Telegram Web Link
"Anaaf biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane; eenyummaa har'aati."

Kun anaaf ilaalcha kooti. Keessan hin beeku. Garuu hanga dubbistee xumurtutti osoo maaliyyuu jechuu dhiiftee natti tola.

Anaaf biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane eenyummaa har'aati.
Namoonni hedduun anuma dabalatee seenaa abbootii keenya kaleessaa; gootummaa,arjummaa,sab-boonummaa fi tokkummaa abbootii keenya kaleessaa himaa; kufaatii, dadhabina, dabeessummaa fi ofitti qaanfannaa keenya har'aa haguuguuf tattaaffanna.
Seenaa abbootii kaleessaatiin dhaadachuun yoo ofiifis bakka jarri turanirratti argaman; "nutis akkuma abbootii keenya kaleessaa...... akkas akkas goone." jedhanii dhaadachuuf bareeda. Malee har'a ofii gogaa saree uffannee isa kaleessa abbootiin keenya gogaa leencaa uffatan himna taanaan sirrii natti hin fakkaatu. Sababni isaas abbaan kee leenca ta'ee gogaa leencaa uffatus ati gogaa saree uffachuurraa hanga of hin baraarretti ati ammas sareedhuma.

Fakkeenyaaf biyyi tokko waggoota 100n dura jiraattonni biyyattii gootota,mootota, hayyoota,... yoo ta'an; yeroo sanatti biyyattiin "haadha goototaa, moototaa, hayyootaa,... "jedhamtee waamamuu dandeessi. Garuu har'arratti ilmaan biyyattii doofota, dabeessota, bitamtoota,... yoo ta'an; biyyattiin seenaadhuma isa kaleessaatiin har'as "haadha goototaa, hayyootaa, moototaa,..." jedhamtee waamamti osoo hin taane; ilmaan isii har'aatiin "haadha doofotaa, dabeessotaa, bitamtootaa,..." jedhamtee waamamti. Sababni isaas biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane jiraattota har'aati. Kan kaleessaa lafa jala malee lafa irra hin jiru. Kan lafa jala jiru ammoo gabbina biyyaa fi biyyeetiif galtee ta'a malee eenyummaa biyyattii har'aa ta'uu hin danda'u.


Habiibii/Habiibtii hin gowwomin. Anuu bara danuun gowwomeetii.
Bagan kufes bagan ka'es, Kan billaan natti fiiges kan finyoon natti fiiges argeera jette saani kuftee!
Abbootiin keenya lolaa fi injifannoo sana kan galmeessan isin akka faarsitaniif qofa osoo hin taane, ati miila isaanii hordoftee injifannoo fi lola mataa keetii akka galmeessituuf.

#Demosthenes

@A4mulaa_jireenyaa
Gaaffilee Jireenya Milkaa'inaa Jiraachuuf Nama Kakaasan:

❏ Gaaffileen jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha. 
⁃ Ani eenyu ?
⁃ Maalifan Uumame?
⁃ Ergamni koo maali?
⁃ Karoorri koo maali?
⁃ Mul'anni koo maali?
⁃ Kaayyoon koo maali?

√ Eessaan dhufe?
√ Eessan Jira?
√ Eessan Deema?

√ Har'a maalin hojjedhe?
√ Maal hojjechuun qaba?
√ Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira?

❏ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi!

√ Your Future is on your hand!
√ Success is behind you!


JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam
Ibsituu jireenya koo
Kan gaafa rakkoo baatuu
Onneen kiyya michuu koo
Si malee ormaan naatuu
~
Boriif akeekeen deema
Yaadadhee kaleessa koo
Karaa hundumaa seentee
Dhuunfatteetta keessakoo
~
Abbaan barbaade jibbaaf
Nutti darbatus hokkoo
Gonkumaa addan baanuu
Nu lamaan dhiiga tokkoo
~
Hunda keessaa filattee
Onneen koo sumaaf naatii
Sin fedha sin jaalladhaa
Ati anaaf waan hundaatii..❤️‍🔥🫶
Kiya culture clothes 👕👗🧥
Address: jimma merkato abajifar building 2nd floor room no 202
Call 📞 0986481288 / 0917019756
@kiyacultureclothes
For more information
https://www.tg-me.com/kiyaculturecolthes
🆕 Dhaabbanni hulepay haga April 27 tti gatii affeerraa nama tokkoof qarshii 1 ture, gara qarshii 3tti ol guddiseera.

Kunoo linkii gadiin seenuun namoota affeeraa qarshii danuu hojjedhaa!👇👇

https://www.tg-me.com/hulepay_official_bot?start=r0158985235

Step 1 :-

Jalqaba link kana tuquun Start tuqaa!

https://www.tg-me.com/hulepay_official_bot?start=r0158985235

Step 2 :-

Channel lamaan isiniif dhufan join taasisaa! Sana booda «Check» kan jedhu tuqaa!

Kaffaltii karaa Telebirr kan fudhattan yoo ta'u, Referral link keessan namaaf erguun qarshii hedduu hojjechuu dandeessu!

Nama tokkoon birrii sadi kan kaffalu yoo ta'u, akkasumas guyyaa guyyaadhaan bonus qaba!
Guyyaa tokko Ollaan Mullaa Nasruddiin mana Nasruddiin deemuun..."Adaraa Harreekee naaf ergisi, Gabaan waa ittiin geeffadhaa...." jedhaan.
Mullaa Nasruddiin "Namichi Bishaan gamaa si dura dhufee ergifatee deeme." Jedhaan.

Gidduuma kanaan Harrichi mana boroo Iyya. Yeroo kana namichi inni ollichis "Osoo harreen kee halaaktuu dhaga'aan jiraam jedhe namichi."

Mullaa Nasruddiin "Anaaf Harree koo keessaa kamiin amanta?" Jedheen.

Maal jechuu yaadeeti laata?

Warri isiniif gale comment godhaa


@A4mulaa_jireenyaa
Jaallatamaa kiyya
Irra caalaa khalqii
Maqaa kee yoon kaasu
Na boqatti Qalbiin

#Yaa_Rasuulallaah 💚
﴿إِنَّ اللَّهَ وَمَلائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ يَاأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا ﴾
#صلى_الله_عليه_وسلم  💚

👤 Seeyfal Islaam

    
Ijoollee dubaraa hin aarsin. Sababni isaas Akka kee miira aarii baattee kolfuu hin dandeessu !✍️
Siif nan guutaa wanta yaaddee….
Natti himadhu waan barbaaddee!
Deemuu keetii....?

Osoo waa'ee kee
Tartiiban tarreessuu
Osoo seenaa kee
Dhiiga koon barreessuu

Osoo barbaacha keef
Gufadhee caccabuu
Osoo hafuura keef
Sardamee gaggabuu

Osoo gaarummaa kee
Namootaf lallabuu
Osoo siif fiigee
Argaa keef dadhabuu

Ati deemuu keetii?
Gaafa waan yaadde Argattu
Fuulli Akka biiftuu Ganamaa Ifa😍

Rahmaan isin Haa gammachiisu 🌷
Obsikoo Naafuu Raajiidha !
Nama baay’eetu si beeka ta’a
garuu kan si hubatu muraasa.

🚨
@A4mulaa_jireenyaa 📱
Osoo lafa hin qabin
Mee garamitti kaatta?
Haala kanaan
Isa qooxii buusutti
Kan bobaa kee gatta
Akkami naan jettee
maalsaa na gaafattaa
Haala koo ilaaltee
hundaa ni hubattaa
~
Nama amansiisuuf
hunda'n dubbatanii
Yeroo tokko tokko
argaadhan baranii
~
Inni argitu kun
waa hedduudha baataa
Callisii dhaga'i
suuraan ni dubbataa
~
@A4mulaa_jireenyaa
Haree baasuu?
maree kaasuu?

Faffaca'aa yaadaa
ulaa kootti wal guure;
Sharafamuu waadaa
qalbii koo unkure,

Haa baduu? balleessuu?
Haa taa'uu? qindeessuu?

Gufuu na takaalee
kaayyoo koo laaffisu,
Qawwaa koo ilaalee
Jabaa koo kuffisu,

Haa cituu? kiyyeessuu?
Haa coomuu? miindessuu?

Doofaatti maqaa laatee,
Dhufa koo wallaale!
Deegaan sammuu baatee,
Waa dhabni awwaale.

Hundeen raasee qaanessuu?
Biddeen baasee caasessuu?

Gaarii na fakkaatee,
maqaa koo xureessu!
Laaqii bifa addaatee,
carii koo booressu!

Haa goobuu? hamileessuu?
Haa goguu? laamshessuu?

Gaabbii taatee darbee
fuul-dura na maru;
Kolfa ammee sarbee
har'a koo dararu!

Haa deemuu? geggeessuu?
Haa turuu?.......jabeessuu?

Dibata oganaa'ee
foolii koo ajeessu;
kakuu ligidaa'ee
Abdii koo ajjeesu!

Miicee qulqulleessuu?
Dhiisee kulkuleessuu?

#Uggum!
Yaadan isin dhamaase!
hibboon isin badhaase.

Ofiifuu itti hin beeknee,
Kiyya anaaf beektuu?
Keessanuu hin akeeknee,
Kan koo naaf akeektuu?
Ilaalchi Gaarin Dawaa Sammuuti. Haala kamuu keessatti ilaalcha gaarii qabaadhu✌️

@A4mulaa_jireenyaa
2024/09/30 15:33:59
Back to Top
HTML Embed Code: