Telegram Web Link
ABDII SABAA
#Video Asbeks Qarshii 10,000 eenyutu injifate! Haala ho’aan eegamaa ka ture, waldorgommii Asbeks, injifataan marsaa kanaa barameera! Waldorgommii Asbeks geggeeffamaa ka ture hojjetaan Mulugeetaa Darajjee Roobaa qabxii 6,122,571 galmeessuun qarshii 10,000…
Waldorgommii Asbeks – Qarshii 10,000 haala salphaan injifadhaa!

Asbeks badhaasa garaa garaa kennuun hojjettoota isaa jajjabeessa. Amma immoo, nama marsaa kana tokkoffaa ta’eef qarshii 10,000 badhaasa!

Marsaan kun adda – ulaagaa tokko malee, namni 1ffaa ba’e ni injifata. Namoonni Sadarkaa 2 haga 50ffaa akkuma duraatti qarshii isaanii baafachuu danda’u. Sagantichi April 17 goolabama sababa ta’eef ammallee carraan injifachuu keessanii ballaadha!

Ergaa injifataa marsaa darbee! 🫴 https://www.tg-me.com/ABDII_SABAA/18032

Injifachuuf 1ffaa ta’uu qofa gaafata!


Eegalaa – Asbeks kuufachaa Qarshii 10,000 mo’adhaa!

Eegaluuf @asbeksplatform hordofaa!


Akkaataa itti eegalan @asbeksplatform seenuun maxxansa jalaa hidha Start Now jedhu cuqaasuun Asbeks eegaltu. Akka Asbeks keessan isiniif banee bakka “Earn Asbeks” jedhu tuqxu sanbooda wanta isiniif dhufu cuqaastu! Sanbooda Asbeks keessanitti deebitu.

Bifa kanaan erga Asbeks walitti qabattanii Claim ka jedhu tuquun Asbeks kuufattan galmeeffattu.

Sadarkaan keessan hamma Asbeks qabdaniin osoo hin taane amma isin “Earn Asbeks” click gootaniin “Reward Clicks” keessaniin isiniif kaawwama!

CARRAA GAARII!

Asbeks Waliin Fuulduratti!


📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Shakkamtooti Piraankii hojjechuun ummata dogoggorsan to’ataman!

Shakkamtoonni uffata dambii Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfiinnee fakkaatu uffachuun ummata dogogorsaa turan to’atamuu Poolisiin Magaalichaa beeksise.

Shakkamtoonni kunneen uffata Dambii fakkaatu uffachuun akka hojjetaan Abbaa taayitichaa hojmaata seeraan alaa raawwatee fakkeessuun beeksisa Suuqii hojjechuu isaanii Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayrektarri Hariiroo Ummataa Komaandar Maarqoos Taaddasaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Namoonni kunneen haala kanaan jiraattoota hedduu dogogorsiisuu eeraniiru.

Yeroo ammaa to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu dubbataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Komii

Barattoonni Yuuniversitii Haramaya Rakkoo Nyaataa Irratti furmaata Gaafatanii Jiru

Barattoota Yuuniversitii Haramaya yeroo ammaa rakkoo nyaataa guddaa keessa jirra jedhan.

Barattoonni yunivarsiitii haramaaya mooraa Gandajee irraa gaaffii fi rakkoo isaanii miidiyaa @Abdii_Sabaa f ibsanii jiru. Akka barattoonni kun jedhanitti erga baajatni fooyya’eera jedhamee jalqabee, qulqullinni nyaataa isa durii irraa gadi bu’eera akkasuma schedule nyaataa seeraan eegamaa hin jiru.

“Kaleessa irraa jalqabee sababa ibsaatu bade kan jedhuun, barattoonni qursii, laaqanaaf, makaroonii (ruuzii), fi buddeen walakkaa bifa suuraa irraa mul’atuun kennamaa jira. “ kan jedhan barattoonni komii qaban miidiyaa @Abdii_Sabaa f dhiheessan, “Gaafa sababa gaafannus, sababa ibsaan baderfi nuun jedhan, Barattoonni Musliimaas guyyaa guutuu tsoomaa oolanii kanumatu kennama” jechuun raakkoo uumamaa jiruuf komatan waywaataniiru.

Barattoonni kun, rakkoon isaanii akka furamuuf qaamni dhimmisaa ilaallatuufi hooggantooti tarkaanfii fudhachuu qabus jedhaniiru.

Rakkoon nyaataa rakkoo waltawaa Yuunivarsitiilee hedduu keessatti irra deddeebiin ka’udha. Furmaata waltaawaa taasisuufis ministeerri barnootaa yaalii meenuu nyaataa sirreessuuf taassise milka’aa waan hin jirre fakkaata.

Mooraa keessanittoo akkami haalli nyaataa? Fooyya’iinsi jiramoo hin jiru? Meenuu haaraan furmaata hagam fide?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Barattoonni Yuuniversitii Bulee Horaa Rakkoo Qoricha Ga’aan Dhibuu nu mudachaa jira jedhan

Dhibee garaa kaasaa
Yuunivarsitii Diillaa.

Yuuniversitii Bulee Horaatti barattoonni mana yaalaa mooraatti rakkoon qoricha ga’aa argachuu dhabuu jiraachuu miidiyaa @Abdii_Sabaa f gabaasan. Moorichatti barattoonni qoricha argachuuf, maallaqa isaanii fayyadamuun faarmaasii alaa irraa qoricha bituuf dirqama itti ta’ee jiraachuu himuun qaami dhimmi ilaallatu rakkoo kana qorachuun furmaata akka kaa’u gaafataniiru.

Dabalataan Yuunivarsitii Diillaatti sababa qulqullina dhabuu nyaataaf barattoonni dhibee garaan hubamuu gabaasaniiru. Akka barattoonni gabaasanitti moorichatti qulqullina dhabuu nyaataa irraa ka’uun barattoonni hedduun dhibee garaa kaasaan miidhamaa jiru.

Rakkoo fi yaaddoo barattoonni kaasan kanaafis furmaati akka qaama dhimmi ilaallatuun kennamu barattoonni cimsanii gaafataniiru.

#Diillaa #BuleeHoraa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Rakkoo hawaasa keessa jiru kamiif karaa @Abdiisabaadm ragaa waliin qindeessuun nuuf ergaa!! Dabalataan qaamni dhimmi ilaallatu kamuu komii hawaasaa miidiyaa @Abdii_Sabaa irratti maxxanfamu kamiif deebii keessan ragaawwan dhimmichi akka isin ilaallatu mirkaneessan nuuf erguun karaa @Abdiisabaadm nu qunnamtanii komii ka’uuf ibsa ga’aa Kennuu ni dandeessu.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa maraati, miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa furmaataafi Walabaati!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Rakkoolee Barattootni Yuunivarsitii Hawaasaa mooraa Awaadaa miidiyaa @Abdii_asabaa f dhiheessan

Barattoonni Yuunivarsitii Hawaasaa, mooraa Awaadaa rakkoolee gurguddoo qaban miidiyaa @Abdii_asabaa f ibsaniiru. Barataa eenyummaan isaa akka hin dhahamne barbaade tokkoo, rakkoon kunnniin haalaa barnootaa fi jireenya isaaniif rakkisaa ta’uu isaa dubbate.

Rakkooleen barattootaan Ka’an:


1. Nyaata Dhabuu:
Ministeera Barnootaa gatii mallaqa nyaataa haaraa labseera, ta’us meenuu nyaataa ilaalchisee kan ministerri barnootaa ifoomsee fi kan moorichi ittiin dhiheessan kan Wal hin ginnedha.haalli kun ammoo barattoota miidhaa jira jedhameera

2. Rakkoo Fayyaa fi Mana Yaalaa:
Yeroo barataan mana yaalaa mooraa seenu, qoricha alaa (pharmacy ) mallaqaa keetiin bitadhu jedhamuun barataatti himama. Haala kanaan furmaata fayyaa dhabuun barattoota rakkisaa jira. Akka barataan nu dubbise ibsetti “erga mooraa kana seennee gonkumaa dhibee feete dhibamtee Mana yaalaa yeroo deemte qoricha alaa maallaqa keetiin bitadhu siin jedhu, iddoo nu jirru jechuun damee saayinsii Hawaasaa mooraa awaadaati dhukubni bussa barattoota irra deddeebi’ee miidhaa jira, barattoonni yaalaa gahaa ta'e argachuu dhabuun rakkacha jiru”

3. Bishaan Dhabuu:
Bishaan mooraa Yuunivarsitii Hawaasaa baay’ee xiqqaadha. Haalli qilleensaa ammoo hoo’aadha, “dhimmi bishaan Ammoo dhimma hunda caalaa rakkisaa ta'edha haalli qilleensaa baayyee ho’a waan ta'eef shaaworiin dura yeroo nu mooraa kana sennu irraayyuu gonkumaa hin jiru, dhiheenya kana garuu duraan baaldii fayyadamnee shaaworii fudhachaa turre Amma bishaan baduun baayyee rakkachaa jirra”

4. Ifaa Dhabuu:
“Ifaan mooraa kanatti guyya ni jira jedhame guyyaatti yeroo Kudhan badaa deebi'a, yeroo baayyee yoo bade osoo hin deebi'in guyyaa lamaafi sana oliif tura” jechuun barattoonni komii qaban dhiheessaniiru.

Rakkooleen haala baruuf barsiisuufi jireenya barattoota Yuunivarsitii biyyattii keessatti argaman huban , kan akka nyaata, fayyaa, bishaan, fi kanneen kana fakkaatan qaama dhimmi ilaallatuun furmaati akka kennamu barattoonni irra deddeebiin gaafatu. Rakkoowwan kunniin rakkoo mooraa Yuunivarsitiilee biyyattii hedduutti mullatudha!

Mooraan keessan rakkoo walfakkaataa qabaa? Bakka yaadaatti katabaa.

#Hawaasaa

Rakkoo hawaasa keessa jiru kamiif karaa @Abdiisabaadm ragaa waliin qindeessuun nuuf ergaa!! Dabalataan qaamni dhimmi ilaallatu kamuu komii hawaasaa miidiyaa @Abdii_Sabaa irratti maxxanfamu kamiif deebii keessan ragaawwan dhimmichi akka isin ilaallatu mirkaneessan nuuf erguun karaa @Abdiisabaadm nu qunnamtanii komii ka’uuf ibsa ga’aa Kennuu ni dandeessu.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa maraati, miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa furmaataafi Walabaati!

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf
@Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Seenaa Aadde Birtukaan Tamasgeen jechuun kan EBS dhiyeesse akeeka siyaasaa kan qabu akka ta’e himame.

Qaama duula miidiyaa walirraa hin citne yeroo dheeraaf jibba uummata Oromoo irratti oofuutii jedhu namoonni yaada kennan.

Seenaan Aadde Birtukaan jedhame kana miidiyichi erga tamsaasee booda Youtube irraa kaasee jira.

Tamsaasa qophii kanaa hordofee duulli miidiyaalee fi aktiivistoota afaan Amaaraa dubbataniin Yunivarsiitii Dambidoolloo, uummata Oromoo bal'aa fi mootummaarratti godhamaa jira.

Miidiyaan seenaa aadde Birtukaan jedhee dhiyeesse Televishiniin EBS qophicha erga tamsaasee booda tooftaalee tamsaasaa isaarraa haqeera jira.

Duula marsaalee hawaasaa fi miidiyaalee garaagaraa isarratti godhamaa jiru hordofee Yunivarsiitiin Dambidoolloo ibsa baasee jira.

Saganticha irratti Birtukaan bara 2013 akka barattuu Faarmaasii waggaa 2ffaatti kan dhihaate yammuu ta'u, Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo bara 2012 muummee barnootaa Faarmaasii inumaa hin qabnuu jedhe.

Bara jedhame 2013 reefu muummee barnootaa Faarmaasii banuu kan hime Yuunivarsiitichi, Birtukaan barattoota bara sana Faarmaasii barachuu jalqaban keessas hin turree jedhe.

Hojichi maqa-balleesii fi gaafatamummaan kan itti hir’atee fi ragaa malee hojii hojjetame akka ta’e Yunivarsiistichi ibseera. Miidiyicha seeranin gaafadha jedha.

Birtukaan seenaa ishee yoo himattu waggaa lamaffaa barattuu muummee Faarmaasii gaaf turte halkan gaaf tokkoo barattoota kan biroo waliin dhukaasni Yunivarsiitii keessatti banamee ukkaamfamsuun gara bosonaa fudhatamuu himte. Leenjii waraanaaf barbaadamne jetti.

Garee hidhattootaa eenyummaan isaanii hin himamne kana bira waggaa tokkoo fi ji’oota jaha turuu kan dubbattu haati seenaa kanaa qaama daggalaa kanaan waggaa booda gudeedamuu ishee eerte.

Waggaa tokkoo fi ji’a jaha booda akkaataa hin ibsamneen gara Yunivarsiitii deebitee waldhaansa argachuu himatti. Achii booda sababa hin ibsamneen mooraa barnootaa dhiiftee karaatti baatee kadhachuuf dirqamuu dubbatti.

Boodarra Yunivarsiitiin ishee sun Finfinneetti gatanii jireenya karaarraa Finfinneetti eegaluu himti. Rakkoo isheen himattu kan gaaffii hedduu kaasu kana Televizhiniin EBS bifa diraamaan dabaalee dhiyeesse.

Birtukaan gaafa biyya ishee Gojjam Lixaa Sinaan irraa kaatee Yunivarsiitii imaltu maallaqni geejjibaaf qabatte birrii 300 jetti. Bakka isheen kaatee birrii 300’n Yunivarsiitii Oromiyaa geessu hin jiru.

Maaliif maqaa Yunivarsiitii eeruu hin feene?, EBS maaliif yunivarsiitii ishee hin gaafatin ykn dhoksuu filate? Yunivarsiitiitti yoo deebitu yunivarsiitichi barnootaa ishees akka itti fuftu maaliiif hin goone? Kanneen jedhan fa’i gaaffii hedduun gaafachaa jirani.

Yakki hagasii bakka of eeggannoo tokko hin jirretti irratti raawwatamee ulfa hin barbaachifneef saaxilamuu dhabuun ishee seenaa Birtukaan kan shakkiif saaxilu keessaa tokko dha.

Yakki kun irratti raawwatamuu isaa fi dhibee hamaaf saaxilamuu ishee ragaa mana yaalaatiin hin deeggaramne.

Yunivarsiitii isheen itti baradhe jetturraa waa heddu qulqulleessuu osoo danda’u EBS diraamaa hojjechuu maaliif filate? Yunivarsiitiin dhokfame kun yaada akka kennu carraa maaliif hin kennamneef?

Dhiibbaawwan akkanaa dubartoota irratti raawwataman ilaalchisee qaamolee nageenyaa akka poolisii fi dhaabbilee mirga namoomaarraa yaada fudhatuun gahee miidiyaa ture kan jedhan kanneen yaada kennan qophiin akkanaa miira hawaasaarratti dhiibbaa qabaatu madaalawee dhiyaachuu osoo qabu bifa gaaffii hedduu kaasun dhiyaachuun naamusa ogummaa kan hin eegne fi gaafatummaan kan itti hir’ate jechuun qeequ.

Sagantichi maaliif Youtube TV EBS irraa buufame kan jedhus gaaffii guddaa dha.

Kana hordofee duulli jibbaa miidiyaalee garaagaraatiin saba Oromoorratti oofamaa jira. Qophiin kun akeeka siyaasaa fi maallaqaa qabaachuu akka danda’u duulli godhamaa jiru ni agarsiisa. Duulli jibbiinsaa akkanaa waggoota darban uummata Oromoorratti godhamaa ture.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
#Update

Addaan citee kan ture tamsaasni #EBS yeroo ammaa debi’ee jira.

Dhimma kana irratti ibsa ballaa akkuma arganneen kan ifoomsinu ta’a.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Maaster Kaardiin eegalame.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Dhaabbata kaffaltii idil-addunyaa Maastar Kaardii waliin ta’uun sirna kaffaltii Maaster Kaardi eegalchiiseera.

Sirni kaffalttii bittaafi gurgurtaa idi-addunyaa raawwachuuf dandeessisu Maaster Kaardii Baankii Daldalaa Itoophiyaan eegalameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
#Update Addaan citee kan ture tamsaasni #EBS yeroo ammaa debi’ee jira. Dhimma kana irratti ibsa ballaa akkuma arganneen kan ifoomsinu ta’a. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#EBS

Ministeerri Barnootaa ragaa barnootaa Birtukaan Tamasgan ifa taasise.

Ministeerri Barnootaa Birtukan Tamasgan bara 2012 barattuu kutaa 12ffaa akka turte ibsee, qormaanni biyyoolessaa Guraandhala 29 hanga Bitooteaaa 02, 2013tti sababa weerara COVID-19 addunyaatiin akka kennamu taasifamu yaadachiise.

Kanuma waliin barattuun kun naannoo Amaaraa godina Goojjam Bahaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Mooxaa jedhamutti qormaata fudhachuun qabxii 392 galmeessitee, bara barnootaa 2013 Yunivarsiitii Haroomayaatti ramadamtee jedhe.

Haa ta'u malee, Yunivarsiitii itti ramadamte akka hin deemnee fi hin galmoofne hime.

Magaala Hawaasaa deemtee sagantaa ekisteenshinii galmaa'uun sagantaa digirii jalqabaa Yunivarsiitii Hawaasaa kutaa barnootaa Akkaawuntiingii fi Faayinaansii hordofaa turte jedhe.

Barnoota ishee osoo hin xumurin addaan kutuu ragaan yuunivarsiitii Hawaasaa irraa argame akka mul'isu ibse.

Faallaa kanaatiin sagantaa Televizhinii EBS irratti tamsa'e keessatti osoo gara Yuunivarsiitii Haroomayaa deemtuu barattuu biraa otobusiidhaan gara Yuunivarsiitii Dambidoollootti imalaa turte waliin wal arguun imala ishee gara Yuunivarsiitii Haroomayaa haqxee gara Dambi Doolloo imaltee Yunivarsiitii Dambi Doollootti barachuuf galmoofte kan jedhu dogoggoraa jedhe.

Hojimaanni akka kanaa hin jiruu jechuun ragaa barnootaa ishee ifoomse.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
2025/04/14 00:30:18
Back to Top
HTML Embed Code: