Telegram Web Link
✍️ Bara kana baratoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa %5.4 qofaatu darbe🥲

Mana barnootaa 1,363 ammoo barataa tokkollee dabarsuu hin dandeenye jedhan🥲
Barattoota 684,205 Qormaata biyyoolessaa bara kanaa qoraman keessaa barattoonni 36,409 qofaatu darbe
Maaltu deemaa jira garuu sirna barnoota biyya kanaa keessatti🤔🤷🏽‍♂️
Marii hin barbaachisu jettuu waan kun dhugaa?
Dhumni barattoota kanaa maal tahuu danda’a yaa sabaa?🤷🏽‍♂️
Har’a halkan sa’aatii 6tti ifa taasisu🤦🏽‍♂️

Allaaaaah….ijoollee teenya Rabbiin isin haa milkeessu 🤲🏿

Kutaa 12ffaa

Bu'aan qormaata akkuma gadhiifameen marsariitii armaan gadii irratti ilaallachuu ni dandeessu.

1. eaes.et
2. eaes.gov.et
3. eaes.edu.et
4. result.neaea.gov.et
5. SMS 6284
6.https://www.tg-me.com/EAESbot

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
☆☆☆﷽ ☆☆☆
الدنيا ثلاثة ايام..... !
#DUNIYAAN #GUYYAMA SADI..!
1●
#Kaleessa.... jiraannee jirra hin deebi'u keeyriin dabarsituu hamtuun....
2●
#Hadha... hin jiraanna garuu hin turu... ni dhiha... guyyaan boru kan nama biroo ta'uu danda'a....
3●boru eessatti akka bariifannu kan hin beeyne sani...
#QABRII... YKN.......
https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Dhiirri tokko kaadhimaadhaaf si kadhatee…wantoota armaan gadii sitti qabate ykn sirra kaahe taanaan…:-
Hijaaba shari’aa islaamaatiin wal galu uffachuu,
👉🏼 Bakka affeerraa adda addaa, bakka fitnaa fi dhiiraan walitti laaqamiinsi jiru deemuu si dhoorkinaan,
👉🏼 Salaataa fi qur’aana haffazutti si kakaasnaan,
👉🏼 Dhiira ajnabaa harka fuudhuu irraa si seeree…isaan wajjiin haasaa si daangessee ati diddee itti deemnaan….

Uf duuba deebi’ii uf ilaali…hanqinni guddaan isa bira osoo hin taane si wajjiin akka jiru….!

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
🌹🌹Ani... Anaf🌹🌹

🌸 Duniya dhumtuu tanatu...keessa kiyya senee
🌸 gara oli gara gadii...Koree bu,ee
🌸 wan akiraa ...hin dagadhe ittii cufee
🌸 tan hin guunne...tan hin quufne
🌸 tan hin qabamne hin qaba yoo jettee...osoo safartee tan hin safaramne
🌸 duniyan mizana hin qabdu...hin lakkahamtu Eesaa

🌸 duniyan laaqamtun ...na bittee
🌸 iddoo isii malee ...Onnee kiyya sentee
🌸 hin guutamnes ... qixxee taatee haftee
🌸 bilasha oliif gadii ...jedhee hafee
🌸 badii duniyaatif ...shufeera ta,ee
🌸 fedhiin isii nati mi,aye...fashion horddofee
🌸 miidhagiina islaamummaa...wan hundaa dagadhee

🌸 mal qabadhe ha deemu...gara Akiraa
🌸 guyyaa jireenyi kiyyaa dhumee...yoo na gahee dabareen
🌸 deemsa hin hafne san ...maqaan koo yoo yaamame

🌸 mal qabadhe deema...mal qaba hojjii gaarii
🌸 duniyati kan hojjadhe hin qabu ...Eessaa fuudha akiraa

🌸 wan naf hin hayyamanee...Osoo laalu ija kiyyaan
🌸 Osoo hojjadhu badii...na jalaa laafee imaani koo
🌸 duniyaaf osoo xaaruu...na jalaa badee akiraan koo
🌸 osoo diina ta,u ...ofuma ufiti
🌸 Na boochise na gaddiisiise ...bilaash ta,un koo

🌸si gaha...si gaha...lakkii si ha gahu nabsi
🌸 badii hin dubbatin ...uf qusadhu arraba koo
🌸 mani koo isa borii...firashaf tiraasin...biyyeedha gubbaafi jalaan
🌸 badii si gahu...uf gorsii ya nabsi...
كل نفس ذائقة الموت ...😢
Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
#Shamarran_muslimaatiif….

✍️ Yeroo tarkaanfii heerumaatiif imala eegaltu..dhiira ganaa diiniidhaaf nama isa sirreessu isa barbaachisu yoo argatte hin qeebalin…!
Wanti kana siin jedheef waa lamaaf beeki:
#1ffaa: Jajjabeenyaa fi humni bultii hoogganuudhaa harki caalu abbaa manaa kankee harka jira. Namni haadha manaa fi ijoollee isaa leenjisus abbaa manaati…
Abbaa manaa jechuun fakkenya guddaa maatiin hordofu jechuudha…gaafa innuu nama isa leenjisu barbaadu…bultiin garam deemtiin gaafiin qabu.
#2ffaa: Dhiirri dhalootaan dhaamsaa fi qajeelfama namarraa/dubartii irraa fudhachuu keessatti hanqinna qaba…
Isa karaa bade itti heerumee qajeelchaan tuni Baay’ee ulfaatti…
Fuudhaaf heeruma jechuun buufata fayyaa ykn iddoo leenjiin itti kennamu wahii miti…bultii jechuun….bultii jechuudha😁
🖊️@Anaa_keessan(Ibro)
Galatoomaaa

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Barnoota bara haaraa osoo hin eegalin dura qabxiilee ijoo 40 ol isiniif dhaamaa….

Barattoonni narraa fudhattuu laata….insgallaah yeroo boqonnaa kiyyaatti barreessee ykn sagaleedhaanis isiniif dabarsaa
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Ibsa yoo barbaaddan sagalee isiniif kaaha inshallaah
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Barreeffama kana cuunfaan isaa bifa gaafiitiin akkana fakkaata:

1) Maraatibni ykn sadarkaaleen diinii meeqa?
2) Islaama Jechuun maal jechuudha?
3) Towhida jechuun maal jechuudha?
4) Gosoota towhidaa sadan tarreessaa?
5) Towhida Rubuubiyyaa; Uluuhiyyaa; asmaa’a fi sifaataa jechuun maal jechuudha? Fakkeenyota isaa wajjiin tarreessaa…
6) Shirkii jechuun maaliidha ?
7) Shirkiin bakka meeqatti qoodamti?
8) Garaagarummaa shirkii guddoo fi xiqqoo gidduu jiru fakkeenya wajjiin tarreessi…?
9) Teeda laallachuu fi Asmaa dirachuun dhiibbaa maal uf keessaa qaba?
Gosoota shirkii keessaa damee kam jalatti ramadamu?
10) Ruqaa jechuun maali ? Ruqaa shirkii kan jedhaman isaannan kammiin?
11) Arkaanni islaamaa meeqa ?
12) Hiikkaan laa ilaaha illallaah maalinni?
Arkaanni laa ilaaha illallaah meeqa ?
13) Shuruuxa Laa ilaaha illallaah hiika isaa wajjiin tarreessi?
14) Iimaana jechuun maali? Iimaana namaa maaltu dabala, maaltu hirdhisa…?
15) Arkaana iimaanaa hiikkaa isaa wajjiin tarreessaa…?
16) Ihsaana jechuun maal jechuudha?
Arkaanni ihsaanaa meeqa?

Deebii isaa isiniif kenneera…afaan oromootiin kan barbaadu…👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Jiruun sitti hammaattee….!!

✍️ Yeroo jireenyi duniyaa tuni xiqqoo natti dhiphachuuf deemtu…suutuma jedhee qur’aana fuula lamaaf sadi dubbisuu eegala…guyyoota muraasa booda cinqiin suni hunduu narraa galee…Rabbiin kallattii ani hin yaanneen Rizqii fi Ilmii, akkasuma waa hubachuu keessatti Rabbiin koo kan naaf banu arga….!!
Haasaa Namoota gaggaarii irraa…!!

https://www.tg-me.com/tafak_or
Gaafilee dabalataa…

1) Arkaana Iimaanaa meeqa? Hundaa barreessi…
2) Rabbitti amanuu jechuun maali? Bu’aan ykn firiin Rabbitti amanuudhaan nuuf argamu hoo ?
3) malaa’ikatti amanuu jechuun hoo ? Firiin nuti argannu hoo maali ?
4) Kitaabatti amanuu jechuun hoo ? Faayidaan kitaabatti amanuu maali ?
5) Rusultootatti amanuu jechuun hoo ? Faayidaa maal qaba ?
6) Guyyaa boodaatti/qiyaamaatti amanuu jechuun maal jechuudha? Faayidaa isaa tarreessi ?
7) Qadara jechuun maal jechuudha? Qadaratti amanuun bu’aa maal nuuf buusa?
8) Ihsaana jechuun maali ? Ihsaanni arkaana qabaa? Yoo qabaateef meeqa?
9) Maraatiba/Sadarkaalee ihsaanaa keessaa lama barreessi?
10) Bu’aan nuti Ihsaanarraa buufannu maali ?

Yaalaa hanga galgalaatti 👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Garaagarummaa jechoota kanneen sadanii….
1) Riyaa’a/الرياء (Na argaa):
Akka namni laalee si faarsuuf jecha dalagaa takka dalaguudha…!
2) Ujbii/العجب ( Uf dinqisiifachuu):
Ati dalagaa tantee gaarii sanaan namoota biroo/ obboleewwan tee, Caalee argame jettee uf yaaduu…
3) Sum’aa/السمعة (naa dhagahame)
Dalagaa gaarii dalagde namatti himachuu ykn nama dhageessifachuu…

Rabbiin sadanuu jalaa nu ha baraaru….

اللهم إنا نعوذ بك من الرياء والسمعة والعجب، اللهم ارزقنا الإخلآص في القول والعمل والسر والعلن🤍
ـــــــــــــــــــــــــــــــــــــــ

👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
اللهم صل وسلم وبارك علیه❤️❤️❤️❤️
Seenaadhaaf
✍️ Namtichatu,haadha manaa wal dhabe,haati manaa isaa,yoo manaa bahu itti iyyiti,yoo galu gurra duuchiti,osomaa akkanatti jiraatu,gaafa tokko obsuu dadhabee manaa bahee lixe,osoo imala gara isaa hin beeknerra jiru,boolla bishaan keessaa waraabatan, bi’rii bira gahe,yeroo kana,dubartii bishaan boolla bi’rii keessaa waraabattu argee bira gadi taa’ee gaafii dhiheesseef.

Maal dalagaa jirta jedheen,yoo sitti hime sii galaa jetteen,dhiifama bishaan waraabaa jirta jedheen, takkittima dubbateen,doofaa tahuu isaa hubatte.

itti dabalee gaafii biraa gaafate,sharrii dubartiin dalagdu akkamitti ufirraa tiksuun dandahama mee natti himi jedheen,maal taate jetteen,haadha manaa kiyyatu jiruu na dhoorgee jennaan,gara deemu hunda wallaaleetuma manaa bahee dhama’aa jira jedheen.

Namtichi kuni,dheeraa jogolaa,funyaan qottollaa,bifa gaarii qabu,kan hormaataa tahu gowwaa isaati.

Dubartiin tuni,yerooma sana gurra lamaan qabattee iyyansa keessaa fuute,maal taatee iyyita jedheen,na jeeqxe,mirga kiyya sarbite jetteen,hedduu rifatee deemuufi taa’uu dadhabee miilli jalatti hollate,isiinis bishaan mataan gadi ufitti naqxee uffata ufii bishaaniifi biyyeen xureessite.

namni iyyansa dhagahe hundi bahee namticha qaban, maal taatee iyyite jedhanii gaafatan,namtichas qabanii harka duubatti hidhaan,yeroo kana keessaa kolfaa,gubbaa imimmaan gadi naqaa,namtichi abbaa galataatii gadi dhiisaa jettee,ammas lammaffaa iyyite.

Gadi lakkisanii maal inni jedhaniin,anatu osoo bishaan boolla bi’rii waraabadhu keessatti kufee,namtichi kuni karaa irraa,anaa kufu argee,boolla bi’rii keessaa na baase,nama toltuu natti oolee,lubbuu tiyya baraaree, hawaasni naa haa galatoonfatu jedhee iyye jetteen.

hawaasni iyyansa dhagahee bahe,namticha dhiifama gaafatanii,miidhaa irra geessisaniif immoo,maallaqa walitti guuranii abbaa qabeenya taasisaniin,isiinis kokoolfaa,niitiin manaa si ariite,niitii biraa sitti fuute, kana booda haati manaa keetii,ogettiin ana taati jetteenii fudhattee galatteen jedhama.

Yoooo!
Wallaalaafi doofummaan wal-adda,wallaalaan nama hin baratini,doofaan nama baratee irraa hin galini, yeroo karaa irra deemtu waa hubataa qajeeli malee, shira zamanaa irraa nagaa hin baatuu,bakka irraa dheettu irra bakka yoo dheette itti kuftuufi nama harkatti kuftus laallataa socho’i.
By cush land ustaz Sufiyan

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Barataa tahuu qabda yoo sana dhabde barnoota namaaf tahuu qabda…..sadaffaa hin tahin….
✍️ Rabbiin kaafira akka isatti kafaru osoo beeku maaliif uume___?

Hunda isaanii mu’umina godhee maaliif uumuu dhabe…?!

Deebii barbaada…👇🏻
2024/09/24 13:24:55
Back to Top
HTML Embed Code: