Telegram Web Link
โœ Udhiyyaan wal qabatee ergaa ariifachiisaa tana share naaf godhaa....!

#1fffaa: Bakka namoonni hedduun walgahanitti gatii Udhiyyaa irraa haasahuun; hiriyyoota kee biratti baasii Udhiyyaadhaan bittee fi qaalayiinsa hoolaa irraa haasahuun jaalatamaa miti ..
Ilaa....Ati kan qalaa jirtu Rabbittiin kalaahuuf malee, chirchaaroo gueguruuf miti...!

โœ Haasaa Kee sana Rabbiin ni dhagaha immoo...!, hifachuu fi rifachuun maleetti qalbii qulqulluudhaan Rabbiif dhiheessuu qabda...!
โœ Osoo hoolaa takka keessummaa sitti dhufeef qaluudhaaf bittee, garuu sihii gatii hoolaa Sanaa tasa dhaadhessitu si dhagahee... miira akkamii fi deebii akkamii keessumicha sanarraa argita ?!
ูˆู„ู„ู‡ ุงู„ู…ุซู„ ุงู„ุฃุนู„ู‰......
#2ffaa: Yeroon Udhiyyaadhaa kalaahuudhaan wal qabatee .. dargaggeesaa fi dargaggeettii islaamaa... walumaagalatti obboleewwan islaamaa gorfachuun barbaada....
Social media gubbatti.... waan Udhiyyaadhaan wal qabatu... wantoota cooraa fakkaatan suuraa fi barreeffama qoosaadhaa... copy godhuus tahee, barreessuu; ykn comment kennuu irraa uf haa qusannuu isiniin jechuu barbaada.
Yeroo hedduu hoolaa huqqattuudhaan qoosuu fi kkf hedduun waan post godhamuuf...!
Rabbiin qur'aana isaa keessatti akkana nuun jedha:

{ ุฐูŽู„ููƒูŽ ูˆูŽู…ูŽู†ู’ ูŠูุนูŽุธูู‘ู…ู’ ุดูŽุนูŽุงุฆูุฑูŽ ุงู„ู„ูŽู‘ู‡ู ููŽุฅูู†ูŽู‘ู‡ูŽุง ู…ูู†ู’ ุชูŽู‚ู’ูˆูŽู‰ ุงู„ู’ู‚ูู„ููˆุจ } .

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
Oolmaa guyyaa hardhaatiin Wal qabatee daqiiqaa muraasa booda na eegaa isiniif katabaa
Innaa lillaahi WA innaa ileyhi Raaji'uun
..
Sh/ Xaariq jedhaman.... nama yeroo baay'ee Gaazaadhaaf dubbataa ture... akkasuma du'aa'ii godhaa tureedha.
Guyyaa hardhaa tana, bakka ulfaattuu tanatti, guyyaa ulfaataa fi sa'aatii ulfaattu tana keessa gaara Arafaa gubbatti osoo du'aa'ii godhatu gara Rahmata Rabbii godaaneera.
Namoonni isa wajjiin turan akka irraa haasahanitti, sheekni Kun dirree Arafaatti imimmaan buusee, hirqifatee warra Gaazaatiif du'aa'ii godhaa tureera... osoo imimmaan suni ija isaarraa hin qoorin gara Rahmata Rabbii godaane.

Mashallaah Rabbiin isa milkeessee jira.... carraa kana hunda keenyatu hawwaa ture.... katmiin namaa toluun haala kanaan...
Rabbiin isaafis haa araaramu... nullee katmii nu haa tolchu... warra Gaazaafis haa birmatu....

https://www.tg-me.com/tafak_or
Maatiin Tafakkur hunduu Eid Mubarak isiniin jedhee jira....


Baga geessan....
ุชู‚ุจู„ ุงู„ู„ู‡ ู…ู†ุง ูˆู…ู†ูƒู… ุตุงู„ุญ ุงู„ุงุนู…ุงู„
#Udhiyyaan

1) Beeyladoota irraa gaafa Adhaadhaaf taqarrubaaf jecha waan qalamuudhaโ€ฆ.
2) Udhiyyaan Hijraa irraa waggaa 2ffaa keessa karaa godhamteโ€ฆmallattoo islaamummaa keessaa waan Ragaa qabatamaa qur'aanaa fi hadiisaan mirkanaaโ€™eedha.
3) Sadarkaan Udhiyyaa guddaadhaโ€ฆgaruu hadiisni addaa kan kan Udhiyyaan tilmaamaan ajrii hanganaa qabdi jedhu hin jiru. Namoota hedduu mataduree kana jalatti Hadiisa fayyaa hin qabne hedduu warri odeessanis.
4) Irra hedduu Ulmaa'ii biratti Udhiyyaan Sunnaa jabeeffamtuudhaโ€ฆNama danda'u irratti waajiba warri jedhanis jiru.
5) Udhiyyaan haqa nama hundaaf karaa godhameedha. Dhiira osoo hin jenne dubartii, nama biyya jiru tahee kan imalatti jiru; kan biyya islaamaa keessa jiru tahee fi kan biyya kaafiraaโ€ฆhundarrahuu jira. Nama Hajjii hajjaa jiru yoo tahe maleeโ€ฆ.!
6) Namni mallaqa Udhiyyaa hin qabne, yoo kan kafaluu danda'u yoo liqeeffates rakkoo miti.
7) Sadaqaa jaalatamtuu keessaa... takka namoota Udhiyyaa qalachuu hin dandeenyeef mallaqa kenninee Akka bitatanii ittiin gammadan gochuudha...!
8)

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Udhiyyaa....

โœSadaqaa jaalatamtuu keessaa... takka namoota Udhiyyaa qalachuu hin dandeenyeef mallaqa kenninee Akka bitatanii ittiin gammadan gochuudha...!

@tafak_or
#Iccitii_Udhiyyaa_qaluu....

1) Ajajaa Rabbiin nurra kaahe galmaan gahuu...
2) Sunnaa Nabiyyallaahi Ibraahim Aleyhissalaam deebisnee jiraachisuu,
3) Qananii hedduu Rabbiin keenya tola nutti oole yaadannee... Rabbiif galata galchuu... sana keessaa qananii hoolaa fi re'ee, Beeyladoota nuuf kennuu...
4) Warri biyya jirus, dalagaa takka takka keessatti hirmaachuudhaan... warra Hajjii deemeen wajjiin keeyrii saamachuu...
5) Lubbuu teenyarraa kaasee, Maatii fi ollaa, akkasuma firoottan keenya gammachiisuun, akkasuma hiyyeessa irratti sadaqachuun dirqama waan taheef....!


Irra deebiidhaaf Baga geessan jechuun barbaada.
Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
Forwarded from Lencho Abdul
Yaa tafakkuroow
Waan nuti hinbeeyne nu barsiifta ....
Tan nuti irraanfanne nu yaadachiifta....

Jazaa kee maalumaan siif deebifna habiibii?
Nuti waa siif deebisuu hin dandeenyu.

But

Kan siif deebisuu danda'u rabbuma qofa.


Therefore...
Marraa 2 qofa aammiin najalaa ja'aa
ุฃุญุจุงุจูŠ ูุงู„ู„ู‡
1,Ilmii fii fahmii akka isin yaaddanii hin beeknetti rabbi isiniif haa kannu.......

2,Kheyrii gurguddoo addunyaa fii aakhiraa si fayyaddu tan isin yaaddanii hin beeyne rabbi isiniif haa kannuโค๏ธโค๏ธโค๏ธ. Habiibii

Ani Waa du'aa'iillee godhuu hin beeku..
ู„ุงูƒู†.
Jabaa ofii abbaatu jabeeyfata ja'eetuma malee....๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช
โœ Ati uffata haaraa waan qabduuf, ykn bilbila Iphone ykn smart phone waan qabduuf suuraa kaatee miidiyaa hawaasaa gubbatti post goota. qalbiin nama uffata jijjiirachuu hin dandeenyee, qalbiin nama humna hin qabnee yoo si argitu ni gammaddi moo ni cabdi laata....!!
โœ Ati hiriyyaa waan qabduuf ykn Maatii kankee wajjiin waan jirtuuf gammachuu kankee baastee miidiyaa gubbatti hardha muldhisaa jirta .. ilmi haadhaa Abbaa hin qabne, namni maatii fi hiriyyoottan isaa wajjiin hin jirre.... maal keessa jira jettee yaaddeertaa....!

Mee xiqqoo if haa qusannuu...!
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Qalbiin keenya mootii qaamaati, qaamni keenya waraana mootummaati... mootiin bannaan waraannis ni bada, mootiin tollaan waraannis ni tola...!

Rabbiin qalbii teenya nu haa tolchu..
ุงู„ู„ู‡ู… ุฃุญุณู† ู‚ู„ูˆุจู†ุง...
Waan natti ulfaatu wahii isiniif himuu....!
Qalbii irraa qalbiidhaaf.....

โœ Wanti yeroo baay'ee namatti ulfaataa... nama dhugaan jaalattuu fi kabaja guddaa qabduuf tokkoo, jaalala fi kabajaa qabduuf sana barreeffamaan ibsuun ni ulfaata...!
โœ Jechoonni ati barreessituuf hanguma fedhanis mimmi'aawanis.... kabajaa fi jaalala onnee kankee keessa jiru ibsuufii hin danda'an...!
โœ Maatii akka keessan gaggaariidhaaf..... kabajaa fii jaalala ibsuu hin dandeenye wahii qaba wlh.....
Yeroo hedduu sababni ani waan barreessu hunda isiniif filadhuuf, akkuma isin na jaalattan kabajaa fi jaalala waan isiniif qabuuf...hanga ammaatti yaada gaarii malee hamaa isinirraa hin garre.

Jechi Ani jedhee isin galateeffadhu natti hanqata waan ta'eef...bakkuma jirtanitti nagahaan; kabajaa fi jaalalaan; ulfinnaa fi guddinna keessa naaf jiraadhaa....!

Galatoomaa.... isin jaaladha...
#Xalayaan_maatii_Tafakkur qofa ilaallatti....!
๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Hanguma Rabbiin irraa fagaataa dhuftuun.... ilma namaatiin adabamaa dhufta.....!
2024/09/26 23:25:32
Back to Top
HTML Embed Code: