Telegram Web Link
#𝐒𝐢𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞...

Qaawwi kankee ifa ba'ee
Muldhatus ija namatti
Hamma kankee situ beeka
Tilmaama naman olitti

Haa odeessu waliin makee
Isa arrabnisa beeku
Jiruusaf fakkeenya taata
Osoo mandaraa si eegu....
Si malee namni sin beeku.!


@Coba_Qalamaa1
@Coba_Qalamaa1
"Inni Israa'iil n tiksu hin rafu" naan jedhe gurbaan tokko. Inni Iraaniin tiksu in rafa moo?😂🤣😂

Waaqni addatti biyya tokko qofa tiksa moo?
GGO Ebla 15 Baga Geessan..!!

Gootonni Oromoo gabrummaa Saba isaanii irraa fonqolchuuf aarsaa jajjabduu kaffalan Nu Oromoota biraa oolmaa guddaa fi kabajaa ol'aanaa qabu.

Ilmaan Oromoo guutuu Addunyaa keessatti argamtan baga guyyaa Gootota keessanii geessan.

Ebla 15 Guyyaa seena-qabeessa Qabsaa'onni keenya Kutaa fi Amantaan osoo wal hin qoodiin boolla tokkotti awwaalamani dha, Guyyaa kana yeroo yaadannu Irbuu Abboota keenyaa har'as nuti akka hin sharafne mirkaneessuu qabna.

Saba Gootota danuu qabu saba garbummaaf gadi jedhee hin beekne kana irraa dhalachuu kiyyaaf Alhamdulillah.

Baga Geessan!
@A4mulaa_jireenyaa
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Wallee Warraaqsaa natti fakkaata, Israa'iil hin sodaatiin jettee oonnachiisaa jirti, waansaa Israa'iil tu sodaatee rakkiseen natti fakkaata 🤣😂🤣🤣

Iraaniif safuu dha!! Amma mee Israa'iil wallee Warraaqsaa kana akkamitti dhaggeeffattee oonnattii? Afaan Oromoon hin beektu mitii.

Iraan jalaa dhoksaa isheen wallee kana dhageesse jennaan Misaa'ilaa isheetiin nu barbadeessiti yaa Rabbi nu eegi 😂😂😂😭😭
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Mee wahumaafiin siin ja'aa channel kana👇join godhi

@alfalahdawagrp

@alfalahdawagrp
Gubataa Qaama koo
Isa wayyaan dhokse
Hubamaa yada koo
Si ilaaleen obse!

Si malee goonkumaa
Akkan orma hin yaanne
Siif mirkaneessuudhaaf
Siif boo'ee hin maraannee..?

Akkamiin dagattee
Akkas jetta koodee
Takkaamaaf si nuffee
Yoomuman siin oode..?

Anooo....
Maqaa siif jijjiireen
Mararteen si waamaa
Maalif jaalala koo
Goota ibsaa dhaamaa?


@A4mulaa_jireenyaa
Maalif wal sodaannaa
Silaa wal jaalannaa
Ifa baasuu baannus
Maddii maddii deemnee
Inuma haasofnaa

Eenyumayyuu caalaa
Waliif ni dhiphannaa
Sagalee walii osoo hin dhaga'in
Buluuf ni rakkannaa
Kanarra maal eegnaa
Dhugaa walitti Himneet
Akka taane taanaa

.

@A4mulaa_jireenyaa
Daangaa Jaalala koo
.
Sin jaaladha yoon jedhu
Dhuguma onneerraa
Shakkii malee fudhadhu
Sin nyaatinii garaa
.
Ammam na jaalattaa?
jettee nan gaafatin
Jaalalli urjiidhaa
Beekaniin lakkaa'an

@A4mulaa_jireenyaa
Urgaa gaarii natti biiftee
Ati dhufnaan fuula iftee

Rakkinni koo na dhokata
Onneen kiyyas ni boqota

Miira gaddaa narraa qola
Kolfeen seeqa natti tolaa

Burqaa kootu ol mirgisaa
Haamileen koos ni lalisaa
~
Kanaafuu
Kanin baase sitti himadhu
Fuulla ifaan na simadhuu
❤️‍🔥

𝔖𝔬𝔯𝔦 ♡

@A4mulaa_jireenyaa
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Amman Si Jaaladhu
Anaaf Rabbit Beeka
Callisee Hundumtuu
Maalumaaf Nu Jeeqa

Orma Hin Dhaga'in
Anuma Siif wayya
Illillee Jannataa
Yaa Bareedduu kiyya

Jaalalli badii miti
🥰
:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu🌹
Namni oduu baay'iseef
nama gaarii hin jedhamu!
#Odeessituu jedhamaan malee!

@A4mulaa_jireenyaa
Bagan Magaala Dheeraa ta'e.
Dhiira Magaala Dheeraatu
Barbaadamaa jira jedhan.🥰


@A4mulaa_jireenyaa
Yooman beeke?
Abaaboon sun harka keetiin akka cabdu
Lapheen keetis, onnee lama akka qabdu

Yaadee hin beeku...
Murtoo dabaa murteessitaa
Nan jaalattu 'n fakkeessitaa
Waadaa seente ni sharaftaa
Onnee tiyya ni garaftaa
Miirakootti mukuu baataa
Narraa hiiqxeet, orma taataa.

Ani yooman beeke..?
Moggatti baafamuukoo
Bootadhaa kaafamuukoo
Aangoon koo inni qaataa akka sin haqamu
Onneenkee inni qaataa akka ormaan laaqqamu 
Kiyyoo ormaa akka laayyoon akka lixxu?
Jireenyakee bor gabbidhaan akka fixxu?
 
Yooman beeke?
Yooman eege?
    

Giiftiikoo Ormi,                                                                 Waa fedheetu, jecha tolee si urursa
Waa jedheetu jecha badee si buruqsa
Maa'ii baanaan gaaddidduudha sirra dheessa
Maaf amante? Ormi kolfaat si madeessa!
" 𝐀𝐫𝐫𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐥𝐚𝐟𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮 ; 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐥𝐚𝐟𝐞𝐞 𝐜𝐚𝐛𝐬𝐚!?" 𝐌𝐚𝐦𝐦𝐚𝐤𝐬𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨

@A4mulaa_jireenyaa
Gaafa saahiba khee diina khee biratti argitu, lamaan isaaniituu diina keetii beeki. Inni tokko diinummaa isaa labsatee, inni kaan immoo diinummaa isaa dhoyfate 👌

#Diina

@A4mulaa_jireenyaa
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Kullee koo bareedduu
Qalloo morma lookoo
Yoon kutee siif kenne
Nan mararu foon koo

Suusii biraa hin qabu
Situu naaf araadaa
Si bira oolee galeen
Diibi'ee si yaadaa

Qalloo shanan jaawwii
Sanyii warra leeqaa
Dafiitii naaf kottu
An taaheen si eegaa

Na marartaam beeki
Akka ilmoo dhabaatti
Ijaarratteetta fooqii
Onnee koo walakkaatti
Maalkom Eksi -- (X).pdf
1.5 MB
Seenaa Maalkom Eksi X
Falmaa mirga Gurraachotaa.

■■■■■■■■
Seenaan kun kan fudhatame kitaaba ■ Eebbisaa Baayyisaa "Gatiin namaa meeqa " jedhu irraayyi.
●●●●●●
Haala kanaan kan qopheessee isiniif dhiheesse Abdussalaam Idriis
●●●●●●
.... ☆ Doorsisaa fi jibba warra adii irraa isa mudate hunda danda'ee qabsoo isaa finiinseera. Dhuma irratti garuu, Harki harka muree, Gurraachonni inni lubbuu isaatti murteessee qabsaa'eef isa galaafatan. Eeyye, warra inni isaaniif qabsaa'aa turetu rasaasa itti roobsee galaafate!... keessaa kan fudhatame.
■■■■■■■
Obsaan Dubbisaa!


Shere waliif Godhaa Galatoomaa !

Kitaabota Biroo Argachuuf 👇👇

@A4mulaa_jireenyaa
@Coba_Qalamaa1
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
📌 Logo
📌 Cover book 📔
📌 flyer
📌 Banner
📌 Pamphlet
📌 YouTube thumbnail
📌 Facebook Profile & Cover
📌 Business & Thank you Card
📌 Others... Graphics

Haala isin feetaniin isiniif qopheessina.


Asiin Na qunnamaa 👇


@fileembar1 @fileembar1
2024/09/30 17:27:33
Back to Top
HTML Embed Code: