Telegram Web Link
#Oduu_Gaddaa
Haati manaa Artistii jaallatamaa Oromoo Andu’alam Goosaa, Moodel Qananii Addunyaa akka tasaa boqotte,

Haati warraa Artist Andu’alem Goosaa, Moodeel Qananii Addunyaa du’aan addunyaa kanarraa boqattee jirti.

Haati manaa Artist Andu’alem Goosaa Gamoo darbii shanaffaa irraa kufuun boqochuu ishee maddeen keenya irraa odeeffanneerra.

Moodeelaa Ol adeemtuu, abdii guddaan eegamaa jirtu Qananiin haala kanaan lubbuun darbuu ishee maatii, hiriyyoota, dinqisiifattoota isheefi kan abbaa warraa ishee hedduu gaddisiiseera.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa lubbuun darbuu haadha warraa Andu’alem Goosaaf gadda guddaa itti dhaga’ame ibsaa maraaf jajjabina hawwa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Poolisiin Magaalaa Finfinne du'a Qananii Addunyaa Waaqoo qorataa jiraachuu akkasumas Weellisaa Andu’alemiin to’annaa jala oolchuu beeksise.

Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa Gamoo Wuddaasee Manneen Sunshine Fuulduratti argamu keessa kan jiraachaa kan turte Qananiin, Bitootessa 1, 2017, halkan naannoo sa'aatii 10:00 tti, sababa hin beekamneen barandaa mana ishee gamoo 5ffaa irraa kuftee gara Hospitaala Yaaneet geeffamaa osoo jirtuu lubbuun ishee darbe.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee odeeffannoo kana akka argateen booda garee qorannoo ijaaruun bakka balaan kun itti dhaqqabe dhaquun odeeffannoo teeknikaa fi tooftaa barbaachisaa ta’een walitti qabuun reeffa nama du’ee kanaa gara Hospitaala Minilik IItti erguun qorannoo dabalataa akka ta’u taasifameera.

Poolisiin magaalaa Finfinnee kaadhima Weellisaa Andualem Goosaa kan taate Qananii Addunyaa Waaqoo yeroo isheen barandaa irraa kufte Andualemiin mana keessa ture sababa ta’eef , to'annoo jala oolchee qorachaa jira.

Poolisiin magaalattii bu'aa qorannoo xumuraa ummataaf akka ifa godhus beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Tigiraay Ammas gara waraanaatti deebi’uufii laata?

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay obbo Getaachaw Raddaa humni buqqaatonni kaayyoo siyaasaaf gara qe’ee isaaniitti akka hin deebine dhorkaa jiru Tigraay keessatti jeequmsa uumuuf yaalii gochaa jira jedhan.

Obbo Geetaachaw ibsa har'a kennaniin gareen kun buqqaatota galtee siyaasaaf fayyadamaa jira jedhan.

Adeemsa hidhannoo hiikkachuu fi deebisanii dhaabuu kan jeeqe gareedhuma kana akka ta’e ibsanii, kunis loltoonni duraanii gara jireenya idilee isaaniitti akka hin deebine godhuu himan.

Obbo Geetaachaw yeroo ammaa kana Tigraay karaa qaxxaamuraa irra dhaabbattee jirti jedhanii, Ummanni nagaa barbaada, gareen nagaa hin barbaanne hookkara uumuuf yaalaa jira jedhan.

Humni alaa ummata Tigraay balleessuuf halkanii guyyaa hojjechaa turellee garee kana waliin hojjechaa akka jirus ibsaniiru.

Rakkoo kana to'achuuf bulchiinsa yeroof gargaarsi mootummaa federaalaa baayyee barbaachisaa ta'uu obbo Geetaachaw Raddaa ibsaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Barattoota qormaata bahiinsaa kufaniif Ispeeshaal Dippiloomaatu kennama.

Barattoota qormaata bahiinsaa fudhatanii darbuu dadhabaniif Dippiloomaan Addaa akka kennamu ministeerri barnootaa marii irra jira.

Barattoonni qormaata bahiinsaa hin darbine Ispeeshaal dippiloomaa fudhachuuf qophiin taasifamaa jiraachuu odeeffannoon ministeericha irraa arganne ni ibsa.

Haaluma kanaanis barattoonni Ispeeshaal dippiloomaa isaanii fudhachuun sa’a fedhan erga qoramanii boodaa digirii isaaniis fudhachuu kan danda’an ta’a!

Murteen kunis haga yoonaatti hojiirra kan hin oolle yommuu ta’u, barattoonni eebbifamanii taa’uu osoo hin taane Ispeeshaal dippiloomaa isaaniin qacaramanii booda akka qoramaniifi hojiirra oolmaa isaaf marii ballaan taasifamaa jira jechuun odeessi keenya ministeericha irraa miidiyaa @Abdii_Sabaa f gabaaseera.

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Shaashamanneetti maaltu ta’e?

“Mana barumsaa Liidistaar magaalaa shaashamanneetti burjaajjii guddaatu ture!” Maatii miidiyaa @Abdii_Sabaa magaalattii irraa!

Shaashamannee mana barumsaa Liidistaaritti barsiisaan suuraan armaan olitti mullatu shamarree tokko irraa quraana butuun lafatti darbate jechuun barataan yeros bakka sana ture nuuf gabaaseera. Kanuma sababeeffachuunis bakkichatti jeequmsi guddaan uumamee ture jedha odeessi keenya kun.

Barattoonnis gocha barsiisaa kanaa mufachuun hiriira nagaa taasisaniiru.

Qaamni seera eegsisu battaluma sanaan taatee mudate kana qabbaneessuufis yaalii taasiseen Daayirektarri mana barumsichaa kan hidhame yommuu ta’u, barsiisaa gocha kana raawwate garuu miliquun yeroo ammaa barbaadamaa jira!

Akka barattoonni miidiyaa @Abdii_Sabaa f gabaasanitti barsiisaan kun yeroo barattoonni hiriira taassisanitti kara duubaan miliqee bade jedhaniiru.

Tibba kana biyyattii keessatti walitti bu’iinsa amantii kaasuuf bifa qindaa’aan waan dalagamaa jiru fakkaata sababa ta’eef mootummaan dhimma kana dafee tasgebbeessuu qaba jechuun qaamni hawaasaa garaa garaa yaada isaanii ibsachaa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Miidiyaa @Abdii_Sabaa adda ka taassiisu garee mara ija tokkoon ilaaluu yommuu ta’u kaayyoon isaa guddaan akka sabaatti miidiyaa guddaafi giddu galaa ta’e dhabuun hanqina uumamaa ture guutuudha.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa ragaa waliin qindeessuun karaa @AbdiiSabaadm kan qunnamtan taanaan taatee uumamu kamillee qulqulleeffachuun wanta mudate ka gabaasu ta’a!

Qaamni marti eeruu haqaafi ragaa waliin qindaa’aa ta’e qabachuun miidiyichaaf erguun ga’ee isaa ba’achuu ni danda’a.

Rakkoo bakka tokkotti mudate yeroo gabaasnutti gareen biraan kan kiyya malee akka hin gabaafamne ilaalcha jedhu qaba taanaan giddu galummaa miidiyaa kanaa kan hambisu ta’a! Qaamni qeeqa akkasii fidus yeroo taateen mudatetti eeruu osoo miidiyichaaf hin kennin taanaan hanqina kana sirreessuun barbaachisaadha.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa walqoodiinsaafi waljibbiinsa qoodamiinsa kamiin ummata Oromoo gargar baasu cimsee kan balaaleffatu ta’a!

Miidiyaa kana miidiyaa giddu gala taassisuufis namni marti ga’ee isaa ba’achuu qaba.

Miidiyaan alagaa dhiigaafi bo’icha ummataaf kan hin dhaabbannee ta’uu seenaa keessatti irra deddeebiin arginee kan jirru yommuu ta’u, miidiyaan @Abdii_Sabaa daa’imaa haga Jaarsaa, barataa haga barsiisaafi, ummataa haga hooggantootaatti mara ija walqixxeefu garaa haadhaa garaa Oromummaan kununsuun miidiyaa tokkummaa ummataafi quuqama sabasaa akkasumas guddina biyya isaa mirkaneessuuf onnatee hojjechaa jiruufi hojjechuuf itti fufudhas! Kanas waggoota muraasa gidduutti hojiin miidiyichi hojjechaa ture ragaadha.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa xiqqaa guddaa, barataa barsiisaa, hoogganaafi hoogganamaan marti akka madda odeeffannoo haqaatti giddu galummaan itti fayyadamuufi miidiyaa erga hundeeffamee tokkummaa sabaa, mirga ummataafi haqaaf dhugaa diriirsuuf tattafataa jiru ta’uu ummati ragaa ba’uufiifi miidiyaa miidiyoota jiran irraa marartii sabaaf qabuuf galateeffamudha.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa ummata Oromoo guutummaa addunyaa irra jiraniif aarsaa guddaa kaffaluun odeeffannoo dhugaa ta'e qofa soqee, qoree, sassaabuun bifa kanaan dura hin baraminiiniin ariitiifi si'aa'inaan halkaniif guyyaa osoo hin jedhin dhiheessaa kan turedha.

Keessumatti rakkoolee dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti ilmaan oromoofi saboota biroo mudatan irratti kan xiyyeeffate miidiyaan @Abdii_Sabaa, Abbaa, haadha, obboleessa fi ollaa ta'uun fala barbaaduu irra darbuun maatiifi barattoonni wal irraa fagaatanii jiranus gaafa rakkoo gama miidiyaa kanaan akka waan walbira jiraniitti odeeffannoo qulqulluu dhiheessuun rakkinoota isaan qabaniif kallattii furmaata itti argatan haala mijeessaafii kan turedha. Kun hundi milkaa'uu kan danda'es yeroo xiqqaa keessattidha.

Hojjettoonni Miidiyaa Abdii Sabaa halkaniifi guyyaa mooraa yuunivarsitii mara keessatti miidiyaa Oromoo addunyaan fakkeenyummaa irra fudhachuu danda'u hundeessuuf dadhabeera osoo hin jedhin tattaaffii cimaa taassisaa jiru.

Karoorriifi kaayyoon Miidiyaa Abdii Sabaa kun fiixaan ba'aa jiraachuu kan mullisus namoonnii Afaan keenya Afaan Oromoo hin dhageenye dhibbantaa 20% ta'an miidiyaa kana hordofuu isaaniiti.

Yaadaafi qeeqa akkasumas eeruu kamiif miidiyaa giddu galaafi Seekulaar ta’e kan amantaa, Ilaalcha siyaasaafi garee kamiin Saba kana gargar hin qoodne karaa @AbdiiSabaaDm qunnamaa!

Qulqullina odeeffannoofi qindaa’ina eeruu irratti hundaa’uun taatee dhugaa guutuu biyyattiitti ta’uufi yaada furmaataa tokkummaa ummataa eegu kamuu kan gabaasnu ta’a.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa Walabaati, miidiyaa sabaati.

Bakki miidiyaa bakka itti akka sabaatti itti kufnee turredha, miidiyaa kanaanis lafa kufnee ni kaana.

Saba guddaa waan taaneef miidiyaa guddaafi giddu gala ta’e nu barbaachisa, saba guddaa waan taaneefis miidiyaa guddaatu nuuf mala!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Halkan Naannoo sa’a 4:00 tti kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 5.1 galmaa’eera.

Bakka yaadaatti isin biraa mudateera taanaan haala naannoo keessan ture ibsaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2025/04/15 10:58:40
Back to Top
HTML Embed Code: