘንድ ሰው ብስብስ ስሆን የሰው ልጅ ደግሞ ትል ነው።!! አብረን እንይ:-«ሰውስ በእግዚአብሔር ፊት ጻድቅ ይሆን ዘንድ፥ከሴትስ የተወለደ ንጹሕ ይሆን ዘንድ እንዴት ይችላል? እነሆ፥ ጨረቃ እንኳ ብሩህ አይደለም፥ከዋክብትም በፊቱ ንጹሐን አይደሉም።ይልቁንስ ብስብስ የሆነ ሰው፥ትልም የሆነ የሰው ልጅ ምንኛ ያንስ!»ኢዮብ 25:4-6

በመጽሐፍ ቅዱስ አስተምህሮ፦
ሀ)  ሰው በእግዚአብሔር ፊት ጻድቅ መሆን አይችልም።
ለ) ከሴት የተወለደ በእግዚአብሔር ፊት ንጹሕ መሆን አይችልም።
ሐ) ሰው ብስብስ ነው።
መ) የሰው ልጅ ትል ነው ።

ከላይ ያስቀመጥኩት የመጽሐፍ «ቅዱስ» አስተምህሮ የክርስትናን ስር መሰረት የሚንድ ትልቅ መዶሻ ነው ። እንዴት ማለታችሁ አይቀርም ።
በመጽሐፍ ቅዱስ አስተምህሮ፦
1) ኢየሱስ ከሴት ነው የተወለደው(¹)።
2) ኢየሱስ ሰው² ነው።
3) ኢየሱስ የሰው ልጅ³ ነው ።


መደምደሚያ ።
1) በ() ቅድመ ሁኔታ መሰረት፦«ኢየሱስ በእግዚአብሔር ፊት ጻድቅ መሆን አይችልም።»

2)በ()ቅድመ ሁኔታ መሰረት፦«ኢየሱስ በእግዚአብሔር ፊት ንጹሕ መሆን አይችልም።»

3) በ() ቅድመ ሁኔታ መሰረት፦«ኢየሱስ ብስብስ ነው።»

4) በ() ቅድመ ሁኔታ መሰረት፦«ኢየሱስ  ትል ነው ።»

ጥያቄ፦
•በእግዚአብሔር ፊት ንጹሕ እና ጻድቅ እንኳ መሆን የማይችል ብስብስና ትል የሆነው ኢየሱስ ከእግዚአብሔር ጋር እኩል ሆኖ እንዴት እግዚአብሔር  ልሆን ይችላል?
• በመጽሐፋችሁ  ከሴት የተወለደ እንዴት ንጽሕ ልሆን ይችላል ተብሎ ሳለ፤ እናንተ ከንጽሕናም አሳልፋችሁ እንዴት አምላክ አደረካችሁት? ወይስ ኢየሱስ ንጹሕ መሆን ባይችልም አምላክ መሆን ይችላል ብላችሁ ነው?  እንግዲህ እኔ መጽሐፉ ላይ ያነብብኩትን ስላልገባኝ እንደ ወረደ አቅርቤ ጥያቄ የሆነብኝ ጠየኩኝ እንጂ ከራሴ አንዳች ነገር እንዳልተናገርኩኝ ሊታወቅ ይገባል፦ ስለዚህ መልስ ካላችሁ መመለስ ትችላላችሁ። መልስ ከለላችሁ እንደለመደባችሁ።ወደ ጎግል ጎራ ብላችሁ እስልምናን የሚትተቹበት  ተመሳሳይ ነገር ካገኛችሁ ፈሊጉ¡፣ እስልምና መተቸት ለክርስትና መልስ መሆን ከጀመረ ተሰነባብዋልና።

__
¹)  ገላትያ4:
4: «ነገር ግን የዘመኑ ፍጻሜ በደረሰ ጊዜ እግዚአብሔር ከሴት የተወለደውን ከሕግም በታች የተወለደውን ልጁን ላከ፤»
²) ዮሐንስ 8:40: «ነገር ግን አሁን ከእግዚእብሔር የሰማሁትን እውነት የነገርኋችሁን ሰው ልትገድሉኝ ትፈልጋላችሁ፤ አብርሃም እንዲህ አላደረገም።»
³)ዮሐንስ5:27: የሰው ልጅም ስለ ሆነ ይፈርድ ዘንድ ሥልጣን ሰጠው


@Jemal89
2025/02/23 16:06:27
Back to Top
HTML Embed Code: