Telegram Web Link
Daqiiqaa meeqatu hafa eegaluuf ?
Live stream finished (25 minutes)
☆☆☆﷽☆☆☆

#Rabbiin si jaalatee bar!
#Rabbiin si filatee bar!
🍃Laali mee islaamummaa sii kenne tana... miidhaa fi mkkortii takkaan malee.
🍃Islaamummaa Abuu xaalibiif hin waffaqin siif kenne.
🍃san qofaa haadhaa fi abbaa keellee islaamummaa kenneefii keessatti isaan jiraachisee... akka siinillee gahan taasise.
🍃San qofaa islaamummaa sii kennuun ni'imaa ta'ee.... islaamummaa keessatti. #Ummata nabi muhammad ﷺ si taasisuun ni'imaa biraati.
🍃Maal san qofa....muslima ta'ee kan firqaa ضآلا keessatti ta'e meeqatam?....si immoo firaqa #Ahla _ssunnaa_wal jamaa'aa irraa si taasise.
💡ilaa...!waan ajaa'ibaatirraa....
إلا من رحم ربي.........
💡namni tokko islaamummaa naa kenni jedhee isa hin kadhanne.fkn ati kadhattee!??
💡eega islaamummaa naaf kennitee firaqa daallaa irraa na hin tasisin jedhee isa hin kadhanne! ati kadhattee?!!
💡Narraa hin wallaalin...rabbiin duniyaa nama fedheef kenna.kaafira,muslima,mujrima....garuu immoo imaana nama jaalatu qofaaf filatee kenna!
😢Akkanaan waliinuu......
وقلیل من عباده الشکور.....
namni ni'imaalee tana ofirratti beekee galata galchuuf #muraasa.
هل إنت من الشا کرین؟........
🌹الحمد لله على نعمة الإسلام....
🌹الحمد لله حبا وشكرا
دائما وأبدا...

share👇

https://www.tg-me.com/tafak_or
Rabbiin keessa namaa beeku…madaa teessan hundaa, tan isa malee namuu hin beekne sanas isiniif haa fayyisu….🤲🏿
#Oduu_gammachiisaa

✍️ Guyyaa hardhaa/wixata chaanaalli #Tafakkur gaafii badhaasa qarshii 5000 isiniif qopheessee jira….
Gaafii kanarratti namoonni hirmaachuu danda’an…namoota Qur’aana buusanii Kitaaba Usuulaa/الأصول الثلاثة xumuraniidha….gaafiinis kan qophaahu kitaaba Usuulaa qofarraahi….
Yeroon isaa galgala sa’aatii 3:00 booda…..
Eennutu badhaafama laata?

Share godhaa….waliif dabarsaa
https://www.tg-me.com/tafak_or

الحَمْدُ ِلله رب العالمين......👌
Barreeffama walaloo fakkaatu.... Dubartootaaf......🌹

share👇

https://www.tg-me.com/tafak_or
Warroonni Dorgomuuu barbaaddan profiel irra kaahattu suuraa kana….
Jechi ” ufitti amanamummaa" jedhu ilaalcha islaamaatiin taha moo hin tahu__?
Anonymous Poll
30%
A) Dhoorgaadh
74%
B) Rakkoo hin qabu
Akkaataa gaafii:

1) Bifa Pdf isiniif kennama…
2) Gaafii 30 qofa…hanga 19 Ibsa gabaabaa fi filannoo naannoo gaafii 10 ni taha…
3) Yeroon sa’aatii 2 qofa kenname…
4) Kan irratti hundaahe Kitaaba Usuulaa akka hubattetti jecha takka takkaan ibsa baldhaa hamma kennuu dandeessu…
5) Osoo gaafii hin eegalle dura live daqiiqaa 10f ibsa ni kennama…
6) Sa’aatii lamaa yoo xumurame deebiin keessaan Inbox 📥 naaf laatama..
7) Deebiin kee barreeffama soft copy osoo tahee bareeda…Yoo dadhabde barreeffama namaaf dubbifamu qalamaan tahuu qaba…
8) Badhaasni erga deebiin keessan gulaalamee booda taha…guyyaa hanga fudhatuu isin beeksifna…
9) Xumurarratti gaafii kana deebiin guutuun barnoota uf keessaa qabu ni kennama…
10) Hanni Haraama….
11) Gaafii siin galle lakkoofsa gaafichaa qofa barreessitee gaafatta…
12) Namni gaafii dursee deebises yeroon isaa ni laallama…Yoo hunduu deebise carraan isa durse waan taheef…
13) Namoonni dorgomtan osoo qormaata hin eegalle daqiiqaa 5 dura maqaa keessan guutuu barreessuu qabdu…


Galatoomaaa…Carraaa gaarii


Galatoomaa…
✍️ Kitaaba tokko wayta barattee bira kuttu, sadarkaa isa deebitee abbaa barbaadde barsiisuu dandeettutti tahuu qaba….
Imaamu Ahmad binu Hanbal (Rahimahullaah) kitaaba Ahkaama Heydii/Dhiiga laguu qofa waggaa 8 mo 9 baratan kan jedhu dubbise guyyaa wahii….

Kanaafuu adaraa kitaaba tokko hanga maalummaa isaa sirritti hubattanitti kan biraa hin eegalinaan asumaan dhaamsa kooti…!!
Gaafii kaleessaa irratti yaadaa fi qeeqas, akkasuma wantoota sirraahuu qabuu fi garafuulduraaf yaada Yoo qabaattan…..





Comment👇🏻
إِنَّمَا الصَّدَقَاتُ لِلْفُقَرَاءِ والمساكين…
Garaagarummaa Faqiiraa/فقير fi Miskiinaa/مسكين gidduu jiru:

Lamaanuu hiyyeeyyiidha…garuu xiqqoo walirra jiru….
✍️ Faqiira jechuun hiyyeessa tahee kan homaan qabneedhaan jedhama.
Miskiina jechuun Ni qabaa garuu haajaa isaa guutuufii hin dandeessu…kanaafuu Faqiiratu irra hiyyeessa jechuudha…
#Hubachiisa: Faqiiraa fi miskiinni iddoo tokkotti Yoo dubbataman hiika garagaraa qabu, iddoo garagaraatti Yoo dubbataman garuu hiika takkuma qabu….!!
Garuu akka warra Mazhaba Hanafiyyaatti miskiinatu irra hiyyeessa jedhu…

Rabbiin nu haa duroomsu…!
👇🏻
https://www.tg-me.com/tafak_or
Yaaliin keessan Baay’ee namatti tola….mashallaah jedhee jira…

Hundaa laaluuf yeroo waan na gaafatuuf…obsaan na eegaa dhiifama wajjiin….


Ummata kabajaa isin jaaladha…!
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
2024/11/15 16:30:04
Back to Top
HTML Embed Code: