Telegram Web Link
Galatoomi @Siyaam
...... jzkl keyran
๐Ÿ‘‡
Forwarded from SIYAM
Rabbiif jecha wal jaalachuu

โœ#Rabbiif jecha wal jaalachuun: sodaa namni tokko rabbii isaatiif qabu irraa kaate isa jaalachuudha.

๐Ÿ‘‰Nama sana iimaana, sodaa rabbii walumaa galatti waan keeyrii irratti isa arguu keetiif isa jaalatta, yoo waan badaa irratti argite ammoo akkuma lubbuu teetiif jibbitu isafis jibbite keeyrii irratti qajeelchita.

โœBu'aa rabbiif wal jaalachuun qabu.

๐Ÿ‘‰Yeroo Rabbiif jecha nama jaalannu kan asiin gadii niyyaataa.

๐Ÿ‘‡
1.Rabbiif jecha nama jaalachuun naqattoo
(haada) Rabbii jabduu tahuu.

2.Malattoo iimaanni namaa guuttamiinsaa tahuu.

3.Miโ€™aa iimaanaa argachuu.

4.Jaalala Rabbii argachuu.

5.Karaamaa(kabajaa) Rabbii argachuu.

6.Gaaddisa Arshii jala warra qubatu ta'uu.

7. Owliyoota rabbii warra guyyaa qiyaamaa sodaafi rifannaa hin qabne keessaa tayuu.

๐Ÿ‘‡
#Beeki jaalallii obolummaa tan rabbiif jecha wal jaalatan waan addunya tana qofatti cittee haftuu miti, hanga aakiraatti waan dabraati.
๐Ÿ‘‡
๏ปณ๏ป˜๏ปฎ๏ป ๏บ—๏ปŒ๏บŽ๏ปŸ๏ปฐ } :๏บ๏ปŸู’๏บ„ูŽ๏บงู๏ป ู‘ูŽ๏บŽ๏บ€ู ๏ปณูŽ๏ปฎู’๏ปฃูŽ๏บŒู๏บฌู ๏บ‘ูŽ๏ปŒู’๏ป€ู๏ปฌู๏ปขู’ ๏ปŸู๏บ’ูŽ๏ปŒู’๏บพู ๏ป‹ูŽ๏บชู๏ปญู‘ูŒ ๏บ‡ู๏ปŸู‘ูŽ๏บŽ ๏บ๏ปŸู’๏ปคู๏บ˜ู‘ูŽ๏ป˜ู๏ปด๏ปฆูŽ { ‏[๏บ๏ปŸ๏บฐ๏บง๏บฎ๏ป‘ 67:‏]

Maatiin tafakkur maatii jaalalaati dhugaa dubbachuuf jaalalii fi kabajaan isiin waliif qabdan nama gammachiisa akkanumati ittii fufaa...๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
#Gorsaaf...!

โœ Duniyaa tantee aakiraadhaan gurguradhu, duniyaa fi aakiraallee milkooftaa...!,
Aakiraa tantee garuu duniyaan hin gurguratin..., lamaanuu hoongoftaa....!!

@tafak_or
#Jaallan_koof....!
โœ Ilmi namaa jireenya isaa keessatti jaalallee isa barbaachisa....
Jaalallee karaa wajjiin imalu, jaalallee yoo inni mucucaate harka isa qabu,
yoo inni imimmaan dhangalaase isarraa haqu,
Jaalallee qoree miilaa siif baasu, kan yaada siif qabbaneessu si barbaachisa.
โœ Jaalallee wayta si bira jiru boohartiidhaan akka waan addunyaan guutuun si bira jirtuutti si guutu...!
Yoo si wajjiin imala bahe, qalbii kankee jaalalaan guutu.....
Bakka inni si wajjiin jirutti, sodaa wanti jedhamu kan onnee keessatti bakka hin qabne; kan yaadni yeroo Hun qabne.
Hiriyyaa wayta wantoonni hedduun harkaa si bahuu gahanitti, qabee harka kee keessatti si deebisu..... hiriyyaa yeroo ati karaa keetirraa maqxe, karatti si qaceelchu si barbaachisa....!
โœ Jaalallee wayta ati Abdii muratte Aayata qur'aanaa tan Abdii sitti hortu sitti dubbisu, wayta ati milkooftu Nashiidaa milkaahinnaa siif barreessu..!
Kan wayta karaan sitti dhiphatee, rakkoon sitti heddummaatte.... Jannataa fi qananii Jannataa irraa sitti haasahu...., kan wayta sheeyxanni dirree tantee seene, cabsee sirraa baasu....! jaalallee akkanaa si barbaachisa....!
โœ Jaalallee yoo ati Abdii fi yaada gaarii kennituuf, inni jaalala siif kennu....!
Yoo ati tasgabbii fi nageenya keessa isaatiif ergitu.... inni jaalala dhuma hin qabne baasee siif kenna....!
Waadaan gidduu keessan jiru, dawaa rakkoo gidduu teessan jirtu furu malee, dhakaa laphee teessan irratti ulfaatu kan hin taane wahii....!
Wadaadhaan wanti hunduu namaaf salphataa deema...!, adaduma kuftuun waadaa waliif seentan yaadachaa.... humnaa fi Abdii guddaa onnee kee keessatti horataa dhufta...!
โœ Lubbuun teessan gaggaariin, waadaa waliif galtee, walitti boohartee, akka dhiiga tokkootti wal keessa danbalaatee.... akka waan waadaan keessan haada gidduu keessan walitti hidheetti...
Niyyaa toluun waan baay'ee bareeda.... hiriyyoota akkanaa argachuun immoo waan sana hunda irra caalu....
Hiriyyaa gaarii Rabbiin isiniif haa hiru....
๐Ÿ–‹ @Ibro....

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Ijoolleen islaamaa Social media seenaatii, islaamummaa fi dhugaa facaasuudhaan.... warra jallinnaa fi sharriin deemu hundatti xurree dhiphisaa....!
Qur'aana.....

โœ Qur'aanni dawaa qofaa miti... dawaan nama fayyaduus danda'a, nama fayyaduu dhabuus danda'a... qur'aanni fayyaadha....!!

Qur'aanni jiruu kooti....!!
@tafak_or
โœ Gantummaa jechuun, namni ati isaaf jecha ija lamaan baaftee gumaachiteef... deebi'ee ballaa jedhee si yaamuudha....!!

Gadaa akkanaa keessa jirra....!
๐ŸŒท Assalamualaikum obboleewwan koo hunduu.... ergaa tana qalbirraa waan barreesseef dubbisaa...!

โœ Dhiifama nama gaafachuun mallattoo qaroominnaa fi guddinnaa hanguma taheen... garuu bakka hunda dhiifamni balleessaa namaaf hin sirreessu...!
๐Ÿ‘‰ Dhiifama kan siif godhu, osoo hin beekin tasa miila koo irra yoo ijjatte malee, gaafa Onnee kootirra miilaan deemtee miti....!
๐Ÿ‘‰ Dhiifamni kan godhamu gaafa ati burcuqqoo bishaanii ykn qalama ani jaaladhu na jalaa cabsite malee....gaafa hamilee kiyya cabsitee miti....!!
๐Ÿ‘‰ Gaafa ati Kitaaba akkaan jaaladhu siif ergise, qola Kitaaba kootii irraa cirtee naaf galchite malee....gaafa ati kabajaa fi ulfinna ani qabu, kan itti si amane sana na jalaa madeessitee miti....!!
Obbolaaa....
โœ Yeroo tokko tokko dogoggoroota "#dhiifama" jechuun namaaf hin sirreeasinetu jira...!
Altokko tokko madaan madoofte suni,dhiifama caalaa gadi fageenya qaba...
waraansi ati waraannamte.... jecha dhiifama jettu sana caala keessi isaa qilata...!,
Cabiinsi ati cabde... qurciinsi/ sukkuummiin addunyaa tanaa guutuun walitti osoo qabamee, siif qurcuu dhabuu danda'a...!

Asumaanuu dogongorri irra hin dabramnes jira....
๐Ÿ‘‰ Bakka madaa kootii akka na dhukkubu osoo beektu miila keetiin narra deemtee, dhiifama jechuun baay'ee ulfaataadha...!,
๐Ÿ‘‰ Iccitii ufiiyyuuu lubbuu tiyya dhokfadhu wahii sitti himadhee, iccitii sana baasuuf jettee na sodaachisaa.... booda dhiifama na gaafachuun baay'ee ulfaataadha...!
๐Ÿ‘‰ Hiriyyummaa ishee daangaa hin qabne takka sitti hiriyyoomee, ati jibbaa fiddee na keessa facaastee.... irra naaf dabri jechuun baay'ee natti ulfaataa beeki....!
#Obboleessa_koo....!,
โœ Iddoo tokko tokko goonkumaa airreessuun baay'ee namatti jabaata...!,
Bishaan yeroo hunda bakka yaa'a isaatti hin deebi'uu beeki..., deebi'us bishaan ciisaa tahee hafa, bishaan gaafa ciise ni ajaawa... bishaan ajaan isaa ufitti sin kaleessine osoo dheebuun si laaffistee jiraattellee, dhuguun sitti jabaataa beeki...
๐Ÿ‘‰ Osoo Albee ati ittiin na waraante irraa dhiigni hin gogin dhuftee dhiifama naan hin jedhin...!, Afaaniin ustee na biraa deemutu naaf bareedaa na amani...!
๐Ÿ‘‰ Qalbii kiyya keessatti qaawwa jechamni addunyaa tanaa guutuun osoo walitti qabamee, guutuu hin dandeenye, na keessatti hanbiftee dhiifama nan gaafatin....
๐Ÿ‘‰ Obboleessa/ttii koo erga harka kee turee... harkaa na baafattee... deebitee harka koo hin qabin...
๐Ÿ–‹ @Ibroo keessan....
Nagaan naaf turi.....!

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
โœ Rabbiin haajaa tantee guutuu yoo barbaade, sihii biyya jirtuu, isheen biyya meeqa keessaa imaltee sitti dhufti....!
ูˆุฅุฐุง ุฃุฑุงุฏ ุงู„ู„ู‡ ุฅุชู…ุงู… ุญุงุฌุฉู

           ‏ุฃุชุชูƒ ุนู„ู‰ ุณูุฑู ูˆุฃู†ุช ู…ู‚ูŠู…ู

Rabbiin haajaa teessan hunda haa guutu....!
โœ Yaadni humnaa ol taanaan, gammachuu jireenya keetii booressa... kanaafuu dhimma kankee Rabbumatti kennii dhiisi...!
@tafak_or
โœ Wanti hunduu Bareedinna mataa isaa qaba, garuu namni hundi bareedinna sana arguu hin danda'u malee....!!

@tafak_or
โœ Rabbiin hanguma dadhabbii keetiitiin; hanguma obsaa fi wareegama ati kafalteen galata siif kafala.
๐Ÿ‘‰ Harka hin kennatin, hanga dhumaatti falmadhu....!, Abjuu milkaahuun ishee dirqamaattu jira waan ta'eef never give up....!!

@tafak_or
๐ŸŒบ๐Ÿƒ

Sahaabaan guddaan #Abdallaa_Ibnu_Abbaas (Radiyallaahu anhumaa) akki jedhe:
โ€ขโ€ขู‚ูŽุงู„ูŽ ุงุจู’ู†ู ุนูŽุจู‘ูŽุงุณู - ุฑูŽุถููŠูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุนูŽู†ู’ู‡ูู…ูŽุง :

โ€œ Yeroo hirribaaf deemtan, wuduu'aan malee hin rafinaa, lubbuun ilma namaa waan irratti duute irratti kaafamtii..โ€
ู„ูŽุง ุชูŽู†ูŽู€ู…ู’ ุฅูู„ู‘ูŽุง ุนูŽู„ูŽู‰ ูˆูุถููˆุกูุŒ ููŽุฅูู†ู‘ูŽ ุงู„ู’ุฃูŽุฑู’ูˆูŽุงุญูŽ ุชูุจู’ุนูŽุซู ุนูŽู„ูŽู‰ ู…ูŽุง ู‚ูุจูุถูŽู€ุชู’ ุนูŽู„ูŽู€ูŠู’ู‡ู .
๐Ÿ‘‡
Albidaayaa wan-nihaayaa Jildii 9ffaa/fuula 251 ilaalaa...
๐Ÿ““ุงู„ู’ุจูุฏูŽุงูŠูŽุฉู ูˆูŽุงู„ู†ู‘ูู‡ูŽุงูŠูŽุฉู ( ูขูฅูก/ูฉ)

โ€ขโœฟโโœฟโ€ข
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/11/15 15:54:46
Back to Top
HTML Embed Code: